1. Qajeeltoowwan ijoo liqii



Yüklə 133,28 Kb.
səhifə1/2
tarix11.10.2023
ölçüsü133,28 Kb.
#129991
  1   2
Qajeelfamaliqi


1. Qajeeltoowwan ijoo liqii
1.1.Fedhii liqii dhiyeessuuf dhimmoota haala duree guutamuu qaban
A,Waldaaleen dargaggootaa umurii 18- 34 gidduu jiranuun ijaaramee fi seera qabeessummaa qabaachuu qabu
B,Dargaggoonni waldaan ijaaraman dhaabbilee faayinaansii biro irraa liqiin kan irra hin jirre ta’uu isaanii tokkoon tokkoon miseensa waldichaa baankichaaf ragaa barreeffamaa ni kennu. Kanaaf baamkii biyyoolessa irraa kan ragaa gaafachisiisuu miti.
C. Interprizoonni xixiqqaa wiirtuu tajaajila iddoo tokkoo irraa deggersa barbaachisaa ta’e kan argatan
D. Interprizoonni xixiqqaa dargaggootaan ijaaraman karoora hojii bu’a qabeessa ta’e fi itti fayyadama liqichaa irratti hubannoo ga’aa qabaatan ta’uu qaba.
E. Manneen hojii mootummaa dhimmi ilaallatu dargaggoota ni gurmeessu, leenjii ni kennu, karoora hojii daldalaa (business plan)ni qopheessu, deggersa biroo waldaaleen barbaadanu ni kenna.
F. Waldaaleen sanadoota akka dhiyaata gaafataman guutummaan guututti dhaabbata liqeessaaf ni dhiyeessu
G. Gosti hojii dargaggooti irratti gurmaa’uuf filatan, seera qabeessa, haala salphaan kan raawwatamu, bu’a qabeessa fi kan aadaa fi safuu hawaasaa fi uumama naannoo irratti miidhaa hin fidne ta’uu qaba.
H. Dargaggoota kanaan dura liqaa liqeeffatanii hin deebifnee fi kuufamni liqii irra jiruuf hin liqeeffamu
I. Bakka hojii dhaabbii ta’e kan mootummaan qopheesse ykn dhuunfaan qabatan qabaachuu qabu
2.2.Fayyadamtoota liqii kanaa
Akka seera gurmaa’nsa waldaaleetti waldaa aksiyoonaa (Share Company) ykn dhaabbata itti gaafatamummaan isaa kan murtaa’e (PLC) keessatti maayikiroo yoo xiqqaate miseensota shan qabuun gurmaa’an carraa liqii kanatti fayyadamtoota ni ta’u.
2.3.Gaaffii liqii dhiyeessuu
Waldaan dargaggootaa Dame Baankii Daldala Itoophiyaa ykn Dhaabbilee Maayikiroo Faainaansi naannoo isaanitti argamuuf gaaffii liqii dhiyeessuu ni danda’u. Karoorri daldalaa hojii (business plan), xalayaa deggersaa dhimmi ilaalu barreeffame fi sanadoonni dhaabbata liqeessaatiin gaafataman guutummaan guutuutti iyyannoo gaaffii liqii waliin miiltaa’anii dhiyaachuu qabu.
2.4. Akaakuu liqii
Dhaabbileen liqii waldaalee dargaggootaatiif liqii dhiyeessanu tajaajila liqii idileetiin gosaa liqii fi dhala isaa irratti murtii murtaa’uu fi tajaajila liqii dhala hin qabaannes dhiyeessuu ni dandaa’u. Hojimaanni, madaallii fi haala dureewwan tajaajila liqii dhala hin qabaanne gara fulduraatti kan ibsamu ta’a.
2.5.Hamma liqii kennamuu
Hammi liqii gosaa fi sadarkaa hojii waldaaleen dhiyeessan irratti kan hundaa’uu ta’ee daldala sadarkaa maayikiroo fi xixxiqaa keessatti kan murtaa’e dha.
2.6.Qusannaa barbaachisu
Waldaaleen liqii gaafatan, fedhii liqii dhiyeessan keessaa qusannaa 20%ol hin akka hin gaafatamne ni taasifama.
2.7.Dhala liqii
Dhaabbilee liqii dhiyeessanu dhala qusannaan argamu irratti 3% dabaluudhaan kan kaffalchiisu ta’ee, gosa Liqii fayya qabeessa hintaane irratti dabalataan 1.5% liqii hin deebine irratti dabaluudhaan ni kaffalchiis
2.8.Yeroon kaffaltii liqii
Yeroon kaffaltii liqii akaakuu liqii fi gosaa hojii dargaggoonni irratti hirmaatanii irratti hundaa’uudhaan kan murtaa’u ta’ee, kaffaltiin liqii waggaa shan caala turuu hin danda’u.
2.9.Yeroon haaragalfii
Yeroo haaragalfii jechuun yeroo waldaalee liqeeffataan maallaqa haadhoo liqeeffatan hin kaffalle yoo ta’u,dhaabbanni liqeesse kuufama dhala liqii yeroo aragalfii maallaqa liqiif ramadameef keessaa hirisuudhaan kan hambifatu ta’a. Yeroon aragalfii akaakuu liqii fi gosaa hojii dargaggoonni irratti hirmaatanii irratti hundaa’uudhaan kan murtaa’u ta’ee, waggaa tokko caala turuu hin danda’u.
2.10.Wabummaa
Waldaalee dargaggootaatiif wabii tokko malee liqeesuun ni dandaa’ama. Haa ta’u malee, gaaffii liqii bittaa meeshaalee kaappitaalaatiif yoo ta’e, meeshaan maallaqa kanaan bitame wabii ta’uu ni danda’u. Miseensi waldichaa hundi maallaqa waldichi liqeeffatuuf wabii garee fi qeenxee fudhachuuf ni mallatteessu.
2.11.Murtii liqii beeksisuu
Dhaabbanni liqii dhiyeessuu guyyaa iyyannoo liqii sanadoota guutamuu qabuu hunda waliin miilteffamee dhiyyeefatee irraa guyyaa 5 (Shan) keessatti waldaaleef deebii ni kenna. Maqaa waldaa fi miseensota liqiin hayyamamee fi fudhatan gabatee beeksisaa irratti ni maxxansa
2.12.Liqii Gadidhiisuu/ Liqeeffataaf Dabarsuu/
A,Liqiin bittaa meeshaaleetiif hayyamame dhiyeessii gatii waldaaleen dhiyeessan irratti hundaa’uudhaan qaama /kaampaanii/ meeshicha gurgureef kallattiidhaan akka kaffalamu ni taasifama. Haa ta’u malee meeshaan bitamu dhaabbata dhiyeessa maashinii liizii yoo jiraate dursa kan kennamuuf yoo ta’u , meeshaalee dhiyeessii maashinii liizii hin qabaannee garuu dhiyeessitoota biro irraa bituun ni dandaa’ama.
B. Murtii liqii irratti hundaa’uudhaan liqiin hoji-adeemsistuuf hayyamame qaama waldaa liqiin hayyamameefii wajjin waliigaltee hojii qaban kanneen akka:- dhiyeessitoota, tajaajila kennanuu fi kkf kallattiidhaan akka kaffalamu ni taasifama.
2.13.Ol’iyyannaa
Murtii kenname irratti ol-iyyannoon waldaalee yeroo tokko qofa kan dhaggeeffatamu yoo ta’u, guyyaa murtiin liqii kenname irraa hanaga guyyaa 30 keessatti dhiyaachuu qaba. Deebiin ol’iyyannichaas guyyaa ol’iyyannoon dhiyaatee irraa eegalee hanga guyyaa sadiitti murtiin ol’iyyanichaa ni beeksifama.
2.14.Sirna hordoffii liqii kennamee
Sirna hordoffii liqichaa irratti dhaabbileen liqii kennan gaafatamummaa ol’aanaa kan qaban yoo ta’es, seekteroonni dhimmichi kallattiidhaan ilaallatu deggersa guutuu gochuutu irraa eegama. Sirni hordoffii liqii hojiilee gurgurtaa waldaa liqeeffataan guyya guyyaan raawwatuu fi sirna kaffaltii liqii walfakkaataa kan danbalatu ni ta’a.
2.15.Liqii deebisuu
Liqii walitti qabuun dhaabbilee liqii kennanii kan raawwau ta’ee, yeroo gaaffiin liqii kennitoota irraa dhiyaatu qaamoleen dhimmichi kallattiidhaan ilaallatu deggersa barbabbchisaa ta’e kan gumaachan ta’a. sirni hordofii kaffaltii qabiinsa herregaa fi kaffaltii walfakkaataa haala haammateen kan gaggeeffamu ta’a.
2.16.Gahee Qabaattotaa
Hojiira oolmaa fandii liqii naannawaa dargaggootaa keessaatti qaamoleen armaan gadii ha’ee murteessaa fi ol’aanaa akka qabaatan taasifameera.
Isaaniis
Minsteera mallaqaa fi walita’iinsa misooma diinagdee
Naannolee/ magaalota
Baankii daldala Itoophiyaa
Dhaabbilee maayikiroo faayinaansii
Biiroo dhimma dargaggootaa fi ispoortii
Aanaalee fi Qaamolee Biroo
Jaarmiyaale Dargaggootaa Sadarkaan jiran.
Adeemsa Hojii Dhimmoota Kominikeeshiniitiin.
2.16.Gahee Qabaattotaa
Hojiira oolmaa fandii liqii naannawaa dargaggootaa keessaatti qaamoleen armaan gadii ha’ee murteessaa fi ol’aanaa akka qabaatan taasifameera.
Isaaniis
Minsteera mallaqaa fi walita’iinsa misooma diinagdee
Naannolee/ magaalota
Baankii daldala Itoophiyaa
Dhaabbilee maayikiroo faayinaansii
Biiroo dhimma dargaggootaafi ispoortii


Yüklə 133,28 Kb.

Dostları ilə paylaş:
  1   2




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin