9: 08 am ummanni muslimaa maallaqa baankii Toophiyaatti kuufatanirraa



Yüklə 389,84 Kb.
Pdf görüntüsü
tarix30.08.2023
ölçüsü389,84 Kb.
#128785
Ummanni muslimaa maallaqa baankii Toophiyaatti kuufatanirraa



8/16/23, 9:08 AM
Ummanni muslimaa maallaqa baankii Toophiyaatti kuufatanirraa
https://bilisummaa.com/baankii/
1/8
Kutaa tokkoffaa 
barruu
kanaa keessatti duursinee akka ibsinettis bu’uura
gabaasa 
bara
darbeetiin qarshiin biliyoonni sagaltamii torbaa ol baankota
dhala irraa bilisa bira ka’amaniiru.
Gaaffiin jiru, achi kaa’uun rakkoo ta’ee miti. Kanneen baankotii sana 
maallaqa
isaanii kaawwatan faayidaa maalii
argataa jiru? kan jedhuudha. Bu’aalee baankoliin karaa halaalaatiin buufatan keessaa gahee guddaas akka hin
qabne kutaa duraa keessatti ilaalleerra.
Baankiileen hedduun raawwii hajjiitiif doolaara gurgurrumoo dhiifnu yoo jedhanus argineerra. Itti aansinee kan
ilaallu ammoo, 
maallaqa
 isa karaa bilisaan baankota bira jiru irraahoo daldaltoonni 
muslimaa
karaa halaalaatiin
liqeeffatanii (faayinaansii argataa) hojii isaanii babal’ifachuufi guddifachuu danda’aniiruu?kan jedhuudha.
Sababni isaas qabxiin kun qabxii isa murteessaa biraa gahee baankonni muslimotaaf oolan ittiin madaallu waan
ta’eefi.
Maallaqa
 kuufamaa irraa hoo hangam fayyadamaa taasisan?
Daldaltoonni 
muslimaa
diinagdee isaanii guddisuuf hudhaa guddaa kan isaanitti ta’e rakkoo dhiheessii
maallaqaa karaa bilisa ta’eeniiti. Baankiileen baay’een <> jechaa akka muslimoonni 
qarshii
isaanii isaan bira ka’ataniif beeksisa hojjachuun wacu. Hanga ammaatti namoonni miliyoonni kudha tokkoo (11)
ol damee dhala irraa bilisaan 
maallaqa
 isaanii baankota kaa’uu jalqabaniiru.
Bu’uura qajeelfama baankii biyyaalessaa Itiyoophiyaatiin baankiileen 
maallaqa
maamiltoonni isaanii isaan bira
ka’an keessaa %80 (harka dhibba keessaa saddeettama, jechuunis tokkoon tokkoon 
qarshii
dhibbaa irraa
hanga 
qarshii
 saddeettamaatti) liqeeffattootaaf liqeessuun isaaniif heeyyamama.
Ummanni muslimaa maallaqa baankii Toophiyaatti
kuufatanirraa maal faaydaa argatu?

July 1, 2022




8/16/23, 9:08 AM
Ummanni muslimaa maallaqa baankii Toophiyaatti kuufatanirraa
https://bilisummaa.com/baankii/
2/8
Akka 
biyya
 keenyaatti 
maallaqa
 kuufamaa baankota dhaabbataa bira taa’ee jiru tiriliyeena tokkoofi biliyoona
kuma dhibba afur (1,400,000,000,000,) keessaa muslimoonni dhala irraa of eeggatan dhala waan hin
fudhanneefi waan isaaniif hin kaffalamneef 
maallaqa
 kana irraa liqeeffachuu hin danda’an.
Maallaqni kuufamaa damee baankii dhala irraa bilisaatiin baankiilee biyyattii keessa ka’ame gahee harka dhibba
keessaa torba (%7) yoo ta’u, kunis gabaasa baankii biyyoolessaa ifa ta’e keessatti hanga 
bara
darbeetti hanhi
waliigalaa isaa 
qarshii
 biliyoona sagaltamii torba gaheera. 
Maallaqa
kuufamaa kana keessaa tokkoon tokkoon
baankiilee 
maallaqa
isa bira jiru irraa bu’uura sheri’aatiin faayinaansii godhe kan jedhu 
dhimma
haalaan
murteessaa waan ta’eef hangam baankiileen daldaltootafi namoota 
muslimaa
babal’iinsa hojii isaaniitiif, bittaa
manaatiifi kkf liqeessaniiruuf kan jedhu ilaalla.
Akkaataa bu’uura hojmaata baankii biyyaalessaatiin akka waliigalaatti 
qarshii
 biliyoona 97 ol baankiilee jiru
keessaa hanga biliyoona torbaatamii saddeetiitti (78) liqeessuu ni danda’u. Ta’ullee hanga gaafa Jun 30 
bara
2021’tti biliyoona torbaatamii saddeet keessaa hangi maallaqaa isaan liqeessan garuu walumaagalatti
25,876,177,940 (biliyoona diigdamii shaniifi miliyoona dhibba saddeetiif torbaatamii jahaafi kuma dhibba tokkoof
torbaatamii torbaafi dhibba sagaliifi afurtama) qofa. Kana jechuun 
maallaqa
akka liqeessaniif isaaniif
heeyyamame keessaa kan isaan liqeessan %33 (harka dhibba keessaa soddomii sadii) qofadha. Yookiin
ammoo 
maallaqa
kuufamaa liqeessuun isaaniif heeyyamame %80 (harka dhibba keessaa saddeettama)
keessaa maallaqni kuufamaa isaan liqeessan %26 (harka dhibba keessaa diigdamii jaha) qofa jechuudha. Ityi
aansuun tokkoon tokkoon baankiilee 
maallaqa
 kaawwannaa/kuufamaa irraa qooda isaan liqiif kennan walduraa
duubaan ilaalla.
1). Akka biyyaatti 
maallaqa
kuufamaa irraa maamiltoota baay’eef liqeessuun hangafa kan ta’u Baankii Hojii
Gamtaa Oromiyaati. Baankiin Hojii Gamtaa 
Oromiyaa
 sadarkaa biyyaatti damee dhala irraa bilisaan faayinaansii
akka guutuutti kenname (liqii) keessaa %35.91 (harka dhibba keessaa soddomii shan keessaa tuqaa sagal
tokko) kan ta’u gahee isaati.
Baankiin Hojii Gamtaa 
Oromiyaa
 akka waliigalaatti 
qarshii
 11,978,627,691 (biliyoona kudha tokkoofi miliyoona
dhibba sagaliifi torbaatamii saddeetiifi kuma dhibba jahaaf diigdamii torbaafi dhibba jahaafi sagaltamii tokko)
qabu keessaa akka liqeessuuf kan seeraan heeyyamamuuf 9,582,902,152.80 (biliyoona sagaliifi miliyoona
dhibba shaniif saddeettamii lamaafi kuma dhibba sagaliif lamaafi 
qarshii
dhibba tokkoofi shantamii lamaafi
saantima saddeettama) kan ta’u qofa. Kana keessaa Baankiin Hojii Gamataa 
Oromiyaa
 kan inni liqiin kenne
9,291,625,584.46 (biliyoona sagaliifi miliyoona dhibba lamaaf sagaltamii tokkoofi kuma dhibba jahaaf diigdamii
shaniifi dhibba shaniifi 
qarshii
 saddeettamii afuriifi saantima afurtamii jaha) kan ta’uudha, kana jechuun 
maallaqa
faayinaans gochuun heeyyamamuuf keessaa %96.96 (harka dhibba keessaa sagaltamii jaha tuqaa sagal jaha)
liqeesseera.



8/16/23, 9:08 AM
Ummanni muslimaa maallaqa baankii Toophiyaatti kuufatanirraa
https://bilisummaa.com/baankii/
3/8
Gama biraatiin 
maallaqa
kuufamaa waliigalaa keessaa %80 liqeessuun kan heeyyamamuuf yoo ta’u inni garuu
kan liqeesse %78 (harka dhibba keessaa torbaatamii saddeet) kan liqeesse yoo ta’u kan hafe %2 (harka dhibba
keessaa lama) qofa jechuudha. Gama kanaanis Baankiin Hojii Gamtaa 
Oromiyaa
 bu’uura sheri’aatiin
faayinaansii (liqii) namoota biizinasiitiif kenneen haalaan galateeffatamuu qaba.
2). Itti aanee kan jiru ammoo 
maallaqa
 gama baankiilee damee dhala irraa bilisaa biyyattii keessa jiraniin
sadarkaa kan qabuufi 
maallaqa
kuufamaa kana keessaa gahee walakkaa ol jechuunis %53.28 (harka dhibba
keessaa shantamii sadii tuqaa lama saddeet) kan qabate Baankii 
Daldala
 Itiyoophiyaa yoo ta’u, kan inni liqeesse
garuu hanga Baankiin Hojii Gamtaa 
Oromiyaa
hanga 
maallaqa
kuufamaatiin dachaa afuriin isaa gadi ta’e
%11.71 (harka dhibba keessaa kudha tokko tuqaa torba tokko) irraa gadii yoo ta’u kana jechuunis faayinaansii
waliigalaa akka biyyaatti kenname keessaa %24.2 (harka dhibba keessaa diigdamii afur tuqaa lama) kan ta’e
qofa.
Baankiin 
Daldala
 Itiyoophiyaa 
maallaqa
 waliigalaa qabu 
qarshii
52,039,110,704 (biliyoona shantamii lamaafi
miliyoona soddomii sagaliifi kuma dhibba tokkoof kudhaniifi dhibba torbaafi afur) keessaa akka liqeessuuf kan
seeraan heeyyamamuuf 41,631,288,563.2 (biliyoona afurtamii tokkoofi miliyoona dhibba jahaaf soddomii
tokkoofi kuma dhibba lamaaf saddeettamii saddeetiifi dhibba shaniifi jahaatamii sadi’iifi saantima lama) qofa.
Kana keessaa qarshiin baankiin 
daldala
 Itiyoophiyaa liqiin kenne 6,261,216,099.20 (biliyoona jahaafi miliyoona
dhibba lamaaf jahaatamii tokkoofi kuma dhibba lamaaf kufha jahaafi 
qarshii
sagaltamii sagaliifi saantima
diigdama) qofadha.
Kana jechuun 
qarshii
faayinaans gochuun isaaf heeyyamamu keessaa %15.04 (harka dhibba keessaa kudha
shan tuqaa zeeroo afur) liqeesseera. 
Dubbii
 biraatiin 
maallaqa
 kuufamaa waliigalaa keessaa %80 liqeessuun
osoo heeyyamamuufii inni garuu %12 qofa liqeessuun hangi inni osoo hin liqeessin hafe immoo %68 qofa
jechuudha.
3). Sadarkaa sadaffaa irratti akka biyyaatti walumaagalattia 13.69 (harka dhibba keessaa kudha sadii tuqaa
jahaatamii sagal) qabatee kan argamu Baankii Intarnaashinaalii 
Oromiyaa
 (amma Baankii 
Oromiyaa
jechuun
moggaasa
jijjiirrateera)’tu argama. Baankiin Intarnaashinaalii 
Oromiyaa
 akka waliigalaatti 
qarshii
 4,879,909,490
(biliyoona afuriifi miliyoona dhibba saddeetiif torbaatamii sagaliifi kuma dhibba sagaliif sagaliifi dhibba afuriifi
sagaltama) qabu keessaa akka liqeessuuf kan seeraan heeyyamamuuf 
qarshii
3,903,927,592 (biliyoona sadi’iifi
miliyoona dhibba sagaliif sadi’iifi kuma dhibba sagaliif diigdamii torbaafi dhibba shaniifi sagaltamii lama) qofa.
Kana kessaa qarshiin Baankiin Intarnaashinaalii 
Oromiyaa
liqiin kenne 3,542,349,948.43 (biliyoona sadi’iifi
miliyoona dhibba shaniif afurtamii lamaafi kuma dhibba sadi’iif afurtamii sagaliifi dhibba sagaliif afurtamii



8/16/23, 9:08 AM
Ummanni muslimaa maallaqa baankii Toophiyaatti kuufatanirraa
https://bilisummaa.com/baankii/
4/8
saddeetiifi saantima afurtamii sadii) dha. Kana jechuun 
maallaqa
 faayinaansii gochuun heeyyamamuuf keessaa
%90.74 (harka dhibba keessaa sagaltama tuqaa torba afur) kan ta’u qofa liqeesse.
Akkaataa dubbui biraatiin 
maallaqa
 kuufamaa waliigalaa keessaa %80 liqeessuun osoo heeyyamamuufii inni
garuu kan liqeesse %73 qofa liqeessuun osoo.hin liqeessin kan hafe %7 (harka dhibba keessaa torba) qofa
jechuudha.
4). Faayinaansii damee dhala irraa bilisaan akka biyyaati kenname keessaa qooda %8.46 qabachuun sadarkaa
afraffaa irratti kan argamu Baankii Daashani. Baankiin Daashan akka waliigalaatti 
maallaqa
4,608,841,903
(biliyoona afuriifi miliyoona dhibba jahaaf saddeetiifi kuma dhibba saddeetiif afurtamii tokkoofi dhibba sagaliifi
sadii) qabu keessaa akka liqeessuuf kan seeraan heeyyamamuuf 
qarshii
3,687,073,522.4 (biliyoona sadi’iifi
miliyoona dhibba jahaaf saddeettamii torbaafi kuma torbaatamii sadi’iifi dhibba shaniif fiigdamii lama tuqaa
afur)qofa.
Kana keessaa Baankiin Daashan liqiin kan kenne 2,190,291,997.47 (biliyoona lamaafi miliyoona dhibba tokkoof
sagaltamaafi kuma dhibba lamaaf sagaltamii tokkoofi 
qarshii
 dhibba sagaliif sagaltamii torbaafi saantima
afurtamii torba) dha. Kana jechuun 
qarshii
 faayinaansii gochuun heeyyamamuuf keessaa %59.4 (harka dhibba
keessaa shantamii sagal tuqaa afur) liqeesseera. 
Dubbii
 biraatiin 
maallaqa
 kuufamaa waliigalaa keessaa %80
liqeessuun kan heeyyamamuuf osoo ta’ee 
jiruu
inni garuu %48 liqeessuun hammi inni osoo hin liqeessin kan
hafe ammoo %32 (harka dhibba keessaa soddomii lama) dha jechuudha.
5). Akka biyyaatti gahee %8.21 qabachuun sadarkaa shanaffaa irratti kan argamu Baankii Awaashi. Baankiin
Awaash akka waliigalaatti 
qarshii
 7,510,232,463 (biliyoona torbaafi miliyoona dhibba shaniif kudhaniifi kuma
dhibba lamaaf soddomii lamaafi dhibba afuriif jahaatamii sadii) qabu keessaa qarshiin akka liqeessuuf seeraan
heeyyamamuuf 6,008,185,970.4 (biliyoona jahaafi miliyoona saddeetiifi kuma dhibba saddeetiif saddeettamii
shaniifi dhibba aagaliif 
qarshii
 torbaatamaafi saantima afur) qofa.
Kana keessaa baankiin Awaash liqiin kan kenne 2,123,779,822.54 (miliyoona lamaafi miliyoona dhibba tokkoof
diigdamii sadi’iifi kuma dhibba torbaaf torbaatamii sagaliifi dhibba saddeetiif diigdamii lamaafi saantima
shantamii afur) kan ta’uudha. Kana jechuun 
qarshii
 faayinaansii gochuun heeyyamamuuf keessaa %35.35
(harka dhibba keessaa soddomii shan tuqaa soddomii shan) liqeesseera. Kallattii birootiin 
maallaqa
 kuufamaa
waliigalaa keessaa %80 liqeessuun osoo heeyyamamuufi inni garuu kan liqeesse %28 qofa yemmuu ta’u osoo
hin liqeessin kan hafe %52 (harka dhibba keessaa shantamii lama) kan ta’uudha jechuudha.
6). Akka biyyaatti Baankiin Abisiiniyaa gahee %3.66’n sadarkaa 6ffaa irratti argama. Baankiin Abisiiniyaa 
qarshii
akka waliigalaatti qabu 8,306,077,368 (biliyoona saddeetiifi miliyoona dhibba sadi’iif jahaafi kuma torbaatamii
torbaafi dhibba sadi’iifi jahaatamii saddeet) keessaa liqeessuuf kan seeraan heeyyamamuuf 6,644,861,894.4



8/16/23, 9:08 AM
Ummanni muslimaa maallaqa baankii Toophiyaatti kuufatanirraa
https://bilisummaa.com/baankii/
5/8
(biliyoona jahaafi.miliyoona dhibba jahaaf afurtamii afuriifi kuma dhibba saddeetiif jahaatamii tokkoofi dhibba
saddeetiif sagaltamii afuriifi saantima afur) qofadha.
Kana keessaa baankiin Absiiniyaa liqiin kan kenne 945,995,707.74 (miliyoona dhibba sagaliif afurtamii shaniifi
kuma dhibba sagaliif sagaltamii shaniifi dhibba torbaafi 
qarshii
 torbaafi saantima torbaatamii afur) dha. Kana
jechuun 
qarshii
faayinaansii gochuun heeyyamamuuf keessaa %14.24 (kudha afur tuqaa lama afur dhibbaffaa)
kan ta’u qofa liqeesse.
Kana jechuun kan osoo hin liqeessin haambifate 5,698,866,186.66 (biliyoona shaniifi miliyoona dhibba jahaaf
sagaltamii saddeetiifi kuma dhibba saddeetiif jahaatamii jahaafi 
qarshii
dhibba tokkoof saddeettamii jahaafi
saantima jahaatamii jaha) jechuudha. 
Dubbii
 biraatiin, 
maallaqa
 kuufamaaa waliigalaa keessaa %80 liqewssuun
osoo heeyyamamuufii inni garuu kan liqeesse %11 qofa yoo ta’u kan osoo hin liqeessin hafe %69 (harka fhibba
keessaa jahaatamii sagal) qofa jechuudha.
7). Akka biyyaatti faayinaansii dhala irraa bilisaa kennuun gahee %3.18′ qabaachuun Baankii Intarnaashinaalii
Nib sadarkaa 7ffaa irratti argama. Baankii Intarnaashinaalii Nib 
qarshii
akka waliigalaatti qabu 3,056,420,485
(biliyoona sadi’iifi miliyoona shantamii jahaafi kuma dhibba afuriif diigadmaafi dhibba afuriif saddeettamii shan)
qabu keessaa liqeessuuf kan seeraan heeyyamamuuf 
qarshii
 2,445,136,388 (biliyoona lamaafi miliyoona dhibba
afuriif afurtamii shaniifi kuma dhibba tokkoof soddomii jahaafi dhibba sadi’iifi saddeettamii saddeet) qofa.
Kanna keessaa Baankiin Mib Intarnaashinaal liqiin kan kenne 823,806,749.29 (miliyoona dhibba saddeetiif
diigdamii sadi’iifi kuma dhibba saddeetiif jahaafi 
qarshii
 dhibba torbaafi afurtamii sagaliifi saantima diigdamii
sagal) kan ta’uudha. Kana jechuun 
maallaqa
faayinaansii gochuun heeyyamamuuf keessaa %33.69 (harka
dhibba keessaa soddomii sadii tuqaa kaha sagal) qofa liqeesse jechuudha.
Gama birootiin 
maallaqa
kuufamaa waliigalaa keessaa %80 kan ga’u osoo heeyyamamuufii inni garuu kan
liqeesse %27 qofa yoo ta’u osoo hin liqeessin kan hafe %53 (harka dhibba keessaa shantamii sadi’i) jechuudha.
Sadarkaa 8ffaa irratti akka biyyaatti faayinaansii dhala irraa bilisaatiin gahee %3.10 qabatee kan argamu Baankii
Hibrati. Baankiin Hibrat 
qarshii
akka waliigalaatti qabu 1,847,561,771 (biliyoona tokkoofi miliyoona dhibba
saddeetiif afurtamii torbaafi kuma dhibba shaniif jahaatamii tokkoofi dhibba torbaaf torbaatamii tokko) keessaa
liqeessuuf kan seeraan heeyyamamuuf 1,478,049,416.8 (biliyoona tokkoofi miliyoona dhibba afuriif torbaatamii
saddeetiifi kuma afurtamii sagaliifi dhibba afuriif kudha jahaafi saantima saddeet) qofa.
Kana kessaa Baankiin Hibrat liqiin kan kenne 803,191,681.33 (miliyoona dhibba saddeetiif sadi’iifi kuma dhibba
tokkoof sagaltamii tokkoofi 
qarshii
 dhibba jahaaf saddeettamii tokkoofi saantima soddomii sadii) dha. Kana
jechuun 
qarshii
faayinaansii gochuun heeyyamamuuf keessaa %54.34 (harka dhibba keessaa shantamii afur
tuqaa sadii afur) liqeesseera. Kallattii biraatiin 
maallaqa
 kuufamaa walii galaa keessaa %80 liqeessuun kan isaaf



8/16/23, 9:08 AM
Ummanni muslimaa maallaqa baankii Toophiyaatti kuufatanirraa
https://bilisummaa.com/baankii/
6/8
heeyyamamu ta’ullee inni garuu kan liqeesse %43 qofa yoo ta’u kan osoo hin liqeessin hafe %37 (soddomii
torba dhibbaffaa) ta’a jechuudha.
9). Baankiin Abbaay akka biyyaatti gahee %2.08 qabachuun sadarkaa 9ffaa irratti argama. Baankiin Abbaay
qarshii
 akka waliigalaatti qabu 1,277,435,441 (biliyoona tokkoofi miliyoona dhibba lamaaf torbaatamii torbaafi
kuma dhibba afuriif soddomii shaniifi dhibba afuriif afurtamii tokko) keessaa liqeessuuf kan seeraan
heeyyamamuuf 1,021,948,352.8 (biliyoona tokkoofi miliyoona diigdamii tokkoofi kuma dhibba sagaliif afurtamii
addeetiifi dhibba sadi’iif shantamii lamaafi saantima saddeet) qofa.
Kana kessaa Baankiin Abbaay liqiin kan kenne 537,573,724.00 ( miliyoona dhibba shaniif soddomii torbaafi
kuma dhibba shaniif torbaatamii sadi’iifi dhibba torbaafi diigdamii afur) dha. Kana jechuun 
qarshii
faayinaansii
gochuun heeyyamamuuf keessaa %52.60 (harka dhibba keessaa shantamii lama tuqaa jahaatama )
liqeesseera. Kallattii biraatiin 
maallaqa
 kuufamaa walii galaa keessaa %80 liqeessuun kan isaaf heeyyamamu
ta’ullee inni garuu kan liqeesse %42 qofa yoo ta’u kan osoo hin liqeessin hafe %38 (soddomii saddeet
dhibbaffaa) ta’a jechuudha.
10. Liqii dhala irraa bilisaa kennuun akka biyyaati gahee %1.38 qabatee Baankiin Wagaagan sadarkaa 10ffaa
irratti argama. Baankiin Wagaagan 
qarshii
 akka waliigalaatti qabu 1,536,191,534 (biliyoona tokkoofi miliyoona
dhibba shaniif soddomii jahaafi kuma dhibba tokkoof sagaltamii tokkoofi dhibba shaniif soddomii afur) keessaa
liqeessuuf kan seeraan heeyyamammuuf 
qarshii
 1,228,953,227.2 (biliyoona tokkoofi miliyoona dhibba lamaaf
diigdamii saddeetiifi kuma dhibba sagaliif shantamii sadi’iifi dhibba lamaaf diigdamii torbaafi saantima lama)
qofa.
Kana kessaa Baankiin Wagaagan liqiin kan kenne 356,346,626.03 (miliyoona dhibba sadi’iif shantamii jahaafi
kuma dhibba sadi’iif afurtamii jahaafi dhibba jahaaf diigdamii jahaafi saantima sadi’i) dha. Kana jechuun 
qarshii
faayinaansii gochuun heeyyamamuuf keessaa %29 (harka dhibba keessaa diigdamii sagal) liqeesseera. Kallattii
biraatiin 
maallaqa
 kuufamaa walii galaa keessaa %80 liqeessuun kan isaaf heeyyamamu ta’ullee inni garuu kan
liqeesse %23 qofa yoo ta’u kan osoo hin liqeessin hafe %57 (shantamii torba dhibbaffaa) ta’a jechuudha.
11. Liqii jalqabuu dhabuu isaatiin ykn hanga %0 ta’een Baankiin Bunnaa sadarkaa xumuraa irratti argama.
Baankiin Bunnaa 
qarshii
 akka waliigalaatti qabu 624,000,000 (miliyoona dhibba jahaaf diigdamii afur) keessaa
liqeessuuf kan seeraan heeyyamamuuf 
qarshii
499,200,000 (miliyoona dhibba afuriif sagaltamii sagaliifi kuma
dhibba lama) qofa.
Kana kessaa Baankiin Bunnaa hanga Jun 30 
bara
 2021’tti liqiin inni kenne hin jiru ykn zeeroodha jechuudha.
Kanaafuu osoo hin kennin kan qabate 
qarshii
 499,200,000 (miliyoona dhibba afuriifi sagaltamii sagaliifi kuma



8/16/23, 9:08 AM
Ummanni muslimaa maallaqa baankii Toophiyaatti kuufatanirraa
https://bilisummaa.com/baankii/
7/8
dhibba lama) hunda jechuudha. Kana jechuun 
qarshii
faayinaansii gochuun heeyyamamuuf keessaa
homaayyuu hin liqeessine jechuudha.
Bu’uura gabaasa baankii biyyaalessaa 
bara
 darbeetiin baankiilee 
biyya
 
keenyaa
 keessaa kanneen damee dhala
irraa bilisaatti makaman keessaa 
maallaqa
kuufamaa sassaaban keessaa 
maallaqa
kuufamaa kana dhibba irraa
hangam damee dhala irraa bilisaatiin naamiloottan isaaniif deebisanii liqeessan kan jedhu sadarkaan isaanii kan
olitti ilaalle fakkaata. 
Maallaqa
kuufamaa qaban irraa liqeessuun maamiltoonni bizinasii isaanii akka guddisaniif
faayinaans gochuun sadarkaa baankonni qabatan walduraa duubaan yoo tartiibessinu akka armaan gadiiti.
1ffaa- Baankii Hojii Gamtaa 
Oromiyaa
2ffaa- Baankii Intarnaashinaalii 
Oromiyaa
 (Baankii 
Oromiyaa
)
3ffaa- Baankii Daashan
4ffaa- Baankii Hibrat
5ffaa- Baankii Abbaay
6ffaa- Baankii Awaash
7ffaa- Baankii Nib Intarnaashinaal
8ffaa- Baankii Wagaagan
9ffaa- Baankii 
Daldala
 Itiyoophiyaa
10ffaa- Baankii Abisiiniyaa
11ffaa- Baankii Bunnaa’tu argamu.
Itti fufa…
Ustaaz Ahmadiin Jabal
Waxabajjii
 2022



8/16/23, 9:08 AM
Ummanni muslimaa maallaqa baankii Toophiyaatti kuufatanirraa
https://bilisummaa.com/baankii/
8/8


Yüklə 389,84 Kb.

Dostları ilə paylaş:




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin