Abbaa taayitaa misooma jallisii oromiyaa dokimeentii qorannoo "jbah" adeemsa hojii deegersaa misoomaa fi bulchiinsa qabeenya namaa


Aangoo fi Gahee Hojii Abbaa Taayitaa Misooma Jallisii Oromiyaa



Yüklə 404,95 Kb.
səhifə2/11
tarix29.10.2017
ölçüsü404,95 Kb.
#21709
1   2   3   4   5   6   7   8   9   10   11

Aangoo fi Gahee Hojii Abbaa Taayitaa Misooma Jallisii Oromiyaa


Abbaan Taayitichaa Aangoo fi hojii armaan gadii ni qabaata:-

  1. Imaammata, tarsiimoowwan, danbii fi qajeelfama hojii abbaa taayitichaa ilaalan qopheessuudhaan mootummaaf ni dhiyeessa yoo eyyamame hojii irra ni oolcha.

  2. Qorannoo, dizaayinii, ijaarsaa fi bulchiinsa iskiimoota jallisii kamiiyyuu (jallisii aadaa, jallisii hammayyaa, jallisii xixiqqaa jallisii giddugaleessaa fi jallisii gurguddaa) ni raawwata, ni raawwachiisa.

  3. Jallisii giddugaleessaa fi gurguddaa (medium & large scale irrigation) ijaarsi isaanii xumuraman hanga ummanni (ittifayyadamtoonni) of danda’anitti guutummaa guututti ni bulcha, ni hordofa, hojii teekinikaa barbaachisaa ta’e ni raawwata, suphaa humna qotee bulaa ol ta’e ni raawwata, ni raawwachiisa, gaafa ittifayyadamtoonni of danda’an dabarsee ni kenna.

  4. Bu’aa qabeessummaa iskiimoota jallisii guddisuuf fayyadamtoonni hubannoo baasii kunuunsaa fi bulchiinsaa qabaatanii suphaa adda addaatiif qarshii akka qusatan ni gorsa, ni hordofa akkasumas deeggarsa barbaachisaa ni kenna.

  5. Qabeenya bishaanii naannicha keessatti argamu haala ittifufiinsa qabuun misooma jallisii fi faayidaa biraatiif akka ooluu danda’an qaama dhimmi ilaalu waliin ta’uudhaan kunuunsa isaanii irratti ni hojjata.

  6. Hojii qoorsa lafaa naannicha keessatti iddoo barbaachisaa ta’etti ni hojjata

  7. Hojii bishaan cimmisuu misooma jallisiif oolu (water harvesting for irrigation) irratti ni hojjata

  8. Qaamota ilaalu wajjiin qindaa’uudhaan rakkoolee naannoo misooma jallisii fi qoorsa lafaa akkasumas teknoolojii jallisii irratti qo’annoo ni gaggeessa, ni qindeessa, bu’aa qo’annoo fi teknoolojiiwwan fooyya’an naannicha keessatti ni babal’isa, iddoo hojjatanii itti agarsiisan (demonstration site) ni qopheessa.

  9. Jallisii maayikiroo fi Jallisii Bonee ummataan akka hojaataman abbummaadhaan ni hordofa ni deeggara, ni jajjabeessa.

  10. Qaamota guddinaa fi itti fufiinsa misooma Jallisiif bu’aa buusuu danda’an waliin ni hojjeta.

  11. Fandii arjoomtota irraa misooma jallisiitiif gargaarsaan ykn liqiidhaan argamu dhimma barbaadamaniif ooluu isaa ni hordofa, ni bulcha, raawwii isaatis qaama ilaallatuuf ni gabaasa.

  12. Jallisiiwwan xixiqqaa ijaarsi isaanii xumuramee ittifayyadamtootaatti dabarsee kennuudhaan, deeggarsa teekniikaa ni kenna, ni hordofa, suphaa humna qotee bulaa ol ta’e ni raawwata, ni raawwachiisa.

  13. Baasii ijaarsa pirojeektii Jallisiif bahe itti fayyadamtootaan akka bakka bu’u ni taasisa; Mootummaa hayyamsiisee pirojaktii Jalisii birootiif ni oolcha, kaffaltii tajaajila adda addaa fi suphaa ni sassaaba, deebisee hojirra ni oolcha.

  14. Teknoloojiwwan misooma qonnaa Jallisii saffisiisuu danda’an ni filata, teknooojiiwwan dhiyaatan irratti qulqullina isaanii ilaalchisee qaama dhimmi ilaalu waliin ni hojjeta.

  15. Hojii ekisteenshinii, tajaajila gorsaa qonna misooma jallisii ni babal’isa, qooda fudhattoota waliin bal’inaan ni hojjata.

  16. Hojiilee muuxannoo gaarii misooma Jallisii sadarkaa hundatti raawwataman addaan baasuudhaan galmeessuu fi babal’isuu irratti ni hojjeta.

  17. Hirmaannaa ummataa misooma Jallisii irratti jiru ni jajjabeessa.

  18. Waldaalee ittifayyadamtoota Bishaan Jallisii ni gurmeessa, ni leenjisa, seera ittiin bulmaata akka qopheeffatan ni gargaara, ni hordofa, akkaasumas qaama seerummaa akka argatan qaama dhimmi ilaalu waliin ni hojjeta.

  19. Dubartoonnii fi dargaggoonni hojii Misooma Jallisii keessatti qooda fudhattootaa fi fayyadamtoota akka ta’an ni hojjeta; haala ni mijeessa.

  20. Qaamoota misooma Jallisii irratti bobba’aniif hordoffii fi deeggarsa ogummaa barbaachisu ni kenna.

  21. Uwwisa misooma Jallisii fi qoorsa lafaa guddisuudhaaf akka danda’amu maddi baajataa karaa ittiin argamuu danda’u tooftaa adda addaa fayyadamuudhaan ni barbaada.

  22. Miidhaa pirojektoonni Jallisii naannoo irratti fayyaa namaa dabalatee fiduu danda’an xiqqeesuudhaaf qaama dhimmi ilaalu wajjiin ni hojjeta.

  23. Hojii misooma Jallisii fi qoorsa lafaa sadarkaa kamuu irratti hojjetaman bu’aa fi rakkoo isaa ni xinxala.

  24. Galteewwan gosa adda addaa oomishaa fi Oomishtummaa qonnaa misooma Jallisii guddisuuf gargaaran akka dhiyaatu qamaa dhimmi ilaaluu wajjiin ni hojjeta.

  25. Itiifayyadamtoonni misooma Jallisii liqii akka argatan qaama dhimmi ilaalu wajjiin ta’uudhaan haala ni mijeessa; ni hordofa.

  26. Weereertootaa fi ilbiisonni adda addaa farra biqiltuu fi oomisha qonnaa Jallisii kan ta’an oomisha irratti miidhaa akka hin geessifne qaama dhimmi ilaalu waliin ni hojjeta.

  27. Kunuunsaa fi misooma suluulaa naannoo misooma jallisii wajjiin walqabatu qajeelfama misooma suluulaa naannichaa irratti hundaa’uudhaan qaama dhimmi ilaalu waliin ta’uudhaan ni hojjeta.

  28. Seera dhimma misooma Jallisii ilaalchisee ba’u naannicha keessatti hojii irra ni oolcha.

  29. Jallisii xixiqqaa faayidaa ummataaf oolu ilaalchisee misooma Jallisii hayyama bishaanii osoo hin barbaachisin hojirra ni oolcha.

  30. Qonnaan bulaa fi horsiisee bulaa Jallisii irratti hojjetan Oomisha sadarkaa gabaan barbaaduun akka Oomishan haala ni mijeessa, oomisha isaaniitiif haala gabaa itti argatan qaama dhimmi ilaalu waliin ta’uudhaan ni hojjeta.

  31. Seera irratti hundaa’udhaan namoota sababa ijaarsa misooma Jallisiitiin qabeenya isaanii irratti miidhaan gaheef beenyaan akka kaffalamuuf qaama ilaalu waliin ni hojjeta.

  32. Dandeettii raawwachiisummaa ogeessota Misooma jallisii, fi itti fayyadamtoota Jallisii guddisuuf leenjiwwan adda addaa fi meeshalee humna namaatiif barbaachisuni guuta, haala ni mijeessa, ni kenna, bu’aa isaas ni hordofa

  33. Qabeenya ni horata; waliigaltee ni seena, ni himata,ni himatama.

.

Akkuma waligalaa gurma’inni caasaa Abbaa Taayiticha amma jiru dipaartmeentiin waan ta’eef hanqinaaleen armaan gaditi dhiyaatan ni mul’atu:



  • Hojjiwwan ATMJO wal-fakkaatan kutaalee adda addaa keessatti bittina’anii hojjetamaa jiru. Kunis oggeyyii haala qinda’een itti-fayyadamu irratti dhiiba guddaa umee jira;

  • Hojiiwwaan keessatti wal-harkaa fuudhinsaa fi duubdeebin waan baayyatuuf gulantaalee heddu keessa darba, bu’aa bahii hedduu qabaachu

  • Gurma’insi jiru fedhii maamilaaa irratti kan huda’e ta’u dhabuu;

  • Hojiiwwaan cicatootaa fi bu’aa hojii ifatti kan hin mul’isneef madaaluuf mijaa’a ta’u dhabuu;

  • Oggeeyyin angefamuu dhabu

  • Hanqina bu’ura misooma (karaa, Ibsa, Bilbila, Kuusaa)

  • Hanqina tajajjilaa liqii fi qabeenya Q/buulaa xiqqaa ta’u (Hanqina kaapitaala)

  • Agro industriin biyyaa keesa jiran xiqqaa ta’uu.

  • Jijjirama Caasaa jallisii yeroo yeroon raawatamu

  • Sagantaan foyya’insa sivil sarviisii hojii irraa oolchuu dhaabuu

  • Kennii tajaajila seeraa gahaa ta’uu dhabuu

  • Bulchiinsi qabeenya namaa seeraa fi qajeelfama jiru irrattii hunda’ee rawwachuu dhabuu

  • Karooraa qopha’uu hirmachisummaa gahaa kan hin taanee fi hordoffiin hojii laafaa ta’uu

  • Toannoo fi hordoffiin faayinaansii fi qabeenyaa irraa godhamu laafaa ta’uu

  • Tajaajila faayinaansii fi bittaa kennamu walxaxaa yeroo dheeraa kan fudhatu ta’u

  • Tajaajilli gama bulchiinsa qabeenya fi logistikii kennamu kan gaafii maamilaa hin guunnee ta’uu

  • Tajaajilli odeeffannoo fi qunnamtii godhamu hunda qabeessaa fi laafaa ta’uu

  • Hojiin korniyaa idileessuu, HIV fi dargagootaa hojjetamaa jiru quubsaa ta’uu dhabuu.

    1. Yüklə 404,95 Kb.

      Dostları ilə paylaş:
1   2   3   4   5   6   7   8   9   10   11




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin