Abbaa taayitaa misooma jallisii oromiyaa dokimeentii qorannoo "jbah" adeemsa hojii deegersaa misoomaa fi bulchiinsa qabeenya namaa


Ergama, Mul’ata fi Duudhaalee Abbaa Taayitaa Misooma Jallisii Oromiyaa



Yüklə 404,95 Kb.
səhifə3/11
tarix29.10.2017
ölçüsü404,95 Kb.
#21709
1   2   3   4   5   6   7   8   9   10   11

Ergama, Mul’ata fi Duudhaalee Abbaa Taayitaa Misooma Jallisii Oromiyaa



Ergamaa

Qabeenya bishaan nannoo keenyaa, beekumsaa fi dandeettii hawaasa nannichaa walitti qindeesuun, hojii misooma jallisii teeknoloojii ammayyaan deegaruu fi hirmachisuun, oomishaa fi oomishtummaa haala itti-fufiinsa qabuun guddisuun wabiin midhaan nyaataa mirkanesuu irra darbee ce’uumsa qonnaa (Agricultural Transformation) dhugoomsuu fi dinagdeen hawaasaa gabaan akka dursamuu, jiruu fi jireenyi isaa akka jijjiramuu ga’ee ol’aanaa taphachuudha.


Mulataa
Bara 2012tti qabeenya bishaan naannoo keenyaa irraa, qonna jallisii hammayyaa’een hawaasnii bu’aa ol’aanaa akka argatuu fi qonni jallisii guddina industiriif ga’ee ol’aanaa akka qabaatuu arguu.
Kayyoo ATMJO
Guddinni hawaasummaa fi dinagdee qonaanbulaa fi horsiisee bulaa, akka ariifatu, hanqinni midhaan nyaataa akka salphatuu fi haala ittifufiinsa qabuun ummanni naannichaa midhaan nyaataatiin akka of danda’u taasisuuf misooma jallisiitiin deeggaruufi.
Duudhaalee
Kaayyoo tarsiimo’aa haala walitti hidhamiinsa qabuu fi safaramuu danda’uun galmaan ga’uu keessatti caasaaleen ATMJO sadarkaa sadaarkaan jiran duudhaalee fi amantaa cimaa qabaachuu qaba. Haaluma kanaan, tokko tokkoon caasaa mana hojii keessatti calaqqisuu qabuun akka armman gadditii ibsamee jiraa:-

  • Ittigaafatamummaa

  • Iftoomina

  • Tajaajila gahumsa qabu

  • Jijjiiramaaf Qopha’uu

  • Bu’aadhaaf hojeechuu

  • Guddinaaa Teekinoolojii waajjiin tarkafachuu

  • Aadaa fi Duudhaalee Hawaasaa Kabajuu

  • Hirmaachisummaa

  • Hariiroo fi walta’insaa cimaan hojjechuu

  • Gareen hojjeechuu

  • Qulqullinaa hojiif dursaa keennuu
    1. Haal -Duree Hojii Qorannoo JBAH Mijeessuu

Jijjiirama bu’uuraa qulqullina, ga’umsaa fi itti-fufiinsa qabu mirkaneessuuf qorannoo jijjiirama bu’uuraa adeemsa hojii saffisaa fi qindoomina qabu haala amansiisaan geggeessuun murteessaadha.Kanuma dhugoomsuuf abbaataayitichi qorannoo JBAH geggeessuun dura qophiiwwanii addaa addaa taasiseera. Qophiiwwan duraa qorannoo JBAH raawwachuuf taasifaman keessaas:


Garee Tekinikaa Qorannoo JBAH hundeessuu: Garee tekinikaa qorannoo JBAH ogeessota 6 of-keessatti hammate dameewwaan tekinikaa fi Daggersaa abbaataayitichi hundaa haala hirmaachiseen hundeefamee jira. Gareen qorannoo JBAH kunis muuxannoo fi hubannoo hojiilee abbaataayitichaa, kaka’umsa hojii fi fedhii jijjiiramaa isaan qaban irratti hunda’uun manajimentiin ol-aanaa abbaataayitichaatiin kan filamaniidha. Leenjii sadarkaa hubannoo garee tekinikaa cimsu JBAH irratti guyyoota tokkof ogeeyyii ol-aannoo Biiroo Sivil Sarvisii fi Bulchiinsa Gaarii Oromiyaattiin kennameera.

Koree Ol-aanaa (CZAR) Hundeessuu: - Koree ol-aanaan (CZAR) miseensota shan (5) of-keessatti hammate ooggantoota ol-aanaa abbaataayitichaairraa hundeeffameera.

Quunnamtii (Communication):- Barbaachisummaa JBAH fi hojiin qorannoo abbaa taayitichaakeessatti hojii eeggaluun duraa hubannoo uumuuf mareen yeroo lamaafooggantootaaabbaataayitichaawaliin geggeeffameera. Halumaa kanaan koreen teekinikaa koree CZAR waliin torbaaniitti guyyaa tokkoo (sanbataa xiqaa ) walga’uun mariin akka gaggeefamuu karoorfamee jira.


Kaayyoo Qorannoo JBAH

Kaayyoo Gooroo (General Objective)


Jijjirama Bu’uuraa Adeemsa Hojii ATMJO irratti gaggeesuudhaan tajaajila saffisa, qulqullina, bu’aa qabeessaa fi itti-fufiinsa qabu maamiltootaaf kennu,

Kaayyoo Gooree (Specific Objectives)


  • Jijjirama ajaa’ibaa tajaajila irratti fiduu;

  • Baasii sadarkaa ol-aanaan hirrisuu;

  • Fedhii maamila keenya guutuun itti-quufinsa isaani mirkaneessuu;

  • Dorgommii cimaa fi jijjiirama ariifataa yeroo ammaa jiru wajjin deemuu danda’uu;

  • Bu’aa fi qulqullina hojii keenya daran dabaluu;

  • Sadarkaa kenniinsa tajaajilaa ol-kaasuu;
    1. Daangaa Qorannoo


Daangaan qorannoo kana haala hojiimmata Abbaataayitichaa hundee irraa qorachuudhaan filannoowwaan barbaachisan hunda xiinxaluudhaan adeemsaalee hojii ummu fi hojii irraa oolchuu.
    1. Tooftaalee Qorannoo


Gabatee1. Tooftaalee Qorannoo

La

Hojiilee hojjetaamaan

Madda ragaa

Mala ittiin Sasaabame

1

Aangoo fi hojii, ergama fi galmoota tarsiimoo mana hojiichaa hubachuu

labsii hundeefama ATMJO tiin Lakk.180/2005

Dokumeentii xiinxaluudhaan

2

Hojiiwwaan amma hojatama jiran maalif akka hojjetama jiran hubachuu

Hojjettoota adeemssichaa keessa jiraan.

Ittigaafatama adeemsichaa.

Dokumeentoota adda addaa


Gaaffii afaanii fi bareefama

Maree gaggeesuun



3

Yaada fi fedhii maamiltoonnii fi dhimmamtoonnii bu’aa adeemsichaa irratti qaban sakata’uu

Maamilootaa fi dhimmamtoota

Gaaffii afaanii fi bareefama

4

Maappii adeemsichaa qopheessuu fi Yaa’insa hojii haala amma jiruun kaa’u

Hojjeettoota adeemssichaa keessa jiraan

Itti gaafatama adeemsichaa

Ragaalee bareefama mana hojiicha adda addaa


Gaaffii afaanii fi bareefama


5

Rakkoolee, Seerota fi Yaadamoota adda baasuu

Maamila, sakata’a yaa’insa adeemsa hojii, seerota fi Qajeelfamootaa adda addaa

Gaaffii afaanii fi bareefama

Xiinxala dokumeentiiwwaani



6

Gurmaa’insa adeemsa hojii bifa haaraan gurmeessuu (redesign)

Maanuwaalii JBAH fi Kitaabolee gara garaa, Dhaabilee Muuxannoo qaban, Yaada koree Tekinikaa JBAH

Gaaffii afaanii fi bareefama

Xiinxala dokumeentiiwwaani



    1. Yüklə 404,95 Kb.

      Dostları ilə paylaş:
1   2   3   4   5   6   7   8   9   10   11




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin