Abbaa taayitaa misooma jallisii oromiyaa dokimeentii qorannoo "jbah" adeemsa hojii deegersaa misoomaa fi bulchiinsa qabeenya namaa


Rakkolee, Seerotaa fi Yaadamoota Adeemsa Hojii Misoomaa fi Bulchinsaa Qabenyaa Namaa



Yüklə 404,95 Kb.
səhifə6/11
tarix29.10.2017
ölçüsü404,95 Kb.
#21709
1   2   3   4   5   6   7   8   9   10   11

Rakkolee, Seerotaa fi Yaadamoota Adeemsa Hojii Misoomaa fi Bulchinsaa Qabenyaa Namaa


Gabatee5 Rakkolee, Seerotaa fi Yaadamoota Adeemsa Hojii Misoomaa fi Bulchinsaa Qabenyaa Namaa

Lak

Rakoolee

Seerota Bareefame /hin bareefamin/rakkoo ka’umsaa

Yaadamoota (old assumption)

1

Tajaajilli kennamu qulqullina kan hinqabne fi yeroo keroorfame keessatti raawwatamu dhabu

  • Qajeelfama gahoomsa qabu dhabuu

  • Qinddominni ogeeyyii ogummaa adda addaa qaban jiduutti jiru laafaa ta’uu

  • Tarkaanfin fudhatamu gahoomsa dhabuu

  • Qaamonni hojii keessaa jirani (ramadaman) fi hojjatootaa dirree bobba’an gahoomsa kan qaban fi hojii kennameef gahuumsaan raawwatu danda’u jedhanii yaaduu

2

Hanqinaa humna namaa fi gahumsa dandeettii

-

Humni namaa dandeettii fi muuxannoo qabu gabaa irra yeroo barbaadame qacaruun ni danda’ama jedhanii yaaduu;


3

Hojjetoota aangessuu dhabuu

  • Hojetooni dandeetii, ammantummaa, ittigaafatamuummaa fudhachuf gahuumsa hin qaban jedhani yaadu

5

  • Qinddominni ogeeyyii ogummaa adda addaa qaban jiduutti jiru laafaa ta’uu

  • Ogeeyyii gahuumsaa fi muuxannoo qaban hojii kana irratti ramadu dhabuu

  • Haalli to’annoo hojattota hojii bbirroo fi diree irra jiranii laafaa ta’uu

Hojiidhaf xiyyeeffannoo kennuu dhiisuu



  • Ogeeyyii hunduu erga hojii direetti boba’annii gahee isaanii ni bahu jedhanii yaaduu




  • Hojattoonni hojii kanaaf ramadaman gahee hojii isaanii ni bahu jedhanii yaaduu

6

Hojjettota sirnaan kunuunsuu, guddisuu fi onnachiiftuu kennuu dhabuu

  • Sadarkaa barumsaa fi muuxannoon hojje irratti hunda’uu hojjettootaaf guddisuuf caasaan hafeeru dhibuu




  • Hojjetaa bu’aa qabatamaa hojii isaa irratti argmsiisuuf onnachiiftuun kennamuu

  • Gabaa irraa haala salphaan humna namaa dandeettii fi muuxannoo qabu argachuun ni danda’ama jedhanii yaaduu


2.5. Xiinxala Haala Adeemsaalee Hojii Amma Jiru




Hojiwwan Adeemsa Hojii Misoomaa fi Bulchinsaa Qabenyaa Namaaarman duraa hojiiwwan gurguddoo


  • Odeeffannoo, ragaa fi karooraa humna namaa mana hojjichaa qopheessuu fi qaama ilaaluuf dhiyeessuu

  • Qo’annoo gurmaa'insaa fi ramaddii hojii gaggeesuu, gageesisiisuu, murteessiisuu fi hojii irra oolchuu

  • Fo'annoo fi filannoo gaggeessuu

  • Hojii Rikkoordii fi Kuusaa Qindeessaa

  • Leenjii qindeessuu fi kennuu

  • Naamuusa hojjatootni hojii irratti qaban hordofuu/ hordofsiisuu

  • Tajaajila dheeressuu fi sooroma ba'uu keessumeessuu

  • Xalayoota adda addaa mana hojii galii fi baasii gochuun qaama ilaaluf dhiyeessuu

  • Hojii tajaajila ergamaa waajjira keessaa fi waajjira alaa kennuu

  • Tajaajila haalaa mijeessuu gageessuu

Qorannoo JBAH gaggeessudhaaf gaaffiwwan adda addaa qophaa’ee kallattiidhaan marii fi gaaffannoo qaamota dhimmi hojii kanaa ilaalu hundaa waliin gaggeessuudhaan oddeeffannoon barbadame guuramee jira. Hundeen qorannoo hojii kanaa maamiltooni haala akkamiin tajaajila argachaa akka turan, akkasumaas kenninisa tajaajilaa hojii kana keessatti rakkoowwaan gurguddoo mul’atan maal akka ta’an addaan basuun akka danda’amuuf kan qopha’e dha.

Qorannoon hojii kanaa akka mul’isutti maamiltoonni adeemsa hojii kanaa irraa tajaajila argachuuf yeroo dheeraa fi bu’aa ba’ii akka isaan qunnamu hubatameera.Hojjatooni tajaajila sadarkaa guddina, qaxarii fi jijjiraa kennamaaf jiru haalli tajaajilamaa jiran fi fedhiin isaan qaban yeroo, qulqullinaa fi bu’aa ba’iidhaan madaalamu akkataa odeeffannoo adda addaa irraa argameen sakataa’udhaaf yaalamee jira. Walumaa galatti tajaajilaa kanaan duraa kennamaa turan




  • Yeroo dheeraa kan fudhatuu,

  • Qulqullina dhaabu,

  • Wal-xaxaa ta'uu fi

  • Bu'aa ba'ii (Ups & Downs) kan qabuu dha

Adeemsi akkasii kun Hojiin Misoomaa fi Bulchinsaa Qabenyaa Namaa: Yeroo barbaadamee fi akkaataa hojii irra ooluu qabuun qophaa'ee hojiitti akka hin galamnee fi qulqullinni isaa yemmu madaalamu gad-aanaa dha. Sadarkaa Qaawwa adeemsa hojii hubachuu (understanding stage) kana keessatti haala ragaa mamiltootaa, qaamota keessaa fi alaa irra hubatametti, hojiin Misoomaa fi Bulchinsaa Qabenyaa Namaaarman dura gaggeessaa ture fedhii maamiltootaa fi dhimamtootaa kan hin guunnee fi mul’ata keenya galmaan gahuu kan hin dandeenye ta’uu isaa fi adeemsa hojii xaxamaa akka ta’e hubatamee jira. Kanaafuu, Sadarkaa Qoranno JBAH Adeemsa hojii irra deebii’anii kuurfessuu ’’The Re-Design stage’’ hojjetamuun barbaachisaa ta’uun isaa hubatameera.


  1. Yüklə 404,95 Kb.

    Dostları ilə paylaş:
1   2   3   4   5   6   7   8   9   10   11




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin