Abbaa taayitaa misooma jallisii oromiyaa dokimeentii qorannoo "jbah" adeemsa hojii deegersaa misoomaa fi bulchiinsa qabeenya namaa


Kaayyoo Hiixataa Kaawwachuu (Stretched Objectives)



Yüklə 404,95 Kb.
səhifə8/11
tarix29.10.2017
ölçüsü404,95 Kb.
#21709
1   2   3   4   5   6   7   8   9   10   11

Kaayyoo Hiixataa Kaawwachuu (Stretched Objectives)




3.2.1 Madda Kaayyoo Hiixataa

Kaayyoo hiixataan fedhii maamilaa jiddu galeessa godhachuun rawwii hojiiwwan Misoomaa fi Bulchinsaa Qabenyaa Namaabu’uuraan bu’a gaarii galmeessuu kan dandeesisuu dha. Kaayyoo hiixataan adeemsa hojii Misoomaa fi Bulchinsaa Qabenyaa Namaa armaan gaditti tarrefaman fedhii maamilaa fi dhimammtootaa waliin walitti hidhamiinsaa cimaa kan qabuu fi bu’a ol-aana kenuu kan danda’uu dha.


Kayyoo hiixataa adeemsichaa maddisiisuun dura gareen qorannoo JBAH abbaa taayiticha xiyyeeffannoo addaa fedhii maamilaa fi dhimmamtootaa, raawwi ol-aanaa fi bu’a qabeessa abbaa taayiticha fi kan birooo sakata’uuf kennananii turan. Bu’uura kanaan itti quufnsa maamilaa fi fedhii dhimamamtootaa mirkaneessuuf kayyoo hiixataan adeemsa hoji Misoomaa fi Bulchinsaa Qabenyaa Namaa fedhii maamilaa fi dhimmamtootaa fi yaadama haarawaa irraa kan maddee dha.

3.2.2. Ulaagaaleen Fedhiiwwan Maamiltootaa Dursa Qabaachu Qaban Ittiin Filataman:


  • Fedhiin maamilaa kam dura yoo deebi’ee fedhii kan biraa deebisuu ni danda’aa (multiplier effects);

  • Fedhiin maamilaa kamituu yoo deebi’e milkaa’ina mana hojii keenyaa tiif baayyee murteessaa dha;

  • Fedhii dhimmamtootaa isaa murteessa ta’e ilaaluu

  • Muuxannoo fakkii gaarii - (External Benchmarking)

  • Fedhii fi haawwii maamiltootaa fi qooda fudhatootaa(Needs and preferences of customers and stalkholders);

  • Raawwii gaarii ATMJO - (Internal benchmarking)

3.2.3.Kaayyoo Hiixataa Ka’uu fi Fedhi Maamiltootaa fi Dhimamtootaa Filachuu


Akkuma beekamu adeemsi hojii Misoomaa fi Bulchinsaa Qabenyaa Namaahojii isaa haala saffisaa fi itti-quufinsa qabuun geggeessuuf bu’aan battalaa fi milka’inni galmaa adeemsi hojichaa irra eegamu fedhii maamilaa fi dhimamtootaaf deebii gahaa kennuu qaba. Kanaafuu, kana dhugomsuuf kaayyowwan hiixataa adeemsa hojichaa osoo hin kaawwatin dura fedhii maamilaa adda baafachuu fi duraa duubaan madaalanii beekuun murteessaa dha. Bu’uuruma kanaan fedhiilee maamiltootaa fi dhimamtootaan dhiyaatan keessaa kanneen Ijooo fi milka’ina tajaajila Misoomaa fi Bulchinsaa Qabenyaa Namaamurteessoo ta’an ulaagaalee kanaan gaditti tarreeffamanii filachuun yaalameera.

Ulagaalee filannoo fedhiiwwan maamiltootaa fi dhimamtootaa



  • Fedhii yeroo hedduu irra deddebi’amanii ka’an (Needs & expectation raised several time);

  • Fedhii maamilaa kan biroo galmaan gahuu irraatti gumaacha ol-aanaa kan qabu (Needs & expectation that can help to meet other needs and expectations);

  • Fedhii dhimamtoota murteessaan irraa ka’an (Needs & expectation raised by key stakeholders); fi

  • Haala quubsaa fi itti-fufiinsan qabuun yoo hojii irra oole fedhii adeemsaa hojii Ijoo galma gahuu kan dandeesisu ta’u (needs & expectation that must be met by the core-process if it is to successfully continue its operation)

Ulaagaalee armaan olitti ibsaman fayyadamuudhaan fedhii fi haawwii maammiiltoota fi dhimmamtootaa dursa argatan akka kanaa gadiitti dhiyaatee jira.



  • Gurmaa’insa fi hojimaata hojjechiisuu danda’u

  • Hooggansa qabeenya namaa karoora irratti hundaa’e

  • Carraa leenjii fedhii irratti hundaa’ee fi loogii irraa bilisa ta’e

  • Ragaa fi odeeffannoo qabeenya namaa ammayyaa’aa

  • Raawwii seeraa, danbiilee fi qajeelfamoota hooggansa qabeenya namaa qulqullina, ga’umsa fi iftoomina qabuun hojii irra akka oolu

  • Haala mija’aa hojjetoota hawwatuu fi tursiisuu danda’u

  • Gaaffii fi komii tajaajila hojjettoota irra dhiyaatan

  • Fo'annoo fi Filannoo qixa sirri ta’e akka gaggeefamu barbaadu


3.2.4.Galtee, Bu’aa fi Kaayyoo Hiixataa adeemsi hojii Misoomaa fi Bulchinsaa Qabenyaa Namaa

Gabatee 7: Galtee, bu’aa fi kaayyoo hiixataa adeemsi hojii Misoomaa fi Bulchinsaa Qabenyaa Namaa



Fedhi/Galtee/

Bu’aa

Kaayyoo Hiixataa

Gurmaa’insa fi hojimaata hojjechiisuu danda’u

Gurmaa’insaa fi hojmaata hojjachiisuu danda’u hoji irra oole,

Gurmaa’insaa fi hojmaata mana hojii haala qabatamaa Abbaa Taayitichaatiin hojii irra oolee maamillii guutuma guututtii gammachiise.

Hooggansa qabeenya namaa karoora irratti hundaa’e

  • Karoora hooggansa qabeenya namaa yeroo gabaabaa fi dheeraa adda ba’ee qophaa’ee hojii irra oole

  • Qabeenya nama haalaan itti fayyadamuun ergama Abbaa Taayitichaa galma barbaadame ga’ee argame

Karoora hooggansa qabeenya namaa yeroo gabaabaa fi dheeraa qulqullinaa fi gahumsa qabu qopheessuun galma gahiinsa tarsiimooabbaataayitichaa guutumaa guututtii gumaachee.

Carraa leenjii fedhii irratti hundaa’ee fi loogii irraa bilisa ta’e

Carraa leenjii fedhii irratti hundaa’ee fi loogii irraa bilisa ta’e kennamee fi raawwii hojii hojjataa dabale

Leenjiin kennamu hundi akkaataa karoora qabeenya namaa fi ulaagaa lafa kaawwameen guutumaa guututtii raawwachuun ittiiqufiinsa maamilaa mirkaneessuu.

Ragaa fi odeeffannoo qabeenya namaa haala amayyaatiin akka qabamu

Ragaa fi odeeffannoo qabeenya namaa qulqullinaan qophaa’ee yeroo barbaadame keessatti hojii irra oole

Gurmaa’insi qabiinsii fi itti fayyadamni ragaa fi odeeffannoo qabeenya namaa hunduu haala ammayyaatiin qophaa’ee hojii irra oolee maamillii guutumaa guututtii gammade

Raawwii Seeraa, danbiilee fi qajeelfamoota hooggansa qabeenya namaa qulqullina, ga’umsa fi iftoomina qabuun hojii irra akka oolu

  • Qajeelfamoota fi hojimaata sirnaan hojii irra oolan




  • Haalota mijaa’aa uummameen hawwataa fi bu’a qabeessummaa hojjettootaa dabale







  • Seeraa, danbiilee fi qajeelfamoota hooggansa qabeenya namaa qulqullina, ga’umsa fi iftoomina qabuun kabajamee guutumaa guututtii komii hojjetootaa hambise

  • Haala hojjattoota hawwatuu fi tursiisuu danda’u mijeessuun hojjattootni hundi akka itti quufan gochuu.

Haala mija’aa hojjetoota hawwatuu fi tursiisuu danda’u

Gaaffii fi komii tajaajila hojjettoota irra dhiyaatan bifa barbaadameen keesumeessuu

Fo'annoo fi Filannoo qixa sirri ta’e akka gaggeefamu barbaadu

Fo'annoo fi Filannoo sirnaan hojii irra oolan

  • Rakkoolee raawwii fo’annoo fi filannoo guutumaa guututti hambisuu




    1. Yüklə 404,95 Kb.

      Dostları ilə paylaş:
1   2   3   4   5   6   7   8   9   10   11




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin