Abbaa taayitaa misooma jallisii oromiyaa dookimantii qorannoo "jbah" adeemsa hojiiwwan iskiimota gurguddoo fi jiddu galeessaa


Dhaabbilee Fakkii Gaarii (Bench Mark) Filataman



Yüklə 1,94 Mb.
səhifə10/27
tarix12.01.2019
ölçüsü1,94 Mb.
#96460
1   ...   6   7   8   9   10   11   12   13   ...   27

2.8 Dhaabbilee Fakkii Gaarii (Bench Mark) Filataman




2.8.1 Ulaagalee Filannoo “Benchmarking”

“Benchmarking” muuxannoo gaarii barbaaduun adeemsa hojii bifa haaraan kurfeessuu keessatti madaqsuuf kan gargaaruudha. Ragaalee (quantitative and qualitative data) muuxannoo gaarii dhaabbilee gorsaa biyya keessaa fi dhaabbilee motummaa JBAH hojjetan heddu irraa walitti qabuun yaalameera. Dhaabbileen muuxannoo garii qaban filachuu kessatti ulaagaalee armaan gadii fayyadamuuf yaalameera:



  • Dhaabbilee hojii keenyaan wal-fakkaatu gaggeessan;

  • Dhaabbilee gara tokkoonis ta’ee kan biraan walittii dhufeenya dhaabbata keenya waliin qaban fkn OWWCE, WWCE, MoWIE;

  • Dhaabbilee JBAH gaggeessanii fi hojii irra oolmaa isaatiin raawwii gaarii qaban;

  • Yaadaa oggeyyii fi Oggantoota Abbaa Taayitichaa

2.8.2 Raawwii Gaarii ATMJO





  1. Dookimantii Qorannoo suphaa, haaromsaa fi babal'isuu Iskiimotaa Qopheessuu (Godina Arsii, Sh/Bahaa, Baale, sh/Lixaa .......)

  • Yeroo raawwiin qorannoo:- ji’a lama (2)

  • Gosa Qorannoo Gaggeeffamee:- Dokimantii Qorannoo suphaa,haaromsaa fi babal'isuu, Dizaayinii isaa waliin (channal design Drop, chut, culvert, kkf. )

  1. Haala itti fayyadamaa fi suphaa iskiimota araaxaa cufaa (Godina Arsii)




  • Bo’oo guddaa (Main canal) suphuu, Qulqulleessuu,tooftaalee (systems) raabsa bishaanii irratti sagantaa baafachuudhaan haalli itti fayyadamaa jiran iskiimota biraatiif kan muuxannoo gaarii ta'uu danda'aniidha.

  • Qarshii suphaa fi Oppireeshinii fi kkf irratti sagantaa baafachuudhaan haalli itti fayyadamaa jiran Iskiimota biraatiif kan muuxannoo gaarii ta'uu danda'uudha.

2.8.3. Dhaabbilee “”Benchmarking”f Filataman

Ulaagaalee armaan olitti ibsaman irratti hundaa’uun dhaabbilee gaditti ibsaman akka beenchimaarkiitti filatamaniiru:



  • Dhaabbata Dizaayinii fi To’annoo Hojii Bishaan Oromiyaa (OWWDSE)

  • Abbaa Taayitaa Daandiiwwan Oromiyaa

  • Ministeera Bishaan, Jallisii fi Inarjii Fediraalaa;

  • Biiroo Qabeenya Bishaan, Albudaa fi Inarjii Oromia;

  • Biiroo Qonnaa Oromiyaa

  • Ejensii Babal’ina Waldaa Gamtaa Oromiyaa

2.8.4 Muuxannoo “Benchmarking” Irraa Argame

Muuxannoo gaarii fi dhaabbilee kan biroo irraa barnoota argachuuf dhaabbilee siivilii servisii Afur (4)) ilaalamaniiru. Haa ta'u malee, odeeffannoon dhaaabbilee kana irraa argamee ragaa akkamtaa (qualitative data) qofa irratti kan hunda’ee dha. Dhaabbileen gorsaa biyya keessaa muuxannoo iskiimota irratti (suphaa, babl'isuu, haaromsuu fi kkf.) irratti waan hin qabneef odeeffannoo fi ragaalee hagamtaa gahaa argachuu hin danda’amne.


Haa ta’u malee waajjiraaleen beenchmaarkiif fudhataman hojiin hojatani fi tajaajilli laatan keenna tajaajilaa waajjiraa (ATMJO) waliin wal haa fakkaatu malee kan tokko ta’e miti. Adeemsii hojii waajjiraalee beenchmaarkiif filataman keessaa steepiin tokko tokko adeemsa hojii bulchinsaa iskimootaa fi keenna tajaajila ekisteenshinii fi qoodaa fudhatootaa waliin bakka wal fakkaatee argameetti fakkii ta’an ilalamani jira. Bu’uuruma kanaan, hubannoo (Lesson) “benchmarking” irraa argame akkaataa armaan gadiittti dhiyaateera

2.9 Hubannoo (Lesson) “Benchmarking” irraa Argame



Gabatee-: Hubannoo (Lesson) “Benchmarking” irraa Argame

Lakk

Qabxiilee waliin dorgomsiifaman

Raawwii ATMJO ammaa

Muuxannoo argaman

1

Qulqullina hojii

Iskiimonni jallisii godinaalee keessatti tajaajila kennaa jiran qulqullinna kan hin qabne ta'uu.

Adeemsi hojii Bulchiinsa iskiimii kan hin waalteffamnaee (Biiroo-Aanaatti) fi adda addummaa kan qabu ta’uu.

Adeemsi hojii Bulchiinsa iskiimii istaandardii hojii hojjetamuu dhabuu.

Hanqinna qulqulinna Daataawwan ciccitootaa(Ragaawwan Galtee ta'an)

Otoo ijaarsi projektoota hin xumuramin hojiin Walharkaa fuudhinsaa gaggeessuu.


Iskiimonni suphaman, haaromsamanii fi babal'atan erga xumuramanii booda wantoonni guutamuu qaban erga ilaalamanii booda wal-harkaa fuudhinsi isaa ni gaggeeffama
Hojiin Bulchiinsa iskiimii qajeelfamaa (guideline) fi manu’aalii adda addaa kan sadarkaa isaa eeggatee fi wal-fakkaatuun waan hojjetaniif hojiin isaanii qulqullina ni qaba


2

Hojiin Bu'uuraalee iskiimota jallisii (suphaa, haaromsaa fi babl'isuu iskiimotaa) yeroo walii-galtee keessatti xumuruu

Hanqina humna namaa fi dandeettii Qaamonni waliin hojjennu (sub-consultant) gahumsa fi kaka’uumsa hojii qaban laafaa ta’uu.

Haal-dureen hojii abbaa pirojektiitiin mijachuu dhabuu.

Yeroo hedduu qophii karooraa kan akka ogeessota, meeshaalee fi waajjira gurmeessuu irratti dabarsuu.

Hanqina kuusaa ragaalee (data base) fi dokumentiiwwan hojii qorannoo Bu'uuraalee iskiimota jallisii( suphaa,haaromsaa fi babal'isutiif ) gargaaran.

hojiin bakka tokkotti xumuramuu osoo qabuu, deddeebii fi wal-harkaa fuffuudhinsa kan baay'atu ta’uu (hand-offs).


Akkuma, walii-galtee hojii maamila waliin raawwateen ogeessota, meeshaalee fi waajjira hojiif barbachisu dafanii ramaduun hojii Bulchiinsa iskiimotaa eeggaluun yeroo hojii ni gabaabsu.

Garee qorannoo suphaa,haaromsaa,Babl'isuu fi kkf.gahumsa qaban gurmeessuu irratti Fookaal parsanii(focal person) iskiimota dhaabbilee adda addaatiin hojjatamanii fi hojjatamaa jiran irratti aangessuu fi ciiccitoota hojiif barbaachisan yeroon dhiyeessuun yeroon akka xumuramu gochuun itti-quufinsa maamiltootaa ni mirkaneessu



3

Itti gafatamuumaa hojii garee

itti gafatamuumaa ni daangeessaa

Aangoo guutuu qabaachuu

4

Maamiltoota hirmaachisuu

Baay'inaan ogeessaan raawwataa ture

Hirmaannaa maamilaa guutuu ta'een raaawwata

5

Teekinooloojii ammayaatti fayyadamuu

Teekinooloojii murtaa'aatti fayyadamuu fi adeemsa dheeraa fi dadhabsiisaan hojjechuu

Teekinooloojii odeeffannoo (ICTfi Internet) filannoo adda addaatti fayyadamuun tajaajila saffisaa kennuu

6

Adeemsa hojii

Adeemsa hojii dheeraa fi Adeemsawwan adda addaa keessaatti kan raawwatu fi cicitaa

Adeemsa hojii gabaabaa fi Adeemsa tokkoo keessatti kan raawwatu , jalqabaa hanga dhumaatti kan argamu

7

Tajaajila argachuuf dhimmoota guutamuu qaban

Ulaagaan ifa ta’e kaa’ame hin jiru

Misooma jallisii irrattii boba’uu

tajaajila ekisteenshini argachuuf fedhii qabaachu;



Baratanii barsiisuuf warra fedhii qaban;

8

Teesuma Biiroo

Iddoo adda addaattii faffaca’uun hiojjetamma jiru

Haallii tessumnii biiroo tajaajila kennamuuf mij'aa ta'uu isaa xiinxalame jira

9

Kenninsa Tajaajila maamiltotaa waliin

Sadarkaa Gandaa irrattii Hojjatoota Misoomaa (DA) waan hin qabneef tajaajila maamiltoonii yeroo barbaaddan kessattii kennu dhabu.

Hojjataan misoomaa (DA) sadarkaa gandaa irraa waan jiruuf tajaajila maamiltoonii isaanii barbaadan yeroon deebii kennu danda’u isaanii.

10

Komii tajaajilamtootaa keessumeessuu

Maamiltootni haalaa komii isaanii ittii dhiyyeffatan tooftaan diriiree hin jiru

Komiin maamiltootaa haallii ittii keessumamu tooftaan diriiree jira.

11

Fedhii teeknooloojii sassaabuu

Guyyaa 83 fixa

Guyyaa 52 keessaatti guuruun akkaa xumuramu muuxannoon argamee jira

12

Bittaa teeknooloojii yaaliif ta’u

guyyaa 28 fixaa jira

Isteepii sadii fi guyyaa 4 keessatti akka rawwatamu hubatamee jira

13

Leenjii mijeessuu

Isteepii 9 fi guyyaa 34

Isteepiii 11 fi guyyaa9 keessaatti akka mijeessuu danda’amu muuxannoo ta’uu danda’aa

14

Hojiwwan hirmaana Ummataatiin rawwataman irratti

Gurmaa’ insa Ummataa jiruttii fayddamu dhabu.


Ummata Gurmaa’eetti fayyadamuudhaan hojii eegumsa biyee fi bishaanii (hojii misooma suluulaa) hojjattame keessattii hojii bu’aa qabeessa ta’e galmeessiisu isaanii

15

Haala gaba oomishaa jallisiif mijeesuu irraatti

Waaldaa itti fayyadamtootaa Bishaan Jallisii qamaa seerumma akka argataan haala mijeesuu dhabuu irraa kan ka’ee walitti hidhaninsaa gabaa uumu dadhabuu.

Yniiyeenii kuduraa fi muduraa Maqii Batuu waaldalee Itti fayyadamtootaaBishaan jallisii waaliin waligaltee oomishaan duraa fi oomishaan boodaa tasiisuun waliin karoorfataan hojjechuun oomishni yeroo gahuu fudhee gabaa biyyaa keessaa fi biyyaa alaaf dhiyeesuun miseensoonni isaa bu’aa garii akka argataan tasiisaa jira.
Galteewaan adda addaa miseensootaa isaaf liqiidhaan keenneef omiishaan boodaa akka deebisaan gochaa jirachuu.

16

Gurma’nsaa waaldalee itti fayyaadama bishaan jallisii cimsuu irraatti

Waaldaalee gurma’aan cimsuu irratti lafaa ta’uu fi qaama biraatuu gurmeesaa jeedhanii ilaaluu

Waldaan Itti fayyadama Bishaan Jallisii Aaraxaa Cuufaa daraan cimuudhaan galteewwaan adda addaa (xaa’oo ,sanyii filatamaa, qorichaa adda addaa ) miseensootaa isaaf dhiyeesa jirachuu.


Walumaa galatti hojimaata Pirojektoota Jallsii kanaan dura turan:

  • Fedhii maamilaa kan hin guunne;

  • Kutaa fi gulantaa hedduu keessa kan darbuu fi wal-xaxaa ta'uu;

  • Yeroo dheeraa kan fudhatu ta’uu;

  • Saffisaa fi qulqullina kan hin qabne ta’uu;

  • Baasii guddaaf kan saaxilu ta’uu fi

  • Haala bu'aa ba'ii (hand-offs) hedduu kan qabuu dha.

Sadarkaa qayyabannaa (understanding stage) kana keessatti haala ragaa maamiltootaa, qaamota keessaa fi alaa irraa hubatametti, hojiin pirojektoota jallisii armaan dura gaggeessaa ture fedhii uummataa kan hin guunnee fi mul’ata keenya galmaan gahuu kan hin dandeenye ta’uu isaa fi adeemsa hojii xaxamaa akka ta’e hubatamee jira.

Kanaafuu, Sadarkaa Qoranno JBAH ’’The Re-Design stage’’irra deebi’anii kurfeessanii hojjechuun barbaachisaa akka ta'e hubatameera.





Yüklə 1,94 Mb.

Dostları ilə paylaş:
1   ...   6   7   8   9   10   11   12   13   ...   27




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin