Abbaa taayitaa misooma jallisii oromiyaa dookimantii qorannoo "jbah" adeemsa hojiiwwan iskiimota gurguddoo fi jiddu galeessaa


ADEEMSA HOJII IRRA DEEBI’ANII KURFESSUU (REDESIGNING)



Yüklə 1,94 Mb.
səhifə11/27
tarix12.01.2019
ölçüsü1,94 Mb.
#96460
1   ...   7   8   9   10   11   12   13   14   ...   27





3. ADEEMSA HOJII IRRA DEEBI’ANII KURFESSUU (REDESIGNING)

Rakkoo Wabii mkidhaan nyaataa Naannoo keessa jiruu dhabmsiissuf hojii misooma jallisii teeknooloojii deegaramen fayyadamtootni jallisii bu’aa gaarii akkaa irraa argatan uummata misoomaaf kakkaasuudhan pirojektoota jallisii kana irraa uummaannii tajaajila guutuu argachuu qaba. Hojiiwwaan pirojektoota jallisii kana irrattii kanaan dura hojjetamaa tura;



        • Hojiiwwan haala cicitaa ta’een iddoo addaa addaattii hojjetamaa jiran iddoo tokkottii haala kurfaa’een yoo hojjettame bu’aa qaba waan jedhamee yaadamuuf

        • Hojiin tokko ogeessa oguummaa addaa qabuun (specialist) yoo hojjatame bu’aa qabeessa qabeessuman isaaa xiqqaa waan ta’ee fi gareen hojjechu waan barbaachiseef

        • Xiyyeeffannaan hojii duraanii qabatameef male bu’aa isa dhumaa (final output) irratti waan hin turreef;

        • Hojiin fedhii maammiila giduu galeessa kan taasise oddo hin taane haala dipaartimeentiin gurmeessuudhaan waan tureef (not customer based);

  • Gosa midhani gabaa irratti barbaadaman fi omisha itti fuufinsa qabu omishuu fi dhiyyeesuun gabaa keessatti turuuf waan gargaaruuf;

  • Ittifayyadama bishaan jallisii jiru gudisuun itti fayyadama lafaa fi omishtuma kan gudisuu waanta’eef,

  • Sagantaan misooma jallisii (operation calender):

  • Filannoo gosa midhaan galii guddaa qaban irrati xiyyeefachuun fi

  • Yero gabaan guddaa (Peak market period) jiru wajjin saganteefachuun bu’aa ollanaa argachuun barbaachisaa ta’e waan argameef

  • Gurma’ina itti fayyadamtoota misooma jallisii cimsuu waan barbaachisuuff,

  • Babal’inaa fi itti fayyadama teeknoolojiwwan jallisii irrati hojachuuf

Akka waligalaatii hanqinoota jiran irratii hojjechuudhaan omishaa fi omishtummaa jallisii dacha’adhaan guddisaani gara gudina industriitti ceesissuuf halaa qabatama istraakicharoota jallisii jiraniin caasaa tajajjila ekisteenshiini gahaa abbumaadhan gageesuu hundeesuun fiixan bahiinsa omisha jallisii industriitti ceesisuuf murteesaa dha. Kanaafuu hanqinoota armaan oliti muudatan irrati hojachuu fi bu’aa misooma jallisii gudisuuf Adeemsii ijoo kun barbaachisa ta’ee argameera.



Walumaa galatti , adeemsi hojii ijoo hojiiwwan bulchiinsa iskiimoota jallisii haala amma hojjechaa jiruun akka hojjetuuf sababooti dirqisiisan keessaa:

    • Hojiin Bulchiinsa iskiimoota Adeemsaalee fi tajaajiloota adda addaatti gurmaa’ee yoo hojjettame bu’aa qabeessa ta’a jedhamee waan yaadamuuf (principles of Adam Smith),

    • Hojiin tokko ogeessa oguummaa addaa qabuun ( specialist) yoo hojjatame bu’aa qabeessa ta’a jedhamee waan yaadamuuf,

    • Aadaan hojii kanaan dura baratamee kana waan ta’eef (working culture),

    • Hojii ciccitaa bakka bakkaatti raawwachuu (functional based) male bu’aa isa dhumaa (output) kan xiyyeeffate waan hin turreef,

    • Hojii fedhii maamiilaa jidduu galeessa kan godhate osoo hin taane ogummaa fi hojjachiisaa gammachiisuu irratti xiyyeeffatee gaggeeffamaa waan tureefi (not customer based).



3.1 Yaadamoota Moofaa Sobsiisuu Fi Yaadamoota Haarawaan Bakka Buusuu


Gabatee-: Yaadamoota Moofaa Sobsiisuu Fi Yaadamoota Haarawaan Bakka Buusuu

Lakk

Rakkoo

Seerota ykn ka’umsa rakkoo

Yaadamoota moofaa

Yaadamoota kan sobsiisu

Yaadama Haaraa

1

Suphaa, haaromsa, babal'isuu Iskiimota jallisii yeroo waliigaltee keessatti xumuramu dhabuu

Hanqina humna namaa fi gahuumsa dandeettii

Humni namaa dandeettii fi muuxannoo qabu gabaa irra yeroo barbaadame qacaruun ni danda’ama jedhanii yaaduu;

Humna namaa yeroo fi akka barbaadaniin battalatti gabaa irraa argachuun hin danda’amu

Sirna dhiyeessii, humna namaa, meeshaalee , loojestikii fi kkf cimaa ta’ee diriirsuun dandeetti raawwachiisummaa dhaabbatichaa guddisuun ni danda’ama

Qaamonni waliin hojjennu (IFAD,AGP kkf.) gahuumsaa fi kaka’uumsa hojii qaban laafaa ta’uu

Hojiin suphaa,haaromsaa fi babal'isuu iskiimotaa ennaa guddaa ta’e illee qaama alaatti dabrsanii koontiraata (sub-contract) kennuun yeroo kaa’ame keessaatti raawwachuu ni danda’a jedhanii yaaduu

Qaamni biraa haalaa fi yeroo barbaadamuun argamuu dhiisuu ni danda’a

Iddoo barbaachisaa ta’eetti qaamolee dandeettii qaban ifaan dorgomsiisuudhaan hojii barbaadame hojjechiisuun ni danda’ama



Qaamolee waliin hejjetan seera beeksisaa baasanii wal-dorgomsiisanii filachuu caalaa qaamota dhuunfaa duraan beekan waliin qulqullinaa fi gahumsaan hojjechuun ni danda’ama jedhanii yaaduu

Wal-beekumsaan hojii dabarsanii kennuun yeroo kaa’ame keessatti xumuruuf wabii dhabuu.

Haala duree hojii kan akka ogeessota, meeshaalee fi waajjira gurmeessuu irratti yeroo dheeraa fudhachuu

Iskiimonni hojjataman kan mootummaa waan ta’niif maamillii yeroo ni dheeressa (time extension) jedhanii yaaduu

Raawwii hojii maamilaa irratti dhiibbaa fiduu ni danda’a

Suphaa,haaromsa fi babal'isuu iskiimotaa kam iyyuu fedhii maamilaa yeroo kaa’ame keessatti raawwatamuu qaba

Hojii qindominaan geggeessuu dhabuu

Humna namaa dhaabbaticha keessa jiru hojii hundaa irraatti fayyadamuun ni danda’ama jedhanii yaaduu

Haala duree hojii (meeshaa, humna namaa fi waajjira) yeroon mijeessu dhabuun raawwii hojii duubatti ni dheeressa;

Haala dureen barbaachisa meeshaa, teessuma wajjiraa, humna namaa yeroon dhiyeessuu


Gurmaa’insi waajjiraa hojiif mijataa ta’uu dhabuu

Gurma’insi waajjiraa hojii irratti dhiibbaa hin uumu jedhanii yaaduu

Hojjetaa bakka addaa addaa bittinnaa’uun qindoominaa fi raawwii hojii irratti dhiibbaa uumuu ni danda’a

Karooraa qabatamaa qopheessuu fi hojii ittiin geggeessuu dhabuu


Karoorrii amoloota hojii fi wantoota adeemsa hojii keessatti quunnamuu yeroo yeroo jijjiiuun ni danda’ama jedhama yaada

Hojiin karooraan hin oogganamne jalqabaa fi dhuma hin qabu

Hojii karooraan oogganuun hojii harcaatii malee qaulqullinaa fi saffisaan hojjechuun raawwii dhaabbatichaa ni dabala

Haala dureen hojii sakatta'iinsa iskiimotaatiif barbaachisan dursanii adda baafachuu fi yeroon mijeessuu dhabuu

Haalli qabatamaa naannoo hojii fi karaan jiraachuun yeroo qorannoo duraa adda baasuun ni danda’ama jedhamee waan yaadamuuf

Haalli qabatamaa naannoo hojii fi karaan jiraachuun isaa dursanii beekun dhabuun saffisaan hojii yeroo jedhame keessatti raawwchii irratti dhiibbaa qaba

Haala qabatamaa naannoo hojii dursan beekuun hojii qulqullinaa fi saffisaan qabu gatii madalawwwan hojjechuuf gumaacha ol-aana qaba

2

Hojiin sakatta'iinsa iskiimota jallisii (qorannoo fi dizaayinii suphaa, haaromsaa fi babal'isuu iskiimotaa sadarkaa qulqullinaa eegatee raawwatamuu dhabuu

Adeemsi Bulchiinsa iskiimii bifa walfakkaatuun geggeeffamuu dhabuu



Hojiin hanqina qabaatus dhaabbata mootummaa waan taanneef ni sireessina jedhanii yaaduu

Dhaabbatichii kan mootummaa ta’us hanqini qulqulina hojiitiif kan ittigaafatamu ta’uun beekamu qaba

Qajeelfama (Guideline) fi manu’aalii sadarkaa isaa eeggateen hojii qorannoo fi dizaayinii iskiimota jallisii oogganuun qulqullina hojii eeguu fi hojii walfakkaatu ogeeyyii hunda biratti raawwachuuf mureteessaa dha



Ogeessi hundi dandeetti gahaa fi hubannoo walfakkaatuu qabu jedhanii yaaduu

Ogeeyyii hundi dandeettii gahaa fi hubannoo walfakkaatu qabaachuu dhiisuu ni danda’u

Maanuwaalii fi qajeelfamni adeemsa hojii Bulchiinsa iskiimii qophaa’uu dhabuu

Qophii qajeelfama (guideline) fi maanuwaalii yeroo waan fudhatuuf hojii idilee irratti dhiibbaa uuma jedhanii yaaduu

Qajeelfamnii fi maanuwaaliin qulqullinnaa fi hojii walfakkaatu hojjechuuf ni barbaachisa

Qorannoowwan sekterootaa (secteral studies) hanqinna qulqulinna kan qabu ta’uu

Ogeessi hundi dandeetti gahaa fi hubannoo walfakkaatuu qabu jedhanii yaaduu

Ogeeyyii hundi dandeettii gahaa fi hubannoo walfakkatu qabaachuu dhisuu ni danda’u

Humna namaa yeroo fi akka barbaadaniin battalatti gabaa irra argachuun hin danda’amu



Oggeessota gahuumsa fi muuxannoo qaban gabaa irraa dhabuu

Humni namaa dandeettii fi muuxannoo qabu gabaa irra qacaruu ni danda’ama jedhanii yaaduu

Gabaa irratti xiyyeeffachuu qofa osoo hin tahin danaddeettii ijaaruun gahumsa nama keessatti cimsuun ni danda’ama

Hojiin dizaayini suphaa, haaromsaa fi Babal'isuu iskiimotaa qulqullina dhabuu


Ragaan qulqulluun argamnaan ogeyyiin dizaayinii iskiimotaa irratti hojjatan dizaayinii qulqulluu qopheessuuf dandeettii gahaa qaban jedhani yaaduu

Dizaayiniin sadarkaa isaa eeggate qopheessuuf ragaa qulqulluu argachuun qofti wabii miti.

Hojii suphaa,haaromsaa fi babal'isuu iskiimotaa quqlqullina qabu hojjechuuf ragaa gahaa fi qulqullina qabuu fi ogeeessi muuxannoo qabu murteeessaadha.

Dookimeentiin qorannoo suphaa, babal'isuu fi haaromsuu iskiimotaa qopheessuuf yeroon gahaan ogeyyiif kennamu dhabuu

-Karoora keessatti ulfina hojii qophii dookimeentii xiqqeessani yaaduu.

-Dirree irratti hojiin qophii dookimentii ni gaggeeffama jedhanii yaadu



Qulqullina mirkaneessuuf qophiin dookimeentiif yeroo gahaan kennamu qaba.

Gabaasa qulqullina qabuu maamilaaf dhiyeessuf dookimentii qulqullina qopheessuuf murteessaa waan ta’eef yeroo gahaan kennuu qaba

Lakk

Rakkoo

Seerota ykn ka’umsa rakkoo

Yaadamoota moofaa

Yaadamoota kan sobsiisu

Yaadama Haaraa

3


Fedhiin teeknooloojii/rakkoo yeroon dhiyaachuu dhabuu



Fedhiin teeknooloojii dhiyeessuun yeroo dheeraa akka fudhatu ni beekama jechuun yeroo ittii kennuu.

Xiyyeeffannoo fi ittiigafatamummaan yoo jiraatee fedhii teeknooloojii yeroon dhiyeessuu ni danda’ama

  • Karoora fi sagantaa hojii fedhii fi ragaa sassaabamu qopheessuu

  • Tooftaalee fi maloota ragaa, fedhii fi rakkoon ittin sassaabamu qopheessuu irratti marii’achuu fi ifaattii kaa’uu

  • Qonnaan bulaan ragaa fedhii isaa gahaa ta’e hin kennuu

Qonnaan bulaa ragaa gahaa waan hin kennineef oggeessii fedhii isaa waan tilmaamuf offif dabarsuu ni danda’ama jechuu.

Qonnaan bulaa kan hubachiisan yoo ta’e rakkoo fi fedhii isaa waan beekuf ibsuu ni danada’a

Qonnaan bulaa kakaasuu fi ijaaruudhan hubannoo akka argatu gochuun fedhii isaa akkaa ibsu taasisuu


4


Teeknooloojii fooya;aa dhiyeessuu fi babal’isuu dadhabuu

  • Qonnaan bulaan keenya teeknooloojiin hara’aa dafee hin fudhatu



Teeknooloojii tokkoo barsiisuu fi babal’isuuf yeroo dheeraa waan fudhatuuf yeruma isaa eegee ni bababalata jedhaanii eeguu


Yeroo ammaa kana qonnaan bulaan barate fi akkasumas teeknooloojii hara’aa fudhachuuf fedhii kan agarsiisan waan jiraniif isaan biratti yaaluu ni danda’ama



Wirtii leenjii qonnan bulaa irratti yaalii gageesuudhan

Hojiiwwan qorannoo qonnan hojjetamani bu’a qabeessaa ta’an fi muuxannoo gagarrii dowwachiisuun babal’isuu ni danda’ma

  • Teeknooloojii hara’aa tokoo qonnaan bulaa birattii yoo kufe fudhatama nuu dhabsiissa

Teeknoojiin babal’isuuf bulaan lafa qarshii fi humna isaa waan nuu hin kennineef hojjechuu hin dand’amu kan jedhanii yaaduu


Yeroo ammaa qonnaan bulaa tokkoo tokkoo kaka’umsa isaatin deegersa tokkoo malee yaalii hojjechaa jira






3


Omishnii fi omishtummaan misooma jallisii baay’inaa fi qulqullin gadi bu’aa ta’uu




  • Ilaalchii, hubannoon fi xiyyeeffanoon jallisiif kennamu gadi bu’aa ta’uu

  • Hojii jalllisii kan yeroo rakkooti jechuun yaaduu

  • Misooma roobaa gannaa irrattii qofa xiyyeeffachuu

  • Bu’aan jallisii irraa argamu xiqqeessanii ilaaluu

  • Jallisiin humnaa fi hordoffii yeroo yeroon waan barbaaduuf ni dadh’abbi qaba jechanii yaaduu

  • Jallisiin dhan waggattii al lamaa fi isaa oli omishuun bu’aa guddaa argachuu ni danda’ama

  • Hojiin misooma jallsii bifa ’control’ ta’een waan hojjetamuuf Omishtummaan argamu amansiisaa dha.

  • Qaamaa rawwachisuu fi rawwatuuf hubannoo kennuu

  • Do’ii fi muuxannoo ggaggarii fayyadamtoota jallisiitiif argisuun illalcha jiru jijjiruu

  • Hojii hirmannaa uummataa guddisuun

  • Calaa guddistuu foyya’aa kan akkaa sanyii filatamaa, xaa’oo haalaa gaha ta’een fayyadamuu dhiisuu

  • Lafti jalliliisii uumamaan gabbataa waan ta’eef xaa’oo hin barbaachisu jechuu

  • Mudurrii fi kudurrii xaa’oo hin barbaachisu jedhanii yaaduu

  • Lafti biyyaa keenyaa yeroo dheeraf omisha waan ooleef gabbummaa isaa dhabee jira

  • Mudurrii fi kudurrii xaa’oo baay’inaan barbaaduu (higher feeder)

  • Gabbina biyyee eeguu fi calloomina dabaluuf xaa’oo fayyadamuun murteessaa dha

  • Calloomina kuduraa fi muduraa dabaluuf xaa’oo madaalaaa fi hanga eeguudhan fayyadamuun barbaachisaa dha

  • ’Agronomic practice’ midhaan jallisitif godhamu xiqqaa ta’uu (not improvrd Practice)

  • Humna gahaa hin qabu jechuun, utuun kunuunsuu baadhus omisha argachuu ni danda’ama jechuu kunuunsuu dhiisuu

Midhaan jallisiin misoomuu sirrittii yoo kunuunsame malee aramaa fi dhibeef saaxil ni ba’a, akkasumas bishaan bifa barbaaduun fayyadamuu ni rakkisa

Haalaa paakejii qopha’een ‘Agronomic practice misooma jallisii hojii irraa oolchuun calloominni midhaan sun kennuu danda’uu argachuu ni danda’ama

  • Eegumsa midhaani Ilbiisaa addaa addaa irraa godhamu laafaa ta’uu

Ilbiisonnii addaa addaa durumanuu akka jiranii fi midha’aan isaan geessisaniif hagana guddaa akka hin taanetti ilaaluu fi ittiisuu dhiisuu

Ilbiisonnii adddaa addaa misooma jallisii irrattii baay’inaan miidh’aan qababsiisaa akka jiruu fi midha’an kunis yeroo tokko tokkoo hanga 50% fi isaa oli gahaa jiraachuu isaa

‘Integrated pest management’ (IPM) hojii irraa oolchuun haalaa naannoo fi nama irraattii miidha’aa hin geesisneen ilbiisota addaa addaa to’achuun barbaachisaa dha,

  • Kunuunsi omisha boodaa midhaanii jallisiif godhamu xiyyeeffannoo argachuu dhabuu

  • Omishni sababa kunuunsa omisha boodaa dhabuu irraa hira’atu xiqqeessanii ilaaluu

  • Miidh’an miidhama omisha boodaa irraa gahee gabaa irrattii ni gurgurama jedhanii yaaduu




  • Midhaan jallisiin misooman yeroo dheeraf turuu waan hin dandeenyef hir’ina guddaa agarsiisaa jiru(post harvest losses)

Hir’ina sababa hanqina kunuunsa omisha boodaatiin mul’atu kana hir’isuuf hubannoo gudaa ni barbaachisa

Teeknooloojii omisha boodaa adda addaa hojii irraa oolchuun badiinsaa kana gadii buusuun ni barbaachisa.



4

Grma’iinsii uummataa laafa ta’uu

Barumsaa fi hubannoo bu’aa fi fayiidaa Gurma’iinsaa Dhabuu




  • Hojiin misooma jallisii haala dur barameen ni hojjetamaa jeedhaanii yaaduu

  • Hojii dur barameen oomishii barbadamuu dhufuu hin dandeenyee

  • Gurma’anii waliin hojeechuu irra muxaannoo garii argacuu fi walii irra barachuuf ni gargara.

Uummataa fayidaa gurma’urra fayidda argatu barsiisuu fi hubannoo keennuun barbachiisadha



5

Ummanii WIBJ tiin gurma’uuf feedhii dhbuu

Ilalchaa fi Hubannoo dhabuu



  • WIBJn yoo gurmoofnee Qabeenyii keenyaa ni samaama jeedhanii yaduu.

  • Waaldaan gurma’uun basii nama basiisa jeedhaanii yaaduu.

  • Bishaan haala adaatiin bulchuun ni danda’ama jeedhanii yaaduu.




  • Kaappitaala gaha ta’e horachuuf tajaajila dhiyeesii galteewwanii fi suphaa fi “opration” gaggesuuf busiin barbachiisaha.

  • Bishaan haala adaatiin bulchuun seera ittin bulmataa waan hin qabneef itti fayyadama bishaan jallisii irratti walitti bu’iinsaa hanbisuu hin dandeenyee

Itti fyaadamtoonni Bishaan jallisii hundii Waldaa itti fayyadamtootaa Bishaan Jallisii tiin gurma’uu qabuu.


Miseensoonni WIBJ Seera ittiin bulmataa kawwataaniin buluu fi hojiirra olchuu qabu.

6

Odeeffannoo gabaa oomisha jallisii sirrii fi qulqillina qabu dhabuu

Omishtootni odeeffannoo gabaa gahaa ta’e dhabuu


Dalaallonnii faayidaa ofiitif jechuuf gatii gabaa murteessuu


  • Gabaan akka baratii, baratuu kasa baratuu kufisaa jeedhaanii yaaduu

  • Dalaalaa malee omisha koo gurguruu hin danda’uu jedhanii yaaduu

  • Oomishaa gabaa irratti barbadamuu omishuu

  • Qulquuliinaa isaa eganii oomishuu

  • Gurma’anii gabaa barbaadachuun gurguruu ni danda’ama

Qonnan bulaan odeeffannoo gabba qubsaa fi yerroo isaa eeggate argachuu qaba

Qonnaan bulaan kan gabaan barbaaduu omishuu qaba





Yüklə 1,94 Mb.

Dostları ilə paylaş:
1   ...   7   8   9   10   11   12   13   14   ...   27




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin