Abbaa taayitaa misooma jallisii oromiyaa dookimantii qorannoo "jbah" adeemsa hojiiwwan iskiimota gurguddoo fi jiddu galeessaa


Kaayyoo Hiixataa Teechisuu ( Kaawwachuu)



Yüklə 1,94 Mb.
səhifə12/27
tarix12.01.2019
ölçüsü1,94 Mb.
#96460
1   ...   8   9   10   11   12   13   14   15   ...   27

3.2. Kaayyoo Hiixataa Teechisuu ( Kaawwachuu)

3.2.1 Madda Kaayyoo Hiixataa

Kaayyoo hiixataan fedhii maamilaa jiddu galeessa godhachuun rawwii hojiiwwaan Bulchiinsa iskiimotaa Abbaa taayitichaa bu’uuraan jijjiiruun jijjiirama gaarii galmeessuu kan dandeessisuu dha. Kaayyoo hiixataan adeemsa hojii ijoo hojiiwwan Bulchiinsa iskiimii armaan gaditti tarraafaman fedhii maamilaa fi dhimmamtootaa waliin walitti hidhatiinsa cimaa kan qabuu fi bu’aa ol'aanaa kennuu kan danda’uu dha.

Kaayyoo hiixataa adeemsichaa maddisiisuun dursaa gareen qorannoo JBAH dhaabbatichaa xiyyeeffannoo addaa fedhii maamilaa fi dhimmamtoota, raawwi ol'aanaa fi bu’a qabeessa dhaabbatichaa fi dhaabbattoota kan biroo sakatta’uuf yaalamee jira. Bu’uuruma kanaan, itti quufinsa maamilaa fi fedhii dhimmamtootaa mirkaneessuuf kayyoo hiixataan adeemsa hoji ijoo hojiiwwan Bulchiinsa iskiimotaa fedhii maamilaa fi dhimmamtootaaf yaadama haarawaa irraa kan maddee dha.

3.2.2 Ulaagaalee Fedhiiwwan Maamiltootaa Dursa Qabaachu Qaban Ittiin Filataman:





  • Fedhiin maamilaa kamtu dura yoo deebi’ee fedhii kan biraa deebisuu danda’a (multiplier effects);

  • Fedhiin maamilaa kamtu yoo deebi’e milkaa’ina mana hojii keenyaa tiif baayy'ee murteessadhaa, fi

  • Fedhii dhimmamtootaa isa murteessaa ta’e ilaaluu.


Ulaagaalee sadan kana fayyadamuudhaan fedhii fi haawwii maamiltootaa fi dhimmamtootaa dursa argatan sagal (9) akka kanaa gadiitti dhiyaatee jira.

  • Bishaan jallisii gahaa ta'ee fi haala sagantaa wal-irraa hin cinneetiin argachuu barbaadu

  • Bu'uurawwan iskiimota jallisii yeroo gabaabaa keessatti suphamee gahuumsaa fi qulqullinnaan raawwatame tajaajila akka kennu barbaadu.

  • Sirna bulchiinsa bu'uurawwan iskiimota jallisii fi manaajimantiin bishaan jallisii ittiin gaggeeffamu cimaa ta'ee fi qulqullina qabu argachuu barbaadu.

  • Hojii deebisiisa baasii adda addaa (Investment and O & M Cost recovery) gaggeessuu

  • Hojii suphaa paampii, switch board, suphaa ujumoowwan adda addaa fi kkf. yeroo gabaabaa keessatti suphamee hojii keessa akka seenu barbaadu

  • Teeknoloojii bu’aa qabeessa fi qulqullina qabu yeroon akka dhiyaatu barbaadu

  • Teeknooloojii fi tajaajila eksiteenshinii ummataa hirmaachisee, qulqullina fi gahumsa qabuu baasii xiqqaan argachuu barbaduu

  • Odeefannoo teeknooloojii fi gabaa qulqullina qabu yeroon argachuu barbaaduu

  • Tajaajilaa fi deeggarsa qulqullina qabu akka kennamuuf barbaadu



3.2.3 Kaayyoo Hiixataa Kaa’uu fi Fedhi Maamiltootaa fi Dhimmamtootaa Filachuu

Akkuma beekamu, adeemsi hojii Bulchiinsa Iskiimoota Jallisii hojii isaa haala saffisaa fi itti-quufnsa qabuun geggeessuuf bu’aan battalaa fi milkaa’inni galma adeemsi hojichaa irraa eegamu fedhii maamilaa fi dhimmamtootaaf deebii gahaa kennuu qaba. Kanaafuu, kana dhugomsuuf kaayyowwan hiixataa adeemsa hojichaa osoo hin kaawwatin dura fedhii maamilaa adda baafachuu fi duraa duubaan madaalanii beekuun murteessaa dha. Bu’uuruma kanaan, fedhiilee maamiltootaa fi dhimmamtootaan dhiyaatan keessaa kanneen ijoo fi milka’ina tajaajila Bulchiinsa iskiimii Abbaa taayitichaatiif murteessoo ta’an ulaagaalee kanaan gaditti tarreeffaman filachuun yaalameera.


Ulaagaalee filannoo fedhiiwwan maamiltootaa fi dhimmamtootaa

  • Fedhii yeroo hedduu irra deddebi’amanii ka’an (Needs & expectation raised several time);

  • Fedhii maamilaa kan biroo galmaan gahuu irraatti gumaacha ol'aanaa kan qabu(Needs & expectation that can help to meet other needs and expectations);

  • Fedhii dhimmamtootni murteessaan irraa ka’an (Needs & expectation raised by key stakeholders); fi

  • Haala quubsaa fi itti-fufiinsa qabuun yoo hojii irra oole fedhii dhaabbatichaan galma gahuu kan dandeessisu ta’uu (Needs & expectation that must be met by the organization if it is to successfully continue its operation).

3.2.4. Kaayyoo Hiixataa Adeemsa Hojiiiskiimota Faantaalle, Tibilaa fi Balbala-Waddeechaa (Gurguddoo fi Jiddu galeessaa)

Kaayyoon hiixataa adeemsa hojii ijoo hojiiwwan Bulchiinsa iskiimii fedhiiwwan ijoo maamilaa fi dhimmamtoota irraa dhiyaatan firii madaallii ulaagaalee ka’amanii geggeeffameen filataman irratti hundaa’uun kan kaa’amani. Hojii irra oolmaa fi sadarkaa milka’inaa isaa yeroo yeroon hordofuu fi madaaluuf akka toluuf kaayyoo hiixataa adeemsichaa sadarkaa kaayyoo gooroo ilaaluun murteessaa ta’ee waan argameef kaayyoo adeemsichaa kaa’uun yaalameera. Kaayyoo hiixataan sadarkaa kaayyoo gooroo kaa’aman hundaaf tokkoon tokkoon isaanii fedhii maamilaa, bu’aalee battalaa fi milkaa’ina galma eegamu waliin akka ilaalamu ta’eera.


Bu’uuruma kanaan, hojiiwwan murtaa’aa yeroo murteeffame keessatti raawwatu madaaluuf akka danda'mutti bifa “SMART” ta’een ka’ameera. Sadarkaa kaayyoo hiixataa kaa’amani fedhii maamilaa irratti hundaa’anii yeroo, qulqullina hojii fi baasii hojiiwwan Bulchiinsa iskiimotaa irratti dhiibbaa guddaa kan qabaniidha.
Gabatee-: Kaayyoo Hiixataa Adeemsa Hojii Iskiimota Gurguddoo fi Jiddu Galeessaa

Lak

Fedhii Maamiltootaa

Bu’aa Battalaa(out come)

Kaayyoo Hiixataa/diriiraa

1

Bishaan jallisii gahaa ta'ee fi haala sagantaa wal-irraa hin cinnetiin argachuu barbaadu

-Sagantaa itti fayyadama Bishaan jallisii amansiisaa ta'ee argame.

-Sagantaa raabsa bishaanii jallisii (water schedual) itti fayyadamtootaaf baasuudhaan akka itti fayyadaman taasisuun itti quufiinsa maamilaa sadarkaa ol'aanaadhaan geessisuun ni danda'ama

2

Bu'uurawwan iskiimota jallisii yeroo gabaabaa keessatti suphamee gahuumsaa fi qulqullinnaan raawwatame tajaajila akka kennu barbaadu.

-Bu'uuraalee iskiimota jallisii tajaajilli isaa itti fufiinsa qabuu fi amansiisaa ta'ee aregame.


-Bu'uuraaleen iskiimota jallisii sakatta'iinsi isaa gaggeesuun sadarkaa tajaajilummaa isaanii ol-guddisuu.
-Suphaa iskiimota (minor-maintenance) hirmaannaa uummataatiin gaggeessuun itti quufiinsa maamilaa guddisuu

3

Sirna bulchiinsa Bu'uurawwan iskiimota jallisii fi manaajimantiin bishaan jallisii ittiin gaggeeffamu cimaa ta'ee fi qulqullina qabu argachuu barbaadu.

-iskiimotni jallisii guutumaan guututti Oppireeshinii ,Bulchiinsa Bishaanii jallisii fi "O&M Cost recovery" bu'a qabeessa ta'ee argame.

-Iskiimonni Jallisii haala oppireeshinii, bulchiinsa bishaan jallisii fi kkf. hojiirra oolchudhaan seerotaa fi tajaajila bishaanii WIBJtiif kennuu

-Tajaajila buulchinsa bishaanii argachuu (qulqullina, bu’a bahii malee yeroo gabaabaa fi baasii xiqqaadhaan)



4

Hojii Deebisiisa baasii Adda addaa (O&M cost, Investment Cost recovery) gaggeessuu

Bu'uuraalee iskiimota jallisii tajaajilli isaa itti fufiinsa qabuu fi amansiisaa ta'ee aregame.

-Iskiimii tajaajila guutuu kennee fi humna guutuu ta'een itti fayyadamtootaaf tajaajila guutuu kenne.

5

Hojii suphaa paampii,switch board,suphaa Ujumoowwan adda addaa fi kkf. yeroo gabaabaa keessatti suphamee hojii keessa akka seenu barbaada.

-suphaa paampota jallisii Qulqullinna isaa eeggatee qaama adda addaatiin suphamanii argaman.

Paampota suphaman irratti sagantaa supparvizyinii (TOR) qopheessuu fi Qindeessuu, haala barbaadameen suphamuu isaani hordofuun itti quufiinsa maamilaa guddisuu

6

Tajaajilaa fi Deeggarsa Qulqullina qabu akka kennamuuf barbaadu

Maamila gammade

(Satisfied customer)



-Leenjii duraan waggaatti yeroo lama argatan amma waggaatti yeroo 6(dacha 3)ni argata.
Dhaabbilee miti-mootummaa fi qaama adda addaa

-Deeggersa teeknikaa dhaabbatni (miti-mootummaa fi qaamni adda addaa) barbaade kam iyyuu guyyaa hojii 1 keessatti ni kessummaa’a


7

Teeknoloojii bu’aa qabeessa fi qulqullina qabu yeroon naaf dhiyaachu qaba

Galii fayyadamtoota jallisii dabalee fi jiruu isaa fooya’e



Qonnaan bultooni teeknooloojii bu’a qabeessaa ta’e akka dhiyaatuuf gaafataniif tajaajila ekisteenshinii quubsaa fi gammachisaa battalatti kennuu

8

Tajaajila ekisteenshinii fedhii fi hirmaannaa kiyya of-keessaa qabuu saffisaa fi ogummaan deegarame argachuu

Fayyadamtoota jallisii hojmaataa fi teeknooloojii hamayyaan hojii jallisii gaggeessan



Tajaajila ekistenshinii fedhii fi hirmannaa fayyadamtootaa of keessaa qabu battalaa fi ogummaan deegerame guutuu fi quubsaa ta’e kennuu

9

Leenjii gahaa misoom jallisii irrattii gurma’uun yeroon argachuu barbaadu

Qonnaan bulaa leenjii argate fayyadamuun bu’aa argameen of jijjiire

Fayyadamtootaf leenjii gocha irraatti xiyyeeffate kennuun dandeetti issanii cimee sadarkaa ol’aanaan gammachiisuu

10

MiseensaWIBJ bu’aa qabeessaa ta’auu akka dandeenyuuf hubannoon fayidaa fi Bu’aa WIBJ gahaa ta’e fi qulqulinaa qabuu yeroon akka nuuf kennamu barbaanna,

Miseensaa Bu’aa argameen jiruuf jireenyaa isaanii foya’ee



  • Teeknooloojii ammayyaatii fayyadamuun miseensoota WIBJhundaaf barumsaa fi hubannoon guutumaa guututti kenuu

11

Odeeffannoo gabaa sirrii fi qulqillina qabu yeroon argachuu barbannaa

Miseensootaa WIBJ Oomishaa isaanii tiif gatii madalawaa atetee jiruuf jireenyaa isaa foyeefate.

Qaamaa dhimmi ilaaluu waliin qinda’uudhaan odeefannoo gabaa omisha jallisii sirrii fi qulqullinaqabu yeroon maamiltootaa hundaaf dabarsamun omishni isaa gabaa akka argatu gochuu

12

    1. Mootummaa

-Qonnaan bulaa misooma jallisii hamayyaa ta’een gaggessu

-Omishni jallisii industrii galtee (input) ta’ee industriin akkaa babal’atu



callaa fi calloominii misooma jallisii dabale wabii midhaan nyaataa qonnaan bulaa mirkaneesseee fi sharafa biyyaa alaa argamsiisee.

Fayyadamtootni miosoma jallisii hundi teeknooloojii fi tajaajila ekisteenshinii hamayyaa fi fooy’aa akka argatan gochuu.

Omishni jallsii irraa argamu fedhii industrii guutee akka argamu



13

    1. Qaamoolee teeknooloojii dhiyeessan

Teeknooloojii qaban qonnaann bulaan akka fayyadamu barbaaduu

Qonnaan bultoota teeknooloojii fayyadamanii bu’aa argatan

Fayyadamtootnii jallisiihundi teeknooloojiin fooyya’aa naannoo isaa wal simu fi bu’a qabeessaa ta’e akka argatan taasisuu

14

    1. Biiroo Daldalaa fi misooba Gabaa

-Odeeffannoo omishaa misooma jallisii fi guutuu ta’e

Qonnan bulaa omisha isaas gabaaf dhiyeessaa gatii madaalawaa argatee jireenya isaa fooyya’e

Ittii fayyadamtoota jallisii hundaaf oddeeffannoo gabaa fi walitti hidhiinsa gabaa uumuun omishni isaanii guutuma guututti gabaa argachuu




Yüklə 1,94 Mb.

Dostları ilə paylaş:
1   ...   8   9   10   11   12   13   14   15   ...   27




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin