Abbaa taayitaa misooma jallisii oromiyaa dookimantii qorannoo "jbah" adeemsa hojiiwwan iskiimota gurguddoo fi jiddu galeessaa



Yüklə 1,94 Mb.
səhifə25/27
tarix12.01.2019
ölçüsü1,94 Mb.
#96460
1   ...   19   20   21   22   23   24   25   26   27

3.13 Gurmaa’ina haala JBHAtiin


Fakkii-: Gurmaa’ina haala JBHAtiinBiiroo Ol'anaa

Sadarkaa Godinaa

Sadarkaa Aanaa

Sadarkaa Ganda


Qindeessaa yuunitii Jallisii Gandaa
Garee Maanaajimantii

Abbootii Adeemsotaa fi Ogeessota Adeemsichaa

Garee Maanaajimantii

Abbootii Adeemsotaa fi Ogeessota Adeemsichaa


Garee Maanaajimantii

Abbootii Adeemsotaa fi Ogeessota Adeemsichaa



3.14 Gamaaggama Garaagarummaa Adeema Hojii Durii fi Adeemsa Hojii Haarawaa



Gabatee-: Gamaaggama Garaagarummaa Adeema Hojii Durii fi Adeemsa Hojii Haarawaa

Qabxilee madaallii

Adeemsa hojii duraani /AS-IS/

Adeemsa hojii haaraa/TO-BE/

Kan irratti xiyyeeffatu

Raawwii hojii (Output)

“Administrative orientation”



Bu’aa hojii (Outcome) “Customer orientation”

Caaseeffama

Sadarkaa kan qabu “Hierarchial”

Diriiraa “Flat”

Gurmaa’insa

Hojiiwwan muummedhaan qoodaman

Hojii adeemsa hojiitin gurmeessuu

Duudhaan ykn aadaan hojii

Duudhaan ykn aadaan hojii ogummaa (specilization) fi gahee hojii nama dhuunfaa (task based) irratti kan rarra’ee ture

Duudhaan hojii adeemsa hojii, fedhii maamilaa fi bu’aa gamtaa irratti ni ijaarama

Itti gafatamuummaa hojii garee

itti gafatamuummaa ni daangeessa

Aangoo guutuu qabaachuu

Adeemsa hojii

Ciccitaa

Jalqabaa hanga dhumaatti bakka tokkotti

Adeemsaaleen hojii bu’a maleeyyiin (Non-value adding processes) kan itti baay'atuu fi bu’aa bahiin hedduu kan qabu ture

Adeemsaaleen hojii bu’a maleeyyii (Non-value adding processes) % 95-99 ni dhabamsiifamu

Furmaatayerootti kennuu (Responsiveness)

Xiqqaa

Guddaa

”Flexibility”

Sirna gamaaggamaa ifa ta’e hin qabu

Sirna gamaaggamaa ifa ta’e ni qaba

Dokimenteeshinii

Haalli kuusaa ragaalee (data base) fi dokimentiiwwan hojii suphaa/ijaarsaa iskiimota jallisii , qorannoo fi dizaayiniif gargaarani gahumsaa fi qulqullina kan hin qabne ture

Ragaalee, odeeffannoo fi dokimentiiwwan hojiiwwansuphaa/ Ijaarsaa iskiimota jallisii qorannoo fi dizaayiniif barbaachisan hundi qulqullinaan ,akkamtaa fi hammamtaan adda bahee walitti qabamuun kutaa kuusa ragaalee fi dokimenteeshinii keessatti qindeessuun akka raawwatamu ni taasifama

Qulqullina hojii

Qulqullina hojii too’achuu fi itti-waamama hojii dhugoomsuuf hojii tartiiba isaa eeggatee duraa duubaan akka hojjetamu ta’aa ture

Teekinoloojii odeeffannoo hammayyaa fi walitti hidhatiinsa adeemsa hojii (seamless work process) deggeramuun hojiiwwan hedduun yeroo tokkotti wal-cina (parallel) akka hojjetaman taasisuun si'oomina hojii ni mirkaneessa

Sirni qulqullina hojii ittiin too’atamu kan hin turre ta’uu




Sirnni qulqullin hojii ittin to’aatamuu kan dirrire ta’uu isaa



3.15 Yaada Xumuraa fi Qabxiilee Xiyyeeffannaa Itti Kennamuu Qaban (Conclusions and Recommendations)

3.15.1 Yaada Xumuraa (Conclusions)

Waggoottan darban keessatti kenniinsa tajaajila misooma jallisii babal’isuu irratti qonnaan bulaa/horisisee bulaaf kennamaa turuun isaa ni beekama. Waggoottan darbaan kana keessaatti qonnaan bulaa/horisisee bulaa biratti jijjiiramni amalaa yoo dhufellee hanga barbaadamu guddina Oomishaa fiduu hin dandeenye. Inumaayyuu naannoo keenya yeroo barbaadamu keessatti wabii Midhaan nyaataa guutuu fi fedhii maamiltootaaf deebii kennuu hin dandeenye.


Fooyya’insa sivil sarvisii hojii irra Oolchudhaan imaammataa fi tarsiimoo kana galmaan gahuuf haala mijaa’aa akka uumamu tattaaffii wal-irraa hin cinne taasifamaa tureera. Haaluma kanaan, fooyya’iinsi sivilsarvisii raawwii hojii bu’aa irratti xiyyeefate hojii irra olchuuf yaalii sadarkaa adda addaa irratti godhameen bu’aaleen nama jajjaabeessan argamaniiru. Haa ta’u malee, sochiin yaalii kanaan dura godhame adeemsa hojii (Process oreinted) fi bu’aa maamiltoota irratti waan hin xiyyeefanneef jijjiirama hundee qabeessa ta’e argamsiisuu hin dandeenye.
Haaluma kanaan, akka ATMJO tti akkaataa hojiin itti hojjetamu jijjiiruun barbaachisaa ta’uu isaa itti amanuudhaan qorannoodhaaf adeemsota hojii (Core Processes) sadii filaatee keessaa inni tokkoo Adeemsa Hojii Ijo Bulchiinsa iskiimota Jallisiiti.Akkaataa kanaan adeemsa hojii kana qo'rachiisuuf ATMJO garee dhaabee qorachiisaa tureera. Haaluma kanaan, gareen qorannoo JBAH itti gaafatamummaa fi galfata itti kenname bahuudhaaf qorannoo gaggeessee xumureera.

Kanaafuu, waldorgommii addunyaan keessa jirtu waliin adeemuu fi fedhii maamilaa yeroo yerootti jijjiiramu wajjin tajaajila/deebii gahaa fi saffisaa ta’e kennuuf jijjiirama bu’uura adeemsa hojii haaraa(JBAH) hojjechuun filannoowwan kan biroo kan hin qabne waan ta’eef dokimantiin JBAH kun qopha’eera.



Yüklə 1,94 Mb.

Dostları ilə paylaş:
1   ...   19   20   21   22   23   24   25   26   27




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin