Abbaa taayitaa misooma jallisii oromiyaa dookimantii qorannoo "jbah" adeemsa hojiiwwan iskiimota gurguddoo fi jiddu galeessaa


Ergama, Mul’ata fi Duudhaalee Abbaa taayitichaa



Yüklə 1,94 Mb.
səhifə4/27
tarix12.01.2019
ölçüsü1,94 Mb.
#96460
1   2   3   4   5   6   7   8   9   ...   27

1.3 Ergama, Mul’ata fi Duudhaalee Abbaa taayitichaa



Ergama
Qabeenya bishaan nannoo keenyaa, beekumsaa fi dandeettii hawaasa nannichaa walitti qindeesuun,hojii misooma jallisii teeknoloojii ammayyaatiin deeggaruu fi hirmachisuun, Oomishaa fi Oomishtummaa haala itti-fufiinsa qabuun guddisuun wabiin midhaan nyaataa akka mirkana’uu fi dinagdeen hawaasaa gabaan akka dursamu, jiruu fi jireenyi isaa akka jijjiramuu fi Qonnaan Bulaan ykn Horsiisee bulaan misooma jallisii haala ammayyaahaa ta'een Sadarkaa Industiriitti akka ce'u gahee ol’aanaa taphachuudha.
Mul'ata

Bara 2012tti qabeenya bishaan naannoo keenyaa irraa Misooma jallisii hammayyaa’een hawaasni bu’aa ol’aanaa akka argatuu fi Misoomni jallisii guddina industiriif ga’ee ol’aanaa akka qabaatu ta'ee Arguu.

Kayyoo ATMJO
Guddinni hawaasummaa fi diinagdee Qonnaan bulaa fi Horsiisee bulaa, akka ariifatu, hanqinni midhaan nyaataa akka salphatuu fi haala ittifufiinsa qabuun uummanni naannichaa midhaan nyaataatiin akka of- danda’u taasisuuf misooma jallisiitiin deeggaruufi.
Duudhaalee

Kaayyoo tarsiimo’aa haala walitti hidhamiinsa qabuu fi safaramuu danda’uun galmaan ga’uu keessatti caasaaleen ATMJO sadarkaa sadaarkaan jiran duudhaalee fi amantaa cimaa qabaachuu qaba. Haaluma kanaan, tokko tokkoon caasaa mana hojii keessatti calaqqisuu qabuun akka armaan gadiitti ibsamee jira:-



  • Ittigaafatamummaa

  • Iftoomina

  • Tajaajila gahuumsa qabu

  • Jijjiiramaaf Qophaa’uu

  • Bu’aadhaaf hojjechuu

  • Guddina Teeknooloojii waajjiin tarkaanfachuu

  • Aadaa fi Duudhaalee Hawaasaa Kabajuu

  • Hirmaachisummaa

  • Hariiroo fi walta’iinsa cimaan hojjechuu

  • Gareen hojjechuu

  • Qulqullina hojiif dursa kennuu

1.4. Haal Duree Hojii Qorannoo JBAH Mijeessuu

Jijjiirama bu’uuraa qulqullina, ga’umsaa fi itti-fufiinsa qabu mirkaneessuuf qorannoo jijjiirama bu’uuraa adeemsa hojii saffisaa fi qindoomina qabu, haala amansiisaa ta'een geggeessuun murteessaadha. Kanuma dhugoomsuuf, abbaan Taayitichaa qorannoo JBAH geggeessuun dura qophiiwwan addaa addaa taasiseera. Qophiiwwan duraa,qorannoo JBAH raawwachuuf taasifaman keessaas:


Garee Teeknikaa Qorannoo JBAH hundeessuu: Garee tekinikaa qorannoo JBAH ogeessota 6 of-keessatti hammate dameewwaan teeknikaa fi Daggarsaa abbaa Taayitichaa hunda haala hirmaachiseen hundeefamee jira. Gareen qorannoo JBAH kunis muuxannoo fi hubannoo hojiilee abbaa taayitichaa, kaka’uumsa hojii fi fedhii jijjiirama isaan qaban irratti hundaa’uun manaajimentiin ol-aanaa abbaa taayitichaatiin kan filamaniidha. Leenjii sadarkaa hubannoo garee teekinikaa cimsu JBAH irratti guyyoota tokkof ogeeyyii ol-aanoo Biiroo Sivil Sarvisii fi Bulchiinsa Gaarii Oromiyaatiin kennameera.

Koree Ol'aanaa (CZAR) Hundeessuu: - Koree ol'aanaan (CZAR) miseensota shan(5) of-keessatti hammate ooggantoota ol-aanaa abbaa taayitichaa irraa hundeeffameera.

Quunnamtii (Communication):- Barbaachisummaa JBAH fi hojiin qorannoo abbaa taayitichaa keessatti hojii eegaluun dura hubannoo uumuuf mareen yeroo lammaffaaf Ooggantoota abbaa taayitichaa waliin geggeeffameera. Halumaa kanaan, koreen teeknikaa koree CZAR waliin torbaanitti guyyaa tokko (sanbataa xiqqaa ) walga’uun mariin akka gaggeeffamu karoorfamee jira.


1.5. Kaayyoo Qorannoo JBAH

1.5.1. Kaayyoo Gooroo (General Objective)

Jijjiirama Bu’uura Adeemsa Hojii ATMJO irratti gaggeessudhaan tajaajila saffisaa, qulqullina, bu’a qabeessaa fi itti-fufiinsa qabu maamiltootaaf kennuu.



1.5.2. Kaayyoo Gooree (Specific Objectives)





  • Bu'aa gaarii tajaajila irratti fiduu

  • Baasii sadarkaa ol'aanaan hir'isuu

  • Fedhii maamila keenyaa guutuun itti-quufinsa isaani mirkaneessuu

  • Dorgommii cimaa fi jijjiirama ariifataa yeroo ammaa jiru wajjin deemuu danda’uu

  • Bu’aa fi qulqullina hojii keenya daraan dabaluu;

  • Sadarkaa kenniinsa tajaajilaa ol-kaasuu;

1.6. Daangaa Qorannoo

Daangaan qorannoo kanaa haala hojimaata Abbaa Taayitichaa hundee irraa qorachuudhaan, filannoowwaan barbaachisan hunda xiinxaluudhaan adeemsaalee hojii haaraa uumuu fi hojii irra oolchuu.

Gabatee-: Tooftaalee Qorannoo

Lak

Hojiilee hojjetaman

Madda ragaa

Mala ittiin Sassaabame

1

Aangoo fi hojii, ergama fi galmoota tarsiimoo mana hojichaa hubachuu

labsii hundeeffama ATMJO tiin Lakk.180/2005

Dookimentii xiinxaluudhaan

2

Hojiiwwaan amma hojjatamaa jiran maaliif akka hojjetamaa jiran hubachuu

Hojjettoota adeemsicha keessa jiraan.

Ittigaafatama adeemsichaa.

Dookimentoota adda addaa


Gaaffii afaanii fi barreeffamaa

Maree gaggeesuun



3

Yaada fi fedhii maamiltoonni fi dhimmamtoonni bu’aa adeemsichaa irratti qaban sakatta’uu

Maamilootaa fi dhimmamtoota

Gaaffii afaanii fi barreeffamaa



4

Maappii adeemsichaa qopheessuu fi Yaa’insa hojii haala amma jiruun kaa’u

Hojjattoota adeemsicha keessa jiran

Itti gaafatamaa adeemsichaa

Ragaalee barreeffamaa mana hojichaa adda addaa


Gaaffii afaani fi barreeffamaa


5

Rakkoolee, Seerotaa fi Yaadamoota adda baasuu

Maamila, sakatta’a yaa’insa adeemsa hojii, seerotaa fi Qajeelfamoota adda addaa

Gaaffii afaanii fi barreeffamaa Xiinxala dookimentiiwwaanii

6

Gurmaa’insa adeemsa hojii bifa haaraan gurmeessuu (redesign)

Maanuwaalii JBAH fi Kitaabolee gara garaa, Dhaabbilee Muuxannoo qaban, Yaada koree Teeknikaa JBAH

Muuxannoo dhaabbilee hojii keenyaan wal-fakkaatan sakatta’uu.

Yaada addaa (Wacho Idea) maddisiisuu.






Yüklə 1,94 Mb.

Dostları ilə paylaş:
1   2   3   4   5   6   7   8   9   ...   27




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin