Abbaa taayitaa misooma jallisii oromiyaa dookimantii qorannoo "jbah" adeemsa hojiiwwan iskiimota gurguddoo fi jiddu galeessaa


Gurmaa’ina Caasaa ATMJO Amma Jiruu fi Gahee Hojii



Yüklə 1,94 Mb.
səhifə5/27
tarix12.01.2019
ölçüsü1,94 Mb.
#96460
1   2   3   4   5   6   7   8   9   ...   27

1.7. Gurmaa’ina Caasaa ATMJO Amma Jiruu fi Gahee Hojii

Hojiiwwaan gurguddoo Abbaa Taayitichaatiin gaggeeffaman keessaa hojiiwwaan Qorannoo fi Dizaayinii, Bulchinsa Koontiraataa fi Too’annoo hojiiwwaan Ijaarsaa, Bulchiinsa Iskiimota Jallisii, Hojii Ekisteenshinii Misooma Jallisii, hirmaannaa uummataa fi Qooda Fuudhattootaa fi k.k.f. sadarkaa duraa irratti kan caqafamaniidha. Hojiiwwaan kana raawwachuun aangoo fi ergama itti kenname fiixaan baasuuf abbaan Taayitichaa yeroo ammaa Adeemsa hojii teeknikaa shanii(5) fi Adeemsa Hojii Deeggarsaa shaniin(5) gurmaa’ee jira. Walumaa galatti yeroo ammaa Abbaan Taayitichaa hojiiwwaan armaan olitti caqafaman kan raawwatu dameewwaan afur (4) fi tajaajiloota shan (5), akkasumas, Tajajilaa sera, dhimma kiroos katiingii (cross cutting) irrittii kan hojjatan gurmaa’udhaan hojii isaa raawwachaa jira.





  1. Adeemsa Hojii Qorannoo fi Dizaayinii Misooma Jallisii

Adeemsi hojii Qorannoo fi Dizaayinii Jallisii hojiiwwan gurguddoo armaan gadii kan raawwatuu dha.



  • Qorannoo fi dizaayinii sadarkaa adda addaa irratti gaggeeffaman iddoo sanatti argamuudhaan hojii fizikaalaa saayitoota ni too’ata, deeggarsa ogummaa barbaachisaa ta’e ni kenna, hojii dizaayinii, gamaaggamuu fi qulqullina hojii ilaaluudhaan (checking) ni mirkaneessa.

  • Qorannoo fi dizaayinii misooma jallisii NGO tiin hojjetaman ilaallun ni mirkaneessa.

  • Qorannoo fi dizaayinii jallisii konsaltaantootaan hojjetaman TOR fi Dookimeentii waliigaltee qopheessuun haala ni mijeessa;

  • Hojiiwwan qorannoo fi dizaayinii teeknooloojii ammayyaatiin akka deeggaraman haala ni mijeessa;

  • Gabaasa raawwii karoora adeemsa hojichaa qopheessudhaan qaama dhimmi ilaaluuf ni kenna;

Adeemsa hojiiwwaan qorannoo fi dizaayinii keessatti rakkoolee ijoo armaan gaditti tarreeffaman ni mul’atu.

  • Hojiin qorannoo fi dizaayinii qulqulliinaa fi sadarkaa isaa eeggateen raawwachuu dhabuu;

  • Hanqina gahumsa fi kaka’uumsa hojjattoota hojii qorannoo fi dizaayinii;

  • Ogeeyyii gahuumsaa fi muuxannoo qaban gabaa irraa argachuu dhabuu;

  • Haal-duree hojii barbaadamuun mijeessuu dhabuu fi yeroo dheeraa fudhachuu,

  • Hanqina dandeetti ogummaa fi humna namaa sadarkaa sadarkaatti jiraachuu, akkasumas, hojii gad-lakkisuun hojjettootaa (turn over) jiraachuu,

  1. Adeemsa Hojii Bulchiinsa Koontiraataa fi Too’annoo Ijaarsa Misooma Jallisii

Adeemsi hojii kun hojiiwwaan gurguddoo armaan gadii kan raawwatu ta’a

  • Dookimentii qorannoo fi Dizaayinii sadarkaa godinaalee, konsaltaantotaa fi kontiraaktarootaan qophaa’e dhiyaate irratti hundaa’udhaan dookumentii calbaasii ‘’bid document’’ qopheessuu

  • Calbaasii baasuu, calaluu fi dookimentii waliigaltee koontiraataa qopheessuu fi hordoofuu

  • Hojiin pirojektoota akkaataa waliigaltee fi sagantaa mirkanaa’een hojjetamuu isaa hordofee haala kaffaltii sartifikeetii xiinxaluun ni mirkaneessa.

  • Garaagarummaa gatii hojii koontiraataa fi dhimmoota kontiraataa biraa ni keessummeessa.

  • Ijaarsa pirojektoota jallisii kontiraaktarootaan hojjetamaniif yeroo “specification” qophaa’u gargaarsa barbaachisaa ta’e ni kenna.

  • Hojiiwwaan ijaarsa pirojektootaa haala dizaayinitiin hojjetamuu fi xumuramuu isaanii gabaasa godinaalee irraa dhiyaate xiinxaluu fi iddoo hojitti argamuudhaan ni mirkaneessa.

  • Tooftaa too’annoon ijaarsii itti gaggeeffamu yaada burqisiisuu, akka hojii irra oolu haala mijeessuu fi too’achuu.

  • Qajeelfama fi “standard” too’annoo ijaarsaa qopheessuu, dandeettii too’annoo ijaarsaa godinaalee cimsuu, leenjiif deeggarsa barbachisaa ta’e ni kenna.

  • Gabaasa raawwii karoora hojii qopheessudhaan qaama ilaaluuf ni kenna.

Adeemsa hojiiwwan Bulchiinsa koontiraataa fi Too’annoo Ijaarsaa keessatti rakkoolee ijoo armaan gaditti tarreeffaman ni mul’atu.

  • Hojiin Bulchiinsa koontiraataa fi too’annooijaarsaqulqulliinaa fi sadarkaa isaa eeggateen raawwachuu dhabuu;

  • Hojiin yeroo waliigaltee keessatti xumuramuu dhabuu

  • Qaamolee hojii too’annoo ijaarsaa fi bulchiinsa kontiraataa keessatti qooda qaban (3Cs) gidduutti qindoominni dhabamu;

  • Hanqina gahuumsaa fi kaka’uumsa kontiraakteraa;

  • Kontiraakteroonni hojii ijaarsaa yeroo fi qulqullinnaan raawwachuu dhabuu;

  • Hanqinni gorsitootaa fi kontiraaktara ijaarsaa jiraachuu fi warri jiranis hanqina humnaa fi dandeetti qabaachuu,

  • Pirojektoonni Interpiraayizii Ijaarsa Hojiwwan Bishaan Oromiyaan (IIHBO) waggoota dheera dura jalqabamanii turan hedduun isaanii yeroon xumuramuu dhabuu,

  • Haanqina ogummaa fi teeknooloojii keessattuu ’’ perforated pipe’’ Oomishuu dhabuu


ii. Adeemsa Hojii Bulchiinsa Iskiimota Misooma Jallisii

Adeemsi Hojii Bulchiinsa Iskiimotaa hojiiwwan waliigalaa armaan gaditti tarreeffaman kan raawwatu ta’a.



  • Bu’uurawwan Iskiimota jallisii gurguddaa, jiddugaleessaa fi jallisii xixiqqaa haala hammayyaatiin ijaaraman ni bulchaa, haala gaariidhan qabamanii itti fayydamtootaaf tajajila wal-irraa hin cinne akka kennan ni godha.

  • Karoora Hojii raabsa bishaanii fedhii fayydamtootaa irratti hundaa’udhaan qopheessuu, raawwachuu, hordofuu fi too’achuu

  • Hojii suphaa, haroomsaa fi too’annaa bu’uurawwan jallisii karoorsuu, raawwachuu, raawwachiisuu, hordofuu fi too’achuu.

  • Hojii qoraannoo suphaa, fooyeesuu fi babal'isuu iskiimota jallisii ni karoorsu, ni gaggeessu.

  • Karoora baajata hoji raawwachiiftuu damee isaatiif barbaachisu qopheessee haala barbaadameen hojii irra ooluu isaa ni hordofa.

  • Hojii deebisiisa baasii ijaarsa jallisiif (Investment Cost Recovery) baasiiwwan, oppireeshiniif suphaa ni karoorsa, qaama dhimmi ilaalu waliin ta’uudhaan hirmaannaa uummataatiin ni raawwachiisa.

  • Dhimmamtoota, Waajjiraalee mootummaa sadarkaa godinaa fi aanaa akkasumas,waajjiraalee qooda fudhattootaa biraa wajjiin qunnamtii gochuun qaamooleen kun hojiiwwaan bulchiinsa iskiimotaa irratti akka qooda fudhataniif gahee akka gumaachan waltajjii adda addaa uumuudhaan ni hojjata.

  • Hojii dabalataa Abbaa Taayitichaatiin kennamu ni raawwata, ni raawwachiisa

  • Gabaasa raawwii hojii damee buchiinsa iskiimotaa kan yeroo isaa eeggate waajjiraaf dhiyeessuu fi murtee maanaajimantiin kennu hojii irra ni oolcha.

  • Adeemsa hojiiwwan Bulchiinsa iskimii keessatti rakkoolee ijoo armaan gaditti tarreeffaman ni mul’atu:

  • Bulchiinsi iskiimii jallisii xixiqqaatiif xiyyefannaa kennuu dhabuu

  • Iskiimota gurguddaa irratti tajaajila gahaa fi humna guutuu ta'een tajaajila keennuu dhabuu

  • Bulchiinsi iskiimii iddoo adda addaatti kan addaan ciccitee ture ta’uu isaa irraa kan ka’e humna guutuudhaan hojjechu dhabuu

  • Hirmaannaa fi hubaannoon uummanni ykn fayyadamtoonni bulchiinsa iskiimii irratti qaban laafaa ta’uu.

  • Baasii pirojektii fi suphaaf barbaachisu (cost recovery) haalli ittiin raawwatamu jiraachuu dhabuu

  1. Adeemsa Hojii Ekisteenshinii Misooma Jallisii

Adeemsi hojii kun hojiiwwan gurguddoo armaan gadii ni raawwata.



  • Tarsiimoo, Imaammataa,fi Qajeelfamoota Abbaa Taayitichaa ni rawwata

  • Qonnaan bulaa ykn horsiisee bultoonni qabeenya lafaa fi bishaan jallisiif ooluu danda’aniin fayyadamanii jiruuf jireenya isaanii akka fooyyessanii fi galiin isaanii akka guddatu tajaajila ogummaa ni kenna.

  • Bu’a qabeessummaa iskiimota jallisii guddisuuf, itti fayyadamni bishaanii jiru, iddoo hunda irratti sagantaa bishaanii ogummaadhaan deeggaramee bahuun akka ogganamu ni hojjeta.

  • Sagantaa misooma jallisii bahu irratti hundaa’uudhaan hojiiwwan qophii lafaa irraa eegalee hanga Oomishaatti jiran (Qophii lafaa, yeroon facaasuu, ittifayyadama calla guddistuu, bishaan kennuu, kunuunsuu fi eegumsa midhaanii) ni raawwata, ni raawwachiisa.

  • Fedhii callaa guddistuu ni qindeessa, haala qonnaan bulaaf dhiyaatuu fi liqiin itti argamu ilaalchisee qaama ilaalu wajjiin ni hojjeta.

  • Odeeffannoo gosa midhaanii, kuduraa, muduraalee fi midhaan biroo gabaa irratti barbaadamoo ta’an addaan ni baasa, ni filata, qonnaan bulaan qulqullina sadarkaa isaa eeggateen akka Oomishu ni hordofa, deeggarsa ogummaa ni kenna.

  • Q/bulaa fi qaamolee adda addaa walitti fiduudhaan Oomisha Q/bulaan misooma jallisii irraa argatu warshaalee xixiqqaaf akka Oomishan (Out growers) haala ni mijeessa, ni qindeessa, ni raawwata.

  • Manca’ina Oomisha jallisii hir’isuu fi dhabamsiisuuf, eegumsa, too’annoo dhukkubaa fi ilbiisotaa yeroodhaan akka gaggeeffamu ni hordofa, deeggarsa barabaachisu ni kenna.

  • Oomishni jallisii osoo hin manca’in haala itti tursiisanii fi gabaadhaaf dhiyeessan (post harvest handling) irrati ni hojjata.

  • Dandeettii raawwachiisummaa sadarkaan jiru guddisuuf leenjii adda addaa ni qindeessa, ni raawwata, kanaaf kan gargaaran maanuwaalootaa fi barruulee adda addaa ni qopheessa.

  • Muuxannoolee gaggaarii jiran ni qindeessa, akka babal’atu ni taasisa.

  • Hojii dabalataa Abbaa Taayitichaatiin kennamu ni raawwata, ni raawwachiisa.

  • Gabaasa karooraa fi Raawwii hojii Adeemsa kanaa ni qopheessa, qaama dhimmi ilaaluuf ni dhiyeessa.

Adeemsa Hojiiwwan Ekisteenshinii Qonna Jallisii keessatti rakkoolee ijoo armaan gaditti tarreeffaman ni mul’atu.

  • Callaa guddistuu adda addaa qulqullinnaa fi yeroon dhiyaachuu dhabuu

  • Hordofii fi deeggarsa ogummaa gahaa ta’e kennuu dhabuu

  • Sagantaa misooma midhaan jallisii misoomu (crop- Calendar) beekani deemu dhabuu fi midhaan gosa tokkoo misoomsuun rakkoo gabaatiif saaxilamuu.

  • Qonnaan bultoonni/horsiisee bultoonni haala itti fayidama teeknooloojii fi callaa guddistuu misooma jallisii irratti muuxannoo qabaan gadi aanaa ta’uu isaa.

  • Qonnaan bultoonni/horsiisee bultoonni keenya ijaaramanii TMGB dhaan teeknooloojii fi muuxannoo adda dureen qabu fudhatanii hojii irra oolchuu irratti hanqinni jiraachuu isaa

  1. Adeemsa Hojii Hirmaannaa Uummataa fi Qooda fudhattootaa

Adeemsi hojii kun hojiiwwaan gurguddoo armaan gadii kan raawwatuu dha.

  • Tooftaa, tarsiimoo, fi qajeelfama hirmannaa uummataa qorachuu fi qopheessuu

  • Wixinee fi tarsiimoo hojii misooma jallisii naannichaa irratti uummata hirmaachiisuu danda’u qpheessuu

  • Waldaa itti fayyadamtoota bishaan jallisii (WIBJ) gurmeessuu, leenjisuu, seera ittiin bulmaataa akka baafatan gargaaruu,hordofuu, akkasumas, qaama seerummaa akka

  • argatan qaama dhimmi ilaalu waliin ta’uudhaan haala mijeessuu, akka barbaachisummaa isaatti fooyyeessuu

  • Odeeffannoo gabaa yeroo adda addaa qaama biraa irraa funaanudhaan qonnaan bulaa fi horsisee bulaaf dabarsuu

  • Maanuwaalii leenjii uummataa qopheessuu, leenjii uummataaf kennamu kan waggaa qindeessuu, hordoofu fi too’achuu

  • Babal’inaa fi fooyya’iinsa (up grading) jallisii aadaa fi jallisii maatii (micro irrigation) irratti hojii uummataa sochoosuu fi qindeessuu ni raawwata.

  • Gabaasa raawwii karoora hojii qopheessuudhaan qaama ilaaluf ni dhiyeessa.

Adeemsa hojiiwwaan Hirmaannaa Uummataa fi Qooda fudhattootaakeessatti rakkoolee ijoo armaan gaditti tarreeffaman ni mul’atu.

  • Ijaarsaa fi Moobilaayizeeshinii uummataa sadarkaa hojiwwaan adda addaa irratti haala barbaadameen raawwachuu dhabuu

  • Seera ittiin bulmaataa WIBJ baasanii ittiin ogganamuu irratii hanqinni kan jiru ta`uu isaa;

  • Lafa qonnaa fi humna bishaan jallisii qaban haalaan itti faayyadamuu dhabuu;

  • Qindoominni qooda fudhattoota adda addaa wajjin ture laafaa ta’uu;

  • Gabaa Oomisha jallisiitiif haala mijeessuu dhabuu.

Yüklə 1,94 Mb.

Dostları ilə paylaş:
1   2   3   4   5   6   7   8   9   ...   27




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin