Abbaa taayitaa misooma jallisii oromiyaa dookimantii qorannoo "jbah" adeemsa hojiiwwan iskiimota gurguddoo fi jiddu galeessaa


Rakkoolee Waliigalaa Gurmaa’ina Hojii ATMJO Amma Jiruu



Yüklə 1,94 Mb.
səhifə6/27
tarix12.01.2019
ölçüsü1,94 Mb.
#96460
1   2   3   4   5   6   7   8   9   ...   27

1.8 Rakkoolee Waliigalaa Gurmaa’ina Hojii ATMJO Amma Jiruu


Akkuma waliigalaatti gurmaa’inni caasaa abbaa taayitichaa amma jiru dippaartimeentiin waan ta’eef hanqinaaleen armaan gaditti dhiyaatan ni mul’atu:

  • Hojjiwwan ATMJO wal-fakkaatan kutaalee adda addaa keessatti bittina’anii hojjetamaa jiru. Kunis oggeyyii haala qinda’een itti-fayyadamu irratti dhiiba guddaa umee jira;

  • Hojiiwwaan keessatti wal-harkaa fuudhinsaa fi duuba deebin waan baayyatuuf gulantaalee heddu keessa darba, bu’aa bahii hedduu qabaachu

  • Gurma’insi jiru fedhii maamilaaa irratti kan huda’e ta’u dhabuu;

  • Hojiiwwaan cicatootaa fi bu’aa hojii ifatti kan hin muldhifinnef madaaluufi mijaa’a ta’u dhabuu;

  • Oggeeyyin angefamuu dhabu

  • Hanqina bu’ura misooma (karaa, Ibsa, Bilbila, Kuusaa)

  • Hanqina tajajjilaa liqii fi qabeenya Q/buulaa xiqqaa ta’u (Hanqina kaapitaala)

  • Jijjirama Caasaa jallisii yeroo yeroon raawatamu

  • Sagantaa foyee’insaa sivil –sarvisii hojiirraa olchuu dhabuu

  • Itti fayyadamnnii teekinoolojii Qunnaamtii fi odeeffannoo hojii irraa olchuu dhabuu.

  • Keeninsi tajaajila seeraa gahaa ta’uu dhabuu

  • Bulchiinsii Qabeenyaa Namaa seera fi qajeelfamaa jiruu irratti hunda’ee raawwachuu dhabuu.

  • Karoorri Qopha’uu hirmmmachiisummaa gahaa kan hin qabnee fi hordoofiin hojii lafa ta’uu.

  • To’annoo fi horddooffiin fayiinaansii fi Qabeenyaa irraatti godhamuu lafaa ta’uu

  • Tajaajillii fayiinaansii fi Bittaa walxaaxaa fi yeroo dheeraa kan fudhatuu.

  • Tajaajilli gama Bulchiinsaa qabeenyaa fi Lojiistiikii keennaamaa turee feedhii maamilaa fi dadhabaa ta’uu .

  • Taajaajillii qunnamtii fi odeefannoo tasiifamuu hunddaa kan hammatee hin turree.

  • Hojii korniyaa idileesuu si darggagoo fi HIV/ADIS/tiif xiyeefannoo keennuun hojjeechuu dhabu


Fakkii-: Caaseeffama Abbaa Taayitaa Misooma Jallisii Oromiyaa yeroo ammaa

A/H/Qorannoo fi Dizaayinii

A/H/ Ekisteenshinii Qonnaa Jallisii
A/H/Bulchiinsa Iskiimii

A/H/Bittaa fi Bulchiinsa Faayinaansii .

A/H dhimmaa Komunikeeshinii

A/H/Bul.Kontiraataa, Ijaarsaa fi Too’annoo.


A/H. Odiitiikeessa fi Inispekshinni
A/H/Bul.Qabeenyaa fi Loojistikii

A/H/Misooma fi Bulchiinsa Qabeenya Namaa QNamaannamaHumna Namaa

Waajjira Misooma Jallisii Godinaa

Waajjira Misooma Jallisii Aanaa

I/A H/GaggeessaaEkisteenshinii Qonnaa misooma Jallisii
I/A Hojii Gaggeess Dhiyeessa Bishaan Jallisii

Abbaa Taayitaa Misooma Jallisii Oromiyaa


MNO

A/H/Qophii Karooraa, Baajataa, Hordofi fi Gamaagama

A/H/Hirmaannaa Ummataa fi qooda fudhatootaa

Tajaajila Seera

I/A Hojii Gaggeessaa Bulchiinsa Iskiimii

Garee ICT

Korniyaa Idileesuu

SFSS


Dhimma Dargagootaa fi HIV AIDS

Garee Hordofi Dagaagina Naamusaa



1.9 Adeemsawwaan Ijoo Filataman

Hojiiwwaan pirojektii jallisii kana bifa saffisaa ta’een gaggeessuu akkaa danda’amu ulaagalee armaan gadii irraattii hunda’udhan adeemsawwaan ijoo filatamanii jiru



Ulaagaalee Filannoo

  • Hojiilee gurguddoo Adeemsa hojii milka’ina ergama pirojektootaa gumaacha ol-aanaa kennuu danda’an sakata’uu fi adda baasuu;

  • Hojiilee ijoo fi gurguddoo yeroo ammaa pirojektootaakeessatti raawwatamaa jiran sakata’uu fi adda baasuu;

  • Haala pirojektootaakeessatti hojiiwwan ijoo itti geggeeffamaa jiruu fi bu’aa battalaa qabatamaa uumuun irratti hunda’uun gamagamuu;

  • Galmaa, jalqabaa fi dhuma hojiiwwanii gamgamuu fi qaacessuu;

  • Hojiilee wal-fakaatanii kutaa adda addaa keessatti bittina’anii turan bakka tokkoti gurmeessuu;

  • Ciicatoota, bu’aa battalaa fi milka’ina galmaa dhuunfaa fi walii-galaa maamiltootaa fi pirojektootaakennuu danda’an sakata’uu fi gamagamuu;

  • Yaa’insa hojii maapii sadarkaa ol-aanaa diriirsuun adeemsi hojii jalqabaa hanga dhumaa osoo addaan hin citin adeemuu fi bu’aa battalaa kennuu danda’uu isaanii gamagamuu fi mirkaneeffachuu;

  • Maamiltootaa fi fedhii maamilaa sakata’uu fi gamagamuu;

  • Hojiiwwan wal-fakkatanii fi maamilaaf bu’a qabeessumma qaban bakka tokkotti gurmeessuu;

Haaluma kanaan hojiileen ijoo lama akka filataman ta’anii jiru. Isaanis:-






  • Adeemsa Hojii Ijoo Ekisteenshinii fi Hirmannaa Uummataa



2. Qaawwa Adeemsa Hojii Hubachuu (Understanding Stage)

2.1. Hojiiwwaan Ijoo Bulchiinsa Iskiimoota Gurguddaa fi Jiddu Galeessaa




2.2 Hojiiwwan Oppireeshinii, Suphaa fi Hordoffi Faasilitti Iskimoota Jallisii





  • Bu’uurawwan Iskiimota jallisii gurguddaa, jiddugaleessaa fi jallisii xixiqqaa haala hammayyaatiin ijaaraman ni bulcha, haala gaariidhaan qabamanii itti fayyadamtootaaf tajajiila wal-irraa hin cinne akka kennan ni godha.

  • Karoora Hojii raabsa bishaanii fedhii fayyadamtootaa irratti hundaa’udhaan qopheessuu, raawwachuu, hordofuu fi too’achuu

  • Hojii suphaa, haroomsaa, Babal'isuu fi too’annaa bu’uurawwan iskiimota jallisii karoorsuu, raawwachuu, raawwachiisuu, hordofuu fi too’achuu

  • Hojii Qoraannoo fi Dizaayinii suphaa, fooyyeessuu fi babal'isuu iskiimota jallisii karoorsuun ni gaggeesu.

  • Suphaa, Haaromsuu fi Babal'isuu Iskiimotaa ni raawwata, ni raawwachiisa, hojiiwwan gaggeeffaman ni too'ata.

  • Karoora baajataa, hojii raawwachiiftuu damee isaatiif barbaachisu qopheessee haala barbaadameen hojii irra ooluu isaa ni hordofa.

  • Hojii deebisiisa baasii ijaarsa jallisiitiif (Investment Cost Recovery) baasiiwwan, oppireeshinii fi suphaa ni karoorsa, qaama dhimmi ilaalu waliin ta’uudhaan hirmaannaa uummataatiin ni raawwachiisa.

  • Dhimmamtoota, Waajjiraalee mootummaa sadarkaa godinaa fi aanaa akkasumas, waajjiraalee qooda fudhattoota biraa wajjiin qunnamtii gochuun qaamoleen kun hojiiwwan bulchiinsa iskiimotaa irratti akka qooda fudhataniif gahee akka gumaachan waltajjii adda addaa uumuudhaan ni hojjata.

  • Gabaasa raawwii hojii damee bulchiinsa iskiimotaa kan yeroo isaa eeggate waajjiraaf dhiyeessuu fi murtee manaajimantiin kennu hojii irra ni oolcha.


Fakkii-: Maappii Ol-aanaa Hojiilee Gurguddoo Bulchiinsaa Iskiimii Porojektoota Jallisii

- Fedhii Maamilaa/Karoora

- Iskimii/Pirojektii Ijaarsiisaa xumurame

Bulchiinsa iskimoota
Sakatta’iinsa iskiimotaa (oppireeshinii, suphaa, haaromsaa, babal'isuu, "cost recovery", O & M cost, fi kkf.) gaggeessuu

Gabaasa Xumuraa Qopheessuu.
Dookimantii Qorannoo fi Xiinxala Gadi Fageenyaan gaggeessuu

Dookimantii Qorannoo Suphaa, Babal’isuu, Haromsaa fi Hojii Oppireeshinii gaggessuu
Rakkoo Addaan Baasuu (problem identification) fi sadarkaan kaa'uu.


Yüklə 1,94 Mb.

Dostları ilə paylaş:
1   2   3   4   5   6   7   8   9   ...   27




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin