Abbaa taayitaa misooma jallisii oromiyaa dookimantii qorannoo "jbah" adeemsa hojiiwwan iskiimota gurguddoo fi jiddu galeessaa


Yaada Waaqoo Burqisiisuu (Brainstorming WHACKO Ideas)



Yüklə 1,94 Mb.
səhifə13/27
tarix12.01.2019
ölçüsü1,94 Mb.
#96460
1   ...   9   10   11   12   13   14   15   16   ...   27

3.3 Yaada Waaqoo Burqisiisuu (Brainstorming WHACKO Ideas)

Rakkoowwan maamilaa hiikuuf kaayyooleen aggaamii kaawwaman bira gahuuf, yadamootni jirani fi seerootni isaan faana walitti hidhaman haala armaan olitti ibsameen soba ta’anii erga caccabanii booda yaadni waaqoon (WHACKO IDEAS) akka kanaa gadiitti dhiyaateera.Yaada waaqoo burqisiisuuf miseensonni garee wanta itti dhagahaamu akkuma yaadin dhufefitti akka yaada kennan ta’eera. (brainstorming).




  • Iskiimota Jallisii Baajata mootummaa fi Deeggarsa dhaabbilee adda addaatiin bu’uurri misoomaa (infrastructure) ijaaraman, misooma isaa iraatti qaamolee adda addaa (Waldaa itti fayyadama bishaan jallisii investeroota, …) affeerudhaan bu’aa argatu irraa baasii ijaarsaa akka deebisu taasisuun, sakatta'iinsa iskiimotaa gaggeessuudhaan maallaqa argamu kanaan immoo pirojeektoota haraa akka babal'atu Qaama dhimmi ilallatu waliin hojjachuu

  • Qonnaan/Harsiisee bultoota, dargaggootaa fi dubartoota hojii bulchiinsa iskiimota Jallisii irratti Waldaan ijaaramanii baasii hojii suphaa iskiimotaatiif barbaachisu (opiration &maintenance cost recovery) akka deebisu taasisuun maallaqa argamu kanaan immoo iskiimota kana suphisiisuu, haarosuu fi haaraa babal'isuu.

  • Iskiimota Jallisii caccabanii fi miidhaman sakatta'iinsa isaa gaggeessudhaan,qorannoon akka gaggeefamu qaama ilaallatuuf dabarsuun..

  • Hojii Suphaa Paampii, Elektro makaanikaalaa fi Bu'uuraalee iskiimota jallisii Gurguddaa fi Jiddu galeessaa sadarkaa pirojektichaa irratti hoji dhabeeyyii ta'aniif (Dargaggootaa fi Dubartoota) walitti gurmaa'anii Leenjii fudhatanii, Liqii erga argatanii booda hojiitti galudhaan faayidaa itti fayyadamtootaa mirkaneessuu

  • Qonnaan bulaan misooma jallisii irrattii hirmaatee hundi teeknooloojii hamayyaa fayyadamuu qaba

  • Jallisii ilaalchisee teeknooloojii hara’aa jiru sakata’amuun qonnaan bulaan akka fayyadamu godhuu barbaachisaa dha.

  • Muuxannoowwan gaggaarii teeknooloojii hara’a irrattii jiran qindeessunn babal’isuu fi qonnan bulaan akka walirraa baratan gochuun barbaachisaa dha.

  • Fayyadamtoota jallisii hundi gurma’anii fedhii teeknooloojii fi ekisteenshinii isaanii akka dhiyeeffatan godhamuu qaba

  • Taajajillii deegersa ogummaa fi ekisteenshinii ittiifayyadamtootaf kennamu bifa ijaarameen ta’uu qaba

  • Tajaajillii eksiteenshinii kennamu yerroo yerron fi ittifufiinssa qabuun ta’uu qaba.

  • Qonnan bulaaf leenjii ogummaa gocha irrattii hunda’ee yeroo isaa eeggatee kennamuu qaba

  • Qonnan bulaan omishuun dura qaamaa bitu waliin waligaltee uumuu qaba ( sale before produce)

  • Qonnan bulaan odeeffannoo gabaa quubsaa fi yerroo isaa eeggate argachuu qaba

  • Hojiin paakejii ekisteenshinii jallisii hojii irraa akka ooluu hordoffiin cimaa fi walirraa hin cinnee godhamuun barbaachisa dha

3.4 Filannoowwan adeemsa hojii haaraa (Alternatives for the new works)

Gareen Qorannoo JBAH yeroo yaada maddisiisu filannoowwaan hedduun dhiyaatee ture. Haaluma kanaan, filannoowwaan adda addaa dhiyyaatan keessaa foyya’aa ta’anii kan argaman lama (2) cunfamanii akka armaan gadditti ta’aaniiru. Isaaniis:-


Filannoo 1ffaa
Filannoon kun Bulchiinsa iskiimota jallisii Gaaffii/rakkoo/Karoora dhiyaate irraa ka'ee iskiimota armaan dura wal-harkaa fuudhinsi isaa gaggeeffamee hojii keessa galanii fi iskiimota haaraa ijaarsi isaa xumurame wal-harkaa fuudhinsa isaa gaggeessuun, hojiiwwaan oppireeshinii, suphaa fi hordoffii faasiliitii jallisii fi ekisteenshinii misooma jallisii, humna Hirmaana Uummataatiin, ATMJO fi humna konsaltaantiin gaggeessuun fayyuummaan iskiimii eegamee maamila bishaan gahaa argate eksteenshinii misooma jallisii hirmaana uummataan gaggeefamee arguudha.
Fakkii-: Yaa'insa Hojii Filannoo 1ffaa

-Gaaffii/Karoora

Sakatta'iinsa iskiimota jallisii Xumurame

- Iskiimota armaan dura wal-harkaa fuudhinsi isaa gaggeeffamee hojii keessa galan itti fufsiisuu

- Wal-harkaa fuudhinsa iskiimotaa haaraa gaggeessuu

-Hojii oppireeshinii,"Cost Recovery "sakatta'iinsaa fi Inventarii iskiimotaa, Bulchiinsa Bishaan jallisii gaggeessuu fi kkf.
-Iskiimii Fayyuummaan isaa eegamee argame.


Filannoo 2ffaa

Filannoon kun Bulchiinsa iskiimota jallisii Gaaffii/rakkoo/Karoora dhiyaate irraa ka'ee iskiimota armaan dura wal-harkaa fuudhinsi isaa gaggeeffamee hojii keessa galanii fi iskiimota haaraa ijaarsi isaa xumurame wal-harkaa fuudhinsa isaa gaggeessuun,hojii sakatta'iinsa iskiimotaa,oppireeshinii,"cost recovery"inventarii iskiimota jallisii fi Bulchiinsa bishaani (Maanaajimantii Bishaanii) Humna Konsaltaantitiin Maamila bishaan gahaa argate fi Iskiimii Fayyuummaan isaa eegamee argamearguudha


Fakkii--iskiimota armaan dura wal-harkaa fuudhinsi isaa gaggeeffamee hojii keessa galan itti fufsiisuu ,

- Wal-harkaa fuudhinsa iskiimota haaraa gaggeessuu

-

Iskiimii Fayyuummaan isaa eegamee argame.
Hojii sakatta'iinsa Bu'uuraalee iskiimota jallisii , oppireeshinii,"Cost

Recovery"Qorannoo(suphaa,haaromsuu,Babal'isuu) fi Bulchiinsa Bishaan jallisii gaggeessuu fi kkf

Gaaffii/Karoora

Ijaarsa Jallisii Xumuramee

: Yaa'insa hojii Filannoo 2ffaa




3.5 Ga’uumsa filannoowwan dhiyaatan sakatta’uu/madaalu

Filannoowwan lamaan (2) armaan olitti dhiyaatan keessaa kan fooyyee qabu filachuuf akkasumas, gaaffiiwwan tajaajilamtoota irraa ka’aniif deebii ni kennu jedhamanii filataman xiinxaluun barbaachisaa dha.


Haaluma kanaan, Qorannoo Jijjiirama Bu’uraa Adeemsa Hojii (BPR) Adeemsa Hojii Ijoo Bulchiinsa Iskiimota Jallisii’’ irratti gaggeeffamuuf filannoowwan adeemsa hojii haarawaa kaa’aman keessaa filachuudhaan hojii irra oolchuuf ga’uumsa qabaachuun isaanii qabxiilee armaan gadii irratti hundaa’udhaan sakatta’amanii jiru. isaanis:-

  1. Filannoowwan kun maandeetii mana hojiichaa faana waliitti dhufeenya qabaachuu isaa;

  2. Filannoowwan dhiyaatan dhimmoota maamiltoota fi qooda fudhattoota ilaaluu isaanii;

  3. Filannoowwan dhiyaatan baasiiwaan adda adaa xiqqeessuu isaanii;

  4. Filannowwan dhiyaatan bu’aa dabaluu isaanii;

    • Maamiltoota adda duree gochuu irratti,

    • Isteeppiwan gabaabsuu irratti,

    • Carraa tuutaan hojjechuu hagam akka mijeesan,

    • Itti gaafatamummaa fudhachuu irratti hangam akka xiyyeefannaa akka qaban gadi fageenyaan ilaalamaniiru

  1. Iftoominaa fi itti gaafatamummaa waliin hangam wal-ta’iinsa akka qaban;

    • Waliin hojjechuu irratti,

    • Itti gaafatamaa dhimma maamilaa (generalist) ramadu irratti,

    • Maamiltoota adda duree taasisuu irratti,

    • Tajaajila qulqulluu kennuu dandeessisuu irratti,

    • Itti quufinsa maamilaa mirkaneessuu irratti,

  1. Tajaajilawwan qaamni mootummaa biroo kennu faana hagam akka qindaa’an

  2. Hojiin yemmu hojjatamu irra deddeebii irraa hagam akka bilisa ta’e,

  3. Maamilli iddoo tokko duwwaa irraa tajaajila akka argatu dandeessisuu irratti,

  4. Seecoota (in put) fi bu’aa dhumaa walii kennanii wali irraa fudhachuu keessati filannoowwan dhiyaatan akka ga’uumsa qaban gareen JBAH gadi fageenyaan xiinxalee filannoowwan dhiyaatan sadarkaan teechiseera.

Gabatee-: Ga'umsa filannoowwanii sakatta'uu / madaaluu (Fitness assessment of alternatives)



La

Ulaagalee filannoo

Filannoo

1ffaa

2ffaa

1

Deebii quubsaa maamilaaf inni kennu yemmuu ilaalamu,

Odeeffannoo gahaa fi qulqullina qabu qaama barbaaduuf yeroo gabaabaa keessatti ni kenna.
Sadarkaa hojiin irra jiru dafanii beekuun ni danda’ama

Odeeffannoo gahaa ta’e yeroo gabaabaa keessatti ni argamaa,
Sadarkaa hojiin irra jiru beekuun ni dandeesisaa

2

Maandeetii mana hojichaa waliin yammuu ilaalamu,


Iskiimota fayyummaan isaanii eegame, Bishaan Jallisii gahaa fi itti fuufinsaa qabu dhiyeessuun maandeetii ATMJO tti.

Maandeetii ATMJO fi hirmaannaa Uummataa waliin kalattidhaan ni deemaa

3

Hojjetaa Aangessuu waliin yeroo ilaalamu,

Hojjetaa aangessuudhaan hojii karoorfamee qulqullina fi yeroo raawwachisuu ni dandeessisa

Hojjetaa aangessuudhaan hojii karoorfamee qulqullina fi yeroo raawwachisuu ni dandeesisaa

4

Ga'umsaa bu'a dabalataa kennuf qabu

Dandeettii raawwachisummaa ATMJO ni dabala

Dandeettii raawwachisummaa ATMJO ni dabalaa

5

Irra deddeebii irraa bilisaa ta'uu isaa


-Hojiin karoorfame yeroo gabaabaa keessattii fi bakka tokkootti ni xumurama

-Hojiin karoorfamee yeroo gabaabaa keessatti haala qindominaan seektara kan biraa waliin ni xummurama

6

Walitti dhufeenyaa qajeelfama naamusaa (Iftoominaa fi ittigaafatamummaa) waliin inni qabu,

Ogeessonni haala team charteerii irra taa’een waan hojjataniif iftoominaa fi itti gaafatamummaa qabu, akkasumas, hordoffi fi to’annoo waan jiruuf iftoominaa qaba.

Ogeessonni haala charteerii irra taa’een waan hojjataniif iftoomina fi itti gaafatamummaa qabu.

7

Baasii xiqqeessuu

Mana hojii baasii xiqqaadhaan hojii isaa ni raawwata.

- Mana hojichaa baasii adda addaa dabalchisuu ni danda’a

8

Yeroo gabaabaa keessatti xumuramuu,

- Yeroo gabaabaa keessatti ni xumurama

- Yeroo dheeraa ni fudhata

9

Walitti dhufeenyaa fi qindoomina quunnamtii alaa fi keessaa (Interfaces) waliin qabu

- Qaama alaa fi keessa wajjin quunnamtii cimaa qaba.

- Qaama keessaa fi Qaama alaa wajjin quunnamtii qabu.



3.5.1 Adeemsa Hojii Fooyya’aa Filachuu (Selection of the Best Alternative)


Maamilootaa fi dhimmamtootaaf odeeffannoo ga’haa fi qulqullina qabu kennuudhaan jijjiirama barbaadamu fiduuf filannoowwan jijjiirrama adeemsa hojii fiduuf baay'ee ni gargaaru jedhamanii itti amaname lama (2) armaan olitti ibsamanii jiru. Haa ta'u malee, adeemsonni hojii haaraa kun hojii irra ooluu kan danda'an filannoowwan dhiyaatan keessaa filannoo fooyya'aa ta'e, rakkoo fi gufuu quunnamuu danda'u kamiyyuu gahumsaan keessa darbuu kan dandeessisu filannoo tokko qofaa dha.

Haaluma kanaan, filannoo bu'aa irratti xiyyeeffate kana filachuuf uulaagaaleen itti gargaaraman akka armaan gadiitti taa'anii jiru.



Filannoowwan dhiyaatan keessaa tokko filachuuf,

  • Deebii quubsaa maamilaaf inni kennu yemmuu ilaalamu,

  • Maandeetii mana hojichaa waliin yemmuu ilaalamu,

  • Hojjetaa Aangessuu waliin yeroo ilaalamu,

  • Ga'uumsa bu'a dabalataa kennuuf qabu,

  • Irra deddeebii irraa bilisa ta'uu isaa

  • Walitti dhufeenya qajeelfama naamusaa (Iftoominaa fi itti gaafatamummaa) waliin inni qabu,

  • Baasii xiqqeessuu

  • yeroo gabaabaa keessatti xumuramuu,

  • Walitti dhufeenya fi qindoomina quunnamtii alaa fi keessaa (Interfaces) waliin qabu

Qabxiilee jedhamaniif duraan dursamee ulaagaalee tokko tokkootiif dhibba keessaa (100%) qabxiin erga kennameen booda, yaada gabatee armaan olii keessa taa'een miseensotni garee qabxiilee ulaagaalee tokko tokkootiif kenname keessaa haala isaanitti mul'ateen filannoowwan tokko tokkootiif qabxii erga kennanii booda qabxiiwwan kun ida'amanii jiddu-galeessa (average) qabxiiwwanii filannoowwaniif kennamee jira. Haaluma kanaan, filannoowwan adeemsa hojii kaa’aman tokko-tokkoon sirriitti madaaludhaan, filannoowwan lama (2) dhiyaatan keessaa filannoon baay’ee fooyya'aa ta'e haala armaan gaditti ibsameen filatameera.

Gabatee-: Maatirksii Filannoo (selection matrix)

Miseensota

Qabxii

F1

F2

Miseensa - 1

100

85

76

Miseensa - 2

100

88

82

Miseensa - 3

100

81

88

Miseensa - 4

100

87

85

Miseensa - 5

100

92

84

Miseensa - 6

100

90

76

Jiddu galessa

600

87.16

82

Sadarkaa




1ffaa

2ffaa

Qabxiilee filannoo kaa’aman irratti hundaa’udhaan filannoowwan Lama (2) olitti dhiyaatan keessaa filannoo tokkoffaa qabxii ol'aanaa (87.16%) argatee, 1ffaa ta’uudhaan filatameera



Yüklə 1,94 Mb.

Dostları ilə paylaş:
1   ...   9   10   11   12   13   14   15   16   ...   27




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin