Abbaan Taayitichaa Aangoo fi hojii armaan gadii ni qabaata:-
Imaammata, tarsiimoowwan, danbii fi qajeelfama hojii abbaa taayitichaa ilaalan qopheessuudhaan mootummaaf ni dhiyeessa yoo eyyamame hojii irra ni oolcha.
Qorannoo, dizaayinii, ijaarsaa fi bulchiinsa iskiimota jallisii kamiiyyuu (jallisii aadaa, jallisii hammayyaa, jallisii xixiqqaa jallisii Jiddugaleessaa fi jallisii gurguddaa) ni raawwata, ni raawwachiisa.
Jallisii Jiddugaleessaa fi gurguddaa (medium &large scale irrigation) ijaarsi isaanii xumuraman hanga uummanni (ittifayyadamtoonni) of danda’anitti guutumaa guututti ni bulcha, ni hordofa, hojii teekinikaa barbaachisaa ta’e ni raawwata, suphaa humna Qo/Horsiisee bulaatii ol ta’e ni raawwata, ni raawwachiisa, gaafa ittifayyadamtoonni of danda’an dabarsee ni kenna.
Bu’a qabeessummaa iskiimota jallisii guddisuuf fayyadamtoonni hubannoo baasii kunuunsaa fi bulchiinsaa qabaatanii ,suphaa adda addaatiif qarshii akka qusatan ni gorsa, ni hordofa akkasumas, deeggarsa barbaachisaa ni kenna.
Hojii qoorsa lafaa naannicha keessatti iddoo barbaachisaa ta’etti ni hojjata
Hojii bishaan cimmisuu misooma jallisiif oolu (water harvesting for irrigation) irratti ni hojjata
Qaamota ilaalu wajjiin qindaa’udhaan rakkoolee naannoo misooma jallisii fi qoorsa lafaa akkasumas, teeknooloojii jallisii irratti qo’annoo ni gaggeessa, ni qindeessa, bu’aa qo’annoo fi teeknooloojiwwan fooyya’an naannicha keessatti ni babal’isa, iddoo hojjatanii itti agarsiisan (demonstration site) ni qopheessa.
Jallisii maayikiroo fi Jallisii Bonee uummataan akka hojjataman abbummaadhaan ni hordofa ni deeggara, ni jajjabeessa.
Qaamota guddinaa fi itti fufiinsa misooma Jallisiif bu’aa buusuu danda’an waliin ni hojjeta.
Fandii arjoomtota irraa misooma jallisiitiif gargaarsaan ykn liqiidhaan argamu dhimma barbaadamaniif ooluu isaa ni hordofa, ni bulcha, raawwii isaatis qaama ilaallatuuf ni gabaasa.
Jallisiiwwan xixiqqaa ijaarsi isaanii xumurame ittifayyadamtootaatti dabarsee kennuudhaan, deeggarsa teeknikaa ni kenna, ni hordofa, suphaa humna qotee bulaa ol ta’e ni raawwata, ni raawwachiisa.
Baasii ijaarsa pirojeektii Jallisiif bahe itti fayyadamtootaan akka bakka bu’u ni taasisa; Mootummaa hayyamsiisee pirojaktii Jalisii birootiif ni oolcha, kaffaltii tajaajila adda addaa fi suphaa ni sassaaba, deebisee hojirra ni oolcha.
Teeknoloojiwwan misooma qonnaa Jallisii saffisiisuu danda’an ni filata, teeknoloojiiwwan dhiyaatan irratti qulqullina isaanii ilaalchisee qaama dhimmi ilaalu waliin ni hojjeta.
Hojii ekisteenshinii, tajaajila gorsaa qonna misooma jallisii ni babal’isa, qooda fudhattoota waliin bal’innaan ni hojjata.
Hojiilee muuxannoo gaarii misooma Jallisii sadarkaa hundatti raawwataman addaan baasudhaan galmeessuu fi babal’isuu irratti ni hojjeta.
Hirmaannaa uummataa misooma Jallisii irratti jiru ni jajjabeessa.
Waldaalee ittifayyadamtoota Bishaan Jallisii ni gurmeessa, ni leenjisa, seera ittiin bulmaataa akka qopheeffatan ni gargaara, ni hordofa, akkasumas, qaama seerummaa akka argatan qaama dhimmi ilaalu waliin ni hojjeta.
Dubartoonni fi dargaggoonni hojii Misooma Jallisii keessatti qooda fudhattootaa fi fayyadamtoota akka ta’an ni hojjeta; haala ni mijeessa.
Qaamota misooma Jallisii irratti bobba’aniif hordoffii fi deeggarsa ogummaa barbaachisu ni kenna.
Uwwisa misooma Jallisii fi qoorsa lafaa guddisuudhaaf akka danda’amu maddi baajataa karaa ittiin argamuu danda’u tooftaa adda addaa fayyadamuudhaan ni barbaada.
Hojii misooma Jallisii fi qoorsa lafaa sadarkaa kamuu irratti hojjetaman bu’aa fi rakkoo isaa ni xiinxala.
Galteewwan gosa adda addaa Oomishaa fi Oomishtummaa qonnaa misooma Jallisii guddisuuf gargaaran akka dhiyaatu qamaa dhimmi ilaaluu wajjiin ni hojjeta.
Itiifayyadamtoonni misooma Jallisii liqii akka argatan qaama dhimmi ilaalu wajjiin ta’uudhaan haala ni mijeessa; ni hordofa.
Weerertootaa fi ilbiisonni adda addaa farra biqiltuu fi Oomisha qonna Jallisii kan ta’an Oomisha irratti miidhaa akka hin geessifne qaama dhimmi ilaalu waliin ni hojjeta.
Dandeettii raawwachiisummaa ogeessota Misooma jallisii, fi itti fayyadamtoota Jallisii guddisuuf leenjiwwan adda addaa fi meeshalee humna namaatiif barbaachisu ni guuta, haala ni mijeessa, ni kenna, bu’aa isaas ni hordofa .
Qabeenya ni horata; waliigaltee ni seena, ni himata,ni himatama.
1.2.1 Xiinxala Haala Waliigalaa Aangoo fi Gahee Hojii
Xiinxalli kun haala waliigala hojiilee daangaa Aangoo ATMJO kennaman kan argisiisuu yoo ta’u, xiinxallii kunis, seeroota, danbiilee fi qajeelfamootaan walqabatee haala of keessatti hammateen gadifageenyaan akka armaan gadiitti xinxalamee jira.