Adabbiin Tarkaanfii seeraa namootaa gochaa yakkaa jedhamee seera yakkaa



Yüklə 1,15 Mb.
Pdf görüntüsü
səhifə1/159
tarix07.04.2022
ölçüsü1,15 Mb.
#115176
  1   2   3   4   5   6   7   8   9   ...   159
4 5960564083064309858 (1)




 
 
 
 
 
 
 
 
 
 
 
 
 
 
 
 
 
 
 
 
 
 
 
 
 
 
 
 


seensaa 
Adabbiin  Tarkaanfii  seeraa  namootaa  gochaa  yakkaa  jedhamee  seera  yakkaa 
keessa  jiru  raawwatan  irratti  fudhatamuu  dha(murtaa'u  dha).  Adabbiin  kan 
murtaa'uu  sababiin  yakkii  wal  fakkataan  gara  fuulduraa  akka  hin  raawwatamne 
ittisuuf  namn9 yakka raawwate jedhamee sunis amala isaa akka sirreeffatuu fi dha.  
 
Murtiin  adabbii  yeroo  baay'ee  adabbichi  akka  malee  baay'ateera  ykn 
xinnaateerajedhamee qeequuf kan saaxilame dha. yeroo baay'ee yaadni ykn qeeqni 
akkanaa  kan  ka'u  adabbii  sirri  ta'e  kennuu  dhabuu  ykn  sababaa  gahaa  malee 
yakkamtootaa  yakka  wal-fakkaatuu  raawwatan  adabbii  wal-fakkataa  argachuu 
qaban jidduutti murtiin adabbii gargar ta'e murta'uu isaatiin dha. kunis sirni haqaa 
biyyittii amantaa akka dhabu kan godhu dha.  
Rakkoowwaan  akka  kanaa  maqsuufis  bu'uura  seera  yakkaa  bara  1996  ,keewwata 
88(4)tiin  manni  murtii  Waliigalaa  Federalaa  qajeelfamaa  adabbii  yeroo  jalqabaaf 
baaseera. 
 
Qajeelfamni  adabbii  amma  bahe  kun  rakkoolee  tokko  tokko  hambiseera. 
Qajeelfama adabbii yeroo jalqabaaf biyyaa keenyaatti bahe qaawwaa seerri yakkaa 
keenyaa  qabu  hanga  ta'e  dhiphisuun  rakkini  jiru  akka  hir'atu  ykn  dhabamuu 
danda'u gochuuf gahee guddaa taphatee jira. 
Bu'urumaa  kanaan  qajeelfamni  2/2006  kun  yakkoota  murasaa  fi  yeroo  hedduu 
biyyaa keenyaa keessatti raawwatamaaniif  sadarkaa fi gulantaa ifa ta'e baaseera. 
Haata'u malee gochaawwaan seera yakkaa keenyaa jalaatti ibsamaan hedduu waan 
ta'eef  bu'uruma  qajeelfamaa  adabbii  2/2006  kew.19tiin  yakkoota  sadarkaa  fi 
gulantaan  hin  baaneef  manni  murtiis  ta'ee  Abbaan  Alangaa  sadarkaa  fi  gulantaa 
baasuu fi danda'an ifaan ibseera ykn tumeera. 
 
Kaayyoon  barreeffamaa  kanaas  Godina  keenaa  keessatti  hojiin  Abbootrii 
Alangaatti  waan  baay'atuuf  hojii  si'aayinaa  fi  qulqullina  qabu  hojjechuuf  Abbaan 
Alangaa  kamiyyuu  waayita  dhaddacha  seenu  qajeelfamaa  adabbii  kana  haala 
salphaan  fudhatee  akka  seenuuf  akkataa  qajeelfamaa  adabbii  2/2006  kew.19tiin 
yakkoota  yeroo  hedduu  Godina  keenyaa  keessatti  raawwataman  sadarkaa  fi 
gulantaan hin baaneef akka ba'ee waajjira keessa taa'uuf qopheessuun barbaachisaa 
ta'ee 
argameera.


 

 
 
 

Yüklə 1,15 Mb.

Dostları ilə paylaş:
  1   2   3   4   5   6   7   8   9   ...   159




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin