Biiroo Dhimma Dargaggootaa fi Ispoortii Oromiyaatti Safartulee Raawwii fi mannii Galmoota Tarsiimo’aa



Yüklə 1,28 Mb.
səhifə1/14
tarix07.01.2019
ölçüsü1,28 Mb.
#90999
  1   2   3   4   5   6   7   8   9   ...   14



Biiroo Dhimma Dargaggootaa fi Ispoortii Oromiyaatti

Safartulee Raawwii fi mannii Galmoota Tarsiimo’aa

( Corporate Performance Measures & Targets)

/Bara 2008-2012/

Bara 2007

Adaamaa

QabiyyeeSafartulee Raawwii fi mannii Galmoota Tarsiimo’aaBDhDIO bara 2008-2012

Mata duree Fuula

Kutaa-1- Haala Walii-galaa Qorannichaa 3

    1. Seensa 3

    2. Kaayyoo fi BarbaachisummaaQorannichaa 4

    3. Daangaa Qorannichaa 4

    4. Tooftaa fi gurma’insa Qorannichaa 5

    5. Ka’umsa Qorannichaa 5

      1. JBAH Irradeebiin qoratame akka ka’umsaati 5

      2. Xumura Raawwii KGT fi SMBKT bara 2003-2007 6

      3. Gamaagama Raawwii karoora Misooma /GTP/ 2003—2007/ 6-15

KUTAA 2. :-Toftaa Ijaarsa Qorannoo SMBKT /Building the balanced score card system/

    1. Xiinxala Haala Waliigala Mana hojii 15

      1. Xiinxala Ergamaa ,Mul’ata fi Dudhaalee mana Hojiichaa 16

      2. Xiinxala Angoo fi gahee hojii 16-23

      3. Haala Humnoota Misooma 23

      4. Xiinxala Maamiltootaa fi Dhimmamtootaa 23

        1. Gabatee Maamiltootaa fi Dhimmamtootaa 23

        2. Xinxaala fedhii Tajaajilmtootaa ( CUSTOMER Need Asseessement) 24-30

    2. Sakkata’iinsa Haalawwan keessaa fi alaa mana hojii 31

      1. sakkata’iinsa Haala keessaa 31-32

      2. sakkata’iinsa Haala alaa 32-33

    3. Dandeesitootaa fi hudhaalee /pains & enablers/ 34-36

    4. Toora xiyyeefannoo tarsiimoo’aa fi Bu’aa / strategic themes & results/ 37

      1. Ibsa Toorawwan xiyyeeffannoo Tarsiimoo’aa 37-39

      2. Bu’aawwan Tarsiimoo’aa Toorawwan Tarsiimoo 40

    5. Galmoota Tarsiimoo’aa /strategic objectives/ 41

      1. Ibsa Galmoota Tarsiimo’aa 41-55

    6. Maappii walitti hidhaminsa Galmoota tarsiimoo’aa 56-57

    7. Safartulee raawwii fi manniiwwan (Performance Measurment and Targets) 58

    8. Karooraa Tarsiimoo SMBKT BDHDIO(Corporate Score Card) bara 2008-2012 59-61

    9. Gabatee Qoqqodinsa Galmootaa Tarsiimoo Waliigalaa BDhDIO bara 2008-2012 62

      1. Ibsa Ragaalee Galmoota Waliigalaa (Data Definition) 63-69

    10. Tarkaanfilee Tarsiimoo’aa / strategic initiatives/ 70

KUTAA 3. Hojii irra Oolmaa Qorannichaa

3.1. Sirna ragaa raawwii Diriirsuu /Automation/ 71-72

3.2. Qoodinsa karoora tarsiimoo /cascading/ 73-75

Kutaa.4. Sirna Hordoffii,Deggarsaa,GamaagamaaGabaasaafi Duub-deebii 76-77

Kutaa-1- Haala Walii-galaa

    1. Seensa

  • Kaayyoon hundeeffama manneen hojii Mootummaa inni guddaan faayidaa lammii fi misooma bu’aan isaa itti fufiinsa qabu argamsiisuu yoo tahu “Raawwiin hojii gaarii immoo argamuu kan danda’u gurmaa’insa adeemsa hojii bu’a qabeessa ta’e , raawwatoota gahumsa qabanii fi naannoo hojii mija’aa ta’uu isaa’’ barreeffamootni hooggansa jijjiramaa irraatti dhiyaatan bal’inaan kan ibsanidha.

  • Bu’uura kanaan baroota darban keessa sadarkaa biyyaa fi naannootti manneen hojii mootummaa raawwii bu’a irratti xiyyeeffateen madaalamuu fi milkaa’ina galmeessisu akka danda’aniif hojimaata moofaa sirna hoggansa duubatti hafaa irratti hundaa’ee turee kan jijjiiran Sagantaaawwan Fooyya’insa Sivil Sarvisii garaa garaa fedhii uummataa guutanii fi bu’aa dabalan qorachuun hojiirra oolchaa turuun isaanii ni yaadatama.

  • Manneen Hojii Mootummaa naannoo keenyaa sagantaawwan kana haala qabatamaa isaaniin qorachuun ittiin hojjechaa turan keessaa Biiroon Dhimma Dargaggootaa fi Ispoortii Oromiyaa isa tokkodha. Biiroon kun qaama raawwachiiftuu mootummaa tahee labsii manneen hojii irra deebi’anii gurmeessuu lakk 163/2003tiin aangoo fi itti gafatamummaa mataa isaa qabatee kan hundaa’e yoo tahu,hundeeffama isaa irraa jalqabee jijjiramoota akka biyyaa fi naannootti hojiirraa oolaa turan kan oolchaa turee fi hojiirraa oolchaa jiru dha. Keessattuu bara tarsiimoo 2003-2007 keessatti adeemsa sirna guutuu ta’e bu’aa irratti xiyyeeffatee, waliitti dhufiinsa fi qindoomina hoggansa raawwii haala foyya’aa fi ittifufiinsa qabuun galma mana hojiichaa dhuggomsuuf fayyadu, tarsiimoo mana hojiichaa ifatti mul’isuun gara hojii qabatamatti kan jijjiruu, fi meeshaa kenna tajaajilaa irratti kan xiyyeeffatee fi yeroo dhihoo keessa irra deebiin(re-calibration) qoratamee akka hojiirra oolu ta’e Jijjiirama Bu’uura Adeemsa Hojii (BPR) akka fakkeenyaatti kaasuun ni danda’ama.

  • Barri kun immoo yeroo itti tarsiimoowwan baroota darban keessa qorachuun hojiirraa oolchaa turree itti xumuramuu fi bara qophiin tarsiimoon waggoota shanan dhufanii itti bocamu waan ta’eef kanneen kanaan dura hojiirra oolchaa turre bu’uura godhachuun akkaataa itti yeroo itti aanu keessatti hojiirra oolmaa imaammataa dargaggootaa fi imaammata ispoortii milkaa’aa taasisuu dandeenyuun Sirna Madaallii Bu’aa Karoora Tarsiimoo bara 2008-2012 bocuun hojiirra oolchuun murteessaadha.

  • Haaluma kanaan Sirni Madaallii Bu’aa Karoora Tarsiimoo Biiroo Dhimma Dargaggootaa fi Ispoortii Oromiyaa baroota shanan dhufaniif hojiirra oolu qoratamee akka armaan gadiitti qabiyyee addaa addaa of keessatti hammachuun akka armaan gadiitti dhiyaateera.



    1. Kaayyoo fi BarbaachisummaaQorannichaa

1.2.1. Kaayyoo:

Waggoota Shanan dhufanitti dhimmoota tarsiimoo’aa ta’an akkaataa imaammataa fi tarsiimoowwan akkasumas paakeejjiiwwan qabatamaan hojiirraa oolchuun danda’amuutti karoorsuun qaamota raawwatanii fi raawwachiisan hundi akkaataa irratti hubannoo gahaa fi walfakkaataa qabatanii hojii isaanii guyyaa guyyaa taasifachuun raawwachuu akka danda’an gochuu fi galmoota tarsiimichaa keessatti qabaman qaama raawwattoota hundaaf qooduu fi raawwattotnis galma gahuu karoora mana hojiitiif gahee isaan irraa eeggamuu haala itti bahan bahachuu danda’an agarsiisuufidha.



1.2.2. Barbaachisummaa

  • Imaammataa, Tarsiimmoo fi Paakeejiiwwan Mana Hojichaa abbootiin adeemsa hojii karoora tarsiimoo mana hojichaa gara gochoota gareetti (team actions) akka hiikan dandeessisuuf

  • Imaammataa fi paakeejii guddina Dargaggootaa fi Tarsiimoo Misooma Ispoortii haala Karoora Guddinaa fi Transformeeshinii waggaa shanii (2008-2012) giddu galeessa godhateen itti fufiinsaan hojii irra oolchuuf:

  • Sirna Madaallii Bu’aa Karoora Tarsiimoo sadarkaa Biiroo irraa eegalee hanga caasaalee sadarkaan jiranitti diriirsuuf;

  • Tarsiimoo mana hojichaa gara adeemsaalee, garee fi caasaalee tti gadi buusuun tokkoon tokkoo qaama rawwatootaa sadarkaa garaa garaa irratti argamanii ilaalcha tarsiimo’aa akka qabaatan taasisuu fi galma ga’iinsa ergamaa fi mul’ata biirichaaf akka gumaachan taasisuu;

  • Sirna bu’aa raawwii tarsiimo’aa madaaluu danda’u kan mootummaan qopheesu giddu galeessaa godhachuun kan biirichaas qopheessuun hojii irra oolchuu fi kkf

  • Galmoota hiixataa(streched objectives) JBAH kessattis ta’e akkaataa itti madaalamuu fi safaramuu danda’anii akka hojiirra oolanii fi gara hojilee guyyaa guyyaadhaan facaatiin raawwatamaniitti jijjiiruuf,

  • Sirna madaallii raawwii milkaa’ina galmoota bu’aa irratti xiyyeeffatan waliin wal-qabsiisuun jijjiirama aadaa hojii fi hojimaataa deeggaruuf

  • Hojimaatni Onnachiiftuu fi tti gaafatamuummaa raawwii galmaa’ee fi bu’aa waliin wal-qabsiisuun akka diriiru taasisuuf

1.3. Daangaa Qorannichaa (Scope of the Study)

  • Qophiin qorannoo dokumantii Sirna Madaallii Bu’aa Karoora Tarsiimoo (SMBKT) Biiroo Dhimma Dargaggootaa Ispoortii Oromiyaa (Balanced Scorecard) baroota tarsiimoo shanan dhufan 2008-2012tti hojiiwwan waliigalaan daragggootaa fi ispoortii hojjetaman ilaalchisuun sadarkaa naannoo irraa kaasee hanga gandaatti raawwaaman kan hammate ta’ee caasaalee sadarkaa sadarkaan jiran godina/magaalaa 30 fi Aanaa 309 akkasumas dhaabbileen leenjii 2 qorannoo kana bu'uura godhachuun akkaataa walitti hidhiinsa qabuun ergama, mul’ataa fi kaayyoolee tarsiimoo mana hojichaa irraa qooddatanii fudhachuun kan qopheeffatanii fi hojiirra oolchan ni ta’a.

1.4. Tooftaa Gurmaa’insa Qorannichaa.

  • Hammataalee Hojimaataa (Imaammata,Paakeejii, taarsiimoo seeraa, labsii, dambiiwwaanii fi piroojaktoota) manni hojichaa raawwatuu fi raawwachiisu sakatta’uun

  • Ragaa fi odeeffannoowwan bu’uraa mana hojichaa walitti qabuu fi gurmeessuun akka ka’umsaa(baseline) yookiin galteetti(input) fudhachuufi itti fayyadamuun.

  • Karoora Tarsiimoo Bara itti aanu keessa akka biyyaa fi naannootti hojiirraa oolu akkaataa giddugaleessa godhatee fi gahee waliigalaan mana hojichaa irraa eegamuu karaa guutuu akkaataa ta’een bahuuf isaa dandeessisuutti fudhachuun

  • Galmoota Baroota tarsiimoo darban keessatti mana hojichaatiin hojiirra oolaa turan adda baasuun kallattii fi bifa ittiin bara tarsiimoo itti aanu keessatti ifuu danda’an xinxaaluun

  • Dhimmoota baroota darban keessatti akka ciminaatti bahanii mul’atan bifa daran itti bu’a qabeessummaan isaanii yeroo itti aanuutti mul’achuu danda’uu fi hanqinaaleen turanis karaa ittiin maqfamuu danda’aniif tooftaan akka bocamuu taasisuun.

  • Fedhii guddinaa fi jijjiramaa dargaggootni naannoo keenyaa qabanii fi hawaasni naannichaa misooma ispoortii irratti qabu karaa deebisuu danda’uun qorannicha akka gurmaa’uu gochuun

  • Adeemsa Qophii Karoorichaa keessatti qaamolee addaa addaa waliin walitti dhufeenyaan hojjechuu,waltajjii maree addaa addaa mijeessuu,odeeffannoo fi ragaa, duubdeebii fudhachaa deemuun

  • Sakatta’insa ,qorannoo fi qo’annoowwan dargaggootaa akkasumas ispoortii irratti gaggeeffaman addaa baasuun itti fayyadamuu

  • Odeeffannoowwanii fi bareeffamoota dabalataa hojiiwwan tarsiimoo dargagootas ta’ee ispoortii irraatti hojjetamuu qaban madda garaa garaa irraa sakatta’uu fi akka galteetti fudhachuun

  • Kaayyoolee,safartuuwwanii fi maniiwwan akkasumas tarkaanfilee tarsiimo’aa adda bahanii tarsiimoo mana hojichaa keessatti akka hammataman ta’ee irratti qaamolee gahee qabanii fi hooggansaa mana hojichaa sadarkaan jiran waliin akka irratti mari’atamuu fi waliigaltee irra gahamuu fi hojiirra akka oolan taasisuun.

1.5. Ka’umsa Qorannichaa

1.5.1. JBAH Irra Deebiin Qoratame akka Ka’umaatti

  • Biiroon Dhimma Dargaggootaa fi Ispoortii Oromiyaa Rifoormoota Sivil Sarvisii akka biyyaa fi naannootti qoratamuun akka hojiirra oolan taasifaman yeroo garaa garaatti qorachuun hojiirra oolchaa turuun isaa ni beekama. Hojiirra oolmaa Sagantaalee Jijjirama Sivilsarvisii kanas daran milkaa’aa fi bu’a qabeessa taasisuufis yeroo yerootti haala raawwii isaanii hordofuu fi xinxaale adda baasuun iddoon hanqinni mul’atee fi fooyya’insi barbaachisutti irraa deebiin qorachuun(re calibration) gochuun karaa galma mana hojichaa fi mul’ata manni hojichaa qabatee fiixaan baasuun danda’amuun akka hojiirra oolan taasisa jira.

  • Jalqaba bara kanaa irrattis Jijjiirama Bu’uura Adeemsa Hojii(JBAH) irra deebiin gadi fageenyaa fi bilchinaan kan qoratee fi yeroo ammaa kana akka hojiirra oolu kan taasisee yoo ta’uu qorana bu’uura adeemsa Hojii kana irratti hundaa’uun Adeemsaalee Hojii Mana Hojichaa Keessatti irra deebi’anii gurmaa’aniif qabxiilee madaallii tarsiimoo’aa(Iskoorkaardii) akka haaraatti qopheessuun waan murteessaa ta’eef galmoota waliigalaa mana hojichaa qopheessuun tokko tokkoo adeemsaaleetiif akka gadi bu’u yookaan hiramee kennamu(Cascaded) gochuun barbaachisaadha.

1.5.2. Xumura Raawwii KGT fi SMBKT bara 2003-2007

  • Manni hojii keenya ergamaa isaa kennamee fi mul’ata qabate akkaataa milkeessuu danda’uun baroota darban keessa sagantawwaanii fi tarsiimoowwan karoora addaa addaa bocuun hojiirra oolchaa turuun isaa ni yaadatama. Tarsiimmoowwan kana keessaa Karoora Guddinaa fi Tiraansiformeeshinii (KGT) fi Sirna Maddaallii Bu’aa Karoora Tarsiimoo (SMBKT) dargaggootaa fi Ispoortii baroota 2003-2007tti hirmaannaa fi fayyadamummaa dargaggootaa fi hawaasa ispoortii akka mirkanaa’uu taasisuuf hojiirra akka oolan kan taasifamaa turedha. Yeroo ammaa kanas bara xumura tarsiimoowwan kanaa irraa kan dhaqqabnee jiru yoo ta’uu baroota tarsiimoo shanan dhufan keessatti karoora manni hojichaa ittiin hoogganamu qorachuun qopheessuun baayyee murteessaadha. Kanaafuu Sirna Madaallii Bu’aa Karoora Tarsiimoo mana hojichaa kan baroota shanan dhufanii kana yeroo qopheessuuf qorannoon gaggeeffamutti dhimmootni bara tarsiimoo darban keessatti raawwatamaa turan xinxaalamuun haalli raawwii isaanii akka beekamuu fi baroota itti aanan keessattis hojiilee hojjetamuu qabaniif akka kallattii agarsiistuutti akka nu gargaaran taasisuuf yaalameera.

      1. Gamaagama Raawwii karoora Misooma /GTP/ 2003—2007/ BDhDIO

        1. Gamaaggama Raawwii hojii paakeejiiwwan Riifoormii meeshalee jijjiramaa

  • Paakeejjiiwwan riifoormii karaa guutuu ta’een lafa qabsisuun galmoota misoomaa seektarichaa karaa bu’a qabeessa ta’een hojirra olchuun hirmaannaa fi fayyadamummaa Dargaggootaa milkeessuu dha.Haaluma kanaan seektarri keenya Raawwii bu’a qabeessa karoora mana hojichaa mirkaneessuuf hojimaata qinda’waa dameewwan misoomaa sadan keessatti walitti hidhamiinsi akka uumamuu fi caasaa fi Humna namaa jijjirama faana tarkaanffatuun akka ijaaramu taase jira.

  • Baroota tarsimoo darban kana keessattiis Raawwii hojii bulchiinsa gaarii fi qabsoo farra kiraa sassaabdummaa,Raawwii hojii Jiijiirama bu’uuraa Adeemsa hojii /BPR/,Raawwii karoora bu’aa madaallii bu’aa tarsimoo/BSC fi Raawwii hojii chaartarii lammilee waliigalaan yeroo madalamu Riifoormiiwwan jijjiramaa lafa qabsiisuudhaan Ilaalchaa fi gocha kiraa sassaabdummaa irraa bilisa karaa ta’een raawwachuu fi Hojii Ilaalcha jijjiruu irratti xiyeeffachuun hojjachuun Karoora keenya karaa hirmaachisaa ta’ee fi dandeetti raawwachiisummaa cimsuun lafa qabsisuu fi tarsimoo muuxannoo gaggaarii babal’isaaf sosochiin bu’a qabeessaa taasiffama tureera.

  • yaata’uu malee Qabatamni jiru kuniis raayyaa qabiyyee fi qaamaan guutuu ta’ee ,walitti hidhiinsa dameewwan sadan keenya sadarkaa mirkaneessuun ijaaruu fi galma KGT jijjirama transfoormeeshinii gama misooma dargaggootaa fi Ispoortiin qabanne bira ga’uuf ammallee xaara guddaa kan nu gaaffatu dha.

  • Kanarra dhaabbannee yeroo ilaallu,ijaaroomsa qinda’aa dameewwan misoomaa ijaaruun ergamaa fi galmoota misoomaa keessatti jijirama ol’aanaa galmeesisuudhaan i Dargaggootaa fi hawaas hubannoo qabsiisuu fi sochii ummmu irratti hojiin hojjetamee gama hundaan Dargaggootaa adda duree taasiisuu irratti kan hafuu ta’uu agrsis ,gama biraatiiniis meeshalee riifoormii meeshaa galma ga’iinsa kaayyoo keenyaa taasisuudhaan humnoota adda duree sochii jijjiramaa kana abbummaadhaan hogganan adda baasuu fi hiriirsuun sadarkaa dandeesisuu irraan ga’uuf ammallee meeshalee riifoormi fi Raayyaa lafa qabsisuun raawwii fooyya’aaf qophii guutuu fi kutannoo ol’aanaan socho’uu akka qabnu ammallee ni agarsiisa

          1. Raawwii hojii Galmoota misoomaa seektarichaa

  • PGD bifa g’oominaa fi hundagaleessa ta’een hojirra olchuun fayyadamummaa dargaggootaa gama hundaan mirkaneessuu

I. Humna raawwachiisummaa Jaarmiyaalee fi Dargaggootaa cimsuu ilaalchise

  • Ga’umsa jaarmiyaa (institutional capacity)dargaggootaa guddisuun bu’aa fi itti fayyadamummaa miseensotaa akka dhugoomsan gochuuf Qaamole adda durummaan tarsimoo raawwachiisan, dandeettiin raawwachiisummaan Jaarmiyaalee Dargaggoota akka cimuuf irratti xiyeeffatame hojjatamaa tureera.Haaluma kanaan raawwachiisummaa jaarmiyaalee 44,449 cimsuuf karoorffame Gurma’inoota Dargaggootaa 34,270 /77%/ irratti hojiiwwan Ijaarsa dandeetti gama leenjiin,faasilitii fi qabeenyaan ga’uumsi raawwachiisummaa isaanii akka cimuu fi humna jijjiiramaa fi misoomaa ta’uun hirmaannaa bu’a qabeessaa akka gumaachan taasiffameera.

  • Dargaggoota, adda duree 7,500,000 ijaaromsa dargaggootaa adda addaa keessa jiran irratti xiyyeeffachuun kaayyoo fi akeeka heera mootummaa ,Imaammataa fi tarsimoo Ijoo biyyaa irratti hubannoo fi amantaa cimsatanii bifa gurmaa’een akka sosocha’an taasisuuf karoorffame waliigalaan Dargaggootni adda duree 5,540,000{Dh 4,359,172 Du 1,180,825} %73 ta’aan sosochii ijaarsa Dimookiraasii,bulchiinsa gaarii fi misooma biyyaa keessatti qooda ol’aanaa akka fudhataniif hariroo fi hojiin koomunikeeshinii bal’iinaan irratti akka hojjatamu taasiffameera.

  1. Tajaajlli Hawaasummaa ga’umsa Qabuu fi Jiddu galoota Dargaggootaa mirkaneessuu ilaalchise

  • Jiddu gala dargaggootaa wirtuuwwan Aadaa fi Ispoortii dargaggoota irratti xiyyeefatan akka ijaaramanii fi babalatan gochuuf hojiin qindoominaa fi koomunikeeshinii bal’iinaan akka hojjatamu taasiffameera.Haaluma kanaan Tajaajlli Hawaasummaa ga’umsa Qabuu fi Hanqina Giddu-galoota Dargaggootaa furuuf JGD 321 ijaaruuf karoorffame,Jiddu galootni badhaadhina namummaa /personality development center/ 232/ %72 bara tarsimoo kana keessatti akka ijaaramanii fi tajaajila fedhii Dargaggoota irratti xiyeeffate kennuu akka eegalan taasiffameeera.Jiddu galoota ijaaraman keessaas 185 tajaajila ga’aa akka kennan,47 ijaarsi isaanii xumurame meeshalee adda addaan akka guutaman taasifama jira.Jiddu galootni kuniis gama kaayyoo fi xin-sammuu Dargaggootaa ijaaruu irraa darbee jireenyaa hawaasuma isaanii bakka itti gabbifatanii fi qunnamtti gaarrii ummuun ilaalcha waliinii itti daggaggeeffatan waan ta’eef Dargaggootni 1,450,000 tajaajila gosa adda addaa irratti akka itti fayyadamanii fi sirna bulchiinsa isaa irratti hammatalee fi qajeelfamoota qopheessuun haalli mija’aa akka uumamu taasifame jira.

  • Dargaggoota hojiiwwan misooma naannoo eeguumsaa fi kunuunsa hambaalee uumamaa keessatti akka hirmaataa fi akka itti fayyadaman taasisuuf sagantaleen tola oltumma Dargaggoota akka diriruu taasiffameera.Haaluma kanaan baroota shan keessatti Dargaggota miliyoona 21,281,943 sagantaa sochii hojii tajaajila tolaa keessatti hirmaachisuuf karoorffame waliigalaan Dargaggootni 18,745,922 (%88) Dhira=11,432,442 Dubara= 7,313,480 sagantaa gannaa fi bonaa keessatti karaa ijaaramee fi bu’a qabeessa ta’een qooda akka fudhatan taasiffameera.Sosochii uumame kanaaniis seenaa biyyaa fi ummata isaanii sirritti akka hubatan, aadaa ;duudhaalee, qabeenya uumamaa, hambaalee akka beekan, eegan ,akka kunuusani fi faayidaa misoomaaf akka olchaan, waliitti dhufeenya ilaalcha fi amantaa waliinii cimsachuun yaaliiwwanii fi muuxannoowwan gaggaarii bara jireenyaa isaanii akka gabbifatan taasiffameera. Sagantaa gaggeeffamaa ture kanaanis waliigalaan hawaasni15,883,058 Dhira=8,539,585 Dubara=7,343,473 sagantaa dirireen akka fayyadamanii fi tajaajila kanaanis qarshii 293,901,356 baasii irraa akka oluu taasiffameera.

  • Dargaggoonni hirmaatoota fi fayyadamtoota Imaammata barnoota fi leenjii keessatti hirmaatoota fi fayyadamtota sirnichaa isaan taasiisuu Sagaantalee Leenjii ga’uumsaa ogummaa fi kalaqa hojii fedhii Dargaggootaa irratti xiyeeffate diriree keessattiis qooda akka fudhatan taasiffameera.Sagantaa leenjii ogummaa BLTO keessattiis waliigalaan Dargaggootni 933,858 Dhiira=466,842 Dubara= 467,016 gosa ogummaa adda addaan leenjisuuf karoorffame Dargaggootni 659,369/Dh 335,045 Dub 324,324/ leenjii sagantaa idileen kennamu keessatti akka leenjiffaman taasiffameera.Leenjii laatame keessaas Qonnaa irratti Dargaggoota 114,244 (Dubara=56,356 Dhiira=57,888) Indastrii irratti Dargaggoota 155,244 Dhiira= 78,388 Dubara=76,856 Infrastructure irratti Dargaggootni 183,244 Dhiira=92388 Dubara=90,856 Daladaala fi tajaajila irratti Dargaggootni 84,244 Dhiira=42,888 Dubara=41,356 sagantaa leenjii kennameen fayyadamoo akka ta’aan taasiffamera.

  1. Hirmaannaa Dargggoota Guddina Misoomaa Dinagdee keessatti mirkaneessu ilaalchise

  • Hojirraa olmaa Imaammatoota, fi tarsimoo misooma dargaggootaa karaa ijaaramee fi bu’a qabeessa ta’een hojirra olchuuf hojimaatni raawwii paakeejjii ittiin madalamuu fi fayyadamummaa Dargaggootaa ittin mirkana’aa deemuu akka diriru ta’eera.Pakkeejjii guddina dargaggootaa (PGD) raawwannoo immamataa fi tarsiimoo seektaroota waliin qindeessanii hojjiirra oolchuu gubbaraatti seektarootnii hojii raawwachiiftuu Mootummaa sadarkaan jiran karoora isaanii keessatti iddileessanii akka hojjetanii fi gaheen isaanii cuunfamee akka beekan taasiifameera.Haaluma kanaan: Qindoomina qaamolee fi hojii idileeffannoo lafa qabsiisuun Dargaggoota miliyoona 5.85 carraa hojii proojeektoota adda addaa keessatti akka argatanii fi humni dinagdee isaanii akka cimu taasisuuf karoorffame waldalee 126,886 keessatti waliigalan Dargaggootni 3,520,366 Dhiira= 2,348,812 Dubara=1,171,554 gosa hojii Manifakcheriingii, Qonnaa ,Konistiraakshinii, Tajaajila ,fi Daldalaa akkasumas carraa qacarrii sagantalee misoomaa adda addaa irratti akka boba’anii fi humni dinagdeen isaanii akka cimuu taasiffameera.

  • Dargaggoota ijaaramanii hojiitti bobo’aan keessaas 1,500,000 sirna qusannnoo fi liqii irratti hubannoo isaanii akka cimuu taasisuun Dargaggootni 311,706 qarshii 2,574,733,603(53%) akka qusatan taasiffameera. Bara tarsimoo kana keessattiis Intarprizoota ceesisuuf tarsimoo diriree bu’uura godhachuudhaan waldaaleen interprizoonni 1147 ta’an keessatti miseensoota 8084 Dhiira=6137 Dubara=1947 gara guddattuu giddu galeessaatti akka ce’aan, fi kaapitaala qarshii 929,491,447/ galmeesisuun bu’a qabeessummaa isanii akkai itti fufu taasiffameera.

  1. Yüklə 1,28 Mb.

    Dostları ilə paylaş:
  1   2   3   4   5   6   7   8   9   ...   14




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin