Biiroo Dhimma Dargaggootaa fi Ispoortii Oromiyaatti Safartulee Raawwii fi mannii Galmoota Tarsiimo’aa


Hirmaannaa Dargaggoota siyaasa keessatti Mirkaneessu ilaalchisee



Yüklə 1,28 Mb.
səhifə2/14
tarix07.01.2019
ölçüsü1,28 Mb.
#90999
1   2   3   4   5   6   7   8   9   ...   14

Hirmaannaa Dargaggoota siyaasa keessatti Mirkaneessu ilaalchisee

  • Dargaggootni guddina misooma, ijaarsa dimokirasii fi nagenyaa ammansiisa biyya tokkoo mirkaneessuu keessatti human ol’aanaa fi gahe murteessummaa waan qabaniif Baddiiyyattis ta’ee magaalatti hirmaanaa siyaasa Dargaggootaa cimsuu fi toora warraaqsa demokraasii irratti hirirsuun human misoomaa fi jijjirama akka ta’aniif haalli mija’aa akka uumamu taasiffameera. Waggootan shanan /2003-2007/darban keessattiisWaltajjii bulchiinsa gaarii fi dimokiraasii 6,325 dirirsuun Dargaggoota 24,055,190 /giddu galeessan waggaatti Dargaggoota miliyoona 4.8 /t qooda akka fudhatan taasisuuf karoorffame,sagantaa sosochii fi hirmaanna Dargaggootaa /koraa ,Feestivaalaa fi konfraansii /sadarkaa gandaa kaassee hangaa naannootti diriree bu’uura godhachuudhaan waltajjii 4,755 gaggeeffame irratti Dargaggootni 18,930,308 Dhiira=11,382,747 Dubara= 7,547,561 giddu galeessaan waggaatti Dargaggoota miliyoona 3.78 ajandaawwan qabatama yeroo fi naannoo irratti akka mari’atanii fi waliigalteera akka ga’aan taasiffameera.Maree waliigalaan gaggeeffama tureeniishaaromsa biyya keenyaa gama hundaan itti fufsiisuuf karoora ijaarsa dimookiraasii, bulchiinsa gaarii fi misooma saffisaa akka mirkana ‘u barbaadnu keessatti human ol’anaa fi gahee murteessummaa isaa mirkaneessuu toora danda’uun akka hiriruu taasiffameera.

  • Dargaggoonni manneen mare bulchiinsaa sadarkaan jiran keessatti adeemsa karooraa fi murtiwwan darban keessatti dammaqinaan hirmaatanii faayidaa isaanii haala itti kabachiisuu danda’aniin gahee murteessummaa isaa akka dabaluu fi cimu taasiffameera.Haaluma kanaan hirmaannaa fi fayyadamummaa Dargaggootaa Manneen Maree sadarkaan jiran keessatti mirkaneessuuf waliigalaan Dargaggoota 83,215 Dhiira= 52,165 Dubara= 31,050 ga’ee ol’anaa akka taphatan taasiffameera.

  • Dargaggoonni gahumsaa fi dandeettii kallaqa isaanii bu’uura gochuun omishaa fi omishtummaan bu’aa fi milka’iina agarsiisan sagantalee qooda fudhatan hunda keessatti miira dorgomummaa fi walmorkii gabbiffatanii hirmaannaa fi fayyadamummaa isanii daran bu’a qabeessa akka ta’uuf sirni onnachiiftuu fi beekamtii akka diriruu taasiffame jira.Haaluma kanaan guyyaa ayyaana Dargaggoota wagga waggaan gaggeeffamu irratti Dargaggoota/jaarmiya 4,860 Dhiira=3,242 Dubara=1,618 milka’aanii fi bu’a qabeessa ta’aan akka badhaaffamanii fi beekamtii argatan taasiffameera.

  • Tarsiimoo misooma ispoortii hojirra olchuun ispoortiin bu’uura ummataa akka qabatu taasisuu

  1. Gurma’iinota Ispoortii cimsuu fi ergama ba’uu ilaalchise

  • Imaammatni ispoortii biyya keenyaa sosochii ijaaroomsii fi hoggansi ispoortii waliigalaa bu’uura ummatumma akka qabatuu taasisuu irratti kan xiyeeffate waan ta’eefTarsimoo misooma ispoortii adda durummaa fi itti gaaffatamummaan lafa qabsisuu keessatti ga’ee jaarmiyaalee Ispoortii iddoo ol’anaa kan qabu waan ta’eef ergama isaanii karaa guutu ta’een akka ba’aniif hojiin ijaarsa dandeettii fi ga’uumsi raawwachiisummaa bal’iinaan akka raawwatamu taasiffamee jira.Haaluma kanaan waggootan shanana darban keessatti Jaarmiyaale Ispoortii 27,242 gurmeessuu fi cimsuuf karoorffame, Jaarmiyaleen ispoortii 24,795%91 ta’aan qajeelffama gurma’iinsa Ispoortii eegee akka ijaaramanii fi humni raawwachiisummaan isaaniis leenjiiwwan adda addaan akka gabbatu taasiffame jira.

  • Gurma’iinoota Ispoortii toora qabatan keessaas MMI, sadarkaa Gandaa hanga Naannootti jiran 8160 ispoortii ol’antummaan hogganuu keessatti yoom iyyuu caalaa hojii keessa akka galan,federeeshinootni Ispoortii 19 akka cimanii fi babal’atan taasisuun gosa ispoortii itti gaafatamummaa qaban irratti ga’uumsa guutuun akka hogganan,koreewwan Ispoortii sadarkaa Aanaalee Oromiyaarra jiran 1912 akka cimanii fi .Gareewwan Ispoortii gosa adda addaa 14,635 ijaarame keessatti ummatni akka fedhii fi dandeettii isaatti gurma’ee sosochii ispoortii keessatti qooda akka fudhatuu fi kilabootni Atleetiksii fi kubbaa miilaa 69 akka cimanii fi bu’uura ummatumma qabatanii galmoota misooma ispoortii bara tarsimoof qabame hojirra akka olchan taasiffameera.

  1. Faasiliitiiwwan bu’uralee misooma ispoortii babal’isuu ilaalchise

  • Kgt waggootan shanii keessatti BOI babal’isuu ilaalchise Direewwan haxaawwii sadarkaa Gandaa jalqabee hanga Istaadiyoomota gurguddoo sadarkaa naannootti babal’isuu giddu galeessa godhachuudhaan Qajeelfamoota fi Istaandardii bakkeewwan olmaa ispoortii irratti hubannoo Bulchiisa sadarkaan jiranii fi gahee qabaattootaa cimsuun Iddoowwan ijaarsa bakkeewwan olmaa fi dirreewwan ispoortii akka mija’uuf hojiin koomunikeeshinii bal’iinaan hojjatameera.Haaluma kanaan Bakkeewwan olmaa fi Dirreewwan ispoortii 9,456 babal’isuuuf karoorffame,waliigalaan BOI, fi Dirreewwan Ispoortii gosa adda addaa 6,753 %71 akka babal’atan taasiffameera, faasilitiiwwan bu’uralee misooma ispoortii babal’atan keessaas Direewwan haxaawwii 2,727, manneen barnoota fi sadarkaa gandaatti 4,026 fi istaadiyoomoota giddugaleessa 62, istaadiyoomii ol’aanaa 6, dhaabbileeadda addaan akka ijaaramanii fi tajaajila kennan taasiffameera.Sadrkaa ijaarsawwan BOI yeroo madalamu sosochii misoomaa seektarichi gaggeessuu fi kaka’uumsa ummata madaallii keessa galchuun Istaadiyoomootni gurguddaa Magaalootaa fi Manneen barnoota ol’anaa naannichaa keessatti bal’iinaan gaggeeffama kan jiru ta’uus BOI sadarkaan jiran raga abbummaa fi planii fi kaartaa argatanii abbummaa mirkaneessaa deemuu irratti hanqinni akka jiru ni agarsiisa.Seerummaa BOI eegsisuu fi bulchiinsa isaanii fooyeessuu ilaalchisee hojimaata qindoomina qaamolee ga’ee qabaattoota waliin jiru cimsuun lafa qabsisuu gaaffata.

  • Jiddu galoota leenjii ispoortii babal’isuun ispoortistoota ga’uumsa qaban bal’iinaan horachuu walii qabate, Jiddu galaa Misooma leenjii kubbaa miilaa Amboo Gool humna namaa ,meeshaa fi sirna barnootaa qopheessuu fi guutachuun bara 2006 eegalee Ispoortistoota 55/Dh 29 Du 26/ simachuun leenjii akka eegaluu taasiffame jira. Dhaabbata leenjii Atleetikisii boqqoojii bara 2003 eegalee Ispoortistoota simachuun marsaa duraa keessatti Dhiira 20 fi Dubara= 20 waliigalaan ispoorteesitoota 40 akka eebbifaman, yeroo lammaffaafiis Ispoortistoota 46=Dhiira =26 Dubara= 20 simachuun ga’umsaan leenjiin akka kennamu taasiffamee jira. Waliigalaan ispoorteesitoota 92 galan keessaa ispoorteessitoota 41 caaraa hojii kilabootaa adda addaa keessatti akka argataan taasifame jira. Ijaarsa Jiddu gala Akkadamii Isportii Oromiyaa jalqabsisuuf Mootummaan Qarshii miliyoona 230 ramadee mannii bara tarsimoof qabaman galmaan ga’uuf xiyeeffannoo kenne socho’aa jira.Haaluma kanaan lafa ijaarsa akka daangeeffamu, planii fi Dookumantii, proojeektichaa akka qinda’uu fi sirna caal-baasii ijaarsa jalqabsiisuu irra akka ga’uu taasiffameera.

  1. Invastimantii ispoortii babal’isuun abbolee qabeenyaa misooma ispoortii keessatti hirmaachisuu ilaalchisee:

  • Sirna gabaa dinagdee bilisaa biyyi keenya hordoftu bu’uura godhachuudhaan abbootiin qabeenyaa ijaarsa bu’uuralee misooma ispoortii, omisha hidhannoo fi meeshalee ispoortii fi tajaajila misooma ispoortii irrattii bobasuu giddu galeessa kan godhate dha.Imaammata.tarsimoo,qajeelffamaa fi Danbiiwwan Misooma invastimantii Ispoortii irratti hubannoo fi amantaa qaamolee cimsuun abbootiin qabeenyaa fi invastarootni bal’inaan misooma invastimantii ispoortii irrattia akka bobo’aniif hojiin koomunikeeshinii bal’inaan akka hojjatamu taasiffameeraAbbootii qabeenyaa invastimantii kana irratti boba’aniif heyyama dhimmoota ispoortii fi qajeelffama ulaagaa ga’uumsa daldaala hojii baasuun haalli mija’aa akka uumamu taasiffameera.Haaluma kanaan abbootii qabeenyaa 14 gara hojii kanatti akka boba’aniif karoorffame abboleen qabeenya 10,Ijaarsa bu’uuralee misoomaa,tajaajilaa fi dhiyeessi ispoortii irratti kaapitala 9,000,000 galmeesisuun hojiitti akka bobo’an taasiffamera..

  1. Hirmannaa Hawaasa Waldorgomii ,fi Festivaaloota ispoortii keessatti guddisuu

  • sosochiiwwan Ispoortii hundaa fi aadaa akkasumas dorgomiiwwan Ispoortii keessatti hirmaannaa fi fayyadamummaa ummataa mirkaneessuuf galma qabame dha. Haaluma kanaan sagantalee diriree keessatti hirmaannaa fi fayyadamummaa ummata fininsuuf waggootan KGT keessatti Waltajiwan 56,415 gurmeessuu ,gaggeessuu fi hirmaachuun sadarkaa dorgomummaa Naannichaa guddisuuf karoorffame, waltajjiiwwan 60,901%108 akka raawwatu fi Ummatni Daawwattootni14,662,729(dhi=8797637 du=5,865,092) akkasumas Ispoortistoota 1,174,289 /Dh=704573Du=469716/ qooda akka fudhatan taasiffameera.

  • Adeemsa raawwii kana keessattiis Dorgommii Manneen barnootaa,Dorgommii da’iimmannii ffi guddattootaa,Tapha guutuu oromiyaa fi Biyyooleessaa,feestivaala ispoortii Aadaa, feestivaalii ispoortii hundaa,feestivaala Dubartootaa,liigii oromiyaa,dorgommii kilaboota oromiyaa Gandoota oromiyaa kaasee hanga naannoo fi biyyaaleessaatti akka gaggeeffamu taasiffama jira.Hirmaanna waltajjiiwwan dorgommii gaggeeffamaa tureeniis Ispoortistoota ga’uumsa ol’anaa qaban baayinaa fi qulqulinaan horachuun sadarkaan dorgomummaa naannoo keenyaa akka ol-guddatu, injifannoon walitti fufiins qabuus akka galma’uu fi miira siyaasa Naannoo fi Biyyaa keenyaa calaqqisuu keessatti hiika adda akka argatu taasifama tureera.

Itti fufiinsaaniis bu’a qabeessummaa keenya mirkaneessuuf waltajjiiwwan dorgomii fi Hirmaannaa sadarkaan gaggeeffaman hirmaannaa ummataatiin akka raawwatamaniif kaka’uumsa ummataa daran akka uumamu,hirmaannaa dubartootaa fi dhibamtoota qaamaa fooyyeessu,Ispoortii Aadaa fi Hundaa keessattii qotee/horsisee/bultootaa fi ummata waliigalaan hirmaachisuuf hojimaata dhaabbataa fi fufiinsa qabu akka jiraatu gochuu gaaffata.

  1. Leenjiiwwan misooma projeektii fi ogeeyyii Ispoortii ilaalchise

  • Galmoota misooma ispoortii galmaan ga’uu keessatti sagantaleen leenjii misooma ispoortii guddattootaa fi ogeeyyii iddoo ol’anaa qaba.Haaluma kanaan fi Ispoortistoota ga’uumsa ol’anaa qaban baayinaa fi qulqulinaan horachuun sadarkaa dorgomummaa naannoo,biyyaa fi addunyaa keessatti qabnu ol-guddisuuf baroota KGT keessatti irratti xiyeeffatame hojjatama tureera. Bu’uura kanaan Leenjiiwwan proojeektii Ispoortii Guddattootaa 177 leenjifamoota 4,220/gurmeessuu fi gaggeessuun Ispoortistoota ga’uumsa qaban horachuuf karoorffame, Waliigalaan proojeektoonni 474 Ispoortistoota 12495(%87) leenjiin bu’aa qabeessa akka gaggeeffamuu fi Ispoortistoota dandeettii fi ga’uumsa qabaniin filataman 3,011 kilaboota sadarkaa Naannoo fi Biyyaaleessaa keessatti akka qacaramanii fi biyyaaf bu’aa akka buusaan taasifamera.

  • Leenjiiwwan Pirojeektii Da’immanii fi guddattootaa gaggeeffama turan keessattiis proojeektii MMIO deggeraman 47 , gosa ispoortii 8, fi ispoortesitoota 1,860 Dhiira= 975 Dubara= 885 proojeektoota komishinii ispoortii Fedeeraalaan deegaramaan 123 gosa 13 fi ispoortesitoota 3,194 Dhiira= 1,552 Dubara= 1,642 akkasumas kallattiiwwan MMIO bu’uura godhachuudhaan MMI,God fi B.Magaalotaa Proojeektoota 304 keessatti Ispoortistoota 6,080 Dhiira=4,620 Dubara= 1,460 qooda fudhachiisuun akka gaggeeffamuu taasiffameera. Guddattootni sagantalee leenjii projeektii fi dorgommii madaallii keessa darbanii fi bu’a qabeeyyii ta’aan Jiddu galoota leenjii xurunash Dibaaba, akkadamii Ispoortii biyyaleessaa, kilabii Garee Biyyaleessa,Dhaabbata leenjii Boqqojjii fi Dhaabbata leenjii misooma Amboo gool keessatti waliigalaan Ispoortistoonni 4967 carraa leenjii akka argatan taasiffameera.

  • KGT waggootan shaman darban keessatti hanqina human namaa fi ogeeyyii ispoortii furuuf sagantalee leenjii yeroo gabaaba,jiddu galeessaa fi dheera keessatti leenjistoota,Murteessota,Instraktarootaa fi saayinsii Ispoortii fi bulchiinsa Ispoortii irratti ogeeyyii baliinaan horachuuf xiyeeffatame hojjatamaa tureear.Haaluma kanaan waggootan shaman kana keessatti ogeeyyii 3,540 leenjisuuf saganteeffame,raawwiin isaa 3,083 %87 akka raawwatu taasiffameera.Raawwii leenjii yeroo gabaabaan yeroo ilaalamu leenjisummaa fi murteessummaa sadarkaa 1ffaa fi 2ffaan akkasumas Instraktarummaan ogeeyyii----raawwii leenjii yeroo dheeran yeroo ilaalamu immo Diphloomaa, Digrii fi digrii 2ffaan ogeeyyii---- waliigalaan ogeeyyii 3,083 leenjiin akka horataman taasiffameera.

  1. Hojiiwwan Hamatalee, qorannoo fi ragaa ilaalchisee

Galmi kun hojimaataa fi bu’a qabeessummaa seektarichaa fooyeessuuf qorannoowwan,hamatalee fi dhimoota koomunikeeshinii sosochii,hariroo fi human raawwachiisummaa waliigalaa giddu galeessa godhachuun raawwatamaa ture agarsiisa.Haaluma kanaan baroota shaman kana keessa qorannoowwan 13 gaggeessuuf karoorffame 10 akka gaggeeffamanii fi kallattii akka argatan taasiffameera.Isaan keessaas PGD haala qabatamaa Naannoo Oromiyaan fooya’anii akka ba’aan,Godaansa seeraan alaa fi dhibbaa Dargaggoota irratti uumame,Danbii bulchiinsa faayinaansii MMIO,qorannoo keessa deebii caasaa mana hojii,qorannoo dandeesisuu federeeshinoota Ispoortii,qorannoo hojirra olmaa tarsimoo mana hojii,Qajeelffama raawwii mana mare Dargaggootaa fi Mootummaa,Danbii babal’iinaa fi bulchiinsa jiddu galoota Dargaggootaa,tarsimoo idleeffannoo misooma dargaggootaa fi Qajeelffama sirna onnachiiftuu fi beekamtii,akkasumas hamatalee hojimaata qindoomina qaamolee babal’iinaa fi bulchiinsa JGD fi BOI fi Hojimaata misooma Ispoortii fi manneen barnoota jedhu akka qopha’uu fi hojirra olchuun guddina misooma seektarichaaf akka oluu taasiffameera

Hojiiwwan Dhimma waliigalaa fi Misooma koorniyaa ilaalchise

Raawwii karoora keenyaa keessatti dhimmi hunda gala karoora bara tarsimoo keessatti idila’ee hojirra akka oluu fi hirmaannaa fi fayyadamummaa Dargaggootaa fi Dubartootaa sosochii Manni hojichaa taasisuu keessatti mirkaneessaa deemuu haala danda’amuun akka hogganamuu taasiffameera.Keessattu misooma koorniyaa mirkaneessuuf hojimaatni gurrma’iinsaa fi,maanuwaalotnii akka qopha’anii fi hojirra olmaa isaa irrattiis hubannoon qaamolee akka cimu taasiffameera.Haaluma kanaan Hirmaannaa dubartootaa fi dargaggoota itti fufiinsaan mirkaneessaa deemuuf caaseffama manneen hojii mootummaa keessatti qaamni hojii kana hordofuu dhaabbataan akka hunda’uu taasiffameera.Sagantalee fi sosochiiwwan manni hojichaa taasisuu hunda keessattiis hirmaannaa fi fayyadamummaa walqixa ta’ee fiduuf hojiin ijaarsa dandeettii fi hojimaatni akka diriruu fi hojirra oluu taasiffameeara.Bu’uura kanaan sagantalee sosochii fi hirmaannaa dargaggootaa keessatti%-,sagantalee leenjii fi barnoota ispoortii keessatti%-sagantalee dorgommii ispoortii keessatti%-carraa hojii proojeektoota adda addaa keessatti %-uwwisa akka argatu taasiffameera.Uwwisa fayyadamumman yeroo madaalamu yerooti gara yerootti fooyya’aa kan dhufe yoo ta’ee iyyuu caaseffama,gurmaa’iinsaa fi hojimaata fooyyeessuun ga’uumsaa fi fayyadamummaa sagantaa manna hojii hunda keessatti mirkaneessaa deemuuf karoora tarsimoo keessatti xiyeeffannoo argatee furamaa akka deemu taasisuu gaaffata.



  • Hojiiwwan raawwii sab-qunnamtii fi komunikeeshinii ilaalchise

Galmoota misoomaa seektarichaa milkeessuuf sirna tarsimoo koomunikeeshinii bu’uura godhachudhaan Hojiiwwan sab-quunnamtii bu’a qabeessaa lafa qabsiisuun hojirra akka oluu taasiffama jira.Haaluma kanaan tajaajila rgaa guddisuuf sirni dandeesisuu akka diriruu,hubannoo qaamolee ga’ee qabaattootaa akka cimu taasisuun ragaan seektarichaa meeshalee miidiyaa fi bu’aalee maxxansaa adda addaan Hojiiwwan koomunikeeshini fi miidiyaa keenyaa hunda caalaa iddoo ol’anaa argatee sosochiiwwan waliigalaa tarsiimoo keenya beeksisaa deemuu irratti xiyeeffatamee akka hojjatamuu birga’iinsi ummataa akka mirkana’uu taasiffamaa tureera.

    1. Bu’alee tarsimoo, Muuxxanoowwan gaggarii fi Hudhalee ijoo qunnaman

      1. Bu’aalee argaman

  • Sagantalee Sosochii waliigalaan akka seektarichaatti gaggeeffamu keessatti Ilaalcha waliinii, akka uumamu fi Hirmaannaa Dargaggootaa( Lammii) sadarkaa ol’aanaatti akka olguddatu taasiffame jira.

  • Fayyadamumma Dargaggootaa sagantalee misoomaa seektaroota keessatti idila’ee hojirra oluu isaatiin carraan hojii bal’inaan akka uumamuu fi humni dinagdee Dargaggoota akka cimu taasiffame jira.

  • Qindoominaa,Hariroo fi Koomunikeeshinii bu’a qabeessa qaamolee tarsimoo raawwachiisan waliin umameen tarsimoon seektarichaa karaa ijaaramee fi bu’a qabeessa ta’een hojirra akka oluu fi Fayyadamummaa Dargaggootaa Gama Hundaan akka dabaluu taasiffame jira.

      1. Muuxannoowwan gaggaari adda ba’aan qinda’anii fi babal’atan

Raawwii keenya bara tarsimoo /2003-2008/ keessatti hojiiwwan bu’a qabeessaa fi milka’ina qaban,fudhatama kan argatanii fi iddoo kan biroottii fufiinsaan caalmaatti gabbachuuf mijataa ta’aan adda akka ba’anii taasiffameera.Haaluma kanaan

  1. Proojeektii guddattootaa Atleetiksii Waarshaa biqila Asallaan

  2. Jiddu gala dagaagina namummaa BM.Bishooftuu lakk 1,

  • Jijjirama fi bu’aa ol’anaa galmeesisuun hojimaatni gurma’iinsii fayyadamni misooma human namaan kaayyoo bara tarsimoo kan milkeessan giddu galoota muuxannoo ol’anaa ta’uun kan galma’an dha.



      1. Raawwii Karooraa Waggootan Shannan Darban keessattii Hudhalee ijoo (Performance Gap) Mul’ataan

PGD fi Tarsiimoon ispoortti karaa guutuu ta’een hojirra olchuun hirmaannaa adda duroota , deeggarsa Mootummaa fi humnoota misoomaa akkasummas tumsaa ummataa fi galtee hedduu kan fedhuu waan ta’eef hojirra olmaa isaa irratti hanqinalee Ijoo mudatan adda baasuun xiyeeffannoo karoora tarsimmoo 2ffaa ta’ee akka irratti hojjatamu gochuun barbaachisaa dha.

  1. Hojiiwwan qulfii fi riifoormii keenya karaa guutuu ta’een lafa qabsisuun galmoota misoomaa milkeessaa deemuu irratti hojimaatni ,gurma’iinsii fi hoggansi raayyaa dhimma xiyeeffannoo ol’aanaa barbaadu ta’uu isaa

  2. Hirmaannaa Dargaggootaa bifa qindaa’ee fi gurmaa’een hogganuuf raawwatiinsa pakkeejjii guddina dargaggootaa fi tarsimoo Ispoortii sadrkaa foyya’etti dabarsuuf sirni ijaaromsaa fi hoggansi fooramoota huneeffamnii fooramoota misooma Dargaggootaa fi MMIO bifa hundaa galumaa qabuun qullqull’ee ijaaramuu dhabbuu,

  3. Tarsiimoon bakka raawwatuu hundatti Dargaggootaa fi hawaas hubannoo qabsiisuu fi sochii ummmu irratti hojiin hojjetamee gama hundaan Dargaggootaa adda duree taasiisuu irratti kan hafuu ta’uu isaa,

  4. Bulchiinsi sadrarkaan jiranii fi qaamolee tarsimoo raawwachiisan biratti PGD fi tarsiimoo misooma ispoortii hogganuu fi madaallaa deemuu irratti xiyyeeffannoon isaan keennanii fi kutaannoon isaan qabaan sadarkaa walqixaan kan hindeemne waan ta’eef galmoota misoomaa karaa guutuu fi bu’a qabeessa ta’een hojirra olchu irratti garaagarummaan akka uumamu ta’uu isaa

  5. Sirnii gurmaa’insii fi fayyadamnii qabenyaa odeeffaannoo fi ragaa bifa ammayyaa qabuun ijaaramu dhabuu

KUTAA 2. :-Toftaa Ijaarsa Qorannoo SMBKT /Building the balanced score card system/

    1. Xiinxala Haala Waliigala Mana hojii /Organizational scanning/

Seektarichi ciminaa fi dhadhabina hojimaata keessatti mul’atanii fi carraawwanii fi yaaddoowwan waliigalaan jiran adda baasuun raawwii karoora BSC itti aanuu keessatti xiyeeffannoo akka aragataniif raawwii bara tarsimoo darban bu’uura godhachuudhaan sakkata’iinsa mana hojii gaggeesse jira.Sakkata’insaa gaggeeffameeniis dandeesitootaa fi hudhalee jiran cuunfuun galtee BSC 2ffaaf akka sakkata’amu taasiffameera.

      1. Xiinxala Ergamaa ,Mul’ata fi Dudhaalee mana Hojiichaa

Ergama (Mission)

  • Dargaggootni naannoo Oromiyaa bifa gurmaa’ee fi qindaa’een sosochii Ijaarsa Sirna Dimookraasii, Bulchiinsa Gaarii fi Misoomaa keessatti miira guutuu fi adda durummaan hirmaattootaa fi Fayyadamtoota akka ta’an gochuu .

    • Ispoortii Sosochii fi Hirmaannaa lammiileetiin bu’uura Uummatummaa akka qabatuu gochuun misooma ispoortii bu’a Qabeessa ta’e akka mirkanaa’uu taasisuu

Mul’ata (Vision)

    • Bara 2012 tti Dargaggoota hunda galleessaan gahooman, lammii ispoortii aadaa isaa godhatee fi waltajjiiwwan hunda irratti dorgomoo gahaa ta’anii akka argaman gochuu

Duudhaalee (Core-Values )

Kaayyoo tarsiimoo haala walitti hidhamiinsa qabuu fi safaramuu danda’uun galmaan ga’uu keessatti caasaaleen Dhimma dargaggootaa fi Ispoortii Oromiyaa sadarkaan jiran duudhaalee fi amantaa cimaa qabaachuu qabu. Duudhaaleen qajeeltoowwan, yaada, amala, amantaa naamusaa mana hojii fi mul’ata, ergama fi aadaa mana hojiichaa bifa guutuu ta’een hojiiraa oolchuuf miira bu’uura hojii waan ta’eef manni hojii/dhaabbatni tokko ittiin gaggeeffamuu fi ittin dhaabbateef (what it stand for) kan ibsanidha. kana waan ta’eef hojiilee guyyaa guyyaan hojjetaman keessatti hawaastii mana hojii offilaalii isaa godhatee ittiin of mul’isaa deemaniidha. Bu’uura Kana irratti hundaa’uun duudhaalee amala mana hojii keenyaa calaqqisiisan kanneen armaan gadii filatamaniiru.



  1. Ittigaafatamumma fi Iftoomina

  2. Beekumsaa fi amantaan hogganuu

  3. Hirmaachisummaa

  4. Aadaa fi Duudhaa Hawaasaa Kabajuu

  5. Aadaa Qusannoo fi Bu’a Qabeessuummaa

  6. Qophaa’ina jijjiiramaa

  7. Miira tajaajiltummaa ummataa qabaabchuu

      1. Xiinxala Angoo fi gahee hojii

  1. Xiinxala Aangoo fi Gahe Hojii Biiroo Dhimma Dargaggootaa fi Ispoortii Oromiyaa

Akkaatuma Labsii Qammoolee Raawwachiiftu Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa, Irra Deebii’un Gurmeessuu fi Aangoof Gahe Hojii isaanii Murteessuuf fooyya’ee Bahen labsii lakk 163/2003 keewwata 4 qubee “C” kuta lama keewwata xiqqaa 31n irraatti ibsameen aangoo fi gahe hojiin BDhDIO akka armaan gaditti ibsameera.

  1. Dargagoota itti gaafatamumman itti dhagahamuu fi sirna dimokraasi ijaaruu keessatti hirmaannaa gaarii qabu uumuudhaaf haallota dandessisan ni karoorsa; hojiirraa ni oolcha;

  2. Qaama dhimmi ilaalu wajjin atoomuudhaan haala fayyaan dargaggootaa itti eegamuu fi humna omishaa abdachiisaa itti ta’uu danda’anrratti barumsa ni kenna;

  3. Dargaggoonni amala gadhee fi gocha yakkaarraa of eeganii naamusa gaarii akka horatan kan gargaaran barumsa xin-sammuu, tajaajilootaa fi sagantaaleen bashannanaa akka babal’atanii fi jajjabaatan ni taasisa;

  4. Dargaggoonni eegumsaa naannoo fi qabeenya uummamaarratti akka bobba’anii hojjatan haala ni mijeessa ni jajabeessa;

  5. Humni kalaqii fi raawwachuu dargaggootaa fi dandeettin aartii isaanii cimaa akka deemu ni jajjabeessa; dorgommiiwwan adda addaa ni qopheessa; ykn kan qophaa’erratti akka hirmaatan deeggarsa ni kenna;

  6. Dargaggoonni qaroomina hojii uumuu akka gonfatan ni deggera; ni jajjabeessa; mirgi abbumaa akka kabajamu qaama dhimmi ilaalu waliin ni hojjeta;

  7. Dargaggoonni hojii dhabeeyyii ta’an, of danda’anii jireenya isaanii hoogganuuf akka isaan dandeessisu leenjiiwwan ogummaa fi teeknikaa akkasumas tajaajila gorsa haala itti argatan ni karoorsa; hojiirras ni oolcha; haala liqii itti argatais qama dhimmi ilaalu waliin ta’ee ni mijeessa;

  8. Dargaggootni waldaalee ofii dhaabbatanii mirga ofii kabajichiisuufis ta’e hojii misoomaa gaggeessuuf tattaaffii godhan ni jajjabeessa; deggersa ni kenna;

  9. Tattaaffiiwwan jireenya hawaasummaa fi dinagdee dargaggootaa cimsuuf hawaasaa, qaamota mit-mootummaa fi namoota dhuunfaa tiin taasifaman akka jajjabaatu ni taasisa;

  10. Hawaasni naannichaa qajeeltoo ispoortiin hundumaaf jedhuun hirmaataa fi fayyadamaa akka taa’an haala ni mijeessa;

  11. Qaamolee addaa addaa waliin qunnamttii uumuu humna namaa ispoortiin leenji’e fi ga’umsa qabu ni horata;

  12. Giddu-galeessonni Dargaggootaa fi ispoortii Naannichaa keessatti akka babala’atan ni taasisaa,ni deegaraa,qaama dhimmi ilaaluu waliin ni hojjetaa,

  13. Giddu galeessii akkadaami Atleetiksii/Ispoortii/akka hundeeffamuu ni taasisaa,ni deegaraa, qaama dhimmi ilaaluu waliin ni hojjataa,

  14. Qajeelfama waldaaleen ispoortii ittiin hundeeffaman ni baasa, ni galmeessa, deeggersa barbaachisaa ta’es ni kenna;

  15. Dorggmiin Ispoortii Naannicha Keessatti Gaggeeffamu Deeggarsa Barbaachisaa Ta’e ni Kenna;

  16. Ispoortiin akka babal’atuu fi cimu ni taasisa; ni jajjabeessa;

  17. Mana marii ispoortii naannichaa fi mana mare federeeshinootaa ispoortii ni hundeessa; deggersa ni kenna;

  18. Wal-dorgommiiwwan ispoortii ni qopheessa; ispoortessitoota fi Ogeesoota Ispoortii bu’aa galmeessisaniif badhaasa ni kenna;

  19. Biiroo eegumsa fayyaa waliin atoomuudhaan waldhaansa ispoortiidhaan walqabate ni qopheessa; hayyama ogummaa ispoortii ni kenna;

  20. Wal-dorgommiiwwan ispoorttii ilaalchisee falmiiwwan waldoota ispoortii gidduutti ka’u ni murteessa;

  21. Qaamoolee Mootummaa ykn mit-mootummaa wajjin atoomuudhaan hidhannoo fi meeshaaleen ispoortii naannichatti guutamanii akka argaman ni taasisa; ni jajjabeessa;

  22. Abbootiin qabeenya dhuunfaa seektara ispoortii irratti bobba’uu barbaadan ni jajjabeessa;

  23. Ispoortiiwwan aadaa naannichaa caalaatti akka beekaman, akka barataman, akka fooyya’anii fi akka guddatan ni taasisa;

  24. Waldaaleen ispoortii naannichaa galii isaanii kaayyoo dhaabbataniif oolchuu isaanii mirkaneessuuf herrega isaanii ni qorataa; ni qorachisaa,

  25. Leenjiiwwanii fi seeminaarota addaa addaa ispoortii waliin walqabatan ni qopheessaa; ni kenna;

  26. Madda galii qoratee mana marii ispoortii naannichaaf ni dhiheessa; yeroo hayyamamus hojiirra ni oolcha;

  27. Ogeeyyiin ispoortii gosa adda addaa tiin baa’inaa fi qulqulinaan horachuun akka danda’amuf ciminaan ni hojjeta;

  28. Mootummaan naannichaa ispoortesitoota bu’aa gaarii argamsiisaniif beekumsaa fi jajjabeessituu akka kennuuf ykn yaadannoon akka moggaafauuf yaada ni dhiheessa; yemmuu hayyamamus hojiirra ni oolcha;

  29. Waldaalee, feedereeshinootaa fi kilaboota ispoortii naannichaa keessatti dhaabbataniif hayyama ogummaa fi deggersa teekniikaa ni kenna;

Yüklə 1,28 Mb.

Dostları ilə paylaş:
1   2   3   4   5   6   7   8   9   ...   14




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin