Biiroo Dhimma Dargaggootaa fi Ispoortii Oromiyaatti Safartulee Raawwii fi mannii Galmoota Tarsiimo’aa


ii. Xiinxala Haala Waliigala Aangoo fi Gahee Biirichaa



Yüklə 1,28 Mb.
səhifə3/14
tarix07.01.2019
ölçüsü1,28 Mb.
#90999
1   2   3   4   5   6   7   8   9   ...   14

ii. Xiinxala Haala Waliigala Aangoo fi Gahee Biirichaa.

Sochiilee gama dargaggootaa fi Ispoortiitiin naannichaa keessatti raawwataman fiixaan baasuuf aangoo fi gahee hojii kennameen akkasumas imaammata Dargaggootaa fi imaammata Ispoortii hojiirra oolchuuf, imaammatoota kana keessas taarsiimotaa fi Paakeejoota bocamanii bahan hojiirra oolchuu irratti argama.hojiilee hojjetamaa turanis qaamolee gahee qabaattotaa fi deegggartoota garaa garaa waliin tahuun misooma naannichaa keesstti dargaggootaa fi hawaasa ispoorttii hirmaachisuu fi fayyadamuummaa isaanii gama hundaan mirkaaneessuuf ergama isaa fiixaan baasuuf socho’aa turerra.

Haa tahuu malee, daangaa aangoo isaaf kenname keessatti sosochii ture,rakkoolee mudatan fi dhimmooota fooyya’uu fi itti dabalamuu qaban xinxaluuf bifa daandeessisuun aangoo fi gahee hojii tareeffamnii kana utubaawwan ijoo Sadii(3) jalatti ijaramanii akka ilaalaman taheera.


  1. Hubannoo, Kakkaasuu fi Hirmaannaa Waliigalaa:

Aangoo fi gahee hojii labsii lakk 163/2003 jalatti tarra’an keessaa Lakkoofsa 1,2,3,7,10,11,23,25,27irratti kan kaawwaman hojii hubannoo ,kakkaasuu fi hirmaannaa walii gala hawaasaa irratti hojjechuuf kan tumame waan tahaniif utubaa kanaan kan raawwataman tahuu agarsiisa.

Dhimmi Dargaggootaa fi Ispoortii tooraa akka qabaatuuf Hubannoo Kakkaasuu fi Hirmaannaa Waliigalaa ummuuf sochii taasifameen rakkoo Dargaggootaa gama diinagdee, hawaasuma fi siyaasaan hiikuuf, hirmaannaa hawaasa ispoortii keessatti guddisuun bu’uura ummaatuma qabsiisuuf qaamoole qooda qabaatoota fi deeggartoota waliin harirroo ummun tarsiimoo lafa qabsiisuuf haalii mijaa’aa ummameen waltajjiiwwan, sagantaalee adda addaa, konfransiiwwan fi korawwaan gurmeessun hirmaannaa ummataa cimsuu hojiileen gurguddoo raawwatamaniiru.

Tahus, Ijaarsa sirna Dimokiraasii, Bulchiinsa gaarii fi sosochiiwwan Dinagdee, Hawaasummaa Misoomaa fi aadaa hubannoo guutuu qabaatanii bifa gurmaa’een akka hirmaannaa ho’aa taasisan gochuuf sagantaalee fi waltajjii kora ,kenna tajaajila tolaa, taatewwan garaagaraa, waldorgommiiwwanii fi kkf kanneen dargaggootaa shamarranii ,dhiiraa fi qaama midhamtoota walqixa hirmaachisuu danda’an kan itti fufinsaa fi baayyinaan qophaa’aa hin turredha.

Sosochii fi hirmaannaa uumamuun Ispoortii bu’uurri isaa amansiisa ta’ee, injifannoon itti fufinsaan irraa galmaa’uu danda’u, bu’uura fi hoggansa ummatummaa kan qabu uumuun hirmaannaa hawaasaa fi qaamolee hundaas akka dabalaa deemuu gochuun ispoortessitootni fi dargaggoonni jarmiyaaleen dargaggootaa fi waldaaleen ispoortii dorgomoo tahuu danda’an akka bakka bu’aa deeman gochuun bu’aan ol’aanaas akka galmaa’aa deemuu fi hawaasni naannichaa akka itti gammaduu fi ammantummaa mana hojichaa irraa qabaatu gochuu irratti hojiin hubannoo fi kaka’uumsaa keenname jijjirama amala guutammaa gutuutti hojimaata kan fide miti.

Kunis sababoota qaawwa hojiimataa, gurmaa’insa hojii fi hooggansa waliigalaa sadarkaa garaagraa irratti mul’ataa turan tahuusaati.

Gama biraatiin immoo, hojiilee hubannoo fi kakkaasutiin bu‘aalee hangaa dhummaatti argaman keessattu aangoon hubannoo ummuun, gurmeessuu, hojiitti galchuu keessattis shorri Biiroon qabuu labsiidhaan kan hin ibsamnee yoo ta’es akkaataa imammataa fi tarsiimooowwan keessati akka hojii guddaa tokkootti caqasameen raawwii hojiilee dhimma dargaggootaa fi ispoortii qaamoolee garaggaraatiin hojjetaman gamaggamauu, hordooffuu fi kallattii hojii fuula duraa agarsiisu kessatti jalqabiin kan jiruu yoo ta’ees akkataa qajeelfamaa hojimaata idileeffanno dhimma Dargaggootaa fi gahee hojii seektarootaa PGD kessatti ta’en haala barbaachisuun idileeffamee kan gaggeeffamaa jiru miti.

Kanaafuu, hojiin hubannoo uumuu, kaka’asuun labsiin kenname kun bu’aa isaa akkaataa itti hojii jalqabaa hangaa dhumaatti (End to End ) madaallamuu dandaa’u akka ta’uu fi hirmaannaa fi fayyadamummaan dargaggootaa /hawaasaa gama hundaan akka milkaa’uuf dhimmoota dargaggoota fi ispoortii ilallatanii hojjetaman keessatti biirichi kallattiin hojiiwwan hojjetu dabalatee raawwii hojiilee qaamoota garaa garaatiin dargaggootaa fi ispoortii irratti hojjetaman aangoon qindeessuu, hordofuu,to’achuu raawwii isaa gamaaggamuu fi kallattiiwwan imaammataa qabatanii akka deeman gochuun isa dandeessisuu hojjatamu qaba.


  1. Wal-deeggarsaa fi Atoomina.

Aangoo fi gahee hojii labsii lakk.163/2003 jalatti tarra’an keessaa Lakkoofsa 2,4,7,11,12,13,14,17,19,20,21,24,26 fi 29irratti kan kaawwaman hojii waldeeggarsaa fi atoominaatiin kan raawwatamuu danda’an waan tahaniif utubaa kana jala galuu danda’aniiru.

Wal deeggarsaa fi atoomina ilaalchisee hojiiwwan mana hojichaa baayinaan qaamolee adda addaa waliin hariiroo uumamuun gahumsa raawwannoo seekterichaa cimsuun imammataa fi tarsiimoon dargaggootaa fi ispoortii hojiiraa oolchuu keessatti gaheen deeggartummaa mootummaa fi uummattaa daran cimaa kan ture yoo taheyyuu ,gama qaamolee (deeggartoota misoomaa ,miti-mootumaa fi dhuunfaa) waliin hojiin hojjetamaa ture baayyinaa fi bal’inaan kan gaggeeffame ture miti. Tahus hariiroo qaamoolee kana waliin taasifamee hojjetamaaa tureen bu’aan argamee yeroo ilaalamu xiqqaadha kan nama jechisiisu miti.

Haa tahu malee, daangaa qindeessumaa sekterichaa cimsuuf hojimaata ifaa tahee bifa bu’uura godhateen tarsiimoo humnoota misoomaa keessatti dhimma dargaggootaa fi ispoortii akka hojiiraa oolu. Manneen hojii motummaa keessattis dhimmootni dargaggootaa akka dhimmoota ijooti hamatamanii akka hojiirra oolaniif qaamna hojiiraa oolmaa tarsimichaas qaama ol’aantummaan hogganuu fi madaalaa deemuu akka jiraatu gochuun barbaachisaa tahuusaa argasiisa.

Kanaafuu , qaawwa armaan olitti mul’atan kana furuuf imammataa fi tarsiimoo keessatti wal deeggarsii fi atoominni hojimaata kaallatti raawwii tahee ifatti kahamus daangaa aangoo mana hojichaa keessati garuu akka gahee hojii guddaa tokkotti hin ammatamiin hafuun isaa humna naannoo kanatti jiru daguuganii hojjechuu irratti bu’urri seeraan ifa tahe tokko waan hin teenyeef hojiilee dargaggootaa fi ispoortii ilallatee dhaabbilee Mootummaa,Miti-Mootummaa,dhuunfaa fi kkf keessatti hojjetaman ,raawwataman qindeessuu,hariiroo hojii akka jiraatu gochuu, raawwii hojii madaaluu fi hojiirra oolmaa imammatichaa fi tarsiimoos hoggaanaa deemuuf kan isa dandeessisu labsiin kennamuu qaba.



  1. Jajjabeessuu fi Deeggaruu

Haaluma wal fakkatuun aangoo fi gaheen hojii Biirichaa lakkoofsa 4,5,6,8,9,12,15,16,17,18,20,21,22,24.28 fi 29irratti kan kaawwaman hojiilee jajjabeessuu fi deeggarsa kennuu kan ilaallatan waan taheef akka tokkootti walitti qabamanii taahuu danda’aniiru.

Haaluma kanaan yeroowwan darban keessattii dargaggoota fi hawaasa ispoortii jajjabeessuu fi deeggaruu ilaalchisee gahumsa rawwachuu fi raawwachisummaa dargaggota jaarmiyaalee dargagotootaa ,gurmaa’insa fi waldaalee ispoortii irratt sadarkaa dorgommii naannichaa olkaasuuf, giddugaloota ispoortiin keessatti dalagamu,madda faayinaansii seekterichaa cimsuun akkataa itti sirritti jajjabatanii fi deeggaraman uumuun dargaggootni akka of danda’aniif,oggeessota ispoortii fi ispoortessitoota bal’inaan horachuuf hojiin gama kanaan hojjetame jajjabeessaadha.

Haa tahu malee, Imaammatoota /tarsiimoo mana hojjichaa adda durumman kan raawwachiisan qaamolee mootummaa, jaarmiyaalee dargaggootaa, dhaabbillee ispoortii dhaabbilee hawaasaa fi sivilii jajjabaatanii fi deeggaramanii humni raawwachuu fi raawwachiisummaaa isaanii akka ijaaramuuf deegarsa leenjii meeshaa fi maallaqaa,dhiyyessi fi tajaajilli giddugalootaotaa, bakka oolmaa ispoortii, dhaabbilee leenjii,Fandii Ispoortii fi misooma Dargaggootaa hundaa’ee deeggarsi akka dabalaa deemuu fi dhiyeessa deeggarsa Maateriyaalaa fi meeshaalee irrattis sirna hojimaata gurmaa’insa hojii mana hojichaa fi keessummattuu sirna ragaa amaayyaa’aa dirsiisuu fi wal jijjiruu irratti gama dargaggootaa fi hawaasa ispoortii akkaataa aangoon kun jedhuun jajjabeesuu fi deggarsa gochuu irratti hojiin hojjetamaa ture keessumattuu laammilee jajjabeeffamuutiin fi deeggaramuutiin miirri dorgommumma isaanii daran akka cimuuf waltajjiiwaan, taatewwan fi sagantaalee kalaqa fi omishaa fi ommishtummaa isaanii cimsan gurmeessuu fi gaggeessuun sagantaalee dorgommii, badhaasaa fi onnachiiftuu diriirsuun miira dorgommummaa isaanii cimsuun hirmaannaa fayyadamummaa dargaggootaa gabbisuu irratti hojilee xiyyeeffannoo itti kennamee hojjetamaa ture qubsaa miti. Hanqinaalee fi rakkooleen kun seekterichi xiyyeeffannoo addaa kennee hojjechuu dhabuun kan uumamanidha. Kanaafuu seektarichii akkataa Angoo fi gahee hojii labsii 163/2003 kennamen qajeelfama raawwii hojii jajabesituu fi deegaruun ilaalatan baasuun raawwachuu qaba.

Kana waan ta’ef,dargaggootaa fi hawaasa ispoortii daran jajjabeessuu fi deeggaruuf dandeessisu aangoo ragaa (data base) sochii walii galaa dhimma dargaggootaa fi ispoortti irratti qaama kamiinuu hojjetamu sassabuu qindeessuu fi tamsaasuu, Qorannoo fi qo’annoo misooma dargagootaa fi ispoortii cimsan jajjabeessuu , deeggaruu fi xinxaluun gaggeessuu hojjirra oolchuu qaba,



Kanaafuu imaammataa fi tarsiimoo bifa milkaa’een hojiiraa olchuun fayyadamummaa dargaggootaa fi hawaasaa mirkanneesuuf dhimmootni akka yaadaatti armaan gaditti caqasaman labsiin aangoo fi gahee hojii seekterichaa tahanii kennamuutu irraa eegama.

Akka Haaraatti Dabalamu qaban

  1. Biiroo Dhimma Dargaggootaa fi Ispoortii

  1. Hojii Misooma Dargaggootaa galmaan gahuuf gurmaa’iinsaa fi Fooramoota Adda addaa akka hunda’aan haala ni mijeessaa,

  2. Murteewwan Fooramootaa misooma dargaggootaa Naannichaatiin keennaman olantumman ni raawwachisa; raawwatiinsa isaanis dhiheenyatti hordofuun deggersa ni kenna;

  3. Hojii misooma dargaggootaa fi ispoortii dhaabbilee mootummaa, mit-mootummaa, waldaalee fi qaamolee biroo naannoo keenyaatiin raawwataman ni hordofa, ni to’ata, ni qindeessa, ni deggera, sirreeffama ni kenna, dhimmoota murtii barbaadan mana maree misooma dargaggootaa fi ispoortiitti ni dhiyeessa, yeroo murtaa’u hojiirra ni oolcha

  4. Waltajiwwaan Sosochii fi Hirmaanaa dargaggootaa ni qophesaa qaamoota dhimmi ilaaluu akka hirmaatan ni taasisa, ni qindessa

  5. Sochii keennisa tajaajila Tola oltumaa dargaggootaa naanicha keessatti ni qinfessaa,ni hordoffaa, hojiirra ni olchaa

  6. waldaalee, jaarmiyaalee fi gumiilee dargaggootaa naannicha keessatti sosho’aan hunda qindeessuu deeggaruu fi qaama gahee qabaattotaa waliin tahuun haala mirgaa ,faayidaa fi dirqamaa isaanii itti bahanii argatan kabachiisuu fi tarsimoo Misooma biyyattin hordoftuu irratti kallattin akka hirmaatan ni taasisaa

  7. Dhaabileen barnootaa bu’uura fi burqaa ispoortessittoota hedduu waan tahaniif guddina ispoortiitiif kallattiin gumaacha waan qabaniif sagantaalee ispoortii naannichaa keessatti qooda akka fudhataniif ni qindeessaa, deeggarsaa fi hordoffii ni taasisaa

  8. Fandii Dargaggootaa fi Ispoortii akka hunda’u qopheessee mootummaaf ni dhiyeessa, yamuu hayyamame hojii irra ni oolcha.

  9. Dhaabbilee Mootummaa, Mit mootummaa fi dhuunfaa kanneen akka hootelotaa fi riizoortiiwwan keessatti (taphootni mana keessaa jimnaaziyamotni fi gongaawwan bishaan daakkii) dhaabbileen ispoortii (buufataalee leenjii ispoortii, Akkaadaamiiwwan ispoortii, Buufataalee leenjii olaanoo HPTC (High Performance Training Center) akka babal’atuu fi ijaaramu, ni deggera; ni hoogganaa, ramaddii humna namaa ni geggeessa ; ni to’ata gamaaggama ni taasisa.

  10. Sirna ispoort Komarshaalaayizeeshin(sport commercialization) wal qabatee istaandaardiiwwan bakka olmaa ispoortii ni baasa; eeyyama ni kenna; ni mulqa; qajeelfamootaa ni qopheessa; hojii irra olmaa isaanii ni to’ata

  11. Ergama mana hojiichaattif keennamee galmaan ga’uuf Dambii qopheesuun mootummaaf ni dhiyyeesaa akka raga’u ni taasisaa yoo heeyamamee hojiirra ni olchaa,



  1. Seektara huundaaf

  1. Gurmaa’insa mana hojii isaanii hanga sadarkaa gandaa jiru keessatti raawwataa dhimma dargaggootaa akka jiraatu ni taasisa, humni namaas akka ramadamu ni hordofa.

  2. Hoggansa mana hojichaa keessatti ga’een dargaggootaa akka guddatu ni taasisa, dandeettiin isaaniis akka cimu sagantaa addaa qopheessuudhaan ni ijaara.

  3. Hojii dhimma Dargaggoo karoora idilee mana hojii isaanii keessatti akka galchani fi hojii irra oolchan ni hordofa, gabaasa ni fudhata , raawwii isaa ni madaallaa,

  4. Carraa hojii Dargaggoota hirmaachisuu danda’u ni ummu

  5. Rakkinni mana jireenyaa dargaggoota magaalota haala itti salphatu qorchuudhaan Mootummaaf yaada furmaataa ni dhiyeessa; yammuu hayyamamus hojiirrra ni oolcha; (Biiroo Industrii fi Misooma Magaalaa Oromiyaa)

  6. Pilaanii bulchiinsa magalotaa yeroo qophaa’u fi Foyya’uu keessatti bakka Giddu galli dargaggootaa ga’aa ta’e akka qabamu ni taasisa; sadarkaa magaalotaa giddu galeessa godhachuudhaan plaanii isaaniis ni qopheessa, ni to’ata; deeggarsa ogummaa fi teekinikaa ni kenna; (Biiroo Industrii fi Misooma Magaalaa Oromiyaa)

  7. Manneen hojii mootummaa keessatti akkaataa dargaggoota dhaabbilee barnoota ol’aanaa irraa eebbifamanii bahaa carraa hojiitti hamatamu danda’an ni mijeessa, hojiirra ooluu isaas ni hordofa. (Biiroo Sivil Sarviisii fi Bulchiinsa Gaarii Oromiyaa)

  8. Dhaabbilee fayyaa Mootummaa sochii dhukkubicha ittisuu, to’achuu fi waldhaansa godhamu keessatti kutaa addaa dargaggooti kessatti keessumeeffamu akka mijaa’u ni taasisa. (Biiroo fayyaa)

  9. Sirreeffamtoonni seeraa umuriin isaanii hanga 18jiranuuf bakka addaa amala isaanii itti sirreeffatan akkasumas haamilee fi qaamaan akka ciman iddoowwan ispoortii fi bashannana adda addaa qopheeffametti akka turan ni taasisa. (Bulchiinsa mana sirreessaa)

  10. Dhimootni gurguddoo dargaggootaa akka naannooti raa’wwataman fi sagantaaleen dargaggoota bashannansiisaa barsiisuu dandaa’an haguuggii miidiyaa akka arggatan haala nimijeessa.(Biiroo Dhimmoota kominikeeshinii)

  11. Ispoortii bu’uura uummatummaa qabaatee hawaaasnii ispoortii keessatti kallattiin hirmaataa fi fayyadamaa akka ta’uuf ,Abbootiin qabeenyaa Indaastrii ,Dhaabbilee Barnootaa ,ijaarsa hoteelootaa fi risoortii adda addaa keessatti bu’uuraalee misoomaa fi investimantiin ispoortii akka babal’isan ni taasisaa,raawwii hojii qaamolee dhimmii ilaaluu wajjiin ta’uun ni to’ataa hordoffuu ni taasisaa./Komishina Investmantii Oromiyaa/

  12. Koree Dhaabbii Dhimma Dargaggootaa ni guurmeessaa,ni hordoffaa,ni deeggaraa /Waajiira Caffee/



  1. Sirreeffama

  1. Aangoo fi Hojii Waliinii lakkoofsa 8 irratti “Imaamata, seerota, sagantaalee misoomaa fi piroojaktootni baasuu dhimma dubartoota tilmaama keessa kan galche ta’uu isa ni mirkaneessa; akkaasumaas koorniyaa fi dhimma daa’immanii idileessuu qaama hojii isa godhatee ni raawwata;” jjedhu keessatti dhimma dargaggootaa kan jedhu osoo itti dabalame/Angoo waliini keessatti/

  2. kewwata 31 kewwata xiqaa 12 irratti Gidugala dargaggootaa fi Ispoortii naannicha keessatti akka hundeeffamuu ni taasisaa kan jadhuu sira’ee Naannicha keessatti giddu galli dargaggootaa akka ijaaramu ni jajjabeessa, deggersa teekniikaa ni kenna. sadarkaa isaanii ni murteessa, raga abbaa qabeenyummaa akka argatan qaama ilaallatu waliin ni hojjata, Qajeelfama Bulchiinsa Gidugaleessa ni baasaa hojii irra oolmaa isaa ni hordofa, ni to’ata. /BDHDIO/ fi

  3. “Bakka oolmaa ispoortii akka babal’atan ni taasisa, sadarkaa isaanii ni murteessa, raga abbaa qabeenyummaa akka argatan qaama ilaallatu waliin ni hojjata, Qajeelfamaa ni baasaa, hojii irra oolmaa isaa ni hordofa, ni to’ata. Jadhamee keewwata lamaan gargar bahee yoo nuuf ta’ee /BDHDIO/

  4. Keeyyata Xiqqaa 13 jalatti akkaadaamii atleetiiks qofa kan jedhu “Dhaabbilee Ispootii” jechuun bakka osoo bu’ee./BDHDIO/

  5. Keeyyata xiqqaa 18 jalatti Wal-dorgomiwwaan ispoortii ni qopheessaa ispoortessitoota bu’aa galmeesisanif badhaasa ni keennaa kan jedhu “Wal-dorgomiwwaani fi feestivaaloota ispoortii Sadarkaa naannootti gaggeeffamuu kamiyuu ni qopheessaa,ni to’ataa, ni deegaraa ispoortessitootaa, ogeeyyii ispoortii fi jila ispoortii bu’aa qabeessa ta’an ni badhaasaa ” kan jadhuun bakka osoo bu’ee. ./BDHDIO/

  6. Keeyyata xiqqaa 21 jalatti hidhannoo fi meshaalee ispoortii akka guutamu ni taasisa kan jedhutti dabalamee “akka omishamu, raabsamu waldaalee IMX fi abbootii qabeenyaa ni jajjabeessa” kan jedhu itti osoo dabalamee./BDHDIO/

      1. Haala Humnoota Misooma

        1. Haala Jaarmiyaalee Dargaggootaa

  • Jaarmiyalen keenyaa adda dureewwan misoomaa fi jajjiramaa ta’anii misooma biyyaa irratti ga’ee ol’aanaa akka taphataniif gama seeraan,Imaammataa fi tarsimoon haalawwan dandeesisoo uumamanii jiru.Haaluma kanaan hirmaannaa waliigalaa fi fayyadamummaa Ummataa/Dargaggoota/ mirkaneessuuf sosochii jajjabeessaa yoo jiraatees jaarmiyaaleen kun kaayyoowwan ijaaroomsa isaanii irra dhaabbachuudhaan akka qaama sosochooftoota tokkootti qabiyee fi qaama guutuun ijaarsa raayyaa tokkooti qinda’anii socho’uu irratti ga’uumsi qindoomina gaggeessuummaa hanqina guddaa kan qabu ta’ee mul’ata.

  • Hojimaata hariiroo bu’aa walinii irratti kan xiyeeffate dirirsuun karoora ga’uumsa qabuu qopheessuu fi hogganuun bu’aa argamee deemuuf tattaaffiin godhamuus hojimaati meeshaalee hordoffii fi deggersaa sadan (gabaasa, gamaaggamaa fi supervizinii ) wal cina hiriirsanii kallattii rakkoo hiikuu danda’uun raawwachuu irratti hanqinni kan jiru ta’uu issaa akka waliigalaatti xiinxaallii raawwii hojii bara 2006 ni agarsiisa.

  • Jaarmiyaaleen jiran kaayyoowwan ijaaraman irra dhaabbachuun hojimti diriree lafa akka qabatuuf tattaafii n yoo jiraate iyyuu dhiyeessii human raawwachiisummaa jaraa cimsuu fi dandeesisuu irratti xiyeefachuun ergama isaanii milkeessuu dandeesisuun ijaaramanii toora sanaan deggeramuuf qabsa’uu irraa ,ilaalcha eeggatummaa irratti hunda’ee qabatanii deemuun bal’inaan nimul’ata.

        1. Haala Dargaggootaa

  • Haalli keessa jirru kallattii hundaan sosochii keessa galuudhaan bu’aa kan ittiin galmeesisne fi human raawwachiisummaa keenya cimsannee hirmannaa fi fayyadamummaa ummataa/Dargaggootaa/ fooyyessaa dhufne dha. Bu’urrii sosochii kanaas dargaggoonni guddina misooma, ijaarsaa dimookiraasii fi nageenya amansiisaa biyya tokkoo mirkaneessuu keessati humana olaanaa fi gahee murteessuumaa kan qabu waan ta’eef dhimmi dargagaggootaa bu’uura misooma keenyaa goonee socho’uu keenyaan ta’uu agarsiisa.Mootummaan Naannoo Oromiyaa Dhimmi Dargaggootaa adeemsa guddina misoomaa, ijaarsa sirna dimokiraasii fi bulchiisa gaarii biyyaa keessatti humna tarsimawwaa taasisuun hirmaanaa fi fayyadamumaa isaanii gama hundaan mirkaneessa deemuuf hojii utubaa bara tarsiimoo GTP tahee hojirra akka ooluf tumsa ol’aanaa taasise jira. Bu’uura kanaan carraa hirmannaa fi fayyadamummaa Dargaggootaa sagantalee misoomaa Naannoon keenya keessatti gama hundaan mirkaneessuuf hojii hanga ammaatti hojjatameen bu’aan ol’aanaa akka galma’uu ta’eera.

  • Misooma Ispoortii keessattiis Ispoortistoota ga’uumsa qaban baayinaan horachuun sadarkaan dorgomummaa Naannoo keenyaa ol-akka guddatuu, bu’aan ol’aanaa fi injifannoon , walitti fufiins qabuu akka galma’uu taasisuu isaatiin miira siyaasa Naannoo fi Biyyaa keenyaa calaqqisuu keessatti ga’ee bakka hin buune taphachuu danda’amera

  • Kanaafiyyuuyoom iyyuu caalaa ummata keenya sochoosuun bu’aaleen jajjabeessoo galma’aan akka jirutti ta’ee, gama biraan immoo guddina arfachiisa gama hundaan mirkana’aa dhufee gufachiisuuf Moormitoonni Dargaggoota keenyaatti fayyadamuun baattuu Ilaalchoota dogongoraa taasisuu fi daandii badii irratti hiriirsuuf yaalii itti taasisanii fi sosochii qabsoo kaayyoo warraaqsa dimokiraasiitiin ilaalchoota farra misoomaa fi dimookiraasii hundeedhaa dhabamsiisuuf sosochiin itti taasifamaa jiru dha.Kanaafuu sosochii keenya gama hundaan jalqabe itti fufsiisuudhaaf ejjannoo qulqula’aa qabannee fedhii fi faayidaa Dargaggoota keenyaa kallattii toora keenyaan karaa hiika qabuun hojachuutu nuirra eegama.

      1. Xiinxala Maamiltootaa fi Dhimmamtootaa

Adeemsa mana hojii tokkoo akkaataa barbaadameen raawwachuudhaaf maamiltootaa fi dhimmamtootni mana hojichaa iddoo ol-aanaa qabu.Kanaafuu, maamiltootnii fi dhimmamtootni eenyuu akka ta’an, fedhii fi qoodni isaanii mana hojiichaa irratti qaban addaan baasanii beekun barbaachisaa fi murteessaadha.

Akkaataa sanada kanaatiin maamiltoota (customers) jechuun tajaajilli manni hojii keennuu kallattiin kan fayadaman yommu ta’u, Dhimmamtootni(stakeholders) immoo ergama, mul’ata fi karoora tarsiimoowwaa mana hojiichaa irratti qaamolee dhiibbaa guddaa geessisuu danda’anidha. Deeggartootni(collaborators) immoo dhaabbilee garaagaraa kanneen imaammata fi tarsiimoo mana hojichaa galmaan gahuu keessatti gahee deeggartummaa isaanii taphachuutiin milkaa’ana mul’ata mana hojichaa keessatti kanneen gumaacha qabanidha.




        1. Gabatee Maamiltootaa fi Dhimmamtootaa BDhDIO

Maamiltoota

Dhimmamtoota (Stakeholders)

Deeggartoota

  1. Dargaggootaa

  2. Jaarmiyaalee Dargaggootaa

  3. Waldaalee Ispoortii

  4. Ispoortessitoota

  5. Oggeessitoota Ispoortii

  6. Hawaasaa




  1. Biiroo Siviil Sarviisii fi Bulchiinsa Gaarii Oromiyaa

  2. Biiroo Qonnaa Oromiyaa

  3. Biiroo Barnoota Oromiyaa

  4. Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaa

  5. Biiroo Bishaanii, Albuuda fi Inarjii Oromoyaa

  6. Biiroo Lafa Baadiyaa fi Eegumsa Naannoo oromiyaa

  7. Biiroo Indistirii fi Misooma Magaalaa Oromiyaa

  8. Biiroo Daldalaa fi Misooma Gabaa Oromiyaa

  9. Biiroo Dhimmoota kominikeshinii Mootummaa Oromiyaa

  10. Abbaa taayitaa Galiiwwan oromiyaa

  11. Biiroo Haqaa Oromiyaa

  12. Biiroo Bulchiinsaa fi Nageenya Oromiyaa

  13. Biiroo Dhimma Dubartootaa fi Daa’iimman Oromiyaa

  14. Biiroo Aadaaa fi Tuurizimii Oromiyaa

  15. Biiroo Maallaqaa fi Misooma Dinagdee Oromiyaa

  16. Ejensii Dhimma Hojjetaa fi Hawwasummaa Oromiyaa

  17. Ejensii Misooma IMX Oromiyaa

  18. Ejensii Geejiba Oromiyaa

  19. Ejensii Misooma Teknolojii Qunnamtii Odeeffannoo Oromiyaa

  20. Ejensii Qabeenya Misooma fi Eegumsa Fayyaa Beeyladaa Oromiyaa

  21. Ejensii Babal’iina Waldaa Hojii Gamtaa Oromiyaa

  22. Ejensii Misooma manneen Oromiyaa

  23. Komishinii Misooma Naannoo Horsiisee Bulaa Oromiyaa

  24. Komishinii Ittisa Balaa fi Qopha’iinaa Oromiyaa

  25. Komishinii BLTO Oromiyaa

  26. Komishinii Poolisii Oromiyaa

  27. Komishinii Manneen Sireessaa Oromiyaa

  28. Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Oromiyaa

  29. Komishinii Investimentii Oromiyaa

  30. Inistiyuutii Qorannoo Qonnaa Oromiyaa

  31. Inistiyuutii Pilaanii Magaalaa Oromiyaa

  32. Inistiyuutii Leenjii Qaamolee Haqaa fi Qorannoo Oromiyaa

  33. Waldaa Aksi’oona Liiqii fi Qusannoo Oromiyaa

  34. Wajjira Afyaa’ii fi Caffee Mootummaa Naannoo Oromiyaa

  35. Wajjira prezidaantii Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa

  36. Mana Hojii Odiitara Muummicha Oromiyaa

  37. Abbaa Taayitaa Daandiiwwan Oromiya

  1. kolleejjii publik sarvisii Oromiya

  2. Mana murtii waliigala Oromiyaa

  3. Dhaabbata gamoowwan Oromiyaa

  4. Abbaa taayitaa to'an Dhaabbilee misooma mootummaa

  5. Abbaa taayitaa jallisii

  6. Dhaabbata bosonaa fi bineensota bosonaa

  7. Intarpiraayizii ijaarsa hojiiwwan bishaanii

  8. intarpiraayizii dizaayinii fi to'annoo bishaanii

  9. intarpiraayizii ijaarsa daandiiwwanii

  10. dhaabbata raadioo fi televisiinii Oromiyaa

  11. Ejensii Gabaa Oomisha Gabaa

  12. Ejensii Bittaa fi Dhaabbata qabeenya mootummaa

  13. Dhaabbata Bulchiinsa Gammoowwan Mootummaa

  14. Institutii Qaamolee Haqaa fi Qo'annaa Seeraa

  15. Komishishinii Ispoortii Federaalaa

  16. Ministeera Dubartoota ,Dargaggootaa fi Daa’immanii-

  17. Federeeshinoota Ispoortii Biyyoolessaa

  18. Warshaalee fi Indaastiriiwwaan garaa garaa

  19. Biiroo Biishaanii, Albuudaa fi Inarjii Oromiyaa,

  20. Biiroo Aadaa fi Turiziimii Oromiyaa,

  21. Abbaa Taayitaa Daandiiwwannii fi Geejjibaa Oromiyaa,

  22. Abbaa Taayitaa Too`annoo Dhaabbiile Misoomaa Mootummaa Oromiyaa,

  23. Ejansii Daldalaa Oromiyaa,

  24. Ejansii Dhimma Hojjetaa fi Hawaasummaa Oromiyaa,

  25. Koomishinii Bulchiinsa Manneen Sirreessa Oromiyaa,

  26. Koomishinii Qophii fi ittisa Balaa Oromiyaa,

  27. Inistitiyuutii Qarannoo Qonnaa Oromiyaa,

  28. Dhaabbata Bulchiinsa Manneen Mootummaa Oromiyaa,

  29. Dhaabbilee barnootaa ol’aanoo fi Leenjii

  1. Koreewwan Olympikii ,Waldaalee ispoortii Biyyooleessaa fi Addunyaa

  2. Dhaabbilee qunnamtii fi oddeeffannoo Mootummaa fi dhuunfaa

  3. Waldaalee misoomaa fi dhaabbilee tajaajilaa tolaa keennan

  4. Dhaabbilee Mit-Mootummaa (NGOs)

  5. Dhaabbilee barnootaa fi leenjii dhuunfaa fi Mootummaa

  6. Abbootii qabeenyaa




Yüklə 1,28 Mb.

Dostları ilə paylaş:
1   2   3   4   5   6   7   8   9   ...   14




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin