Biiroo Dhimma Dargaggootaa fi Ispoortii Oromiyaatti Safartulee Raawwii fi mannii Galmoota Tarsiimo’aa



Yüklə 1,28 Mb.
səhifə5/14
tarix07.01.2019
ölçüsü1,28 Mb.
#90999
1   2   3   4   5   6   7   8   9   ...   14



        1. sakkata’iinsa Haalawwan keessaa fi alaa mana hojii

          1. sakkata’iinsa Haala keessaa

Lak

Agarsiiftuu(Factors)

Cimina (Strength)

Dadhabina (Weakness)

1

Sirna fi Hojimaataa

  • Hojimaatnii mana hojiicha akkataa immamataa , tarsiimoo , labsii, seeroota fi dambiiwwan, qajeelfamoota fi hammatalee adda addaa baheen gaggeeffamaa jiraachuu isaa

  • Sirni ijaarsaa fi gurma’iinsi caasaa seektarichaa jijjirama faana deemuu hanga dakaattii keessa deebi’amee akka qoratamuu fi diriruu taasiffamuu isaatiin mana hojii bu’aa tarsimoo irratti hunda’ee akka diriruu taasiffamuu isaa

  • Hojimaata qindoominaa fi Riiformoota jijjiramaa hojirra olaa dhufuu

  • Hojimaatnii adeemsa hojii jiddugaleessaa godhateen diriirfamuus hojiilee bifa sia’ainaa fi bu’aa qabeessuma qabuun hojjechuu irratti hir’inii jiraachuu isaa

  • Sirna hordooffii fi gamaggama hojii haala gahumsa bu’aafi gaafatamumma fi itti fuufiinsa qabuun raawatamuu dhabuu

  • Sirni gurma’iinsaa fi bulchiinsa raga seektarichaa karaa ammayyummaa qabuun ijaaramuu fi odeeffannoof oluu dhabuu




2

Kennisa Tajaajila

  • Waltajjiin hirmaannaa fi sosochii akkasumas sagantaalee waldorgommii fi feestivaalota sadarka sadarkaan guddacha dhufu

  • Jaarmiyaalee Dargaggootaa fi waldaalee ispoortii bu’uura ummatuma qabaatanii akka socho’an taasifama jiraachu isaa

  • Sirni kenniisa tajaajilaa diriruu fi tajaajilli fedhii maamiltoota irratti hunda’ee kennuuf sosochiin jiru jajjabeessa ta’uu

  • Chaartariin lammilee qopha’uu fi qabatama hojitti galuu isaatiin waltajjiin hirmaannaa dame ummataa yeroo gara yerootti guddachaa fi cimaa dhufuu

  • Hojiin gama Sosochii fi hirmaannaan waliigalaan hojjatamuu qulqullinaa, fi ittifufiinsa qabuun cimee karaa bilchinaa fi ilaaalcha jijjiruu danda’uun hogganamaa deemuu irratti hanqina kan qabuu fi tarkaanfiiwwan fooyya’iinsaa fudhatamaa deemuu dhabuu.

  • Ittifayyadama teeknoolojjii ammayyan sirnii ragaa dirriruu dhabun ragaa seektaricha bifa gurmaa’ee fi dhangalaiinsa qabuun hojeetamu dhabuu

  • Kennisa tajaajila maamiltoota haala istaandardii fi fedhii isaanii giddugaleessa godhee fi waltajjiin mare dameewwan ummataa giddutti gaggeeffamu sadarkaa barbaadamuun cimuu dhabuu




3

Misooma human nama


  • Humna nama murtaa’adhaan hangaa danda’ameen hojiiwwan bal’aa fi gurguddoo raawwatamuuf muxxannoon jiraachuu isaa

  • Human namaa qopha’uumsa jijjiramaa, ilaalcha misoomaa fi dandeettii fi ga’uumsa qabaniin guutamaa dhufuu isaatiin hojiin bu’a qabeessaa yeroo gara yerootti fooya’aa dhufuu isaa

  • Sirni gurmaa’insa, fayyadamnii qaabenyaa humna namaa fi odeeffannoo bifa ammayyaa ta’een ijaaramuu dhabu

  • Sirni raawwanaa madaallii bifa istaandardii eegen raawwatamuu fi hogganamaa deemuu dhabu

  • Misooma human namaa seektarichaa yeroo dheeraa fi gabaabaa keessattii gabbisaa deemuuf karoora tarsimowaan hogganamaa deemuu irratti hanqinni jirachuu

4

Ittifaayadama qabenyaa fi faayinaansii

  • sirna itti fayyadama baajata fooyeessuun hojii bu’a qabeessaa fi fedhii hawaasaa guutuu danda’uu raawwachuuf sagantaawwan tarsimo bu’aa irratti xiyeeffate giddu galeessa godhachuun hojirra olchuuf jalqabbiin jiru

  • Baajata muraasa mana hojiif qoodamee ga’uumsaa fi bu’a qabeessa karaa ta’een hojirra olchuun sagantalee tarsimoo hojirra olchuuf tattaaffiin jiru

  • Sagantaawwanii fi piroojaktoota raawwachiisuuf maallaqaa madda adda addaarra sasaabuuf jalqabiin jiruu gaarrii ta’uu isaa




  • Carraa madda galii jiru hunda duguganii sasabbu fi fayyadamu irratti kan hafuu ta’uu isaa


5

Aadaa fi Faasility mana hojii


  • Faasillitiwwan seektaricha fi galteewwan teknoolojii mana hojiicha uwisa akka argatu jalqabiin jiraachu isaa

  • Ergamaa seektarichaa kan walinii taasisuu fi miira abbummaa uumuuf sosochiin jiru guddachaa dhufuu

  • Raawwii hojii seektarichaa dameewwan misoomaa sadan waliin madaalaa fi ijaarsa raawwachaa deemuu irratti aadaan jiru fooya’aa dhufuu

  • Bira gahinsa teknoolojii waliin fayyadamuma guddisuuf Sirna raga fi cee’uumsi beekumsaa gabbachuu dhabuu

  • Ilaalcha aadaa hojii boodatti hafaa keessaa sadarkaa barbaadamuun bahuu dadhabuu

  • Ogessooni hundii bifa qixa ta’een teeknoolojii fayadamu dhabu

6

Gahumsa Hoggansuma




  • Ga’uumsa hoggansummaa cimsuun jijjirama itti fufsiisuu danda’uu fi gaggeessaa ga’uumsa qabu sadarkaan uumuuf sosochiin jiru fooyya’aa dhufuu isaa






  • Immamataalee, tarsimmoowwani fi paakkejjota guddina misooma dargaggootaan wal-qabatan hojiirra oolchuu irrattii qaamoolee raawwachiftu biratti kaka’umsa guutuu fi kutannoon jiru lafaa ta’u isaa

  • Hoggansa jijjiramaa bu’uura qabuun ijaarsa raayyaa misoomaa dameewwan sadan raawwii bu’a qabeessa akka qabatuuf deggersi raawwachiisummaa cimaa ta’uu dhabuu

  • Garee raayyaa fi Gumii Adda duroota itti fufinsaan gaggesuu fi hordofudhabu





        1. sakkata’iinsa Haala alaa (External Enveronmental Analysis)

Lakk

Haalawwan (Factors)

Carraa Gaarii (Opportunity)

Yaaddoowwan (Treats)

1

Gama siyaasa

  • Immaamatoota, tarsiimoo , labsii, seeroota, dambii fi qajeelfamoota dhimma Dargaggootaa fi ispoortii hojiisu qopha’ee hojirra oluu isaa

  • Mootummaan qophii fi milka’iina karoora seektarichaaf kutannoo fi xiyyeeffannoo ol’anaa kenne socho’uu isaatiin hirmannaan dargaggootaa fi misooma ispoortii guddachaa dhufuu isaa

  • Karoora guddinaa fi traansfoormeeshinii waggoottan shanan keessatti ga’umsaa fi fayyadamummaa dubartootaa fi dargaggootaa akka utubaa misoomaa tokkootti fudhatamuu isaa




  • Dhimmootni imammata seektaricha aangoo fi gahe hojii labsiin keennamee keessatti guutuumaan guutuutti hamaatamuu dhabu

  • Qaamolee raawwachiiftuu sadarkaa sadarkaan jiran biratti tarsiimoowwan misooma dargaggootaa fi Ispoortii hojiirra oolchuu irratti kutannoo fi xiyeeffannoon jiru walqixa deemuu dhabuu

  • Dargaggoota gama hundaan fayyadamoo taasisuuf rakkoon bulchiinsa gaarii sadarkaa barbaadamuun furamuu dhabuu

2

Gama Hawaasummaatiin

  • Hawaasnii ilaalchii Dargaggootaaf qabuu guddachaa dhufuu

  • Seektarichi illalcha hawaasa kan harkisuu waan ta’eef ummataa hundaa kan waliitii fiduu fi dhiyeessu ta’uu

  • Dargaggootnii dandeettii fi kalaqii isaanii gabbifachuuf carraa garrii argachuu isaanii fi maatii isaanittif darbee hawaasaf fayyida olaanaa keennuu isaa

  • Giddugala Dargaggootaa dhabbilee fi bakkeewwan oolmaa ispoortii ijaaruu fi tajaajila kennamun dargaggootaa fayyadamoo taasiisuu isaanii




  • Fedhii fi bayyinii ummataa wajjin walgittu giddugaleessa, dhabbilee fi bakkeewwan oolmaa ispoortii jiraachuu fi ijaaramuu dhabbu

  • Dargaggootni barmatilee midhaa geessisanii fi HIV/AIDSii saxilamuu isaanii misooma seektarichaa irratti dhibba isaa

  • Humna omishaa (Dargaggootaa) bifa gurmaa’insa , hoggansa fi qindoomina gaariin guutuuman guutuutti hojii misooma keessatti hirmaachisu dhabuu

  • Godansa seeraan alaa dargagootaa hirdhisu dhabuu

3

Dinagdee

  • Tarsimoo misoomaa Sirna misooma dingdee gabaa bilisaan qinda’ee fi babal’inni invastimantii haala mija’aa carraa hojii bal’aa kan uumuu ta’uu

  • Guddinni dingdee arifataa fi fufiinsa qabu ergamaa fi mul’ata seektarichaaf ga’ee ol’anaa kan qabu ta’uu isaa

  • Atileetootnii sadarkaa naannoo, biyyooleessa fi biyya alatti dorgommaa cimaa ta’uun fayyidaan dinagdee argamuu isaa

  • Bajaatnii Mootummaa irraa seektarichaaf wagga waggadhaan rammadamu dabala dhufuu isaatiin hirmaannaa fi fayyadamummaa maamiltoota cimaa dhufuu

  • Misooma seektarichaaf qabeenyaa adda addaa waliitii qabuuf carraan jiruu bal’aa ta’u

  • Industirii xixiqqaa fi qaamoleen liqii dhiyeessanu sirna misooma diinagdeen qindaa’uun babal’isuun dubartoota fi dargaggootaaf hojii uumuu irratti haalli gaariin jiraachuu isaa




  • Tajaajila liqiif wabii gaafatamu (Colateral) liqii yeroo fi hangaan argachuu dhabuu

  • Iddoowwan omishaa fi omishiini itti gurguramuu fi Rakkoo walitti hidhiinsa gabaa

  • Seektaricha irratti investii gochuuf hirmaannaan abbootii qabeenyaa xiqqaa ta’uu

  • Sirni kenniinsa tajaajila liqii (Faayinansii) dubartootaa fi dargaggootaaf kennamu xiqqachuu fi wabii gaaffatamuu

  • Omisha dargaggootaan dhiyaatan gabaa keessatti dorgomaa ta’uu dhabuu fi iddoon omishaa fi gurgurtaa mija’uu dhabuu

  • Aadaa hojii fi sirni qusannoo fi liqii sadarkaa barbaadamuun gabbachuu dhabuu fi ilaalchi eeggatummaa jiraachuu

4

Teknoolojjii

  • Sirni teknoolojjii wal-jijjiraa odeeffannoo ammayyaa’aa fi yerummaa qabuun oomishaa fi oomishtummaa ariifachiisuuf bu’aaleen teeknoojii jiraachuu isaanii




  • Haala giloobalizationii dhibbawwan dargaggootaa irratti dhufuu fi raakkoowwan adda addaatiif saxilamuu isaanii

  • Hanqina bira ga’iinsa fayyadamummaa , beekumsaa fi dandeettii akkasumas dhiyeessa teeknooloojii jiraachuu isaa

5

Ecology

  • Qabeenyaa ummamaa fi haala qileessaa mijaa’aa jiraachu atileetooni (ispoorteesitootni bu’aa qabeessa ta’aan horatamuu isanii)

  • Dargaggootnii baddiiyya misooma qonnaa irratti boba’aniif haalii mijaa’aa jiraachuu isaa

  • Faalama qileensa (Global climate change)

  • Dargaggootnii qabeenyaa ummama jiraan haala seeraa qabeessa ta’een misooma irratti oolchuuf muxxannoon jiruu kan hin gabbanee ta’uu isaa



    1. Dandeesitootaa fi hudhaalee /pains & enablers/

Dhimmoota sochii walii gala seektarichaa keessatti hudhaa fi dandeesitoota ta’nii bu’uura ka’umsa karoora tarsiimoof akka olanii fi kalatti deebisanii ijaaruu fi babal’suu/ defence and expansion/ waliin akka armaan gadiitti cuunfamanii ka’amaniiru.

      1. Hudhaalee Ijoo (Pains) fi Dandeessitootaa (Enablers) Tooftaa ittisuu, Babal’isuu fi daran fooyyessuu

Hudhaalee(Pains) Ijoo/weekness*threat/

Kallattii Furmaataa ( Corrective Action)

  1. Tarsiimoon bakka raawwatamu hundaatti hubannoon qaamoolee gahe qabaatoota, hawaasa fi hoggansa sadarka sadrkaadhaan jiraan cimsuun gama hundaan Dargaggootaa adda duree taasiisa deemuun qubsaa ta’u dhabuu

  • Sosochii fi hirmaannaa waliigala tarsiimoo mana hojiichaa keessatti fiduuf sirna Dargaggootnii hubannoo guutuu qaabatanii bifa gurmaa’een misooma siyaasa-dinagdee biyya keessatti gahe isaanii akka bahan taasiisu

  • Hoggansii fi qaamooleen gahe qabaatootnii hubannoo guutuu tarsiimoo mana hojiichaa qabaatanii qabatama hojii keessatti gahe isaanii akka taphachuu danda’aan sagantaalee hirmaannaa fi sosochii dirirrsuu

  1. Hirmaannaa fi fayyadamuma Dargaggootaa /hawaasa ispoortii/ bifa qindaa’ee fi gurmaa’een akka hogganamuu fi ijaaroomsii jaarmiyaalee Dargaggoota fi waldaalee ispoortii bifa hundaa galuma qabuun qullqullaa’ee ijaaramuu fi Of-dandeesisuu dhabuu

  • Dargaggootnii faayidaa gurmaa’anii socho’uu hubatanii kayyoowwan bu’uura seeraa qabuun jalatti ijaaramanii qabeenyaan, beekumsaan, dandeettii fi humna isaanii qindeeffachuun gurmaa’insaa fi hoggansa hirmaachisaa ta’ee fi bu’aa qabeessummaan akka argatan deeggarsa ijaarsa dandeettii kennu.

  • Jaarmiyaalee dargaggootaa fi waldaalee ispoortii bifa ga’umsa qabun ga’oomsuu fi of danda’anii kaayyoo dhaabbatanii akka milkeessan deeggarsa ijaarsa dandeettii kennu.

  1. Qaamoolee sadarkaa sadarkaadhan jiraan hirrirsuun raawwii tarsiimoo paakeejii guddina Dargaggootaa fi tarsimoo misooma ispoortii maddallaa fi deeggara deemuu irratti xiyyeeffannoon jiruu laafaa ta’uu.

  • Sirna hojiiraa oolmaa tarsiimoo paakeejii guddina Dargaggootaa fi tarsimoo misooma ispoortii

Xiyyeffanaa addaa keenuun olaantummaan hogganuu, raawwii isaa yeroo yeroon madaalluu,hordoffi fi gamaggama taasisu,

  1. Karoora tarsiimoo paakeejii guddina Dargaggootaa fi tarsimoo misooma ispoortii seektarootaa fi qaamoolee gahe qaabatoota keessatti iddileeffamee akka hojjetamuuf gaheen qindeessuma seektaricha sadarkaa barbaddamuun raawwachuu dhabuu

  • sirna hojimaata qindomina fi waltainsa bu’uura godhateen dhimootni misooma Dargaggootaa fi ispoortii tarsiimoo deeggarsa kennitoota keessatti bifa tarsiimoo’aa ta’een haamatamee akka hojiiraa ooluuf dhimmi iddileeffannoon seektara hundaa keessatti xiyyeeffannoo addaa akka argatu gochuu. (Multi-sectoral issue)

  1. Teeknoolojii fayyadamuun Sirna gurmaa’insa fi fayyadamnii ragaa, odeeffannoo fi qabeenyaa humna nama akkasumas hojiin qorannoo fi qo’aannoo bifa bu’aa raawwii tarsiimoo’a bu’uura godhateen hojjetamuu dhabu

  • Sochii waliigala gama hojirraa oolmma mana hojiichaattin gaggeeffaman irratti ragaalee fi odeeffannoo guutuu ta’ee sasabuu fi tamsaasuun Dargaggootnii ragaa dhiyeenyaan argatanii gahumsa hunda gala guddifachuun miiraa dorgomumaan isaani akka cimuuf sirna waljijjira ragaa ammayyaa ta’ee akka dirirru gochuu

  1. Sirni gurmaa’insi fi hojimaatnii mana hojiicha sadarka sadarkaadhaan jiru tarsiimoo mana hojiichaa galmaan geessuu irratti qaawii jiraachuu isaa

  • Sirna gurmaa’insa hojii hundaa gala hirmaachisa ta’ee fi hojiimaata sosochii waliigala ummuu yoo dirriree fi hordoffi walirra hincinee taasisuun tarsiimoon mana hojiicha galmaan akka gahu gochuu

  1. Dargaggootaaf sirna liqii addaa ittin argachuu danda’aan dirirru dhabu irraa kan ka’een sadarkaa barbaddamuun fayyadamumaan isaanii mirkaneessu dhabuu,

  • Rakkoo hojii dhabbduma Dargaggootaa kara ammansiisa ta’een maqsuu keessatti Dargaggootaa seeraa bu’uura godhateen ijaaramaniif hariroo sirni liqii addaa dhabbilee mikiroo faayinaansii waliin jiruu cimsuu

  1. Dhaabbilee, bakkeewwan oolmma ispoortii fi giddugala Dargaggootaa hangaa fi qullqullina barbaddamuun baba’alachuu dhabuu

  • Dhabbilee , bakkeewwan oolmma ispoortii fi giddugalii Dargaggootaa gama kaayyoo fi xin-samu Dargaggootaa ijaaruu fi jireenya hawaasuma fi qunnamtti gaarrii ittin gabbatu waan ta’eef hawaasnii fi qaamoolee deeggartootaa fi gahee qabaatoota hubannoo gaha gama kanaan jiruu cimsatanii gahe isaanii akka taphataniif,waltajjiiwwaa fi sagantaalee adda addaa dirirrsuun hojii hubannoo cimsuu hojjechuu

  1. Gurmaa’insii fi hoggansii leenjiiwwanii fi wal-dorgommiiwwan ispoortii caasaalee sadarkaa sadarkaadhaan hojjetaman bifa saganteeffamee fi bu’uura gahoomina fi ittifuufiinsa qabuun gaggeeffamuu dhabu akkasumas miiraa abbummaan ummataa hirmaachisuu irratti xiyyeeffannoon jiruu laafaa ta’u

  • Gurmaa’insi leenjii fi dorgoommii ispoortti akkaataa bu’aa qabeessummaa isaa mirkaanaa’uun ispoorteessitoota fi oggeessoota ispoorttii gahumsa fi dandeettii qaban baay’inaa fi qullqulliinaan horachuu danda’amuun karoorawwan mana mare ispoortii sadarkaa sadarkaan keessatti haala tarsiimoowwaa ta’een hammatamanii xiyyeeffannoon akka hojjetaman taasiisu

  1. Hojimaatni Adeemsa hojii giddugala godhateen hojiin bifa bu’aa qabeessummaa qabuun hojjetamu fi bu’aa argameemadaalaa deemuu irratti hir’inni jiraachuu




  • Sirna gurmaa’insa fi hoggansa hojii hirmaachiisaa, iftoomaa fi ittigaafatamummaa fi bu’aa qabeessummaa mirkaneessu dirirrsuun riiformoota galmaan gahu keessatti adda dureewwan jijjirama (Change agent) baay’inaa fi qullqullinaan sadarkaa sadarkaan horachaa deemuu

  1. Sirnii hordooffii fi gamaggamnii hojii haala ga’umsa , bu’aa irratti hundaa’ee fi gaafatamummaa qabuun gaggeeffamu dhabuu

  • Sirna hordooffii, deeggarsa fi gamaggama bifa gahumsa fi ittifuufiinsa qabuu gaggeessuun duub-deebii sirreeffama yeroo isaa eeggaten keennun toora galmaan gahiinsa hojii ijaara deemuu

  1. Hojiin gama sosochii fi hirmaannaa waliigalaan hojjetamuu qullqulliina, baay’inaa fi ittifuufiinsa kan hin qabnee ta’uu

  • Toorawwaan Dargaggootnii kaayyoowan seeraa fi imammataa gurguuddoo biyyaa irratti hubannoo gabbifatanii ilaalchaa fi amaantaa waliini ummuun gahe isaani hawaasa-dinagdee biyyaa keessatti adda durummaan bahu akka danda’an sosochii waliitii hidhamiinsa (Net worked) cimina qabuu finiinsan diriirsuu

  1. Sirnii madaallii raawwannoo hojii bifa istaandardii qabuu fi bu’aa giddugaleessa godhateen dirriruu fi hojjetamu dhabuu

  • Qajeeltoowwan Siviil Sarvii fi Bulchiinsa Gaarii akka naannichatti bahee bu’uura godhachuun fi akka amala Seektarichaatti qajeelfamaa fi istaandaardii hojii baasuun sadarka mana hojii, garee hojiitiifi hojjetootaatti hojii irraa akka ooluu taasiisu

  1. Fayyadamnii faayinaansii fi meeshaalee seektaricha bifa ija walqixxa ilaalatuun/impartiality/, iftoomina qabuun/transparency/ fi ittigaafatamummaa /accountability/ haqa- qabeessaa qabuun fi ija tajaajilutummaa /service delivery/ dhimmota tarsiimoowwaa ta’an bu’uura godhachuun hojiiraa oolchuu dhadhabbuu

  • Fayyadamnii faayinaansii fi meeshaalee seektaricha bifa ammayyummaa fi ittigaafatamummaa hammata seeraa qabuu fi bifa al-logummaa hin qabaaneen hojjachuu ,hammata seeraan raawwatu akkaasumas karoora, qajeeltoowwan,fi gurmaa’insa hojiin qindaa’ee madaalama fi hogganama akka deemuu gochuu fi tarkaanffii seera -qabeessa ta’ee yeroon fudhachuu.

  1. Carraa madda galii jiru hundaa seeraandugguganii fayyadamu fi sirna dhangaliinsa fandii waliin ijaaramanii socho’u ummamu dhabu

  • Waltaiinsa fi walitti dhufeenya gahe qabeesoota tarsiimoo mana hojiichaa raawwachiisan waliin hariiroo ummuun humni baajata seektaricha akka ijaaramuuf sagantaalee galii guddisan dhuguganii raawwachuu fi bifa sirna dhangalaiinsa misooma fandii waliin ijaaramee socho’uu fi hogganamu dirirrsuu.

  1. Faasilitiwwan seektarichaa fi galtewwan teknoolojii akkasumas meeshaalee deeggarsa hojii sadarkaa barbaddamuu ijaaruu fi gurmeessuu dhabuu

  • Ergama fi mul’ata mana hojiicha gahumsa hundaa gala fi miiraa guutuun hojiiraa oolchuuf sirni faasilitiwwaan mana hojiicha bifa teeknoolojii ammayyaattin caasaale sadarka sadarkaa jiraan waliin hidhamiinsa qabuun ijaaramee akka diriiruu taasiisuu



Dandeessitoota (Enablers) gurguddoo/strength*opportunity/

Kallattii itti daran babal’atan(Expansion Strategy)

  1. Hojimaata mana hojiicha akkaataa imaammata, tarsiimoo, labsii, seeroota akkasumas qajeelfamootan deeggaramee gaggeeffama jiraachuu isaa




  • Hojimaata mana hojiicha akkaataa imaammata, tarsiimoo, labsii, seeroota akkasumas qajeelfamootan daraan deegaramee hojiiraa akka ooluuf hubannoo kennuun fi hojii kominikeeshiini bu’aa qabeessa ta’e raawwachuu




  1. Gurmaa’insa caasaalee hanga sadarkaa dakatii dirirfamuu isaattin tarsiimoowwan mana hojii hojirra ooluu eegaluu isaa

  • Hojimaata mana hojiicha akkaataa imaammata, tarsiimoo, labsii, seeroota akkasumas qajeelfamootan daraan deeggaramee hojiiraa akka ooluuf ,caasaa mana hojichaa sakkata’uun sirressuu fi foyyeesuunhojii kominikeeshiini bu’aa qabeessa ta’e raawwachuu

  1. Riifoormootnii adda addaa hojiirra oolchuuf hojimaatnii adeemsa hojii irratti xiyyeeffatee bu’uureeffatee dirirruu isaa




  • Riifoormoota bu’aa qabeessa galma ga’iinsa mana hojiif bu’aa ol’aanaa gummachan irratti adda dureewwan jijjirama bali’naan horachuuf hojii kominikeeshinii bu’aa qabeessa ta’e itti fuufiinsaan gaggeessu

  1. Waltajjiiwwan hirmaannaa fi sosochii akkasumas sagantaalee waldorgommii fi feestivaala sadarkaa sadarkaan guddacha dhufu

  • Hojimaata sosochii fi hirmaanna waliigala mana hojiichaatti gaggeeffaman daraan finiinsaan diriirsuun ho’iinisa isaa eeggee akka deemuu gochuu

  1. Jaarmiyaalee Dargaggootaa fi waldaalee ispoortii bu’uura ummatuma qabaatanii akka socho’aan taasiifama jiraachuu isaa

  • Jaarmiyaalee Dargaggootaa fi waldaaleen ispoortii sosochii hawaasa-dinagde biyyaa keessatti gahe ol’aanaa akka taphatanii deeggarsa ijaarsa dandeettii gochuun tarsiimoo offdanda’eesisuu (Exit Strategy) diriirsuu

  1. Misooma Dargaggootaa fi Ispoortii waliigalaan jiru Muxxannoo abbummaan hojii hogganaa deemuu fi adda dureewwan aangoomsuu fi horachaa deemuu irratti adeemsi jiru jalqabbii gaarrii ta’uu isaa

  • Sirna barnoota fi leenjii keessatti gahumsa hoggansuma fi teeknikaa Dargaggootaa qaamoole gahe qaabaatoota waliin atoomuun adda dureewwan baay’inaa fi qullqullinaan horachaa deemuu.

  1. Dhimmoota Dargaggootaa ajandaa biyyooleessaa ta’uu isaatiin xiyyeeffannoon guddaa argachuu isaa

  • Dargaggootaa Oomishtummaa fi bu’aa qabeessumaan isaani mirkaana’ee baay’ina fi qullqullinaan horachaa deemu danda’amu qaamoole ilaalan waliin atomanii hojiichu

  1. Karoora tiraansfoormeeshinii fi Guddinaa waggootan shanii qophaa’e keessatti ga’umsaa fi fayyadamummaa dargaggootaa fi dubartootaa akka utubaa misoomaa tokkotti taa’uu isaa

  • Karoora bu’aalee jjiirama hunda galeessaa fiduu dandeessisu qopheessuu fi hojiirra oolchuun fayyadamummaa dargaggootaa fi hawaasa ispoortii guddisuu




  1. Industirii xixiqqaa fi qaamoleen liqii dhiyeessan babal’achuun sirna misooma diinagdeen qindaa’ee dubartootaa fi dargaggootaaf hojii uumuu irratti haalli gaariin jiraachuu isaa




  • Gahumsa dargaggootaa bifa hunda galeessa taheen ijaaruuf hojiiwaan sab – qunnamtii bu’a qabeessa tahee gaggeessuu fi Hariiroo qaamolee waliin jiru cimsuun adda dureewwan jijjiramaa horachuun humna misoomaa cimaan Karoora Guddinaa fi Tiraansifoormashinii hojiiraa oolchuuf

  1. Qaamolee raawwachiiftuu sadarkaa sadarkaan jiran biratti tarsiimoowwan misooma dargaggootaa fi Ispoortii hojiirra oolchuu irratti gama ilaalchaa, dandeettii fi dhiyeessaan kutannoon jiru gaarii ta’uu




  • Fooramoota misooma dargaggootaa fi dhaabbilee liqii bu’ura bu’a qabeessummaa fi itti gaafatamummaa qabuun ijaaruun misooma dargaggootaa fi dubartootaa akka oolu taasisuu.

  • Kominikeeshinii bu’a qabeessa ijaaruun fooramoota misooma dargaggootaa fi mootummaa sirna bu’a qabeessummaa fi itti gaafatamummaa qabuun tarsiimoo mana hojii hojiirra akka oolchan taasisuu.



    1. Yüklə 1,28 Mb.

      Dostları ilə paylaş:
1   2   3   4   5   6   7   8   9   ...   14




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin