Biiroo Dhimma Dargaggootaa fi Ispoortii Oromiyaatti Safartulee Raawwii fi mannii Galmoota Tarsiimo’aa


Toora xiyyeefannoo tarsiimoo’aa fi Bu’aa / strategic themes & results/



Yüklə 1,28 Mb.
səhifə6/14
tarix07.01.2019
ölçüsü1,28 Mb.
#90999
1   2   3   4   5   6   7   8   9   ...   14

Toora xiyyeefannoo tarsiimoo’aa fi Bu’aa / strategic themes & results/

Toorri xiyyeeffannoo tarsiimoo’aa hojii ijoo utubaa milkaa’inaa fi fiixaan baatee (Pillars of excellence) kan ibsu ta’ee, Ergama (Mission) fi mul’ata (VISion) mana hojichaa kan dhugomsuu dandahu bu’an argamsiisuu tarsiimawo’aa kan tahee fi akka walii galaatti hojjatoota mana hojiichaas kan hawwatuudha.

Bu’uuruma kanaan:



Imaammata fi tarsiimoo, aangoo fi gahee hojii mana hojichaa irraa kan burqan,Ergama,Mul’ataa fi Duudhaalee seektarichaa waliin kan waldubbisan,Hanqinoota raawwii waggoota darbee keessatti mul’atan hiikuuf kan dandeessisanKeessatuu Xiinxaalan akka Hudhaaleetti dhimmota adda bahan irratti kan xiyyeeffate.Gara hojiilee guyyaa guyyaan raawwatamaniitti hiikuudhaaf kan dandeessisan, dhimmoota ijoo ibsa duudhaa tajaajilaa faayyadama maamiltootaa fi dhimmamtootaa (customer value analysis) irraa kan bahan Adeemsota hojii hunda kan waliin qoodachiisuu danda’anii fi Bu’aa Tarsiimo’aa tokko tokko mataa mataatti kan qaban Toorawwan Xiyyeeffannoo Tarsiimoo’aa sadii (3) filatamaniiru.

  1. Ga’umsa Humna Raawwachiisummaa (Capacity Building)

  2. Sosochii fi Hirmaannaa (Mobilization and Participation)

  3. Qindoominaa fi Walta’insa (Integration & Co-operation)

      1. Ibsa Toorawwan xiyyeeffannoo Tarsiimoo’aa

  1. Ga’umsa Humna Raawwachiisummaa

Toorri xiyyeeffannoo kun gahumsa daragaggootaa fi hawaasaa ispoortii fi caasaalee ijaaruu kan ilaallatu tahee hojiiwwan humna raawwachiisummaa tajaajilamtootaa cimsan;

  • Sagantaa Deeggaarsa teeknikaa(gorsa, hubannoo, odeeffannoo , leenjii fi muuxannoo waljijjirraa) diriirsuu fi deegggarsa maateriyaalaa/ meeshaalee fi faayinaansii taasisuun beekumsa,dandeettii fi gahumsaan akkaa cimanii fi ilaalchaa gaarii akka horatan taasisuu

  • Gahumsa qaamolee dhimma dargaggootaa idileeffatanii fi irratti hojjetanis guddisaa deemuun fi hojiiwwan qorannoo fi qo’annoo gabbisuu fi kenna tajaajila deeggarsa gahumsa ijaarsa dandeetii si’ataa fi itti fuffinsa qabu, qulqullina, iftoominaa fi ittigafatamummaa qabu dhugoomsuuf dandeessisan hojimaata(tarsiimoowwan,dambiiwwanii,qajeelfamoota- hammatawaan seeraa, sadarkaa (istaandardii),barruu gorsaa,maanuwaalota....kkf diriirsuu irratti kan xiyyeeffatee fi bu’a qabeessummaa isaas mirkaneessuuf dargaggoota gahumsi( dandeettiin fi beekumsi isaanii cime qaamolee idileeffatan,qooda fudhatan waliin deeggarsa gahumsa ijaarsa dandeettii godhameen gurmaa’ansa ergam-duree(vision-oriented) baay’inaan jiraachuu isaanii fi kunis toorrii xiyyeeffannoo kun milkaa’ina ergamaa/mul’ataa fiixaan baasuu waliin toora walitti hidhamnsaa qabu tahuu agarsiisa.

  • Dhiyyessa dhaabbilee misooma namummaa(giddu gala dargaggootaa bakka oolmaa ispoortii, akkaadaamii/dhaabbilee leenjii dargaggootaa fi hawaasa ispoortii akka babal’atanii fi tajaajila gahaa akka kennan gochuun gahumsi isaanii akka kessatti ijaaratan taasisuu

  • Fandii Ispoortii hundeessuun deeggarsa dabaluun dandeettiin raawwachiisummaa isaanii cimsuun jaarmiyaaleen dargaggootaa fi federeeshinootni ispoortii akka of danda’aa deeman gochuu

  • Dargaggootaa fi Hawaasa Ispoortii kan ta’an ispoortessitoota ogeessota,amaatarootaaf leenjii kennuun dargaggoonnii fi atileetootni dorgomoo fi bakka bu’oo tahan dabaluu.

    • Walumaagalatti humna raawwachuu fi raawwachisummaa tajaajilamtootaa fi hojjetootaa guddisuuf odeeffannoo,hubannoo,gorsaa,leenjiifi barnootaa,dhiyeessaa dhaabbilee leenjii, giddu gala, bakka oolmaa fi deeggarsa meeshaalee fi maateriyaalaa dabaluun xiyyeefannoo addaa tajaajilamtootaaf kennuun miira dorgomummaa isaanii kan cimsuuf hojmaata si’ataa fi bu’a qabeessa diriirsuun humna raawwachuu fi raawwachiisummaa gabbisuu/dabaluu dargoggoota/hawaasa ispoortii/ gama hundaan ga’omsuun misooma biyyattii jalqabdee keessattii kallattiin qooda akka fudhatuu fi gahee ogummaa fi lammummaa isaanii akka bahaniif toora ijoo godhachuu irratti kan xiyyeeffatedha.

  1. Sosochii fi Hirmaannaa(Mobilization and Participation)

Toorrii xiyyeeffanna kun waggootan shanan /2008-2012/ dhufan keessatti ummatni (Dargaggootni) kaayyoowwan heeraa , seerawwan imaammata gurguddoo biyyaa irratti hubannoo gabbifatanii hunda keessatti akka hirmaatanii fi hirmaatanis irraa fayyadamuu akka danda’aniif, ilaalchaa fi amantaa waliinii akka uummataniif kan jedhu irratti kan xiyyeeffate ta’e:-

  • Ijaarsa sirna Dimokiraasii, Bulchiinsa gaarii fi sosochiiwwan Dinagdee, Hawaasummaa Misoomaa fi aadaa hubannoo guutuu qabaatanii bifa gurmaa’een akka hirmaannaa ho’aa taasisan gochuuf sagantaalee fi waltajjii - kora ,kenna tajaajila tolaa, taatewwan garaagaraa, waldorgommiiwwanii , feestivaalaa,leenjiiwwan adda addaa fi kkf kanneen dargaggootaa shamarranii fi dhiiraa walqixa hirmaachisuu danda’an itti fufinsaan qopheessuu,

  • Hojiilee midiyaa fi sab qunnamtii sosochii fi hirmaannaa cimsan baayyinaa qulqullinaan gaggeessuu

  • Hojii qorannoo fi sakkatta’insaa gaggeessuun sosochii fi hirmaannaan akkaataa bu’a qabeessa tahee itti fufu taasisuu fi ilaalcha waliinii uumuu fi hirmaannaa waliigalaa guddisuu irratti kan xiyyeeffate tahee dargaggootni gama hundaan hirmaannaa walqixaa mirkaneesuu fi kaayyoo amanan jalatti gurmaa’anii mirgaa isaanii kabaachiisuu fi dirqamaa isaanii bahuun faayidaa isaanii kabachiisuu dandahuu isaanii kunis ergama fiixaan baasuuf kan dandeessisudha.

  • Haala mijaa’aa gurmii dargaggootaaf uumuun hirmaannaa isaanii adda duree akka tahu gochuu

  • Sirnoota sosochii dargaggootaa finiinsansan diriirsuu

  • Sosochii fi hirmaannaa uumamuun Ispoortii bu’uurri isaa amansiisa ta’ee,injifannoon itti fufinsaan irraa galmaa’uu danda’u, bu’uura fi hoggansa ummatummaa kan qabu uumuun hirmaannaa hawaasaa fi qaamolee hundaas akka dabalaa deemuu gochuun kallattiidhaa hirmaataa akka ta’an taasisuun hawaasnii bal’aa, ispoortessitootni fi dargaggoonni,jarmiyaaleen dargaggootaa fi waldaaleen ispoortii dorgomoo tahuu danda’an akka bakka bu’aa deeman gochuun bu’aan ol’aanaas akka galmaa’aa deemuu fi hawaasni naannichaa akka itti gammaduu fi ammantummaa mana hojichaa irraa qabaatu fi eergama mana hojichaaf keennamee milkeessuu irratti gahee isaas akka bahuu gochuu irratti kan xiyyeeffatedha.

  1. Qindoomina fi Walta’insa (Integration & Co-operation)

Toorrii xiyyeeffanna kun waggootan shanan /2008-2012/ dhufan keessatti ummatni (Dargaggootni) Qindomina humnoota misooma fi gahe qabaatoota waliin ummamuun tarsiimoo mana hojiicha bifa guutuu ta’een hojiiraa oolchuun fayyadamummaa lammii (Dargaggoota) bifa guutuu ta’een mirkaneessuuf gahe qindeessummaa ga’umsaan bahun barbaachisadha.

Haaluma kanaan, hojiileen Dhimma dargaggootaa fi Ispoortii qaamoolee gahe qabaatootan hojjataman hunda gamaggama fi kallattii agarsiisaa deemuuf hojimaata qindomina fi atoomin bu’uura godhateen dhimmotni tarsiimoo mana hojiichaa tarsiimoo qaamoole gahe qabaatoota fi deeggarsa keennitoota keessatii hamatamee hojirra akka ooluu taasiisuun hirmaannaa fi fayyadamummaa lammii (dargaggoota) mirkaaneessa deemuu irratti xiyyeeffannoo kennun kana hojatamudha.



  • Hojirra oolmaa, hordoffii fi gamaaggama tarsimoo mana hojichaa keessatti gahee qabaattoonni shooraa fi gahee isaanii karoora keessatti hammachiisuun fayyadamtummaa dargaggootaa fi hawaasa ispoortii mirkaneessuuf,

  • Hojiiwwan dargaggootaa fi ispoortii beeksisuun irraa kaassee raawwii keessatti milkaa’ina argamu fi rakkoo mudatan irratti hubannoo guddisuu hariiroo cimsuu

  • Formoota misooma dargaggoota fi mana maree ispoortii sadarkaa sadarkaadhaan jiraan cimsuun hojirra olmaa paakeejjii guddina dargaggootaa fi tarsimoo misooma ispoortii abbummaan akka hogganan taasisuu,

  • Dhaabbilee fi qaamolee dhimmoota dargaggootaa irratti hojjeetan sagantaa misooma dargaggootaa fi ispoortii idileeffatanii akka hojjatan taasisuu,

  • Daangaa qindeessummaa dhaabbatichaa dabaluun qunnamtii qaamolee qooda qabaatoota waliin hariiroo cimsuun fayyadamummaa dargaggootaa fi ispoortii guddisuu,

  • Hubannoo qaamolee ga’hee qabaattoota imaammataa fi tarsimoo irratti qaban gabbisuu, walitti dhufeenyaa fi walta’insa qooda qabaattotaa waliin jiru cimsuuf fooramoota michuuwwan /partnership/ gurmeessuu irratii xiyyeeffatame hojitamudha

Waliigalaan, Galii mana hojiichaa guddisutiin lammilee fedhii isaanii guutuuf akka dandaa’amuf Sagantwwaanii fi piroojaktoota madda galii argamsiisu danda’aan sakkata’uu fi qorachuun walta’insaa fi walitti dhufeenya ga’hee qebeessotaa uumamuun adeemsa galii guddisuu danda’an, projeektii madda galii, Projeekti arjoomina maallaqaa, teeletoon, Ispoonsara fi maddaalee galii adda addaa uumun fi bu’raaleen misoomaa dargaggotaa fi ispoortii daran akka babala’tuu gochuun ,tarsiimoon PGD fi tarsiimoon ispoortii biyyattiin baaftee hojii irra akka ooluu gochuun ,dargaggootnii gama hundaan of danda’annii misooma keessattii gahee isaanii akka bahanii fi gama ispoortiinis atleetootnii ciccimoo naannoo keenyaa fi biyya keenya bakka bu’uu danda’an baay’inaa fi qulqullinaan horatamanii sadarkaa kamittuu dorgommaa cimaa fi maqaa naannoo fi biyya yaamsiisuu danda’an akka uumaman gochuu fi humni baajata mana hojicha akka ijaaramu fi eergamnii mana hojichaa akka galmaan gahuuf sagantaalee galii guddisuu dirirsuun kan raawwatamu ta’a.

      1. Bu’aawwan Tarsiimoo’aa Toorawwan Tarsiimoo

Toorawwan tarsiimoo’aa kallattii xiyyeeffannoo tahuutiin armaan olitti kaawwamanhojiitti hiikamanii yoo raawwataman bu’aawwan tarsiimoo’aa kan mataa isaanii kanqabaatan yoo tahu bu’aawwan kunis dhummarratti kan argamani dha.

Haalumaa kanaan toorawwan tarsiimawaa filataman irraa bu’aawwaan tarsiimawaa milkaa’ina ergamaa fi mul’ata Biirichaa agarsiisan haala itti aanuun kaa’amaniiru.



L.k

Toora Xiyyeeffannoo

Bu’aawwan Tarsiimoo’aa

1

Gahumsa Humna Raawwachiisummaa

Jarmiyaalee of-danda’anii ergama ba’aan

2

Sosochii fi Hirmaannaa

Ilaalcha misoomaa fi dimookiratawaa guddate

3

Qindoominaa fi Walta’insa

Misooma Dargaggootaa /lammii Gama Hundaan Dabale



    1. Galmoota Tarsiimoo’aa /strategic objectives/

Kallattii Madaallii

Galmoota Tarsiimo’aa

Tajaajilamaa (Customer)

  1. Amantummaa Lammii guddisuu

  1. Itti quufunsa Lammii guddisuu

  1. Hirmaanaa fi Fayyadamummaa lammii guddisuu

  1. Ga’umsa Raawwachisumaa lammi Gabisuu.

Faayinaansii (Finance)

  1. Fayyadama fi bu’a qabeessummaa qabeenya guddisuu

  1. Deggersaa baajata guddisuu

Adeemsa Hojii keessaa

(Internal Business Process)

  1. Hojimaata Bulch.gaarii fi Kenna tajaajilaa fooyyeessuu

  1. Sirna deeggarsa fi Hordoffii fooyyessuu

  1. Sirna Qo’annoo fi qorannoo foyyeesuu

  1. Muuxannoo gaggaarii Misooma Dargaggootaa fi Ispoortii babal’isan guddisuu

  1. Gurmaa’ins fi bulchiinsa ragaa Foyyeesuu

  1. Bu’aa qabeesuuma hojii Kominikeshinii Foyyeesuu

  1. Qindoomina fi Hariiroo hojii Humnoota misoomaa cimsuu

  1. sirna Sosochii fi gurmaa’insa foyyesuu

  1. Bu’uraalee misooma Dargaggootaa fi Ispoortii babal’isuu

Ijaarsa dandeetii

(Organizational Capacity)

  1. Dandeetti raawwachisummaa seektarichaa Foyyeesuu

  1. Aadaa fi haala Naannoo hojii fooyyessuu

  1. itti fayyadama teeknoloojii guddisuu



      1. Ibsa Galmoota Tarsiimoo’aa Waliigalaa (Corporate Strategic Objectives Commentary

Galma 1.Amantumaa daragaggootni /lammiin mana hojichaa irraa qaban guddisuu

  • Karoora GTP 2ffaa keessattiGahumsa raawwachiisummaa dargaggootaa fi hawaasa ispoortii guddisuun, jaarmiyaaleen dargaggootaa fi waldaaleen ispoortii akka of danda’aa deeman gochuu fi sochii fi hirmaannaa isaanii daran finiinsuun akkaataa danda’amuun gochuun danda’amuun deeggarsa ijaarsa dandeettii fi waltajjii hirmaannaa fi sosochii qulqullinaan, fi ittifufinsaa fi yeroo kan eeggatee akka argatu taassisuun barbaachisaa dha.

  • Kana gochuufis qaamolee qooda qabaattootaa garaa garaa ( mootummaa, mit mootummaa, abbootii qabeenyaa fi hawaasa waliin qindoomina cimaa uumuun hojjechuu fi dargaggoota(hawaasa ispoortii) tis yeroo yeroon walitti dhiyeenyaan hojjechuun fedha isaanii gaafachuu fi mariisisuun waliigaltee irra gahu.

  • Gama biraatiin deeggarsawwan ijaarsa dandeettii fi waltajjiiwwan sosochii hirmannaa garaa garaa isaan barbaachisan akka karoorfamanii fi raawwii isaanii irrattis sakkatta’iinsa gaggeessudhaan hanqinaalee mul’atan hojjachuun deeggarsa gahumsa raawwachiisummaa fi sosochii fi hirmaannaa kana irraas dargaggootni( hawaasni ispoortii) akka fayyadaman taasisuun ,

  • Akkasumas amantaa biirichairratti qabu guddisuudhaan sosochii mannii hojichaa taasisu keessatti itti fufiinsaan miira abbummaa akka qabaatan gochuu dha.

Galma 2. : Ittiqufiinsa lammii (Dargaggoota) guddisuu

  • Galmi kun kan irratti xiyyaaffattu fayyadamummaa fi itti quufiinsa maamiltootootaa fiduuf fedhii tajaajilamtoota qorachuun (customer Value Propsition) akka mana hojii keenyatti agarsiistu kallatti madaallii itti quufiinsa maamiltootaa (customer satisfaction) gama tajaajilamtoota harkkisuun, tursuun fi qixa sirritti keessumeessu danda’auun irrattii cimnee hojjachuu.

  • Tajaajilamtootni dhaabbatichatti akka gammadanii fi dhimmota kana fakkaatan kan calaqisu akkaataa fi sadarkaa fayyadamummaa fi ittiquufinsi maamila irra jiru beekun kan hojjatamu ta’ee fedhii fi amantaa maamiltoota keenya guutuuf yeroodhaa yerootti kenninsa tajaajila keenya foyyeessuun ittiquufiinsa isaanii guddisuu irratti cimne hojjana.

  • Kunis milkauu akka danda’uu tajaajila giddugaleessa godhate qorannoowwanii fi qo’annoo yeroo yerootti gaggeessun tajaajila fooyy’aa, si’aata fi qullqullina qabuu itti fufiinsan akka argatuu taasiisuu dha.

  • Haallii kun bu’aa qabeessa ta’ee hojiiraa ooluu isaas hordooffuu fi gamaggama deemuun akkasumas sirreeffama fi duub-deebii ariitiin kennuun ittiquufinsa isaanii haala addaan baafatee irratti hundaa’een mirkaaneesaa deemuu irratti xiyyeeffatame hojjatamu dha.

  • Haaluma kanaan, GTP 2ffaa keessattisosochii fi hirmaannaa waliigala finiinsuun, immamataa, tarsiimoo, fi paakeejjii gurguddoo biyya irratti ilaalchaa fi ammantaa waliini akkasumaas tarsiimoo mana hojiichaa adda durummaan kan raawwachiisan qaamoolee Mootummaa fi miti Mootummaa, jaarmiyaalee Dargaggootaa fi Dhaabbilee ispoortii, Dhaabbilee hawaasa fi siviilii waliigalaan humna ijaaru fi hariiroo uumuun qindoomina humnoota misooman waliin uumammun fayyadamummaa lammii/dargaggootaa bifa guuuu ta’een mirkaaneessu irratti xiyyeeffatame kan hojjtamu ta’aa.

  • Bu’aa:-miira abbummaa dargaggootaa mana hojichaa iratti guddate.

  • Milkaa’ina: Amantaa (Loyality) lammiin /Dargaggoota/ dabale

Galma 3. Hirmaanaa fi Fayyadamummaa lammii guddisuu



  • Sosochii manni hojicha taasiisu irraa jijjiiramaa fi bu’uura qajeeltoowwan imaammataa bifa bu’uura godhateen dhimmotni dargaggotaa toora akka qabaatuu taasisuusuun rakkoo dargaggotaa gama hundaan (Dinagdee, hawaasummaa, fi siyaasa) furuun fayyadamummaa dargaggootaa mirkaneessuuf qaamoolee gahee qabaatoota waliin hojii irra akka ooluu taasiisuun murteessaa dha.

  • Haaluma kanaan, bifa gahumsaa fi itti gaafatamummaa qabuun fayyadamtummaa dargaggootaafi lammi ispoortii bifa mirkaanessuu danda’uun kan hojjatamu ta’ee sosochii fi gurmaa’insa hirmaachisa ta’e dabaluu istraatejiiwwan ijoo dargaggootaa humna ol’aannaa fi adda duree taasisuu fi Mootummaanis gahe deeggartummaa isaa gaheenyaan bifa bahu dandeesisuun qindaa’ee rakkoo dinagdee hojii dhabbduma waliin jiru, rakkoo tajaajila hawaasummaa fi hirmaannaa siyaasaa dargaggootaa hiikuuf xiyyeeffatame kan hojjatamuu dha.

  • Gama biraan Dargaggoota hunda galaan guutuu ta’an(all rounded personality) horachuuf istraateejiiwwan ijoo dargaggootaa huma ol’aanaa fi adda-duree gochuun sochoosuu, Waltajjiiwwan hirmaannaa mijeessuu fi humna isaa ijaaruun gurmaa’ee fayyadamoo akka ta’an, mootummaan gahee darggeertummaa isaa ga’heenyaan akka bahuu, humna omishtummaa isaa guddisuun akkaataa Paakeejiin Guddina Dargaggootaa fi Tarsiimoon misooma ispoortii akkasumas aangoo fi gahee hojii seektarichaaf keennamee irratti hundaa’uun furmaata akka argataniif xiyeeffannaan ni hojjetama.

fayyadamummaa dargaggoota gama hundaa /dinagdeen ,siyaasaan fi hawaasummaan/ jiru akka guddatuuf

  • Misooma lafaa fi qonnaa irratti gurmeessuun fayyadamtoota taasisuu,

  • Hojii misooma qonnaan ala jiran irratti dargaggoota gurmeessuun fayyadamummaa dabaluu,

  • Intarprayisii mayikiroo xixiqqaa babal’isuu daragaggootni gurmaa’anii kallattiin akka hirmaataniif fayyadamoo ta’an taasisuu,

  • Dargaggoota fayyadamoo tajaajila liqii akka ta’aniif hariroo qaamolee ga’hee qabatoota waliin jiru cimsuu,

  • Sirna gabaa omisha dargaggootaa fi feedhii keessa galtootaa mijeessuu ,

  • Dargaggootni carraa hojii adda addaa itti uummachuu fi qacaramu danda’an babal’isuu.

    • Misooma barnootaa fi leenjii keessatti fayyadamummaa dargaggootaa dabaluu,

    • Dargaggootni tajaajila fayyaa ittisaa fi bu’uuraa kessatti damqinaan akka hirmaatanii fi fayyummaan isaanii eeggamee fayyadamoo tahan gochuu.

    • Hirmaannaa hawaasaa fi hariiroo qaamoleen misooma dhaabbilee fi bakkeewwan tajaajila dargaggoota rakkoo hawaasummaa isaanii hiikuu danda’an dabaluu fi dhaabbilee babal’ataa jiran kessattis tajaajila fedhii dargaggootaa irratti hundaa’ee babal’isuun akka fayyadamoo tahan taasisuu irratti kan xiyyeeffatedha.

  • Dargaggootni waa’ee naannoofi uummataa akkasumas, biyya isaanii irratti aadaalee, seenaafi qabeenyaafi hambaalee uumaa ifaafi sirriitti akka beekan gochuudhaan akka eegan, kununfamaniif faayidaa misoomaaf akka oolchan haalawwan gaarii uumuudhaan dammaqinaan akka itti hirmaatanii fayyadamtootta akka ta’an dandeessisuu.

  • Gama Siyaasaan;-

  • Rakkoo gama siyaasan jiru hiikuufis; dargaggotni kaayyoo, akeekaafi heera mootummaa akkasumas imammataalee biyyaattii ijoo ta’an hunda irratti hubannoofi amantaa waliigalaa qabaachuudhaan feedhaa fi bilisaan gurmaa’anii sochii ijaarsa sirna diimookiraasiifi bulchiinsa gaarii guutummaan dhugoomsuu keessatti dammaqinaan hirmaachuudhaan mirgootaafi faayidawwan isaanii akka kabachiifamuu gochuu.

  • GTP 2ffaa kana kessattiIspoortiin misoomabiyyaa (siyaas-dingadee, hawaasumaa fi aadaa) keessatti qabu bifa mirkaneessaa deemuu danda’uun irratti xiyyyeffatanii hojechuu kan of keessatti hammatu dha. Haaluma kanaan:-Ga’umsa raawwchisummaa hawaasa ispoortii guddisuun ispoortii hawaasaa hirmachisuu fi fayyadamoo taasisuu babal’isuun waltajjiiwwan dorgommii irratti Ispoorteessitoota u’aa qabeessa ta’aan gama hundaan omishuu.

  • Sosochii fi hirmaannaa uumamuun Ispoortii bu’uurri isaa amansiisa ta’ee,sadarkaa biyyattiDorgomaa cimaa fiinjifannoon itti fufinsaan irraa galmaa’uu danda’u, bu’uura fi hoggansa ummatummaa kan qabu uumuun hirmaannaa hawaasaa fi qaamolee hundaas akka dabalaa deemuu gochuun ispoortessitootni , ogeessotni, waldaaleen ispoortii dorgomoo tahuu danda’an horachuun, bu’aan ol’aanaa akka galmaa’aa deemuu fi hawaasni naannichaa akka itti gammaduu fi ammantummaa mana hojichaa irraa qabu guddisuu kan ilaallatudha,

  • Gama Hawaasummaatiin;-

  • Gama biroonis Hammata seera ijaarsawwan ispoortii fi beekamti waraqaa abbummaa, hojiiwwan qorannoo fi ijaarsa, hordooffii fi gamaagamaa sirna galmee fi heyyama hojii dhabbilee ispoortii, meeshaalee fi hidhannoo ispoortii, hojimaata babal’ina invaastimanttii ispoortii fooyyeessuu,

  • Ispoortii gurmaa’insa bu’uura ummataa qabate, deggarsa meesha fi qabeenya, gurmainsa qabeenyaa dhaabbataa horachuu, hubannoo ummataa fi hoggansaa sadarkaan cimsuun, bu’uura cimaa ispoortii ummataa guddisuu Sosochii ispoortii keessatti hariroo qaamoolee uumuu, hojiiwwan qindeessummaa fi ragaalee fi odeeffannoo gama ispoortiin jiru gurmeessuu, irratti kan xiyyeeffate tahee,

  • Tooftwwan raawwii galma kanaafis:-misooma ispoortii sosochii Hawaasa ,Dargaggootaa fi dubartoota Keessatti humnaadda duree goochuun socho’uu fi hawaasti yaad-rimee ispoortii fi faayidaa inni kennu irratti hubannoo cimsatee sosochii ispoortii keessatti hirmaata fi fayyadamaa akka ta’uu hojii sab-qunnamtti gaggeessuu Dargaggootni (hawaasti) waliigalaan akka fedhaa fi kenna isaatti gurma’ee sochii ispoortii akka hogganu, hirmaataa fi fayyadamaa akka ta’uu gochuu,

  • Hawaasnii bakka jiraatuu fi Hojjatuutti gurma’un hirmaannaa ispoortii akka taasisuu ispoortii babal’isuu figa’umsi a isaa akka dabalaa deemu taasisuun walitti dhiyeenyi uumuun akka bashannanu gochuuf waltajjiiwwan dandeessisuu uumuu, adeemsa sagantaa qopheessuu keessattis hawaastii ga’hee adda durummaa akka taphatuuf jajjabeessuu irratti hundaa’ee kan hojjetamudha. Misooma ispoortii keessattis dhimmoota hunda galaa (Cross-cutting issues) kan hammatee ta’ee keessumaa iyyuu dhimmoota kunuunsa Naannoo, Misooma korniyaa fi dhibee HIV/AIDSii karoora misooma ispoortii keessatti hammatamaanii akka hojjetamuu gochuun fayyaadummaa dargaggootaa fi dudartootaa bifa mirkaneessuun kan hojjetamu taha,

  • Haaluma kanaan, Dhaabbilee misooma namummaa Kan ta’an : Akkaadaamii Dargaggootaa fi Ispoortii, giddugala Dargaggootaa, Bakkeewwan tajaajila oolmaa ispoortii , wirtuwwaan leenjii daa’iman, guddatootaa fi dargaggootaa, jimnaaziyoomotaa, istaadiyoomii, iddoowwan bashanana dargaggootaa fi ispoortii, fedha hawaasa fi dargaggootaa giddugaleesaa godhateen Dhaabbilee, giddugalawwan bashannanaa Aadaa fiIspoortii irratti xiyyeeffatan akka ijaaramaniifi babal’atan gochuuf sochiiwwan taasifaman keessatti Haawwasni bal’aandammaqinaan hirmaachuudhaan tajaajilamtoota wiirtuuwwanii akka ta’an gargaaruuf,

  • Dargaggootni manneen barnootaa keessaa fi ala jiran sochiiwwan leenjiifi waldorgommii Ispoortii fi Aadaa barnotaafi gahumsa sammuufi qaama irratti bal’inaan hirmaatanii akka fayyadamtoota ta’an gochuuf,Kana keessattis gahen mana hojiicha akkaataa itti dhabbileen misooma namuummaa (Giddugala Dargaggoota, Dhabbilee fi bakkeewwan oolmma ispoortii babal’atan deeggarsa gochuun dhaabbilee leenjii, gidugalootaa tajaajilaa fi bakkeewwan oolmaa dhiyyeessi isaanii akka dabaluu gochu,

  • Akkasumas tajaajila qulqullinaa fi sadarka isaa eeggatee haala fedha tajaajilamtootaa giddu galeessa godhateen dabaluun; maamiltootni qaamaan gaheessa, sammuun gameessaa akka tahan keessattuu, bakka gorsaa fi leenjii bashaanannaa fi odeefannoo mijeessuu,

  • Gama biraatiin bakka shaakallii akka argatan gochuun tajaajila hunda galeessa akka argataniif hojimaata dhaabbileen kun daran ittin babal’atan yeroo yerootii fooyyeesa deemuun hawaasni, Mootummaa, miti-mootummaa fi abbootin qabeenya gahe isaani akka bahaniif sirnoota ittin dhaabbileen kun babal’achuu danda’aan irratti waliin hojjachu dha.

  • Dargaggootni toora ogummaa /ijaaromsa/ hiriiran irratti miira dorgomuummaa fi walmorkii gabbifatanii hirmaannaa fi fayyadamummaan isaanii daran bu’a qabeessa gochuuf omishaa fi omishtummaa, taateewwan kenna addaa fi akkasumas dandeettii, kalaqa hojii irratti bu’aa ol-aanaa fi milkaa’ina galmeessisuun fakkeenyummaa gaarii qaban horachuuf sagantaalee badhaasaa fi onnnachiiftuu diriirsuun gama hundaan dhimmi isaanii mul’atee akka bahuuf cinminaan kan hojjatamu ta’a.

  • Akkasumas, Sirna dargaggootni dandeettii addaa fi omishtummaa guddisuun , Sagantaalee dargaggootni fakkeenyummaa gaarii qaban ittiin jajjabeeffaman qopheessuun miira dorgomummaa isaanii dabaluu, qoraannoo taatewwan fedhii daragaggootaa geggeessuudhaan waltajjiiwwan hirmaannaa isaanii mirkaneessan sadarkaadhaan hojiirra akka oolan kan taasifamu ta’e,

  • Gama ispoortiinis sirnoota leenjiiwwan ispoortii diriirsuu fi gahumsa isaani ijaaruun sagantaalee dorgommii ispoortii sadarkaa isaa eeggatee fi itti fuufiinsa qabuu sadarkaa sadarkaadhan gaggeesuun ispoortesitoota fi Ogeesootaagahumsa fi dandeettii addaa qaban horachuufi waltajjiiwwan dorgommii biyyaa fi alaa irratti hirmaatanii bu’aa ol’aanaa galmeesisuun guddina siyaasa –dinagdee keessatti guumachaa ol’aanaa akka taasisan irratti xiyyeeffachuun kan hojjatamu dha.

  • sosochii waliigala uumamuu keessatti haawastii fi qaamooleen qooda qabaatoota waliin hiriiruun tarsiimoo mana hojiichaa bifa guutuu ta’een akka hojiirra oolchuu fi caasaalee sadarkaa sadarkaadhaan jiranis gahe qindeesummaa isaani gahoominaan akka bahaan qaamoolee isaani ilaalu waliin gurmaa’insa fi hoggansa gaariin gaggeesuun kan irratti xiyyeeffatame hojjatamu ta’a.

  • Walumaa galatti,GTP 2ffaa karoorfamee keessattimisoomni ispoortii miira ijaarsa fi ilaalcha waliinii biyyaa ijaaruun guddina misooma biyaa keesatti gumaacha ol’aanaa waan qabuuf wiirtuuwwan fi akkadaamii ispoortii babal’isuu, hirmaannaa hawaasaa ispoortii keessatti finiinsuu fi sadarkaan dorgomummaa naannoo fi biyyaa daran akka cimuu fi bu’aa qabeessaa tahu gochuu irratti xiyyeeffatamee kan hojjetamudha.
1   2   3   4   5   6   7   8   9   ...   14




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin