Biiroo Dhimma Dargaggootaa fi Ispoortii Oromiyaatti Safartulee Raawwii fi mannii Galmoota Tarsiimo’aa


Bu’aa:- dargaggoota misooma biyyaa keessattii fayyadamummaan isaanii gama hundaan dabale fi Misooma ispoortii bu’uura uummataa qabate



Yüklə 1,28 Mb.
səhifə7/14
tarix07.01.2019
ölçüsü1,28 Mb.
#90999
1   2   3   4   5   6   7   8   9   10   ...   14

Bu’aa:- dargaggoota misooma biyyaa keessattii fayyadamummaan isaanii gama hundaan dabale fi Misooma ispoortii bu’uura uummataa qabate

  • Milkaa’ina: Gahee dargaggootaa fi misooma ispoortii misooma biyyaa keessatti mirkanaa’e

    Galma 4. Ga’umsa Raawwachisumaa lammii Gabisuu.

    • Adeemsa misooma mana hojichaa kessatti gahumsa raawwachisummaa dargaggootaa gabbisuu fi bu’aa argamuu irraa fayyadamummaa haqa qabeessa tahe mirkaneessuuf akkasumas dhimmota dimookiraasii misoomaa fi bulchiinsa gaarii keesstti hirmaannaa fi fayyadamummaa isaanii guddisuuf kan kaayyeeffamedha.

    • Kunis dargaggootni qabeenya biyyaa irra mirga walqixa fayyadmuu mirkaneesuuf humna kuufamaa qaban daran itti fuufiinsaan misoomsuufi fayyadamuun misooma ariifataa fi fufiinsa qabu dhugoomsuuf Karoora Guddinaa fi Tiraansifoormeeshinii 2ffaa kessatti Kallattiiwwan bu’uuraa taasisee qabate keessaa Gahumsa Dargaggootaa fi lammi Ispoortii guddisuudha guddisuudha.

    • Kunis kan taheef kutaa hawaasaa keessaa baay’ina inni qabuu fi baay’inii isaa ol’aanaa waan taheef gahumsa dargaggootaa hunda galaan guddisuun imammataa fi tarsiimoo bifa gurmaa’ee fi qindoomina qabuun gara bu’aatti jijjiruuf akka dandeessisu agarsiisa.

    • Gama kan biraatinnis, dhimma ijoo sosocho’insaa waliigalaa uumuun misooma biyyaa keessatti gahee ol’aanaa isaa bahuun mirgaa fi dirqama isaa akka bahu taasisuufi.

    • Bu’uura kanaan dhaabbileen mootummaa fi mit mootummaa dhimma dargaggootaa karoora isaanii keessatti hammachisuun xiyyeeffannoo addaa kennanii akka hojjetan ifatti kaaheera.Haaluma kanaan qaamolee dhimma ilallatu waliin qindomina uumuun ga’umsa raawwachiisummaa qaamolee gara garaa irratti kan hojjetamu tahee:-

    • Imaammatoota/tarsiimoo mana hojjichaa adda durumman kan raawwachiisan Dargaggootni(hawaasni ispoortii) humni raawwachuu fi raawwachiisummaaa isaanii akka ijaaramuuf deegarsa leenjii meeshaa fi maallaqaa gochuu,

    • deegarsa Leenjiiwaan gahumsa Raawwachisumaa cimsuu fi meeshaa fi maallaqaa gochuun,

    • Deegarsa raawwachisumaa Dargaggoota/Ispoortessitoota bakka bu’oo(ellite)akka horataman

    • Qaamolee bu’a qabeeyyii gama hundaan akka jajjabeeffaman /onachiifaman

    • Gurma’iinsa Ijaarumsa Raayyaa Misoomaa sadan cimee soochii Mana hojichaa mirkanesuuf

    • Sadarkaa dorgomummaa Naannichaa akka guddatu taasisuuf

    • Waldaalee gama dargaggootaas ta’e Misooma ispoortii cimani ijaaramun beekamtii akka argatan taasisuuf



    • Dhiyyessaa fi tajaajilli giddugalootaotaa, bakka oolmaa ispoortii, dhaabbilee leenjii akka dabaluu, fandii misooma Ispoortii fi Dargaggootaa hundeessuun humna maallaqaa mana hojiicha cimsuun jaarmiyaaleen dargaggootaa fi Dhaabbilee ispoorti akka of- danda’aa deeman, dhiyeessa deeggarsa Maateriyaalaa fi meeshaalee dabaluu,

    • ispoortessitoota ogeessota, amaatarootaa fi leenjii kennuun dargaggoonnii fi Atileetootni dorgomoo fi bakka bu’oo biyyaa fi naannoo ta’ani bu’aa ol’aannaa fi omishtummaan isaani akka dabaluuf irratti xiyyeeffatame kan hojjatamu dha.

    • Humna raawwachuu fi raawwachisummaa gahumsa dargaggootaa fi ispoortii guddisuu fi waltajjiiwwanii fi sagantaalee adda addaa gahumsa isaani guddisuu dandaa’anii fi bifa itti fufiinsa fi yeroo isaa eeggate akkasumas qullqullumaan isaa eeggame qopheessuun jajjabessuu fi deeggaruun miira guutuun omishaa fi omishtummaan isaani akka daraan dabala deemuu gochuun irratti xiyyeeffatame kan hojjatamu ta’a.

    • Waliigalaan, human raawwachuu fi raawwachiisummaa mamiltootaa guddisuuf odeeffannoo, hubannoo, gorsa, leenjii fi barnoota, akkasumas dhiyeessa bakkeewwan tajaajilaa, daawwannoo fi muuxannoowwan waljijjiirraa dabaluun xiyyeeffannoon itti kenname kan hojjetamu dha.

    • Bu’aa :- Dargaggoota/ hawaasa ispoortii gahumsi isaanii ijaarame.

    • Milkaa’ina:- Dargaggootaa/lammii gahoomani off-danda’anii soco’aan

    Galma 5. Fayyadama fi bu’a qabeessummaa qabeenya guddisuu

    • Galmoota tarsiimoo’aa mana hojiicha galmaan gahuu keessatti gaheen baajatni qabu murteessaa waan ta’eef sirna itti fayyadama bajata keenyaa fooyyessuun baajata muraasa qabnuun hojii bu’a qabeessaa fi fedhii hawaasaa guutuu danda’u raawwachuu qabna.

    • Qabeenya maallaqaa mana hojichaa galma yadameef oluu isaamirkaneessuuf kan kaayyeffame tahee maallaqa dhimmoota tarsiimo’aa tahaniif oolchuu, sirna fayyadama faayinaansii hordofuu fi bu’a qabeessummaa bajataa guddisuuf galma dandeessisudha.

    • Kana dhugoomsuufis hojiirra oolmaa bajatichaaf hojiiwwan tarsiimoowaa tahan karoorsuu fi bajataa hojiiwwan karoorfamanii qofaaf oolchuun tajaajilamtootni keenya fayyadamoo akka tahan hojjeechuu dha. Kana gochuufi sirnoota itti fayyadama baajataa fooyyeessuu fi seera faayinaansii eeggateenii hojii tarsiimoo’aa qofaaf oolchuun barbaachisaadha.

    • Gama biraatiinis hordoffii fi gamaaggama raawwii hojii fi itti fayyadama baajataa irratti xiyyeeffannoo guddaa kennuun caasaalee sadarkaa sadarkaan jiraniif hubannoo uumuu, hojii irra oolmaa itti fayyadama bajataa cimsuun bu’aa raawwii karooraa fi fayyadama baajataa yeroo yeroodhaan madaaluun tarkaanfii sirreeffamaa barbaachisuu fudhachuun barbaachisaa dha.

    • Dabalataanis haalli itti fayyadama baajata mootummaa seera faayinaansii eeggateen kan raawwatame ta’uu fi ta’uu dhabuu isaa sirna odiitii keessaa cimsuun argannoo bu’aa odiitii irratti hundaa’un tarkaanfii barbaachisaan ta’e saffinaan akka fudhatamu gochuun barbaachisaa dha.

    • Gama biraatiin manahojii tokko keessatti qabeenya/resource/jiru meeshaalee dhaabbataas ta’ee dhummaa akkasumas faayinaansii dabalatee haala seera qabeessa ta’een hojii tarsiimoo’aaf qofa fayyadamuun barbaachiisaa dha.Haaluma kanaan qabeenya mana hojii keessa jiran hunda isaanii haala seera qabeessa ta’een hojii mana hojiichaaf ooluu akka danda’amu sirna itti fayyadama qabeenya baasuu itti fayyadamuuf haaloota dandeessisan irratti xiyyeefatee kan raawwatamuu dha.

    • Fayyadama qabeenyyaa Foyyeessuu jechuunmeeshaalee dhaabbataa fi dhumataa hunda kan dabalatu ta’ee, qabeenyi kun caasaalee mana hojichaa sadarkaa sadarkaan jiran keessatti hojiif ramadame tajaajila hojii barbaadameef qofa bifa madaalawwaa fi haqa-qabeessaan akka hojiirra ooluu gochuu dha.

    • Fayyyadama qabeenyaa mana hojichaa bittaa qabeenyaa irraa jalqabee itti fayyadamaa, kunuunsa fi eegumsaa akkasumas haalli ittiin qaama ilallatuu qofaaf keennamuu fi raabsamuu, kanneen tajajilaa ala tahanis haala ittiin maqsamuu, qabiinsaa fi lakkaawwii meeshaa (inventory) foyyessuun danda’aan irratti iftoominaa fi itti gaafatamummaa qabaatee ; hoggansi, raawwataa fi qaaamni ilaallatu hundi hubannoo gahaa argatee, amantaa abbummaa qabaatee, quuqama horatee meeshaa mana hojichaa dhaabbataas ta’e dhumataa hojii barbaadame qofaaf akka itti fayyadamu taasisuu dha.

    • Bu’aa;- Qisaasama qabeenyaa fi baajataa dhabbamsifame.

    • Milkaa’iina;- Bu’aa qabeessummaa qabeenyaa fi Baajata dabalee.

    Galma 6 . Deggarssa baajataa guddisuu

    • Galmi kun haala mijaa’aa madda qabeenyaa bal’inaan jiru irraa ka’uu fi hariiroo cimaa qooda qabaattota waliin uumuun qabeenya gahaa sassabuu agarsiisa. Kunis Sababa bal’ina hojii mana hojiicha Dargaggootaa fayyadama taasiisuu fi ispoortii bu’uura ummataa qabsiisuf baajatni iddilee sadarka sadarkaadhaan raammadamu karoora fizikaala fi fedhii maamila waliin yoo ilaalamu kan walgituu waan hin taaneefidha.

    • Galii mana hojiichaa guddisutiin lammilee fedhii isaanii guutuuf akka dandaa’amuf Sagantwwaanii fi piroojaktoota madda galii argamsiisu danda’aan sakkata’uu fi qorachuun walta’insaa fi walitti dhufeenya ga’hee qebeessotaa uumamuun adeemsa galii guddisuu danda’an, projeektii madda galii, Projeekti arjoomina maallaqaa, teeletoon, Ispoonsara Galii MMIfi maddaalee galii adda addaa uumun humni baajata mana hojicha akka ijaaramu sagantaalee galii guddisuu dirirsuun kan raawwatamu ta’a.

    • Bu’aa: Humaa maallaqaa amansiisaa ta’ee ni uumama

    • Milkaa’ina: Misooma ispoortii fi Dargaggoota guddate

    Galma 7.Hojimaata BLG fi Kenna Tajaajilaa Fooyyeessu

    • Caasaaleen sadarka sadarkaadhaan jiran tajaajila gahumsa fi qullqullina qabuu ittifufiinsaan kennun fedhiin lammilee/ Dargaggootaa akka guutamu taasisuu dha.

    • Kaayyoo kana dhugoomsuufis, toora kenninsa tajaajilaa keessatti hojimaata hirmaachisaa fi qajeeltoowwan riiformii irratti hundaa’uun amala tajaajilummaa lammii/dargaggootaa dhugoomsuu fi hojimaatni yoo cabes aadaan itti gaafatamummaa gabbisuu irratti kan xiyyeeffatedha.

    • Kannaafis, bulchiinsi gaariin mana hojichaa keessatti mirkaanaa’aa akka deemuuf gurmaa’insaa fi hojmaata mana hojiichaa haala fedhii lammii yookiin maamila giddu galeessa godhateen sirreessuun, argannoowwan meeshaalee paakkeejjii rifoormii (BPR,BSC,Chaartilee lammilee fi Raayyaa Jijjiiramm) yeroo yeroon jiran sakatta’uu, hojjatoota caasaalee sadarka sadarkaadhaan jiraan beekumsaa fi teeknoloojii ammayyaatiin hidhachiisuu, miira tajaajiltummaa fi ilaacha ummatummaa horate uumuu dha.

    • Akkasumas, haala qabatamaa naannoo isaanii irratti hundaa’uun hojii irra oolchuu, bu’a qabeessummaa isaanii madaaluu fi daran cimsuun kenniinsi tajaajilaa sadarkaa Biiroo irraa kaasee hanga godaatti jiru iftoomina, saffina, qulqullina, bu’a qabeessummaa fi itti gaafatamummaa qabu kennuudha.

    • Madda Kiraa sasabdumaa gogusuuf hubannoo fi hordoffi wal-irra hincinee taasisuu,

    • Gumii Adda duroota ,Garee raayyaa jijjiramaa fi tokkoo shanee cimsuun riformin bu’aa qabeessa akka ta’u hojjachhu fi Adda duroota baayinaa fi gahumsaan akka horataman taasisuudha.

    • Bu’aa: Kenniinsi tajaajilaa fooyya’e

    • Milkaa’ina: Itti quufiinsa lammilee dabale

    Galma 8. Sirna Deeggarsaa Hordoffii fi gamaagamaa foyyeessuu.

    • Imaammataa fi tarsiimoo misooma biyyaa bu’ura godhatee galmoota tarsiimoo’aa (BSC) mana hojichaa haala dandeessisaa ta’een raawwachiisuuf: Karoora tarsimoo seektaricha hirmaannaa hawaasa fi gahe qabeessootaan hojiiraa oolchuun galmoota fi ergama mana hojiichaa dhugomsuuf bara karoorrichaatti /GTP 2ffaasirna kallattiwwaan hordoffii, gamaggamaa fi deggarsa irratti xiyyeefatnii hojachuun barbaachisaa dhaa.

    • Haaluma kanaan;karoora tarsimoo seektarichaa GTP 2ffaairratti caasaaleen sadarka sadarkaan jiran, gurmaa’insa dargaggootaa, waldaaleen ispoortii fi gahee qabaatootni mariin akka gabbisaan waliigaltee akka ummanii fi galteewwan argamuuniis karoorrichi akka gabbatu taasisuu, Galmoota karoora tarsimoo keessatti hammataman qaamooleen gahe qabeessoota beeksiisuun karoora isaani keessatti saganteessanii hojii irraa akka oolchaniif hojii qindeessummaa hojjachuu, Karoora waggaa (Operational) qopheessuun sadarkaa sadarkaan hojiirra oolaa deemuu isaa hordooffuu,

    • Waltajjiiwwan gamaggamma raawwii karoora gurmeessun hojiin hordoffii gamagaammaa fi deggarsa raawwachuu, Gabaasa (Galtee) raawwannoo hojii kurmaana kurmaanna fi waggaan caasaaleef duub-deebiin akka qaqaabbuu taasiisuun, Garee supeervisinnii seektaricha hundeessuun raawwii karoora qaamaan hordooffuu fi deggarsa kennaa deemuu irratti kan kaayyeefatee dha.

    • Haaluma kanaan,;

    • Sirna madaallii Karoorawwan tarkaanfiilee tarsiimoo’aa finiinsuun hirmaannaa fi fayyadamummaa lammiilee mirkaneessan diriirsuu.

    • Hojiilee gamaaggama raawwii haalli itti taasifamu haala qabatamaa mana hojiitiin , karoora hordoffii fi madaallii qoheessuu, dhimmoota hordoffii fi gamaaggamaa ,qaamolee qooda qabaattotaf beekksisuu, daangaa gamaaggamichaa (scope) murteessuu.

    • Hordoffii fi gamaaggama raawwii hojii sirna odeeffannoo diriiree ittiin hojjetamu irratti hundaa’uun raawwii hordifuu fi gamaaggamuu, galmoota duranii kaawwaman safartuulee raawwii fi kaayyoolee kaa’aman walfaana bu’aalee argameen dhugoomsuu isaanii mirkaneessuu, akkasumas hojiilee haala barbaadamaniin adeemaa jiraachii isaanii agarsiiftuuwwan safartuu milkaa’inaa tiin sakatta’uun rakkoolee uumamaniif furmaata kennuun Itti fayyadama baajataa fi qabeenyaa hammata galmoota tarsiimoo’aan walitti hidhamiinsa haala qabaataniin akka raawwatamani kan gargaaran hojimaata gurmaa’iinsa hojii qopheessuun raawwii irratti xiyyeeffachuu dhaa.

    • Bu’aa-Raawwii hojii foyya’ee dabalee

    • Milkaa’ina-Tarsiimoo mana hojii galma ga’e

    Galma 9.Sirna Qorannoo fi Qo’annoo Guddisuu

    • Guddina waliigalaa seektarichaa irratti dhiibaawwaa dadeesitootaa fi hudhaale jiran adda baasani tarkaanfi sireeffamaa furmaata fudhachuu dameewwan qorannoo fi qo’annoo, tooftaa sasabbii raga adda baasuun,

    • Qorannicha gaggeessu fi galteewwan waliiti qabuun bu’aa qorannicha beeksiisa deemuuf dandeessisan hojiimata diriirfachuun kan raawwatu ta’e hojiilee gama mana hojiichaattin daraan akka cimanii fi bu’aa qabeessaa akka ta’an gochuuf qorannoo fi qo’annoo gaggeessuun akka deeggaraman taasiisuun barbaachisaa dha.

    • Haaluma kanaan dhimmotaa raawwii misooma Dargaggootaa fi ispoortii irratti qaawa (gap) jiraan adda baasuun kallattii furmaata agarsiisun Dargaggootaa fi Haawwasa Ispoortii/ lammilee gama hundaan hiikaa deemuuf hojiileen bu’aa qabeessa ta’an akka raawwataman irratti xiyyeeffannee ni hojjana.

    • Bu’aaeeggamu: Qorannoo gaggeeffameen rakkoo hira’te

    • Milkaa’ina: Misooma Dargaggootaa fi Ispoortii milkaa’ee

    Galma 10. Muuxannoo gaggaarii Lammi guddisuu.

    • Muuxannoowwan gaggaarii bu’aawwan raawwii PGDn fi Tarsimoo misooma ispoortiin walqabate, bu’aa ol-aanaa fi faayidaa hawaas-dinagdee mirkaneessan, tooftaawwanii fi qajeeloowwan muuxaannoo gaggaarii bu’uura godhachuun hojiiwwan milkaa’ina gaarii qaban qorachuun xiyyeeffannoo kan itti kennamee hojetamuudha.

    • Haaluma kanaan Hubannoo fi leenjii hojiirra oolmaa tarsiimoo babal’isuu muuxannoo gaggaarii gabbisan kennuu, Hojiiwwan muuxannoowwan gaggaarii gosaa fi akakuu garaagaraatiin jiran qorachuun bifa qinda’ee fi gurma’eenqabachuun babal’isuu dha

    • Bu’aa: Muuxxannoowwan horatamanii qindaa’an

    • Milkaa’ina ;-Muxannoowwan bu’a qabeessa omishaa fi omishitumma daran cimsan

    Galma 11:- Gurmaa’ins fi bulchiinsa ragaa Foyyeesuu

    • Sosochii waliigala gama siyaasa, dinagdee fi hawaasummaa mana hojiichatiin gaggeeffaman irratti tajaajilamtootnii ragaalee dhiyeenyaan argatani miira guutuun akka hirmatanii fi fayyida isaanii akka eegsisaniif hojiiwwan qabiinsa ragaa, odeffaannoo fi qunnamtii daran barbaachisaa dha.

    • Haaluma kanaan, safartuuwwan guddina mana hojichaa bu’uura godhachuun ragaalee fi odeeffannoo dhimmoota dargaggootaa ,Misooma ispoortii fi Humna Namaailaallatan sasaabuu, gurmeessuu,fayyadamuu, tamsaasuu fi duub-deebii ragaalee fudhachuu irratti bifa bu’ureffateen qindoomina waljijjiirraa ragaa qaamolee qooda qabaattotaa fi deeggartootaa waliin uumamuun ragaa yeroo isaa eegee fi guutuu tahe dabarsuuf kan kaayyeeffamedha.

    • Kana gochuufis hojiiwwan misooma mana hojichaa guyyaa guyyaan raawwataman IT’n Daata beezii mana hojichaa hundeesuunkenna tajaajila ragaa qulqullinaa fi saffisaa,si’aa’ina qabu diriirsuun qabachuu fi kuusuunsirumaa ragaa mirkaaneessuu giddu galeessa walitti qabuu hammayyeessu fi tamsaasuun irratti xiyyeeffatamee kan hojjatamu ta’a.

    • Bu’aa: Dhagala’insa ragaa fi odeeffannoo guddate.

    • Milkaa’ina:-Ragaa dhimma tarsiimoof oole dargaggoota/lammii fayyadamaa taasise

    Galma 12.Bu’aa qabeesuuma hojii Kominikeshinii Foyyeesuu

    • Imaammataa fi tarsiimoo misoomaa dargaggootaa fi ispoortii hojii irra oolchuun hirmaannaa fi fayyadamummaa dargaggootaa (hawaasa ispoortii) mirkaneessuuf dandeessisan tarkaanfilee galmoota tarsiimoo’aa (BSC) bu’ura godhachuun:-Waa’ee tarsiimichaa hubannoo waliigalaa uumameen qabiyyee jijjiirama amalaa fiduu kan dandeessisan tooftaa sab-quunnamtii adda addaa fayyadamuun, GTP 2ffaa fi karoorri BSC maalii fi akkamitti hojii irra akka oolu kan taasisu,

    • Rakkoolee karooraa hiikkachuu qaban adeemsa hggansaatiin ilaalaa deemuun sireefamaa fi agarsiistuu akka argatuu, gama Adeemsa hojii Bulchiinsa Qabeenya Namaattinfaayidaa karoorichi bu’aa fi jijjiiramni akka mana hojiitti dhufuu qabu beeksisuu hunda kan of keessatti qabatu ta’ee,

    • gama Quunnamtii alaattinis tajaajilamtootaa fi qaama ilaalu hundaaf manni hojichaa GTP 2ffaa fi galmoota tarsiimoo’aamilkeessuuf barbaadu hojii irra oolchuuf deeggarsa qaamolee fi qooda qabaattotaa karaa itti ibsamu,

    • Waliigalaan hojii kominikeeshinii karoora bu’aa irratti xiyyeeffatee beeksisuu irraa kaasee sirna hoggansa raawwii keessatti milkaa’ina argamanii fi hanqinaalee mul’atan ibsuu hanga danda’uutti irratti xiyyeeffatee kan hojjetuu dha.

    • Bu’uura kanaan milkaa’ina karoora tarsiimoo fi hojii sab –qunnamtii bu’aa qabeesa ta’ee gaggeessuun fayyadamummaa lammii mirkanneessaa deemuuf waltajiiwwanni fi sagantaalee sosochii fi hirmaannaa akkasumas sagantaalee haroomsa bu’aa hojii /review meeting/ gaggeesuun raawwii tarsiimoo irratti yaaliiwwanii fi muxxannoowwan qaamoolee ga’ee qabaatootaa dhimma dargaggotaa fi ispoortii irratti hojatan ga’umsa qunnamtii dabaluun sirna yaa’iinsa oddeefannoo fi kominikeeshinii foyyeessuun kan hojatamuu ta’aa.

    • Gama biraatti lammileen tajaajila Mana hojii Kenya irra argachu qaban ifatti akka beekan Chaartariin lammilee ji’a sadii sadiin marii dameelee ijoo waliin akka taasisan haala mijeesuu fi waltajii bu’a qabeessa ta’e gaggesuun walin akka malatessan taasisuu

    • Dargaggooni naannoo kenyaa sochii manni hojichaa gaggessa jiru Odeeffanoon akka argatan midiyaalee adda addaa fayadamuun beeksisuu qabnaa,

    Galma 13.Qindoomina fi hariiroo hojii humnoota misoomaa cimsuu

    • Qindomina humnoota misooma fi gahe qabaatoota waliin ummamuun tarsiimoo mana hojiicha bifa guutuu ta’een hojiiraa oolchuun fayyadamummaa lammii (Dargaggoota) bifa guutuu ta’een mirkaneessuuf gahe qindeessummaa ga’umsaan bahun barbaachisadha.

    • Haaluma kanaan, hojiileen Dhimma dargaggootaa fi Ispoortii qaamoolee gahe qabaatootan hojjataman hunda gamaggama fi kallattii agarsiisaa deemuuf hojimaata qindomina fi atoomin bu’uura godhateen dhimmotni tarsiimoo mana hojiichaa tarsiimoo qaamoole gahe qabaatoota fi deeggarsa keennitoota keessatii hamatamee hojirra akka ooluu taasiisuun hirmaannaa fi fayyadamummaa lammii (dargaggoota) mirkaaneessa deemuu irratti xiyyeeffannoo kennun kana hojatamudha.

    • Hojirra oolmaa, hordoffii fi gamaaggama tarsimoo mana hojichaa keessatti gahee qabaattoonni shooraa fi gahee isaanii karoora keessatti hammachiisuun fayyadamtummaa dargaggootaa fi ispoortii mirkaneessuuf hojjatamaa,

    • Hojiiwwan dargaggootaa fi ispoortii beeksisuun irraa kaassee raawwii keessatti milkaa’ina argamu fi rakkoo muudatan irratti hubannoo guddisuun hariiroo cimsuun kan raawwatu dha.

    • Formoota misooma dargaggoota fi mana maree ispoortii sadarkaa sadarkaadhaan jiraan cimsuun hojirra olmaa paakeejjii guddina dargaggootaa fi tarsimoo misooma ispoortii abbummaan akka hogganan taasisuu,

    • Dhaabbilee fi qaamolee dhimmoota dargaggootaa irratti hojjetan sagantaa misooma dargaggootaa fi ispoortii idileeffatanii akka hojjatan taasisuu,

    • Daangaa qindeessummaa dhaabbatichaa dabaluun qunnamtii qaamolee qooda qabaatoota waliin hariiroo cimsuun fayyadamummaa dargaggootaa fi ispoortii guddisuu,

    • Hhubannoo qaamolee ga’hee qabaattoota imaammataa fi tarsimoo irratti qaban gabbisuu, walitti dhufeenyaa fi walta’insa qooda qabaattotaa waliin jiru cimsuuf fooramoota michuuwwan /partnership/ gurmeessuu irratii xiyyeeffatame kan hojjatamu dha.

    • Bu’aa: Qooda fudhana qaamoole misooma dargaggootaa fi ispoortii keessatti dabale

    • Milkaa’ina: Fayyadamummaan Lammii/ Dargaggoota dabale

    Galma 14.Sirna Sosochii fi Gurmaa’insa guddisuu

    • Galmi kun dargaggootni hojiiwwan hubannoo fi sosochii manni hojichaa taasisu keessatti jijjiramni amalaa bal’inaan akka dhufu aadaa hojii ammayyumma qabuun ijaaramee aadaa eeggatummaa irraa walaba tahee hojii fi galii mataa isaanii haala itti uummatan kan of keessatti qabatu tahee:-

    • Waltajjiiwwan hirmaannaa fi sosochii Dargaggootaa fininsan uumuun Dargaggootni faayidaa ol’aanaa gurma’insaa hubatanii kaayyoowwan amanan jalatti ijaramanii qabeenyaan, beekumsan, dandeettin fi humna isaanii qindeeffachuun daandii bu’aa qabeesummaa isaanii mirkaneessu fi ilaalcha waliini akka gabbifataniif haala mij’aa ummuun kan hojjatamu fi Rakkoowwan qabaniis hundeedhaan akka hiikmuu fi lammii hundaa galaan guutuu ta’an horachuuf,

    • kayyoowwan , seera,tarsiimoo fi imammataa gurgguddoo biyyaa irratii hubannoo gabbifatanii sosochii guddina siyaasa-dinagdee biyyaa keessatii sirna dargaggootni humna ol’aanaa fi adda duree taasisan dirirsuun hojjechuu.

    • Barbaachisummaa gurmaa’uu irratti hubannoo barbaachisaa ta’ee fi deeggarsa gorsaa kennuun fayyadamtummaa dargaggootaa mirkaneesuu, Jaarmiyaalee dargaggootaa fi waldaalee ispoortii Leenjii gahumsa isaani cimsuu kennu deeggarsa teekinikaa, meeshaalee fi faaynaansii gochuudhaan gahee isaan bulchiinsa gaarii fi misooma jijjiiramaa fiduuf taasifamu keessatti keessatti qaban dabaluu,

    • Barruu gorsaa ,qajeelfamoota ,dambii gurmaa’insa dargaggootaa fi ispoortii haala qabatamaa naannoo keenyaatiin qopheessuu fi hojii irra oolchuun kan hojjatamu ta’e dabalataanis Ispoortii bu’uura amansisaa, injifannoo itti fufiinsa qabuu taasisuu,

    • Hoggansa uummatummaa isaa mirkana’een bu’aan ol’aanaa galmeessisaa deemuuf sirna sagantaalee sosochii fi hirmannaa finiinsuu fi gurmaa’insa Ispoortii keessatti dargaggootnii ijaaramanii akka socho’an taasiisuuf xiyyeeffannoo kennuun kan hojjatamu dha.

    • Sagantaa leenjii Wirtulee,Akkadamii leenjii,Da’imanii fi gudatoota ijaaramanif fi kkf bal’inaa fi ciminaan kennu

    • Sochii gurmaa’insoota Dargaggootaa fi Misooma ispoortii kessatti Wal-qixumaa Korniyaa akka mirkana’u taasisuu fi hojii itti fufinsaan hojjachuu nurra egama,

    • Bu’aa: Humna gurmaa’e ,qindaa’ee fi hirmaannaan isaa dabale.

    • Milkaa’ina: Humna misoomaa dabale.

    Galma 15.Bu’uraalee misooma Dargaggootaa fi Ispoortii babal’isuu

    • Dhaabbilee misooma namummaa Kan ta’an : Akkaadaamii Dargaggootaa fi Ispoortii, giddugala Dargaggootaa, Bakkeewwan tajaajila oolmaa ispoortii , wirtuwwaan leenjii daa’iman, guddatootaa fi dargaggootaa, jimnaaziyoomotaa, istaadiyoomii, iddoowwan bashanana dargaggootaa fi ispoortii, fedha hawaasa fi dargaggootaa giddugaleesaa godhateen kan hojjatamuu ta’a,

    • Dhaabbileefi giddugalawwan bashannanaa Aadaafi Ispoortii dargaggootaa irratti xiyyeeffatan akka ijaaramaniifi babal’atan gochuuf sochiiwwan taasifaman keessatti Dargaggootni dammaqinaan hirmaachuudhaan tajaajilamtoota wiirtuuwwanii akka ta’an gargaaruuf,

    • Dargaggootni manneen barnootaa keessaa fi ala jiran sochiiwwan leenjiifi waldorgommii Ispoortii fi Aadaa barnotaafi gahumsa sammuufi qaama irratti bal’inaan hirmaatanii akka fayyadamtoota ta’an gochuuf,

    • Kana keessattis gahen mana hojiicha akkaataa itti dhabbileen misooma namuummaa (Giddugala Dargaggoota, Dhabbilee fi bakkeewwan oolmma ispoortii babal’atan deeggarsa gochuun dhaabbilee leenjii, gidugalootaa tajaajilaa fi bakkeewwan oolmaa dhiyyeessi isaanii akka dabaluu,

    • Dhaabbileen leenjii qulqullinaa fi sadarka isaa eeggatee haala fedha tajaajilamtootaa giddu galeessa godhateen dabaluun;

    • Maamiltootni qaamaan gaheessa, sammuun gameessaa akka tahan keessattuu, bakka gorsaa fi leenjii bashaanannaa fi odeefannoo akkasumas bakka shaakallii akka argatan gochuun tajaajila hunda galeessa akka argataniif hojimaata dhabbileen kun daran ittin babal’atan yeroo yerootii fooyyeesa deemuun hawaasni, Mootummaa, miti-mootummaa fi abbootin qabeenya gahe isaani akka bahaniif sirnoota ittin dhaabbileen kun babal’achuu danda’aan irratti waliin hojjachu dha.

    • Dargaggootni toora ogummaa /ijaaromsa/ hiriiran irratti miira dorgomuummaa fi walmorkii gabbifatanii hirmaannaa fi fayyadamummaa isaanii daran bu’a qabeessa gochuuf omishaa fi omishtummaa, taateewwan kenna addaa fi akkasumas dandeettii, kalaqa hojii irratti bu’aa ol-aanaa fi milkaa’ina galmeessisuun fakkeenyummaa gaarii qaban horachuuf sagantaalee badhaasaa fi onnnachiiftuu diriirsuun gama hundaan dhimmi isaanii mul’atee akka bahuuf cinminaan kan hojjatamu ta’a.

    • Akkasumas, Sirna dargaggootni dandeettii addaa fi omishtummaa guddisuun , Sagantaalee dargaggootni fakkeenyummaa gaarii qaban ittiin jajjabeeffaman qopheessuun miira dorgomummaa isaanii dabaluu,

    • Qoraannoo taatewwan fedhii daragaggootaa geggeessuudhaan waltajjiiwwan hirmaannaa isaanii mirkaneessan sadarkaadhaan hojiirra akka oolan kan taasifamu ta’e, gama ispoortiinis sirnoota leenjiiwwan ispoortii diriirsuu fi gahumsa isaani ijaaruun sagantaalee dorgommii ispoortii sadarkaa isaa eeggatee fi itti fuufiinsa qabuu sadarkaa sadarkaadhan gaggeesuun ispoortesitoota gahumsa fi dandeettii addaa qaban horachuufi waltajjiiwwan dorgommii biyyaa fi alaa irratti hirmaatanii bu’aa ol’aanaa galmeesisuun guddina siyaasa –dinagdee keessatti guumachaa ol’aanaa akka taasisan irratti xiyyeeffachuun kan hojjatamu dha.

    • Walumaa galatti, misoomni ispoortii miira ijaarsa fi ilaalcha waliinii biyyaa ijaaruun guddina misooma biyaa keesatti gumaacha ol’aanaa waan qabuuf;- wiirtuuwwaan ispoortii babal’isuu, akkaadaamiiwwan ijaarsiisuun , Jimnaasiyamii, G/Galaa,bakkeewwan oolmaa ispoortii/istaadiyoomii.../ kkf... ijaaruu fi ijaarsiisuun hirmaannaa hawaasaa ispoortii keessatti finiinsuu fi sadarkaan dorgomummaa naannoo fi biyyaa daran akka cimuu fi bu’aa qabeessaa tahu gochuu irrattixiyyeeffatamee kan hojjetamudha.
  • 1   2   3   4   5   6   7   8   9   10   ...   14




    Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
    rəhbərliyinə müraciət

    gir | qeydiyyatdan keç
        Ana səhifə


    yükləyin