-
Tarsiimoon bakka raawwatamu hundaatti hubannoon qaamoolee gahe qabaatoota, hawaasa fi hoggansa sadarka sadrkaadhaan jiraan cimsuun gama hundaan Dargaggootaa adda duree taasiisa deemuun qubsaa ta’u dhabuu
| -
Sosochii fi hirmaannaa waliigala tarsiimoo mana hojiichaa keessatti fiduuf sirna Dargaggootnii hubannoo guutuu qaabatanii bifa gurmaa’een misooma siyaasa-dinagdee biyya keessatti gahe isaanii akka bahan taasiisu
-
Hoggansii fi qaamooleen gahe qabaatootnii hubannoo guutuu tarsiimoo mana hojiichaa qabaatanii qabatama hojii keessatti gahe isaanii akka taphachuu danda’aan sagantaalee hirmaannaa fi sosochii dirirrsuu
|
-
Hirmaannaa fi fayyadamuma Dargaggootaa /hawaasa ispoortii/ bifa qindaa’ee fi gurmaa’een akka hogganamuu fi ijaaroomsii jaarmiyaalee Dargaggoota fi waldaalee ispoortii bifa hundaa galuma qabuun qullqullaa’ee ijaaramuu fi Of-dandeesisuu dhabuu
| -
Dargaggootnii faayidaa gurmaa’anii socho’uu hubatanii kayyoowwan bu’uura seeraa qabuun jalatti ijaaramanii qabeenyaan, beekumsaan, dandeettii fi humna isaanii qindeeffachuun gurmaa’insaa fi hoggansa hirmaachisaa ta’ee fi bu’aa qabeessummaan akka argatan deeggarsa ijaarsa dandeettii kennu.
-
Jaarmiyaalee dargaggootaa fi waldaalee ispoortii bifa ga’umsa qabun ga’oomsuu fi of danda’anii kaayyoo dhaabbatanii akka milkeessan deeggarsa ijaarsa dandeettii kennu.
|
-
Qaamoolee sadarkaa sadarkaadhan jiraan hirrirsuun raawwii tarsiimoo paakeejii guddina Dargaggootaa fi tarsimoo misooma ispoortii maddallaa fi deeggara deemuu irratti xiyyeeffannoon jiruu laafaa ta’uu.
| -
Sirna hojiiraa oolmaa tarsiimoo paakeejii guddina Dargaggootaa fi tarsimoo misooma ispoortii
Xiyyeffanaa addaa keenuun olaantummaan hogganuu, raawwii isaa yeroo yeroon madaalluu,hordoffi fi gamaggama taasisu,
|
-
Karoora tarsiimoo paakeejii guddina Dargaggootaa fi tarsimoo misooma ispoortii seektarootaa fi qaamoolee gahe qaabatoota keessatti iddileeffamee akka hojjetamuuf gaheen qindeessuma seektaricha sadarkaa barbaddamuun raawwachuu dhabuu
| -
sirna hojimaata qindomina fi waltainsa bu’uura godhateen dhimootni misooma Dargaggootaa fi ispoortii tarsiimoo deeggarsa kennitoota keessatti bifa tarsiimoo’aa ta’een haamatamee akka hojiiraa ooluuf dhimmi iddileeffannoon seektara hundaa keessatti xiyyeeffannoo addaa akka argatu gochuu. (Multi-sectoral issue)
|
-
Teeknoolojii fayyadamuun Sirna gurmaa’insa fi fayyadamnii ragaa, odeeffannoo fi qabeenyaa humna nama akkasumas hojiin qorannoo fi qo’aannoo bifa bu’aa raawwii tarsiimoo’a bu’uura godhateen hojjetamuu dhabu
| -
Sochii waliigala gama hojirraa oolmma mana hojiichaattin gaggeeffaman irratti ragaalee fi odeeffannoo guutuu ta’ee sasabuu fi tamsaasuun Dargaggootnii ragaa dhiyeenyaan argatanii gahumsa hunda gala guddifachuun miiraa dorgomumaan isaani akka cimuuf sirna waljijjira ragaa ammayyaa ta’ee akka dirirru gochuu
|
-
Sirni gurmaa’insi fi hojimaatnii mana hojiicha sadarka sadarkaadhaan jiru tarsiimoo mana hojiichaa galmaan geessuu irratti qaawii jiraachuu isaa
| -
Sirna gurmaa’insa hojii hundaa gala hirmaachisa ta’ee fi hojiimaata sosochii waliigala ummuu yoo dirriree fi hordoffi walirra hincinee taasisuun tarsiimoon mana hojiicha galmaan akka gahu gochuu
|
-
Dargaggootaaf sirna liqii addaa ittin argachuu danda’aan dirirru dhabu irraa kan ka’een sadarkaa barbaddamuun fayyadamumaan isaanii mirkaneessu dhabuu,
| -
Rakkoo hojii dhabbduma Dargaggootaa kara ammansiisa ta’een maqsuu keessatti Dargaggootaa seeraa bu’uura godhateen ijaaramaniif hariroo sirni liqii addaa dhabbilee mikiroo faayinaansii waliin jiruu cimsuu
|
-
Dhaabbilee, bakkeewwan oolmma ispoortii fi giddugala Dargaggootaa hangaa fi qullqullina barbaddamuun baba’alachuu dhabuu
| -
Dhabbilee , bakkeewwan oolmma ispoortii fi giddugalii Dargaggootaa gama kaayyoo fi xin-samu Dargaggootaa ijaaruu fi jireenya hawaasuma fi qunnamtti gaarrii ittin gabbatu waan ta’eef hawaasnii fi qaamoolee deeggartootaa fi gahee qabaatoota hubannoo gaha gama kanaan jiruu cimsatanii gahe isaanii akka taphataniif,waltajjiiwwaa fi sagantaalee adda addaa dirirrsuun hojii hubannoo cimsuu hojjechuu
|
-
Gurmaa’insii fi hoggansii leenjiiwwanii fi wal-dorgommiiwwan ispoortii caasaalee sadarkaa sadarkaadhaan hojjetaman bifa saganteeffamee fi bu’uura gahoomina fi ittifuufiinsa qabuun gaggeeffamuu dhabu akkasumas miiraa abbummaan ummataa hirmaachisuu irratti xiyyeeffannoon jiruu laafaa ta’u
| -
Gurmaa’insi leenjii fi dorgoommii ispoortti akkaataa bu’aa qabeessummaa isaa mirkaanaa’uun ispoorteessitoota fi oggeessoota ispoorttii gahumsa fi dandeettii qaban baay’inaa fi qullqulliinaan horachuu danda’amuun karoorawwan mana mare ispoortii sadarkaa sadarkaan keessatti haala tarsiimoowwaa ta’een hammatamanii xiyyeeffannoon akka hojjetaman taasiisu
|
-
Hojimaatni Adeemsa hojii giddugala godhateen hojiin bifa bu’aa qabeessummaa qabuun hojjetamu fi bu’aa argameemadaalaa deemuu irratti hir’inni jiraachuu
| -
Sirna gurmaa’insa fi hoggansa hojii hirmaachiisaa, iftoomaa fi ittigaafatamummaa fi bu’aa qabeessummaa mirkaneessu dirirrsuun riiformoota galmaan gahu keessatti adda dureewwan jijjirama (Change agent) baay’inaa fi qullqullinaan sadarkaa sadarkaan horachaa deemuu
|
-
Sirnii hordooffii fi gamaggamnii hojii haala ga’umsa , bu’aa irratti hundaa’ee fi gaafatamummaa qabuun gaggeeffamu dhabuu
| -
Sirna hordooffii, deeggarsa fi gamaggama bifa gahumsa fi ittifuufiinsa qabuu gaggeessuun duub-deebii sirreeffama yeroo isaa eeggaten keennun toora galmaan gahiinsa hojii ijaara deemuu
|
-
Hojiin gama sosochii fi hirmaannaa waliigalaan hojjetamuu qullqulliina, baay’inaa fi ittifuufiinsa kan hin qabnee ta’uu
| -
Toorawwaan Dargaggootnii kaayyoowan seeraa fi imammataa gurguuddoo biyyaa irratti hubannoo gabbifatanii ilaalchaa fi amaantaa waliini ummuun gahe isaani hawaasa-dinagdee biyyaa keessatti adda durummaan bahu akka danda’an sosochii waliitii hidhamiinsa (Net worked) cimina qabuu finiinsan diriirsuu
|
-
Sirnii madaallii raawwannoo hojii bifa istaandardii qabuu fi bu’aa giddugaleessa godhateen dirriruu fi hojjetamu dhabuu
| -
Qajeeltoowwan Siviil Sarvii fi Bulchiinsa Gaarii akka naannichatti bahee bu’uura godhachuun fi akka amala Seektarichaatti qajeelfamaa fi istaandaardii hojii baasuun sadarka mana hojii, garee hojiitiifi hojjetootaatti hojii irraa akka ooluu taasiisu
|
-
Fayyadamnii faayinaansii fi meeshaalee seektaricha bifa ija walqixxa ilaalatuun/impartiality/, iftoomina qabuun/transparency/ fi ittigaafatamummaa /accountability/ haqa- qabeessaa qabuun fi ija tajaajilutummaa /service delivery/ dhimmota tarsiimoowwaa ta’an bu’uura godhachuun hojiiraa oolchuu dhadhabbuu
| -
Fayyadamnii faayinaansii fi meeshaalee seektaricha bifa ammayyummaa fi ittigaafatamummaa hammata seeraa qabuu fi bifa al-logummaa hin qabaaneen hojjachuu ,hammata seeraan raawwatu akkaasumas karoora, qajeeltoowwan,fi gurmaa’insa hojiin qindaa’ee madaalama fi hogganama akka deemuu gochuu fi tarkaanffii seera -qabeessa ta’ee yeroon fudhachuu.
|
-
Carraa madda galii jiru hundaa seeraandugguganii fayyadamu fi sirna dhangaliinsa fandii waliin ijaaramanii socho’u ummamu dhabu
| -
Waltaiinsa fi walitti dhufeenya gahe qabeesoota tarsiimoo mana hojiichaa raawwachiisan waliin hariiroo ummuun humni baajata seektaricha akka ijaaramuuf sagantaalee galii guddisan dhuguganii raawwachuu fi bifa sirna dhangalaiinsa misooma fandii waliin ijaaramee socho’uu fi hogganamu dirirrsuu.
|
-
Faasilitiwwan seektarichaa fi galtewwan teknoolojii akkasumas meeshaalee deeggarsa hojii sadarkaa barbaddamuu ijaaruu fi gurmeessuu dhabuu
| -
Ergama fi mul’ata mana hojiicha gahumsa hundaa gala fi miiraa guutuun hojiiraa oolchuuf sirni faasilitiwwaan mana hojiicha bifa teeknoolojii ammayyaattin caasaale sadarka sadarkaa jiraan waliin hidhamiinsa qabuun ijaaramee akka diriiruu taasiisuu
|