Hojiin proojektoota misooma dubartootaa fi daa’immanii wa l xaxaa nuffisiisaa waan ta’eef humni namaa sadarkaa hundatti ramadamee jiru waliin kan wal hin madaalle ta’uu
Hojiileen proojektii misooma dubartoota fi daa’immanii yaa’iinsa tokkoon utuu hojjetamuu qabuu adeemsaalee ijoo sadan keessatti faffaca’anii hojjetamuu
Abbootii dhimmaa kan deddeebisanu fi komii bal’aa mana hojichaa irratti kan kaaasaa jiranu ta’uu
Projektii qopheessanii fandii barbaaduunis adeemsa hojii ijoo gahoomina dubartootaa kessatti kan raawwatamuu fi projektootni dubartootaa fi daa’imman fayyaduuf qiyyeeffamanii qaamolee adda addaa irraa dhiyaatea Adeemsa hojii ijoo korniyaa idileessuu jalatti kan mirkanaa’aa/ mallatteeffamaa turan ta’uu
Projektoota maallataa’an/mirkanaa’an ulaagaalee fi hojiimaata mirkaneessaa osoo hin qabaatiin qabiyee dokimeentii proojektii qofarratti kan hundaa’ee, yeeroo dheeraa kan fudhatuu fi nuffisiisaa ta’uu isaa
Hojiileen qophii fi mirkaneessa projeektii waliin wal qabatan bibittinnaa’ee waan hojjetamaa turameef ragaa fi odeeffannoo wal simu argachuuf kan hin dandeessisne waan ta’eef yeroo baay’ee hojiin “reconcilation” adeemsifamaa turuusaa
Qooda fudhattoota alaa wajjinis qindoominni ture laafaafi kan karooraan hin deeggaramne waan tureef bu’aan galmeessifames akkasuma xiqqaa ta’uusaa kutaa hubannoo adeemsa hojii turee (“understanding the current processes”) gaggeeffamerraa hubachuun danda’ameera.