Biiroo Dhimma Dubartootaa fi Daa’immani Oromiyaa


Rakoolee /Fedhii Maamiltootaa fi Dhimmamtootaa Addaan Baasuu fi Tareessuu



Yüklə 0,6 Mb.
səhifə13/45
tarix07.01.2022
ölçüsü0,6 Mb.
#89668
1   ...   9   10   11   12   13   14   15   16   ...   45

2.5. Rakoolee /Fedhii Maamiltootaa fi Dhimmamtootaa Addaan Baasuu fi Tareessuu


2.5.1. Fedhii Maamiltootaa Adeemsa Hojii Deeggersaa Qophii fi Mirkaneessa Proojektoota Misoomaa Dubaartootaa fi Daa’immanii

T.L

Maammilaa

Fedhii Maammilaa

Rakkoolee Maamilaa

1

Waldaalee Dinagdee Dubartootaa

Dubartoota



Maxxantummaa dinagdee jalaa bahuun galii ofii ummachuu baarbaadu


  • Fedhii liqii dubartootaa jiru guutu dhabuu

  • Projeektii hojiilee madda galii kalaquu dhabuu

  • Rakkoo dinagdee

2

Waldaalee dinagdee bartootaa


Dubartootoota hojii dhabeeyyii

  • Leenjii ogummaa bu’a qabeessa fi hojii galii argamsiisu uumuu dandeessisu argachuun hojiitti galuu

  • Leenjiin kennamaa baajata gahaan kan deegarame ta’uu dhabuu

  • Leenjiiwwan kennamman fedhii dubartootaa fi gabaarratti hundaa’uu dhabuu

3

Dhaabbilee miti mootummaa

Proojektoota Dhaabbilee Miti mootummaarraa dhiyaatan ariitiin akka mirkanaa’uuf barbaadu

  • Projeektii dhiyaatan yeroon mirkanaa’anii abbaa dhimmaatiif deebi’uu dhabuu



4

  • Dhaabbilee miti mootummaa

  • Dubartootaa

  • Daa’imman




Proojektootaa dubartootaa fi daa’immann fayyaduuf qiyyeeffaman akka hordoffaman, deeggeraman fi gamaaggaman barbaadu

  • Hordofii fi deeggersii fi n projeektootaa dhaabbilee miti mootummaf taasifamu sagantaa fit ii yaadamee kan hin kennamne ta’uu

  • Hordofii fi deeggersii taasisuun dubartootnnii fi daa’imman hagam proojektoota irra fayyadamtoota akka ta’an hubachuu dhabuu

  • Projeektootaa mana hoji keenyaan malleetteeffamanii caasaan sadarkaa gadii jiru argachuu dhabuun hordoffii gochuu dadhabuu

5

Raawwattootaa projeektii irratti hojjetan sadarkaa hundatti jiranii

Proojektootaa qopheessuu fi mirkaneessuu irratti hanqinnii dandettii fi oggumaa maqsuuf leenjii argachuu

  • Hubannoon fi ogguummaan proojeektii kalaquu, mirkaneessuu fi hordofii irratti jiru hanqina kan qabu ta’uu

  • Propoozaala Fandiin sochii mana hojiichaatiif barbaachisu haala barbaadamuun qophaa’e fandii maddisiisuu dhabuu

6

  • Dubartootaa

  • Adeemsaalee hojii mana hojichaa

  • Caasaa Dh.D.D. sadarkaan jiranu

Fedhii dhiyeessii akka guutmu barbaadu

  • Liqii dubartoota hojii madda galiitti galchu haala barbaadamuun dhabamuu

  • Fandii leenjii,hubannoo,leenjii fi kkaf haala hojiin mana hojiichaa barbaaduun argamuu dhabuu

7

  • Daa’imman haala rakkisaa keessa jiraatan

Deggarsa qindaa’aa itti fufiinsa qabu argachuu barbaadu

  • Deggarsa messhalee barnootaa, nyaataa, huffataa fi kkf gama mootummaan gutummaa gutuutti huwwisamu hafuu

  • Sababoota adda addaan daa’imman rakkoolee hawaas-dinagdeetiif saaxilamuu



2.5.2. Fedhii Dhimmamtootaa (Stakeholders needs & expectations)


Dhimmamtoota
1.1.2.1.1Fedhii Dhimmamtootaa

Mootummaa Naannoo Oromiyaa, Seektaroota Mootummaa, Ministeera Dhimma dubartootaa,daa’immanii fi dargagootaa Federaalaa, Waldaa Dubartootaa

  • Hirmaannaan Dubartootaa gama Siyaasaa, Dinagdee fi Hawaassummaa akka cimu

  • Dubartoonni guutumaan guutuutti omishtoota (humna misoomaa) ta’anii duula hiyyuummaa balleessuurratti qooda guutuu akka fudhatan

  • Dubartoonni bal’inaan waldaa addaddaatti akka ijaaraman

  • Haadha qabeenyummaan dubartootaa guutumaan guutuutti akka mirkanaa’uu

  • Paakeejiin misoomaaa fi jijjiirma dubartootaa hojiirra akka ooluu

  • Karooraa fi raawwii hojii waliin madaaluun akka danda’amu

  • Biirooleen naannoolee gamaggama hojii waliin gaggeessuudhaan muuxannoo akka wal jijjiiran

  • Daa’imman rakkinaaf saaxilaman deggarsa gama hundaan argatanii lammii gaarii ta’anii akka guddatan

Dhaabbilee Miti-Mootummaa, Dhaabbilee Maayikiroo faayinaansii


  • Qindoominaan waliin hojjechuu

  • Fandiin kennamu kaayyoo barbaadameef oolee yeroodhaan akka gabaasamu

  • Hojii hordoffiifi to’annaa waliin gaggeessuu

  • Dubartoonni wlga’ii bahanii hubannoo Liqiifi qusannoo akka argatan

  • Dubartoonni liqii aargachuuf akka gurmaa’an

  • Daa’imman rakkinaaf saaxilaman deggaruu




Yüklə 0,6 Mb.

Dostları ilə paylaş:
1   ...   9   10   11   12   13   14   15   16   ...   45




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin