Biiroo Dhimma Dubartootaa fi Daa’immani Oromiyaa



Yüklə 0,6 Mb.
səhifə5/11
tarix18.08.2018
ölçüsü0,6 Mb.
#72782
1   2   3   4   5   6   7   8   9   10   11

2.6 Rakkoolee Ijoo


  • Rakkoo hawaas –dinagdee dubartootaa fi daa’immanii itti fufiinsaan hiikuu irratti hanqinni guddaan kan jiru ta’uu

  • Projeektii hojiilee madda galii kalaquu dhabuu

  • Projeektii dhiyaatan yeroon mirkanaa’anii abbaa dhimmaatiif deebi’uu dhabuu

  • Fedhii liqii dubartootaa jiru guutu dhabuu

  • Hordofii fi deeggersii taasisuun dubartootnnii fi daa’imman hagam proojektoota irra fayyadamtoota akka ta’an hubachuu dhabuu

  • Projeektootaa mana hoji keenyaan malleetteeffamanii caasaan sadarkaa gadii jiru argachuu dhabuun hordoffii gochuu dadhabuu

  • Sababoota adda addaan daa’imman rakkoolee hawaas-dinagdeetiif saaxilamuu

  • Hubannoon fi ogguummaan proojeektii kalaquu, mirkaneessuu fi hordofii irratti jiru hanqina kan qabu ta’uu

  • Propoozaala Fandiin sochii mana hojiichaatiif barbaachisu haala barbaadamuun qophaa’e fandii maddisiisuu

  • Fandii leenjii,hubannoo,leenjii fi kkaf haala hojiin mana hojiichaa barbaaduun argamuu dhabuu

  • Deggarsa messhalee barnootaa, nyaataa, huffataa fi kkf gama mootummaan gutummaa gutuutti huwwisamu

2.7. Garaagarummaa Raawwii (Performance gap )


Garaagarummaa Raawwii adeemsichaa baruuf rakkoolee hojiirra oolmaa JBAH Adeemsa hojii Gahoomina dubartootaa fi Korniyaa Idileessuu duraan qoratamee keessatti muuudatan xiinxaaluun barbaachsiaa dha. Sababni isaas hojiin kun adeemsota kana lmaan keessatti bifa bittinaa’een hojjetmaa kan jiru waan ta’eefi. Haaluma kanaan xiinxala gareen fooyya’iinsa JBAH mana hojiichaa gaggeesseen qabxiileen ijoon armaan gadii adda bahaniira.

      1. Hojiin proojektoota misooma dubartootaa fi daa’immanii wa l xaxaa nuffisiisaa waan ta’eef humni namaa sadarkaa hundatti ramadamee jiru waliin kan wal hin madaalle ta’uu

      2. Hojiileen proojektii misooma dubartoota fi daa’immanii yaa’iinsa tokkoon utuu hojjetamuu qabuu adeemsaalee ijoo sadan keessatti faffaca’anii hojjetamuu

      3. Abbootii dhimmaa kan deddeebisanu fi komii bal’aa mana hojichaa irratti kan kaaasaa jiranu ta’uu

      4. Gama proojektii kanaan fayydamummaan dubartootaa fi daa’immanii hanga barbaadamu ta’uu hafuu

      5. Kenni tajaajilaa hojiin proojektoota misooma dubartootaa fi daa’immanii harkifataa ta’uu

      6. Proojektoota qaamoolee adda adda biraa dhiyaatan mirkaneessuun bifa bittinaa’aa ta’een kan raawwtamu ta’uu

      7. Quunnamtii odeeffannoo qaama proojeektii mirkaneessuu fi bakka itti raawwatamu gidduu jiru laafaa ta’uu

      8. Sirna proojeektiin ittiin madaalamuu irraa kan hafee sirnni hordoffii deeggersaa laafaa ta’uu

      9. Projektoota maallataa’an ulaagaalee fi hojiimaata mirkaneessaa osoo hin qabaatiin qabiyee dokimeentii proojektii qofarratti kan hundaa’ee tra’uu

      10. Projektootnnii mamiltoota irraa dhiyaatan yeroo n wanta hin mirkanoofneef kenna tajaajilaa nuffisiisaa taasisuu

      11. Hojiin/tajaajjille adeemsa proojeektii karaa ciccitaa ta’een bakka saditti ( Gahoomina, Koorniyaa fi Daa’imman keessatti ) jiraachuu isaa

Rakkoolee hojiirraa oolamaa JBAH adeemsichaa addan bahan kana irratti hundaa’uun green JBAH mana hojii fooyyeesuuf hundeeffame garaagarummaa raawwii armaan gadii kaa’eera.

  1. Hojiileen qophii proojeektii adeemsaalee adda adda keessatti raawwatamaa turan kenna tajaajiilaa mana hojiichaa caalmatti si’ataa akka ta’uu fi mammiltoottnni( dubartootnni,i daa’immani fi dhaabbilee miti mootummaa ) fayyadamtoota akka ta’an gochuuf baakka tokkoottii gurmaa’uudhan manni hojiicha dubartootaa gahoomsuu fi ta’ee leenjii fi hubanoo kennuuf, humana raawwii mana hojiichaa gabbisuuf akkasumas daa’imman rakkina adda addaatiif saaxilaman deggaruudhaaf fandiiwwaan barbaachisan madiisuu fi proojeektootaa dhaabbillee adda addaa iraa dhiyaatan mirkaneessuu bakka tokkoottii akka raawwatam gochuuf Adeemsa Hojii Deeggersaa Qophii fi Mirkaneessa Projektootaa Misooma Dubartootaa fi Daa’immanii jedhuun akka gurmaa’uu taasifameera.

2.8 Hojiilee Gurguddoo Adeemsa Hojichaa

Adeemsa Hojii Deeggarsaa Qophii fi Mirkaneessa Proojektootaa Misooma Dubartootaa fi Daa’immanii biifa haaraan gurmeessamu keessatti raawwaatamanu    

  • Proojeektoota dubartoota fi daa’imman misoomsanu qopheessuu /kalquu/qorachuu

  • Proopposaala fandii caasaa mana hojichaa fayyaduu danda’u hojjechuu

  • , Proojektoota Naannicha keessatti qaama adda addaatiin hojjetamaa jiranu keessatti fayydamamummaa dubartootaa fi daa’immanii mirkaneeffachuu

  • Projeektootaa mootumaana dubartootaa fi daa’imman fayyaduuf qiyyeesse hordofuu fi deeggaruu

  • Projeektootaa qaamolee adda adda irraa qiyyeeffamanii mana hojiichaatiin akka mallatteeffamaniif dhiyaatan mirkaneessuu ,

  • Projektootaa dhabbilee miti- mootummaa hojiirra jiraanii, haaraa fi kan hojii xumuran deeggaruu fi hordofuu

  • Fandii adda addaan gara mana hojii dhufanu akka hojiirra oolanu taasisuu

  • Gabaasa raawwii proojektootaa misooma dubartootaa fi daa’immanii qopheessuun qaama barbaaduuf erguu

  • Adeemsaalee ijoo mana hojichaa , dhaabbilee miti-mootummaa fi adeemsaalee deggarsaa waliin qindoomina uumuun hojjechuu

2.9. Seenriyoo (Scenario) Raawwii Keessatti Jiru

    1. Projektii qopheessanii fandii barbaaduunis adeemsa hojii ijoo gahoomina dubartootaa kessatti kan raawwatamuu fi projektootni dubartootaa fi daa’imman fayyaduuf qiyyeeffamanii qaamolee adda addaa irraa dhiyaatea Adeemsa hojii ijoo korniyaa idileessuu jalatti kan mirkanaa’aa/ mallatteeffamaa turan ta’uu

    2. Projektoota maallataa’an/mirkanaa’an ulaagaalee fi hojiimaata mirkaneessaa osoo hin qabaatiin qabiyee dokimeentii proojektii qofarratti kan hundaa’ee, yeeroo dheeraa kan fudhatuu fi nuffisiisaa ta’uu isaa

    3. Hojiileen qophii fi mirkaneessa projeektii waliin wal qabatan bibittinnaa’ee waan hojjetamaa turameef ragaa fi odeeffannoo wal simu argachuuf kan hin dandeessisne waan ta’eef yeroo baay’ee hojiin “reconcilation” adeemsifamaa turuusaa




    1. Qooda fudhattoota alaa wajjinis qindoominni ture laafaafi kan karooraan hin deeggaramne waan tureef bu’aan galmeessifames akkasuma xiqqaa ta’uusaa kutaa hubannoo adeemsa hojii turee (“understanding the current processes”) gaggeeffamerraa hubachuun danda’ameera.



Yüklə 0,6 Mb.

Dostları ilə paylaş:
1   2   3   4   5   6   7   8   9   10   11




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin