Biiroo Dhimma Dubartootaa fi Daa’immani Oromiyaa



Yüklə 0,6 Mb.
səhifə6/11
tarix18.08.2018
ölçüsü0,6 Mb.
#72782
1   2   3   4   5   6   7   8   9   10   11







KUUTAA 3FFAAA

3. ADEEMSA HOJII IRRA DEEBI’AANII WIXINEESSUU (REDESIGN)

3.1. SEENSA



Kutaan kun kutaa hoj-maanni haaraa, hojii adeemsichaa bu’uuraan jijjiiran kan itti maddan ykn qophaa’nii dha. Dhimmootni kutaa kana keessatti ka’an rakkoolee hoj-maata adeemsichaa quunnaman, seerota hojimaata danqan, yaadamoota seera duuba jiran, yaadamoota cabaniifi yaadamoota haaraa, kaayyoo diriiraa, yaada haaraa hojimaata adeemsichaa bu’uurraan jijjiiru, akkasumas yaa’insa ykn tartiiba hojimaata haaraafi eddoo ykn bakka itti raawwatamu, istaandaardii hojii fi gurmaa’insa isaanii, dandeettiiwwan hojiiwwan gurmaa’aniif barbaachisan kan keessatti bal’inaan qaacceffamudha.

Haaluma kanaan tartiiba dhimmoota xiyyeeffannoo kutichaa bu’uureffachuun xiinxallisaanii bal’inaan haala armaan gadiitiin kaa’ameera


3.2 .Rakkoowwan, Seera (Qajeelfamoota Fi Tilmaama/ Amantaa) Dhorkee Fi Yaadama (Problems, Rules and Assumptions) PRA


Rakkoo

Seerota

Yaadamoota Moofaa

Yaadamoota soba taasiisuu

Yaadamoota Haarawaa

  1. Dubatoonni maxxantummaa diinagdee jala jiraachuu

Dubartiin hojii madda galii irratti hirmaachaa jiru

Dubartiin hojiile mada galii irratti hirmaatee fayyadamtuu taateera yaadni jedhu jiraachuu

Dubartiin hojiile mada galii irratti hirmaatee hanga barbaadamutti fayyadamtuu hin taane

  • Dubartoota hojii madda galii argamsiisan irratti haala liqii mijaa’aa ta’e uumuu,

  • Projektoota gaggabaaboo fandii liqii dubartootaaf argamsiisan qopheessuun hojiirraa oolchuu

  • Dubartootni hojiilee madda galii irratti hirmaachuun fayyadammuummaan isaanii ni mirkanaa’aa

  • Adeemsa hojii ijoo finiinsa sochii hirmaannaa uummataa waliinii walittidhiyeenya cimaa uumuun ni hojjetama

  1. Proojektoota Dhaabbilee Miti mootummaarraa dhiyaatan Mirkaneessuun bifa bittinaa’ee fi qulqullina kan hin qabne ta’uu

Projeektii kan mirkaneessuu qaama dhimma kanaaf ramadameedha.

Proojeektii dhaabbilee miti mootummaarra dhiyaatan raawwata dhimma kanaaf ramadamee yeroo gabaaba keessatti ni raawwata jedhanii yaaduu

Projeektootnni mirkanaa’an qulqullina kan hin qabneefi yeroo dheeraa kan fudhatu dha

  • Qaamni proojektoota qaammolee adda addaa irraa dhiyaatan mirkaneessu adeemsa qophii fi mirkaneessa projektiimisooma dubatootaa fi daa’immanii jaalatti ni gurmaa’aa

  • Hojiimaatnnii yookiin ulaagaaleen projektootnni ittiin mirkanaa’anii ni qophaa’aa

  • Projeekttootni dubartootaa fi daa’imman fayyaduuf qiyyeeffamanii dhiyaatan hojiimaata fi raawwii mana hojiichaa kan hin faallessinee tau’ isaanii mirkaneeffachuu




3. Quunnamtii odeeffannoo qaama proojeektii mirkaneessuu fi bakka itti raawwatamu gidduu jiru laafaa ta’uu

Proojeektii mirkanaa’ee qaamoleen sadarkaan jiran irraa ka’a.

Proojektoota dubartootaa fi daa’imman fayyadan qaamni proojektich hojiirra oolchu caasaa sadarkaan jiruun ni gaha jedhanii yaaduu

Qaamni proojektii hojiirra oolchuu dokimeentii waligaltee qaamoolee sadarkaan jiran biraan gahaa hin jiru

  • Waliigalten projeektootta akkuma mallattaa’aaniin qaamoleen sadarkaan jiran beekan ni taasifama

  • Footokoppii Dokimeentii waliigaltee projektootaa xalayyaan qaammolee dhimmi ilaalatu sadarkaan jiran bira akka gahu ni taasifama

  • Gabaasnnii raawwii projektii mirkanaa’ee yeroo yeroon qaamma ola’aanaaf ni taasifama

4. Proojektootaa dubartootaa fi daa’immann fayyaduuf qiyyeeffaman hordoffii,deeggersaa,to’aannoo fi gamaaggamani taasifamu laafaa ta’uu

Projektoota Dhaabbilee miti mootummaa kan hordofu qaama Dhaabbilee Miti mootummaa qindeessu (MMD) dha.

Dh.M.M. proojektootaa isaanii haala waliigaltee taa’eetiin hojiirra ni oolchuu jedhanii yaaduu.


Projektoota Dhaabbilee miti mootummaa hordofuu, deeggaruu , too’achuu, fi gamaagamuun kan raawwatamu gaaffii Dh.M.M. ykn BMMD irraa ka’uunii fi rakkoon yemuu uumamu qofa ta’uu.

  • Hordoffii fi deeggarsii sagantan deeggarame ni taasifama

  • Hojiimaata hordoffi, deeggarsii, fi gamaaggamni projektoota dhaabbilee miti mootummaa ittiin raawwatamu adeemsa qophii karooraa,bajataa hordoffii fi gamaaggamaa waliin ta’uun ni diriira

  • Waltajii gamaaggamaa raawwii projektootaa qoratu Dh.M.M., fayyadamtootaa projektoo fi qaama dhimmi ilaalatu waliin yeroo isaa eeggate(wayitaawaa) ta’e mijeessuun ittifufiinsaan ni gaggeefama

  • Rakkoolee hordiffii fi deeggersa keessatti mul’ataanii fi yaadota furmaataa qaama dhimmi ilaalatuuf dabarsuun sirreeffamni akka fudhatamu ni taasifama

  • Hordoffii fi deeggersa projeektootaa dhaabbilee miti mootummaa ilaachisee gaggeefameeef duub deebii qaama dhimmi ilaaluuf kennuu



  1. Proojektootaa qopheessuu fi mirkaneessuu irratti hanqinnii dandettii fi oggumaa jiraachuu




Raawwataan bakka ramadametti hojii isaa beekkumsaa fi gahuumsaan ni raawwata.

Qaamni/Raawwatan prokeektii mirkaneessuu haalaa yaa’iinsa hojii mirkaneessa projeetootaa irratti hundaa’uun ni raawwata jedhanii yaaduu.

Qaamni projeektii mirkaneessuu hubannoon dhimmicha irratti qabuu xiqaa fi haala yaa’insaa hojii babaaduun raawwatamaa hin turre.

  • Ogeessa dhimma projektii waliin quunnamtii fi bekkumsa qabu ni ramadama,

  • Humna raawachiisummaa oggeessa projeektii irraa hojjetuu ittifufiinsaan ni cima

  • Hojiimaata mirkaneessa projektootaa dhabbilee miti mootuummaa qaama dhimmi ilaalatu waliin ta’uun ni qophaa’aa, madaqsinni irratti ni kennama

  • Ogeessota projeektiirra hojjetaniif ijaarsa dandeettii yeroo yeroon ni kennama




  1. Fandii misooma dubartootaa fi daa’immaniif ta’uu haala barbaadameen argachuu dhabuu

Dubartootni fi daa’imman misooma jiru keesattiii fayyadamtoota dha.

Qaamni fandii kennu hubannoo dubartootaa fi hawaasa gabbisuun ni gaha jedhee yaaduun ni jira.

Bu’aleen hubannoo kennuun dhufanii jiraatan illee gama misooma hawaasummaa dubartootaa fi daa’immaniitiin jiru hanqina kan qabu ta’ii isaa.

  • Projeektoota fandii maddisiisan qopheessuun arjoomtoota fi qaamolee deeggersa taasisaaniif dhiyeessuu

  • Hojiira oolmaa fandii argamee yeroo yeroon hordofuun qaama fandii kenneef gabaasuu

  • Proojeektii qopheessuu haala dubartootnni fi daa’imman ittiin deeggaraman ni mijaa’aa

  • Ka’umsi qophii projeektii fandii adeemsaalee mana hojii hunda irra sasaabame kan dursi barbaachisu adda bahee proopoozaalli akka qophaa’uuf ni taasifama

  • Lecooleen mana hojiichaaf barbaachisan iddoo tookootti gurmaa’aanii haalli itti guutamuu danda’an ni mijaa’aa




  1. Gosa fi idoo projektootnii qiiyyefamuu malanii fi hojiirra oolanan adda bahee kan hin beekamne ta’uu

Qaamni Projektootni qopheessu rakkkoo qoratee addaan baase ti.

Projektootnnii dhiyaatan rakkoolee fi iddoo itti raawwatamu addaan baasuun ni fidu jedhanii yaaduu.

Projeektootni hanga ammaattii dubartootaa fi daa’imman fayyaduuf dhiyaatan haala fedhii qaama projektii qopheessn qofa irratti kan hundaa’ee dha.

  • Gosa/akaakuu rakkoolee hawaas-diinagde dubartotaa fi daa’immanii sadarkaa godinaalee fi magaaloota addaan baasuun proofaayilii isaanii ni qophaa’aa (identify project areas)

  • Iddoowwaan proojektootni hojirra oolan sadarkeessuun qaama dhimmii ilaaluuf qophii ni taasifama (prioritize project areas)

  • Ragaalee fi proofaayilii projektootaa dubartootaa fi daa’imman fayyaduu malan ittiin qiyyeefamanii fi idoo ittii raawwtaman qaammolee adda addatiif dabarsuu



Yüklə 0,6 Mb.

Dostları ilə paylaş:
1   2   3   4   5   6   7   8   9   10   11




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin