Biiroo Industrii fi Misooma Magaalaa Oromiyaa


Mul'ataa, Ergama fi Aangoo Biiroo Industrii fi Misooma Magaalaa Oromiyaa (Visioin, Mission, mandates) akka kanaan gadditti ka’aamee jira



Yüklə 1,05 Mb.
səhifə2/11
tarix03.01.2019
ölçüsü1,05 Mb.
#89860
1   2   3   4   5   6   7   8   9   10   11

Mul'ataa, Ergama fi Aangoo Biiroo Industrii fi Misooma Magaalaa Oromiyaa (Visioin, Mission, mandates) akka kanaan gadditti ka’aamee jira.


Mul’ata (Vision)

Bara 2012tti Naannoo Oromiyaa keessatti misoomni industirii fi magaalaa dagaagee, seerri dhimma hojjetaa fi hojjechiisaa industiriiwwaan keessatti kabajamee jiruu fi jireenyi uummataa fooyya’ee gara biyyoottan galii gidduugaleessa argatanitti akka guddattu gochuu dha.
Ergama (Mission)

Naannoo Oromiyaa keessatti misooma IMX fi investimantii babal’isuu, hojii dhabdummaa hir’isuu, Magaalaa hammayyeessuu, nageenyi industirii uumamee, dinaagdeen industiriin akka hogganamu gochuu fi bulchiinsa gaarii mirkaneessuun jiruu fi jireenya uummataa fooyyeessuu dha.
Aangoo fi gahee hojii Biiroo Industrii fi Misooma Magaalaa Oromiyaa

Akkaataa Aangoo fi gahee hojii qaamolee raawwachiiftuu Mootummaa Naanichaa Fooyyessuuf bahe, Labsii Lakk. 170/2004 labsameen Biirichi sadarkaa Itti Aanaa Pireezidaantiitti kan hoogganamuu ta’ee Aangoo fi gahee Hojii armaan gadii ni qabaata;



  1. Industiriin Naannicha keessatti akka babal’atu fi Dhimmoota misooma industirii saffisiisuuf gargaaran sakatta’uun haalawwan mijaawaan akka uumaman ni taasisa.

  2. Naannicha keessatti industiriiwwan xixiqqaan, giddugaleessaa fi gurguddoon babal’atanii ce’umsi dinagdee gara industiriitti saffinaan akka taasifaamu cimee ni hojjata.

  3. Gosoota Industirii tarsiimoo’aa taa’anif xiyyeeffannoo kennuudhaan deeggarsa adda ni kenna.

  4. Waldaalee Ogummaa gama industiriiwwan gurmaa’an ni jajjabeessa, deeggarsa barbaachisaa ta’es ni kenna.

  5. Qophii fi Raawwii karoora hojii fi bajaata bulchiinsa magaalota yeroo yeroodhaan ni hordofa; ni gamaggama; magaalota olaantummaan ni hoggana;

  6. Misooma magaalaa, dizaayinii fi ijaarsa ilaalchisee imaammata, tarsiimoo fi seerotni Mootummaa bahan hojiirra oolchuu isaanii ni mirkaaneessa, ni hordofa, ni to’ata.

  7. Mirgi ofiin of bulchuu magaalotaaf kenname haala itti cimu irratti qorannoo ni gaggeessa daandeettii raawwachiisummaa isaanii akka guddisan deeggarsa ni kenna;

  8. Bakka bu’ummaa argatuun qaama seerummaa magaalotaa ni kenna.

  9. Magaalota keessatti misooma ariifachisaa fiduuf, akkasumas demokiraasii fi bulchiinsa gaarii dhugoomsuuf tattaaffii taasifamuuf deeggarsa barbaachisaa ta’ee ni kenna.

  10. Sadaarka magaalotaa qoratee yaada murtii qaama dhimmi ilaaluuf ni dhiyyeesa: yommuu heyyamamus hojirra ni oolcha;

  11. Rakkinni mana jireenyaa magaalota keessa jiru haala itti salphaatu qoraachuudhaan mootummaadhaaf yaada murtii ni dhiyyeessa; yommuu heyyamamuus hojirra ni oolcha;

  12. Namoota mana jireenyaa ijaarachuuf waldaan gurmaa’aan ni galmeessa; ni gurmeessa; waraaqa ragaa qaama seerumma ni kenna; mannen jireenya qusannan ijaaraman ilaalchisee qoraanna ni gaggeessa; yommu heyyamamuus hojiirra ni oolcha.

  13. Taajaajiloonni bu’uura misooma adda addaa kan akka ibsaa, bishaanii, bilbila, daandii, sarara dhangaala’aa kan kana fakkaatu magaalota keessatti akka babal’atu qaama dhimmi ilaaluu waliin ni hojjeta; haala ni mijeessa;

  14. Magaalonni humna gaalii isaanii akka cimsaatan qaama dhimmi ilaalu waliin yeroo yeroon quunnamtii taasisuun haala mijaa’aa ni uuma, ni hordofa, ni qorata deeggarsa barbaachisaa ta’ees ni kennal;

  15. Gatii kiraa fi akkaataa murteen gibira manaa itti murtaa’u ni qopheessa, akka qophaa’us ni taasisaa, yommu heyyamamuus hojiirrra;

  16. Waliigaltee gurgurtaa fi bittaa manaa fi mannen wabiin qabaman ni galmeessa;

  17. Gatii yeroo meeshaa ijaarsaa fi humna namaa qindeessuun seekterootni akka beekaan ni taasisa

  18. Magaalonni humna taajaajilaa fi bu’uura misoomaa diriirsuuf dandeettii cimsaachuuf kan isaan dandeessisuu deeggarsa akka argatan dhaabbilee Mit-mootummaa fi qaamota gargaarsa biroo waliin quunnamtii ni taasisaa; haala ni mijeessa; ni hordofa; magaalonnis magaalota biyya biroo waliin michummaa akka uummataaniif qaama ilaalu waliin ni hojjeta;

  19. Magaalota keessaatti rakkoon dinagdee, hawaasummaa fi siyaasaa haala furmaata itti argachuu danda’u ilaalchisee qaama mootumma dhimmi ilaalu waliin ni qorata; tooftaa ni baasa; akka hojiirra oolus ni taasisa;

  20. Dandeetti raawwanna magaalotaa cimsuuf leenjiiwwaan adda addaa qopheessee ni kenna; akka kennamus haala ni mijeessa;

  21. Bulchiinsa magaalota gidduutti walitti dhufeenyi fi wal-gargaarsi akka jiraatu ni qindeessa; waldaan gurmaa’anii akka waldeggeran qaama dhimmi ilaalu waliin ni hojjeta;

  22. Manneen mootummaa magaalota keessatti argaman akkaataa ittiin bulanii fi darban ilaalchisee qajeelfaama ni qopheesa; yommu mirkaa’us hojirra akka oolu ni taasisa;

  23. Guddinni magaalotaa fi baadiyyaa akka wal deeggaree deemu qaama dhimmi ilaalu waliin ni hojjeta;

  24. Magaalonni haala hammayyummaa qabuun pilaanii guddinaa magaalaa eeganii deemuu issnuii ni hordofa ni to’ata;

  25. Qulqllinnii, miidhaginnii fi magarisummaan magaalaa akka eegamu ni taasisa; faalamni naannoo magaalotaa akka hin uumamne qaama dhimmi ilaalu waliin ni hojjata;

  26. Damee ijaarsaa keessatti haala hirmaannaan hawaasaa itti babal’atu ni qorata hojiirra ni oolcha;

  27. Sadarkaa fi koodota ijaarsa gamoo naannicha ni qopheessa; dizaayiniin ijaarsa naannicha keessatti gaggeeffaman sadarkaa fi koodii eeguu isaanii xiinxaluudhaan ni mirkaneessa; olaantummaan ni to’ata;

  28. Dizaayiniin piroojaktoota ijaarsa dhuunfaa ykn invastimantii gaggeeffaman sadaarka fi koodii eeguu isaanii xiinxaluudhaan ni mirkaaneessa; heyyama hojii ijaarsa ni kenna; ykn qaamni biroo akka kennu bakka bu’iinsa ni kenna.

  29. Pirojeektoota bajaata mootummaatiin gaggeeffamaniif waliigalteewwan hojii fi dizaayinii ijaarsa akka qophaa’u ni taasisa, barbaachisaa ta’ee yoo argame ni qopheessa, waliigaltee hojii ijaarsaa mootummaa bakka bu’uun ni mallatteessa, raawwii isaa ni hordofa, ni to’ata;

  30. Ijaarsa piroojeektoota mootummaa ilaalchisee madaallii caalbaasii xiinxalee ni mirkaneessaa; ykn qaama birootiif bakka bu’iinsan ni kenna.

  31. Jijjirammaa ykn dabalata hojii ijaarsaa, jijjiraama gatii, waldidaa piroojeektoota ijaarsa irratti uumamuu fi gaaffiilee kanneen irratti dhiyyaatan xiinxalee furmaata akka argatan haala ni mijeessa;

  32. Ijaarsa piroojeektoota, Gamoowwaan mootummaan gaggeessu ni hordofa, kaffaltiin akka raawwatamu ni taasisa; raawwii isaas ni madaala, rakkoo mudate qorachuun yaada furmaataa mootummaadhaaf ni dhiyeessa;

  33. Sadarkaa caalibaasii, ijaarsaa fi wal-harkaa fuudhinsa ijaarsa gamoow-wanii ilaalchisee yeroo barbaachisaa ta’etti to’annoo ni gaggeessa, tarkaanfii sirreeffamaa ni fudhata;

  34. Meeshaa ijaarsa naannootti argamuun gamoowwan akka ijaaramanii fi gatiin piroojeektoota gamoowwaniii akka gadi bu’u qorannoo fi sadaarka adda addaa qopheessa akka hojiirra oolu ni taasisaa;

  35. Hojii ijaarsa irratti hirmaachuudhaaf gaaffiin heyyama kontiraaktaru-mmaa yommuu dhiyaatu xiinxaluudhaan heyyama ni kenna; ni haaromsa; sadaarka ni guddisa; ni galmeessa; heyyamni kenname seeraa fi naamusaan ala hojiirra ooluu isaa yoo mirkaneesse ni haqa, haala raawwii isaanii irraatti hundaa’uun kontiraaktaroota gareedhaan addaan basee seektaroonni akka beekan ni taasisa.

  36. Sadaarka Dizaayini bulchiinsa kontiraataa, ijaarsaa fi gatii piroojaktoota gamoowwaanii akka qophaa’u ni taasisaa; kan qophaa’ee dhiyaatee ni mirkaaneessa; dhimmoota kana ilaalchisee mootummaadhaaf gorsa ni kenna;

  37. Bu’uura misooma magaalota keessatti hojjetamaniif hojii dizaayinii fi sadaarka ijaarsa eeggatanii hojjetamu isaanii ni xiinxaala; ni mirkaaneessa.

1.3 Kaayyoo Qorannichaa /Objectievs of the Study/
Kaayyoon qorannoo kanaa hojumaata bulchiinsa kontraataa to’annoo fi galmee haala amma hojjataa jiru qorachuun rakkoowwan adeemsa hojii kana mudatan ka’uumsa irraa sakatta’uun miidhaa mamiltootaa (customer pain) addaan baasuu fi hojimaata haaraa tajaajila saffisaa kennuu danda’u, iftoominaa fi qulqullina qabu, fedhii maamiltootaa giddu galeessa godhatee fi jijjiirama fiduu danda’uun foyya’ee hojii irra oolu haala danda’uun qopheessuuf.
1.4 Dangaa qorannichaa /Scope of the Study/

Daangaan qorannoo kanaa hojimaata adeemsa hojii kana keessatti gufuu ta’an addaan baasuu piriinsiipiloota JBAH hordofuudhaan adeemsa hojii haaraa seektara IMM Oromiyaa hunda keessatti diriirsuun akka hojiirra oolu fi industrii ijaarsaaf haala mijaa’a ta’ee qaama dhimmi ilaalu hundinuu akka irratti hirmaatan taasisuudha.


1.5 Toftaa Qorannichaa /Methodology of the Study/

1.5.1 Dokimantota galmeewwanii fi hojimaata durii walitti qabuu fi sakatta’uu.

  • Toftaa raawwannaa adeemsa hojichaa seektaricha keessatti ademsifamaa jiru ilaluu.

  • Qorannoowwan kanaan dura adeemsa hojii kanaaf gaggeeffamee fi kan biroo sakatta’uun.

  • Dookimantoota “BPR”kanaan dura turan, odeeffannoowwan fi ragaawwan qorannichaaf bu’a qabeessa ta’an saamuuda fudhachuudhaan xiinxaluu.

  • Dokumeenti qorannoo JBAH federaalaa fi barreeffama adda addaa industrii ijaarsaa ilaallatan fi interneettii muuxannoowwan biyya alaa sakatta’uun.



1.5.2 Mala Daataan ittiin funaannamu /Data gathering system/

  • Daataa qorannoo JBAH duraanii yammuu gaggeeffamu itti fayyadaman

  • Gaaffi afaanii samuudoota filatamaniif dhiheessuun (Interview)

  • Qaamaan argamanii daawwachuu (Observation)

  • Ragaalee galmee keessaa sakatta’uu

  • Qaama saamudoota keessaa filataman wajjin gareedhaan mar’achuudhaan (Focal group discussion), ka’umsa rakkoowwanii fi miidhaa geessisan tarreessuun rakkinoota ijoo ta’an fo’anii baasuu.

  • Interneetiidhaan muuxannoo biyya adda addaa qaban ilaaluun.

      1. Adeemsa Hojii kurfeessuu

Fedhii maamiltootaa irratti hundaa’udhaan milkaa’ina galma qorannichaa taassisuu fi kaayyoowwan diriiraa qopheessuu, piriinsiippiloota JBAH hordofuu dhaan yaadawwan duubatti hafaa ta’an adda baasuun yaaadawwan haarawaan bakka bu’anii filannoowwan adeemsa hojii haaraa dhiheessuudhaan filannoo filatame haala hojii irra itti oolu fi jijjiirama caaseeffama adeemsi hojii haaraa gaafatu gurmeessuu dha.

1.6 Hanqinoota quunnamuu danda’an /Limitations/

Qorannoon kamiyyuu yeroo gaggeeffamu hanqinoota garaa garaa qabaachuun isaa hin oolu. Haaluma kanaan, qorannoo JBAH Adeemsa Bulchiinsa Kontraata Ijaarsaa To’annoo fi Galmee gaggeessuu keesattis hanqinootni qunnamuu danda’an:



  • Baay’inni miseensoota garee qorannoo gaggeessanii akkataa barbaadameen guutamuu dhabuu;

  • Hanqina yeroo hojii koree kanaaf ramadame;

  • Qorannoo JBAH qaama biroon dhimma kana irratti hojjatame argachuu dhabuu;

  • Hanqina lojestiiki fi yeroo bakka adda addaa deemanii ilaaluu dadhabuu. (fkn konkolaataa).

  • Koreedhan hojjachuuf bakka kutaa mijaawaa argachuu dhabuu.

  • Miseensootni koree kana keessa jiran sababa hojiitiin gara hojii idleetti wamamanii akka hojjatan taasifamuu;


1.7 Mala Furmaataa

  • Rakkolee jiran hoggantoota Biiroo waliin mari’achuun furmaata akka kennamu taasiisuu;

  • Miseensootni jiran kutannoodhaan hojjechuuf walii galuu;

  • Faayidaa qoraannichaa ilaalcha keessa galchuun dokimantoota adda addaa dubbisuu fi marii gaggeessudhaan hubannoo cimsachuu, bakka ibsa barbaachisutti gaaffii qaama ilaaluf dhiyeessuu;

  • Yeroo boqonnaa itti fayyadamuun hojjechuu fi iddoo humnaa oli ta’etti dabalata yeroo gaafachuu;

1.8 Cicata /input/

  • Sektaroota mootummaa ijaarsa projeektootaa gaggeessuuf karoora qabatan galmaan gahuuf raawwii hojii ijaarsa sadrkaa caalbaasii irraa kaasee hanga xumuramutti to’annoo fi hordoffii godhamee ijaarsi akkataa waliigaltee fi dizaayinii kennameen sadarkaa qulqulinaa eegee akka hojjatamee tajaajilaaf oolu taasisuuf deggarsa ogummaa barbaadamu.

  • Industrii ijaarsaa naannoo keessatti gaggeeffamu irratti hirmaachuuf galmee heeyyamaa kontraaktarummaa,Gorsitootaa,fi Ogeessotaa gaafatamu.

  • Adeemsa hojii ijaarsa projeektootaa gaggeeffamu keessatti waldiddaa uumamu furmaata akka kennamu gaaffii dhiyaatu.

1.9 Bu’aa qorannichaa /out put/

Bu’aan qorannoo kanaa hojumaata bulchiinsa kontraataa to’annoo fi galmee haala amma hojjataa jiru qorachuun rakkoowwan adeemsa hojii kana mudatan hundinuu furmaata argatee hojimaata haaraa tajaajila saffisaa kennuu danda’u, iftoominaa fi qulqullina qabu, fedhii maamiltootaa giddu galeessa godhatee fi jijjiirama fiduu danda’uun diriirssuf kan dandeesisu dokumeentii qophaa’eedha.

Heyyama ijaarsaa kennamu /Construction license/ kontraaktaroota ijaarsa industrii keessatti hirmaatan bu’aa agarsiisuu danda’an haala kan mijeessuu, ijaarsa projeektootaa yeroo barbaadame keessa baajata qabameen qulqulinaan hojjatamee tajaajila ummataaf oolu fi sirna caalbaasii ijaarsa projeektootaa gaggeeffamu iftoomina dorgomtoota walqixa ta’e diriiree naanno keessatti rakkoo tokko malee gaggeeffamu taasisuuf kan dandeesisu ta’a.
9 . ADEEMSOTA HOJII BIIROO INDUSTRII FI MISOOMA MAGAALAA

ADDAAN BAASUU

Seektara Industrii fi Misooma Magaala Adeemsota Hojii Ijoo (Core Processes) fi Adeemsoota Hojii Degarsaa (Supporting Processes) haala gabatee kanatti aanee jiruun adda bahee jira.



Gabatee 1. ADEEMSOTA HOJII SEKTARA INDUSTIRII FI MISOOMA MAGAALAA

"Core Processes"

"Supporting Processes"

  1. Adeemsa Hojii Deeggarsa piroojektii Bu’uura Misooma Magaalaa fi Hirmaannaa Uummataa

  2. Adeemsa hojii To’annoo Raawwii Pilaanii fi Magariisuu Magaalaa

  3. Adeemsa Hojii Misooma, Dabarsaa fi Bulchiinsa Manneetii

  4. Adeemsa Hojii Misooma Humna namaa fi Deeggarsa Tajaajila Magaalotaa

  5. Adeemsa Hojii Gurmaa’insa Magaalaa fi Bulchiinsa Alwaaltessaa

  6. Adeemsa Hojii Bulchiinsaa fi misooma Lafa Magaalaa

  7. Adeemsa Hojii Babal’ina Misooma Industirii fi ijaarsa Dandeettii konistiraakshinii

  8. Adeemsa Hojii Qophii mirkaneessa fi Walsimsiisa Dizaayinii

  9. Adeemsa Hojii Bulchiinsa Kontiraataa, To’annoo fi Galmee

  10. Adeemsa hojii Reeguleeshinii, Insipeekshinii, Qorannoo Meeshaalee teeknoloojii Ijaarsaa

  • Adeemsa Hojii Dhimmoota Koominikeeshinii Mootummaa

  • Adeemsa Hojii Qophii karoora,

Hordoffii fi Gamaggama Rawwii

  • Adeemsa Hojii Bittaa fi Bulchiinsa

Faayinaansii

  • Adeemsa Hojii Bulchiinsa Qabeenya Humna Nama

  • Adeemsa hojii hordoffii fi Odiitii keessaa

  • Tajaajila seeraa

  • Garee TQO/ICT



1.11 Adeemsa Hojii Jijjiiramni Bu’uraa Irratti Adeemsifamu Addaan Baasuu (Identifying Business Process to be Re-engineered)

Kaayyoo fi ergama mana hojichaa galmaan gahuuf taasifamu keessatti gahee guddaa qabu jedhamanii adeemsaaleen hojii sektara kana keessa turan irratti qorannoon JBAH gaggeeffamee hojii keessa seenamee bu’aa kan argamsiise yoo ta’u, yeroo amma haala caaseffama gurmaa’insa haaraatiin aangoo fi gaheen hojii dabalataan sektara kanatti waan kennameef adeemsaalee haaraa dhufaniif qorannoo gaggeessuu fi kan duraan turan irra deebi’amee fooyyessuun barbaachisaa ta’ee argameera.

Haaluma kanaan Adeemsa Hojii Bulchiinsa Kontraata Ijaarsaa To’annoo fi Galmee irratti JABHn irra deebi’amee akka fooyya’u /Recalibrate/ gochuuf hojii keessa galamee jira.
1.12 Sagantaa Qorannichi Itiin Gaggeeffamuu.
Qorannoo JBAH duraanii yemmuu gaggeeffamu koreen dhimma kanaaf dhaabbate sagantaa mataa isaa baafatee hojjatee kan xumure yammuu ta’u sanada duraan qophaa’e kana irra deebi’amee fooyyessuuf koree biraatiin yammuu ilaalamu adeemsi hojii duraan qoratame Adeemsa Kenna lafaa fi raawwii ijaarsaa jedhamee hojilee heddu kan ofkeessaa qabu waliin kan qoratame ta’uu isaa hubatamee jira.

Haata’u malee Adeemsi hojii Bulchiinsa Kontraata Ijaarsaa T. Galmee yeroo ammaa caasa mana hojii akka harawwaatti gurmaa’ee dabalataan hojileen adda addaa akka hojjatamu waan taasisfameef qorannoon irra deebi’amee akka gaggeeffamu dirqama ta’eera.

Bu’uruma kanaan koreen qorannaa kana geggeessuuf ramadaman dhimmoota adda addaa irratti waliin mari’atee hojii kana keessa akka galamu ta’eera.


Kutaa 2

2.1 Sadarkaa Hubannoo/Understanding Stage/

2.2 Ibsa sadarkaa hubannoo Adeemsa Hojiichaa haala amma itti hojjetamaa jiruu.

Biiroon Industirii fi Misooma Magaalaa Oromiyaa projeektoota baajata mootummaatiin naannoo keessatti hojjatamaa jiru akkaataa dizaayinii fi dokumeentii qophaa’ee mirkanaa’een raawwii hojii caalbaasii irraa kaasee hanga xumurattii sadarkaa sadarkaa jiruun deggersa ogummaa barbaachisu taasisuun hojii ijaarsaa akkataa waliigaltee fi dizaayinii qophaa’een qulqullinaan hojjatamuu isaa hordofuun ijaarsi projeekti yeroo barbaadame keessa hojjatamee tajaajila akka oolu taasisaa kan turame ta’uun isaa ifadha.

Qorannoo JBAH duraan taasifameen booda fooyya’insi fi tajaajila saffisaa fedhii maamiltootaa hanga ta’e guutuuf godhamaa kan terame ta’us hanga barbaadameen guutummaa guutuutti galmaan gahuu irratti hanqinni ni mul’ata.

Kanaafuu, JBAHn kanaan dura qoratame kun haala fedhii maammilaa giddu galeessaa godhateen industriin ijaarsaa babaldhatee bu’aa gaarii argamsiisuu danda’uun irra deebi’amee akka fooyya’u /recalibrate/ ta’eera.


2 .3 Moggaasa maqaa.

Adeemsi hojii kun Adeemsa Hojii Bulchiinsa Kontraata Ijaarsaa To’annoo fi Galmee jedhamee caasaa mana hojiitin kan beekkame waan ta’eef akkuma jirutti fudhatameera.



Adeemsa hojii kana jalatti akkataa hojiin itti raawwataa jiruun bakka lamatti qoodamee ilaaluun barbaachisaa waan ta’ee adeemsota hojii xiqqaa lamaan jiranis –

  1. Adeemsa Hojii Xiqqaa Bulchiinsa Kontraataa Ijaarsaa fi To’annoo.

  2. Adeemsa Hojii Xiqqaa Kenna Heeyyama fi Galmee.

jedhamanii addaan bahuudhaan sadarkaa hubannoo keessatti akkataa armaan gadiitti dhihaatanii jiru.


2.4 Cicata, Bu’aa fi Hojiiwwan Gurguddoo Adeemsa Hojichaa.

A/ Adeemsa Hojii Xiqqaa Bulchiinsa Kontraataa fi To’annoo ijaarsaa.

Cicata(inputs)

  • Karoora ijaarsa projeektoota mootummaa raawwachuuf qabame;

  • Deggersa ogummaa sektaroota mootummaa fi Bulchiinsa magaalotaa irraa gaaffii dhiyaatu;

  • Raawwii hojii ijaarsa projeektootaa irratti to’annoo fi hordoffii barbaadamu;

  • Adeemsa raawwii caalbaasii ijaarsa projeektootaa keessatti fedhii bulchiinsa kontraata ijaarsaa jiru;

  • Baajata raawwii ijaarsa projeektootaf qabame akka hojii irra oolu taasifamu;

  • Ijaarsa projeektootaa irratti rakkina qulqulinaa muldhatu fi yeroo barbaadamu xumuruu dhabuu;


Bu’aa ( Output)

  • Karoora raawwii hojii ijaarsa projeektoota mootummaa galmaan gahame;

  • Gaffii deggersa ogummaaf deebiin quubsaa kennamee raawwiin ijaarsa projeektoota akka karooraatiin galmaan gahame;

  • Ijaarsa projeektootaa to’annoo fi hordoffiin taasifamee raawwatame;

  • Adeemsa raawwii caalbaasii ijaarsa projeektootaa iftoominaan raawwatamee ijaarsa gaggeeffame;

  • Baajata ijaarsa projeektootaf qabame hojii irra oole;

  • Projeektootaa qulqulinaan fi yeroo barbaadame keessa hojjatamee xumuramee tajaajila uummataaf oole;


Hojiiwwan Gurguddoo (major activities)

  • Caalbaasii gaggeessuuf gaaffii deggersa ogummaa sektaraan/ abbaa projeektii irraa dizaayinii fi dokumeentii mirkanaa’e waliin dhiyaate fudhachuu;

  • Dokumeentii dhiyaate xiinxaluun qajeelfama dorgomtootaa waliin guutamee akka kennamu taasisuu;

  • Caalbaasii bahee qilleensa irra ooluu isaa fi dokumeentin dorgomtootaf qophaa’e gahaa ta’ee dorgomtoonni yammuu bitachuu barbaadan argachuu danda’uu isaa hordoffii taasisuu;

  • Baniinsa caalbaasii yammuu gaggeeffamu qaama dhimmi ilaalu waliin irratti argamuun deggersa ogummaa taasisuu.(cufuu fi banuu);

  • Dokumeentii teeknikaa ykn faayinaansii xiinxaluun bu’aa argame barreeffamaan beeksisuu;

  • Bu’aa caalbaasii fudhatama argate /mirkanaa’eef dokumeentii waliigaltee qopheessu;

  • Wal-harkaa fudhiinsa iddoo ijaarsaa akka raawwatamu taasisuu;

  • Hordoffii fi to’annoo hojii ijaarsaa wal-irraa hin cinne (continously) gaggeessuu;

  • Hojii hojjatameef akkataa waliigaltee jiruun safara fudhatamee (take off sheet) kafaltii dhiyaatu xiinxaluu fi mirkaneessuun abbaa projeektiif erguu;

  • Projeektii xumurame wal-harkaa fudhiinsa isa duraa fi isa dhumaa qaama dhimmi ilaalu waliin raawwachuu;

  • Heeyyama itti fayyadamummaa gamoo kennuu.


B/ Adeemsa Hojii Xiqqaa Kenna Heyyama

Cicata(input)

  • Gaffii heyyama ogummaa, kontraaktarummaa fi gorsitootaa dhiyaate,

  • Ijaarsa projeektii gaggeeffamu heddu ta’uu;

  • Fedhii Industrii ijaarsaa babaldhachaa dhufe irratti hirmaannaa ogeessotaa fi ogummaa taasifamu dabaluu;

  • Gaffii galmee waggaa meeshaalee ijaarsaa dhiyaate.

Bu’aa (out put)

  • Ragaa Heeyyama Ogummaa fi Kontraaktarummaa kenname.

  • Ijaarsa projeektoota raawwatame;

  • Hirmaannaa industirii ijaarsaa keessatti baay’ina ogeessota, kontiraaktaroota fi gorsitootaa dabalee hojii dabdummaa hir’ate.

  • Galmee meeshaalee ijaarsaa raawwatame fi ragaa kenname.


Hojiiwwan Gurguddoo

Adeemsa Hojii Xiqqaa Kenna Heeyyama fi Galmee (kontraaktarumma/ haaromsuu /olguddisuu/ harawaa kennuu/Galmee Meeshaalee ijaarsaa)

  • Gaaffii heeyyama gucaa guutamee dhiyaate;

  • Sadarkaa gaafatameef ulaagaa guutamuu dhiisuu sakatta’uu (professionals, equipments & machinery requirements);

  • Sadarkaa gaafatameef ogeessota dhiyaatan mallatteessisuu;

  • Waraqaa raga kennuu fi qaama dhimmi ilaalu beeksisuu;

  • Ragaa kenname “hard & soft copy” galmaa’ee akka taa’u gochuu.



2.5 Maappii Yaa’iinsa Hojii Adeemsichaa Calqabaa Hanga Dhumaatti (end - to - end process).


Adeemsa Hojii Bulchiinsa Kontraata Ijaarsaa To’annoo fi Galmee alaa fi Bulchiinsa Alwaaltessaa

Baniinsa caalbaasii irratti argamuun deggersa taasisuu.


Hordoffii hojii ijaarsaa gaggeessuu;
Gaaffii kenna heeyya-maa gucaa guutamee dhiyaate;
Ragaa dhiyaate qulqulleessuu

Sadarkaa gaafatameef ogeessota dhiyaatan mallatteessisuu;


Ragaa kennamu qopheessuu

Raga “hard & soft copy” n galmaa’ee kennuu.




Yüklə 1,05 Mb.

Dostları ilə paylaş:
1   2   3   4   5   6   7   8   9   10   11




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin