Biiroo Industrii fi Misooma Magaalaa Oromiyaa


Waraqaa Qulqulluu irraa ka’uudhaan Yaada Haaraa Burqisiisuu



Yüklə 1,05 Mb.
səhifə6/11
tarix03.01.2019
ölçüsü1,05 Mb.
#89860
1   2   3   4   5   6   7   8   9   10   11


3.8 Waraqaa Qulqulluu irraa ka’uudhaan Yaada Haaraa Burqisiisuu

Yaada Haaraa

Adeemsa hojii Bulchiinsa Kontraata Ijaarsaa To’annoo fi Galmee haala qabatamaa addunyaan yeroo ammaa barbaadduun hojumaata harawaa diriirsuuf piriinsiipilii JBAH hordofuu fi odeeffannoo Teeknolojiitti gargaaramudhaan hojiin akkaataa hojjatamuu danda’u yaadawwan haaraan adda addaa miseensota garee irraa burqisiifamanii jiru.



Yaadni haaraan, yaadamootni bu’uraa, itti fayyadamni IT fi Teknolojii hammayyaa fayyadamuun hojumaata tajaajila saffisiisu danda’uun kaa’uuf dandeesisu yaa’insa hojii isaanii wajjin akka armaan gaditti dhihaataniiru.
Yaadawwan Haaraa Miseensota garee irraa maddan.

  1. Sirna caalbaasii ijaarsa projeektotaa gaggeeffamu ilaalchisee:-

  • Dokumeentin caalbaasii ijaarsa projeektii gaggeessuf qophaa’e duraan dursee tarreeffamni hojii ”specification and bill of quantity” dizaayinii waliin qaama mirkaneessun mirkanaa’ee ogeessa bulchiinsa kontraataaf erga dhiyaatee booda qajeelfama dorgomtootaa”instruction to bidder’s”, beeksisa sadarkaa dorgomtootaa fi gosa caalbaasii murteessuun fi kanneen caalbaasii adeemsisuuf qabxiilee barbaachisan hunda akka guutamu ta’ee erga mirkanaa’een booda baayyatee akkataa beksisa baheen dorgomtoota ulagaa ibsame guutan dorgomuuf ykn irratti hirmaachuuf yammuu gaafatan akka bitanii gatii dhiyeessan ni taasifama.

  • Adeemsi caalbaasii keessatti dokumeentii irratti foyya’iinsa godhamu ”website”n ykn E-mail”n dorgomtootni hundinuu yeroo gabaabaa keessatti akka beekan/argatan taasisuun garaagarummaa dokumeentii dorgomtootaan dhiyaachaa ture hambisuu waan danda’uuf teknoolojii haala kanaan itti fayyadamuun hojii kan saffisiisu ta’a.

  • Xiinxallii fi madaalliin dorgomtoota caalbaasii kompiitaraan (new or existing program)n fayyadamuun yeroo gabaabaa keessatti akka raawwatamu ta’a.

  • Odeeffannoon itti fayyadamtoota irraa gara keenya karaa “website” fi “E-mail”n yeroo gabaabaa keessatti akka qaqqabu taasisuun qunamtii fooyya’iinsa caalbaasii irratti taasifamu ”ammendement” yeroo gabaabaa keessatti akka raawwatamu taasisuu.

  • Beeksifni caalbaasii gara dhaabbata preesitti ergamee darabee eeggatee kafaltii kafalamu tilmaamsisuun erga beekkameen booda waajjira irraa bahii ta’ee hanga raawwatamutti yeroo waan fudhatuuf beksifni caalbaasii ”web site”n akka darbu taasisuun yeroo fi baasii kan qusatu waan ta’eef faayida ni qaba.




  1. Sirna To’annaa ijaarsa projeektootaa.




  • Ijaarsi projeektii kam iyyuu bakka to’ataan ijaarsaa ramadamee argamutti adeemsifamuun qulqulina ijaarsaa muldhachaa jiru hambisuu kan dandesisu yammuu ta’u projeektoota xixiqqaaf garuu sagantaa raawwii irratti hundaa’ee (at critical construction time) gadifageenyaan ilaaluun barbaachisaa ta’a. Projeektota gurguddoo tilmaamni ijaarsaa qar. miliyoona 6 oli ta’an kan akka Hospitaalaa, Manneen Barnnootaa sad. 2ffaa, kolleejjota garuu to’ataan ijaarsaa ”resident supervisor” bakka jirutti to’atamee raawwiin hojii ji’a ji’aan gabaasa dhiyaatee fi karoora waliin ilaalamee rakkoo jiru battalatti furmaata akka argatu taasisuun qulqulina ijaarsaaf akkasumas projeektichi yeroo barbaadame keessa akka xumuramu kn dandeesisu waan ta’uuf hojumaanni akkanaa qophaa’ee hojii irra ooluu qab. Abbaan projeektiis caasaa waajjira isaaniitiin tajaajila mahaandisaa kan hin qabne yoo ta’e raawwii hojii ijaarsaatiif jecha baajata yammuu qabatan to’annaa geggeeffamuuf mahaandisa qaxaruun ykn qaam alaatin hordofiin akka gaggeeffamu taasisuun qulqulina ijaarsaatiif murteessaa waan ta’uuf xiyyeeffannoon itti kennamuu qaba.

  • Ijaarsa projeektootaa geggeeeffamu hordofuuf yeroo hunda mahaandisa kanaaf jedhamee qaxaruu irra dhaabbata dhuunfaa gorsaa ”private consultant”n akka hordofamu waliigaltee taasisuun qulqulinni ijaarsaa akka dabalamu fi rakkoo adeemsa keessatti ka’u battalatti furmaata kennuu kan dandeesisu waan ta’uuf akka filannoo tokkootti yaadamee jira.

  • Ijaarsa projeektootaa gaggeeffamu bu’uraa irraa kaasee to’annoon irratti gaggeeffamee qulqulinaan akka hojjatamee xumuramu taasisuun dirqama abbaa projeektii ta’us gaheen Biiroo IMMO garuu ijaarsi sadarkaa sadarkaan to’atamee raawwatamuu isaa ol aantummaan inspeekshinii kan gaggeessu fi raawwii hojii ijaarsaa sadarkaa qulqulinaa irra jiru gamaggamuun kontraaktara raawwii gadi’aanaa ykn ququlina sadarkaa fudhatama hin qabaannee gadi raawwatan gara fuulduraa ijaarsa projeektii wal-fakkaatu irratti akka hin hirmaanne taasisuun qulqulina ijaarsaa irratti jijjiirama fiduuf kan dandeesisu ta’a.




  1. Sirna Kenna heeyyama ogummaa/kontraaktarummaa/Gorsaa irratti

  • Ulagaalee kenna heeyyamaa haaromsuu oligudisuu ta’an hunda abbootii dhimmaa yammuu barbaadan akka salphaatti ”web site” irraa akka argatan dabalataanis gabatee beeksisaa mana hojii irratti ifaan ifatti akka maxxanfamu waan ta’uuf abbootin dhimmaa sadarkaa ulaagaa kaa’aman (machinery, equipment & man power) barbaachisuu guutanii waan dhiyeessaniif kenni heyyamaa daqiiqaa 30 keessatti raawwatamee abbaan dhimmaa yeroo gabaaba keessatti xumuree gara dhimma biraatti deemuu waan dandeesisuuf kenniinsa tajaajilaa irratti ni gammadu.

  • Dataa kenna heeyyamaa kanaan dura jiru fi gara fuulduraa galmaa’u hundinuu kompitara keessa akka galu ”software”n qoratamee akka ittiin hojjatamu waan ta’uuf abbootin dhimmaa kenniinsa tajaajilaa irratti ni gammadu. Akkasumas waa’ee ulaagaa galmee jiran fedhii maamiltootaa waliin akka walsimu taasisuuf hala qabatama naannootiin ilaalamee akka fooyya’u ni taasifama.

  • Kenninsa heeyyama daldala hojii ijaarsaa sadarkaa 7 – 9 jiru /Galmee meeshaalee ijaarsaa sadarkaa Godinaatti wajjira IMM akka kennamu waan ta’uuf abbootin dhimmaa karaa dheera deemanii finfinnee dhufuun barbaachisaa waan hin taneef baasii adda addaatiif akka hin saaxilamne taasisuuf yaada filannoo tokko ta’ee ilaalmeera.

  • Galmee meeshaalee ijaarsaa adeemsa kanaan kan raawwatamu ta’ullee gahuumsi teeknikaa fi sadarkaa tajaajila isaa kan ibsu qaama alaatiin akka hojjatamu taasisuun ”out sourcing” ragaa kennameef qofa fiduun yeroo gabaab keessatti akka dhimii isaa xumuramu kan taasisu ta’a.



3.9 Cuunfaa Yaadamoota Bu’uraa.

Yaadawwan haaraa miseensootiin garee burqisiisfaman irratti bali’naan erga mari’atamee booda yaadawwan haaraa hojimaata adeemsi hojii ijoo kun ittiin hojjatamaa ture ni jiijjira jedhamee itti amaname akka armaan gadiitti cuunfamee dhihaatee jira.



Haala qabatamaa yeroo ammaatiin jijjiirama induustirii ijaaarsaa akkaataa barbaadamuun galmaan ga’uuf ijaarsa gahumsa, miidhagina fi qusannaa irrattii hundaa’ee ijaaramee kan naanoon firoome tajaajila barbaadamef oole (Safe, economical, functional aesthetical and enviromentally friendlly construction) magaalota fi naannoo keessatti mirkaneessuuf tattaaffii fi hirmaannaa wal irraa hin cinneen hojjatamuu qaba. Kanaafuu yaadamoota dhiyaatan keessaa kan filataman.


        1. Caalbaasii ijaarsa projeektotaa gaggeeffamu

Dokumeentin goree hojii (specification and Bill of quantity) ijaarsa projeektiif qophaa’e dizaayinii waliin kan mirkanaa’e ogeessa bulchiinsa kontraataaf dhiyaatee adeemsa caalbaasii tiif guutuu ta’uun erga mirkanaa’een booda abbaa projeektiif ergamee baayyatee booda akkataa beksisa baheen dorgomtoota ulagaa kaa’ame guutan yammu irratti hirmaachuuf gaafatan akka bitanii gatii dhiyeessan akkasumas adeemsi caalbaasii irratti foyya’iinsa godhamu ”website” dorgomtootni hundinuu yeroo gabaabaa keessatti akka beekan taasisuun garaagarummaa dokumeentii dorgomtootaan dhiyaatan hambisuu, xiinxalaa fi madaalliin dorgomtoota caalbaasii kompiitaraan (new or existing program)n fayyadamuun yeroo gabaabaa keessatti akka raawwatamu ta’ee adeemsa caalbaasii yeroo dheeraa fudhataa ture xinneessun ni danda’ama.


        1. To’annaa ijaarsa projeektootaa.

  • Ijaarsi projeektii kam iyyuu bakka to’ataan ijaarsaa ramadamee argamutti hojjatamuu kan qabu ta’ullee ijaarsa projeektoota xixiqqaaf sagantaa raawwii irratti hundaa’ee (at critical construction time) kan ilaalamu fi Projeektota gurguddoo tilmaamni ijaarsaa qar. miliyoona 6 oli ta’an ”resident supervisor” bakka jirutti to’atamee raawwiin hojii ji’a ji’aan gabaasa dhiyaatee karoora waliin ilaalamee rakkoo jiru battalatti furmaata akka argatu ta’a. Abbaan projeektiis tajaajila mahaandisaa kan hin qabaanne raawwii hojii ijaarsaatiif baajata yammuu qabatan to’annaa geggeeffamuuf waliin qabatamee mahaandisa qaxaruun hordofiin akka gaggeeffamu taasisuun qulqulina ijaarsaa tiif murteessaa waan ta’uuf xiyyeeffannoo kennamuu qaba. Biiroo IMMO ijaarsi sadarkaa sadarkaan to’atamee raawwatamuu isaa ol aantummaan inspeekshinii kan gaggeessu fi raawwii hojii ijaarsaa sadarkaan qulqulinaa irra jiru gamaggamuun kontraaktara sadarkaa qulqulinaa fudhatama hin qabaannee gadi hojjatan gara fuulduraa ijaarsa projeektii wal-fakkaatu irratti akka hin hirmaanne taasisuun qulqulina ijaarsaa irratti jijjiirama fiduuf kan dandeesisu ta’a.




        1. Kenna Heeyyama fi Galmee /Ogummaa/ kontraaktarummaa/ Gorsaa/ Meeshaalee ijaarsaa/




  • Ulagaalee kenna heeyyamaa/ galmee meeshaalee ijaarsaa akka salphaatti ”web site” irraa abbootin dhimmaa akka argatan dabalataanis gabatee beeksisaa mana hojii irratti ifaan ifatti akka maxxanfamu waan ta’uuf kenni heyyamaa daqiiqaa 30 keessatti raawwatamee abbaan dhimmaa yeroo gabaaba keessatti xumuree gara dhimma biraatti deemuu waan dandeesisuuf kenniinsa tajaajilaa irratti ni gammadu. Kenninsi heeyyama daldala hojii ijaarsaa sadarkaa 7 – 9 jiru / akkasumas galmee meeshaalee ijaarsaa sadarkaa Godinaatti Wajjira IMM akka kennamu waan ta’uuf abbootin dhimmaa karaa dheera deemanii finfinnee dhufuun baasii adda addaatiif saaxilamuu hin qaban. Dataa kenna heeyyamaa hundinuu kompitara keessa akka galu ”software”n qoratamee akka ittiin hojjatamu waan ta’uuf abbootin dhimmaa kenniinsa tajaajilaa irratti ni gammadu. Kan jedhu yaadamoota akka fudhatamu ta’ee jira.


3.10 Itti fayyadama IT

Daataa kenna heeyyamaas ta’ee hojilee adeemsa kanaan hojjataman hundinuu IT fayyadamuun akka gurmaa’ee qabamuu waan ta’uuf informeeshinii barbaadamu kam iyyuu battalatti qaama gaafatuuf kennuu ni dandeesisa. Hojii adeemsa kana ilaalchisee qunnamtii ministeera federaalaa waliin taasifamu hundumaa irratti odeeffannoon kun karaa ’web site’ /e-mail/ tiin qaamota ragaa kana itti fayyadamuu barbaadan bira ni gaha.




3.11 Hojiiwwan Gurgguddoo (Major Activities)

A/ Adeemsa Hojii Xiqqaa Bulchiinsa Kontraata Ijaarsaa fi To’annoo

            1. Ijaarsa projeektii gaggeessuf deggers ogummaa gaafatamu/karoora qabame

    • Sanada Caalbaasii sadarkaa barbaadamuun qopheessuu;

    • Beeksisa caalbaasii qopheessuun erguu;

    • Sanada caalbaasii gurguramuu isaa hordofuu. (guyyaa lamatti yeroo tokk);

    • Baniinsa caalbaasii irratti argamuun deggersa ogummaa kennuu;

    • Xiinxallii dokumeentii dorgomtootaan dhiyaate gaggeessuu fi bu’aa isaa beeksisuu;

    • Bu’aa caalbaasii murtaa’uuf dokumeentii waliigaltee qopheessuu;

    • Wabii raawwii hojii guutamee waliigalteen mallattaa’uu isaa hordofuu;

    • Iddoo hojii ijaarsaa kont. Waliigaltee mallatteesse harkaan gahuun calqabsiisuu;

    • Hojii hojjatameef safara fudhatamee kafaltii dhiyaate xiinxaluun mirkaneessuun abba projeektiif erguu;

    • Kafaltii kontraaktarichaaf raawwachuu;(cashier)

    • Ijaarsa Xumuramee walharkaa fudhiinsa isa duraa fi dhumaa gaggeessuu;

    • Ijaarsaa hojjatamee xumurameef raga itti fayyadamaa gamoo kennuu.




            1. Rakkolee adeemsa hojii ijaarsaa keessatti ka’u furmaata kennuu

    • Inspeekshinii hojii ijaarsaa gaggeessuun rakkolee adeemsa keessatti muldhatu qorachuun furmaata kennuu (Contract Adminstration matters).

            1. Ijaarsa projeektii gaggeeffamu qaama alaatin akka horodofamu/to’atamu taasisuu (out sourcing contract administration and supervision parts)

    • Inspeekshnii ijaarsa projeektii irratti gaggeessuu;

    • Gabaasa raawwii hojii fudhachuun ilaaluu/ yaada irratti kennuu/ rakkoo qunnamu irratti marii gaggeessuu;

    • Kafaltii tajaajila dhiyaatu xiinxaluun mirkaneessuu;

    • Kafaltii raawwachuu.

            1. Adeemsa hojii ijaarsaa keessatti hojiilee waliigalteen ala hojjatamaniif gatii qoratame mirkaneessuu (variation works)

  • Akkataa waliigaltee jiruun hojjatamuu fi dhiisuu isaa mirkaneessuu;

  • Akka hojjatamu fi bajata hojii dabalataaf qabamuu isaa mirkaneessuu;

  • Gatii hojiidhaaf dhiyaate akka qabatama yerootiin qoratamee dhiyaate sirri ta’uu isaa mirkaneessuun abbaa projeektiif akka ergamuu taasisuu.

            1. Garaagarummaa gatii meeshaalee ijaarsaa dhiyaatu qorachuun furmaata kennuu

  • Gaaffi fudhachuu;

  • Dokumeentii waliigaltee jiruun hojii hojjatame adda baasuun xiinxaluu;

  • Gatii meeshaalee ijaarsaa yeroo adda addaa jiru qorachuu;

  • Garaagarummaa gatii jiru xiinxaluun mirkaneessuun erguu.


B/ Adeemsa Hojii Xiqqaa Kenna Heyyamaa fi Galmee

(Galmee meeshaalee ijaarsaa/kontraaktaroota gurmaa’anii misooma industrii ijaarsaa irratti bobba’anis asuma keessatti ilaalama)

  • Gaaffii gucaa abbaa dhimmaatiin akka guutamu fi sirri ta’uu isaa mirkaneessuu;

  • Ragaa dhimma kanaaf dhiyaate qulqulleessuu;

  • Sadarkaa gaafatameef ogeessota dhiyaatan mallatteessisuu;

  • Waraqaa raga kennamu qopheessun kennuu;

  • Ragaa kompitaraan galmeessuu;





3.12 Yaa’iinsa Hojii (flow chart) Bulchiinsa Kontraata Ijaarsaa fi To’annoo


Gaaffii qophii dokumeentii caalbaasii

Sanada Caalbaasii sadarkaa gaafatamuun qopheessuu/ kennuu

Hordoffii ijaarsaa gaggeessuu/ rakkolee adeemsa keessatti muldhatu qorachuun furmaata kennuu

murteessuu


Hojii hojjatameef kafaltii dhiyaate xiinxaluun mirkaneessuun abba projeektiif erguu.

Hojii Bulchiinsa Kontraata ijaarsaa fi To’annoo

Xiinxallii dokumeentii dorgomtootaan dhiyaate gaggeessuu

Wabii raawwii hojii guutamee waliigalteen mallattaa’uu isaa hordofuu.

Iddoo hojii ijaarsaa kontraaktara harkaan gahuun calaqabsiisuu
Ijaarsa Xumuramee walharkaa fudhiinsa isa duraa fi dhumaa gaggeessuu

Sanada caalbaasii baayyatee dorgomtootaaf gurguramuu hordofuu.

Kafaltii dhiyaate kont. raawwachuu

Ragaa itti fayyadama kenname



Baniinsa caalbaasii irratti argamuun deggersa ogummaa taasisuu./cufuu fi banuu/

3.13 Yaa’insa Hojii (Flow Chart) Kenna Heeyyamaa fi Galmee


Kenna Heeyyamaa fi Galmee



Ragaa dhiyaate xiinxaluu




Gaffii kenna heeyyamaa
Ogeessota dhiyaatan mallatteessisuu

out

Waraqaa raga kennamu qopheessun

Kafaltii tajaajilaa raawwachuu

Ragaa kenname




Kutaa 4

4.1 HOJII GURMEESSUU (RE-ORGANIZING THE PROCESSES)

Adeemsa hojii harawaa gurmeessuu keessatti wantoota hubatamuu qaban hojiiwwaan bu’aa dhumaa argamsiisan bakka tokkotti fiduu qofa osoo hin ta’iin qabxiiwwan ijoo ta’anii ilaalamuu qaban keessaa:



  • Hojiiwwan eessatti akka hojjetaman murteessuu,

  • Hojiiwwan eenyudhaan akka hojjetaman murteessuu,

  • Bal’ina fi heddumina hojichaatiin irra deebi’anii gurmeessuu ”regrouping” kan jedhaman qabxiiwwaan baay’ee murteessaa fi kan dagatamuu hin qabnee dha. Kana irraa ka’uudhaan gaaffiiwwan bu’uura ta’an akkaataa armaan gadiitiin dhihaatee jira.

Adeemsa hojichaa keessatti hojiiwwan (activities) hanga ammaatti ilaalamaa dhufe bal’inaa fi heddummina isaatiin eessatti fi eenyudhaan hojjetamuu akka qaban murteessuun dura hojiiwwan qaama alaatiin akka hojjetamu (out source) taasifamu ni jiraa ? kan jedhus ilaalamee jira.
Haaluma kanaan Adeemsa hojichaa keessaatti hojiiwwan jiran keessaa qaama alaatiin akka hojjetaman taasifamuu kan qaban galmee meshaalee ijaarsaa irratti gahuumsa teeknikaa qaama alaatin ilaalamee yammuu mirkanaa’u galmeen raawwatu ni danda’ama.

To’annoo fi hordoffii ijaarsaa projeektootaa ilaalchisee BIMMO ol-aantummaan ijaarsa projeektii gaggeeffamu hordoffii kan taasisu ta’ullee dhimmi kun humna namaa heddu kan barbaachisu waan ta’eef sektarri abbaa projeektii gaggeessu mahaandisa ijaarsa to’atu qaxaree projeekticha akka to’atamu fi raawwii adeemsaa keessatti ka’uuf Biiroo IMMO waliin ilaalamee furmaata akka itti kennamu jedhamee haaluma kanaan hojjatamaa tureera.

Haata’u malee ijaarsa projeektootaa geggeeeffamu hordofuuf yeroo hunda mahaandisa kanaaf jedhamee qaxaruu irra dhaabbata dhuunfaa gorsaa ”private consultant”n akka hordofamu waliigaltee taasisuun qulqulinni ijaarsaa akka dabalamu fi rakkoolee adeemsa keessatti ka’u battalatti furmaata kennuu kan dandeesisu waan ta’uuf bu’aan kana irra argamu caalmaa qaba.

Kanaafuu dhimmoota kanaan olitti tuqaman irra ka’uun hojilee qaama alaatiin hojjatamuu qaban:




  1. Galmee meeshaalee ijaarsaa irratti gahuumsa teeknikaa qaama alaatin ilaalamee mirkanaa’uu akka qabu (outsourcing)

  2. Ijaarsa projeektoota gurguddoo ta’an to’annaa ofumaa gaggeessuu irra caal baassidhan dhaabbata gorsaa waliin waliigaltee uumuun hordoffii wal-irraa hin cinne taasisuun ni danda’ama

Akkataa hojiileen federaalaa irra gara naannootti akka gadi bu’u ta’een hojiin gara irra caalu hojii opreeshinii ta’an irratti osoo hin taane babalina Industrii ijaarsaa gaggeeffamu irratti xiyyeeffannoon kennamee hojjatamuu qaba.

4.2 Adeemsa hojii kanaan sadarkaa BIMMO tti hojii hojjetamu

Adeemsi hojii ijoo kun Adeemsota hojii xiqqaa lama kan qabu yoo ta’u isaanis:

1. Adeemsa hojii Xiqqaa Bulchiinsa Kontraata Ijaarsaa fi To’annoo

2. Adeemsa Hojii xiqqaa Kenna Heyyamaa fi Galmee

Adeemsota xiqqaa lamaan yoo kan gurmaa’u ta’e raawwii hojii tiif mijaa’aa fi hojiiwwan kutaa tokko irra gara biraatti daddarbaa turan akka hafu waan taasisuuf abbotii dhimmaa yeroo gabaabaa keessatti dhimma isaanii akka raawwatamuuf ni taasisa.

Hojileen adeemsa kana jalatti raawwataman iddoo itti raawwataman adda bahanii hojii fuulee fi boroo sadarkaa sadarkaan kan hojjetaman akkataa armaan gadiitti dhihaatanii jiru.



Gabate:8 Adeemsa Hojii keessatti addaan baatee hojii Boroo fi Fuullee

(Off-Line and fornt - Line)/ Sadarkaa BIMMO tti /




lakk
Tarreeffama hojii

Iddoo itti hojjetamu

Boroo (OL)

Fuullee (FL)







  1. Adeemsa hojii xiqqaa Bulchiinsa Kontraata ijaarsaa fi To’annoo










  1. Bittaa fi ijaarsa gaggeessuu







1.1

Sanada Caalbaasii sadarkaa gaafatamuun qopheessuu, gossa bitta murtesuu.

X




1.2

Beeksisa baasuu ykn waamicha afeerrii dabarsu

X




1.3

Sanada caalbaasii gurguruu




X

1.4

Caalbaasii Cufuu




X

1.5

Caalbaasii Banuu




X

1.6

Xiinxaluu fi moo’attoota filachuu

X




1.7

Moo’ataa beeksisuu

X




1.7

Waliigaltee raawwachuu

X




1.8

Iddoo ijaarsaa harkaan gahuu (site handover)




X

1.9

Hordoffii fi too’annoo gaggeessuu

X




1.10

Gaaffii kaffaltii fudhachuu




X

1.11

Ragaa kaffaltii qopheessuu, xiinxaluu fi mirkaneessuu

X




1.12

Kaffaltii raawwachuu




X

1.13

Ijaarsa xumurame wal-harkaa fuudhinsa raawwachuu




X

1.14

Ijaarsa xumurameef heyyama itti fayyadama kennuu.

X







  1. Rakkoolee Adeemsa hojii ijaarsaa kessatti ka’u furuu







1

Gaffii fudhachuun dhimma isaa qorachuu

X




2

Qaama dhimmi ilaaluu waliin marii taasisuu




X

3

Marii taasifame irratti hundaa’uun yaada ogummaa kennamu qopheessuu

X




4

Furmaata kenname qaama dhimmi ilaaluf barreeffamaan kennuu

X







3. Adeemsa hojii ijaarsaa keessatti hojiilee waliigalteen ala hojjatamaniif gatii qoratame mirkaneessuu (variation works)







1

Gaffii fudhachuu;




X

2

Gatii dhiyaate xiinxaluu;

X




3

Gatii mirkanaa’e qaama ilaaluuf erguu;

X







4. Garaagarummaa gatii meeshaalee ijaarsaa dhiyaatu qorachuun furmaata kennuu









1

Gaaffi fudhachuu;





X

2

Dokumeentii waliigaltee jiruun hojii hojjatame adda baasuun xiinxaluu;


X




3

Gatii meeshaalee ijaarsaa yeroo adda addaa jiru qorachuu;


X




4

Garaagarummaa gatii jiru xiinxaluun mirkaneessuun erguu.


X







  1. Adeemsa Hojii xiqqaa Kenna Heyyamaa fi Galmee










  1. Galmee heyyama Kontraakatarummaa fi Gorsaa







1

Iyyannoo fuudhuu fi gucaa guutuu




X

2

Ragaa qulqulleessuu.

X




3

Sadarkaa gaafatameef ogeessota dhiyaatan mallatteessisuu




X

4

Kaffaltii harkaa fuudhuu.




X

5

Waraqaa raga kennamu qopheessun;

X




6

Galmeessuu fi heyyama kennuu.




X

7

Ragaa kompitaraan galmeessuu

X







  1. Galmee heyyama ogummaa







1

Gaaffii kenna heeyyamaa gucaa abbaa dhimma-an guutamee dhiyaatu ilaaluun sirri ta’uu isaa mirkaneessuu;




X

2

Ragaa dhiyaate qulqulleessuu;




X

3

Waraqaa ragaa kennamu qopheessun kennuu;




X

4

Ragaa kompitaraan galmeessuu;

X







  1. Galmee Meeshaalee Ijaarsaa.







1

Gaaffii galmee guutamee dhiyaatu ilaaluun sirri ta’uu isaa mirkaneessuu;




X

2

Ragaa gahuumsaa mirkanaa’ee dhiyaate qulqulleessuu;




X

3

Waraqaa ragaa kennamu qopheessun kennuu;




X

Yüklə 1,05 Mb.

Dostları ilə paylaş:
1   2   3   4   5   6   7   8   9   10   11




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin