Boonsaa tahe hojjechaa ture



Yüklə 0,97 Mb.
səhifə5/13
tarix09.01.2019
ölçüsü0,97 Mb.
#94561
1   2   3   4   5   6   7   8   9   ...   13



Ibsa Sona Maamiltootaa/Customer Value Propositions/

Amaloota Tajaajilaa Waajjira Aadaafi Tuurizimii Godina Wallagga bahaatiin Kennaman Qabaachuu Malu /Attributes/

  • Qulqullinafi saffinna tajaajila

  • Odeeffannoo gahaa

Walitti Dhufeenyaan /Relationship/

  • Simannaa Gaarii

  • Al’logummaa

  • Hirmaachisuumma

  • Iftomina

Ilaalchaan /Image/

  • Amanamummaa

  • Fakkenyummaa

  • Ga'umsa oogumma

Kallatiwwan Madaallii (Strategic Perspectives)
Sirna Madaallii Bu’aa Tarsiimoo (SMBT /Balanced Score Card /BSC) madaallii bartame irraa waanti adda godhu tokko kallattii madaallii adda addaatiin bu’aa madaaluu danda’uu isaati.Kallattiin madaallii daawwitii bu’aa raawwii tarsiimoo karaa madaalawaa ta’een madaalamuu dha. Haalli kun bifa lamaan kan ilaalamu yoo ta’u gumachitoota (leadining factors) fi galma dhumaa (end result) ta’uun ilaalamu. Dhimmoonni kun akkataa qabatamaa manneen hojii mootummaatii fi dhaabbilee dhuunfaatti garagarummaa kan qaban yoo ta’u, akka Waajjira Aadaafi Tuurizimii Godina Wallaggaa bahaatti galmi dhumaa ykn xiyyeeffannoo ol’aanaa kan argachuu malu maamiltoota ta’uun itti amanameera. Kana waan ta’eef kallattiiwwan madaallii armaan gaditti eeraman keessaa maamilli sadarkaa tokkoffaa irratti akka dhufu taasifameera. Haaluma kanaan kallattiiwwan filataman:

  • Maamiltoota/Ummata

  • Faayinaansii

  • Adeemsa Hojii Keessaa

  • Ijaarsa Dandeettii /Capacity Building/




      1. Ibsa Kallattiiwwan Madallii



1. Maamila/Ummata:

Maamila jechuun hawaasa naannichaafi, akkasumas dhimmamtootafi qooda fudhattoota Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa irra tajaajila warra barbaadan yemmu tahan dabalatanis galmaan ga’insa kaayyoo Biirichaa irratti shoora guddaa qabu. Maammilli kun haala waliigalaatiin hojii Biirichaan geggeeffamu akka milkaa’ufi tajaajilli saffisaafi qubsaa ta’e akka dhugoomu birichaarraa ni eega. Haala waligalaatiin, qorannoonfi misoomni aadaa, afaan, seenaafi qabeenya tuurizimii naannichaa kan umamaafi nam-tolchee irratti geggeeffamu faayidaa ummata ballaaf waan taheefi akkasumas Biirrichii dhabbata mootummaa ta’u isaatiin maamilli kallatti madalli sadarkaa duraa irra kaa’un, xiyyeeffanno kennuun hojjachuun barbaachisaa tahee argameera.



2. Faayinaansii:

Kallattiin faayinaansii qabeenya maallaqaafi fizikaalaa ta’ee bajataa mootummaa, gargaarsaafi galii qaamolee adda addaarraa argamu yoo ta’u, qabeenya muraasa jiru kana qusannaan hojii bu’aa qabeessa irra oolchuun fedhii guddina hawaas diinagdee lammiileef guutuun kan itti danda’amu ta’uu isaa kallatti ittiin ilaalamu dha. Akka yaad-rimee dhaabbata mootummaatti kallattiin faayinaansii qabeenya maallaqaa ykn bajata murtaa’aa ta’e tokkoon bu’aa dabalataa argamsiisuu irratti xiyyeeffatee kan hojjatufi madda galiiwwan adda addaa baba’allisuun faayidaa bu’aa qabeessa ta’eef oolchuu ni dabalata.



3. Adeemsa Hojii Keessa:

Adeemsa Hojii Keessaa jechuun sirna waliigala adeemsa raawwii hojii, saffinaa, ga’uumsaafi qulqullinaan raawwachuuf diriirsuun, gaaffii maamiltootaa fi dhimmamtootaaf deebbii hatattamaa kennuun saffinnafi itti fayyadama qabeenyaa qusannoon raawwachuuf kallattii ittiin ilaalamuu dha.Dabalataanis bu’aaleen kallattii madaallii maamilaafi faayinaansii keessaatti eeggaman akka uumaman iddoo itti taasifamuu dha.Kana waan ta’eef misoomaa hawwaas-dinagdee, aadaa, afaan, seenafi qabeenya uumamaafi nam-tolchee gutummaan raawwachuuf adeemsa hojii keessaa irratti xiyyeeffatani hojjachuun barbaachisaa dha.Kanaafuu, Biiroon Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa ergama heeraan isaaf kenname kallattiidhaan hojii irra oolchuuf adeemsi hojii keessaa gahee ol’aanaa qaba.


4. Ijaarsa Dandeetti:

Ijaarsa dandeettii jechuun dandeettiin raawwachisummaa gaggeesiitootaafi raawwattoota Biirichaa keessatti sadarkaa adda addaatti argaman akka cimu, dhiyeessiifi itti fayyadama teekinooloojii ammayyaafi qabeenya dhabbatichaa kan hammatuu dha. Keessattuu qabeenyi humna namaa beekumsa, dandeettii fi ogummaa, ilaalcha aadaa hojii isaatiin jijjiiramee galma gahiinsa ergama Biirichaatiif shoora ol’aanaa taphachuu akka danda’u kan ittiin taasifamuu dha. Dabalataanis, gahumsi gaggeessummaa sadarkaa sadarkaan jiru cimee hoggansa bu’a qabeessa ta’e kennuuf akka danda’u kan keessatti ijaaramuu dha. Akka waliigalaatti kallattiin madaallii kun galmawwan kallattiwwan biroo keessatti argaman gara bu’aatti jijjiiruuf bu’uura waan ta’eef xiyyeeffannoo ol’aanaa kennuudhaan irratti hojjachuun barbaachisaa dha.



    1. Xiinxala Haala Keessaa fi Alaa (Intrenal and External Situation Analysis)

Dagaaginaa seenaa, afaan, artii Oromoofi misooma qabeenya tuurizimii faayidaa hawaas-dinagdee naannichaatiif oolchuun murteessaadha, kanaafis hirmaannaan mammilafi dhimmamtoota muurteessaadha.Karoora maddaallii bu’aa irratti xiyyeeffate gara hojiitti hiikkamuu danda’u qopheessuun hojii irra oolchuuf duursaan haala qabatamaa Waajjiricha keessa jiruufi haala qabatamaa alaa xiyyeeffannoo kennuudhaan gad-fageenyaan xiinxalluufi hubachuun ka’umsa ijaarsa tarsiimoo gara hojiitti hiikamuu qabuuf bu’uuradha. Faayidaan xiinxalichaa haalawwan qabatamaa keessaafi alaa Waajjirichi maal akka fakkaatu xiinxaluufi hubachuuf akkasumas dhimmoolee tarsiimoo hojiirra ooluu danda’an addaan baafachuudhaaf waan ta’eef, gama tokkoon ciminaafi dadhabina (strength and weakness) waajjirichaa gara biraatiin ammoo carraalee itti fayyaddaman (opportunities) waajjirichi qabuufi sodaalee (threats) mudachuu danda’an kan yaada mammiltottaafi dhimmamtoota hundaa ammatuu akaakuun addaan baasuun xiinxaaluudha.

Haaluma kanaan, Waajjirri Aadaafi Tuurizimii Godina Wallaggaa bahaa Sirna Maddaallii Bu’aa Tarsiimoo (SMBT) /BSC/ qophpessuuf ragaalee haalawwan qabatamaa keessaafi alaa ibsu mammiltootaafi dhimmamtoota irraa walitti qabuudhaan gadi fageenyaan xinxaluun, addaan baaseera. Cuunfaan xinxala haala keessaafi alaa kun gabatee armaan gadiitti ibsameera.



1.5.1. Gabatee: Xiinxala Haala Keessaa

Qabxiilee Xiinxalaa

Cimina

Dadhabina

I. Bulchiinsa/ Governance







Gaggeessummaa

  • Qorannoon JBAH sadarkaa caasaatti irra deebi’amee fooyya’uun ramadiin gaggeefamuu.

  • Raayyaa jijjiiramaa gurmeessuun hojiitti seensisuuf jalqabiin jiraachuu.



  • Rakkoo ilaalchaatiin walqabatee, ilaalchii eeggatummaa fi kiraa sasaabummaa hundee irraa buqa’uu dhabuu akkasumas ilaalchii tajaajiltummaa ummataa xiqqaa ta’uu.

  • Beekumsa irratti hundaa’anii hogganuu dhabuu

  • Mul’ataafi kaayyoo tarsimaa’oo irratti hundaa’un hogganuu dadhabuu

  • Hawaasaa fi qooda fudhattoota qindeesssuun misoomaaf sochoosuu dhabuu.

  • Gaggeessaan sadarkaa sadarkaan jiru sivil sarvaantii qindeessuudhaan hojiiwwan rifoormi fi bulchiinsa gaarii irratti bobbaasuuf hanqini jiraachuu

Rakkoo dhiyeessii (deeggarsaa fi hordoffii)

  • Humna namaa ga’aa ta’e dhiyeessuu dadhabuu

  • Meeshaalee hojii hanga barbaadamee fi ququllinaan dhiyeessuu dhabuu

  • Sirna deeggarsaa fi hordoffii itti fufiinsa qabu diriirsuu dadhabuu

  • Raawwii karooraa madaaluun tarkaanfii sirreeffamaa fudhachuu dhabuu

  • JBAHn qoratamee akka hojii irra oolu jalqabamee haa turuu malee itti fufiinsaan hordoofuu dhabuufi rakkoowwaan jiran addaan baasuun tarkaanfii foyya’insaa fudhachuu dhabuu, Hojjetoota aangessuu dhabuu

  • Fooyya’insii (recalibration) JBAH irratti gaggeefames caasaa fooyyesuu bira dabree istaandardii hojii kan hin fooyyesine ta’uu, sababii kanaaf rakkoon hojii irra oolmaa isaa kan jiru ta’uu.

  • Qabeenya namaa haala barbadameen ga’oomsuuf qaawwa dandeettii raawwii irratti hundaa’uudhaan duub-deebii wayitawaa fi barsiisaa ta’e kennuu dhabuu

  • Meeshaalee jijjiramaa (JBAH, SMKBT, Chaarterii Lammiileefi IRJJ ) xiyyeeffannoo itti kennuun akkaataa barbaadamuun hojiirra oolchuun bu’aa barbaadamu fiduu dhabuu

Tasgabbii Gaggeessitoota (stability)



  • Sadarkaa godinaaleefi aanaaleetti gaggeesitootaafi hojjetoota ramadiis ta’ee hojii irraa kaasuu irratti Godina waan hin hirmaanneef rakkoon tasgabbiifi hojii irratti turuu dhabuu jiraachuu..

  • Geeggeeistonni sadarkaa aanaalee irraa jiran yeroo gagababaa keessatti taayitaa irra gaafa ka’aan furmatnii fudhatamu dadhabba ta’u.

Ergamaa fi Mul’ata



Ergamni fi mul’atni hojjachiisuu danda’u jirachuu isaa.


  • Ergamnifi mul’atni haajiraatu malee qaamni hogganufi raawwatu sirritti hubatee xiiqiifi gara kuteenyaan hojiirra oolchu irratti dadhabinni jiraachuu.

Galmaa fi Kaayyoo

Karoora gara galmaafii kaayyootti geessuu danda’an akka qophaa’u gochuu jiraachuu.

  • Humni jiru gutuudhaan duguuguun galmaan gahiinsa galmaafi kaayyootiif akka socho’u taasisu irratti hanqonni jiraachuu.

  • Karooraafi raawwii hojii kaayyoleefi safartuulee tarsimaa’oon walqabsiisuun hooganuu irratti hanqinnii guddaan jiraachuu.

II. Hoggansa







Caaseffama Seektarichaa

  • Caaseffama BATO hanga sadarka aanaatti gadi bu’uu isaa.

  • Qorannoofi qo’annoo Oromoo (afaan, seenaafi artii Oromoo), akkasumas, mana kitaabaafi hadaarsaa irra caalaa cimsuu

  • Humni namaa hanga aanaatti jiru haala quubsa ta’een hojiirratti bobba’suu dhabuu.

  • Caasaalee sadarkaan jiran keessatti akka barbaachisa ta’een human namaa guutachuu dhabuu.

Tarsiimoo amma jiru

SMBKT keessatti kaayoleen tarsimaa’oo Godinni BATO irraa qoodate jiraachuu isaa,

  • Imaammataa fi Tarsiimooleen seektara aadaafi tuurizimii akka feedeeralaatti yoo jiraate ellee akka naannoo Oromiyaa jiraachuu dhabuu.

  • Raawwiin hojii tarsiimoo irraatti kan hundaa’e osoo hin ta’in hojii guyyaa irraatti kan xiyyeeffatee ta’u isaa.

  • Ummanni naannichaa hojiileen misoomaafi kunuunsaafi eegumsaa qabeenyaa aadaafi tuurizimii irratti abbuummaa horatee akka hirmaatu gochuuf hojiiwwaan hubannoo uumuu laafaa ta’uu isaa.




  • Kaayooleen tarsimaa’oon SMBKT haa jiraatuu malee hojii irraa oolchuu bu’aa isaanii madaaluu irratti rakkoofi hanqinnii guddaan kan muldhate ta’uu isaa.

Adeemsafi sirna (karoora, hordoffii, gamaaggama, gabaasaafi “MIS”

  • Karoora waggaa waggaa irratti caasaalee sadarkaan jiran mari’achisuun jirachuu isaa.




  • Karoora waggaa waggaa irratti caasaalee sadarkaan jiran mari’achisuun yoo jiraatellee karoora GTP waggoota shani irratti caasaalee gadii odoo hin mari’achiifne kan bira dabarame ta’uu isaa.

  • Karoorrii GTP waggoota shani humnaa gadi karoorfamuufi SMBKTn walitti hidhiinsa dhabuun hanqinna guddaa kan qabu ta’uu isaa, akkasumas karoorii wagga waggaa karoora GTP irratti hundaa’uu dhabuu isaa.

  • Karooraan haala ofii hooganamuu ilaalchisee hanga ta’e hanqinni dura ture kan fooyya’e yoo ta’‘ellee karooraafi raawwii hojii hanga Aanaatti walfkeessuufi akkaataa karooratiin raawwachuu irratti hanqinni jirachuu isaa.

  • Karoora tarsimoo waggaa shaniifi karoora waggaa waggaa walsimsisuun gaggeessuu irratti hanqinni jirachuu isaa.

  • Karoora ofii giddugaleessa hingodhanneen haala qabatamaa jiru irratti qopheessuu dhabuu.

Karoora

Hordoffiifi gamaaggama

Sirni hordoffii fi gamaaggamaa sadarkaa adda addaatti jirachuu isaa

  • Hordoffii fi gamaaggama itti fufiinsa fi qindoomina kan hin qabne ta’uu isaa

  • Sirni hordoffiifi gamaaggamaa caasaalee sadarkaan jiran giddutti geggeefamuu lafaa ta’uu isaa.

  • Sirni Hordoffii fi gamaaggamaa hawaasa sadarkaa hundatti hirmaachisu jiraachuu dhabuu.

  • Bu’a gamaggama raawwiif duub-deebii wayitawaa fi ga’aa kennuu dhabuu

  • Deggarsi ogummaa kennamu quubsaa ta’uu dhiisuu.

Gabaasa

Gabaasni hojii caasaalee gadiirraa ol Ji'aafi kurmannaan kan ergamu ta’uu isaa.


  • Gabaasni qulqullina qabuu dhiyaachuu dhabuu.

  • Gabaasa yeroo isaa eeggate erguu dhabuu.

  • Gabaasaa dhiyaatu irratti duubdeebii gahaa ta’e kenamu dhabuu, akkaataa duubdeebii kennameen sirreefamnii taasifamuu isaa irratti hodofiin jiru laafaa ta’uu.

  • Gamagama gabaasaa keessatti tooftaan hanqinnaafi ciminna irratti walirraa baruu ykn muuxannoowwan gaggaarii fudhachuu kan hin jirre ta’uu isaa.

  • Teknoloojii ammayyaatti fayyadamanii odeeffannoo waljijjiiruu irratti hanqinni jiraachuu

Sirna Bulchiinsa Odeeffannoo (MIS)




  • Sirnii qunnamtii teeknoolojii odeefannoo ammayyaa caasaalee sadarkaan jiran walqunnamsisuu diriirsuu dhabuu.

  • Qabeenya seektera aadaafi tuurizimii, raawwii hojiifi bu’aan hojii irrati sirni hooggansa ragaa (kuufama ragaa, gurma’insa ragaafi kenniinsa ragaa kkf) kan hin diriirre ta’uu isaa; kanuma irraa kan ka’e bu’aawwanifi milkaa’inna hojii irratti hojii lafarratti hojjetame odoo jiruu ragaan dhabamuu isaa.

Hojmaata

  • Hojmaata hojjechisa ta’e diriiruu isaa

  • Hojmaata alwanta’insa hanga sadarkaa aanaatti diriiruu isaa

  • JBAHn qoratamee akka itti senamu haataasifamu malee itti fufinsaan sirriitti akka hojiitti jijjiramu gochuu irratti hanqinni guddaan jirachuu isaa.

  • JBAHn qoratame istaandarii barbaachisaa ta’e hunda kan hin guunne ta’uu isaa





III. Madda Faayinaansii




Ittifayyadama Baajataa




  • Karooraan ooganamu dhabbuun qisaasnni bajataafi yeroo jirachuu, baasiifi bu’aan raawwii walsimuu dhabbuu

Gahumsa madda faayinaansii.


  • Qophii gaaffii baajataa dhyieessuun hayyamsisuu irratti fooyya’insii jirachuu.




  • Hanqinni baajata sadarkaa adda addaatti jiraachuu

  • Baajata mootummmaa ala hawaasa fi qabeenya aadaafi tuurizimii naannichaa irratti hojjechuun madda galii gaha maddisisuu dhabuu,

  • Qaamoota mootummaafi miti-mootummaa adda addaa waliin walitti dhufeenya uumuun madda faayinaasii cimsuun haalaan laafaa ta’uu.




IV. Faasiliitiwwan








Waajjira, meeshaa waajjiraa

Faasiliitiwwan kan akka waajjiraafi meeshaa waajjiraa sadarkaa Godinaatti jiru kan caasaalee sadarkaa gaditti jiru waliin walbiratti yoo ilaalamu fooyya’aa ta'úu isaa.


  • Faasilitiin bakka hojii sadarkaa Godinaa fooyya’aa haa ta’uu malee ammas qaawwaan guutamuu qaban hedduun jiraachuu.

  • Aanaalee hedduu keessatti hir’inni waajjiraafi meeshaa hojii irratti rakkoo cimaa uumuu isaa.

  • Waajirichi sadarkaa Godinaafi gaditti konkolaataa kan hin qabane ta’uu. Qabiinsi, ittifayyadamniifi bulchiinsi meeshaalee dadhabaa ta’uu

Meeshaalee wal quunamtii

  • Bakka ga’umsa tuuristii sadii irratti kutaaleen wirtuu odeefannoofi simannaa hundeessuuf hojiin jalqabii jirachuu isaa ykn ijaarsii jiraachuu..

  • Meeshaalee wal quunamtii kan akka bilbila, faaksii, interneetii sadarkaa Biirootti fooyya’aa ta’uu isaa.




  • Bakka ga’umsa tuuristii sadi qofa irratti ijaarsii haa jiraatuu malee isaanumti sababii hanqinna meeshaatiin hojii eegaluu dhabuu.

  • Paarkootaa ala toora bakkeewwan ga’umsa tuuristiitti hafan kamiyyuu wirtuun odeeffannoo kan hin jirre ta’uu. .

  • Hir’inni meeshaalee walquunamtii sadarkaa Biiroottis hanqinna haa qabaatuu malee sadarkaa godinaafi aanaalee irratti hanqinnii bal’inaan jiraachuu.

  • Sirnna hammayyaa keessatti haalaan barbaachisaa ta’e walqunamtiin neetiwoorkiifi interneettii caasaa BATO keessatti sirriitti diriiree hojii irra ooluu dhabuu,

V. Qabeenya humna Namaa

Ogummaafi Dandeettii








  • Waajjira Aanaalee hedduu keessatti humni namaa xiqaa ta’ullee, hojii hojjatame gaari ta’u isaa.

  • Humna namaa oogummaafi dandeetti qabu sadarkaa Godinaatti fooyya’aa ta’u isaa.







  • Haalii humna namaa walirra fooyya’aa haa ta’uu malee sadarkaa hunddatti hanqinni humna namaa jirachuu isaa.

  • Keessattu gulantaalee hojii beekumsa oggummaa ol’aanaa gaafatu iraatti hanqinni humna namaa jiraachuu




Duudhaalee, ilaalchaafi Aadaa hojii




  • Eeggatummaan jiraachuu.

  • Gaggeessaan/ogganaan koo hojii kooti jedhanii yaaduu dhabuu, ykn ilaalchii ittigaafatummaafi abbummaa fudhachuu raawwatoota keessatti laafaa ta’uu,

  • Aadaan hojiifi ilaalchi tajaajiltummaa uummataa rawwaattoota biratti sadarkaa barbaadamutti jiraachuu dhabuu isaa.

  • Dirqama ofii kallattii barbaadameen osoo hin bahiin mirga ofiitiif falmachuu

  • Akka waliigalatti dhuudhaalee Seektaricha kaa’ame sirritti hubachuun hojii irratti calqiisuu ilaalchisee gaggeesitootaafi raawwatooa biratti hanqinni jiraachuu.

Haala mijaawaa naannoo hojii







  • Sadarkaa Godinaa irrattti haalli naannoo hojii hamma tokko kan sadarkaalee gadii irra caalaa fooyya’a yoo ta’ellee.ammayyuu qaawwaan gugurdaan sad.Aanaaleettti duuchamuu qaban hedduun jiraachuu.

  • Mijaa’inni haalli hojii sadarkaa aanaalee hedduu keessatti haalaa dadhabaa ta’uu (hanqinni guddaan kan jiru) ta’uu isaa



Hojii misooma qabeenya humna namaa.











  • Misooma humna nama cimisuuf carraa barumsaa biyya alaafi leenjii biyya keessaa jiraachuu dhabuu


Bulchiinsa qabeenya humna namaa.

Humna namaa sadarkaa sadarkaan gutachuuf yaaliin godhamu isaa.
Labsii fi danbiileen hojjattoota jiraachuu isaa.


  • Humna namaa qindeessaanii haalaan itti fayyadamu dhabuu.

  • Labsii fi danbiileen hojjattoota jiraatuullee hojii irra olchuu keessatti sadarkaa adda addaatti seerri kan cabu ta’uu isaa.

Madaallii Raawwii




.

  • Sirni madaalliifi badhaasa raawwii hojii waajiraalee, garee fi hojjettootaa qulqullinna qabaachuu dhabuun biratti jajjabeesituu qabaachuu dhabuun adda dureewwan horachuu irratti hanqinna qabaachuu.

Mindaa fi Faayidaa.




  • Kaffaltii miindaa fi faayidaaleen oggeessota hojiirra tursiisuu fi gabaarraa arkisuu dandeessisu jiraachuu dhabuu

Turtii hojjataa



  • Ogeessota oggummaa fi dandeettii qabaan hojiirra tursiisuu dadhabuu




VI. Kenna Tajaajilaa





Kenna tajaajilaa



  • Hojii qormaataa gudinna seenaafi afaan Oromoo irratti gaggeefame akkasumas hawwattoota tuuristii jajjabeessaa ta’uu..




  • Leenjii, deeggarssa oogummaafi gorsa dhaabbilee aadaafi tuurizimii kennuu irratti jalqabiin jiraachuu.

  • Raabsaafi uuwisni qoodinsaa kitaaboolee manneen kitaabaa uummataaf lafa ta’u isaa.

  • Uwwisni kennaa tajaajilaa fedhii hawaasaa guutu jiraachuu dhabuu isaa

  • Kenni tajaajila siiviil sarvisii sadarkaa barbaadamuun itti quufinsa hawaasaa mirkaneessuu dhabuu

  • Kenniinsi tajaajila harkiifataa fi qulqullina kan hin qabne ta’uu

  • Hojiin piroomishinii ykn tooftaan gabaa tuurizimii qooda fudhatoota kan hin hirmaachifnne ta’uun biratti tooftaan teeknooljii hammayya’aatti ykn ICTtti faayadamuu daraan laafaa ta’uu,

  • Tarsiimoon gaba tuurizimii kan hin jirre ta’uu isaa ykn karoora tarsimaa’aa hooganamuu odoo hin taane haaluma baratameen qofa deemuun jijjiira gudda fiduu dhabuu,

  • Ragaawwan hawwata tuuristti qaama dhimmii ilaalu adda adda biraan ga’uu irratti hanqinnii jiraachuu

  • Ogummaafi humna namaa seektarichaa irratti hanqinnii guddaa seektara dhuunfaafi caasaa mootummaa irratti kan muldhatu ta’uu isaa,

  • Qorannoo irratti hanga ta’ee yaaliin kan taasifame yoo ta’ellee qorannoowwan hanqinna qulqullinnafi ga’umsaa kan qabu qofa osoo hin taane kan bittinnaa’aa ta’eefi giddugaleessatti kan qindeefamne ta’uu isaa,

  • Qulqullinnaafi ga’umsa tajaajila tuuristti daraan gadi aana ta’uu isaa,

  • Bu’uuri misooma tuurizimii gargaaru kan akka daandiifi bishaanii keessattuu bakkeewwan ga’umsa tuuristii baadiyaa fagoo kan laafaa ta’e ykn gonkumaa kan hin jirre ta’uu isaa,

  • Eegumsaafi kunuunsaan hambaaleef qabeenya uumamaa laafaa waan ta’eef misooma ittifufiinsaafi dhalootaaf dabarsuu ilaalchisee yaaddessaa ta’uu isaa. Maappiin maalummaa qabeenyaafi eessatti akka argaman agarsiisu laafaa ta’uu ykn jiraachuu dhabuu,

  • Tarsiimoofi tooftaan qabeenyi uumamaafi aadaa ittiin eegamuufi ittiin hordofamu jiraachuu dhabuu,

  • Karooraafi raawwii isaaratti qooda fudhatoota jiddutti qindoominnaan walgargaarsaafi waliin raawwachuun laafa ta’uu ykn kan hin jirre ta’uu

  • Dhaabileen tajaajila kennan hanqinna hubannoo guddaa kan qaban ta’uu fknf hooteela ijaaruu bira dabranii tajaajila bashananaa sanaan walqabatu mijeessuu dadhabuu irraa kan ka’e tuuristoota tursuu dadhabuu,



Ittiquufinsa Tajaajilaa






Itti quufinsi mammaltootaa hanga barbaadame deemuu dhabuu..



Tajaajila si’aayinaa fi saffina





  • Kenninsa tajaajila harkiifataafi qulqullina kan hinqabne ta’uu isaa

  • Istaandaardiin hojii .JBAH qophaa’e hojii irra ooluu dhabuu, kanumti jirus haala qabatamaa yeroo ammaatiin irra deebi’amee fooyya’uu dhabuu.

  • Tajaajilli kennamu fedhii hawaasaa guutaa jiraachuu dhabuu isaa

  • Kenni tajaajila itti quufinsa maamiltootaa mirkaneessuu dhabuu

  • Meeshaaleen jijiiramaa (JBAH, SMBKT,CHL, RJSS fi kkf) deeggaramuu dhabuu




Bu’aa qabeessummaa.






  • Qorannoon qabeenya aadaafi tuurizimii fedhii mammiltoota bu’uurfatee hanga barbaadameen ta’uu dhabuu isaa.

Sirna komii itti keessumeessamu





  • Sirna komiin itti keessumeessamu dirirsuu dhabuu.



Fooyya’iinsaaf Kalaquu.(innovations for improvement)





  • Meeshaaleen jijjiiramaa (JBAH, SFSS) TQOn deeggaramuu dhabuu.




Yüklə 0,97 Mb.

Dostları ilə paylaş:
1   2   3   4   5   6   7   8   9   ...   13




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin