Boonsaa tahe hojjechaa ture


Gabate: Xiinxala Haala Alaa (



Yüklə 0,97 Mb.
səhifə6/13
tarix09.01.2019
ölçüsü0,97 Mb.
#94561
1   2   3   4   5   6   7   8   9   ...   13


      1. Gabate: Xiinxala Haala Alaa (External Environmental Analysis) (Opportunities and Threats)




Qabxiilee Xiinxalaa

Caarraa (Opportunities)

Sodaa (Threats)

I. Haalaa Siyaasaa/Seeraa






  • Heeraafi seerri biyyattii aadaafi mirga sabaafi sablamootaa kan kabajisiisee ta'u;

  • Yeroo ammaa seektari aadaaf turizmii xiyyeeffannaa siyaasaa cimaa argachuun manni maree turizim tiraansforimeeshinii hundaa’u isaa.

  • Mootummaan kutannoo siyaasaa dimokiraasii, misooma ittifufiinsa qabu fi bulchiinsa gaarii mirkaneessuuf qabaachuu isaa

  • Heeraa fi seera, Imaammata, tarsiimoo hojii bulchinsa hojjechiisuu danda’u jiraachuu

  • Imaammata qunnamttii biyyaa alaa fi nageenyi amansiisaan biyyaa keessa jiraachuu isaa




  • Hojjetootaafi gaggeessitonni iddoo hojiirratti turuu dhabuu /turn over/;

  • Mirga abbumma hojii uumee artii kabajamuu dhabuu/copy right law;




II. Diimoogiraafii (Demography)







  • Humni nama baratee dabalaa deemuu;

  • Sabaaf-sablammootni adda addaa Godinicha keessa jiraachuun isaanii beekumsaa fi muuxannoo walii dabarsuuf carraa kan uumu ta’uu isaa




  • Baayyinnii uummataa gar-malee dabaalaa deemuu isaatiif eddoowwan tajaajilaa tuuristiifi dhimmoota hawwatumaa qabaniif daangeeffaman irratti dhibba fidaa deemuu isaa.

III. Hawaasuummaa – Aadaa







  • Dhimmi kunuunsaa fi eegumsa naannoo sadarkaa aduunyaa, biyyaa fi naannootti xiyyeefannoo argachuu isaa.

  • Karoora guddinaa traansifoormeeshiinii akka biyyaa fi naannootti qophaaé galmaan gahuuf humni nama barate misoomaaf deggersa kennu danda’uu baayyinaan yunivarsiitootaa fi Kolleejjota irraa eebbifaman jiraachuu.

  • Manneen barnootaa sadarka sadarkaan argamuun isaanii gumiilee aadaafi tuurizimii ijaaruufi jajjabeessuuf carraa gaarii uumeera;

  • Qabeenyaa aadaafi tuurizimii guddisuu, misoomsuufi dhalootaaf dabarsuuf fedhiin hirmanna ummataa guddaa ta'uu;

  • Ummatnni aadaa simannaa gaarii qabufi aadaan xabbo /original/ dhiibbaa tuuristiitiin kan hinmidhamin jiraachu;

  • Dhaabbileen tajaajila tuuristii irratti boba'an dabaalaafi hammayaa deemuu;

  • Tajaajilamtonni dhaabbilee aadaafi tuurizimiifi tuuristonni dabala dhufuu;

  • Aadaan uummanni eegumsaa fi kunuunsa naannoo irraatti qabuu gadi aanaa ta’uu isaa

  • Dadabarsaafi gurgurtaan hambaa seeraan ala jirachuun qabeenyi aadaafi tuurizimii badiif saaxilamuu;

  • Dhaabbileen tajaajila leenjii ogummaa aadaafi tuurizimii ga'umsaan jiraachuu dhabamuu;

  • Maanguddoota seenaafi aadaa beekan irraa ragaa osoo walitti hinqabin hafuu irraa kan ka'e darbaa jiru;

  • Dhaabileen daawachiistootaa Godina keessatti jiraachuu dhabuu;

IV. Haala Diinagdee (Economic Condition)







  • Bakkeewwaan ga'uumsa tuuristii qabnu beekamaa dhufuu;

  • Bu'aan qorannoo yeroon misomaatti jijjiramu dhabu;

  • Bu'urri misooma iddoo ga'umsa tuuristii hundatti baballachuu dhabuu;




V. Haalaa Teknooloojii (Technological Condition)







  • Carraan itti fayyadama miidiyaafi teeknoloojii hammaya babalaacha dhufuu;



  • Teekinooloojii haaraa fudhatee hojirra oolchuurratti rincicini jiraachuu



      1. Xiinxala Cimina, Dadhabbina, Carraa Gaarii fi Sodaa (SWOT Matrix)

Gabatee: Xiinxalaa Ciminaa, Dadhabbina, Caraa Gaarii fi Sodaa (SWOT) Karaa Ittiin Adeemsifamu fi Madda Ragaa

Kallattii Madaallii

Cimina

Dhadhabina

Carraa

Sodaa

Maamiltoota/Ummata

  • Seenafi afaan qoratamee BATOf darbuu ;

  • Qabeenya tuurizimii beeksisuun investimantiin dabaluu, sochiifi galiin tuurizimiirraa argamu dabaluu;

  • Uummanni kabajaa ayyaanna adda aaddarratti hirmaachisuu;

  • Aadaafi tuuriizimii irratti barkumeen walqabatee fuula gaarii biyyatti calaqiisuu irratti hojiin gaariin hojjatamuu

  • Gummiiwwaan dagaagina aadaafi afaan Oromoo irratti hirmaannaan dargaggoota guddachuu .

  • Hawaassa waldaa tuurizimii gurmeessuun fayyadamaa taasisuuf jalqabbiin jiraachuu



  • Deeggarsii ogummaa mammilaaf kennamu haalaan dadhabaa ta’uu,

  • Arkaayivii walitti gurmeessu dadhabuu,

  • Fedhii ummataa yeroon deebissu dhabu;

  • Hanqina tajaajila mana kitaabafi godambaa akkasumas manca'ina hambaa jiraachuu;

  • Sirni ragaa walitti qabuufi odeefannoo raabsuu dadhabaa ta’uu,

  • Tuuristoota alaa ilaalchisee ragaafi odeeffannoon jiraachuu dhabuu,

  • Qabeenya aadaafi tuurizimii irraatti uummata hirmaachisuun fayyadama taasisuun xiqaa ta’uu;

  • Uumatnii beekumsa aadaa xabboo (indigenous) irraa bal’innaan fayyadamaa taasisuu dhabuu;

  • Qorannoon afaaniifi seenaa Oromoo irratti gaggeefame uummata bira ga’uun laafaa ta’uu;

  • Hawaasaafi qooda fudhattoota gurmeessuun misooma aadaafi tuuriazimii irratti bobbaasuun laafaa ta’uu,.

  • Ergamaafi, mul’atni yaa jiraatu malee qaama hoggansaafi hojjatootaan hojii irraa olchuu irratti hir’inni jiraachuu,

  • Sirni keessuumessa komii maamiltootaatiif deebii hatattamaa kennu laafaa ta'uu

  • Karoorri hawaasaa fi qooda fudhattoota qixa barbaadameen hirmaachisuu dhabuu

  • Uwwisni kennaa tajaajilaa fedhii hawaasaa guutu jiraachuu dhabuu isaa

  • Kenni tajaajila siiviil sarvisii sadarkaa barbaadamuun itti quufinsa hawaasaa mirkaneessuu dhabuu

  • Waliitti dhufeenya dhimmamtoota waliin jiru hanqinna qabaachuu;




  • Qabeenyii aadaafi tuurizimii uumamaafi nam-tolchee bal'inaan jiraachuu;

  • Carraan midiyaa addaa addaatti fayyadamuu ball'inaan jiraachuu;

  • Lakkoofsii daawwataa dabalaa dhufuu.

  • Gumilee aadaa manneen barnootaa keessatti ballisuuf carraan guddaan jiraachuu;

  • Qabeenya aadaafi tuurizimii kunuunsuuf quuqamni ummataa jiraachuu;

  • Simannaa gaarrifi aadaan xabboo uummataa jiraachuu;

  • Bulchinsi gariifi nageenyi jiraachuu;

  • Akka biyyoolessatti imaammatni aadaafi tuurizimii mijaa'aa ta’e jiraachuu;

  • Walqixxummaa aadaa ummataa mirkanaa’uu isaa;

  • Walittidhufeenyi diplomaasii guddachaa dhufuu;

  • Dhaabbileen tajaajila tuuristii guddachaa dhufuu;

  • Sektarichii madda galii ta'uudhaan hiyyumma hirr'isuu irratti carraa guddaa kan qabu ta’uu isaa,

  • Kutannoon siyaasaa dimokiraasii, misooma ittifufiinsa qabu fi bulchiinsa gaarii mirkaneessu jiraachuu isaa

  • Mootummaan ummataan filatame jirachuu isaa

  • Imaammata qunnamttii biyyaa alaafi nageenyi amansiisaan biyyaa keessa jiraachuu isaa

  • Haawaasni misooma irratti hirmaachuuf fedhii guddaa qabachuu isaa.

  • Hirmaannaanfi deeggarsi arjoomtootaa/Mitii Mootummaa fi qooda fudhattootaa gudachaa dhufuu

  • Walitti bu’iinsa ummata daangaa naannoolee ollaa wajjin uumamuu

  • Baayyinnii uummataa gar-malee dabaalaa deemuun qabeenya uumamaa irratti dhiibba kan fidu ta’uu isaa.

  • Eegumsaa fi kunuunsa naannoo irraatti hanqinnii jiraachuu

  • Qaalaa’insa jireenyaa olka’uu fi tasgabbiin gabaa jiraachuu dhabuu

  • Iddoowwan qabeenya gugurdaa qabanitti hanqinni misooma bu’uura jiraachuu isaa,

  • Bu’aalee qorannoo akka barbaadamutti misoomatti jjijjirsiisuuf qooda fudhatoota hirmaachisuun hojii cimaafi rakkisaa ta’uu isaa;

  • Bakkeewwan gahumsa tuuristii qubannaa seeraa alaan kan jeeqaman ta’uu;

  • Manca'inni qabeenya aadaafi tuurizimii dabalaa dhufuu isaa,

  • Manca’insasa hambaalee socho’aniif hinsochoone




Faaynaansii

  • Caasaaleen sadarkaan jiran hedduu keessatti baajataa xiqqaan hojiin jajjabeessaa ta’e hojjatamuu;




    • Itti fayyadamniifi qoodinsa baajataa irratti hanqinnii jiraachuu;

    • Karooraan hogganamuu dhabuu irraa kan ka’e baajataafi yeroon raawwii hojii qisaasamuu;

  • Riifoormiin to’annoo faayinaansi itti fufiinsaan hojiirra ooluu fi xiyyeeffannoo dhabuu isaa

  • Baasii fi bu’aan raawwii hojii walsimuu dhabuu

  • Baajata ga’a ta’e ramachiisuu irratti hanqinni rawwachisummaa jiraachuu

  • Qabeenya aadaafi tuurizimii Godinichaa irratti hojjechuun galii maddisiisuu dhabu

  • Caasaalee seekterichaa sadarkaan jiran hedduu keessatti hir’inni waajjiraa, meeshaa fi konkoolaataa jiraachuu

  • Qabiinsa, itti fayyadamni, fi bulchiinsa meeshaalee dadhabaa ta’uu.

  • Hir’inni meeshaalee wal-quunamtii godinaa fi aanaa irratti bal’inaan jiraachuu.

  • Faasiliitiwwan kan akka Waajjiraa, Meeshaa waajjiraa fi Sadarkaa Godinaatti fooya’aa taúu isaa

  • Qabeenyi aadaafi uumamaa misoomaaf ooluu danda’u bal’inaan Godinicha keessa jiraachuun madda galii uumuu irratti carra gudda kan uumu ta’uu isaa,

  • Jalqabbiiwwaan investimantii carraa hojii uumuu danda’an guddachaa dhufuu isaa,

  • Karoorrii guddinaa fi tiraanisfoormeeshinii akka biyyaatti jiraachuun isaa misooma ariifachiisaa fi itti fufiinsa qabu mirkaneessuuf carraa kan uumu ta’uu isaa

  • Dhimmi kunuunsaa fi eegumsa naannoo sadarkaa hundaatti xiyyeefannoo argachuu isaa



  • Baajataa gahaa argachuun karoora fiixaan baasuu irrati hir’innii jiraachuu ni danda’a

  • Meeshaafi eddo hojii mijeessuu hanqinni baajataa uumamuu danda’u

  • Ol’kaa’insi gatii meeshaa dabalaa dhufuu.


Adeemsa Keessaa

  • Qorannoon seenanafi afaan Oromo akkasumas hawwattoota irratti gaggeefame kan nama jajjabeessu ta’uu

  • Hawattoota tuurizimii qorachuun carraa misoomaa addaan baasuun misoomaaf karaa saaquu irratti sochiin jiraachuu,

  • Qabeenya tuurizimii maxansaaleefi miidiyaa adda addan beeksisuu irratti jalqabbiin gaariin jiraachuu;

  • Sagantaan ayyaanota aadaafi tuurizimii bara baraan ho'innaan kabajuun aadaafi tuurizmii babal’suu irratti kan nama jajjabeessu ta’uu;

  • Hambaalee aadaafi seenaa kunuunsuufi iddoowwan seenaa qabeessa ta’anitti ijaarsa gaggeessun gudinna seekterichaaf jalqabbii gaarii ta’uu,;

  • Artiifi muuziqaa Oromoo uummataa keessatti babalisuu irrratti sochiin hanga tokko taasifamuu isaa;

  • Caasaa diriisuudhaan humna nama guutachuu irratti jijjiiramni guddan kan argame ta’uu isaa;

  • Walta'insaan, naamuusaafi kaka’umsaan hojechuun caasaalee seektarichaa keessatti kan argame ta’uu,

  • Ka’umsi JBAH qorachuun hojii irra oolchuuf jalqabbiin gaarii jiraachuu

  • Karoora tarsiimoo misooma waggaa shanii fi karoorri waggaa (work plan) jiraachuu

  • Ergamni fi mul’atni hojjachiisuu danda’u caasaa BATO sadarkaa hundatti jirachuu isaa




  • Deeggarsa ogummaa maamilaaf kennuu irratti hojimaata barbaachisu hojii irra oolchuun dadhabaa ta’uu;

  • Qorannoo qabeenya tuurizmii misoomatti jijjiiramu itti fufiinsaan gaggeessuu irratti hanqinnii guddaan jiraachuu

  • Arkaayivii addaan baasu, filuufi gurmeessun jiraachuu dhabuu

  • Qorannoon aadaa kiliyyafi artii irratti geggeefamu haalaan laafaa ta’uu;

  • Hambaalee sosocho’an walitti qabuun kunuusuufi faayidaa dinagdeef oolchuun dadhabaa ta’uu;

  • Horodoffii fi deeggarsi hoggansaa sadarkaa adda addaatii kennaamu laafaa ta’uu.

  • Gaggeessaan sadarkaa sadarkaan argamuu mul’áta irratti hunda’ée haala karooraatiin hojii qindeessuu irratti laafaa ta’uu.

  • JBAHn qoratamee akka hojii irra oolu jalqabbiin haa jiraatu malee itti fufiinsaan hordoofuu dhabuufi rakkoowwaan jiran addaan baasuun tarkaanfii foyya’insaa fudhachuu dhabuu,




  • Gurmaa'insafi qabiinsa godambaa, manneen kitaabafi masaraalee hanqinna guddaa qabaachuu isaa

  • Hojii promoshinni sadarkaa isaa eeggateefi hamayyaa gaggeessu dadhabuu,;

  • Hojii promoshinni irratti qooda fudhatoota hirmaachisuun laafaa ta’uu;

  • Beekumsa aadaa /indegeous knowledge kabajsiisufi misoomaaf oolchuun dadhabaa ta’uu;

  • Qunnamtiifi waljijjiiraan odeeffannoo caasaalee BATO jiddu jiru haalaan laafaa ta’uu;

  • Karooraan hogganamuu dhabuu;

  • Ragaa bu’aa hojii gurmeessuufi kurfeessu dhabuu;

  • Hojetoota keessatti eeggatumaan jiraachuu;

  • Humna namaa duguuganii ittifayyadamu irratti dadhabinni jiraachuu,;

  • Imaammataafi tarsiimoon seektara aadaafi tuurizimii sadarkaa naannootti jiraachuu dhabuu

  • Bu’aalee qorannoofi maxxansaalee adda addaa uumata biraan ga’uu irratti hanqinni jiraachuu,




  • Qabeenyii aadaafi tuurizimii irratti hojjetamuu danda’u bal’innaan jiraachuu;

  • Carraan ittifayyadama miidiyaa baldhachaa dhufuu;

  • Tooftaa ummata hirmaachisu diriirsuuf carraan jiraachuu;;

  • Gurmaa’ina al-waaltaa’aa ta’ee fi aangoon hanga aanatt gadi buusuun humna raawwachiisummaa kan cimsu ta’uu,

  • Labsii fi danbiileen hojjattoota siivil sarvisii jiraachuu isaa.

  • Akka biyyaattifi naannootti heerrii, seerri, imaammataafi, tarsiimoon mootummaa hojii misooma hojjechiisuu danda’u jiraachuu




  • Dhaabbileen leenjii ogummaa aadaafi tuurizimii ga’haan jiraachuu dhabuu;

  • Maanguddoota ragaa/seenaa gahaa qaban argachuu dadhabuu

  • Bu'uura misoomaa akka baballatuu mijeessuun irra caalaan humnafi aangoo seektarichaa ala ta’uu isaa ;

  • Hoojii misoomaafi piroomooshinii gaggeessuu ilaalchisee dorgommii addunyaa moo'achuun hojii cimaa ta;uu

  • Manca'inni qabeenya aadaafi tuurizimii dabalaa dhufuu isaa,

  • Hojimaata jijjiirra amalaafi ijaarsa fuula gaarii fidu diriisuun hojii cimaa ta’uu isaa

  • Hojimaatni seera hojii uumee kabachiisuu diriiru dhabuu;

  • Manca’insasa hambaalee socho’aniif hinsochoone

Ijaarsa Dandeettii/Barumsafi Guddina/

  • Caaseffama hojjechiisuu danda’u sadarkaa Godinaafi Aanaatti jalqabiin gaariin jirrachuu

  • Humni namaa ogummaafi dandeettii qabu guutuu ta’uu yoo baatellee fooyya’aa dhufuu

  • Rakkoo ilaalchaafi hanqina dandeettii jiraachuu

  • Muuxannoowwan gaggaarii caasaalee Godinaa sadarkaan jiran jidduutti babal’isuu dhabuu

  • Sadarkaa aanaatti humni namaa oggummaafi beekumsa qabu qixa barbaadameen gutamuu dhabuu

  • Hojii beekumsa ogummaa gaafatu iraatti hanqinni humna namaa jiraachuu

  • Aadaan hojiifi ilaalchi tajaajiltummaa uummataa rawwaattoota biratti sadarkaa barbaadamutti jiraachuu dhabuu isaa.

  • Haalli hojii mijaawaa ta’ee sadarkaa hundatti keessatuu godinaafi aanaatti baayyee xiqaa ta’uu,

  • Misooma humna nama irratti carraan leenjii biyya keessaa laafaa yoo ta’u kan biyya alaa kan hin jirre ta’uu.

  • Sirni madaalliifi badhaasa raawwii hojii jiraachuu dhabuu.

  • Ogeessota ogummaafi dandeettii qabaan hojiirra tursiisuu dadhabuu




  • Humni nama baratee akka biyyaatti dabalaa deemu;

  • Mootummaan teeknoolojii ammayaa babali’suuf xiyyeeffannaan kennaa jiru ol’aanaa ta’uu isaa

  • Meeshaalee quunamtii kan akka bilbila, faaksii, interneetii kkf Godina irratti fooyya’aa ta’uu isaa

  • Barumsaafi leenjiin oggansaa (leadership) cimsu qaama oggansaatiif bal’inaan kennamaa jirachuu isaaa

  • Sochiin dandeettii hojjetoota cimsuu jiraachuu.

  • Haalli mijaawaa naannoo hojii sadarkaa Godinaatti uumuuf jalqabbiin jiraachuu isaa




  • Leenjii dorgomaa taasisu kennu irratti dadhabuu

  • Fedhiifi dhiyyeessa teeknoolojii humna dandeettii bittaafi fedhii hawaasaa jidduu jiru garaagaruummaa qabaachuu,

  • Danddeetti humna namaa cimsuuf baajata gahaa argachuun rakkoo guddaa ta’uu isaa.









      1. Dhimmoota Ijoo Qophii Tarsimootiif Ka’umsa Ta’an (Pains and Enablers)

Dhimmoota Ijoo Dadhabbinaa fi Sodaa Irraa Maddan fi Tarkaanfii Fudhatamuu Qaban (Pains)

Dhimmoonni Gufuu Ta’an (Pains)

Tarkaniifwaan Fudhatamu Qabaan

  1. Hojiin to’annoo, hordoffiifi deggersa ogumma dhaabbilee aadaafi tuurizimiif kennamu laafaa ta’u.

  • Sirna to’annoofi hordoffii hojjachiisaa ta’e dirirssuudhaan qunnamtii cimsuu.

  • Qajeelfamootaafi dambilee hojiiwwaanni qophaa'anii ergaman hojiirra oolchuu.

  • Dhabbilee tajaajila aadaafi tuurizimii kennannu akakkuu tajaajila isaanitiin addaan baasuun galmeessuufi sadarkaa kennu.

  • Fedhii leenjii barbaachiisaan qoranoon addaan baasuun leenjiifi deeggersa ooguma kallatti hojiitiin kennu.

  • JBAHn caasaa seektarichaa hunda keessatti hojiirra akka oolu gochuu.

  • Hordoffiifi deeggarsi hogansaa sadarkaa adda addaatti kennamu cimaa ta’uu qaba

  1. Wal-jijjirraa qunnamtti odeeffannofi muuxannoo gaggarii caasaalee seektarichaa gidduutti jiru ga’aa ta’uu dhabuu.

  • Sirna wal-jijjirra odeefannoo hammayya ta’e dirirssu.

  • Waltajjii adda addaa qopheessuudhaan muxannoofi odeeffannoo gaggarii wal-jijirruu.

  • Sadarkaalee adda aadda keessatti iftominni akka jiratuu gochuu

  • Wal-qunnamtii hojii keessatti walta’iinsaafi iftominnaan hojjechuu irratti xiyyeeffannoo kennuu.

  1. Hojiin piroomoshinnii qabeenya aadaafi tuurizimii gahumsa, qulqullinnaafi istaandardii kan hin guunne ta’u




  • Meeshaalee teeknoolojii ammayyaa guutachuufi ittiin fayyadamu.

  • Dandeetti ogummaa horachuufi humna namaa guutachuu.

  • Sirna tamsaasaa odeeffannoo gahumsa qabu hanga sadarkaa addunyaatti guddissu.

  • Abbuura madda galii adda addaa qopheessuudhaan hojii promoshinii babalisuu.

  • Maamiltootaafi dhimamtoota hojii promoshinii qabeenya aadaafi tuurizimii irratti bal’inaan akka hirmataan waltajji qopheessuu, hubanno umuufi qindominaan hojjechuu.

  • Iddoowwaan ijoo tahan irratti tamsaasa wiirtuu odeeffannoo hundeessuu.

  1. Bu’aaleen qorannoo ummata bira gahee misoomatti jijjiramuufi qorannoon aadaa haala qabatama jireenya ummataa ammaa /live culture/ irratti geggeeffaman laafaa ta’uu.

  • Bu’aalee qoranoo qabeenya aadaafi tuurizimii irratti geggeefamaan hundaaf proofayilli qopheessuun maxxansaalee fi meeshaale elekitrooniksii adda addaatiin uumamata bira akka ga’u gochuu.

  • Qorannoo qabeenya aadaafi tuurizimii misoomatti jjjiramuu itti fufiinsaan geggeessuu,

  • Mootumaa, miti mootummaa, abbootii qabeenyaafi qaamoota dhimmi ilaalu hundi hojii misoomarratti akka hirmaataan gochuufi hordoffii godhuu.

  • Ummatnis hojii misooma irratti miira abbummaa horatee akka hirmatuu waltajjii adda aadda geggeessuudhaan hubannoo isaanii guddissuu

  • Ogeeyyoota qorannoo humna guutuun hojii keessaa galchuufi ummataa biraa galanii qindominaan akka hojjetaan taasisuu.

  • Ummatni fedhii guutuu ta’een akka hirmatuufi waltajjii argamee hundatti fayyadamuudhaan hubannoo isaa guddissuu.

  • Dhaabbilee barnootaa ol’aanaafi qoratootaa dhunfaa hojii qorannoo kanarraatti balinaan akka hirmataan jajjabeessuufi deeggersa adda aadda kennu.

  • Hojimaataa qorannoo hirmachiisaafi fedhii uummataa bu’uuraffate diriirsu.

  • Ummatni bekumsa aadaa xabboo (indigenous)fi artii irraa bal’innaan fayyadamaa tasiisuu,

  1. Hojii kunnunsafi misooma qabeenya aadaafi tuurizimii irratti maamiltootaafi qooda fudhattootaa hirmaachiisuun waliitti dhufenyaafi qindoominaan hojjechuun laafaa ta’uu.

  • Uummanni Godinichaa abbuumadhaan kunnuunsaafi misooma irratti akka hirmatuu, akkasumas fayyadama taasisuudhaaf hubannoo uumuufi ciminaan hojjechuu.

  • Maamiltotafi dhimamtoota hojii kunnuunsaafi misooma qabeenya aadaafi tuurizimii irratti bal’inaan akka hirmataan waltajji qopheessuu, hubanno umuufi qindominaan hojjechuu.

  • Abbuura madda galii adda addaa qopheessuudhaan galii guddissanii hojii kunuunsaafi misooma guddissu.

  • Eegumsa kunuunsaa naannoorraati karaa mootummaas xiyyeeffannoon akka kennamuuf ciminaan hojjechuu.

  • Tajaajila tuuristii iddowwan ga’umsa tuuristiitti akka babal’atan gochuu

  • Hambalee socho’aan waltiqabun kunuunsuufi fayyadaa dinagdeetiif akka ooluu taasiisuu.

  1. Hanqinni baajataa, ittifayyadama baajataafi iftoominaa qoodinsaa hojii karooraan walsimee gaggeeffamu irraatti dadhabini jirachuu.

  • Karoora hawaasa fi qooda fudhattoota qixa barbaadameen hirmaachisee qopheessuu,fi hojiirra olmaasaa hordofuu.

  • Gabaasa rawwii hojii gahomsaafiqulqullina qabu sagantaa eeguun dhiyeeesuu.

  • Mootummaan seektarichaaf xiyyeeffannoo guddaa akka kennuufi baajataa gaha ta’e hojiif akka ramaduu taasisuuf ciminaan hojjechuu..

  • Madda galii adda addaa sakata’uudhaan ittifayyadamu/revolving fund/ akka danda’amu taassisu.

  • Itti fayyadamni baajataa haala seera qabeessaafi bu’aa raawwii guddisuun hojiirraa oolchuu.

  • Bittaa, qoodinsaafi ittifayyadamni meeshaalee kallatti hojii irratti xiyyeefate qofan akka raawwatamuu gochu.

  1. Ragaalee bu’uuraa waltiqabu, arkaayivii gurmeessuu, qindeessuu, dokumantii gochuufi kennaa odeeffanno irraatti hanqinni bal’inaan jirachuu.




  • Hojiileen hojetamaniifi sochiin tasifamu hundi akka galamaa’e qindominaaniifi gurma’ina qabuun ka’amu qabu

  • Sirna odeeffannoo hammayyatiin qabinsaafi wal-jijjirraan ragaalee caasaaleefi kutaalee Seektarichaa gidduutti akka cimuu hubanoo oogansaafi rawwatootaa guddisuu.

  • Qaama ragaaleefi odeeffannoo barbaadaniif haala salpha ta’een argachuu akka danda’aan qabinsa ragaalee cimsuu.

  • Sirna qabinsa dokumenteshiniifi ragaalee hammayya diriirsu, humna ogeeyyii guutachuufi hojii irraa oolchuu.

  • Arkayivii addaan baasuu, filufi gurmeessuurraatii hojii isaa fooyyeessuu.

  1. Humna namaa jiru qindeessuun bu’a qabeessa taasisuufi hojiirra tursiisuu dadhabuu.

  • Dandeetti hoggansaafi rawwatootaaf leenjii adda addaafi barnoota hojii irratti xiyyeeffatee kennuudhaan cimsu.

  • Hojiiwwan Waajjiraa ilaalchisee karoorsuu irraa jalqabee hanga raawwii fi gamaaggamaatti bal’inaan hirmaachisuu.

  • Sirna rawwii hojiifi bu’aa qofaan madaalamuu hojiirraa oolchuu.

  • Mirgaafi faayidaalee adda addaa kan hojetoota yeroodhaan hojiirraa oolchuu.

  • Sirna gamaaggamaa,hordoffiifi to’annoo bu’a argamsiisaa ta’e diriirsuu, hojiirra olmaasaa mirkaneessuu

  • Badhaasni,onnachiiftuun,sadarkaan guddinaa,caraan barumsafi leenjii adda addaa dorgomaa taasisu loogiin aala seerafi ulaaga qofaan hogganamuudhaan yeroo irraatti hunda’aamee hojii irra akka oluu ciminaan hojjachuu

  • Hojjattootni hojii keennameef fedhiifi kakka’umsaan akka rawwatanu haala mijeeesuu.

  • Aadaan hojii, kenniinsi tajaajilaafi ilaalchii tajajilummaa uummataa rawwattoota hunda biratti akka foyya’uu gochuu.

  • Humni nama barateefi beekumsa qaban sadarkaa hundatti keessattuu Aanaaleerraatti haala barbaadameen akka guutamu qaama ilaala walta’insaan hojjachuu

  1. Dambilee, qajeelfamoota, imammataafi tarsiimoota dhimma qabeenya aadaafi tuurizimii ba,an hojiirra olchuurraatti hanqinnii jiraachuu.

  • Ragaalee hojii kanaaf barbaachisuu hunda qaamoota dhimmi ilaaluuf dhiyeessuu.

  • Hojjimaatni seera hojii uumee kabachisu hojiirraa akka ooluu cimuun hojjachuu.

  • Imammataafi tarsiimoota dhimma qabeenya aadaafi tuurizimii sadarkaa naannootti bahee hoji irraaa akka ooluu taasiisuu.

  1. Hambaa, godambaaleefi manneen kitaaba gurmeessuun hanqinnoota keessaa guutanii tajaajila sadarka eegee akka kennan taasisuu irraatti laafaa ta’uu.




  • Hambaa, godambaaleefi manneen kitaaba haala irraa jiran qorachuun addaan baassuu, tajaajilli isaanni akka fooyya’u gochuu.

  • Rakkinna baajataa fuuruuf madda galii keessa uumuu.

  • Hojii gurmaa’insaa, kunuunsaafi kenninsa tajaajilaa fooyyeessuuf hirmanna qaammoota adda addaa guddisuudhaaf cimanii hojaachuu.

  • Hojimaata gurmaa’insaa, kunuunsaafi kenninsa tajaajilaa qopheessuufi hojii irraa oolmaa isaatiif cimanii hojaachuu.

  • Kallatti hojiidhaan ogeeyyoota barbaachisaan guutachuu, meeshaaleefi fasilitiwwaan barbaachisaan hunda dhiyeessu.

  • qorannoo geggeessuun manca’insaa fi daldala seer-malee hamaalee hawaasa wajjin ittisuu.

  1. Bu’uurri misoomaa bakka gahumsa tuuristii ijoo ta’an irraatti diriire xiqqachuu




  • Uummatni nannoo sanatti argaman bu’uura misoomaa keessaatti miira abbummaa itti dhaga’amee fedhiifi humna guutuu ta’een hirmaachuu akka dandaa’anu hojii hubannoo cimsan itti fuufinsaan rawwachuu.

  • Hojiiwwan bu’uura misooma ta’aan irratti abbummaan dhaabbatni mootummaas ta’e miti mootummaa waliin ta’uudhaan jalqabaarra kaasse hanga xumuraatti ciminaan hojjechuu..

  • Hojiiwwan misoomafi kunuunsa karoorsuurraa jalqabee hanga xumuraafi gamaaggamaatti hawaasa naannoo sanatti argaman bal’inaan hirmaachisuu.

  • Bu’uura misooma baba’isuu kessaati seektaraan qamoolee dhimmii ilaaluu wajjin cimnaan hojjachuuu.

  1. Manca’inni qabeenya aadaafi tuurizimii/uumamaafi nam-tocchee/ babal’achaa dhufuu.

  • Hubannoo fi hirmaannaa hawaasaa eegumsaa fi kunuunsa qabeenyaa hawwata

tuurizimiirratti qabu guddisuu

  • Qabeenya hawwata tuurizimii Godinichaa ta’an zoonii tuurizimii ta’anii akka daangefamaniifi misooma tuurizimiitiif akka oolan gochuu.

  • Immamatafi tarsimmoo wal-qabatinsa misooma tuurizimii, qabeenya uumamaafi pirojektoota misooma adda aadda ba'an hojiirra oolchuu.

  • Iddoowwaan hawwata tuurizimii tahanitti naannoo balfaan qaama dhimmi ilaalu waliin ta’uudhaan ittisuufi eegu.

  • Iddoowwaan hawwata tuurizimiitti quubinsi hawwasaa seeraan ala ta’e qaama dhimmi ilaalu waliin ta’uudhaan hir’dhisuu

  • Jijjiramaa qillensa ittisuurraatii qaamaa dhimmii ilaaluu waliin hojjechuu.

  • Hojiilee misooma tuurizimii kan naannoon walsiman kan akka iko-tuurizimiii hawaasa naannoo bu’uureeffate bal’inaan babal’isuu.

  1. Iddowwaan hojii waajjirra, meeshaalee ICT fi loojistikii hojiif barbaachiisanu guutamuufi mijaa’aa ta’uu dhabuu.

  • Hanqinni meeshaalee hojii, loojastikii fi waajjira godinaalee keesattu kan aanaalee furmaata fooyya’inna akka argatan qaama dhimmi ilaaluu waliin xiyyeeffannoo fi qindoominaan hojjachuu.

  • Meeeshaalee ammayya’aa teeknoolojiiifi ICT sdarkaa hundatti guutachuu.

  • Baajatnii barbaachisu akka ramadamu taasisuufi madda galiiwwaan adda aadda burqisisuu.

  • Qoodinsiifi itti faayyadamnii meeshaalee hojii haala hojii gidduu galeesaa godhateen gaggeessuu.







      1. Yüklə 0,97 Mb.

        Dostları ilə paylaş:
1   2   3   4   5   6   7   8   9   ...   13




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin