Boonsaa tahe hojjechaa ture


Dhimmoota Ijoo Ciminaa fi Carraa Gaarii Irraa Maddan fiTooftaa Itti Fayyadama Isaanii (



Yüklə 0,97 Mb.
səhifə7/13
tarix09.01.2019
ölçüsü0,97 Mb.
#94561
1   2   3   4   5   6   7   8   9   10   ...   13

Dhimmoota Ijoo Ciminaa fi Carraa Gaarii Irraa Maddan fiTooftaa Itti Fayyadama Isaanii (Enablers)




Dhimmoonni Ergama Galmaan Gahuu Kan Dandeesitoota (Enablers)

Tooftaa Itti Fayyadama Dandeessistootaa

  1. Hojiiwwaan qorannoofi beeksisa qabeenya tuurizimii, akkasumas seenaafi afaan Oromoo irratti geggeefamaa jiran kan nama jajjabeessuufi irra caalaa hojjechuuf muuxannoon kan argame ta’uu.

  • Hojiin qorannoo sadarkaa Godina qofa irratti kan gaggeefamu odoo hintaane caasaalee sadarkaa aanaa irrattis akka gaggeefamuuf, leenjiifi muuxannoo waljijjiiruun dandeetti cimsuun hojiitti seensisuu,

  • Qorattootaafi qo’attoota caasaa Waajjiraa alaa akka hirmaatan haala mijeessuun hirmaachisuu,

  • Tooftaalee adda addaatti fayyadamuun madda baajaataa hojii qorannoo uumuu.

  • Karooraan Hoogganamuun raawwii hojii qorannoo cimsuu

  • Tooftaafi tarsiimoo bu’aa hawasaafi dinagdee irratti xiyyeefateen akka gaggeefamu taasisuu

  • Waliitti qabiinsa (documentation) ragaaleefi bu’aalee qorannoo cimsuun dhimmoota barbaachisuuf akka oolu gochuu,

  • Bu’aaleen qorannoo misoomaaf akka oolanuu maxansaaleen adda addaa bal’dhinnaan uummata bira akka ga’u taasisuu

  1. Hojii gumiilee aadaaa, artistoota, artii fi muuziqaan uummata Oromoo, oomishafi gurgurtaa meeshaa aadaa gurmeessuu, hubannoofi kaka’umsa uummata keessatti uumuu irratti hojii hojjatameen babaldhachaa dhufuu.

  • JBAHn caasaalee sadarkaan jiran hunda keessatti guutumatti akka hojii irra oolu gochuu

  • Leenjiifi deeggarsa ogummaa kennuun dandeettii isaanii cimsuu

  • Hayyama oguummaa kennuun seera qabeessa taasisuu

  • Dargaggoota danddeetti/kenni/ uumee qaban adda baasuun jajjabeessuu

  • Dhaabileen aadaa/artii waldaan gurmaa’us ta’ee interpiraayizii dhuunfaan akka baballatan haala mijeessuu,deeggarsa kennuu,

  • Hojiiwwan Artii,muuziqaafi ogbarruurraatti hirmannan uummataa kallatti guddaatuufi babal’ina gumilee irraatti hojjachuu

  1. Qabeenyaa aadaafi tuurizimii guddisuu, misoomsuu, kunuunsuufi fayyadamaa ta’uu irratti fedhiin hirmannaa ummataa dabalaa dhufuu.

  • Tuurizimii hawaasa bu’uureffate haala hawaasa fayyadamaa taasisuun iddoowwan hawwata tuurizimiitti babal’isuu hirmmaannaa uummataa guddisuu,

  • Carraa invastimantii qabeenya aadaafi tuurizimii addaan baasuun hubannoofi hirmmaannaa abbootii qabeenya cimsuu, deeggarsa ogummaa kennu

  • Uummatni kunuunsaafi eegumsa qabeenya uumamaafi nam-tolchee irratte abbumaan akka hirmaatuufi fayyadamaa ta’uu hubannoosanii guddisuu

  1. Caasaan seekterichaa hanga aanaatti diriiruun humna nama ogummaa barbaachisu hanga tokko guutamaa dhufuu

  • Ogeeyyoni ogummaafi dandeetti isaanii akka bu’aa qabeessummaatti jijjiiran haala mijeessuu, jajjabeessuun hojiitti bobbaasuu

  • Bakka hanqinnii ogumma jirutti leenjii fi muuxannoo waljijjiiraan hubannoofi danddetti isaa cimsuu




  1. Hojii waltaa'iinsaan, naamuusaafi si’aayinnan hojjachuun caasaalee keessatti dabalaa dhufu.

  • Walta’insaan, si’aannaannfi naamuusaan hojjechuu irratti leenjii kennuu, fakkeenya gaggaarii fudhachuun waljijjiirraa muuxannoo caasaa keessatti babali’suu,

  • Hojjatooni walta’insaan, si’aaynaafi naamusaan akka hojjetan haala mijeessuu tooftaaleefi hojimaata onnachiiftuu uumuun/diriirsuun hojii irra oolchuu

  1. Kabaja ayyaanoota aadaafi tuurizimii ittiin babal’atu hirmmaannaa uumataatiin akka kabajuu irratti hubannoofi hirmaannaan uummataa kan cimse ta’uun .

  • kabaja ayyaanota aadaafi tuurizimiifi jiloota aadaa irra caalaa babal’atee aadaa boonsaa uummataa baldhinnaan akka beesifamu uwwisa miidiyaalee akka argatu gochuu,

  • Sirnoota aadaafi kabaja ayyaanota aadaa hawwata tuurizimii taasisuu, bu’aan tuurizimii akka irraa argamu sagantaalee adda addaa baasuun uummata hirmaachisuu,

  1. Hojii beeksisa qabeenyaa aadaafi tuurizimii irratti gageefamaa jiru kan namaa jajabbeessufi itti fayyadama miidiyaafi teeknoloojii hammaya baballaacha dhufuu.

  • ICT fi teeknooloojii hammayyaa fayyadamuun odeeffannoo qabeenya aadaafi tuurizimii adunyaa keessatti tamsaasuu,

  • Teeknooloojii hammayyaa ICT hanga caasaalee gadiitti diriirsuun,leenjii kennuu faasiliteeshinii barbaachisu guutuun danddeetti ittifayyadam ICT cimsuu

  • Qabeenya aadaafi tuurzimii beeksisuu, haala kunuunsaafi misooma qabeenyichaa irratti barumsa kennuun hubannoo uumuuf akkasumas sassaabbiifi raabsaasa ragaalee teknooloojii hammayyaatti fayyadamuu

  • Teeknooloojiin hammayaa dhimmoota qorannoofi misooma qabeenya aadaafi tuurizimiif akka oolu gochuudhaafi tooftaaleefi hojimaata barbaachisu diriirsuu

  1. Baay’inni manneen barnootaafi barattootni dabalaa dhufuun baballina gumiilee aadaatiifi tuurizimii carraa gaarii kan uumuu ta’u.

  • Hubannoo barbaachisu uumuun gumiileen; aadaa, daawwannaa hawwata tuurizimii akkasumas gumiileefi waldaaleen kunuunsafi eegumsa qabeenya uumamaafi hambaalee manneen barnootaa, koollajootaafi mannee hojii keessatti akka babl’atan gochuu,

  • Aadaan daawwannaa tuurizimii biyya keessaa akka babal’atu barumsa kennuu, odeeffannoo barbaachisu tamsaasuun hubannoo uummata cimsuu

  1. Bu’uura misoomaafi tajaajili tuuristii babal’achaa dhufuufi guutuu biyyatiitti nageenyii jiraachuun daballii dhangal’insa tuuristiif carraa gaarii uumuu.




  • Hawwatoota tuuristii daawwachuufis ta’ee invastimanti kana irratti gaggeefamuuf haalli mijaa’e jiraachuu isaa miidiyaanis ta’e qaamoolee adda addaafi odeefannoo tamsaasuu,

  • Carraan invastimantii haallii mijaa’aan fooyya’aa dhufuu midiyaa gara garaan tamsaasuu

  1. Godinni keenya giddugala lixa Oromiyaa fi lixa Itoophiyaa ta'uu isheetiin faayidaa tuurizimii irraa argamuuf carraa gaarii kan uumu ta’uu.

  • Odeeffannoofi ragaawwaan haala salphatiin argachuuf hojii cimaa hojjechuu.

  • Carraa invastimantii, hawwatoota Godinichatti argamuufi tuuristoota biyya keessaafi alaatiif beeksisuudhaan invastimantiin miisoma tuurizimifi dhangala’insi tuuristii akka dabalu taasisuu.

  • Walqunnamtiifi walitti dhufenyaa waajjiaalee mootummaafi dhaabbilee miti mootummaa waliin umuun hojii guddaa hojjechuu.




  1. Qabeenyi hawwata tuuristii uumamaafi nam-tolchee baldhinnaan jiraachuun invastimentii misooma tuurizimii irratti gaggeefamuuf carraa guddaa kan uumu ta’uu.

  • Carraa invastimantii abbootii qabeenyaf barbaachisu addaan baasuun beeksisuu

  • Uummata hirmaachisuufi ittifayyadamaa taasisu irratti carra jiru adda baasuun beeksisuu, hubannoo cimsuudhaan hawaasinii gurmaa’ee akka irratti hirmaatu haala mijeessuu

  • Qaamooleefi dhaabilee qoodafudhatootaa hirmaachisuu

  1. Imaammatni aadaafi tuurizimii sadarkaa feedaraalatti ba’e guddina saktarichaaf carraa kan uumu ta’uu.

  • Imaammata biyyoolessaa irratti hundaa’uun imaammataafi tarsiimoo naannoo Oromiyaa haala qabatamaa naanichaatiin ba'u hojji irra ooluchuu



Gulantaa Lammaaffaa /Step Two/

    1. Toora Xiyyeeffannoo Tarsiimoo’aa fi Bu’aalee Toora Xiyyeeffannoo

(Strategic Themes & Results)

      1. Toora Xiyyeeffannoo Tarsiimoo’waa (Strategic Focus Area)

Aaangoo Biiroo Aadaafi Tuurizimii irratti hundaa’uudhaan mul’ataa fi ergamani addaan kan ba’e yoo ta’u, mul’atafi ergama kanas haala bu’a qabeessa ta’een galmaan ga’uuf dhimmoota murteessaa ta’an addaan baasuun akkasumas gufuuwwaniifi dandeesitoota sektarichaa xiinxalame yaada keessa galchuun toorri xiyyeffannoo tarsiimo’aan adda baasuun barbaachisaadha. Akkaatuma kanaan utubaa milkaa’inaa (Pillar of Excellence) kan ta’e toora xiyyeeffannoo addaan baasuun raawwii isaatiifs humna guutuun socho’uun haalaan barbaachisaadha. Caasaa BATO keessatti rakkooleen furmaata barbaadanii fi carraaleen gaariin misoomaa fi guddinaaf gumaacha ol’aanaa taasisan hedduun jiraachuu ni danda’u. Haa ta’u malee haala kamiinuu taanaan dhiibbaan isaan milkaa’ina mul’ata tokkoo irratti qaban walqixa hin ta’u.Kanaafuu, kanneen ijoo ta’an addaan baasanii beekuudhaan ciminaan irratti hojjechuu barbaada. Yemmuu utubaaleen milkaa’inaa kun guutummaan guutuutti hojii irra oolan rakkooleen ijoo/qulfii/ ta’an hiikkatanii cee’umsi siyaas-diinagdee /political economy transformation /mirkanaa’ee jiruuf jireenyi hawaasaa jijjiiramuu ni danda’a.

Waajjira Aadaafi Tuurizimii Godina Wallaggaa bahaa keessatti gama misooma ittifufiinsa qabuufi bulchiinsa gaarii mirkaneessuutiin milkaa’uuf waggoottan shanan dhufan keessatti toorawwan xiyyeeffannoo armaan gaditti argaman irratti xiyyeeffachuun sochii humnoota misoomaa uumuun ni hojjetama.



Isaanis:

    1. Gahumsa Tajaajila dhaabbilee Aadaafi Tuurizimii

    2. Qorannoo, Misoomaafi kunuunsaQabeenya Aadaafi Tuurizimii

    3. Kominikeeshinii, Misooma Gabaafi Piromoshinnii

    4. Sirna Gurmeessa Ragaa fi Odeeffannoo



      1. Ibsa Toora Xiyyeeffannoowwanii Tarsiimoo’aa

(Strategic Theme Description)

Toora Xiyyeeffannoo 1: GahumsaTajaajila Dhaabbilee Aadaa fi Turizimii

Bu'aa:Dhaabbilee aadaafi tuurizimii qulqullinniifi gahumsii tajaajila isaanii dabale

Milkaa’ina:Itti quufinsa tajaajilmtoota dabalee.

Ibsa Toora Xiyyeeffannoo

Toorrii xiyyeeffannoo Gahumsa tajaajilaa ogummaa kun hojiiwwan gugurdoo ergama Biiroo Aadaafi Tuurizimii milkeessuu keessaa isaa tokko yoo ta’u kenna tajaajilarratti leenjii, too’annoofi hordoffiin cimsuufi,gahumsa dhaabbilee mirkaneessuun( hayyama kennuu,haaromsuu, sadarkaa guddisuu) qulqullinnaafi gahumsii dhaabbilee tajaajila aadaafi tuurizimii yeroo yeroon akka fooyyaa’aa deemuu gochuudhaan ragaafi galiin sektaricha irraa argamu akka guddatu gochuun mul’ata biiroo galmaan gahuuf kan gumaachuudha. Hojiin kun to’annoofi hordoffii walirra hincinne gaggeessuun gorsaafi deeggarsa ogummaa kennuun, fedhii leenjii adda baasuun leenjii hubannoo kennuun hayyama gahumsa ogummaa argachuun seera qabeessummaan hanqina tajaajila kennan keessatti mul’atu sirreessuun tajaajila bifa guutuu ta’een maammiltootaaf akka kennan dandeesisuuf kan gargaaruudha.



Toora Xiyyeeffannoo 2. Qorannoo fi Misooma Qabeenya Aadaafi Tuurizimii

Bu'aa: Bua’awwan qorannoo misomaaf oolan.

Milkaa’inna: Qabeenya aadaafi tuurizimii misoomaafi bu'aa hawaasa dinagdee dabale.

Ibsa Toora Xiyyeeffannoo

Toorrii xiyyeeffannoo kun hojiiwwan gurguddoo ergamaafi muldhata BATO galmaan ga’uuf irratti xiyyeefatamee karoorfame keessaa isaa tokko dha. Hojiiwwan qorannoo keessaa isaan ijoon afaan Oromoo, seenaa, ximaddafi artiin Oromoo ballinaaniifi ga’umsaan qorachuun bu’aaleen qorannoo maxanfamani akka raabsaman taasisuun uumata biraan ga’uudha.

Gama biraatiin qabeenyota hawwata tuuristii kan ta’an qabeenyoota uumamaafi namtolchee ballinaaniifi ga’umsaan qorachuun haala misoomaaf ooluu danda’anitti qopheessuu ykn kallattii agarsiisuu ta’a. Walumagalatti, qabeenyoonni uumamaa hawwata tuuriziimiifi hambaaleen socha’aniifi hin sochoone, akasumas qabeenyii aadaa qabatamaafi killiyaa (tangible and intangible) ykn sona aadaafi beekumsa xabboo (indigenousknowledge), haambaaleefi eddoowwan seena qabeessa ta’an ni qoratamu. Hojileen qorannoo hundi haala saayinsaawaafi tooftaalee qorannoo hammayaawaa ta’een qoratamuun bu’aalee isaanii uummata/maamila ykn qaama misoomsu biraan gahuun misoomaafi proomoshiniif akka oolan gochuu irratti kan xiyyeefatuudha.

Toorrii xiyyeefannoo kun misoomaafi kunuunsa qabeenya aadaafi tuurizimii akkaataa ergama Biiroo Aadaafi Tuurizimii hojii guddaafi murteessaa yoo ta’u kunuunsaan hambaalee fi misoomni qabeenya aadaafi tuurizimii hirmaannaa uummataatiin yeroo yeroon akka gudachaa deemu gochuudhaan baayyinna daawwatootaa fi galiin sektaricha irraa argamu fi faayidaan uummataa akka guddatu gochuun akkasumas muldhata (vision) BATO galmaan gahuuf gahee guddaa kan gumaachu jechuudh. Akkaatuma kanaan hambaalee uumamaafi nam-tolchee dhalootaaf akka darban taasisuufi bu’aa dinagdee akka buusan gochuuf kunuunsaa isaanii cimsuu; naannoo hawwatoota tuuristti bu’uura misoomaafi faasilitii tajaajila tuurizimii babalisuu galii sektarichaa guddisuu, kunuunsaafi misooma irratti hirmaannaa uumataa cimsuun faaydamaa taasisuufi dhaabilee BATO tajaajila kennan baballisuu irratti xiyyeefatee muldhata Biiroo galmaan ni gaha,



Toora Xiyyeeffannoo 3. Kominikeeshinii, Misooma Gabaafi Promoshinnii

Bu’aa: Gabaa turizimii misoome.

Milkaa’ina: Dhangala’insaafi galii turistii dabale.

Ibsa Toora Xiyyeeffannoo

Toora xiyyeeffannoo promoshinniifi qunnamtii qabeenya aadaafi tuurizimii ballinnaan beeksisuun haali yaa’insi daawwatootaa dabaluufi galiin sektaricha irraa argamu itti fooya’aa deemu irratti xiyyeefachuun nihojjetama.Hojiilee proomooshiiniifi qunnamtii uummatnni ciminnaan akka gaggeessuufi abbootiin qabeenyaa baldhinnaan misooma qabeenya aadaafi tuurzimii irratti akka hirmaatan nihojjetama. Sirna odeefannoofi ragaalee qabeenya aadaafi tuurizimii maamiltootaafi qooda fudhatoota waliin waljijjiiru fooyyessuun odeeffannoo yeroo qabeessa ta’e salpaan kan waljijjiiru ta’a. Akkasumas haali qabeenyi naannichaa biyya keessaafi biyya alaatti bal’inaan tamsa’u irratti xiyyeeffachuun ni hojjetama.



Toora Xiyyeeffannoo 4. Sirna gurmeessa RagaafiOdeefannoo .

Bu’aa: Kuufamaafi gurmaa’ina ragaalee fooyyaa’e

Milkaa’ina: Argannaafi Iittifayyadamumaa ragaalee dabale.

Ibsa Toora Xiyyeeffannoo

Aangoo Biiroo Aadaafi Tuurizimiifi labsiin kennameef keessaa innii tokko kuusaalee walitti qabu jedha. Labsii 163/2003 keewwata 22fi jalatti Sirna kuusaaleen walitti qabamu ni diriirsa, hojii irra ni oolcha jedha; keewwata 23 jalatti barreeffamoota afaanota kamiiniyyuu dhimma Oromoo fi Oromiyaa irratti barreeffaman kan maxxanafamanii fi hin maxxanfamne, barruun, kuusaa seenaa, akkasumas waraabbii, argadhageettii fi kan kana fakkaataan waliiti qabuun ni kuusa, ni gurmeessa, ni kunuunsa, qaamni dhimmi ilaalu akka itti fayyadamu ni taasisa jedha. Haaluma kanaan dameen mana kitaabaafi hadaarsaa giddugaleessa aadaa Oromoo keessatti kan hudeefame waan ta’eef hojii walitti qabeessa hadaarsaa, kitabileefi ragaawwan gama kanaan barbaachisan hunda kan feedeeraalaa waliin haala walitti hidhiinsa qabuun baldhinnaan walitti qabuun haalaan barbaachisaa waan ta’eef Sirna Hoogansaafi gurmaa’insa ragaafi odeefannoo toora xiyyeefannoo tokko gochuun barbaachisaa ta’ee aragameera.

Gama biraatiin seektera Aadaafi Tuurizimitti sirni qabiinsa ragaan seektarichaa diriiruu dhabuun isaa Biiroon ergama isaa haala barbaadamuun akka hin baane gufuu ta’eera.Faayidaafi bu’aa hawaasa dinagdee seekterichii gumaachaa jiru irratti Biiroon bu’aa hojii ofii madaaluu hin dandeenye.

Qaroominni teeknoloojii jaarraa Addunyaa mara keessatti guyyaa guyyaan ajaa’ibsiisaa jiruu fi guddinni dinagdee haala sulphaatti hin too’atamneen jijjirama galmeesisaa deemuu keessaatti ragaafi odeeffannon raawwii hojii ammaafi itti fuufiinsaatiif ka’uumsaafi bu’uura ta’uu, irraa caalaatti dhangali’insa tuuristii, galii argame carraan hojiifi bu’aawwan aadaafi tuurizimiifi kkf madaaluun rakkisaa ta’eera. Kanaafuu dhimma kanaaf haala mijaawaafi tajaajilamaan salphaatti argatee ittiin fayyadamuu danda’uun guurmaa’ee qabamuun barbaachisummaan isa wal-gaafachisa hin ta’u.

Qabiinsi dokimanteeshiinni teeknoloojii ammayyatiin gargaaramuun mijaawaa fi hawwata taasisuudhan tajaajilaafi gabaaf dhiyeessuu akka dandaa’amu hojimaata qindeessa ragaalee ammayyaa’e sektarichaa keessaatti gaaraa hanga dakaatti diriirsuun tuumsaan hojiirra oolchuun barbaachiisaadha. Haala mijaa’a umamu kanaan deeggaramaa dookimantiifi ragaalee bu’aawwan qorannoo (Afaan Oromoo,seenaa, aadaa xabboofi kiliyyaa, qabeeenya hawwattoota uumamaafi nam-tolchee,artii Oromoofi wkf) gara misoomaatti jijjiramu dandaa’an , ijaarsawwaanii, qaamoolee tajaaajila aadaafi tuurizimii, raawwii hojiiwwaanii (gabaasa kaaroora, faaynaansii, bobbatti dirree, bu’aa odiitii faaynansiifi qabeenyaa, barru gaba, qabeenya humna namaa, maanuwwalii workishooppii, danbiiwwaniifi kkf) galmee seenaa hojjattootaa, maamiltootaafi qooda fudhatootaan wal-qabatanu sakatta’insa taasisuun addaa baasuu adeemsa qindeessafi qabiinsa dokimanteeshiinni akka fooyya’u ni taasifama.Qulqullinni hojii piromooshinii midiyaalee ni babal’ata

Bu’uura kanaan qabinsa dokimantiifi ragaa milkaa’e fuula gaarii seekitaraa waan mul’isuuf qaamni ragaafi oodeeffannoo barbaadu salphaatti argachuu akka dandaa’an hoggantootniifi hojjattootni hubannoo gahaa horatanii gurmuun ni hojjatu.



Gulantaa Sadaffaa /Step Three/

    1. Kaayyoo Tarsiimoo’aa

Sirni Madaallii Bu’aa Tarsiimoo’aa (SMBT) sadarkaalee ijaarsaa qabu keessaa tokko gulantaa sadaffaa irratti kan ilaalamu qophiifi ibsa kaayyoolee tarsiimoo’aa dha. Kaayyoleen tarsiimoo’aa toora xiyyeeffannoo filataman milkeessuuf kan qophaa’ani dha. Kaayyoleen yemmuu qophaa’aniifi ibsaman toora xiyyeeffannoo filatamaniifi kallattii madaalliitiin walqabatanii akka walsiman taasifamee ta’uu qaba. Ibsa kaayyolee keessattis barbaachisummaa, daangaa, haalli ittin safaramuufi bu’aalee tarsiimoo’aakan agarsiisan akkasumas gochoota fooyya’insa itti fufiinsaa kan mul’isu ta’ee barreeffamu qaba.

Kaayyoleen tarsiimoo’aa, tarsiimoon kan irratti ijaaramu burqaa sanyii (utubaa) waan ta’aniif hojiiwwan bara karoorichaatti hojjetamaniif ka’umsa ta’u. Bu’aan yookiin milkaa’inni kaayyolee tarsiimoo’aa guutumaa guutuutti kan ilaalamu xumura bara karoora tarsimichaatti yemmuu ta’u kaayyolee tarsiimoo’aa kanneen bu’uura godhachuudhaan raawwiin kaayyolee waggaa ni qophaa’u. Keesumaayyuu kaayyoleen tarsiimoo’aa bu’aa boodaa (lagging) argisiisan kan kaa’an bu’aa tarsiimoo’aa ykn toora tarsiimoo’aa irra milkaa’ina eeggaman irraa ni ta’a. Yaada rime kana bu’ura godhachuudhaan kaayyoleeniifi ibsi kaayyolee SMBT Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa barbaachisummaa, daangaa, faayidaa, bu’aafi milkaa’ina kaayyolee agarsiisu akka armaan gadiitti dhiyaate jira.



Toora Xiyyeeffannoo Tarsiimoo 1ffaa: Gahumsa Tajaajila Dhaabbilee Aadaaf Turizimii

Bu’aa: Dhaabbilee aadaafi tuurizimii qulqullinniifi gahumsii tajaajila isaanii dabale.


La.

Kallattii Madaallii

Kaayyoolee

1

Mammila/Ummata

  1. Itti quufinsa ummata/lammii guddisuu.

  2. Fayyadamummaa ummataa guddisuu.

2

Faayinaansii

  1. Bu’a qabeessummaa baajataa fi Ittifayyadama qabeenyaa fooyyessuu.




3

Adeemsa Keessaa


  1. Gahumsa tajaajila dhaabbilee aadaafi tuurizimii guddisuu.

  2. Muuxannoowwan gaggaarii qinddeessuun akka babal’atan taasiisuu.

  3. Hojimaata Hoggansa Gurmaa’insa, Kunuunsa fi Tamsaasa Ragaa foyyeessuu

  4. Hojimaata bulchiinsa gaariifi kenniinsa tajaajilaa fooyyeessuu

  5. Hirmaannaa ummataa fi qindoomina qooda fudhatoota guddisuu

  6. Sirna karoora hordoffii, deeggarsaa, to’annoofi gamagamaa raawwii hojii fooyyessu

  7. Dandeettii barnoota fi leenjii Seektarichaa guddisuu.

  8. Qindoomina dhimmoota seektaroota hundaa/main streaming issue/ guddisuu




4

Ijaarsa Dandeettii

  1. Dandeettii raawwachiisummaa hoggantootaa fi raawwattootaa fooyyessuu.

  2. Dhiyeessii fi itti fayyadama teknoloojii guddisuu.

  3. Aadaa hojii fi naannoo hojii fooyyesuu.


Toora Xiyyeeffannoo Tarsiimoo 2ffaa: Qorannoo Misoomaafi Qabeenya AadaafiTurizimii

Bu'aa :Bua’awwan qorannoo misomaaf oolan.


La.

Kallattii Madaallii

Kaayyoolee

1

Mammila

  1. Itti quufinsa ummata/lammii guddisuu.

  2. Fayyadamummaa ummataa guddisuu.

2

Faayinaansii

  1. Bu’a qabeessummaa baajataa fi Ittifayyadama qabeenyaa fooyyessuu.

3

Adeemsa Keessaa

  1. Qorannoo fi Qo’annoo Seenaa, Afaan,Xinmadda fi Artii Oromoo guddisuu.

  2. Qorrannoo fi misooma hambaalee fi qabeenya uumamaa hawwata turizimii guddisuu.

  3. Misooma sonaafi industrii aadaa guddisuu

  4. Misoomadhaabilee aadaaf turizimii guddisuu.

  5. Muuxannoowwan gaggaarii qinddeessuun akka babal’atan taasiisuu.

  6. Hojimaata Hoggansa Gurmaa’insa, Kunuunsa fi Tamsaasa Ragaa foyyeessuu

  7. Hojimaata bulchiinsa gaariifi kenniinsa tajaajilaa fooyyeessuu

  8. Hirmaannaa ummataa fi qindoomina qooda fudhatoota guddisuu

  9. Sirna karoora hordoffii, deeggarsaa, to’annoofi gamagamaa raawwii hojii fooyyessu

  10. Dandeettii barnoota fi leenjii Seektarichaa guddisuu.

  11. Qindoomina dhimmoota seektaroota hundaa/main streaming issue/ guddisuu

4

Ijaarsa Dandeettii

  1. Dandeettii raawwachiisummaa hoggantootaa fi raawwattootaa fooyyessuu.

  2. Dhiyeessii fi itti fayyadama teknoloojii guddisuu.

  3. Aadaa hojii fi naannoo hojii fooyyesuu.


Yüklə 0,97 Mb.

Dostları ilə paylaş:
1   2   3   4   5   6   7   8   9   10   ...   13




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin