Boonsaa tahe hojjechaa ture


Toora Xiyyeeffannoo Tarsiimoo 3



Yüklə 0,97 Mb.
səhifə8/13
tarix09.01.2019
ölçüsü0,97 Mb.
#94561
1   ...   5   6   7   8   9   10   11   12   13

Toora Xiyyeeffannoo Tarsiimoo 3ffaa: Kominikeeshinii, Misooma GabaafiPromoshinnii

Bu’aa: .Gabaa turizimii misoome

Lak.

Kallattii Madaallii

Kaayyoolee

1

Mammila

  1. Itti quufinsa ummata/lammii guddisuu.

  2. Fayyadamummaa ummataa guddisuu.

2

Faayinaansii

  1. Bu’a qabeessummaa baajataa fi Ittifayyadama qabeenyaa fooyyessuu

3

Adeemsa Keessaa

  1. Kominikeeshinii,promooshinii fi misooma gabaa guddisuu.

  2. Xiinxal misooma gabaa babal’isuu

  3. Muuxannoowwan gaggaarii qinddeessuun akka babal’atan taasiisuu.

  4. Hojimaata Hoggansa Gurmaa’insa, Kunuunsa fi Tamsaasa Ragaa foyyeessuu

  5. Hojimaata bulchiinsa gaariifi kenniinsa tajaajilaa fooyyeessuu

  6. Hirmaannaa ummataa fi qindoomina qooda fudhatoota guddisuu

  7. Sirna karoora hordoffii, deeggarsaa, to’annoofi gamagamaa raawwii hojii fooyyessu

  8. Dandeettii barnoota fi leenjii Seektarichaa guddisuu.

  9. Qindoomina dhimmoota seektaroota hundaa/main streaming issue/ guddisuu

4

Ijaarsa Dandeettii

  1. Dandeettii raawwachiisummaa hoggantootaa fi raawwattootaa fooyyessuu.

  2. Dhiyeessii fi itti fayyadama teknoloojii guddisuu.

  3. Aadaa hojii fi naannoo hojii fooyyesuu.


Toora Xiyyeeffannoo Tarsiimoo 4ffaa: Sirna Gurmeessa Ragaa fi Odeeffannoo

Bu’aa : Kuufamaafi qinddeeffama ragaalee fooyya’ee

Milkaa’ina: Itti fayyadamummaa ragaalee fooyya’e


Lak.

Kallattii Madaallii

Kaayyoolee

1

Mammila

  1. Itti quufinsa ummata/lammii guddisuu.

  2. Fayyadamummaa ummataa guddisuu.

2

Faayinaansii

  1. Bu’a qabeessummaa baajataa fi Ittifayyadama qabeenyaa fooyyessuu

3

Adeemsa Keessaa

  1. Hojimaata Hoggansa Gurmaa’insa, Kunuunsa fi Tamsaasa Ragaa foyyeessuu.

  2. Muuxannoowwan gaggaarii qinddeessuun akka babal’atan taasiisuu.

  3. Hojimaata bulchiinsa gaariifi kenniinsa tajaajilaa fooyyeessuu

  4. Hirmaannaa ummataa fi qindoomina qooda fudhatoota guddisuu

  5. Sirna karoora hordoffii, deeggarsaa, to’annoofi gamagamaa raawwii hojii fooyyessu

  6. Dandeettii barnoota fi leenjii Seektarichaa guddisuu.

  7. Qindoomina dhimmoota seektaroota hundaa/main streaming issue/ guddisuu

4

Ijaarsa Dandeettii

  1. Dandeettii raawwachiisummaa hoggantootaa fi raawwattootaa fooyyessuu.

  2. Dhiyeessii fi itti fayyadama teknoloojii guddisuu.

  3. Aadaa hojii fi naannoo hojii fooyyesuu.



Toora Xiyyeeffannoo

Bu’aa Toora Xiyyeeffannoo

Gahumsa Tajaajila Dhaabbilee Aadaa fi Turizimii

Dhaabbilee aadaafi tuurizimii qulqullinniifi gahumsii tajaajila isaanii dabale

Qorannoo Misoomaafi Qabeenya AadaafiTurizimii

Bua’awwan qorannoo misomaaf oolan.

Misooma Gabaafi Promoshinnii

Gabaa turizimii misoome

Sirna Gurmeessa Ragaa fi Odeeffannoo

Kuufamaafi gurmaa’ina ragaalee fooyyaa’e


Kaayyoolee Tarsimoo’aa Waliigalaa (Corporate Objectives) 2008

La

KallattiiMadaallii

Kaayyoolee

1

Mammila (%20)

    1. Itti quufinsa ummata/lammii guddisuu .(%10)

    2. Fayyadamummaa ummataa guddisuu.(%10)

2

Faayinaansii (%15)

    1. Bu’aa qabeessummaa baajataa fi Ittifayyadama qabeenyaa fooyyessuu. (%15)

3


AdeemsaKeessaa (%45)


    1. Gahumsa tajaajila dhaabbilee Aadaafi Tuurizimii guddisuu (%6)

    2. Qorannoofi Qo’annoo Oromoo babal’isuu (6)

    3. Qorrannoo, Misoomafi kuununsa Hambaalee fi Qabeenya uumamaa hawwata turizimii guddisuu. (6)

    4. Misoomafi baball’ina Sonaa fi Indistrii aadaa guddisuu (6)

    5. Kominikeeshiinii, promooshinii fi misooma gabaa guddisuu (6)

    6. Hojimaata Hoggansa Gurmaa’insa, Kunuunsa fi Tamsaasa Ragaa foyyeessuu. (3)

    7. Hojimaata Bulchiinsa Gaariifi Kenniinsa Tajaajilaa fooyyeessuu(2)

    8. Hirmaannaa Ummataa fi Qindoomina Qooda fudhatoota guddisuu(2)

    9. Muuxannoowwan Gaggaarii Qinddeessuun akka babal’atan taasiisuu (2)

    10. Sirna karooraa hordoffii, deeggarsaa, to’annoofi gamagamaa raawwii hojii fooyyessu (2)

    11. Danddeetti barnoota fi leenjii Seektarichaa guddisuu. (2)

    12. Qindoomina dhimmoota seektaroota hundaa/main streaming issue/ guddisuu (2)

4

IjaarsaDandeettii (%20)

    1. Dandeettii raawwachiisummaa hoggantootaa fi raawwattootaa fooyyessuu (8)

    2. Dhiyeessii fi itti fayyadama teknoloojii guddisuu (6)

    3. Aadaa hojiifi naannoo hojii fooyyesuu (6)


Ibsa Kaayyoolee Tarsiimoo’aa Waliigalaa

(Corporate Level Strategic Objectives Commentary)

Kaayyoo 1.Itti quufinsa ummata/lammii guddisuu.

Ibsa: Hojiilee Biroo Aadaafi Tuurizimii gaggeessuu kessaatti fedhii umaataafi maamiltootaa giddu-galaa gochuun, tajaajilaa isaan barbaadaan irraattii cimnaan hojjachuufi isaan waliin qindoominaan hojjachuun fedhii isaanii guutuufi irra caalaa isaan gammachisuun baayyee barbaachiisadha. Kaayyoo kana dhugoomsuuf, tajaajila quubsaa deggarsa ogummaa kennuu, haawwiifi fedhii uummataa Oromoo kan ta’e aadaa isaa isa dhokate ifa baasuu/beeksiisuu, deggarsaa misoomaafi kunuunsaa qabeenyaa aadaafi tuurizimii kennuu, odeeffannoofi ragaalee kennuu dabaltee qabeenyaa umaatafi maamiltooaa bal’innaan beeksisuu barbaachisa.

Haalumaa kanaan, simaannaa gaarii gochuu, deggarsaa ogummaafi gorsa dandeettii qamoolee aadaafi tuurizimii cimsuun dandeettii isaanii bu’a qabessa gochuun, bu’aalee qorannoo akka umaataafi maamiltootaa biraa ga’u gochuu dabalatee misomaaf akka olan gochuu,tooftaalee misoomaafi kunuunsaa qabeenyaa aadaafi tuurizimii faayyadamuun fedhii umaataafi maamiltootaa guutuun fedhii odeeffannoofi ragalee, beeksiisaa qabeenyaafi waljijirraa odeeffannoo, walitti-dhufeenyaafi quunnamtii cimsuu fedhiin umaataafi maamiilaa akka guutamu taasiisu ta’a.



Bu’aa: Ummata/lammii tajaajila argateen itti quufinsi isaa dabale

Milkaa’ina: Tajaajila kenname irratti amantaa ummata/lammii dabale.

Kaayyoo 2.Fayyadamummaa ummataa guddisuu.

Ibsa: Akkuma beekamu hojiin sektaraa mootummas ta’e kan dhaabbataa kammiyyuu ,bu’aa qabeessaa ta’u kan danda’u, umaata yookin maamiiltoota isaa haala adda addaatiin faayyaduu yookin itti faayydamaa taasiisuu qaba.

Barbaachisummaan kaayyoo kanaa fedhii umaataafi maamiltootaa addaan baasuufi tooftaalee itti faayyadamnii umaataafi maamiltootaa ittidabaluu kan fedhii umaataafi maamiltootaa gidduu-gala godhate umuudha.

Haalaa Biiroo Aadaafi Tuurizimiitiin umaataafi maamiltootaa biroo ittifayyadaamaa taasiisuuf:deggarsaa ogummaafi gorsa teeknikaa kennuun galii isaanii akkaa dabalu gochuu,maddaa galiifi caraa hojii umuu irraattii deggarsa gochuu,qorannoowwaan aadaa umaataa Oromoo beeksiisuufi misoomaafi invastmaantii ariifaachiisuu gaggeessuun umaataafi maamiltoottni akkaa irraa faayyadamaan taasiisuu,pirojaktootaa misoomaafi kunuusaafi babal’innafi misoomaa haawwatootaa tuuristii ariifaachiisuun galiin haawwasa naannoo haawwaattootaa dabaluun akkaa ittifaayyadamnii isaanii cimuu gochuufi qabeenyootni aadaafi tuurizimii beeksiisfamanii,odeeffannoofi ragaaleen barbaachisaa ta’an ummataafi maamiilaa biraan ga’uufi waltii-dhufeenyaafi qunnamtii maamiltootaafi umaataa cimsuun ittifaayydamumaa umaataafi maamiltootaa ni guddisa.

Biiroon Aadaafi Tuurizimii itti faayyadamumaa mirkaaneesuuf,deggarsa ogummaafi teekniikaa galiifi carraa hojii ummataafi maamiiltootaa umuu cimsuu,amantaa aadaa offitii boonuufi aadaa beeksiisuu ummataa irraatti deggarsaa hubannoo kennuu,deggarsaa misoomaafi kunuunsaa qabeenyaa aadaafi tuurizimii akkasumaas beeksiisaa qabeenyaa aadaafi tuurizimii ummataafi bu’aalee qorannoofi odeeffaannoo ummataa biraa ga’u gaggeessuun hojiilee murteessaa ittifaayyadamaa umaataa/maamiltootaa dabaluu ta’a. Walumagalaattii, Seektara Aadaafi Tuurizimii irraa galii hawaasaafi qusannoo dabaluu akkasumas gahee tajaajillii waliigalaa GDP keessatti qabu keessaaatti gahee tajaajillii aadaafi tuurizimii guddisuu jechuudha.



Bu’aa: Ummataa tajaajilaafi bu’aa misoomaa irraa fayyadamaa ta’e

Milkaa’ina: Galii guddateefi jireenya hawwasa fooyya’e

Kaayyoo 3.Bu’aa- qabeessummaa baajataafi itti fayyadama qabeenyaa fooyyessuu

Ibsa: Baajata hojii karoorfamee ramadame gahumsaafi bu’aa qabeessuummaa isaa fooyyeessun baajataa murataa’een qisaasinnaa hir’isuun hojii bu’aa qabeessaa ta’e raawwaachuu qabata.

Kaayyoo kana galmaan ga’uuf,sirna rifoormii baajataa hoii irraa oolchuu,to’annoofi hordoofii gaggeessuun baajatnii hojii karoorfameef akka ooluu gochuu,qisaasiinaa baajataafi yeroo hojii hir’isuu,seeraa bulchiinsa faayinaansiitiin hogganamuufi argannoo bu’aa odiitii sirreeffama yeroo qabeessaa hojii irra oolchuun barbaachiisaa dha.



Haalumaa kanaan,yeeroo yeroon hordoofifi gamaaggamaa raawwii hojii gaggeessuun raawwii hojiifi baajatni karooraan akka walsimuu gochuufi qisaasinna baajataafi qisaasinna yeeroo hojii hir’isun baajataa murtaa’een hojii bu’aa qabeessaa ta’e hojjachuun gahumsaafi bu’aa qabeessummaan baajata ni fooyyaa’aa.

Bu’aa: Baajata hojii karoorafameef oole

Milkaai’ina: Bu’a qabeessummaa baajataa dable

Kaayyoo 4. Ga’umsa tajaajila dhaabbiilee aadaaf turizimii guddisuu.

Ibsa: Xiyyeeffannoon kaayyoo hojii kanaa guddaan faayidaa dhaabbileen Aadaafi Tuurizimii gama kenna tajaajilaa,Mirkaneessa gahumsaafi qindeeffama ragaa isaani akka yeroo yerootti fooyya’aa deemuun bu’aa guddina hawaas-dinagdee keessatti irraa barbaadamu akka gumaachu gochuudha. Kunis kuufama qabeenya Aadaa ammatu keessatti; hambalee aadaafi seenaa,m/kitaabaa, godahambaalee, faayafi ogummaa harkaafi omishaafi gurgurtaa meeshaa aadaafi… kkf bifa gurmaa’eefi dhuunfaan misoomuun dagaagee tajaajila qulqullinnaafi gahumsaa qabu kennaniifi hin miidhamne deggaruu kan ofkeessatti qabatuudhat. Gama biraatin dhaabbilee tajaajila tuuristii kan ta’an; tajaajila bulti, nyaataa-dhugaatii, waldaalee daawwachiisummaa/dhaabbilee/,tajaajila geejjibaafi yabalaa, hawwattootafi …kkf kan qabatu ta’ee, dhaabbilee kana hordofuu,too’achuufi deggaruun/leenjii kennuun/ akka yeroo yeroon tajaajila kennan fooyyeffataa deeman gochuun barbaachisaadha. Ragaaleen dhaabbilee tajaajila Aadaafi Tuurizimii haala guutuufi ammayya’een qindeessuufi gurmeessuun hojii keessatti madda odeeffannoo ta’uu gochuun gahee olaanaa qaba. Dhaabbileen Aadaafi Tuurizimii hayyama mirkaneessa gahumsa ogummaa ulaagaa guutachuun hayyama baafachuufi haaromfachuun seeran akka maammiltoota tajaajilaniifi sadarkaa gahumsaa isaanii fooyyeffachuun dandeetii gahumsa dhaabbilee cimsuun hojii guddaa of-keessatti kan qabatu dha. Deggarsaa,too’annoofi hordoffiifi markaneessa gahumsa milkeessuuf dhaabbilee aadaafi tajaajila tuuristi akka ulaagaa guutachuu hayyama gahumsa ogummaa sadarkaa isaanii guddiffachaa deeman kallatti hojii bal’aa qabuudha.Dhaabbileen aadaafi Tuurizimii gahumsaafi qulqullinna tajaajila isaanii yeroo yeroon fooyyessa deemuun tajaajila quubsaa uummataaf kennuu danda’uu qabu. Bu’uuruma kanaan dhaabbileen aadaafi tuurizimii gahumsa isaanii guddisuun fedhii tajaajilamtoota isaanii akka guutan gochuun deeggarsa ogummaa walirraa hincinne yeroo gara yerootti hojjattoota dhaabbilee tajaajila aadaafi tuurizimiifi waajjiraalee A/T sadarkaan jiruuf leenjiin hanqinna/fedhii leenjii dhaabbilee aadaafi tuurizimii barbaadan qorachuudhaan addaan baasuun irratti leenjii gabaabaa kennuun cimsuun tajaajila saffisaafi qulqullina qabu ofii argachuun fedhii maammiltoota isaanii akka guutan irratti xiyyeeffachuun hojjachuun murteessaadha.

Bu’aa: Ga’umsaafi qulqullina tajaajila dhaabbilee aadaafi tuurizimii fooyya’e.

Milkaa’insa: Ittiquufiinsa tajaajilamtoota dabale.

Kaayyoo 5.Qorannoofi Qo’annoo Afaan, Seenaa,Xinmadda fi Arti Oromoo Guddisuu
Ibsa:Kaayyoon tarsimaa’aan kun qormaata afaan, seenaafi artii uummata Oromoo guddisuu irratti kan xiyyeeffateedha. Keessattuu afaan Oromoo sadarkaa afaan saayinsii fi teeknooloojitti guddisuu, waggoota dheeraaf dhokatee kan ture Afaan, seenaafi artiin Oromoo eenyumaan uummataa ittiin ibsamu kara haqaa qabeessaafi qulqullina qabuun balinaan yoo qoratamu afaaniifi artiin uummaticha ni guddata, seenaan isaa ni baratama, uumatni fedhiin isaa waan guutamuuf itti quufinsii isaa ni dabala. Haaluma BATOn kanaan dura qorachaa tureen Giddugalli Aadaa Oromoos kan hundeeffameef afaan, seenaanaafi artii uummata Oromoo qoratee guddissuu waan ta’eef xiyyeeffannoo guddaa kennuudhaan hojii kana hojjechuun barbaachisadha. Hojii qorannoo afaaniifi seenaafi arti Oromoo haala hammayya ta’een balinaan akka qoratamuufi akka guuddatuu taasisa ta’a. Fedhii uummataa addaan baassuun haala fedhii guutuu danda’uun qormaata afaan, seenaafi artii baldhinnaafi gadifageenyaan akkasumas teeknooleejii hammayaafi tooftaalee adda aaddaatti fayyadamuun qorachuu, bu’aalee qorannoon uumata biraan ga’uudhaan fayyadama akka ta’aan taassissuun fedhii uummata ni guuta jedhamee amanama.

Bu’aa: Bu’aalee qorannoo dabale.

Milkaa’ina: Itti fayyadamumma bu’aalee qorannoo dabale.

Kayyoo6.Qorannoofi Misooma Hambaaleefi Qabeenya Uumamaa Hawwata Tuurizimii Guddisuu

Ibsa:.Qorannoofi qo'annoo walirraa hincinnee adeemsisuun hirmaannaa dhimmamttonni misoomaa hambaaleef qabeenya uumamaa hawwata tuurizimii irratti qaban ni guddisna. Tooftaalee qorannootiin hogganamuun fedhiifi rakkoolee bakka gahumsaa tuuristii (hawwaattoota tuuristii) addaan baasuu, qabeenyaa tuurizimii galmeessuu, ragaalee bu'uuraa qorannoo funaannu, maddaa galiiwwaani addaan baasuu, carraa hojii uumu xinxaaluu, carraa investmantii xinxaluu, midhaafi manca'inaa qabeenyaa irraa gahuufi miidhaa aadaa hawaasaa gahumsaa tuuristii irraa gahu addaan baasuu, kallatti qabeenyi tuurizimii ittin eegamaniifi kunuufamaan addaan baasuun, kallaatti misooma hambaafi hawwata tuurizimii agaarsisuu. Hambaalee qabeenya uumamaafi nam-tolchee kan socho’annifi kan hinsochoone misomsuun bu’aa dinagdee akka argamsiisu taasisuun barbaachisadha. Haaluma kanaan kaayyoon tarsima’aa kun qabeenyoota kanneen akkaataa amala isaanitiin misoomatti jijjiruun uummataaf bu’aa hawaasa dinagdee akka galmeesisu taasisuudha. Kunuunsaafi eegumssa hambaaleefi hawwata tuurizimii uumamaa kan ofkeessa qabaatu yoo ta’u

Keessattuu hambaalee uumamaafi namtolchee ta’an dhalootaaf akka darbaan gochuuf BATO, qooda fudhatootaafi dhimamtonni uummanni balinaan tumsaa godheen tooftaalee adda aaddaa uumuun kunuunsaafi eegumsa cimsuun barbaachisadha. Haaluma kanaan tooftaalee kunuunsaafi eegumsa BATO adda aadda, muxxannoo waljijjiiruu, deeggersa oogumaafi ga’umsa qabeenyaa itti fayyadama irratti hundaa’uudhaan kunuunsaafi eegumsa qabeenyaa aadaafi tuurizimii ni fooyyeessa jedhamee amanama



  • Bu’aa: Misoomaafi Kunuunsa hambaaleefi qabeenya uumamaa hawwata tuuristii dabalee

  • Milkaa’ina: Bu’aa hawaasa -dinagdee dabale

Kaayyoo 7. Misoomaafi babal’ina sonaaf Indistrii aadaa guddisuu.

Ibsa:Hojjin gugurddaa kaayyoo tarsimaa’aa kanaa Artii Oromoo kan akka artii gochaaleefi muldhataa ( visual and performance arts), gochaalee dudhaafi beekumsa xabboo, qabeenyi aadaa killiyaa ykn kan qabatamaa hintaane (tangible and intangible) ykn sonni aadaafi beekumsa xabboo (indigenousknowledge), ogummaan harkaa aadaa baldhinaan qorachuun babal’isuu ykn gama kanaan hubannoon uummataa babal’atee akka misoomuuf madda galii akka ta'an gochuudhaan industirii aadaa misoomsuu. Artii gochaalee dudhaafi beekumsa xabboo irratti fedhii fi dandeettii hawaasaa qorannoo adda baasuun haala uummata keessatti bu'aa hawaasa dinagdeef oolu dandeessisuun guddina teknolojii, odeeffannootti fayyadamuun akkasumas qunnamtii gabaa uumuun, hubannoon uumataa cimee akka fayyadamaa ta’u taasisuu bira dabree dabalataniis barmatilee miidhaa geessisaan akka hir’atuu ykn akka badu qorachuun haala jijjiirama fidu mijeessuu ykn haala faayidaa irra ittiin oolu mijeessuu, bu’aan isaas akka guddatu gochuu ta’a.

Kaayyoo 8. Kominikeeshinii, Promooshiniifi misooma gabaa guddisuu.

Ibsa:Qabeenyi aadaafi tuurizimii naannoo keenyaa bal’inaafi haala arifataa ta’een beeksifamuun misoomee, gumaacha inni kennurraa bu’aan gama hawaasaafi dinagde akka naannoo keenyaatti galma’u kan foyya’uu danda’u, odeeffannowwan beeksisaa haala fooyya’aafi amayya’aa ta’een qindaa’ee babal’achaa deemuu yoo dana’eefi gabaa biyyaalessaafi adunyaa irratti dorgomaa cimaa ta’uun fudhatamummaan isaa yoo dabaledha.kaayyoon kun haala tamsa’ina odeeffannoo keenyaa Gahumsa hojii piromooshinii meeshaalee teeknoloojii ammayyaan babal’isuun tajaajilli kennaman akka fooyya’u, akkasumas hojiin piromooshiniin raawwatamu xiinxalaa gabaa gaggeeffamuun deegaramee, qabeenyi aadaafi turizimii naannoo keenyaa gabaa keessatti dorgomaa cimaa akka ta’u taasisuudha. Gama birootiinis hojiin beeksisaa baldhinaan hojjetamu, haala qulqullina qabuun qaqqabummaan isaa cimee bu’aa galma’uun, maqaan gaarii hawwattummaa naannoo keenya ijaaramee, carraa hojiifi investimentii baballatee, dhangala’iinsa tuuristii irraa galii dabalaa deemuun fayyadamummaan diinagee naannoo keenyaaa keenya daran akka cimu nitaasisa.

Bu’aa: Hojii odeeffannoo piromooshinii midiyaafi tekinoloojiitiin dabale

Milkaa’ina: Guddina diinagdee keessatti gumaacha ol’aanaa galma’e.

Kaayyoo 9. Hojimaata hoggansa Gurmaa’insa kunuunsaafi tamsaasa ragaa foyyeessuu.
Ibsa: Qaroominni teeknoloojii jaarraa Addunyaa mara keessatti guyyaa guyyaan ajaa’ibsiisaa jiruu fi guddinni dinagdee haala salphaatti hin too’atamneen jijjirama galmeesisaa deemuu keessaatti ragaafi odeeffannon raawwi hojii ammaafi ittifuufiinsaatiif ka’uumsaafi bu’uura ta’uu irraa caalaatti qabeenya sharafa/galii argamsiisuu waan ta’eef, haala mijaawaafi tajaajilamaan salphaatti argate ittiin fayyadamuu danda’uun guurmaa’ee qabamuun barbaachisummaan isa wal-gaafachisaa hin ta’u.

Qabiinsi dokimanteeshiinni teeknoloojii ammayyatiin gargaaramuun mijaawaa fi hawwata taasisuudhan tajaajilaafi gabaaf dhiyeessuu akka dandaa’amu hojimaata qindeessa ragaalee ammayyaa’e sektarichaa keessaatti gaaraa hanga dakaatti diriirsuun tuumsaanhojiirra oolchuun barbaachiisaadha. Haala mijaa’a umamu kanaan deeggaramaa dookimantiifi ragaalee bu’aawwan qorannoo (Afaan Oromoo,seenaa, aadaa xabboofi kiliyyaa, qabeeenya hawwattoota uumamaafi nam-tolchee,artii oromoofi wkf) gara misoomaatti jijjiramu dandaa’an , ijaarsawwaanii, qaamoolee tajaaajila aadaafi tuurizimii, raawwii hojiiwwaanii (gabaasa kaaroora, faaynaansii, bobbaatii dirree, bu’aa odiitii faaynansiifi qabeenyaa, barru qabaa, qabeenya humna namaa, maanuwwalii workishooppii, danbiiwwaniifi kkf) galmee seenaa hojjattootaa, maamiltootaafi qooda fudhatootaan wal-qabatan sakatta’insa taasisuun adda baasuu adeemsa qindeessafi qabiinsa dokimanteeshiinni akka fooyya’u ni taasifama.Qulqullinni hojii piromooshinii midiyaaleen ni babal’ata. Ragaan haala hammyyaa’aa ta’een walitti qabamee qindaa’e qaamoota ragaafi oodeeffannoo barbaadan salphaatti argachuun misooma keessatti bu’aa guddaa akka gumaachaan kan taasisu yoo ta’u gama biraatiin gaggeesisootaafi hojjattootni hubannoo gahaa horachuun ragaawwan argamanis dhimma barbaachisuuf akka oolchan ni dandeesisa.

Bu’uura kanaan qabinsa dokimantiifi ragaa milkaa’e fuula gaarii seekitaraa waan mul’isuuf walumaagalatti raawwiifi bu’aa hojiiwwan qorannoo, misooma, piroomooshiniifi deeggarsa ogummaa irratti yeroo ragaa walitti qabuun qindeessuun hedduu barbaachisaadha

Bu’aa: Kuufamaafi qindeeffama ragaalee fooyyaa’e

Milkaa’ina: Walitti dhufenyaa fi ittifayyadamumaa ragaalee foyya’e

Kaayyoo 10. Hojimaata bulchiinsa gaariifi kenniinsa tajaajilaa fooyyeessuu
Ibsa: Mootummaan tajaajiloota hawaas-dinagdee ummataaf baay’inaa fi qulqullinaan dhiheessuun fedhiin hawaasaa akka guutamu taasisuu qaba. Kaayyoo kana dhugoomsuuf, gurmaa’insaa fi hojmaata manneen hojii mootummaa haala fedhii lammii yookiin maamila giddu galeessa godhateen sirreessuun, argannoowwan meeshaalee rifoormii (jijjiiramaa) yeroo yeroon jiran sakatta’uu, siiviil sarvaantii beekumsaa fi teeknoloojii ammayyaatiin hidhachiisuu, miira tajaajiltummaa fi ilaacha ummatummaa horate uumuu dha.

Akkasumas, haala qabatamaa naannichaafi saktara aadaafi tuurizimii irratti hundaa’uun hojii irra oolchuu, bu’a qabeessummaa isaanii madaaluu fi daran cimsuun iddo milkaa’inni itti argame (muuxannoo gaggaarii argaman) irraa bakka hundatti hanga tokko babal’isuun kenniinsi tajaajilaa sadarkaa Biiroo/naannoo irraa kaasee hanga aanaatti jiru iftoomina, saffina, qulqullina, bu’a qabeessummaa fi itti gaafatamummaa qabu akka ta’u taasisuu dha.



Yüklə 0,97 Mb.

Dostları ilə paylaş:
1   ...   5   6   7   8   9   10   11   12   13




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin