Boonsaa tahe hojjechaa ture


Sakatta’iinsa Mana Hojii /Environmental Scan /



Yüklə 0,97 Mb.
səhifə2/13
tarix09.01.2019
ölçüsü0,97 Mb.
#94561
1   2   3   4   5   6   7   8   9   ...   13

Sakatta’iinsa Mana Hojii /Environmental Scan /

  1. Xiinxala Aangoo fi Hojii Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiya

    1. Aangoo fi Hojii Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa


Akaataa Labsii Qaama Raawwachiiftuu Mootummaa Naannoo Oromiyaa irra deebi’uun kan ba’e labsii lakk. 163/2003 irratti ibsameen Biiroon Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa aangoofi hojiiwwan ijoo armaan gaditti ibsaman ni qabaata.

  1. Afaan Oromoo guddisuudhaan afaan saayinsii,og-barruu, fi teeknooloojii gochuudhaaf bal’dhinnaan ni qorata, qoratoota ni hirmaachisa, bal’dhinnaan maxxanfamee akka raabsamu ni taasisa.

  2. Seenaan Oromoo dhokatee ture ifa baasuuf ni qorata, qoratoota ni hirmaachisaa, bal’dhinnaan maxxanfamee akka uummata bira ga’u ni taasisa.

  3. Artiin Oromoo gama dameewwan muuziqaa, ogbarruu, tiyaatiraa, fakkiifi meeshaa aadaa ogummaa harkaatiin akka guddatuufi akka dagaagu qorannoo ni gaggeessa, hirmaanna uummataatiin ni babal’isaa, bu’aa dinagdeef akka oolan ni taasisa.

  4. Hambaalee socho’aniifi hinsochoone qaamota dhimmi ilaalu waliin qorannoon adda ni baasa, ni galmeessa, hirmaannaa uummataatiin ni eega, ni too’ata, ni kunuusa, ni suphaa, misoomee bu’aa dinagdeef akka oolan ni taasisa, kanneen hinsochoone ni bulcha.

  5. Aadaaboonsa jajjabeessuufi babal’suu, barmaatilee miidhaa geessisan dhabamsiisuu irratti uummata ni hirmaachisa, qaamota dhimmii ilaalu waliin ni hojjata.

  6. Qabeenya tuurizimii naannicha keessatti argaman ni qorata, ni galmeessa, akkataa barbaachisaa ta’een ni daangessa, carraafi fedhii misoomaa adda ni baasa, hirmaannaa uummataatiin ni misoomsa, sektaroota dhuunfaafi mootummaa akkasumas qaamolee miti mootummaa ni hirmaachisa, haala seera eegeen akka misoomu raawwii isaa ni horddofa, deeggarsa oguummaa ni kenna.

  7. Qabeenyootnii aadaafi uumamaa hawwata tuurizimii ta’an biyya keessaafi biyya alaatti, beeksisuudhaan sochii tuuristiifi galiin irra argamu akka guddatu tooftaa garaa garaatti fayyadamuudhaan hojii beeksisaa ni raawwata, qaamoota dhimmii ilaalu ni hirmaachisa.

  8. Dhaabbileen tajaajila aadaafi tuurizimiifi kanneen ogummaa kana irratti hirmaatan akka babal’atan taasisuufi tajaajila qulqullinnaafi ga’umsa qabu akka kennan humna dandeetti isaanii cimsuudhaaf too’annoofi hordoffii ni gaggeessaa, leenjii, deeggarsa ogummaafi hayyama ogummaa ni kenna.

  9. Gidugaleessii Aadaa Oromoofi dhaabbanii qorannoo Oromoo akka hundeefamu ni qorata, yaada ni dhiheessa, haala ni mijeessa, raawwiisa ni horddofa, deeggarsa ogummaa ni kenna.

  10. Manneen kitaabaa, kuusaan galmeewwanifi godahambaaleen naannoo Oromiyaa keessatti sadarkaa sadarkaan akka hundeeffamnifi jajjabaatan ni taasisa, ni horddofa deeggarsa teekniikaa ni kenna.

  11. Sektara Aadaafi Tuurizimii naannichaa ilaalchisee imaammata, dambiiwwaniifi

qajeelfamoota ni baasa, yoo mirkanaa’e hojii irra ni oolcha, raawwii isaa ni horddofa.

      1. Xiinxala Haala Waliigalaa Aangoo fi Gahee Hojii Biiroo Aadaafi Tuurizimii

Xiinxalli aangoo fi gahee hojii Biiroon Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa labsii lakk. 162/2003 tiin kennameef irratti hundaa’amee haala asii gadiitiiin dhihaatee jira.

Biiroon aadaafi tuurizimii Oromiyaa afaan Oromoo irratti qorannoo geggeessuun bifa adda addaatiin ni maxxansiisasa, afaan Oromoo afaan saayinsii, teeknolojii, barnootaafi afaan midiyaa akka tahee itti fufu nitaasisa. Ibsa eenummaa ummata Oromoo kan ta’an seenaa, hambaalee qabatamaafi killiyyaa, sonawwan aadaa, akkasumas qabeenyoota barreeffamaa walitti qabuun qorachuu, gurmeessuunifi maxxansiisuun akka eegaman, baball’atani fi dhalootaaf dabaran ni taasisa.

Faayidaan Qabeenyoota aadaa / material & spritual / gara diinagdee, hawaasummaafi siyaasaatiin qaban akka dagaagu fi babball’atu gochuun fedhiin gabaarratti qaban akka dabaluufi fayyadamummaa ummataa mirkaneessuun gumaacha aadaan misooma keessa qabu akka guddatu ni taasisa.

Sochiin gara aadaatiin jiru bu’ura akka qabatu dhaabbilee aadaa / giddugaloota aadaa, manneen tiyaatiraa, gaalariiwwan artii, godambaalee, manneen kitaabaa...kkf/ baball’isuu akkasumas waldaaleen ogummaafi manneen maree bifa seera qabeesassa taheen akka hundeeffaman deeggaruun hirmaannaa ummataa damee kanaa ni guddisa.

Hojiiwwan uummee artii / performing art & visual art/ akka baball’atan qoodafudhattoota dhimmin ilaalu waliin tahuun sirna barnootaan akka hammatamanifi deeggaraman taasisuu, artiiwwan waltajji qorachuu, qopheessuufi tajjaajiaaf geessu, deeggarsa fi sirna ogeeyyiin itii jejjabaatan geggeessurratti ni hojjata.

Hawwattoonni tuuristii naannichaa adda bahanii akka beekaman, dhimma tuurizimiif akka misoomaniifi gurmaa’an, hawwattoonni gabaa tuurizimii keessatti dorgomaaa turan irra caalaa jajjabeessuu, hawwattoota haaraaf adda bahan qindoomina mootummaa, ummataafi qoodafudhattootaan bu’uraalee misoomaa baball’isuu, dhaabbileen tejaajila tuuristii akka baaball’atan humna namaatiinifi gahumsa tajaajilaatiin akka gahooman gochuunifi galiin argamu akka dabalu taasisuun jiraattoonni naannnoo hawwattootaa kallattiinifi al-kallattiin akka fayyadaman ni taasisa.

Dhabbilee tajaajila tuuristiif /hoteela, moteela, loojii, restooraantii,...kkf/ tiif sadarkaa akka biyyaa baherratti bu’ureeffachuun sadarkaa ni kenna, too’annooofi hordoffi ni geggeessa.

Hawwattoota tuuristii naannichaa beeksisuuf fuula gaarii ijaaruuf xiinxala gabaa tuurizimii geggeessuun dhimma addummaa naannoo keenyaa /branding/ fi qooda gabaa /positioning/ akka jiraatu taasisuun gabaa tuurizimii keessa akka dorgomaa taatu ni taasisa, akkasumas bifa adda addaatiin akka gurmaa’u deeggarrsa kennuun hawwattoota naannichaa akka daawwatan gochuun tuurizimiin biyya keessaa akka guddatu ni tasisa.

Ragaalee aadaafi tuurizimii walittiqabuu, gurmeessuu fi wiirtuu odeeffannoo /data base/ hundeessuun odeeffannoo gahaa fi waytaawaa ni tamsaassa.


    1. Ergamaafi Mul’ata Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa

Biiroon Aadaafi Tuurizimii qorannoo Sagantaa Madaallii Bu’aa Karoora Tarsiimoo SMBKT/BSC bara2007 gaggeesseen aangoo labsiin kennameef irratti hundaa’uun akaataa armaan gaditti ibsameen ergamaaf mul’ata keewwateera.

Ergamni barbaachisummaa hundeeffama Biiroo kan agarsiisuu yoo ta’uu, mul’anni immoo Biirrichi waggoota dhufan ( jechuunis hanga bara 2012tti) keessatti kallattii irraa eegamu hundaan jijjiirama fiduudhaan maal irra ykn eessa akka gahuun irra jiraatu kan agarsiisuu dha. Kunis ergamaafi muldhata Seektara Aadaafi Tuuriziimii sadarkaa biyyaatti/feedeeraalatti MATI keewwate haala yaada keessa galcheen kan kaa’ameedha. Haaluma kanaan ergamnii fi mul’anni Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa kanatti aansee dhiyaate jira



      1. Ergama BATO

Qabeenya Aadaa fi qabeenya uumamaa hawwata tuurizimii naannichaa hirmaannaa ummataatiin qorachuu, misoomsuu, babal’suukunuunsuufi beeksisuun fuula gaarii naannichaa ijaaruun bu’aa hawaasa dinagdeefi siyaasaa ittifufiinsa qabu akka argamsiisuu gochuu.`

      1. Mul’ata BATO

Bara 2012tti qabeenya aadaafi qabeenyii uumamaa hawwata tuurizimii naanichaa misoomsuufi babal’suun,Oromiyaa akka biyyaatti iddoo hawwata turistii filatamtuu taasisuu.

      1. Duudhaalee Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa

Kaayyoo tarsiimoo haala waliitti hidhamiinsa qabuu fi safaramuu danda’uun galmaan ga’uu keessatti Biiroon Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa duudhaalee fi amantaa cimaa qabaachuu qaba. Haaluma kanaan, duudhaalee ijoon Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiyaafi caasaalee isa sadarkaan jiran keessatti calaqqifamuu qaban kanatti aansee dhihaateera.



Duudhaalee/Core Value/

  • Iftomina/transparency/,

  • Kabaja aadaa

  • Ittigaafatamummaa/accountability/,

  • Hirmaachisummaa/participatory/,

  • Simannaa gaarii/hospitality/



Ibsa Duudhaalee

  1. Iftoomina

Iftominni BATOfi caasaalee isaa sadarkaan jiran, hoggantootaafi hojjetoota wajjiraalee BATO sadarkaa adda addaa irratti argaman kan ilaallatu dha. Sadarkaa BATOtti dhimmoota misooma hawaasa-dinagdee caasaalee BATOn karoorfamaniifi raawwataman ilaalchisee ummata hirmaachisuufi bu’aalee hojii seektarichaa uummataaf dabarsuu irratti BATOn iftoominaan ni hojjata. Hojiiwwan karoorfaman iftoominnaan wali hubachiisuun waliiquuduu, akkasumas raawwii karoorichaas haala qulqullinnaafi ga’umsa qabuun yeroo barbaadamu keessatti walii gabuusuun iftoominnaadha .Iftoominnii baajata qoodinsaafi ittifayyadama baajataa ifaatti walbeeksisuun haala karooraan walsimaateen hojii irra oolchuudha. Iftoominna jechuun caasaaleefi kutaalee hojii sadarkaan jiran jidduutti odeefannoo fi yaadowwan ijaaramaa/constructive opinion and coments/ gubbaa- gadittifi jalaa- olitti akkasumas dagla yeroo yeroon walii dabarsuu jechuudha. Iftoominna jechuun hanqinnaafi ciminna irratti walmar’achuu, rakkoowwaniif fala barbaaduufi murteewwan kannaman irratti walhirmaachisuu jechuudha.

Hojiin Biiroodhan karoorfamuu sadarkaa ogeessaattifi caasaalee jiraniin kan raawwatamu waan ta’eef qoodni ogeessotaafi caasaaleen raawwi karooraa irratti qaban guddaa dha. Kanaafu, raawwi hojiifi tajaajila Uummataaf kennuu, gabaasa isaa qulqullinaan qopheessuufi kkf irraatti hojjataan iftominaan raawwachu qaba.



  1. Kabaja Aadaa

Aadaan saba tokkoo eenyummaan sabichaa kan ittiin calaqiifamu yoo ta’u aadaan kun dhalootaaf dabruu kan danda’u kabaja barbaachisu argatee yoo eegameefi babal’ate qofaadha, Uumatni Aadaa guddatee/babla’ateen ni boona eenyummaa isaa ittiin ni eega. Gama biraatiin aadaan guddatee/babla’ate gudinna dinagdeetiif ni gumaacha. Ergama Biiroon Aadaafi Tuurizimii ittiin dhabateef keessaa innii guddaan tokko seena uummata Oromoo qorannoon ifa baasuu, afaaniifi aadaa Oromoo guddisuu/babal’isuudha.Kanaafuu aadaa uummata Oromoo kabajuufi ittiin boonuun akkasumas aadaa sabaafi sablammoota hundaa kabajuun walqixummaatti ilaaluun duudhaa keenya.Namni aadaaf kabaja hin kenine aadaa guddisuu hindanda’u.Kanaafuu aadaa keenya barmaatilee miidhaa geesisan irraa bilisa gochuudhaan aadaa boonsaa babl’isuun ergamaafi duudhaa caasaaleefi hojjetoota BATO ti.

Aadaa uummata hundaa kabajuun walitti dhufeenyaafi walta’iinsaan wajjin jirachuu gaarii amma jiruu itti fufsiisuun barbaachisaa dhimma ta’udha. Haaluma kanaan hojjata’an hunda aadaa walii kabajuu ni qaba. Aadaa hawaasaa beekuufi beeksisuun, kunuunsufi eeguudhan walitti dhufeenya ummata waliin jiru cimsuun ummanni ofitti akka amanuufi gammadu gochuun karoora mootummaa waliin akka tarkaanfatu gochuun ni danda’ama.



  1. Ittigaafatamummaa

Mootummaanifi ummatni dirqamafi ittigaafatamummaa akkasumas kaayyoo Biirichaaf kenname haala dimokraatawaafi bulchinsa gaarii qabaateen fedhiin ummataa, hojjattootaafi qaamoolee adda addaa akka guutamu barbaadama.

Ittigaafatummaa jechuun mirgaafi dirqama hojjetaa mootummaaf kenname keessatti gahee hojii ofii keessatti dirqama ofii beekuudhaan kan irraa eegamu raawwachuu jechuudha. Ittigaafatummaa jechuun dhufaanis ta’ee gareedhaan ittigaafatummaa fudhachuu ykn ilaalcha ittigaafatamummaa qabaachuu/nama hojiidhaaf abbummaan ittidhaga’amu ta’uu/ jechuudha. Ittigaafatummaa jechuun eegatummaa irraa bilisa ta’uun ‘ ittigaafatamaan koo hojii kooti’ amantaa jedhu qabaachuun ga’ee ofii gumaachuuf akka lammiitti yaaduu jechuudha.

BATOn fedhii ummataa guutuuf hojii hojjatamu hunda ittigaafatamummaadhaan raawwata. Haala kanaan aangoofi dirqamni Biirichaa hanga caasaa sadarkaa gaditti hubatamee hojii irra ooluu kan danda’u hojjattoonni ogummaa qaban duguuganii yoo hojii irra oolchan qofa waan taheef hojjattoonni sadarkaa adda addatti argaman gahee/hojii isaanii raawwachuun fedhii ummataa guutuurratti ittigaafatamummaa qabu.


  1. Hirmaachisummaa

Misooma qabeenya aadaafi tuurizimii ariifachisaafi ittifufiinsa qabu argamsiisuun bu’aa hawaasa-dinagdee jireenya uummataafi gudinna naanichaatiif gumaachu galmeessuu irratti hirmaannaan ummataafi qaamoolee dhimmi ilaaluu barbaachisaa dha. Kana jechuunis galmaa gahiinsa ergamaafi muldhata biirichaa caasaalee BATO qofaan raawwachuun waan hindanda’amneef ummata sochoosuudhaan ummata waliin hojjachuun haalaan barbaachisaa waan taheef gama kanaan ummatni gahee olaanaa qaba. Haaluma kanaan hirmaachisummaa jechuun hojiiwwan qorannoo, misoomaa, piroomooshiniifi deeggarsa ogummaa caasaalee Biirootiin gaggeefamu irratti qooda fudhatoota/dhimmamtoota, maamiltoota, qaamoolee hawaasaa kan akka dubartootaa, darggagootaafi kkf baldhinnaan hirmaachisuun bu’aa barbaachisu galmeessuu waan ta’eef hirmaachisummaan duudhaalee BATO keessaa isa tokkoodha.Gama biraatiin hojjataan hundis miira gareedhaan hojjachuu aadaa gochuun, beekumsaafi muuxannoo walii dabarsuun hirmaannaa keessaa cimsuu qaba

Waan taheefis, hoggansii sadarkaa sadarkaan jiruufi hojjataan caasaalee BATO ergamaafi muldhata akkasumas karoora BATO qaamoolee dhimmi ilaallatu hunda ifaan hubachiisuu, qindomina uumuun raawwachiisuufi bu’aa isaa madaaluu qaba



e) Simannaa Gaarii

Tajaajilamaafi ummata akka waliigalaatti tajaajila gammachiisaafi quubsaa tahe kennuufi simannaan jalqabaa haala aadaa fi dudhaalee maamilaa kabajeen simachuu qaba.Seektarii Aadaafi Tuurizimii seektaroota damee tajaajila keessaa isaa tokkoodha. Keessattuu tuurizimiin seektera simannaafi tajaajila/hospitality industry/ maqaa jedhamuun kan beekamu waan ta’eef haalii maamillii ittisimatamuufi keesumsiifamu iddoo olaanaa qaba. Gama biraatiin uummatni keenyas aadaa simannaa gariin kan beekkamu waan ta’eef kenna tajaajila keessatti kanuma calaqiisuun fuula gaarii aadaa keenya kan agarsiisuudha. Haaluma kanaan simannaa garii jechuun; tajaajila saffinnaafi qulqullinna qabu kennnuu jechuudha, fuula gaarii (image) seekterichaas ta’ee fuula garii uummata naannoo fi biyyattii calaqiisuu jechuudha, amantummaa uummatni seekterichaa irrattis ta’ee mootummaa irratti qabu guddisuu jechuudha.



Kanaafuu tajaajilamaanifi ummanni yeroo walitti dhufeenya BATO waliin qabu hundarratti kabajaanifi fuula gaariidhaan simatame hirmaannaan isaa fi walitti dhufeenyi biiricha waliin qabu akka dabalufi ittifufiinsa argatu tasisuun ni barbaachisa.

    1. Maamiltootaa fi Dhimmamtoota Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa Addaan Baasuu (Customer and Stakeholder Identification)

Tajaajila saffisaa fi itti fufiinsa qabu kennuuf akkasumas maamiltoota kallatiidhaan tajaajila Waajjira irraa barbaadanii fi dhimmamtoota milkaa’ina ergamaa fi mul’ata keenya galmaan ga’uu keessatti shoora ol-aanaa qabaatan adda baafachuun beekuun barbaachisaa dha.

Kana malees, tajaajlnni Maamiltootni/ dhiimamtoonni kun waajira Aadaafi Tuurizimii Godinaa irraa eegan, amala maamilli/dhimmamtootni qabaachuu qaban jiraachuu ni mala. Haa ta’u malee, fedhii walii guutuu irratti rincicni (resistance) kan uumamu danda’u yoo ta’u, dhimmi kun immoo gama kenniinsa tajaajilaa fi akka waliigalaatti misooma ariifachiisuu keessatti dhiibbaa mataa isaanii ni qabaata. Kanaafuu, dhimmota kana addaan baasanii ilaaluufi xiinxaluun akkasumas xiyyeeffannaa itti kennuun hojjechuuf haala gargaaruun sadarkaan kaa’uun murteessaa waan ta’eef akka armaan gadiitti dhiyaateera.

      1. Maamiltoota/Customers/

  • Hawaasa/Uummata

  • Dhaabbilee Tajaajila Aadaafi Tuurizimii

  • Dhaabbilee Waldaalee Artii

  • Artistoota

  • Dhaabbilee Eegumsaafi Daawwannaa Haambaaleefi Godambaalee

  • Dhaabbilee Gurgurtaa Meeshaalee Ogummaa Harkaa

  • Qorattootaafi Qo'attoota

  • Daawwattoota

  • Daawwachiiftoota Dhuunfaa

      1. Qooda Fudhattoota/Stakeholders/ Maqaalee sirrataniifi kan dabalamuu qaban dabaluu.

  • Mana Maree Bulchiinsa/Kaabinee/ Godina wallagga bahaa

  • Hojjetoota

  • Waajjira Invastimentii Godina wallagga bahaa

  • Waajjira Daldalafi Miisooma Gabaa Godina wallagga bahaa

  • Waajjira Eegumsa Fayyaa Godina wallagga bahaa Biiroo Barnoota Oromiyaa

  • Ministeera Aadaafi Tuurizimii

  • koollejjii Barnoota, LeenjiiTeekniikaaf Ogummaa Godina wallagga bahaa

  • Waajjira Maallaqqaafi Misooma Diinagdee Godina wallagga bahaa

  • Waajjira Dhimma Dubartootaafi Daa'immanii Godina wallagga bahaa

  • Waajjira Dhimma Dargaggootaafi Ispoortii Godina wallagga bahaa

  • Dhaabbata RTV- Oromiyaa

  • Dhaabbilee Sab-Quunnamtii/Miidiyaalee/ damee Naqamtee

  • Waajjira Industiriifi Misooma Magaala Godina wallagga bahaa

  • Waajjira Haqaa Godina wallagga bahaa

  • Waajjira Lafa Baadiyyaafi Eegumsa Naannoo Godina wallagga bahaa

  • Dhaabbata Bosonaafi Bineesoota Bosonaa damee lixaa

  • Waajjira Siiviil Sarviisiifi Bulchiinsa Gaarii Godina wallagga bahaa

  • Inistituti Plaanii Magaaloota Oromiyaa damee lixaa

  • Dhaabbata Tuurizimii Itoophiyaa

  • Waajjira Dhimmoota Komunikeeshinii Godina wallagga bahaa

  • Waldaa Daawwachiiftoota Itoophiyaa

  • Abbootii Hoteelaafi Restooraantii

  • Ejensii Tajaajjila Qunnamttiifi Odeeffannoo /ICT/

  • Dhaabbilee Barnoota Ol'aanaa /Koollejootaafi Yunivaristoota/

  • Waajjira Poolisii Godina wallagga bahaa

  • Dhaabbilee Leenjii Aadaafi Tuurizimii

  • Dhaabbilee Amantaafi Abbootii Gadaa

  • Abbaa Taayitaa Daandiwwanii Godina wallagga bahaa

  • Abbaa Taayitaa Galiiwwanii Godina wallagga bahaa

  • Dhaabbilee Miti-Mootummaa


Xiinxala Maammiltootafi Dhimamtootaa Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa

Maamiltootafi Qooda Fudhatoota

Amala Isaan Irraa Eegnuu/Behavior we desire/

Fedhii Isaanii/Their needs/

Qoolmata /Resistance isuues/

Dhiibbaa/Their influence/

Maamiltoota

Adda Duree



  • Hawaasa

  • Hawaasa misooma aadaafi tuurizimiirratti hirmaatee fayyadamaa ta’e,

  • Tajaajila saffisaafi qulqullina qabu barbaada,

  • Seenaafi aadaansaa, akkasumas qabeenyi tuurizimii qoratamee, misoomee, baballatee/dagaage arguu barbaada,

  • Hubannoo dhabiinsa fi hiyyummaa irraa kan ka'e qabeenya mancaasuu,

  • Faalama naannoofi badii qabeenya uumamaa irratti gaggeefamu,

  • Uummanni qabeenya hambaalee gurguruudhaan badiif saaxiluu,

  • Manca'ina qabeenya aadaafi tuurizimii,

  • Faalama naannoo,




  • Dhaabbilee Tajaajila Aadaafi Tuurizimii

  • Ququllinnaafi gahumsa tajaajila dhaabbilee aadaafi tuurizimii fooyya'e,

  • Tajaajila leenjii, heyyamaa fi gorsa ogummaa saffisaafi qulqulluu argachuu barbaadu,

  • Ragaalee barbaachisan kennuufi too’annofi hordoffiiif of-qopheessuu dhabuu,

  • Ragaalee bu’uuraa hojii leenjiifi deegarsa ogummaatiif barbaachisu argachuu irratti hanqinna ni uuma,




Maamiltootafi Qooda Fudhatoota

Amala Isaan Irraa Eegnuu/Behavior we desire/

Fedhii Isaanii/Their needs/

Qoolmata /Resistance isuues/

Dhiibbaa/Their influence/







  • Hirmaannaa hojii piroomooshinii dhaabbilee aadaafi tuurizimii dabale,

  • Dhaabbatni isaanii akka beekamuuf barbaadu,

  • Tajaajillii kennamu qulqullinnaafi gahumsa ni dhaba,

  • Artistoota

  • Safuu, aadaafi duudhaa uummataa akka calaqqisiisan,

  • Dorgomaa akka ta'aniifi naannoo keenya akka beeksisan,

  • Ummata bashanansiisaa akka barsiisan,

  • Ogummaan uume akka dagaaguufi akka guddatu heeyyama ogummaa, leenjii, hordoffi fi deeggarsa ogummaa argachuu barbaduu,

  • Haala aadaafi duudha uummataa eegeen osoo hintaane fedhii fi bu’aa dhunfaa irratti xiyyeefachuu isaanii,

  • Seera mirga kooppii raayitii cabsuu,

  • Galmootaafi giddugaleesootnni aadaafi artii muraasafi hanqinna qabaachuu,

  • Baballisaa hojii uumeefi aadaa irratti gufuu ta’uu,

  • Aadaa kunuunsuu, baballisuufi dhalootaaf dabarsuu irratti dhiibaa geessisa,


Maamiltootafi Qooda Fudhatoota

Amala Isaan Irraa Eegnuu/Behavior we desire/

Fedhii Isaanii/Their needs/

Qoolmata /Resistance isuues/

Dhiibbaa/Their influence/




  • Dhaabbilee Eegumsafi Dawwannaa Hambaaleefi Godhambaa

  • Hojii kunuunsa hambaaleefi kenna tajaajila irratti qulqullinaafi gahumsaa akka horatan barbaanna,

  • Kunuunsa, eegumsaa fi daawwachisa hambaalee irratti leenjii fi gorsa ogummaa argachuu barbaadu,

  • Hambaaleef quuqamu dhabuu,

  • Faayidaa dhunfaaf jecha hambaalee gurguruufi dabarsuu,

  • Dhaabbilee Gurguurtaa Meeshaalee Aadaa Ogummaa Harkaa

  • Meeshaan ogummaa harkaa aadaa uummata calaqiisuufi sadarkaa eegee tuuristootaa harkisuu danda’u gabaaf dhiheessuu,

  • Daldala hambaarratti akka hingalee barbanna,

  • Hojii isaanii irratti leenjii fi deeggarsa ogummaa gahaa ta’eefi heyyama ogummaa barbaadu,

  • Meeshaa aadaa ogummaa harkaa haala aadaa uummataa hincalaqqiifnneen oomishuu,

  • Adeemsa mallattoo aadaa uummataa tursiisuuf (preserve) godhamu irratti faallaa ta’u,

  • Beekumsa barmaatilee xabboo (indigineous knowledge) dadhabsiisuu,

Yüklə 0,97 Mb.

Dostları ilə paylaş:
1   2   3   4   5   6   7   8   9   ...   13




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin