|
Gabate: Xiinxala Haala Alaa (
|
səhifə | 6/13 | tarix | 09.01.2019 | ölçüsü | 0,97 Mb. | | #94561 |
|
-
Gabate: Xiinxala Haala Alaa (External Environmental Analysis) (Opportunities and Threats)
Qabxiilee Xiinxalaa
|
Caarraa (Opportunities)
|
Sodaa (Threats)
|
I. Haalaa Siyaasaa/Seeraa
|
|
| -
Heeraafi seerri biyyattii aadaafi mirga sabaafi sablamootaa kan kabajisiisee ta'u;
-
Yeroo ammaa seektari aadaaf turizmii xiyyeeffannaa siyaasaa cimaa argachuun manni maree turizim tiraansforimeeshinii hundaa’u isaa.
-
Mootummaan kutannoo siyaasaa dimokiraasii, misooma ittifufiinsa qabu fi bulchiinsa gaarii mirkaneessuuf qabaachuu isaa
-
Heeraa fi seera, Imaammata, tarsiimoo hojii bulchinsa hojjechiisuu danda’u jiraachuu
-
Imaammata qunnamttii biyyaa alaa fi nageenyi amansiisaan biyyaa keessa jiraachuu isaa
| -
Hojjetootaafi gaggeessitonni iddoo hojiirratti turuu dhabuu /turn over/;
-
Mirga abbumma hojii uumee artii kabajamuu dhabuu/copy right law;
|
II. Diimoogiraafii (Demography)
|
|
| -
Humni nama baratee dabalaa deemuu;
-
Sabaaf-sablammootni adda addaa Godinicha keessa jiraachuun isaanii beekumsaa fi muuxannoo walii dabarsuuf carraa kan uumu ta’uu isaa
| -
Baayyinnii uummataa gar-malee dabaalaa deemuu isaatiif eddoowwan tajaajilaa tuuristiifi dhimmoota hawwatumaa qabaniif daangeeffaman irratti dhibba fidaa deemuu isaa.
|
III. Hawaasuummaa – Aadaa
|
|
| -
Dhimmi kunuunsaa fi eegumsa naannoo sadarkaa aduunyaa, biyyaa fi naannootti xiyyeefannoo argachuu isaa.
-
Karoora guddinaa traansifoormeeshiinii akka biyyaa fi naannootti qophaaé galmaan gahuuf humni nama barate misoomaaf deggersa kennu danda’uu baayyinaan yunivarsiitootaa fi Kolleejjota irraa eebbifaman jiraachuu.
-
Manneen barnootaa sadarka sadarkaan argamuun isaanii gumiilee aadaafi tuurizimii ijaaruufi jajjabeessuuf carraa gaarii uumeera;
-
Qabeenyaa aadaafi tuurizimii guddisuu, misoomsuufi dhalootaaf dabarsuuf fedhiin hirmanna ummataa guddaa ta'uu;
-
Ummatnni aadaa simannaa gaarii qabufi aadaan xabbo /original/ dhiibbaa tuuristiitiin kan hinmidhamin jiraachu;
-
Dhaabbileen tajaajila tuuristii irratti boba'an dabaalaafi hammayaa deemuu;
-
Tajaajilamtonni dhaabbilee aadaafi tuurizimiifi tuuristonni dabala dhufuu;
| -
Aadaan uummanni eegumsaa fi kunuunsa naannoo irraatti qabuu gadi aanaa ta’uu isaa
-
Dadabarsaafi gurgurtaan hambaa seeraan ala jirachuun qabeenyi aadaafi tuurizimii badiif saaxilamuu;
-
Dhaabbileen tajaajila leenjii ogummaa aadaafi tuurizimii ga'umsaan jiraachuu dhabamuu;
-
Maanguddoota seenaafi aadaa beekan irraa ragaa osoo walitti hinqabin hafuu irraa kan ka'e darbaa jiru;
-
Dhaabileen daawachiistootaa Godina keessatti jiraachuu dhabuu;
|
IV. Haala Diinagdee (Economic Condition)
|
|
| -
Bakkeewwaan ga'uumsa tuuristii qabnu beekamaa dhufuu;
| -
Bu'aan qorannoo yeroon misomaatti jijjiramu dhabu;
-
Bu'urri misooma iddoo ga'umsa tuuristii hundatti baballachuu dhabuu;
|
V. Haalaa Teknooloojii (Technological Condition)
|
|
| -
Carraan itti fayyadama miidiyaafi teeknoloojii hammaya babalaacha dhufuu;
| -
Teekinooloojii haaraa fudhatee hojirra oolchuurratti rincicini jiraachuu
|
-
Xiinxala Cimina, Dadhabbina, Carraa Gaarii fi Sodaa (SWOT Matrix)
Gabatee: Xiinxalaa Ciminaa, Dadhabbina, Caraa Gaarii fi Sodaa (SWOT) Karaa Ittiin Adeemsifamu fi Madda Ragaa
Kallattii Madaallii
|
Cimina
|
Dhadhabina
|
Carraa
|
Sodaa
|
Maamiltoota/Ummata
| -
Seenafi afaan qoratamee BATOf darbuu ;
-
Qabeenya tuurizimii beeksisuun investimantiin dabaluu, sochiifi galiin tuurizimiirraa argamu dabaluu;
-
Uummanni kabajaa ayyaanna adda aaddarratti hirmaachisuu;
-
Aadaafi tuuriizimii irratti barkumeen walqabatee fuula gaarii biyyatti calaqiisuu irratti hojiin gaariin hojjatamuu
-
Gummiiwwaan dagaagina aadaafi afaan Oromoo irratti hirmaannaan dargaggoota guddachuu .
-
Hawaassa waldaa tuurizimii gurmeessuun fayyadamaa taasisuuf jalqabbiin jiraachuu
| -
Deeggarsii ogummaa mammilaaf kennamu haalaan dadhabaa ta’uu,
-
Arkaayivii walitti gurmeessu dadhabuu,
-
Fedhii ummataa yeroon deebissu dhabu;
-
Hanqina tajaajila mana kitaabafi godambaa akkasumas manca'ina hambaa jiraachuu;
-
Sirni ragaa walitti qabuufi odeefannoo raabsuu dadhabaa ta’uu,
-
Tuuristoota alaa ilaalchisee ragaafi odeeffannoon jiraachuu dhabuu,
-
Qabeenya aadaafi tuurizimii irraatti uummata hirmaachisuun fayyadama taasisuun xiqaa ta’uu;
-
Uumatnii beekumsa aadaa xabboo (indigenous) irraa bal’innaan fayyadamaa taasisuu dhabuu;
-
Qorannoon afaaniifi seenaa Oromoo irratti gaggeefame uummata bira ga’uun laafaa ta’uu;
-
Hawaasaafi qooda fudhattoota gurmeessuun misooma aadaafi tuuriazimii irratti bobbaasuun laafaa ta’uu,.
-
Ergamaafi, mul’atni yaa jiraatu malee qaama hoggansaafi hojjatootaan hojii irraa olchuu irratti hir’inni jiraachuu,
-
Sirni keessuumessa komii maamiltootaatiif deebii hatattamaa kennu laafaa ta'uu
-
Karoorri hawaasaa fi qooda fudhattoota qixa barbaadameen hirmaachisuu dhabuu
-
Uwwisni kennaa tajaajilaa fedhii hawaasaa guutu jiraachuu dhabuu isaa
-
Kenni tajaajila siiviil sarvisii sadarkaa barbaadamuun itti quufinsa hawaasaa mirkaneessuu dhabuu
-
Waliitti dhufeenya dhimmamtoota waliin jiru hanqinna qabaachuu;
| -
Qabeenyii aadaafi tuurizimii uumamaafi nam-tolchee bal'inaan jiraachuu;
-
Carraan midiyaa addaa addaatti fayyadamuu ball'inaan jiraachuu;
-
Lakkoofsii daawwataa dabalaa dhufuu.
-
Gumilee aadaa manneen barnootaa keessatti ballisuuf carraan guddaan jiraachuu;
-
Qabeenya aadaafi tuurizimii kunuunsuuf quuqamni ummataa jiraachuu;
-
Simannaa gaarrifi aadaan xabboo uummataa jiraachuu;
-
Bulchinsi gariifi nageenyi jiraachuu;
-
Akka biyyoolessatti imaammatni aadaafi tuurizimii mijaa'aa ta’e jiraachuu;
-
Walqixxummaa aadaa ummataa mirkanaa’uu isaa;
-
Walittidhufeenyi diplomaasii guddachaa dhufuu;
-
Dhaabbileen tajaajila tuuristii guddachaa dhufuu;
-
Sektarichii madda galii ta'uudhaan hiyyumma hirr'isuu irratti carraa guddaa kan qabu ta’uu isaa,
-
Kutannoon siyaasaa dimokiraasii, misooma ittifufiinsa qabu fi bulchiinsa gaarii mirkaneessu jiraachuu isaa
-
Mootummaan ummataan filatame jirachuu isaa
-
Imaammata qunnamttii biyyaa alaafi nageenyi amansiisaan biyyaa keessa jiraachuu isaa
-
Haawaasni misooma irratti hirmaachuuf fedhii guddaa qabachuu isaa.
-
Hirmaannaanfi deeggarsi arjoomtootaa/Mitii Mootummaa fi qooda fudhattootaa gudachaa dhufuu
| -
Walitti bu’iinsa ummata daangaa naannoolee ollaa wajjin uumamuu
-
Baayyinnii uummataa gar-malee dabaalaa deemuun qabeenya uumamaa irratti dhiibba kan fidu ta’uu isaa.
-
Eegumsaa fi kunuunsa naannoo irraatti hanqinnii jiraachuu
-
Qaalaa’insa jireenyaa olka’uu fi tasgabbiin gabaa jiraachuu dhabuu
-
Iddoowwan qabeenya gugurdaa qabanitti hanqinni misooma bu’uura jiraachuu isaa,
-
Bu’aalee qorannoo akka barbaadamutti misoomatti jjijjirsiisuuf qooda fudhatoota hirmaachisuun hojii cimaafi rakkisaa ta’uu isaa;
-
Bakkeewwan gahumsa tuuristii qubannaa seeraa alaan kan jeeqaman ta’uu;
-
Manca'inni qabeenya aadaafi tuurizimii dabalaa dhufuu isaa,
-
Manca’insasa hambaalee socho’aniif hinsochoone
|
Faaynaansii
| -
Caasaaleen sadarkaan jiran hedduu keessatti baajataa xiqqaan hojiin jajjabeessaa ta’e hojjatamuu;
| -
Itti fayyadamniifi qoodinsa baajataa irratti hanqinnii jiraachuu;
-
Karooraan hogganamuu dhabuu irraa kan ka’e baajataafi yeroon raawwii hojii qisaasamuu;
-
Riifoormiin to’annoo faayinaansi itti fufiinsaan hojiirra ooluu fi xiyyeeffannoo dhabuu isaa
-
Baasii fi bu’aan raawwii hojii walsimuu dhabuu
-
Baajata ga’a ta’e ramachiisuu irratti hanqinni rawwachisummaa jiraachuu
-
Qabeenya aadaafi tuurizimii Godinichaa irratti hojjechuun galii maddisiisuu dhabu
-
Caasaalee seekterichaa sadarkaan jiran hedduu keessatti hir’inni waajjiraa, meeshaa fi konkoolaataa jiraachuu
-
Qabiinsa, itti fayyadamni, fi bulchiinsa meeshaalee dadhabaa ta’uu.
-
Hir’inni meeshaalee wal-quunamtii godinaa fi aanaa irratti bal’inaan jiraachuu.
| -
Faasiliitiwwan kan akka Waajjiraa, Meeshaa waajjiraa fi Sadarkaa Godinaatti fooya’aa taúu isaa
-
Qabeenyi aadaafi uumamaa misoomaaf ooluu danda’u bal’inaan Godinicha keessa jiraachuun madda galii uumuu irratti carra gudda kan uumu ta’uu isaa,
-
Jalqabbiiwwaan investimantii carraa hojii uumuu danda’an guddachaa dhufuu isaa,
-
Karoorrii guddinaa fi tiraanisfoormeeshinii akka biyyaatti jiraachuun isaa misooma ariifachiisaa fi itti fufiinsa qabu mirkaneessuuf carraa kan uumu ta’uu isaa
-
Dhimmi kunuunsaa fi eegumsa naannoo sadarkaa hundaatti xiyyeefannoo argachuu isaa
| -
Baajataa gahaa argachuun karoora fiixaan baasuu irrati hir’innii jiraachuu ni danda’a
-
Meeshaafi eddo hojii mijeessuu hanqinni baajataa uumamuu danda’u
-
Ol’kaa’insi gatii meeshaa dabalaa dhufuu.
|
Adeemsa Keessaa
| -
Qorannoon seenanafi afaan Oromo akkasumas hawwattoota irratti gaggeefame kan nama jajjabeessu ta’uu
-
Hawattoota tuurizimii qorachuun carraa misoomaa addaan baasuun misoomaaf karaa saaquu irratti sochiin jiraachuu,
-
Qabeenya tuurizimii maxansaaleefi miidiyaa adda addan beeksisuu irratti jalqabbiin gaariin jiraachuu;
-
Sagantaan ayyaanota aadaafi tuurizimii bara baraan ho'innaan kabajuun aadaafi tuurizmii babal’suu irratti kan nama jajjabeessu ta’uu;
-
Hambaalee aadaafi seenaa kunuunsuufi iddoowwan seenaa qabeessa ta’anitti ijaarsa gaggeessun gudinna seekterichaaf jalqabbii gaarii ta’uu,;
-
Artiifi muuziqaa Oromoo uummataa keessatti babalisuu irrratti sochiin hanga tokko taasifamuu isaa;
-
Caasaa diriisuudhaan humna nama guutachuu irratti jijjiiramni guddan kan argame ta’uu isaa;
-
Walta'insaan, naamuusaafi kaka’umsaan hojechuun caasaalee seektarichaa keessatti kan argame ta’uu,
-
Ka’umsi JBAH qorachuun hojii irra oolchuuf jalqabbiin gaarii jiraachuu
-
Karoora tarsiimoo misooma waggaa shanii fi karoorri waggaa (work plan) jiraachuu
-
Ergamni fi mul’atni hojjachiisuu danda’u caasaa BATO sadarkaa hundatti jirachuu isaa
| -
Deeggarsa ogummaa maamilaaf kennuu irratti hojimaata barbaachisu hojii irra oolchuun dadhabaa ta’uu;
-
Qorannoo qabeenya tuurizmii misoomatti jijjiiramu itti fufiinsaan gaggeessuu irratti hanqinnii guddaan jiraachuu
-
Arkaayivii addaan baasu, filuufi gurmeessun jiraachuu dhabuu
-
Qorannoon aadaa kiliyyafi artii irratti geggeefamu haalaan laafaa ta’uu;
-
Hambaalee sosocho’an walitti qabuun kunuusuufi faayidaa dinagdeef oolchuun dadhabaa ta’uu;
-
Horodoffii fi deeggarsi hoggansaa sadarkaa adda addaatii kennaamu laafaa ta’uu.
-
Gaggeessaan sadarkaa sadarkaan argamuu mul’áta irratti hunda’ée haala karooraatiin hojii qindeessuu irratti laafaa ta’uu.
-
JBAHn qoratamee akka hojii irra oolu jalqabbiin haa jiraatu malee itti fufiinsaan hordoofuu dhabuufi rakkoowwaan jiran addaan baasuun tarkaanfii foyya’insaa fudhachuu dhabuu,
-
Gurmaa'insafi qabiinsa godambaa, manneen kitaabafi masaraalee hanqinna guddaa qabaachuu isaa
-
Hojii promoshinni sadarkaa isaa eeggateefi hamayyaa gaggeessu dadhabuu,;
-
Hojii promoshinni irratti qooda fudhatoota hirmaachisuun laafaa ta’uu;
-
Beekumsa aadaa /indegeous knowledge kabajsiisufi misoomaaf oolchuun dadhabaa ta’uu;
-
Qunnamtiifi waljijjiiraan odeeffannoo caasaalee BATO jiddu jiru haalaan laafaa ta’uu;
-
Karooraan hogganamuu dhabuu;
-
Ragaa bu’aa hojii gurmeessuufi kurfeessu dhabuu;
-
Hojetoota keessatti eeggatumaan jiraachuu;
-
Humna namaa duguuganii ittifayyadamu irratti dadhabinni jiraachuu,;
-
Imaammataafi tarsiimoon seektara aadaafi tuurizimii sadarkaa naannootti jiraachuu dhabuu
-
Bu’aalee qorannoofi maxxansaalee adda addaa uumata biraan ga’uu irratti hanqinni jiraachuu,
| -
Qabeenyii aadaafi tuurizimii irratti hojjetamuu danda’u bal’innaan jiraachuu;
-
Carraan ittifayyadama miidiyaa baldhachaa dhufuu;
-
Tooftaa ummata hirmaachisu diriirsuuf carraan jiraachuu;;
-
Gurmaa’ina al-waaltaa’aa ta’ee fi aangoon hanga aanatt gadi buusuun humna raawwachiisummaa kan cimsu ta’uu,
-
Labsii fi danbiileen hojjattoota siivil sarvisii jiraachuu isaa.
-
Akka biyyaattifi naannootti heerrii, seerri, imaammataafi, tarsiimoon mootummaa hojii misooma hojjechiisuu danda’u jiraachuu
| -
Dhaabbileen leenjii ogummaa aadaafi tuurizimii ga’haan jiraachuu dhabuu;
-
Maanguddoota ragaa/seenaa gahaa qaban argachuu dadhabuu
-
Bu'uura misoomaa akka baballatuu mijeessuun irra caalaan humnafi aangoo seektarichaa ala ta’uu isaa ;
-
Hoojii misoomaafi piroomooshinii gaggeessuu ilaalchisee dorgommii addunyaa moo'achuun hojii cimaa ta;uu
-
Manca'inni qabeenya aadaafi tuurizimii dabalaa dhufuu isaa,
-
Hojimaata jijjiirra amalaafi ijaarsa fuula gaarii fidu diriisuun hojii cimaa ta’uu isaa
-
Hojimaatni seera hojii uumee kabachiisuu diriiru dhabuu;
-
Manca’insasa hambaalee socho’aniif hinsochoone
|
Ijaarsa Dandeettii/Barumsafi Guddina/
| -
Caaseffama hojjechiisuu danda’u sadarkaa Godinaafi Aanaatti jalqabiin gaariin jirrachuu
-
Humni namaa ogummaafi dandeettii qabu guutuu ta’uu yoo baatellee fooyya’aa dhufuu
| -
Rakkoo ilaalchaafi hanqina dandeettii jiraachuu
-
Muuxannoowwan gaggaarii caasaalee Godinaa sadarkaan jiran jidduutti babal’isuu dhabuu
-
Sadarkaa aanaatti humni namaa oggummaafi beekumsa qabu qixa barbaadameen gutamuu dhabuu
-
Hojii beekumsa ogummaa gaafatu iraatti hanqinni humna namaa jiraachuu
-
Aadaan hojiifi ilaalchi tajaajiltummaa uummataa rawwaattoota biratti sadarkaa barbaadamutti jiraachuu dhabuu isaa.
-
Haalli hojii mijaawaa ta’ee sadarkaa hundatti keessatuu godinaafi aanaatti baayyee xiqaa ta’uu,
-
Misooma humna nama irratti carraan leenjii biyya keessaa laafaa yoo ta’u kan biyya alaa kan hin jirre ta’uu.
-
Sirni madaalliifi badhaasa raawwii hojii jiraachuu dhabuu.
-
Ogeessota ogummaafi dandeettii qabaan hojiirra tursiisuu dadhabuu
| -
Humni nama baratee akka biyyaatti dabalaa deemu;
-
Mootummaan teeknoolojii ammayaa babali’suuf xiyyeeffannaan kennaa jiru ol’aanaa ta’uu isaa
-
Meeshaalee quunamtii kan akka bilbila, faaksii, interneetii kkf Godina irratti fooyya’aa ta’uu isaa
-
Barumsaafi leenjiin oggansaa (leadership) cimsu qaama oggansaatiif bal’inaan kennamaa jirachuu isaaa
-
Sochiin dandeettii hojjetoota cimsuu jiraachuu.
-
Haalli mijaawaa naannoo hojii sadarkaa Godinaatti uumuuf jalqabbiin jiraachuu isaa
| -
Leenjii dorgomaa taasisu kennu irratti dadhabuu
-
Fedhiifi dhiyyeessa teeknoolojii humna dandeettii bittaafi fedhii hawaasaa jidduu jiru garaagaruummaa qabaachuu,
-
Danddeetti humna namaa cimsuuf baajata gahaa argachuun rakkoo guddaa ta’uu isaa.
-
|
-
Dhimmoota Ijoo Qophii Tarsimootiif Ka’umsa Ta’an (Pains and Enablers)
Dhimmoota Ijoo Dadhabbinaa fi Sodaa Irraa Maddan fi Tarkaanfii Fudhatamuu Qaban (Pains)
Dhimmoonni Gufuu Ta’an (Pains)
|
Tarkaniifwaan Fudhatamu Qabaan
| -
Hojiin to’annoo, hordoffiifi deggersa ogumma dhaabbilee aadaafi tuurizimiif kennamu laafaa ta’u.
| -
Sirna to’annoofi hordoffii hojjachiisaa ta’e dirirssuudhaan qunnamtii cimsuu.
-
Qajeelfamootaafi dambilee hojiiwwaanni qophaa'anii ergaman hojiirra oolchuu.
-
Dhabbilee tajaajila aadaafi tuurizimii kennannu akakkuu tajaajila isaanitiin addaan baasuun galmeessuufi sadarkaa kennu.
-
Fedhii leenjii barbaachiisaan qoranoon addaan baasuun leenjiifi deeggersa ooguma kallatti hojiitiin kennu.
-
JBAHn caasaa seektarichaa hunda keessatti hojiirra akka oolu gochuu.
-
Hordoffiifi deeggarsi hogansaa sadarkaa adda addaatti kennamu cimaa ta’uu qaba
| -
Wal-jijjirraa qunnamtti odeeffannofi muuxannoo gaggarii caasaalee seektarichaa gidduutti jiru ga’aa ta’uu dhabuu.
| -
Sirna wal-jijjirra odeefannoo hammayya ta’e dirirssu.
-
Waltajjii adda addaa qopheessuudhaan muxannoofi odeeffannoo gaggarii wal-jijirruu.
-
Sadarkaalee adda aadda keessatti iftominni akka jiratuu gochuu
-
Wal-qunnamtii hojii keessatti walta’iinsaafi iftominnaan hojjechuu irratti xiyyeeffannoo kennuu.
| -
Hojiin piroomoshinnii qabeenya aadaafi tuurizimii gahumsa, qulqullinnaafi istaandardii kan hin guunne ta’u
| -
Meeshaalee teeknoolojii ammayyaa guutachuufi ittiin fayyadamu.
-
Dandeetti ogummaa horachuufi humna namaa guutachuu.
-
Sirna tamsaasaa odeeffannoo gahumsa qabu hanga sadarkaa addunyaatti guddissu.
-
Abbuura madda galii adda addaa qopheessuudhaan hojii promoshinii babalisuu.
-
Maamiltootaafi dhimamtoota hojii promoshinii qabeenya aadaafi tuurizimii irratti bal’inaan akka hirmataan waltajji qopheessuu, hubanno umuufi qindominaan hojjechuu.
-
Iddoowwaan ijoo tahan irratti tamsaasa wiirtuu odeeffannoo hundeessuu.
| -
Bu’aaleen qorannoo ummata bira gahee misoomatti jijjiramuufi qorannoon aadaa haala qabatama jireenya ummataa ammaa /live culture/ irratti geggeeffaman laafaa ta’uu.
| -
Bu’aalee qoranoo qabeenya aadaafi tuurizimii irratti geggeefamaan hundaaf proofayilli qopheessuun maxxansaalee fi meeshaale elekitrooniksii adda addaatiin uumamata bira akka ga’u gochuu.
-
Qorannoo qabeenya aadaafi tuurizimii misoomatti jjjiramuu itti fufiinsaan geggeessuu,
-
Mootumaa, miti mootummaa, abbootii qabeenyaafi qaamoota dhimmi ilaalu hundi hojii misoomarratti akka hirmaataan gochuufi hordoffii godhuu.
-
Ummatnis hojii misooma irratti miira abbummaa horatee akka hirmatuu waltajjii adda aadda geggeessuudhaan hubannoo isaanii guddissuu
-
Ogeeyyoota qorannoo humna guutuun hojii keessaa galchuufi ummataa biraa galanii qindominaan akka hojjetaan taasisuu.
-
Ummatni fedhii guutuu ta’een akka hirmatuufi waltajjii argamee hundatti fayyadamuudhaan hubannoo isaa guddissuu.
-
Dhaabbilee barnootaa ol’aanaafi qoratootaa dhunfaa hojii qorannoo kanarraatti balinaan akka hirmataan jajjabeessuufi deeggersa adda aadda kennu.
-
Hojimaataa qorannoo hirmachiisaafi fedhii uummataa bu’uuraffate diriirsu.
-
Ummatni bekumsa aadaa xabboo (indigenous)fi artii irraa bal’innaan fayyadamaa tasiisuu,
| -
Hojii kunnunsafi misooma qabeenya aadaafi tuurizimii irratti maamiltootaafi qooda fudhattootaa hirmaachiisuun waliitti dhufenyaafi qindoominaan hojjechuun laafaa ta’uu.
| -
Uummanni Godinichaa abbuumadhaan kunnuunsaafi misooma irratti akka hirmatuu, akkasumas fayyadama taasisuudhaaf hubannoo uumuufi ciminaan hojjechuu.
-
Maamiltotafi dhimamtoota hojii kunnuunsaafi misooma qabeenya aadaafi tuurizimii irratti bal’inaan akka hirmataan waltajji qopheessuu, hubanno umuufi qindominaan hojjechuu.
-
Abbuura madda galii adda addaa qopheessuudhaan galii guddissanii hojii kunuunsaafi misooma guddissu.
-
Eegumsa kunuunsaa naannoorraati karaa mootummaas xiyyeeffannoon akka kennamuuf ciminaan hojjechuu.
-
Tajaajila tuuristii iddowwan ga’umsa tuuristiitti akka babal’atan gochuu
-
Hambalee socho’aan waltiqabun kunuunsuufi fayyadaa dinagdeetiif akka ooluu taasiisuu.
| -
Hanqinni baajataa, ittifayyadama baajataafi iftoominaa qoodinsaa hojii karooraan walsimee gaggeeffamu irraatti dadhabini jirachuu.
| -
Karoora hawaasa fi qooda fudhattoota qixa barbaadameen hirmaachisee qopheessuu,fi hojiirra olmaasaa hordofuu.
-
Gabaasa rawwii hojii gahomsaafiqulqullina qabu sagantaa eeguun dhiyeeesuu.
-
Mootummaan seektarichaaf xiyyeeffannoo guddaa akka kennuufi baajataa gaha ta’e hojiif akka ramaduu taasisuuf ciminaan hojjechuu..
-
Madda galii adda addaa sakata’uudhaan ittifayyadamu/revolving fund/ akka danda’amu taassisu.
-
Itti fayyadamni baajataa haala seera qabeessaafi bu’aa raawwii guddisuun hojiirraa oolchuu.
-
Bittaa, qoodinsaafi ittifayyadamni meeshaalee kallatti hojii irratti xiyyeefate qofan akka raawwatamuu gochu.
| -
Ragaalee bu’uuraa waltiqabu, arkaayivii gurmeessuu, qindeessuu, dokumantii gochuufi kennaa odeeffanno irraatti hanqinni bal’inaan jirachuu.
| -
Hojiileen hojetamaniifi sochiin tasifamu hundi akka galamaa’e qindominaaniifi gurma’ina qabuun ka’amu qabu
-
Sirna odeeffannoo hammayyatiin qabinsaafi wal-jijjirraan ragaalee caasaaleefi kutaalee Seektarichaa gidduutti akka cimuu hubanoo oogansaafi rawwatootaa guddisuu.
-
Qaama ragaaleefi odeeffannoo barbaadaniif haala salpha ta’een argachuu akka danda’aan qabinsa ragaalee cimsuu.
-
Sirna qabinsa dokumenteshiniifi ragaalee hammayya diriirsu, humna ogeeyyii guutachuufi hojii irraa oolchuu.
-
Arkayivii addaan baasuu, filufi gurmeessuurraatii hojii isaa fooyyeessuu.
| -
Humna namaa jiru qindeessuun bu’a qabeessa taasisuufi hojiirra tursiisuu dadhabuu.
| -
Dandeetti hoggansaafi rawwatootaaf leenjii adda addaafi barnoota hojii irratti xiyyeeffatee kennuudhaan cimsu.
-
Hojiiwwan Waajjiraa ilaalchisee karoorsuu irraa jalqabee hanga raawwii fi gamaaggamaatti bal’inaan hirmaachisuu.
-
Sirna rawwii hojiifi bu’aa qofaan madaalamuu hojiirraa oolchuu.
-
Mirgaafi faayidaalee adda addaa kan hojetoota yeroodhaan hojiirraa oolchuu.
-
Sirna gamaaggamaa,hordoffiifi to’annoo bu’a argamsiisaa ta’e diriirsuu, hojiirra olmaasaa mirkaneessuu
-
Badhaasni,onnachiiftuun,sadarkaan guddinaa,caraan barumsafi leenjii adda addaa dorgomaa taasisu loogiin aala seerafi ulaaga qofaan hogganamuudhaan yeroo irraatti hunda’aamee hojii irra akka oluu ciminaan hojjachuu
-
Hojjattootni hojii keennameef fedhiifi kakka’umsaan akka rawwatanu haala mijeeesuu.
-
Aadaan hojii, kenniinsi tajaajilaafi ilaalchii tajajilummaa uummataa rawwattoota hunda biratti akka foyya’uu gochuu.
-
Humni nama barateefi beekumsa qaban sadarkaa hundatti keessattuu Aanaaleerraatti haala barbaadameen akka guutamu qaama ilaala walta’insaan hojjachuu
| -
Dambilee, qajeelfamoota, imammataafi tarsiimoota dhimma qabeenya aadaafi tuurizimii ba,an hojiirra olchuurraatti hanqinnii jiraachuu.
| -
Ragaalee hojii kanaaf barbaachisuu hunda qaamoota dhimmi ilaaluuf dhiyeessuu.
-
Hojjimaatni seera hojii uumee kabachisu hojiirraa akka ooluu cimuun hojjachuu.
-
Imammataafi tarsiimoota dhimma qabeenya aadaafi tuurizimii sadarkaa naannootti bahee hoji irraaa akka ooluu taasiisuu.
| -
Hambaa, godambaaleefi manneen kitaaba gurmeessuun hanqinnoota keessaa guutanii tajaajila sadarka eegee akka kennan taasisuu irraatti laafaa ta’uu.
| -
Hambaa, godambaaleefi manneen kitaaba haala irraa jiran qorachuun addaan baassuu, tajaajilli isaanni akka fooyya’u gochuu.
-
Rakkinna baajataa fuuruuf madda galii keessa uumuu.
-
Hojii gurmaa’insaa, kunuunsaafi kenninsa tajaajilaa fooyyeessuuf hirmanna qaammoota adda addaa guddisuudhaaf cimanii hojaachuu.
-
Hojimaata gurmaa’insaa, kunuunsaafi kenninsa tajaajilaa qopheessuufi hojii irraa oolmaa isaatiif cimanii hojaachuu.
-
Kallatti hojiidhaan ogeeyyoota barbaachisaan guutachuu, meeshaaleefi fasilitiwwaan barbaachisaan hunda dhiyeessu.
-
qorannoo geggeessuun manca’insaa fi daldala seer-malee hamaalee hawaasa wajjin ittisuu.
| -
Bu’uurri misoomaa bakka gahumsa tuuristii ijoo ta’an irraatti diriire xiqqachuu
| -
Uummatni nannoo sanatti argaman bu’uura misoomaa keessaatti miira abbummaa itti dhaga’amee fedhiifi humna guutuu ta’een hirmaachuu akka dandaa’anu hojii hubannoo cimsan itti fuufinsaan rawwachuu.
-
Hojiiwwan bu’uura misooma ta’aan irratti abbummaan dhaabbatni mootummaas ta’e miti mootummaa waliin ta’uudhaan jalqabaarra kaasse hanga xumuraatti ciminaan hojjechuu..
-
Hojiiwwan misoomafi kunuunsa karoorsuurraa jalqabee hanga xumuraafi gamaaggamaatti hawaasa naannoo sanatti argaman bal’inaan hirmaachisuu.
-
Bu’uura misooma baba’isuu kessaati seektaraan qamoolee dhimmii ilaaluu wajjin cimnaan hojjachuuu.
| -
Manca’inni qabeenya aadaafi tuurizimii/uumamaafi nam-tocchee/ babal’achaa dhufuu.
| -
Hubannoo fi hirmaannaa hawaasaa eegumsaa fi kunuunsa qabeenyaa hawwata
tuurizimiirratti qabu guddisuu
-
Qabeenya hawwata tuurizimii Godinichaa ta’an zoonii tuurizimii ta’anii akka daangefamaniifi misooma tuurizimiitiif akka oolan gochuu.
-
Immamatafi tarsimmoo wal-qabatinsa misooma tuurizimii, qabeenya uumamaafi pirojektoota misooma adda aadda ba'an hojiirra oolchuu.
-
Iddoowwaan hawwata tuurizimii tahanitti naannoo balfaan qaama dhimmi ilaalu waliin ta’uudhaan ittisuufi eegu.
-
Iddoowwaan hawwata tuurizimiitti quubinsi hawwasaa seeraan ala ta’e qaama dhimmi ilaalu waliin ta’uudhaan hir’dhisuu
-
Jijjiramaa qillensa ittisuurraatii qaamaa dhimmii ilaaluu waliin hojjechuu.
-
Hojiilee misooma tuurizimii kan naannoon walsiman kan akka iko-tuurizimiii hawaasa naannoo bu’uureeffate bal’inaan babal’isuu.
| -
Iddowwaan hojii waajjirra, meeshaalee ICT fi loojistikii hojiif barbaachiisanu guutamuufi mijaa’aa ta’uu dhabuu.
| -
Hanqinni meeshaalee hojii, loojastikii fi waajjira godinaalee keesattu kan aanaalee furmaata fooyya’inna akka argatan qaama dhimmi ilaaluu waliin xiyyeeffannoo fi qindoominaan hojjachuu.
-
Meeeshaalee ammayya’aa teeknoolojiiifi ICT sdarkaa hundatti guutachuu.
-
Baajatnii barbaachisu akka ramadamu taasisuufi madda galiiwwaan adda aadda burqisisuu.
-
Qoodinsiifi itti faayyadamnii meeshaalee hojii haala hojii gidduu galeesaa godhateen gaggeessuu.
|
-
Dostları ilə paylaş: |
|
|