Boqonna tokkoffaa seensawaliigalaa



Yüklə 0,57 Mb.
səhifə3/12
tarix25.10.2017
ölçüsü0,57 Mb.
#12981
1   2   3   4   5   6   7   8   9   ...   12

BOQONNAA SADAFFAA

SABABOOTA OL’IYYANNOON AKKA BAAY’ATU TAASISAN
Boqonnaa kun manneen murtii Oromiyaa keessatti baay’inni ol’iyyannoo maal akka fakkaatu istaatiksiin deeggaruun dhiyeessuu fi sababoota ol’iyyannoon akka baay’atu taasisan adda baasuu irratti kan xiyyeeffatuu dha.

3.1 Haala Baay’ina Ol’iyyannoo:

Manneen murtii Oromiyaa keessatti akka waliigalaatti dhimmoonni dhiyaachaa jiran baay’chaa jiraachuufi, akkasumas ol’iyyannoon kan baay’achaa jiru ta’uun ni hubatama. Odeeffannoon namoota irraa af-gaaffiin, bar-gaaffiin sassaabame fi istaatiksiin jirus kanuma kan hubachiisuu dha. Bu’uura kanaan, abbootii seeraa, abbootii alangaa, abukaatota, dubbii fixxoota, ofiseroota seeraa fi ogeessitoota biroo walitti namoota 164 bar-gaaffiin deebii kennan keessaa, namoonni 158 manneen murtii Oromiyaa keessatti ol’iyyannoon baay’achaa jiraachuu ibsaniiru. Kana malee, namoonni marii garee fi af-gaaffii waliin taasifame hundi, akka waliigalaatti manneen murtii Oromiyaa keessatti ol’iyyannoon baay’achaa jiraachuu hubachiisaniiru. Istaatiksii mana murtii waliigala Oromiyaa kan bara 1991 hanga bara 2005 gabaasa Guraandhala bara 2006 yoo ilaalamu bara 1991 galmeewwan 4,521; bara 1995 galmeewwan 10,597; bara 2000 galmeewwan 20,831; bara 2002 galmeewwan 25,416; bara 2003 galmeewwan 28,426; bara 2005 galmeewwan 23,439 kan ilaalaman ta’uu dha.19 Galmeewwan kun harka caalaan isaanii dhimmoota ol’iyyannoon dhiyaatanii dha. Kana malee, gabaasa kana irraa akka hubatamutti, manneen murtii jalattis ol’iyyannoon dabalaa kan deeme ta’uu hubachiisa.


Gama biraan, manneen murtii Oromiyaa keessaa sadarkaa mana murtii kamitti ol’iyyannoon akka baay’atu ilaalchisee namoota bar-gaaffiin deebii kennan namoota 164 keessaa, namoonni 59 ol’iyyannoon kan baay’atu Mana Murtii Waliigala Oromiyaatti yoo jedhan, namoonni 65 ol’iyyannoon mana murtii ol’aanaatti baay’ata jechuun yoo deebisan, namoonni 21 ammoo ol’iyyannoon mana murtii aanaatti baay’ata jechuun ibsaniiru. Namoonni ol’iyyannoon mana murtii waliigala Oromiyaa tti ta’ee mana murtii ol’aanaatti ni baay’ata jedhan, sababoonni isaan ibsan bakka tokkotti yoo cuunfamu:

  1. Ol’iyyannoon mirga waan ta’eef dha.

  2. Qulqullinni hojii abbaa seerummaa waan hanqateef dha.

  3. Dandeettii fi gahumsi abbaa seeraa waan hanqateef dha.

  4. Rakkoon naamusaa, kiraa sassaabdummaa, loogiin waan jiruuf dha.

  5. Manneen murtii dhimmoota xiyyeeffannoo barbaadan kallattii hin taaneen hubachuun murtii seera qabeessa hin taane waan kennaniif dha.

  6. Manneen murtii jalaa heeraa fi seeraan qofa hoogganamanii waan hin murteessineef dha.

  7. Manneen murtii jalaa rakkoo dandeettii ragaa madaaluu qabaachuu.

  8. Manneen murtii dhimmoota dhiyaataniif ragaa bitaa fi mirgaan qulqulleessuu qofa utuu hin taane bakka barbaachisaa ta’etti qaama dhimmi ilaalu irraa qulqulleessee waan hin murteessineef dha.

  9. Manneen murtii adabbii maallaqa fi hidhaa keessaa yoo filatan sababa waan hin ibsineef dha.

  10. Manneen murtii murtiilee tilmaamamoo fi walfakkaatu waan hin kennineef dha.

  11. Manneen murtii dhiibbaa alaatiin murtii jallisaanii waan murteessaniif dha.

  12. Manneen murtii ol’iyyannoo dhagahan manneen murtii jalaa heddu irraa ol’iyyannoo waan simataniif dha.

  13. Manneen murtii jalaa dhimmoota baay’ee irratti murtii waan kennaniif, hanguma kana ol’iyyannoonis baay’ata.

  14. Hawaasni murtii kennamutti itti quufinsa waan dhabuuf dha.

  15. Manneen murtii dhaqqabamummaan waan dabaleef, baasiin dhamaatiin waan xiqqaateef, daandiin waan gabaabbateef, abbaan dhimmaa carraa yaaluuf ol’iyyannoo waan deemuuf dha.

  16. Rakkoo dandeettii hubannoo seeraa abbaa dhimmaa fi abukaatoo waan jiruuf dha.

  17. Abukaatonni galii fi faayidaa ofiif qofa ol’iyyannoo baasus hin baasnes waan barreessaniif dha.

Gama biraan, namoonni ol’iyyannoon mana murtii aanaatti baay’ata jedhan, sababni isaan ibsan, abbootiin dhimmaa murtii kennamu irratti komiin qaban ni baay’ata kan jedhuu dha. Kana jechuun ammoo manneen murtii aanaa dhimmoota baay’ee waan ilaalaniif, murtiilee kennamu irratti komiin ni baay’ata kan jedhuu dha. Kanaafuu, manneen murtii Oromiyaa keessatti sababoonni ol’iyyannoon akka baay’atu taasisan heddu ta’uu hubachiisa.
3.2 Sababoota Mana Murtii Ilaallatan

A. Qulqullina Hojii Abbaa Seerummaa

Qulqullinni hojii abbaa seerummaa dhimmoota heddu kan hammatu yoo ta’u, keessattuu falmii dhiyaate qixa seeraan qulqulleessuun murtii madaalawaa, ifa, haqa fi seeraa qabeessa ta’e kennuu ilaallata. Manneen murtii Oromiyaa qulqullina hojii abbaa seerummaa yoo hin mirkaneessine, garagahiinsa uummataa fiduun amantaa uummataa horachuu hin danda’an. Gama kanaan, ILQSOn bara 2005 keessa qorannoo mata duraa “Madaallii Qulqullina Murtii Manneen Murtii Oromiyaa” gaggeesseen, ‘Qulqullinni Murtii’ tokko kan madaalamu gahumsaa fi naamusa abbootii seeraa, iftoomina seerota adeemsaa, dhaddacha meeshaalee teekinoloojii hammayyaan gaggeessuu, sirna keessummeessaa abbootii dhimmaa fi hawaasaa, sirna hiikaa waldiddaa filannoo, bilisummaa fi itti gaafatamummaa abbaa seerummaa, abbootii seeraa hojii abbaa seerummaa qofa akka hojjetan taasisuu, daangaa yeroo taa’e keessatti murtii kennuu, barreessa murtii ifa ta’e, fi tilmaamamummaa murtii dabaluu ta’uu dha.20 Namoonni af-gaaffii fi bar-gaaffiin deebii kennaniin, qulqullinni kenniinsa tajaajila hojii abbaa seerummaa fi murtii hanqachuun, haqa waan jallisuuf, ol’iyyannoo baay’isuuf sababa guddaa ta’uu dha. Kanaafuu, manneen murtii Oromiyaa qulqullina kenniinsa tajaajila abbaa seerummaa mirkaneessuuf kallattii hundaan dhimmoota kana irratti hojjechuun barbaachisaa dha; yoo kun ta’e itti quufinsa hawaasaa fiduun amantaa uummataa horachuun ol’iyyannoo hirisuu ni danda’a.


Manneen murtii dhimmoota simachuun tajaajila abbaa seerummaa kan kennan, namoota mana murtiitti dhiyaachuun himannaa yookiin iyyannoo fi deebii dhiyeessan irraa dha. Kana waan ta’eef, namoonni dhimmoota isaanii mana murtiitti dhiyeessanii seerummaa gaafatan fi deebii kennan, qulqullina hojii abbaa seerummaa mirkaneessuu keessatti qooda mataa isaanii kan qaban ta’uu dha. Qulqullina hojii abbaa seerummaa mirkaneessuuf gaheen mana murtii ol’aanaa ta’us, qaamileen mana murtiitti dhiyaatanii tajaajila kana barbaadan gaheen isaanii dagatamuu hin qabu.
Dhimma hariiroo hawaasaa ilaalchisee, himanni yookiin iyyannoon mana murtiitti dhiyaatu qajeeltoo seera bu’uuraa fi adeemsaa bu’ureeffatee ulaagaa teekinikaa fi seeraa guutee sababa himannaa fi seerummaa gaafatame haala ifaa fi gabaabaa ta’een ragaa rogummaa qabuun deeggaramee dhiyaachuu qaba.Deebiin dhiyaatus mormiin sadarkaa duraa yoo jiraate kaasuun ijoo ittisaas dhiyeessuun ragaa rogummaa qabuun deeggaramee dhiyaachuu qaba. Dhimma yakkaa ilaalchisee himannaan dhiyaatu, qorannoo yakkaa qorattoota gahumsaa qabaniin taasifame bu’ureeffatee ulaagaa seera deemsa yakkaa guutee kan dhiyaate ta’uu qaba.21 Himatamaan himannaa yakkaa itti dhiyaate hubachuun jecha amantaa fi wakkii isaa haala ifa ta’een waakkatee yookiin amanee yookiin mirga isaa eegee kennuu qaba. Kanaafuu, abbootiin dhimmaa himannaa, deebii, fi jecha amantaa fi waakkii dhiyeessan qixa seerri barbaaduun waan isaan irraa eegamu yoo hin baane, qulqullina murtii irratti dhiibbaa waan hordofsiisuuf, murtiin kennamu hanqina qabaachuun isaa ni amanama. Abbootiin dhimmaa himannaa, deebii, jecha qulqulluu fi ulaagaa seeraa guute dhiyeessuun qulqullina murtii dhugoomsuu keessatti gumaacha isaan irraa eegamu bahuu qabu.
Gama kanaan, namoonni af-gaaffii, bar-gaaffii fi marii gareetiin deebii kennan, abbootiin dhimmaa himannaa ifaa fi qulqulluu deeggarsa seeraa qabu ogeessaan deeggaranii dhiyeessuu irratti hanqinni jiraachuu dha22. Abbootiin dhimmaa haala kanaan himannaa dhiyeessuu dhabuun, falmii afaanii fi ol’iyyannoo irratti waan jalatti hin kaasne yoo dhiyeessan mul’ata. Kana malee, himannaan sobaas kan dhiyaachaa jiru ta’uu dha. Dhimma yakkaa ilaalchisee rakkoo dandeettii fi naamusaa qorattoota dhimma yakkaa, fi adeemsi poolisii fi abbaan alangaa waliin qorannoo yakkaa gaggeessan rakkoo qabaachuu irraa kan ka’e, rakkoon ilaalchaa fi muuxannoo gahaan deeggaramuu dhabuun, manni murtii akka godhe haa godhu jechuun, abbaan alangaa himannaa qulqullina hin qabne dhiyeessaa kan jiru ta’uu dha. Yeroo ammaa qulqullinni qorannoo yakkaa dhabamuu irraa kan ka’e yakki raawwatamuu fi dhiisuun illee gaaffii keessa yoo galu mul’ata.23 Himannaan yakka malaammaltummaa darbee darbee kaka’umsa siyaasaa bureeffachuun dhiyeessuu malee gadi fageenyaan qoratamee kan dhiyaatu miti.24 Kanaafuu, abbootiin dhimmaa himannaa qulqullina qabu mana murtiitti dhiyeessuun murtii haqaa fi seera qabeessa ta’e kennuu keessatti gumaacha isaan irraa eegamu bahuu qabu.
B. Gahumsaa fi Dandeettii

Abbaan seeraa gumii bulchiinsa abbootii seeraatiin filatamee caffeedhaan kan muudamu gahumsa fi dandeettii hojii abbaa seerummaa yoo qabaate qofa dha. Bu’uura heera mootummaa Federaalaa kwt.79 (4) (A) fi heera naannoo Oromiyaa kwt.63 (4, A)tiin abbaan seeraa tokko hojii abbaa seerummaa hojjechuuf dandeettii fi si’oomina cimaa hojichaaf isa barbaachisu qabaachuu akka qabuu dha. Abbaan seeraa tokko dandeettii fi si’oomina cimaa hojii abbaa seerummaatiif barbaachisu yoo dhabe, akka hanqina naamusaatti fudhatamee, murtiin gumii bulchiinsa abbootii seeraa caffeedhaan yoo mirkanaa’ee hojii irraa kan ka’u ta’a. Bu’uura Koodii Naamusa Abbaa Seerummaa Oromiyaatiin, gahumsi duudhaa hojii abbaa seerummaa yoo ta’u, abbaan seeraa hojii abbaa seerummaa hojjechuudhaaf qaamaanis ta’ee yaadaan gahumsa qabaachuu qaba. Kana malee, abbootiin seeraa carraa jirutti fayyadamuun yeroo yeroodhaan dandeettii fi gahumsa isaanii gabbifachuutu irraa eegama.




  1. Rakkoon Gahumsaa fi Dandeettii Jiraachuu Ilaachisee:

Manneen murtii Oromiyaa keessatti abbootiin seeraa rakkoo dandeettii fi gahumsaa hubannoo seeraa qabaachuu, namoonni af-gaaffiin, marii gareen fi bar-gaaffiin deebii kennan hubachiisaniiru. Namoonni bar-gaaffiin deebii kennan baay’inni isaanii, akka waliigalaatti abbootiin seeraa dandeettii hubannoo seeraa ni qabu yoo jedhan; namoonni muraasni ammoo darbee darbee abbootiin seeraa dandeettii hubannoo seeraa hin qaban jechuun ibsaniiru.25
Rakkoo dandeettii dhabuu kana irra kan ka’e abbootiin seeraa dogoggora namni kamiyyuu hin raawwanne kan raawwatan ta’uu dha; dandeettii fi gahumsa dhimma dhiyaateef furuu dhabuun, hojii dandeettiin hojjetamu arguun rakkisaa ta’eera. Namoonni leenjii fudhatan illee ammas rakkoo kan qaban ta’uu dha. Sababa kanaanis murtiin kennamu nama kamiinuu kan qeeqamuu dha. Abbootiin seeraa waa dubbisanii dandeettii gabbifachuun seericha haala sirrii ta’een hiikuu fi namoota muuxannoo qaban irraa barachuutti rakkoo kan qaban ta’uu dha. Haalli biyya kana keessa jiru dhiibbaa fidaa jiru ilaalchisee, yeroo ammaa hojjetanii argachuu utuu hin taane wanti baay’een karaa qaxxaamuraan waan argamuuf, LL.M, PHD barachuun bu’aa hin qabu ilaalchi jedhu waan uumameef, namni dandeettii cimsachuu irratti kaka’umsa waan dhabeef, dandeettiin gadi bu’aa dha.
Abbootiin seeraa dandeettii hin qaban yoo jedhamu ammoo nama hunda jechuu utuu hin taane, namaa namatti, sadarkaa mana murtii tokko irraa isa biraatti garaagarummaa kan qabu ta’uu dha. Rakkoon dandeettii bal’inaan kan mul’atu manneen murtii aanaa fi ol’aanaatti yoo ta’u; manneen murtii kun illee hunda utuu hin taane walcaalmaan kan jiru ta’uu dha. Abbootiin seeraa manneen murtii aanaa tokko tokko gama dandeettiin hanga abbaa alangaa kan hin geenye ta’uu dha. Gama hundaan, mana murtii aanaa irraa hanguma ol deemamu murtiin kennamu wayyaa qaba. Manneen murtii jalaa akka mana murtii waliigalaa namni 3 yookiin 5 waliin mari’atee murtii kan kennaa jiru utuu hin taane, hubannoo abbaa seeraa tokko irratti hundaa’ee murtiin waan kennamuuf hanqinni dandeettii ni mul’ata. Gama kanaan, manni murtii waliigalaa fooyyee kan qabu ta’uu dha. Abbootiin seeraa ammoo dandeettii fi gahumsa hojii abbaa seerummaatiif barbaachisu dhabuun, sababa kanaan qulqulinni murtii haalaan waan gadi bu’uuf, murtii haqa fi seera qabeessa ta’e akka hin kennine waan taasisuuf, ol’iyyannoo baay’isuu keessatti shoora guddaa qaba.26
Gama biraan, namoonni muraasni deebii kennaniin, manneen murtii Oromiyaa keessatti rakkoon jiru dandeettii fi gahumsa dhabuu utuu hin taane, rakkoo naamusaa guddaa, beekumsa qaban faayidaa ofiif oochuu, beekaa balleessuu, hojii nuffuutu darbee darbee kan mul’atu ta’uu dha. Rakkoon kun bal’inaan kan mul’atu sadarkaa mana murtii aanaatti ta’uus hubachiisaniiru. Garuu namoonni gaariinis dandeettii gaarii qaban jiraachuu ibsaniiru.


  1. Himannaa fi Deebii, Jecha Kenname Hubachuu Dhabuu:

Manni murtii himanni tokko ulaagaa teekinikaa fi seeraa guutee dhiyaachuu qulqulleessuu qaba. Manni murtii himanni tokko ulaagaa teekinikaa guutee dhiyaachuu gama ofisera seeraatiiin, ulaagaa seeraa guutee dhiyaachuu gama abbaa seeraatiin qulqulleessuu qaba. Manni murtii himannaa tokko haala kanaan ulaagaa seeraan tumame guutee dhiyaachuu ifaa fi qulqulluu ta’uu mirkaneeffachuu qaba. Manni murtii haala kanaan himanni qajeeltoo seeraa guutee yoo hin dhiyaanne, himannaa ilaalchisee bu’uura seeraatiin tarkaanfii barbaachisaa fudhachuu qaba. Manni murtii haala kanaan jalqabaa kaasee xiyyeeffannoon yoo qulqulleessee itti deeme yeroo, maallaqa fi humna mana murtiis ta’ee walfalmitoota qisaasama irraa ni qusata. Manni murtii himannaa ulaagaa seeraa guute yoo hin simanne, murtii haqa fi seera qabeessa ta’e kennuu irratti dhiibbaa kan uumuu dha. Gama biraan, manni murtii deebiin dhiyaate tokko ulaagaa seera guutee dhiyaachuu mirkaneeffachuuf dirqama qaba. Deebiin dhiyaate tokko mormii sadarkaan duraa yoo jiraate, ijoo ittisaa haala ifaa fi gabaabaa ta’een dhiyeessuu qaba.27
Manni murtii dhimma yakkaa ilaalchisee himanni dhiyaate tokko qorannoo yakkaa qulqullina qabu qorattoota gahumsa qabaniin taasifame bu’ureeffatee akkaataa seera deemsa falmii yakkaa fi seera rogummaa qabu hordofe, ulaagaa barbaachisu guutee dhiyaachuu mirkaneeffachuu qaba.28 Himatamaanis himannaa yakkaa kana ilaalchisee jecha amantaa fi waakkii itti dhiyaate haala ifa ta’een amanuu, haaluu yookiin mirga isaa eeggatee jecha isaa kennuu qaba. Manni murtii jecha amantaa fi waakkii kana haala sirrii fi gahaa ta’een galmeessuu qaba. Abbootiin seeraa dhimma yakkaa irratti jecha amantaa foormiin fuudhu, qubee sirrii hin taaneen barreessan hin dubbifamu.29
Gama kanaan, namoonni af-gaaffiin, marii gareen fi bar-gaaffiin deebii kennan, abbootiin seeraa himanni dhiyaate ulaagaa teekinikaa fi seeraa guutuu qulqulleessanii hubachuu, jalqaba maaltu gaafatame, deebii maaltu kenname kan jedhu, seerummaa gaafatame ifa taasisuun dhugaa baasuu irratti hanqina dandeettii fi gahumsaa kan qaban ta’uu dha.30 Hanqinni kun baay’inaan kan mul’atu sadarkaa mana murtii aanaa irrattii dha. Abbootiin seeraa darbee darbee himannaa fi deebii dhiyaate waan hin dubbifneef, falmii afaanii irratti wanta barreeffamaan hin dhiyaanne waan galmeessaniif, himannaa fi deebiin dhiyaate utuu hin fooyya’iin murtii waan kennaniif ol’iyyannoo baay’isa. Abbootiin seeraa himannaa fi deebii dhiyaate waan hin dubbifneef, bu’uura SDFHH lakk.231 fi SDFY tiin tarkaanfii barbaachisaa utuu hin fudhanne hafuutu mul’ata. Abbootiin seeraa himannaa waan hin dubbisneef, sababoonni himannaa (cause of action) walfaallessan dhiyaatan osoo hin fooyyeffatiin murtiin kennama waan ta’eef, abbaan dhimmaa kanan gaafadhe kana miti jechuun ol’iyyannoo yoo deemu hubatama. Manneen murtii akkuma waliigalaatti, gama kanaan dhimmoota dhiyaataniif xiyyeeffannoon hojjechuu irratti rakkoo kan qaban ta’uu dha.


  1. Mormii Sadarkaa Duraa Irratti Jal-murtii Kennuu Dhabuu:

Falmii tokko keessatti ijoo dubbii ilaaluun dura, dhimmoonni mormii sadarkaa duraati jedhaman seeraan tumamee ni jira. Manni murtii himatamaan akkaataa seeraatiin dhimmoota mormii sadarkaa duraati jedhaman yoo kaase, himataan mormii ka’e kana irratti yaada isaa akka kennu taasisuun, ijoo dubbii ilaaluutti utuu hin darbine, ajaja yookiin jal-murtii barbaachisaa ta’e kennuu qaba. Manni murtii himatamaan mormii sadarkaa duraa kaase irratti ajaja yookiin jal-murtii barbaachisaa ta’e utuu hin kennine yoo bira darbe, murtii haqa fi seera qabeessa ta’e akka hin kennine waan taasisuuf, walfalmitoota ol’iyyannoo deemsisuun yeroo, maallaqa fi humna mana murtiis ta’e kan walfalmitootaa ni qisaasa. Manni murtii mormii sadarkaa duraa himatamaan kaasuu qabu ofiif kaka’umsa mataa isaatiin kaasuu hin qabu. Gama biraan, manni murtii himatamaan dhimmoota mormii sadarkaa duraati jedhee dhiyeessu ilaalchisee, akkaataa seeraatiin mormii sadarkaa duraa ta’uu mirkaaffachuu qaba.31
Gama kanaan, namoonni af-gaaffii, bar-gaaffii fi marii gareetiin deebii kennan, manneen murtii keessatti haala kanaan hojjechuu irratti rakkoon kan mul’atu ta’uu dha. Keessattuu, sadarkaa mana murtii aanaatti abbootiin seeraa mormii sadarkaa dura irratti dursanii jal-murtii utuu hin kennine bira darbuun ni mul’ata.32 Manneen murtii aanaa himatamaan mormii sadarkaa duraa kaase irratti himataan yoo barbaade falmii akka dhiyeeffatu carraa kennuu dhabuun ni jira. Gama biraan, manneen murtii aanaa mormii sadarkaa duraa himatamaan kaasuu qabu, fakkeenyaaf kan akka darbiinsa yeroo, dhimma kana dura murtii argate jedhu, abbaan dhimmaa utuu hin kaasne kaka’umsa mataa isaatiin kaasuutu mul’ata.33 Abbootii seeraa mana murtii aanaa dhimmoota akka mormii sadarkaa duraatti SDFY kwt.130 jalatti hin kufne fudhachuun himannaa kufaa taasisuun ni mul’ata; fakkeenyaaf, himannaan yakkaa bu’aa bosonaan walqabate yammuu dhiyaatu, himatamaan ani gargaaraadha malee konkolaachisaa miti waan jedheef qofa, abbaan alangaa ragaadhaan naaf haa qulqullaa’u utuu jedhuu, M/Murtii bu’uura SDFY kwt.130tiin himatamaa bilisa gaggeessuutu jira.34 Kanaafuu, manneen murtii mormii sadarkaa duraa ka’e hunda dura qulqulleessanii ajaja kennuu dhabuun, mormii sadarkaa duraa ka’e irratti gareen biraa falmii akka dhiyeeffatu carraa dhorkuun, mormii sadarkaa duraa abbaan dhimmaa kaasuu qabu ofiif kaasuun, dhimmoota mormii sadarkaa duraa jalatti hin kufne kaasuun ajaja kennuun rakkina mul’atan waan ta’eef, kun ammoo ol’iyyannoo baay’isuu keessatti shoora qaba.



  1. Dhagaha Falmii Hoogganuu Dhabuu:

Manni murtii falmiin barreeffamaa erga xumuree ijoo firii dubbii ta’ee seeraa irratti ofiif walfalmitoota gaafachuun dhagahuun qulqulleessuu qaba. Manni murtii ofiif falmii afaanii hoogganuun qabxii bitaa fi mirgi garagarummaa itti uuman irratti walfalmitoota dhagahuu qaba. Manni murtii garuu walfalmitoonni himannaa fi deebii barreeffamaan dhiyeessan akkuma jirutti irra deebi’anii akka galmeessisan yookiin barreeffama irratti waan hin kaasne ijoo biraa yookiin haaraa akka kaasan taasisuu hin qabu. Manni murtii haala kanaan falmii yammuu dhagahu walqixxummaa walfalmitootaa mirkaneessee hojjechuu qaba.
Gama kanaan, abbootiin seeraa walqixxummaan walfalmitoota xiyyeeffannoon, obsaan, falmii xumursiisuun, sodaa fi yaaddoo malee akka dhageessifatan taasisuu irratti hanqinni kan mul’atu ta’uu dha.35 Manneen murtii falmii ofiif hooggananii dhagahuu irratti hanqina kan qabu ta’uu dha.36 Manneen murtii haala kanaan falmii kan hin gaggeessine ta’uun dhibbaa guddaa kan uumu ta’uu dha. Manni murtii walqixxummaa walfalmitootaa mirkaneessuun, walfalmitoota yoo dhagahus falmii ofiif hoogganuun dhabahuu qaba. M/Murtii ofiif itti qophaa’ee falmii bitaa fi mirgaa beekee, qabxii irratti walfalmitoota dhagahuu qabu adda baasee beekee, haala kanaanis walfalmitoota yoo hin dhageenye falmii barreeffamaan hin dhiyaanne galmeessuu fi qabxii qulqullaa’u qabu dagachuuf carraan jiru guddaa ta’uu dha. Kun ammoo murtii seera fi haqa qabeessa ta’e kennuu irratti rakkoo guddaa uuma. Dhimma kun ammoo murtii irratti waan calaqqisuuf, ol’iyyannoo baay’isuu keessatti qooda kan qabu ta’uu dha.


  1. Ijoo Firii Dubbii fi Ijoo Seeraa Adda Baasuu Dhabuu:

Manni murtii himannaa fi deebii barreeffamaa hubachuun, falmii afaanii erga dhagahee booda ijoo firii dubbii fi seeraa walfalmitoonni gargar itti ta’an fi furmaata argachuu qabu adda baasee qabuu qaba. Gaaffiin firii dubbii ilaalatu ‘wanti qabatamaa ta’e tokko uumame ykn ni uumama’ kan jedhu qulqulleessuu kan hammatuu; fi firiin dubbii kun ammoo seeraan bu’aa hordofsiisuun adda kan ta’e ta’uu dha. Firii dubbii jechuun jiraachuu fi jiraachuu dhabuu firii dubbii dirqama seeraa uumuuf murteessaa ta’e jechuu dha.37 Seera jechuun heera, labsii, dambii fi qajeelfama qaama aangoo qabuun tumamee dha. Manni murtii tokko ijoon seeraa ilaalamuu qabu yoo argame, ijoo firii dubbii dura ijoo seeraa kana ilaalchisee furmaata barbaachisaa kennuu qaba. Manneen murtii falmii bitaa fi mirgaa haalaan hubachuun ijoo firii dubbii fi seeraa adda baasuu dandeenyaan qulqullina murtii kan dabalu ta’uun beekamaa dha.
Gama kanaan, abbootiin alangaa deebii kennaniin, akka waliigalaatti abbootiin seeraa haala kanaan kan hin hojjenne ta’uu dha.38 Rakkoon kun manneen murtii aanaalee irratti bal’inaan kan mul’atus ta’uu dha. Manneen murtii yeroo tokko tokko himannaa fi falmii afaanii keessatti ijoon qabamu garaagarii dha; ijoo jallaa qabanii falmii geggeessuun mana murtii keessatti ni mul’ata. Abbootiin seeraa himannaa fi deebii dubbisanii ijoo dubbii adda hin baasan, warri dubbisanis ijoo dubbii dursanii qabanii walfalmitoota daangeessuun ijoo dogoggora ta’e qabuun fi ijoon qabamuu qabu ammoo yoo hafu mul’ata. Haala kanaan, firii dubbii fi ijoon seeraa addaan bahuu baannaan falmiin rakkoo keessa gale jechuu dha. Manni murtii qabxii falmisiisaa ta’e irratti ijoo qabuu dhabuutu mul’ata. Manni murtii yeroo tokko tokko ijoo tokko gadi dhiisee ijoo kaan irratti murteessuutu jira. Manneen murtii haala kanaan ijoo firii dubbii fi seeraa adda baasuu dhabuun murtii seeraa fi haqa qabeessa kennuu irratti dhibbaa waan uumuuf ol’iyyannoodhaaf sababa ta’a.39



  1. Firii Dubbii Ragaa Rogummaa Qabuun Gadi-fageenyaan Qulqulleessuu Dhabuu:

Walfalmitoonni ijoon firii dubbii itti gargar bahan ragaa rogummaa qabuun hubachiifamuu qaba. Himataas ta’ee himatamaan falmii dhiyeessan ragaa namaas ta’ee barreeffamaan hubachiisuuf dirqama seeraa qabu. Firiin dubbii ragaa rogummaa qabuun hubachiifamuu qabu seeraan tumamee jira. Manni murtii dhimma dhiyaateef ragaa rogummaa qabuun duguugee qulqulleessuu qaba.
Gama kanaan, namoonni af-gaaffii fi bar-gaaffiin deebii kennan, manneen murtii dhimmoota ragaadhaan qulqulleessuun walqabatee rakkoon kan jiru ta’uu dha. Manneen murtii dhimmoota dhiyaataniif ifaan qulqulleessuu dhabuun ol’iyyannoo kan baay’isu ta’uu dha.40 Manneen murti qabxii falmisiisaa ta’e adda baasuun ragaa rogummaa qabuun qulqulleessuu irratti hanqinni kan mul’atu ta’uu dha.41 Manni murtii ijoo ragaan irratti dhagahamu adda baasuun ragaa rogummaa qabuunis qulqulleessuu kan qabu ta’us, darbee darbee haala kanaan hojjechuu irratti hanqinni kan jiru ta’uu dha.42 Abbootiin seeraa ijoo amaname irratti yammuu ragaa dhagaha’an ni hubatama.43 Manneen murtii ijoo dhuma qabame ragaadhaan qulqulleessuu fi seera rogummaa qabuun murteessuu dhabuun ni jira.44 Manneen murtii haala kanaan qulqulleessanii yoo hin murteessine mirga abbaa dhimmaa kan dhiibu fi amantaa waan dhabsiisuuf, abbaan dhimmaa ol’iyyannoo deemuuf ni dirqama. Abbootiin seeraa ragaa cuunfanii gadi fageenyaan dhagahuun qulqulleessuu dhabuu, jecha ragaa haala gahaa fi ifa ta’een galmeessuu yookiin barreessuu dhabuun ni mul’ata.45 Manneen murtii falmii dhiyaate ragaa bitaa fi mirgaan utuu hin qulqulleessine ragaa qaama biraa irraa kennamu qofaan yammuun murteessan ni jira.46 Abbootiin seeraa jecha ragoota namaa galmeessuuf aangoo kan qaban ta’us, jecha ragoota haala gahaa ta’een galmeessuu dhabuu irraa kan ka’e, darbee darbee kan abbaan alangaa galmeessu waliin gargar yookiin tokko ta’uu dhabuun ni mul’ata.47
Manneen murtii falmii qooda qabiyyee dhirsaa fi niitiin walqabatee, niitiiwwan heddu yoo falmii keessa seenan hubannoo fi dandeettii gadi fageenyaan qulqulleessuu dhabuun ni mul’ata.48 Qabiyyee lafaanis walqabatee sirriitti qulqulleessanii murteessuu dhabuun ni jira.49 Manneen murtii aanaa falmii hojii ilaalchisees sirrii tti ragaadhaan qulqulleessanii murteessuu irratti rakkoo kan qaban ta’uu dha.50 Manneen murtii aanaa qallabaan walqabatee galii fi dandeettii nama qallaba kennuu utuu hin qulqulleessine murteessuu; falmii gaa’ilaan walqabatee xiyyeeffannoon ilaaluu dhabuun dhimma tokko kukutanii yeroo gara sadii murteessuutu mul’ata, kun ol’iyyannoo baay’isa.51 Manni murtii aanaa dhimma dhiyaateef ragaan qulqulleessee galmee sirriitti qoratee kan hin murteessine ta’uu abbaan dhimmaas ni ibsa.52
Hawaasa keessaa darbee darbee ragaan sobaa kan qindaa’ee dhiyaatu yoo ta’u, manni murtii haala kana hubachuun ragaa kana xiyyeeffannoon qulqulleessuu irratti hirina kan qabu ta’uu dha.53 Dhimma yakkaa ilaalchisee keessattuu yakka ajjeechaan walqabatee maatiin miidhamaa qofti ragaa ta’ee dhiyaachuun, ragaan ittisaas sobaan qindaa’ee dhiyaachuun, abbaan alangaas dandeettii adabsiisuu (conviction rate) irratti xiyyeeffachuun ragaa qindeessee dhiyeessuutti yoo deebi’e, madaallii ragaa irratti rakkoo kan uumuu fi haqa kan jallisu ta’ee waan argamuuf, ol’iyyannoo ni baay’isa.54
Walfalmitoonni falmii isaanii ragaa gahaan hubachiisuuf dirqama qabaachuun isaanii akkuma jirutti ta’ee, manni murtii murtii haqa ta’e kennuuf jecha, daangaa seeraa keessatti haala walqixxummaa walfalmitootaa hin tuqneen, ragaa dabalataa rogummaa qabuun dhimma tokko qulqulleessee murteessuuf aangoo qaba. Haa ta’u malee, manni murtii murtii haqa fi seera qabeessa ta’e kennuuf jecha, waajjirra dhimmi ilaalu irraas duguugee qulqulleessuu irratti rakkoo kan qaba ta’uu dha. Manni murtii aanaa fi ol’aanaan wa’ee lafaa ilaalchisee ragaa namaa qofa caqasuun malee, itti dhimmamanii qaama dhimmi ilaalu irraa qulqulleessanii murteessuu irratti rakkoo qabu. Manni murtii dhimma dhiyaateef ragaa barbaachisaa ta’een cuunfanii qulqulleessuu dhabuun ni mul’ata. Manneen murtii jalaa, hanga manni murtii waliigala Oromiyaa, itti dhimmamee, itti yaadda’ee dhimmoota dhiyaateef qulqulleessuuf deemu, waanuma xixiqqoo qulqulleessanii sirreessuu danda’an hin qulqulleessan. Manneen murtii jalaa waajjiraalee adda addaa irraa yammuu qulqulleessanis ragaan dhiyaatu kun kan waldhahuu dha.55

Manneen murtii jalaa ragaan isaan qaama adda addaa irraa gaafatan ragaa ogummaan qaamni sun dhiyeessu ta’uu qaba. Manni murtii waajjiras ta’ee qaamni ragaa dabalataa yookiin ogummaa akka dhiyeessu gaafatu, kan inni dhiyeessee ofiif qulqulleessuu danda’u yoo ta’e, waajjira kana gaafachuun barbaachisaa miti. Manni murtii waajjira dhimmi ilaalu irraa ragaa ogummaa barbaadu hanga hin gaafannetti ragoota namaa dabalataa dhagahuu yoo ta’e ofiif dhiyeessee bitaa fi mirgi bakka jiranitti qulqulleessuu qaba. Haa ta’u malee, manni murtii ragaa ogummaa qabu utuu hin taane, waajjirri lafaa fi eegumsa naannoo ragaa namaa dhagahee gabaasa dhiyeessu bakki itti fuudhu ni jira. Gama kanaan, manni murtii aanaa waa’ee lafaa waajjirri lafaa fi eegumsa naannoo akka qulqulleessu yammuu ajaju akka ofiif barbaadutti ajaja barreessuu malee waajjirri kun dhimmicha qulqulleessee yaada ogummaa isaan deeggaree akka dhiyeessu carraa kan hin kenninee fi daangessu ta’uu dha. Gama biraan, manni murtii qaamni dhimmi ilaalu dhimma tokko qulqulleessee gabaasa ogummaa akka dhiyeessu erga taasisee booda ragaa kana utuu homaa hin jenne bira darbuu hin qabu.Haa ta’u malee, manni murtii yeroo tokko tokko ragaan akka dhiyaatu erga ajajee booda gabaasa dhiyaate irratti utuu homaa hin jenne kan bira darbu ta’uu dha.56


Manni murtii falmii bitaa fi mirgaa ragaa dabalataa rogummaa qabuun qulqulleessuun akkuma jirutti ta’ee, dhugummaa ragaa kanaa ilaalchisee yaada bitaa fi mirgaa fuudhee madaaluu qaba. Manni murtii ragaa qaama biraa irraa dhiyaatu hanga danda’ametti madaaluu qaba malee caljedhee fudhatee murteessuu hin qabu. Manni murtii yeroo ammaa waajjirri lafaa fi eegumsa naannoo ragaa namaa dhagahuun gabaasa dhiyeessu, yaada bitaa fi mirgaa utuu hin madaalle akkuma jirutti fudhachuun kan murteessaa jiru waan ta’eef, aangoo murtii kennuu waajjira kanaaf dabarsee kan kenne ta’uutu ibsama. Waajjirri kun ragaa ogummaa utuu hin taane ragaa namaa qofa dhagahee kan gabaasu waan ta’eef, manni murtii ragoota kana ofiif dhiyeessee dhagahuu qaba. Manneen murtii aanaa fi ol’aanaa ragaa waajjira lafaa fi eegumsa naannoo fi mana qopheessaa irraa dhiyaatu qulqulleessuu irratti rakkoo kan qaban ta’uu dha. Waajjirri lafaa fi eegumsa naannoo xalayaa adda addaa yammuu barreessu, ragaan abbaa qabiyyee nama lamaaf kennamee yammuu dhiyaatu, abbaan seeraa ragaa kana qulqulleessuu irratti rakkoo hubannoo fi dandeettii kan qabu ta’uu dha. Mannni murtii ragaa waajjira mootummaa dhimmi ilaalu irraa dhiyaate, dhiyaachuu isaa malee, yaada abbaa dhimmaa dhagahee qabiyyee ragaa sanaa yookiin xalayaa sanaa hin qulqulleessu.57 Haala malaamaltummaan guutuu biyyattii liqimsee jiru irraa kan ka’e, ragaalee qaama adda addaa irraa dhiyaatu sababa kanaa fi walfayyaduuf jecha sobaan haqa dhoksuun kan dhiyaatu waan ta’eef, abbaan dhimmaa booyaa utuu ragaa kana mormuu manni murtii dhugaa kana qulqulleessuu dadhabuutu mul’ata. Ogeessonni adda addaas mana murtii dhiyaatanii ragaa sobaa faayidaan, firummaan, hiriyummaa irraa kan ka’e yoo kennan, manni murtii kana qulqulleessuu dhabuun badiin miseensonni hawaasaa raawwatan akka galma gahu ta’a, kun ol’iyyannoo baay’isa.58 Manni murtii yeroo tokko tokko gabaasa waajjira biraa irraa dhiyaatu abbaan dhimmaa utuu mormuu dhagahuu dhabee gabaasa kana bu’ureeffatee murtii kan kennu ta’uu dha.59 Kana malee, poolisiin, abbaan alangaa, manni murtii yeroo tokko tokko ragaa mana yaalaa irraa dhiyaate utuu xiyyeeffannoo itti hin kennine himatamaan adabbii hidhaa waggaa 12tiin yeroon adabame ni jira.60 Yakkaan walqabatee waanuma seera irra jiruuf malee ragaan ittisaa jalqabaa kaasee kan itti hin amanamne ta’uu, akka sobaatti kan fudhatamu ta’uu dha.61


  1. Yüklə 0,57 Mb.

    Dostları ilə paylaş:
1   2   3   4   5   6   7   8   9   ...   12




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin