Firii Dubbii Ragaan Hubachiifame Seera Rogummaa Qabuun Walsimsiisuun Murteessuu Dhabuu:
Abbaan seeraa firii dubbii ragaa rogummaa qabuun hubachiifame ilaalchisee seera rogummaa qabuun walsimsiisee murtii kennuu qaba. Abbootiin alangaa deebii kennaniin, abbootiin seeraa darbee darbee haala kanaan murtii kennuu irratti hanqinni kan mul’atu ta’uu dha; innumayyuu abbootiin seeraa tokko tokko seera roga qabeessa hin taane caqasuun haqa kan jallisan ta’uu dha.62 Hanqinni kun dandeetti waliin kan walqabatuu dha. Manneen murtii jalaa dhimmoota dhiyaataniif sirriitti utuu hin qulqulleessine murteessuun jira. Mana murtii keessatti seerummaa gaafatame irratti duguuganii murtii kennuu dhabuun ni jira. Ajajni kennamu qulqulluu ta’uu dhabuu ajaja hin barbaachisne kennuutu jira.63 Dhimma yakkaa ilaalchisee, hanqina qorannoo irraa kaasee uumameen himannis yoo dhiyaatu, manni murtiis ammoo qawaa kana duuchee yoo hin murteessine, qulqullina murtii irratti dhiibbaa waan qabuuf, seeraa fi seera qofaan hojjechuu dhabuutu mul’ata. Manni murtii aanaa dhimmoota xiyyeeffannoon hojjechuu dhabuun baay’inaan ni mul’ata, manni murtii ol’aanaas darbee darbee xiyyeeffannoon hojjechuu irratti rakkoo qaba. Galmee fuulli baay’atu ilaalchisee xiyyeffannoon hojjechuu irratti rakkisaa ta’uunis ibsameera. Manneen murtii ol’aanaa dhimmoota ol’iyyannoon dhiyaataniif darbee darbee xiyyeeffannoo qulqulleessee utuu hin xiinxalle foormiidhaan kan cufan ta’uu dha. Gama biraan, abbootiin seeraa darbee darbee seera deemsa falmii hubatanii murtii yookiin ajaja kennuu irratti hanqinni dandeettii kan calaqqisu ta’uu dha. 64
Dhimma yakkaatiin walqabatee gama abbootiin seeraatiin hanqinni mul’atu rakkoo dandeettii ragaa madaaluu dha.65 Abbootiin seeraa dandeettii wanta tokko madaalanii xiinxalanii murteessuu dhabuun ni mul’ata Manni murtii firiin dubbii ragaan hubachiifamee fi keewwanni jalatti adabbii kennan kan wal simu miti. Qajeelfama adabbii hubatanii adabbii murteessuu irrattis rakkoon kan jiru ta’uu dha.66 Manni murtii ragaa gadi fageenyaan qorachuu dhabuu, ragaa abbaa alangaa fi ragaa ittisaa erga dhagahee booda SDFY kwt.141 fi 149 (2) caqasuun himatamaa bilisa gaggeessuun ni jira.67 Abbootiin seeraa akkaataan jecha ragaa itti fuudhan waan biraa dha, ijoon qabame waan biraa dha, murtiin yoo kennamu ammoo sababa galmee keessa hin jirre caqasuun himatamaa bilisa gaggeessuutu jira.68 Manni murtii sababa gahaa malee keewwata himannaan itti dhiyaate jijjiiree murtii balleessummaa kennuun adabbii yoo gadi buusu ni mul’ata. Akka waliigalaatti, dhimmoonni akka seeraatti hin deeman jedhee abbaan alangaa ol’iyyannoo irratti gaafatu balaa konkolaataa, kontirobaandii, invastimentii, abbaa qabeenyaan dhimma walqabatu, yakka bosonaan walqabatuu dha. Balaa konkolaataa irratti ol’iyyannoon sadarkaa tokkoffaan baay’ata; dhimmoota kana irratti ol’iyyannoon kan baay’atuuf dallaalaan, ammaalaajiin, faayidaan waan hojjetamuuf dha; kana keessatti abbaan seeraa, abukaatoon, abbaan alangaa, poolisiin hirmaannaa qabu, garuu qabatamaa taasisuuf rakkisaa dha. Ofiserri seeraa fi abbaan seeraa waliin ta’anii himanni akka hin banamne, shakkamaan cilee fe’ee akka gadi lakkifamu yoo taasisamu, kiraa sassaabdummaan jiraachuu hubachiisa.69 Balaa tasaa konkolaataan walqabate, manni murtii ol’aanaa akkaataa qajeelfamaan hin murteessu akka dagannoo hin beekamneetti fudhata, dhimmi kun maallaqaan socho’a; manni murtii ibsa ogummaa utuu hin fudhanne yaada mataa isaatiin adabbii ji’a 6 yookiin 8 adaba. Manni murtii aanaa adabbii irratti sadarkaa fi gulantaa yammuu baasu gara shakkamaatti hirkata; ragaa bitaa fi mirgaa qajeelloon madaaluu irratti rakkoon jira, himatamaan ragaa namaa qofa dhiyeessee isumaa utuu of-irraa hin ittisne, ragaan abbaa alangaa kan ogeessaa dabalee itti mirkaneessee utuu jiruu, manni murtii himatamaa bilisa gaggeessa. Falmii keessatti ajajni tokko erga kenname ajaja kana kaasuutu jira.70 Manneen murtii aanaa dhimmoota haalaan yoo hojjetan manneen murtii ol’aanaa garuu akkasitti hojjechuu dhabuu fi bilisa baasuutu jira.71 Abbaan seeraa tokko tokko falmii bitaa fi mirgaa qulqulleessee kan hin murteessine jiraachuu dha. Manni murtii gadi fageenyaan qulqulleessee murteessuuf yaalu, hanqina abbaa seeraa irraa kan ka’e gama kanaan kan hin milkoofne ta’uu dha.72 Haniqnni humna namaas dhimmoota baay’isuu keessatti qooda mataa isaa kan qabu ta’uu dha.73
Dhimmoota xiyyeeffannoo barbaadan jedhamee karoofame, manneen murtii aanaa fi ol’aanaa utuu hin qulqulleessine, hin madaalle murtiin kennamu iyya fidaa jira, haala karoorfameen waan hubatame hin fakkaata. Murtiin kennamu qulqullina hin qabu, sababni isaa murtiitu garagala malee anatu garagalaa sababa jedhuun faayidaa irratti hundaa’ee kennama gadi buusanii murteessuu, cimsanii murteessuutu jira, dhiibbaa addaa jiru irraa kan ka’ee dha (fakeenyaaf dhimma siyaasaa, dubartotaa).74
Manni murtii aanaa yeroo baay’ee qajeelfamaa ala bahuun, lafa uummataa irratti bulchiinsi gandaa fi namni dhuunfaa yoo walfalman, nama dhuunfaadhaaf murteessa; qajeelfama, dambii, labsii gaaraa dhufuun hojjechuu irratti rakkootu jira.75 Abbootii seeraa 3 yookiin 5 murtiin kennamu, kan abbaa seeraa tokkoon ilaalamu irra caalaa gama adda addaan qulqullaa’ee murtaa’aa jira, bilchinni murtii abbootii seeraa tokkoon kennamu rakkoo qaba.76 Manni murtii sababa balaa konkolaataan miidhaa gaheef beenyaa gaafatamu ilaalchisee seeraan walsimsiisanii murtii kennuu irratti hanqina hubannoo kan qaban ta’uu dha.77 Manneen murtii falmii abbaa qabiyyee fi jeequmsa adda baasanii qulqulleessanii seera rogummaa qabuun walsimsiisanii murteessuu irratti hanqinni ni mul’ata.78 Manneen murtii falmii hojii walqabatee waliigalteen hojii seeraa ala cite moo miti? kan jedhu ilaalchisee hanqinni hubannoo seeraa jiraachuu dha.79 Manni murtii ol’aanaa yeroo tokko tokko murtii haqa ta’e kennuu irratti hanqina ni qaba, seerota dhimma sanaan walqabatan ilaalanii murteessuu irratti hanqina qaba, kunis mana murtii aanaatti baay’ata. Murtii mana murtii waliigala Federaalaa Dhaddacha Ijibbaataa fi seerotas sirriitti dubbisanii hojjechuu irratti rakkoo dha.80 Manni murtii ajaja walduraa duuka kennamu dagachuun ni jira, ijoo falmii hin taane qabachuun qulqulleessuun ni jira.81
-
Madda Rakkoo Gahumsaa fi Dandeettii:
Namoonni dhimma kana irratti deebii kennan, akka ilaalcha isaanitti, rakkoo dandeetti abbootii seeraatiif madda ta’uu danda’an kan jedhan sababa caqasanii jiru.
-
Dogoggora qacarrii fi guddina abbaa seeraa waliin walqabatee raawwatamu.82
-
Qajeelfama cabsuun abbaa seeraa gahumsa hin qabne pireezidaantii mana murtii aanaa fi mana murtii ol’aanaa taasisuun guddisuu. Abbootii seeraa muuxannoo waggaa 2 yookiin 3 qofa qaban ol guddisuu.83
-
Guddinni olola deeggarsa namootaa irratti waan hundaa’uuf, abbootiin seeraa mana murtii aanaatti hojjechuu hin qabne, mana murtii ol’aanaa fi waliigalatti guddatanii jiraachuu.84
Kana waan ta’eef, manneen murtii Oromiyaa keessatti sadarkaa sadarkaatti namaa namatti gargaagarummaan jiratu illee abbootiin seeraa gahumsa fi dandeettii hubannoo seeraa gahaa dhabuun murtii qulqulluu, seera qabeessaa fi haqa qabeessa akka hin kennine kan taasisu waan ta’eef, ol’iyyannoo baay’isuuf sababa akka ta’e hubatameera.
C. Naamusa:
Bilisummaan hojii abbaa seerummaa akkuma barbaachisaa ta’e, itti gaafatamummaa hojii abbaa seerummaa mirkaneessuunis murteessaa dha.Bilisummaan hojii abbaa seerummaa itti gaafatamummaa waliin walsimu malee farda luugama hin qabnee dha.Bilisummaa fi itti gaafatamummaan hojii abbaa seerummaa haala madaalawaa ta’een mirkanaa’uu qaba.Yaada heera mootummaa Federaalaa fi Naannoo Oromiyaa irraa akka hubatamutti, abbaan seeraa tokko naamusa hojii abbaa seerummaadhaaf barbaachisu qabaachu qaba.Dandeettii fi si’oominni cimaan hojii abbaa seerummaadhaaf barbaachisu ulaagaa naamusaa keessaa isa tokkoo dha. Naamusni ijoo bal’aa fi wantota heddu kan of keessatti hammatu ta’uun hubatamuu qaba.
Naannoo Oromiyaatti, itti gaafatamummaa hojii abbaa seerummaa mirkaneessuuf, Labsii Gumii Bulchiinsa Abbootii Seeraa Oromiyaa Irra Deebi’anii Dhaabuuf Bahe lakk.142/2000, Koodii Naamusa Abbaa Seerummaa, Dambii Naamusa Abbootii Seeraa fi Muudamtoota Gumii Naannoo Oromiyaa Lakk.2/2001, fi Danbii Sirna Qorannoo fi Falmii Hanqina Naamusaa Hawaasa Manneen Murtii Oromiyaa lakk.3/2001 baasuun hojii irra oolaa jira. Kana malee, qaamoleen dhimma naamusaa kallattiin ilaalan, Garee Inispeekishinii fi Garee Gumii sadarkaa sadarkaadhaan hundaa’ee hojjechaa jira. Bu’uura Dambii Naamusa Abbootii Seeraa fi Muudamtoota Gumii Naannoo Oromiyaa Lakk.2/2001tiin, abbootiin seeraa naamusa kenniinsi tajaajila abbaa seerummaa barbaadu horachuun dirqama isaanii ta’uu ni tuma. Abbootiin seeraa duudhaalee naamusa hojii abbaa seerummaa kabajanii hojjechuun isaanii amantaa uummataa horachuu keessatti qooda ol’aanaa qaba. Gama biraan, duudhaalee naamusaa kana cabsuun itti gaafatamummaa kan hordofsiisu ta’uu dha. Akkaataa dambii olitti ibsameen, badiin naamusaa bakka sadiitti kan qoodamee dha. Isaanis: badii xixiqqaa, salphaa fi ciccimoo dha. Kana malee, sadarkaa badii raawwatamee ilaalcha keessa galchuun, adabbiin walmadaalus tumamee jira.Manneen murtii Oromiyaa keessatti abbootii seeraa naamusaan himatamanii itti murtaa’ee fi falmii irra jiranii yoo ilaalamu, hanqinni naamusaa bal’aan jiraachuu hubachiisa. Garee Inispeekshinii Naannoo gabaasa Waxabajjii bara 2006 qophaa’e irraa akka hubatamutti, bara 2002 hanga 2006 tti abbootii seeraa, ofisera seeraa fi hojjetaa deeggarsaa dabalatee murtii Garee gumiitiin hojiirraa kan gaggeeffaman namoota 70, mindaadhaan kan adabaman namoota 94, akeekkachiifni barreeffamaa kan kennameef namoota 6, himatamanii bilisa kan bahan namoota 55 ta’uu hubachiisa.85
Naamusni hojii abbaa seerummaa yoo cabe, abbaan dhimmaa mana murtii irratti amantaa waan dhabuuf, ol’iyyannoo baay’isuu keessatti qooda ol’aanaa qaba. Abbootiin seeraa dhimma kana irratti deebii kennaniin, manneen murtii keessatti rakkoon matta’aan, firummaan, gosummaan, naanummaan, lagaan, amantaan, walitti dhufeenyaan, aangoon gar-malee fayyadamuun hojjechuun kan yeroo dheeraa turanii hidda gadi fageeffatanii fi baay’ee hamaa ta’anii dha. Keessattuu matta’aan fudhachuu fi walitti dhufeenyaan hojjechuun gahee guddaa qaba. Rakkoon naamusaa kun murtii kennamu irratti dhiibbaa uumuun haqni akka jallatu kan taasisuu dha.86
1. Kiraa Sassaabdummaa:
Abbootiin seeraa dhimma kana irratti deebii kennaniin,87 manneen murtii keessatti namaa namatti garaagarummaan haa jiraatu malee rakkoon naamusaa darbee darbee ni mul’ata. Haa ta’u malee, abbootiin seeraa hundi rakkoo naamusaa qabu, bilisa miti jechuun hin danda’amu.Akkuma waliigalaatti, rakkoon naamusaa jiraachuu irra darbee rakkoo sirna kanaa ta’ee argama. Abbaan seeraa karaa seeraan walfallessuun tajaajila gorsaa seeraa, abukaatoo fi barreessitoota uumataatiif kennuu irra darbee iyyannoo kan barreessuu ta’uu dha. Kana malee, ilaalchi fi gochaan kiraa sassaabdummaa ammas rakkoo sirna haqaa ta’ee mul’ata. Rakkoon kun manneen murtii Oromiyaa hunda keessa jira, garuu mana murtii aanaa fi mana murtii ol’aanaatti baay’ata. Abbootiin seeraa deebii kennaniin, rakkoowwan naamusaa kun ol’iyyannoo baay’isuuf gahee guddaa qabu yoo jedhan, abbaan seeraa tokko dhimmi kun ol’iyyannoof sababa ta’uu hin danda’u jedheera.
Abukaatonni deebii kennaniin,88 manneen murtii aanaa, godina fi waliigalaa keessatti, sadarkaan isaa garaagarummaa haa qabaatus, hanga haasa’amu gahuu haa baatu malee yeroo ammaa matta’aa fudhachuun, naannummaa fi amantaan hojjechuun baay’achaa jira. Sadarkaa mana murtii aanaa fi ol’aanaatti matta’aan hojjechuutu ni baay’ata. Gama kanaan, manni murtii waliigala Oromiyaa fi manni murtii ol’aanaa tokko tokko gama kanaan fooyyee qabu. Abbootiin seeraa tokko tokko kiraa sassaabdummaan, maallaqaan haqa namaa jallisuun ni jira. Abbootiin seeraa tokko tokko ofiseroota seeraa, dallaaltota, abbootii seeraa yeroo dhiyoo mana murtii gadi dhiisanii abukaatootaa ta’an hidhata uumuun matta’aa fudhachuun fi ammaalaajummaan murtii dabsuun ni mul’ata. Gochi kiraa sassabdummaa kun murtiin seera hordofee akka hin kennamne waan taasisuuf, tilmaamamummaa murtii dhabamsiisuun amantaa uummataa waan dhabsiisuuf, ol’iyyannoon akka baay’atuuf sababa guddaa ta’a. Kun akkuma jirutti ta’ee, mana murtiitti baay’inaan kan maallaqa kennu sooressa waan ta’eef, hiyyeessi ol’iyyachuu dadhabee kan gara mana ofiitti deebi’us jiraachuunis hubatamuu qaba.
Abbootiin alangaa baay’een dhimma kana ilaalchisee deebii kennaniin,89 abbootiin seeraa matta’aan, firummaan, gosummaan, naannummaan, amantaan, walitti dhufeenyaan hojjechuu irraa bilisa miti, kunis ol’iyyannoo baay’isuu keessatti qooda guddaa qaba, sababa ijoo dhas.Keessattuu faayidaa fi walitti dhufeenyaan hojjechuun bakka guddaa qaba. Abbootii seeraa tokko tokko biratti, matta’aan akka waan seeraan eeyyamametti yeroo abbaa dhimmaatiin ni xuqaatee dabali jedhanii dhugaa jiru jallisanii murteessan argama. Haalli kun kan baay’atu sadarkaa manneen murtii aaanaa tti yoo ta’u, darbee darbee sadarkaa mana murtii godinaa irrattis ni mul’ata. Kana jechuun, abbootiin seeraa gocha kiraa sassaabdummaa fi naannummaa irraa bilisa ta’an hin jiran jechuu miti.Gama kanaan ejjennoo lamatu mul’ata. Isaanis:
-
Abbootiin seeraa harki caalli gocha kiraa sassaabdummaa keessa jiru, muraasatu bilisa dha.
-
Abbootiin seeraa harki caalli gocha kiraa sassaabdummaa irraa bilisa, muraasatu gocha kana keessa jira kan jedhuu dha. Haa ta’u malee, abbootiin seeraa rakkoo kana irraa bilisa ta’an muraasni jiraatanis qaala’insi jireenyaa isaanuu sakaaluun hin oolu jechuun soda qabanis ibsaniiru.
Abbootiin alangaa baay’een deebii kennaniin, mana murtii tokko keessa yoo xiqqaate abbaan seeraa matta’aa fudhatu tokko akka jiru shakkii kan hin qabne ta’uu dha. Gochi fi ilaalchi kiraa sassaabdummaa kun ol’iyyannoo baay’isuu irra darbee sirnicha kan miidhu ta’uu irratti kan waliigalanii dha.
Ofiseroonni seeraa deebii kennanniin,90 kiraa sassaabdummaan mana murtii keessa jiraachuun gaaffii akka hin qabnee dha.Gochi kiraa sassaabdummaa haqa jallisa, miidhaa guddaa fida, namoota akka yakka walirratti raawwatan walitti buusa.Gochi kira sassaabdummaa ol’iyyannoo baay’isuu keessatti shoora ol’aanaa qabaachuu irra darbees biyyattii “Akka cabbii hoo’a cimaadhaan baqaa deemuu godha, dhugaa waaqni nu barsiise dhokataa deema” jechuun ibsaniiru.
Akka Godina Harargee Bahaatti, Mana murtii aanaa kaasee hanga mana murtii ol’aanaatti faayidaa (maallaqaan), firummaan, walbeekumsaan hojjechuun ni jira. Abbaan seeraa fi ofiserri seeraa sababa kanaan haqa jallisu. Abbootiin seeraa rakkoo kana kan uuman seera wallaalanii utuu hin taane faayidaa argachuuf dha. Abbootiin seeraa tokko tokko yeroo ammaa faayidaan hojjechuun walqabatee kallattiin bilbilaan kan walqunnaman ta’uu dha. Dhimma mana murtii jiru ilaalchisee yeroo ammaa hojii dallaalummaa irratti bobba’ee kan hojjetu abbaa seeraa, abbaa alangaa, ofisera seeraa fi poolisii dha. Abbaan seeraa mana murtii aanaa murtii murteessee dallaalummaan mana murtii ol’aanaatti duukaa deema.Manni murtii maallaqni kennamnaan torban tokko yookiin ji’a tokko keessatti murtii kenna. Dhimmoota manneen murtii aanaalee 19 irraa gara godinaatti ol’iyyannoon dhiyaatan, abbootii seeraa godinaa waliin walqunnamsiisanii faayidaadhaan akka xumursiisaniif, gara magaalaa Awadaay dhufamee, utuu ol’iyyannoon dhiyaatee galmeen hin banamiin fixatu; galmeen yoo banamu atattamaan ni dhiyeessisa jedhama. Mana murtii ol’aanaa godina Harargee Bahaatti, dhimmoonni dhaddachaan adda bahanii utuu jiruu walqunnamtiidhaan galmeen dhaddacha tokkoo dhaddacha isa biraatti kan banamu ta’uu dha (fkf, galmeen beenyaa dhaddacha waliigalteetti banama). Abbootiin seeraa wayiin tutuqamanii haqa jallisan ni jiru. Abbootiin seeraa tokko tokko yeroo tokkotti qabeenyaa isaaniif hin malle walitti qabachuuf kan hojjetan ta’uu dha. Sadarkaa gargaaraa abbaa seeraatti illee kanumatu raawwatamaa jira.Kun ammoo rakkoo ilaalchaa ta’ee mul’ata. Akka godinichaatti, yeroo ammaa hawaasni abukaatoo abbaa seeraa beeku barbaadutti dorgommii keessa kan seene ta’uu, fi abukaatoo fi abbaa seeraaf kopha kophaatti maallaqa kan qopheessu ta’uu dha. Garuu abukaatota muraasatu kana godha. Malaamaltummaan kan baay’atu aanaa Haromayaa, Kombolchaa, Awadaay tti dha. Abbootiin seeraa dhimma yakka tiraafikii fi mootummaan walqabatan ilaalchisee murtii jallataa kennu. Dhimmoota mootummaa fi malaammaltummaa irratti ilaalcha hin taane (bias) qabachuutu jira.91 Manni murtii sababa malaammaltummaa fi firummaatiin isa ragaa gahaa qabu dhiisanii isa ragaa tokko hin qabneef yoo murteessan mul’ata. Namoonni maallaqa yookiin qabeenya qaban dhiibbaa uumuun yeroo tokko tokko haala isaan barbaadaniin kan murtaa’uuf ta’uu dha. Naannoo mana murtii aanaa Haramaayatti kana dura dallaaltonni jiru turan, amma irratti hojjechaa jirra.92
Akka Godina Harargee Lixaatti, manni murtii ol’aanaa walbeekumsaan hojjechuun, waanuma ifa ta’e akkuma barbaadan jallisanii murteessuun, beekaa seera cabsuu fi balleessuun ni mul’ata.93 Abbaan seeraa dhaddacha irratti abbaa dhimmaatiif bilbila kannuunis ni jira.Abbootiin seeraa ogeessa seeraa yoo ta’e hanga tokko eeggatu malee abbaa dhimmaa ilaalchisee akkuma barbaadan jallisanii itti murteessu. Abbaa seeraatiin yoo walhin beekne dubbiin ni laamsha’a.Manneen murtii keessatti gochi malaammaltummaa baay’achuu irraa kan ka’e, abbootiin seeraa aangoo ragaa madaaluutti fayyadamuun gochoota kiraa sassaabdummaa adda addaa kan raawwatan ta’uu fi galmee kan hojjetu nuyi waan ta’eef abukaatoon maal godha maallaqa fidi jedhanii abbaa dhimmaa bilbilaanii gaafachaa jiru. Abukaatonni naamusa hin qabne haala kanatti fayyadamuun abbootii seeraa waliin walqunnamsiisaa ta’anii hojjechuu irra darbanii murtii komputaran bareechanii barreessanii, abbootii seeraa kan mallatteessisan ta’uu dha. Abukaatoon matta’aa hin kennine, abbaan seeraa matta’aa hin fudhanne kan hin jirre ta’uu dha. Mana murtii ol’aanaa godina Harargee Lixaatti, hanqinni naamusaa bal’inaan mul’atu matta’aan hojjechuu dha, wantonni kaan darbee darbee dha. Manni murtii aanaa fooyyee kan qabu fakkaata. Abbootiin seeraa dallaalaa uumatanii kan hojjetan ta’uu; fi hojjettoonni mana murtii ol’aanaa waardiyyaa irraa eegalee kana keessatti kan hirmaatan ta’uu dha. Mana murtii aanaa tokko tokkotti abbootiin seeraa abukaatota dhiyoo hojii abbaa seerummaa dhiisan waliin walqunnamtii kan qaban ta’uu dha (fkf, Mana murtii aanaa Odaa Bultum).94
Gama biraan, gama naamusaatiin manni murtii ol’aanaa godina Harargee Lixaa fooyyee qaba yaada jedhu namni kennes ni jira; dhaddacha yakkaa ilaalchisee garuu ol’iyyannoo mana murtii aanaa irraa dhiyaatu irratti shakkiin kan jiru ta’uu dha.95 Manneen murtii aanaa keessatti hanqinni naamusaa bal’aatu mul’ata, abbaan seeraa akkuma barbaade jallisee murteessa. Haalli kun hanga mana murtii ol’aanattis kan mul’atuu dha. Abbootiin seeraa mana murtii aanaa, ol’aanaa fi waliigala Oromiyaa Dhaddacha Dhaabbiitti bilbilaan walqunnamanii hojjetu. Mana murtii keessatti naamusni waan dagatame fakkaata; garee inispeekishinii foormaalitiif ta’uu hin qabu cimuu qaba.96
Akka Godina Booranaatti, manni murtii ol’aanaatti kanaan dura abbootiin seeraa tokko tokko sababa kiraa sassabdummaan aangoo ragaa madaallutti fayyadamanii, madaallii ragaa jallisuun murtii jallaa kan kennan ta’uu; abbaan dhimmaa fi manni qopheessaa yoo walfalman gartummaa abbaa dhimmaa qabachuun mootummaa fi uummataaf gartummaa dhabuun mana qopheessaa irratti kan murteessan ta’uu; qaama raawwachiiftuuf ilaalcha sirrii hin taane qabachuu; sababa dallaalaan walqabateen yakka gumurukii fi tiraafikii ilaalchisee himatamaan kan hin adabamne fi bilisa bahu ta’uu; manni murtii aanaa himatamaatti adabbii yoo murteesse murtii jalaa diiguun bilisa gaggeessuun kan mul’atu ta’uu dha. Nama ragaa tokko hin qabneef murtiin kan kennamu ta’uu dha. Kana dura hawaasni waltajjii adda addaa irratti akka kaasutti, haqni maallaqaan waan bitamuuf mana murtii utuu hin taane butikii dha jedha.97 Yeroo ammoo garuu haalli kun guutummaan guututti hafe yoo jedhamuu baate illee hanga tokko fooyyeen kan jiru ta’uu dha. Rakkoon naamusaa kun mana murtii aanaa irrattis kan mul’atu ta’uu dha. Manni murtii waliigala Oromiyaa Dhaddacha Kibbaa gama kanaan fooyyee kan qabu ta’uu dha. Dubbii fixaan dhaabbata Arab Kontraaktar deebii kenneen, akka Godina Booranaatti, manneen murtii keessatti gama kiraa sassaabdummaan kallattii dhaabbata keenyatiin wanti nu gaafatanii nu mudate hin jiru.98 Rakkoon kiraa sassaabdummaa kun ol’iyyannoo baay’isuu keessatti shooraa ol’aanaa qabaachuus hubachiisaniiru.
Akka Godina Arsii Lixaatti, mana murtii jalaa kaasee hanga gubbaatti naamusni badaan jiraachuu dha. Kiraa sassaabdummaan yakka balaa konkolaataa irratti kan ka’u ta’uu fi qorannoo irratti ajjeessuun mana murtiitti kan dhiyeessan ta’uu dha. Haalli kun ammoo darbee darbee galmee irraas kan mul’atu ta’uu dha.99 Abbootiin seeraa walitti dhufeenyaan himatamtoota qarshiin adabu, ragaan abbaa alangaa mirkaneessee utuu jiruu qawaa xiqqoo barbaadan himatamaa bilisa baasu, keewwata jijjiiranii adabu isummayyuu daangessuun ni mul’ata.100 Manni murtiimiidhaa balaa tasaa salphaa ilaalchisee himatamaadhaan maallaqa moo? adabbii hidhaa siif wayya? jedhee kan gaafatu ta’uu dha. Manni murtii aanaa maallaqa fidi keewwata abbaan alangaa itti si himate siif jijjiirra jedhee gaafachaa jira. Abbaan dhimmaa akka dubbatutti, abbaan seeraa fi abbaan alangaa dhaddacha irra taa’anii kana na gaafatu jedha. Al-naamusummaan qaamolee haqaa keessa jiru ol’iyyannoo baay’isa.101 Mana murtii keessatti matta’aan hojjechuun ni jira.102 Abbootiin seeraa matta’aan, firummaan, gosummaan, loogummaan hojjechuu, bilisummaa qabna jedhanii akka barbaadan murteessuun; nama maallaqa qabuuf murteessuu; ragaa jallisanii fuudhuu fi jallisanii madaaluu; murtii haqa ta’e kennuu dhabuun bal’inaan mul’ata. Manneen murtii aanaa tokko tokko abbooti dhimmaa walqixxummaan kan dhageenye ta’uunis ni jira. Sadarkaa manneen murtii aanaatti matta’aan hojjechuun humnaa ol ta’ee jira. Manneen murtii aanaa fi poolisii biratti daldalamaa jira; dhugaanis awwalamaa jira. Manneen murtii aanaa tokko tokko komii ol’iyyannoo kan barreessu hojjetoota mana murtii ofisera seeraa irraa eegalee hanga abbaa seeraattii dha.103 Kanaafuu, namoonni kun deebii kennaniin, alnaamusummaan manneen murtii keessatti mul’atu ol’iyyannoo baay’isuu keessatti shoora ol’aanaa qabaachuu ibsaniiru.
Akka godina Shawaa Bahaa, dallaaltoonni keessaa fi alaa abbaa seeraa irratti dhiibbaa adda addaa uumuun kenniinsa tajaajila hojii abbaa seerummaa irratti rakkoo kan uuman ta’uu dha. Abbootiin seeraa fi ofiseroonni seeraa matta’aa fudhachuu irratti bal’inaan bobba’anii jiru.Yeroo ammaa matta’aa fudhachuun saalfii tokko hin qabu. Mana murtii aanaa fi mana murtii ol’aanaatti kiraa sassaabdummaan ni mul’ata.104 Abbootiin seeraa tokko tokko fedhii dhuunfaa giddu galeessa godhatanii hojjetaa jiru. Ofiseroonni seeraa hojii dallaalummaa irratti bobbahuun, akka abbaa seeraatti of dhiyeessuun matta’aa fudhachaa jiru.Ofiseroonni seeraa sababa matta’aa waliin walqabateen abbootii seeraa harkatti galfatanii jiru. Manni murtii abukaatoo fi dallaalaa waliin walitti hidhachuun faayidaaf hojjechuutu jira, ofiserri seeraa illee aangoo abbaa seerummaa qooddatanii faayidaaf hojjechuutu jira. Haalli kun ammoo murtii haqaa fi seera qabeessa ta’e kennuu irratti dhiibbaa guddaa kan qabu ta’uu dha. Manni murtii falmii bulchiinsa magaalaa Adaamaa fi namoota dhuunfaa jidduutti gaggeeffamu ilaalchisee bulchiinsa magaalaa yookiin mootummaa haaloo bahuutu mul’ata.Manni murtii aanaas ta’ee ol’aanaa yeroo baay’ee seeraa ala bulchiinsa magaalaa irratti yoo murteessan, dhaddacha ijibbaataatti bulchiinsa magaalaatiif murtaa’a. Abbaan seeraa walqixxummaa seera duratti jiru cabsuun garee nama dhuunfaa goree bulchiinsa magaalaa falma. Abbaan seeraa tokko tokko beekaa hanqina naamusaa irraa kan ka’e murtii jallisee murteessa. Akka biyyaatti, rakkoon inni guddaan malaamaltummaa dha, manni murtiis malaammaltummaan liqimsamee jira.105
Kana waan ta’eef, manneen murtii Oromiyaa keessatti fooyy’insi jiraatu illee rakkoowwan naamusaa kiraa sassaabdummaan walqabatan, keessattuu matta’aa fudhachuu fi walitti dhufeenyaan hojjechuun bal’inaan waan mul’atuufi, murtiin haqa hin taane akka kennamu taasisuun amantaa uummataa dhabsiisuun ol’iyyannoon akka baay’atu taasisuu keessatti qooda ol’aanaa kan qabu ta’uu dha.
Dostları ilə paylaş: |