Boqonna tokkoffaa seensawaliigalaa


Walqixxummaan Walfalmitoota Dhagahuu Dhabuu



Yüklə 0,57 Mb.
səhifə5/12
tarix25.10.2017
ölçüsü0,57 Mb.
#12981
1   2   3   4   5   6   7   8   9   ...   12

2. Walqixxummaan Walfalmitoota Dhagahuu Dhabuu:

Abbootiin seeraa walfalmitoota kabajuun, xiyyeeffannoo fi obsaan dhagahuun, walqixa keessummeessuun, falmii xumursiisuun, soda fi yaaddoo tokko malee falmii isaanii akka dhageessifatan taasisuu qabu.106 Abbootiin seeraa haala kanaan abbootii dhimmaa keessummaassuu dhabuun hanqina naamusaa ta’ee argama. Gama kanaan, abbootiin alangaa deebii kennaniin, haalli kun darbee darbee abbootii seeraa muraasa irraa kan callaqqisu fi xiqqaa ta’uu dha. Abbootiin seeraa tokko tokko dallanuu fi dhaddacha irratti jechoota hin taane dubbachuun ni jira. Abbootiin seeraa tokko tokko baay’inaan walfalmitoota walqixa ija tokkoon ilaaluu dhabuu irraa kan ka’e, wanta falmisiisan galmeessuu dhabuutu mul’ata. Haala kanaan, qajeelfama naamusaa kabajuu dhabuun, keessattuu sadarkaa mana murtii aanaa fi godinaatti bal’inaan mul’ata. Abbaan dhimma sababa kanaan tajaajila abbaa seerummaa kennamutti quufuu dhabuun ol’iyyannoo kan deemu waan ta’eef, ol’iyyannoo baay’isuuf qooda qaba. Abbootiin alangaa muraasni ammoo deebii kennaniin, rakkoon kun hin jiru, yoo jiraates ol’iyyannoof sababa ta’uu kan hin dandeenye ta’uu dha.


Abukaatonni dhimma kana irratti deebii kennaniin, manneen murtii hunda keessa walfalmitoota walqixa kabajuun, obsan dhagahuun falmii xumursiisuu dhabuun baay’inaan kan mul’atu ta’uu dha; haalli kun ol’iyyannoo baay’isuu keessatti shoora ol’aanaa kan qabu ta’uu dha.107 Abbootii seeraa hunda ta’uu baates mana murtii keessatti rakkoon kun ni mul’ata. Manni murtii duudhaa kana eegee walfalmitoota walqixa kabajaa fi obsaan dhagahuu dhabuun isaa haqni akka hin argamnee fi yeroon umurii galmee akka harkifatu kan taasisuu dha. Dhimmi kun akka amala abbaa seeraatti adda bahee kan ilaalamuu qabuu dha. Rakkoon gama kanaan mul’atu, mana murtii aanaa fi mana murtii ol’aanaa godina Shawaa Bahaatti jaboo dha. Abbaan seeraa tokko tokko nama abbaa seeraa fi abbaa alangaa ta’ee waliin hojjechaa turan walqixa ilaaluun hin jiru. Kana malee, abbootiin seeraa walbeekumsaa fi faayidaa hojjechuu irraa kan ka’e walfalmitoota walqixa keessummeessuu dhabuun ni calaqqisa. Walfalmitoota keessaa gareen tokko sababa kanaan mana murtii amanuu dhabuun, falmii kiyya akkan ani jedhetti naaf hin galmaa’u sodaan jedhu, bal’aa ta’uu baatus ni jira. Falmii bilisaan dhageessifachuu baannan murtiin ni jallata. Falmii keessatti adeemsi yoo jallate bu’aan isaa sanuma; adeemsi jallannaan abbaa dhimmaa ni mufachiisa, xiiqii keessa galcha, morkaaf jecha ol’iyyachuuf dirqama. Akkuma shakkiin jiru, yaadaa fi kaayyoo falmameen alatti murtoofnaan ammallee ol’iyyannoodhaaf gumaacha ta’a. Haala kana keessatti, abbaan dhimmaa murtii kennamettii abdii fi amantaa waan dhabuuf, ol’iyyannoo deemuuf ni dirqama.
Abbaan seeraa falmii obsaan galmeessuu dhabuu irraa kan ka’e, qabxiin falmii utuu hin galmaa’in murtaa’ee, ol’iyyannoo yoo deemamu illee jalatti hin kaane jedhamee mirgi namaa yoo sarbamu mul’ata. Faayidaafi loogiin akkasumas matta’aa fudhachuun yoo jiraate, abbaan seeraa ka’umsa irraa kaasee obsa dhaba, falmii fi ragaa garee isa tokkoo obsaan dhagahuu irratti ni rakkata. Abbaan seeraa obsa kana dursa uumamaan yoo qabaate illee takka takka faayidaan ni dhorkiti. Mana murtii obsaan nama hin dhageenye biratti akkamitti falmiin gaariin adeemsisamee murtiin gaariin argama. Abbaa seeraa tokko tokko biratti loluunis ni mul’ata. Dhiibbaan akka kanaa keessattuu mana murtii ol’aanaa Shawaa Bahaa irratti kan mul’atu ta’uu, dhibbaan kun yoo jiraate ammoo falmiin sirriin waan hin godhamneef murtii kennamu irraa ol’iyyannoon akka deemamu taasisa. Akka waliigalatti, abukaatonni deebii kennaniin, abbootiin seeraa gochoota kana kan raawwatan ta’uu, keessattu mana murtii aanaa fi mana murtii ol’aanaa irratti baay’ata. Dhimmi kun ol’iyyannoo baay’isuu keessatti kan ilaalamuu qabu, garuu qooda qabaachuun isaa akkuma jirutti ta’ee, murtii kenname waliini ilaalamuu akka qabuu dha. Abbaan seeraa wantota kana raawwate yoo ta’e, ol’iyyannoo baay’isuuf rakkoon adeemsaa kun murtii dhumaa irratti yoo calaqqisee dha.
Mana murtii aanaa irraa kaasee hanga mana murtii waliigala Oromiyaa Dhaddacha Ijibbaataatti, walqunnamtiin jira, walbeekumsaan raawwatama, maallaqa qabaannaan wanti hin raawwatamne hin jiru, abukaatoonni abbootii seeraa dura turan waan ta’aniif, abukaatoo fi abbaan seeraa faayidaa waliin qooddachuun (share) hojjetu; namni maallaqa qabu ni ta’aaf miskiinni garuu homtuu hin ta’uuf haqni hin jiru, abbootiin dhimmaa kan Ijibbaataatti kuufaman haqa dhabanii dha. Abbootiin seeraa gaarii ta’anis ni jiru. Mana murtii aanaa Ciroo fi mana murtii Ol’aanaa Godina Harargee Lixaa keessa abbootiin seeraa rakkoo malaammaltummaa qabu, uumanni illee abukaatoo abbaa seeraa beeku ebeluuf kenni isatu ajjeechaa lubbuu irraa bilisa si baasa jedha. Abukaatonni ammuma hojii abbaa seeraa dhiisan qunnamtii qabu; abukaaton dhugaa hordofa jedhu dhimma hin argatu. Abbootiin seeraa dhimma dhiyaateef itti dhimmamaniis hojjechuu dhabuun ni jira.108
D. Tilmaamamummaa Murtii fi Murtii Barsiisoo

Manneen murtii Oromiyaa murtiileen kennan tilmaamamoo, barsiisoo ta’uun barbaachisaa dha. Manneen murtii murtiilee haala kanaan kan kennan yoo ta’e abbootii dhimmaa, abukaatota, ogeessitoota seera, abbootiin seeraa ejjannoo mana murtii waan beekaniif maal irratti falmamu akka qabanii fi hin qabne, murtiin maal akka ta’uu danda’u waan hubataniif, haala sanaan falmii isaanii soroorsanii kan dhiyeessanii fi murteessan ta’uu dha. Murtiileen manneen murtii kennan tilmaamamoo, barsiisoo yoo ta’uu baatan, ejjannoon mana murtii maal akka ta’ee fi maaltu ta’uu akka danda’u waan hin beekamneef abbootiin dhimmaa fi abukaatoonni, ogeessitoonni seeraa haala falmii itti falman irratti dhiibbaa kan qabu ta’uurrayyuu darbee abbootiin seeraa ejjannoo maal irra dhaabbatanii murtii kennuu akka qaban beekuu irratti danqaa ta’a. Bu’uura istaatiksii jiruun, murtiileen manneen murtii Oromiyaa jalaa kaasee hanga gubbaatti kennamu walitti dhiyaachaa kan deemeefi tilmaamamummaan kan dabale ta’uu dha. Kanaan walqabatee, gabaasni raawwii hojii ji’a 9 mana murtii waliigala Oromiyaa kan Ebla bara 2006 qophaa’e yoo ilaalamu, tilmaamamummaa murtii dabaluu ilaalchisee manniin bara 2006tti irra gahuuf qabanne %80 yoo ta’u, manniin kurmaana 2ffaa ammoo %77.5 dha. Raawwiin ture %75.67 ta’ee kan nata kanaa kan kurmaana 4ffaa dabalatee ammoo dhuma bara kanaa irratti kan madaalamu ta’a. Murtii qajeeltoowwan murtii eeggatanii kennamanis manniin bara 2006f qabame %80 yoo ta’u, kan kurmaana 2ffaa %77.5 ta’ee raawwiin argame ture %73.79 dha. Kan kurmaana 4ffaa dabalatee kan waggaa dhuma bara kanaa irratti kan madaalu ta’a. Walumaagalatti, madaallii murtiiwwan irraa akka hubatamautti, murtiin murtii jalaa irraa dhiyaatanii dhaddachaalee MMW fi ijibbaataatiin ilaalamaa jiran baayyinaan kan walfakkaataa jiran ta’uu mul’isa. Kanneen keessaa dhimmoota manneen murtii jalaa hunda irraa dhiyaatanii ijibbaataan ilaalaman keessaa %84.58 fi kan dhaddacha MMW irraa dhufanii ilaalaman keessaa ammoo gidduu galeessaan %88.25 ragga’aniiru. Kun ta’uun ammoo tilmaamamummaa fi qulqullinni sadarkaa fooyya’insa qabu irratti kan argamu ta’uu fi caalmaatti itti fufsiisuuf ciminaan hojjechuu barbaachisa.109


Gama kanaan, manneen murtii Oromiyaa murtiileen kennan tilmaamamoo, barsiisoo dhaa? gaaffii jedhuuf namoonni bar-gaaffiin deebii kennan namoota 132 keessaa, namoonni 65 lakki miti yoo jedhan, namoonni 55 eeyyee yoo jedhan; namoonni 8 giddu galeessa dha, namoonni 4 deebii utuu hin kennin callisanii jiru. Kana irraa akka hubatamutti, manneen murtii Oromiyaa murtiilee tilmaamamoo, barsiisoo kennuu irratti hanqina kan qaban ta’uu dha.110 Manneen murtii murtii tilmaamamoo, barsiisoo ta’e kennuu dhabuun ol’iyyannoo baay’isuu keessatti shoora ol’aanaa kan qabu ta’uu dha. Dhimmoonni murtiileen tilmaamamoo, barsiisoo akka hin kennamne taasisan faayidaan hojjechuu, falmii madaalawaa gaggeessuu dhabuu, ragaa rogummaa qabuun qulqulleessuu dhabuu; dandeettii dhabuu abbootii seeraa, rakkoo naamusa, bilisummaa dhabuu, dhimmoota xiyyeeffannoon ilaaluu dhabuu, lakkoofsi abbootii seeraa fi baay’inni galmee walsimuu dhabuu, falmii irratti dogoggorri adeemsaa jiraachuu, dureessa irraa adabbiin daagahuu, qulqullina dhabuu murtii, rakkoo kiraa sassaabdummaa ta’uu dha. Dhimmoonni kun ammoo murtiileen tilmaamamoo, barsiisoo ta’an akka hin kennamne taasisuun, ol’iyyannoo baay’isa. Murtiileen tilmaamamoo, barsiisoo ta’uu dhabuun, abbaan dhimmaa murtii kennamutti akka itti hin quufne amantaa dhabsiisa. Murtiin kennamu tilmaamamoo, barsiisoo taanan abbaan dhimmaa carraa yaaluuf ol’iyyannoo waan hin deemneef, ol’iyyannoo ni hirisa. Namoonni deebii kennaniin, murtiin kennan tilmaamamoo, barsiisoo dha, yookiin giddu galeessa jedhan, murtiin haala kana hin guune jiraachuu ibsuun; ol’iyyannoo baay’isuu keessatti shooraa ol’aanaa qabaachuu ibsaniiru.
Kana malee, manneen murtii Oromiyaa keessatti dhimmoota walfakkaatan irratti murtii walfakkaatu kennuu irratti hanqinni ni mul’ata. Sababa baay’ina hojii, garaagarummaa hubannoo seeraa manneen murtii jidduu jiru, abbaan seeraa tokko gaafa tokko ejjannoo kana gaafa biraa ejjannoo biraa qabachuu, mormii sadarkaa duraa irrattillee ejjannoon garagar ta’e jiraachuu, manni murtii ol’aanaa adabbii manni murtii aanaa kenne sababa malee gadi buusuu, gocha raawwatame waliin adabbiin walsimu kennamuu dhabuu irraa kan ka’e murtiilee tilmaamamoo, barsiisoo kennuu irratti dhiibbaa kan qabu ta’uu dha.111 Dhaddacha tokko irratti murtiileen kennaman illee tilmaamamoo miti. Murtiileen kennamu tilmaamamoo, barsiisoo ta’uu baannaan abbootiin dhimmaa hanguma oldeeme naaf diigama jechuun ol’iyyannoo deemu; abjuu fi murtiin akka abbaan hiiketti ilaalcha jedhu waan hordofsiisuuf, ol’iyyannoo kan baay’isu ta’uu dha.
Manneen murtii aanaa fi ol’aanaa akkaataa qajeelfama adabbiin murtii barsiisoo ta’e kennuu irratti hanqinni ni mul’ata. Manni murtii ol’aanaa sababa gahaa malee adabbii manni murtii aanaa kenne waan diiguuf, fooyyessuuf, keewwata jijjiiree waan daangeessuuf yookiin fooyyessuuf hawaasni murtiin kenname sirrii ta’us ol’iyyannoo deemuu hin dhiisu.112 Manni murtii ol’aanaa yakka balaa tiraafikiin walqabatee rakkoo naamusaan himatamtoota bilisa gaggeessa. Dhimma yakkaa ilaalchisee abbaan dhimmaa yoo ol’iyyate manni murtii ol’aanaa murtii jalaa ni diiga, adabbii ni daangeessa, fooyyessa; abbaan alangaa yoo ol’iyyate garuu baay’inaan murtii jalaa cimsa. Manni murtii aanaa sababa adabbii salphisu fudhatee utuu jiruu, manni murtii ol’aanaa yeroo lammaffaa fudhachuun ni mul’ata. Himatamaan bu’uura amaneen murtiin balleessummaan kennamee utuu jiruu, manni murtii ol’aanaa murtii balleessummaa yoo diigu argama.113 Qajeelfama adabbii irratti hubannoo gahaa dhabuun sababa adabbii cimsu qofa fudhachuu, kan adabbii salphisu fakkeenyaaf himatamaan kaasu baatu illee, fkf rikordii qabaachuu dhabuu, adabbii maallaqaa yookiin maallaqa filachuu, adabbii hidhaa cimaa fi salphaa filachuu, qajeelfama adabbii durii fi isa haaraa hojii irra oolchuu irratti hanqinni waan jiruuf, murtii tilmaamamoo, barsiisoo kennuu irratti rakkoo kan uumu ta’uu dha.114 Manneen murtii sadarkaa sadarkaadhaan jiran madaallii ragaa irratti ejjannoo garagar ta’e kan qaban ta’uu; seerri ragaa bakka tokkotti qindaa’e waan hin jirreef abbaan seeraa madaallii ragaa ilaalchisee ulaagaa haala shakkii ol ta’e yoo fudhatu abbaan seeraa biraa ammoo ulaagaa ragaa gahaa jedhu fudhachuun garaagarummaa uumama. Manneen murtii tokko tokko ammoo ragaa bitaa fi mirgaa erga dhagahan booda of duuba deebi’uun duruma of-irraa ittifadhu jedhamuu hin qabu jechuun himatamaa bu’uura SDFY kwt.149 (2) yoo bilisa gaggeessan ni mul’ata.115 Manni murtii ol’aanaa sababa gahaa hin taaneen yookiin qawaa xiqqoo barbaadee murtii jalaa diiguu, fooyyessuu, jijjiiruu, diiguun gadi deebisuun, adabbii yeroo baay’ee fooyyessuun, miidhaa balaa akka tasaa gahe irratti maallaqa malee adabbii hidhaa murteessuu ni mul’ata.116
Kana malee, rakkoon murtii tilmaamamoo, barsiisoo ta’an kennuu dhabuu kan mul’atu, lafa magaalaas ta’ee baadiyyaa mootummaa hojii misoomaaf abbaa qabiyyee dhuunfaa irraa fuudhe ilaalchisee beenyaa eenyu kaffalaa fi manni murtii dhimmicha ilaaluuf aangoo qabaa? kan jedhu irratti ejjannoo garaagarummaa qabutu jira. Manneen murtii keessatti adabbii fi beenyaa ilaalchisee murtiin walfakkaataa ta’e hin kennamu. Firummaan, gosummaan, naannummaan yoo hojjetame murtiin tilmaamamoo, barsiisoo ta’uu hin danda’u.117
Akka waliigalaatti, manneen murtii Oromiyaa keessatti murtiilee tilmaamamoo, barsiisoo ta’an kennuu irratti hanqinni kan mul’atu yoo ta’u, haalli kun dhabamuun ammoo ol’iyyannoo kan baay’isu ta’uu dha. Gama kanaan, manneen murtii Oromiyaa murtiileen kennan tilmaamamoo, barsiisoo taasisuuf hojii bal’aan hojjetamuu qaba, bu’uura kanaanis ol’iyyannoo xiqqeessuun kan danda’amu ta’uu dha.

E. Si’oomina fi Dhaqqabamummaa

Abbootiin dhimmaa hanga danda’ametti tajaajila abbaa seerummaa baasii xiqqaadhaan, yeroo gabaabaa fi dhiyeenyatti argachuu danda’uu qabu.Manni murtii tajaajila kenniinsa abbaa seerummaa si’oomaa gochuun heddu murteessaa dha. Dhimmi kun heera mootummaa fi chaartarii lammiileetiin tumamee jira. Manni murtii dhimmoota isaaf dhiyaatan yeroo dheeraa tursiisee murtii kan kennu yoo ta’e abbootii dhimmaaf ta’ee, akka biyyaatti faayidaan argamsiisu heddu gadi aanaa ta’a. Kanaaf, manni murtii tajaajila hojii abbaa seerummaa si’oomaa taasisuun, yeroo gahaa ta’e keessatti dhimma dhiyaateef ilaalee murtii seera qabeessa ta’e kennuun barbaachisaa dha. Madaallii qulqullina murtii keessaa ulaagaan tokko daangaa yeroo taa’e keessatti murteessuu dha. Manneen murtii Oromiyaa akkaataa chaartarii lammiilee keessatti taa’een dhimmoota gosaan adda baasuun yeroo daangaa keessatti xumuramuu qaban waliin kaa’ee jira. Manneen murtii Oromiyaa hanga danda’ametti akkaataa waadaa seenan kanaan tajaajila si’oomina qabu kennuu qabu.


Si’oominni yeroo gahaa ta’e keessatti murtii qulqullina qabu kennuu dha.118 Si’oominaan murtii kennuun qulqullinaa murtii dagachuun, haqa jallisuun, seera cabsuun, adeemsa falmii fashaleessuun hojjechuu jechuu miti.Tajaajila abbaa seerummaa si’oomaa taasisuu jechuun ariitiidhaan murtii kennuuf qofa dhimmamu utuu hin taane, haala qulqullina murtii dhugaa mirkaneessuun hojjetamuu qaba.
Gama biraan, manni murtii tajaajila abbaa seerummaa tajaajilamtootaaf dhaqqabamaa taasisuu qaba.119 Abbaan dhimmaa tajaajila abbaa seerummaa dhiyeenyatti argachuu qaba. Haalli kun abbaan dhimmaa mirga isaa gaafatee kabachiifachuuf carrraa gaarii uuma. Manni murtii abbootii dhimmaatti dhiyaatee hojjechuu qaba. Dhaqqabamummaan dhiyeenya mana murtii qaamaan qofa kan ilaallatu utuu hin taane, haala salphaan tajaajila gahaa fi qulqulluu akka argachuu danda’an haala mijataa uumuu kan hammatuu dha.
Bu’uura kanaan, manneen murtii Oromiyaa dhaqqabamummaa mirkaneessuuf akka karoora ijootti qabachuun ciminaan kan itti hojjechaa jiran ta’uun ni hubatama. Manni murtii Oromiyaa karoora kana galmaan gahuuf, tajaajila viidiyoo konfaransii babal’isuu, dhaddacha naannawaa fi dhaabbii hundeessuun hojjechaa jira.Manni murtii waliigala Oromiyaa dhaqqabamummaa mirkaneessuuf dhadddachaalee dhaabbii sadii hundeessuun fi dhaddacha naannawaan abbaa dhimmaatti dhiyaatee hojjechaa jira.Manneen murtii Ol’aanaas dhaqqabamummaa mirkaneessuuf dhaddacha dhaabbii fi naannawaa hundeessanii bal’inaan hojjechaa jiru. Manneen murtii aanaa ammoo hanga maayibaasatti gadi bu’uun hawaasatti dhiyaachuun hojjechaa jiru. Si’oomina fi dhaqqabamummaa tajaajila abbaa seerummaa mirkaneessuun, ol’iyyannoo baay’isuu keessatti maal fakkaata?kan jedhu dhimma ilaalamuu qabuu dha.
Dhimma kana ilaalchisee, abbootiin seeraa deebii kennaniin,120 si’oomina fi dhaqqabamummaan ol’iyyannoo baay’isuu keessatti qooda qabu kallattii adda addaan ibsaniiru.Si’oominaan yammuu hojjetamu bilchinaan seera irratti hundaa’ee waan hin hojjetamneef qulqullinni gaaffii keessa waan galuuf, abbaan dhimmaa mana murtii dhiyootti yoo argate ol’iyyannoo waan deemuuf, ol’iyyannoo baay’isuuf sababa ta’a. Si’oominaan yammuu hojjetamu murtiin qulqullina qabu yoo kenname, manni murtii dhaqqabamaa ta’uun ol’iyyannoo baay’isuuf sababa hin ta’u.Manneen murtii yeroo ammaa si’oominaan hojjechuu qofa irratti waan xiyyeeffataniif qulqullinni rakkoo keessa galee jira; manneen murtii ol’aanaa ammoo galmee baay’ee hojjete lakkoosifachuuf qofa foormiin cuufuutu jira. Kanaaf, si’oominnii fi dhaqqabamummaan mana murtii mataa isaanitti ol’iyyannoo baay’isuuf sababa kan hin taane yoo ta’u, ol’iyyannoo baay’isuuf sababa ta’uu kan danda’an qulqullinni murtii yoo hanqatee dha. Gama biraan, abbootiin seeraa deebii kennaniin, si’oominni tajaajila abbaa seerummaa fi dhaqqabamummaan manneen murtii mataa isaaniitti haalli itti ol’iyyannoo baay’isuuf sababa ta’uu danda’a jedhan ni jira. Abbaan dhimmaa tajaajila si’oomina qabu yoo argate, dhimma isaa nuffii tokko malee yeroo gabaabaa keessatti waan xumuratuuf, ol’iyyannoo ni deema. Abbaan dhimma mana murtii dhiyeenyatti yoo argata ta’es hanga dhumaatti carraa isaa yaaluuf ol’iyyannoo deema.Tajaajilli si’oomaa fi dhaqqabamaa yoo ta’e, dhimmoonni baay’inaan mana murtiitti akka dhiyaatan waan harkisuuf, hagasuma ol’iyyannoon akka baay’atu taasisa. Kanaaf, tajaajila abbaa seerummaa si’oomaa fi dhaqqabamaa taasisuun, sababoota kanaa baay’isuu keessatti qooda kan qabu ta’uu dha.
Abbootiin seeraa kaan tajaajila si’oomaa fi dhaqabamaa taasisuun ol’iyyannoo baay’isuu keessatti qooda hin qabu jedhaniiru.Sababiin isaa murtiin qulqullina yoo qabaate tajaajila si’oomaa fi dhaqqabamaa taasisuun, ol’iyyannoo hin baay’isu.Tajaajilli abbaa seerummaa si’oomaa fi dhaqqabamaa yoo ta’e, yeroo gabaabaa keessatti haqni waan mirkanaa’uuf; adeemsis iftoomina waan horatuuf; baasiin akka salphatu, dinagdee akka guddatu fi yeroon akka qusatamu waan taasisuuf, ol’iyyannoon akka hin baay’anne taasisa. Kanaan walqabatee of-eeggannoon godhamuu qabu garuu abbootiin seeraa torbanitti lakkoofsaan galmee amma kana hojjechuu qabu jechuun akka cinqamanii qulqullina murtiif utuu hin taane galmee lakkoofsisuu irratti akka xiyyeeffatan taasisame, rakkoon kan uumamu ta’a. Kanaaf, tajaajila si’oomaa fi dhaqqabamaa taasisuun ol’iyyannoo kan hirisu ta’uu dha.
Abukaatoonni deebii kennaniin,121 tajaajila abbaa seerummaa si’oomina fi dhaqqabamaa taasisuun, ol’iyyannoo baay’isuu keessatti qooda guddaa qaba; qooda gadi aanaa qaba; qooda hin qabu jechuun ejjannoo garagar ta’e ibsaniiru. Abbootiin seeraa dhimma dhiyaateef xiyyeeffannoon ilaaluu dhabuun galmee baay’ee murteesse jedhamuuf qofa yoo hojjetan; hanqina abbootii seeraa irraa kan ka’e dhimma gadi fageenyaan ilaaluu yoo dhaban; manni murtii ol’aanaa caljedhee bu’uura SDFHH lakk.337tiin ol’iyyannoo dhiyaate yoo cufe; haalli dhimmoonni ARTD dhaan ilaalaman; qulqullina murtii irratti dhibbaa uuma. Abbaan dhimmaa dhimma isaa ariitiidhaan yoo xumurate, ariitiidhaan ol’iyyachuu danda’a. Kanaaf, haalli kun ol’iyyannoo baay’isuu keessatti gahee guddaa qaba. Abukaatota kaan haalli kun ol’iyyannoo baay’isuu keessatti gahee gadi aanaa qaba jedhaniiru. Abukaatonni kaan ammoo tajaajilli abba seerummaa si’oomaa fi dhaqqabamaa ta’e waan hin jirreef, ol’iyyannoo baay’isuu keessatti qooda hin qabu jedhaniiru.Gama biraan, abukaatonni sadii deebii kennaniin, tajaajila si’oomaa fi dhaqqabamaa taasisuun akkamitti ol’iyyannoo baay’isuu keessatti qooda qabaata ilaalcha jedhu qabachuun, gaaffiin dhiyaate ifa akka hin taaneef irra deebi’amee akka ilaalamu hubachiisaniiru. Abukaatoon tokko ammoo deebii kenneen, akka carraa ta’ee hojiin abbaa seerummaa naannoo keenyaa jechaan malee gochaan dhaqqabamaa miti, sababni isaatis yeroo ammaa kana abbootiin seeraa tokko tokko amantaan, gosaan, firummaan, maallaqaan murtii haqa qabeessa hin taane kennuu irrayyuu darbee galmee mana murtii aanaa irratti murteessan hanga mana murtii sadarkaa ol’iyyannoo dhagahuutti hordofuudhaan qaamni komii dhagahu murtii jalaa akka cimsu gochuu irratti gahee guddaa taphachaa kan jiran waan ta’eef, bakka kun hin sirroofnetti si’oominnii fi dhaqqabamummaa akka hin jirretti ilaalama jedheera. Tajaajila abbaa seerummaa si’oomaa fi dhaqqabamaa taasisuu qofa utuu hin taane, qulqullina murtii mirkaneessuuf hojiileen hojjetamuu qaban walcinaa raawwatamuu akka qabanii dha.
Abbootiin alangaa dhimma kanaan walqabatee ejjannoo garaagara ta’e callaqqisaniiru.122 Abbootiin seeraa ariitii keessa dogoggora uumuu waan danda’aniif, ol’iyyannoo baay’isuu keessatti qooda xiqqaa qaba. Abbootiin alangaa kaan ammoo dhimmi kun sadarkaa godinaatti ol’iyyannoon akka baay’atu gumaacha guddaa qaba jedhaniiru. Si’oomina fi dhaqabamummaa mirkaneessuu keessatti qulqullinni murtii yoo hir’ate, ol’iyyannoo ni baay’isa; qulqullinni murtii yoo jiraate garuu ol’iyyannoon hin baay’atu. Abbootiin alangaa kaan ammoo tajaajila si’aawaa fi dhaqqabamaa taasisuun baay’inaa fi kuufama galmee jiruu waan sirreessuuf, ol’iyyannoo baay’isuuf gumaacha hin qabu.Kanaan walqabatee, hanqina hubannoo hawaasaa fi rakkoo karaa abukaatoo seeraa qarshii argachuuf qofa ol’iyyannoo barreessan irratti hojjechuun barbaachisaa dha. Gama biraan, namoonni kaan bar-gaaffiin deebii kennan, dhimmoota si’aayinaan xumuruun ol’iyyannoo xiqqeessuu malee baay’isuu keessatti gahee hin qabu jedhaniiru.
Namoonni af-gaaffiin deebii kennan yaaduma walfakkaatu kennaniiru. Manneen murti daangaadhuma yeroo taa’e (chaartarii lammiilee) keessatti xumuruuf jecha ariitiidhaan sardamanii waan qulqullaa’uu qabu utuu hin qulqulleessine waan murteessaniif ol’iyyannoo baay’isa.123 Sadarkaa mana murtii aanaatti abbaan seeraa dabaree dabareen waan jijjiiramaniif, abbaan seeraa galmee matta’aa itti fudhate akka harkaa hin baaneef utuu hin qulqulleessine saffisee waan murteessuuf rakkoo ta’a. Manni murtii aanaa saffisaan murteessuu malee qulqullinatti hin dhimmaman. Manneen murtii walitti dhiyaachuun, dhiyeenyatti argamuun, baasii xiqqaa, dadhabbii fi xaarii xiqqaadhaan falmii waan xumurataniif, hanga dhumaatti deemanii waan falmaniif, waanuma xiqqaa ijibbaachuufis, darbee darbee garee biraas miidhuuf waan deemaniif, ol’iyyannoo ni baay’isa.124 Abbootiin dhimmaa falmii isaanii gaggeessuuf, haalli mijataan jiraachuun, hawaasatti dhiyaatanii hojjechuun, teeknolojiin, pilaazimaan falmachuun, dhaqqabamummaan waanuma xixiqoo akka hin obsine taasisa.125 Gama biraan, namoota garee biroo xaarsuuf ol’iyyatan irratti dafee utuu murtiin kennamee, xaarsuu, dadhabsu, raawwii lafa irra harkisuun waan hafuuf, ol’iyyannoo baay’isuuf qoodni isaa xiqqoo dha.
Kanaafuu, tajaajila abbaa seerummaa si’oomaa fi dhaqqabamaa taasisuun, ol’iyyannoo baay’isuu keessatti gumaacha qabaatu illee gadi aanaa ta’uu fi ol’iyyannoo baay’isuu kan danda’u, dhimmoonni kun waan guutamaniif qofa utuu hin taane, hanqinoonni biroo murtii keessatti yoo mul’atan, abbaan dhimmaa ol’iyyannoo deemuuf dirqama. Akka qajeeltootti, tajaajila abbaa seerummaa si’oomaa fi dhaqqabamaa taasisuun mataa isaatti ol’iyyannoo baay’isuuf carraa inni qabu xiqqaa dha, garuu qulqullina murtii yoo hin mirkaneessine baay’isuuf gahee guddaa taphata.
F. Bilisummaa

Bilisummaan mana murtii fi abbaa seeraa qajeeltoo hawaasni addunyaa irratti waliigalee dha.Akka biyyaa fi naannoo keenyattis, abbaan seeraa yookiin manni murtii dhiibbaa qaama kamiyyuu irraa bilisa ta’e seeraan qofa hoogganamee hojii abbaa seerummaa hojjechuu akka qabu heeraan tumameera.Bilisummaan abbaa seeraa irra caalaa faayidaa abbaa seeraa sanaaf utuu hin taane namoota abbaan seeraa sun dhimma isaanii ilaalee murteessuuf dha.Abbaan seeraa haala heera mootummaa irratti tumameen bilisummaa isaa eegee hojjechuuf dirqama qaba.


Abbootiin seeraa manneen murtii Oromiyaa dhiibbaa qaama kamiyyuu irraa bilisa ta’anii seeraan qofa hoogganamanii hojjechaa jiruu? gaaffii jedhuuf, namoonni deebii kennanii jiru. Bu’uura kanaan, abukaatonni deebii kennaniin, abbootiin seeraa harki caalaan dhiibbaa qaama biraa irraa bilisa jennee hin yaadnu jedhaniiru.126 Keessattuu dhimma mootummaan garee falmataa ta’e, fakkeenyaaf bulchiins magaalaa, yookiin dhimmoota gumuruka, malaammaltummaa ilaalchisee abbootiin seeraa dhiibbaa irraa bilisa miti. Sababni isaas:

  • Abbootiin seeraa matta’aa fudhatan haguuguuf jecha, dhimmoota kana ilaalchisee ija dunuunfatanii mootummaadhaaf murteessu.

  • Dhimmoota faayidaa mootummaa ilaalatan kana ragaa fi seera qofaan utuu hin ta’iin haala kamiin komii irraa bilisa ta’uu danda’a jedhanii murteessu.

  • Abbootiin seeraa sodaa tarkaanfii bulchiinsaa (kan akka jijjiirraa), yaaduun haala komii hin kaasu jedhaniin yoo murteessan mul’ata.

  • Abbootiin aangoo dhimma mana murtii jiru siif murteessisa jechuun fira isaatiif yoo waada gale.

  • Abbootiin seeraa tokko tokko akka muudamaa siyaasaatti waan of ilaalaniif caasaa siyaasaa fi dhiibbaa siyaasaa irraa bilisa ta’uu hin danda’an.

  • Abbootiin seeraa tokko tokko soda fuulduraaf dhufu irraa of qabuuf jecha seera irraa maqanii murtii waan kennaniif dha.

  • Qaamolee raawwachiiftuu gammachiisuuf seera utuu hin xiinxalle hojjechuutu jira.

  • Abbootiin seeraa manneen murtii Oromiyaa ofitti amanamummaa waan hin qabne fakkaatu.

Dhiibbaa keessaa ilaalchisee, hooggantoonni mana murtii waliigala Oromiyaa ol’aantummaa hoogganan yookiin pireezidaantonni, abbootii seeraatiin dhimmoota gurguddaa ilaalchisee akkanatti hojjedhaa jechuun sodaachisuun darbee darbee dhiibbaa yoo uuman, sababa kanaan abbaan seeraa qaama ol’aaanaa eeguuf dalagaan qaama biroo eeguuf kallattii ajajameen murtii kennuun ni jira. Akka waliigalaatti, abbootiin seeraa harki caalaan dhibee kanaan qabamaniiru. Abbootiin seeraa dhiibbaa keessaa fi alaa bu’ureeffatee murtiin kennan haqa qabeessummaa fi seera qabeessummaa isaa irratti hanqinni waan mudatuuf, ol’iyyannoo baay’isa.


Gama biraan, abukaatonni muraasni deebii kennaniin, abbootii seeraa irra dhiibbaan jiraachuu wanti arge hin jiru, baayee hin mul’atu, fooyya’iinsi ni jira. Abbaan seeraa bilisa jennee waan yaadnuuf, dhiibbaa qaama alaatiin murtiin kennamu hin jiru, sadarkaan isaa gadi aanaa dha, ol’iyyannoo baay’isuuf sababa hin ta’u jechuun ibsaniiru.
Abbootiin alangaas dhimma kana irratti deebii kennaniin,127 manni murtii dhiibbaa qaama biraa irraa bilisa miti, bilisummaan murteessuu irratti hanqina guddaatu jira. Dhimmoonni dantaa adda addaa of keessaa qaban irratti dhiibbaa bal’aatu mul’ata. Fakkeenyaaf, Dhimmoota yakkaa dubartoota fi daa’immanii irratti, bosona, siyaasa kkf ilaalchisee dhiibbaa alaa fi keessaa irraa kan ka’e qulqullinni murtii gadi bu’aa ta’a. Keessattuu, mana murtii aanaa fi godinaatti rakkoon kun ni mul’ata. Abbaan seeraa sodaadhaan murtii kenna. Abbootiin seeraa dallaaltotaa fi abukaatota dallaalaa ta’an waliin waan waliigalanii hojjetaniif seeraa ala murteessu. Sababa dhiibbaa qaama ol’aanaa fi qaama siyaasaatiin, murtiin seera qabeessa hin taane waan kennamuuf ol’iyyannoon deemama.Bilisummaan hin jiru taanaan seeraan hoogganamanii murteessuun hin jiru. Gama biraan, abbootiin alangaa muraasni deebii kennaniin, dhiibbaan jiraachuu amananii, dhiibbaan kun dhiibbaa abbaa qabeenyaa, dhiibbaa hooggansa mana murtii, walitti dhufeenya, faayidaa jiddu galeessa godhachuun murtii kennisiisuu dha; dhiibbaan qaama alaa ifatti jira jechuun ibsaniiru. Abbootiin alangaa muraasni ammoo dhibbaan hin jiru, abbootiin seeraa mana murtii keessa jiran bilisummaan isaanii daran gaarii dha, qaamni kamuu dhiibbaa godhu hin jiru. Abbootii seeraa irratti dhiibbaan qaama birootiin taasifamu xiqqaa dha; dhiibbaa jala galee kan jiru karaa malaamaltummaati dha.
Kana malee, manneen murtii dhiibbaa adda adda jala jiraachuu namoonni af-gaaffii fi marii gareen yaada kennan hubachiisaniiru. Kunis:

  • Abbootiin seeraa abbaa qabeenyaa waliin qunnamtii waan qabaniif dhiibbaa guddatu jira, bilisa miti.128

  • Dhiibbaan adda addaa qaama qoratu irraa eegalee hanga mana murtiitti kan deemu yoo ta’u; manneen murtii aanaa fi ol’aanaan darbee darbee dhiibbaa naannoo isaanii bu’ureeffachuun yoo murtii kennan ni mul’ata.129

  • Qaamoleen biraa, fkf median, mana murtii irratti dhiibbaa gaggeessuu.130

  • Dhimmoota kan akka yakka bosona, yakka dubartoota irratti raawwatamu ilaalchisee xiyyeeffannoo kenname irraa kan ka’e dhiibbaan alaa fkf media, bulchiinsa yoo uuman mul’ata.131

  • Hawaasni mana murtii, abbootii seeraa dabalee, safuu fi duudhalee naamusa mana murtii irraa eegamu dhabuun, bilisummaa mana murtii sarbanii jiru.132

  • Firaaf jecha abbaan aangoo, abbaa seeraatiif bilbiluu fi akka bilbilu taasisuun dhiibbaa uumuun ni jira.133

  • Dhimma balaa konkolaataan walqabatu ilaalchisee malaammaltummaan waan baay’atuuf, dhiibbaan adda addaa waan jiruuf, abbootiin seeraa ofitti amananii seeraa fi seera qofa irratti hundaa’anii murteessuu irratti rakkoon waan jiruuf, abbootiin dhimmaa manneen murtii jalaa irraa abdii dhabuun gara mana murtii waliigalaatti ol’iyyatu.134

  • Hooggantoonni yookiin pireezidaantonni mana murtii aanaa fi ol’aanaa galmee hojjechuu keessaa bahanii, hojii bulchiinsaa qofa irratti waan xiyyeeffataniif abbootii seeraa irratti dhiibbaa guddaa uumaa jiru.135

Kanaaf, manneen murtii Oromiyaa dhiibbaa keessaas ta’ee alaa adda addaa jala kan jiran ta’uun waan hubatamuuf, murtii haqa fi seera qabeessa ta’e kennuu irratti rakkoo waan uumuuf, abbootiin dhimmaa murtiin sirrii kennamus ta’ee hin kennamne mana murtii irraa amantaa waan dhabaniif ol’iyyannoo deemu.
Yüklə 0,57 Mb.

Dostları ilə paylaş:
1   2   3   4   5   6   7   8   9   ...   12




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin