Boqonna tokkoffaa seensawaliigalaa


Sababoota seeraan wal qabatan



Yüklə 0,57 Mb.
səhifə8/12
tarix25.10.2017
ölçüsü0,57 Mb.
#12981
1   ...   4   5   6   7   8   9   10   11   12

3.4. Sababoota seeraan wal qabatan

Ol’iyyannoon mana murtii Oromiyaa keessatti baay’achuu isaatiif sababni tokko qaawwaan seeraa hiikkoo gara garaa kennuu dandeessisan seera keenya keessatti kan heddummatu ta’uu isaati dha.Seeronni yeroo hundumaa iftoomoo fi kan hiikkoo hin barbaanne ta’uu hin danda’ani.Hiikkoon seeraa ogummaa mataasaa barbaaduun kan barbaachises kanumaafi.Haa ta’uuti,hanga danda’ametti seeronni yeroo bahan akka iftooma bu’uuraa qabataan gochuun,kanarra darbees seeronni erga bahaniin booda hiikkoo seeraa adda addaa dhaqqabsiisuun qaawwaa yeroo uumanitti qorannoo barbaachisaa gochuun hiikkoon seeraa sirrii ta’ee fi yaada seera baastotaa bu’uureffate isa kami kan jedhu sakatta’uudhaan qaamolee seeraatiif bu’aa qorannoo bifa leenjiitiin,bifa mareetiin dhaqabsiisuun hanqina gama kanaan uumamu furuu keessatti gumaacha guddaa qaba.Kanaafuu,seerota manneen murtii keenya keessatti hiikkoo gara garaa kennisiisudhaan murtiin tilmaamaman akka hin kennamne gochuudhaan ol’iyyannoo heddumeessuuf sababa ta’an kanneen gurguddaan adda baasamaniiru.Hiikkoon seerota kunis haala dubbisaaf toluun iddoo gurguddaa jahatti qoodamanii akka armaan gadiitti dhihaataniiru.



  1. Hiikkoo Falmii Dhirsaa fi Niitii Irratti kennamu.

Falmiin dhirsaa fi niitii falmiiwwan manneen murtii keenya sadarkaa Aanaati hanga sadarkaa Waliigalatti dhiphisan keessa isa tokko dha.Falmiin dhirsaa fi niitii falmii wantoota sadii of keessa qabu dha.Isaanis:falmii gaa’ellii seera fulduratti fudhatama qabu jiraachuu fi jiraachuu dhabuun keessatti mirkanaa’uun murtiin diiggaa keessatti kennamu,falmii bakka jireenya,baasii fayyaa,barumsaaf qallaba daa’immanii keessatti murtaa’u fi falmii qoodda qabeenyaati dha.Falmii dhirsaa fi niitii irratti manneen murtii keenya murtii wal fakkaataa fi tilmaamamaa kennuu dhabuun ol’iyyannoon akka baay’atu taasisera.Mannen murtii Naannoo keenya keessatti falmii dhirsaa fi niitii firii dubbii tokko qaban irratti murtiin adda adda ol’iyyannoo baay’isuuf sababa ta’an maaliif akka kennamaa jiran sadarkaa falmiitiin qooduun adda baafameera.

  1. Falmii Diiggaa Gaa’ela

Naannoo keenya keessatti dhimma maatii ilaalchisee seera maatii raawwatamummaa qabu Caffeen mootummaa naannoo Oromiyaa akkaataa heera mootummaan wal hin faallessine fi aadaa fi haala jireenya uummata naannichaan wal simuu danda’uun tumateera.Manni maree bakka bu’oota uummataa gama isaatiin seera maatii Feederaalaa kan bulchiinsa magaalaa Finfinnee fi Dirree Dawaa irratti raawwatamummaa qabu tumeera.Seerri maatii manni maree bakka bu’oota uummataa baase karaalee gaa’elli ittiin hundeeffamu sadii erga kaa’een booda dabalataan karaa arfaffaan akka jiru teessiseera.Karaan arfaffaan kunis hawwaasni keessa jiraatani fi firoonni akka abbaa manaa fi haadha manaatti nama lakkaa’uun gaa’ela ni hundeessa kan jedhu dha.191Haa ta’uuti,karaan arfaffaan kuni akkaataa seera maatii naannoo Oromiyaatiin gaa’ela hundeessuu keessatti gahee hin qabu.Garuu Dh/Ij/M/M/W/F dhimma maatii naannoo Oromiyaa irraa ka’u irratti hiikkoo seera maatii Feederalaa kennuun akka abbaa manaa fi haadha manaatti waan waliin jiraachaa turaniif gaa’elli ni jira jechuudhaan murtiin manneen murtii Oromiyaa ijoo kanarratti kennan diiga jira.Kuni immoo murtiin manneen murtii Oromiyaa seera Caffeen baase bu’uureffachuun murteessan tilmaamamoo akka hin taane,ol’iyyannoonis manneen murtii keenya sadarkaa sadarkaan jiranitti akka baay’atuuf sababa ta’eera.192Dhimmi kuni murtii manneen murtii Oromiyaa seera maatii Oromiyaa bu’uura godhachuun murteessan tilmaamamummaa dhabuun Ol’iyyannoo heddummeessuu irra darbuun dirqama aangoo walii waliif kabajuu mootummaa feederaalaa fi mootummaa naannoo gidduu jiru cabsuun sirna feederaalizimii biyyittiin hordoftu kan gatii dhabsiisu dha.

Dhimmi biraan seerri maatii Oromiyaa gaa’elli karaa sadiin diiigamuu akka danda’u cufaa godhee kaa’era.Karaaleen sadeen kunis;wal fuutota keessa tokko yoo du’e ykn mana murtiitiin murteen badiinsaa yoo kenname,fuudhaa-heeruma raawwachuuf haalawwan barbaachisaa ta’an keessaa tokko sababa hin kabajamneef akkaataa seeraatiin fuudhaa-heerumni akka diigamu yoo murtaa’e fi murtiin hiikkaa yoo kenname dha.193Fedhii addaan bahuutiin ykn wal dhiisuutiin mana murtiin alatti addaan bahuun,jaarsolii firaatiin qabeenyaa qaban qooddatanii addaan deemuun karaawwan sadeen kana keessatti hin haammatamne.



Haa ta’uuti,M/M/W/F/Dh/Ijibbaataa dhimma kanarratti murtii manneen murtii guutuu biyyatti irratti humna dirqisiisoo qaba jechuun kennerratti abbaan manaa fi haati manaa fedhii wal dhiisutiin addaan bahuun gaa’ela diiguu ni danda’a jechuun murteessera.194 Murtiin kuni manneen murtii naannoo Oromiyaa keessatti hiikkoon adda addaa ijoo kanarratti akka kennamu ka’umsa ta’eera.Abbootiin seeraa tokko tokko murtii M/M/W/F/Dh/Ij abbootii seeraa shanii oliif murteesse manneen murtii biyyatti hundarratti humna dirqisiisoo seeraa waan qabuuf murtii kana hordofuun murtii kennuun dirqama dha jechuun Seera maatii Oromiyaa maddiitti dhiisuun murtii kana fudhachuudhaan akkaatuma dhaddachi ijibbaataa murteessen kan murteessan yeroo ta’u abbootiin seeraa kaan immoo dhaddachi Ijibbaataa aangoo seera hiikuu malee aangoo seera tumuu hin qabu.Diiggaa gaa’elaa ilaalchisee seerri maatii Oromiyaa haafa ifa ta’een karaa sadiin hiikama jechuun haala tume keessatti Dh/Ij/M/M/W/F karaa arfaffaa itti dabaluun seera hiikuu utuu hin taanee seera baasu dha.Manni murtichaa keessattu seera maatii naannoo Oromiyaa tumuuf aangoo waan hin qabneef murtii kanaan hin dirqamnu hinnumaayyuu dhaddachi Ijibbaata Mana Murtii Waliigala Feederaalaa haala hiikkoo kana seera maatii Oromiyaa irratti hundaa’uun hin kenniinitti murtii kanaan hin dirqamnu jechuun murtii dhaddacha ijibbaataa lafatti dhiisuun akkaataa seera maatii Oromiyaan kan murteessan ni jiru.Kuni immoo ijoo kana irrtti murtiin tilmaamaan manneen mutii keenya keessatti akka hin kennamne gochuun ol’iyyannoo heddummeessuuf sababa ta’eera.

  1. Falmii Bakka Guddinaa fi Qallabaa Daa’immanii.

Dhimma maatii irratti diigamuu fuudhaa-heerumaan booda qallaba daa’imaa murteessuu irratti manneen murtii keenya murtii safartuu hin qabne yeroon kennan ni mul’ata.Manneen murtii keenya keessatti humna kaffaluu kaffalaa ykn kaffaltu qallabaa,haala jireenya yeroo ammaa fi fedhii daa’immanii tilmaama keessa utuu hin galchiin qallaba daa’immanii akka feeteen murteessuun ni jira.195Kunis ol’iyyanno baay’isuu keessatti gahee mataasaa ni qaba.196Manni murtii fuudhaa-heerumni akka diigamu yeroo murteessu ijoolleen eenyu wajjiin jiraachuu akka qaban, waa’ee barumsaa,eegumsa fayyaa isaanii fi waa’ee qallaba isaanii walumatti murteessu qaba.197Manni murtii dhimma qallabaa,fayyaa fi barumsa daa’immanii irratti murtii yeroo kennu haala galii maatii,umurii fi haala daa’immanii tilmaama keessa galchuu qaba.198Haa ta’uuti abbootiin seeraa haalota kana akkaataa seerri yaadeen fudhachuun qorannoo barbaachisu taasisuun murtii kennuu dhabuun ni jira kuni immoo ol’iyyannoon akka baay’atu sababoota taasisan keessa isa tokko dha.

  1. Qooddaa Qabeenya Dhirsaa fi Niitii.

Qabeenyaan dhirsaa fi niitiin diiggaa gaa’elaa booda akkamiin addaan qoodamuu akka qabu seeraan tumameera.199Akka qajeeltotti wal fuutota keessaa tokko qabeenya dhuunfaa isaa ta’uu yoo hubachiise malee qabeenyaan kamiyyuu yoo maqaa isa tokkoon galmaa’ee argamellee akka qabeenya waliiniitti lakkaawama.200Qajeeltoon kun akkuma eegametti ta’ee,qabeenyaan abbaan manaa fi haati manaa gaa’elaan dura dhuunfaan horatan qabeenyuma dhuunfaa isaanii ta’ee itti fufa.201Haa ta’uti lafa qabiyyee wal fuutota keessa tokko gaa’elaan dura qabatee itti fayyadamu qabeenya dhuunfa ta’a moo kan waliinii ta’uu qaba kan jedhurratti adda addumtiin ni jira.

Baadiyyaa naannoo Oromiyaa keessatti hedduminaan dubartoonni kan jireenya hundeeffatanii fi qabeenya horatan bakka jireenya abbaa manaatti dha.202Haati manaa lafa qabiyyee abbaan manaa gaa’elaan dura dhuunfaan qabu yookiin kan kennaadhaan maatii abbaa manaa irraa argatan irratti jireenya bu’uureffachuun jiraatti.203Jireenya haala akkanaa keessatti gaa’elli yeroo diigamu haati manaa qabiyyeen kuni fi qabeenyaan laficharratti horatan qixxeetti akka qoodamuuf ni gaafatti.Haadhi manaa qabiyyee abbaan manaa gaa’elaan dura dhuunfatti qabu qixxeetti qooddachuu qabdi moo qooddachuu hin qabdu? Qabiyyeen akka qabeenya dhuunfaan horatameetti ilaalamuu qaba moo hin qabu? Yeroo fuudhaa-heerumni raawwatamutti qabiyyee wal footonni maatiirraa kennaan argatan addaan qoodamuu qaba moo qoodamuu hin qabu?Ijoo jedhu murteessu irratti manneen murtii sadarkaa adda addaarra jiran gidduutti fi manuma murtii tokko keessaa dhaddachaa gara dhaddachaatti hiikkoon addaa addaa kennama jira.204

Abbootiin seeraa tokko-tokko lafti qabeenya uummataa fi mootummaa waan ta’eef akka qabeenyaa dhuunfaan horatameetti ilaalamuun qabeenya dhuunfaa abbaa manaati jedhamee fudhatamuun sirrii miti.Kanaafuu, qabiyyee abbaan manaa fuudhaa-heeruma dura dhuunfatti qabu akkuma qabeenya waliinitti lakkaa’amee dhirsaa fi niitiif qixxee akka qoodamu murtaa’uu qaba jedhu.205

Gama biraatiin abbootiin seeraa lafti qabeenya bu’uuraa ta’ee utuu jiruu akka qabeenyatti hin lakkaa’amu jechuun hiikkoo mirga garee tokkoo miidhu dha jechuun falmanis ni jiru.Abbootiin seeraa yaada kana qaban lafti abbaan manaa gaa’elaan dura dhuunfatti qabu qabiyyee dhuunfaa isaa ta’ee itti fufuu qaba kan jedhudha.Kanaaf,waliigalteen addaa yoo hin jiraatiin akka qabeenya dhuunfatti lakkaa’amee garee dursee dhuunfaan lafa qabatee ittiin jiraataa tureef murtaa’uu qaba jedhu.206

Gareen abbootii seeraa lafti akka qabeenya waliinitti lakkaa’amee qixxeetti addaan qooddamuu qaba jedhan dhirsaa fi niitiin yeroo hangamiif yoo lafichatti waliin fayyadaman qixxeetti qooddamuufi qaba kan jedhurratti ammas adda addumtii ni qabu.207

Kanneen keessaa abbootiin seeraa tokko tokko haadhi manaa lafa abbaan manaa fuudha-heeruma dura dhuunfaan qaburratti mirga kan gonfachuu qabduu waliin fayyadamuu irraan kan ka’e lafa sanarratti hirkattee jiraachuun lafichatti hidhata sammuu“psycological attachiment” yoo godhatte dha jedhu.Hidhanni sammuu ykn psycological attachiment kunis waggaa kudhan keessatti uumamuu danda’a.Kanaaf waggaa kudhan waliin jiraatanii jennaan qabeenya waliinii ta’a yeroo jedhan kaan immoo waggaa tokkoo ol waliin jiraatanii jennaan ni uumamaa jechuun murtii adda addaa kennaa jiru.208Dhimma kanarratti hanguma ejjennoon abbootii seeraa gara gara ta’e murtiin kennamaa jirus garaa gara ta’uudhaan tilmaamamummaa dhabuun ol’iyyannoo baay’isuudhaaf sababa guddaa ta’ee jira.

Qooddaa qabeenya dhirsaa fi niitiin wal qabatee ijoo biraan ol’iyyannoo baay’isuuf sababa ta’e qoodda qabeenya dhirsaa fi haadha manoota tokkoo olii (bigamy)ti dha.Fuudha irratti fuudha raawwachuun dhorkaa akka ta’e tumameera.209Haa ta’uuti,fuudha irratti fuudhi dhorkamuun dura fuudhaa-heerumni turan yeroo diigamaan qooddaa qabeenyarratti adeemsa akkamiitu hordofamuu qaba?Dhorka kanarra darbuudhaan fuudha irratti fuudhi yoo raawwatame qooddaan qabeenyaa akkamiin gaggeeffamuu qaba? Kan jedhu irratti seerri fala cee’umsaas ta’e fala dhaabbataa ifaan kaa’e hin jiru.Qooddaan qabeenya dhirsaa fi niitii akka waliigalatti yoo ilaalle haadha manaa tokkoo fi abbaa manaa tokko ka’umsa kan godhatee fakkaata.210Kuni immoo naannoo Oromiyaa keessatti falmiin qooddaa qabeenya dhirsa tokkoo fi haadha manoota lamaa fi lamaa ol ta’an gidduutti adeemsifamuuf furmaata kennuu rakkisaa kan taasisu dha.Murtii manneen murtii keenya dhimma kanarratti kennan tilmaamamummaa kan hin qabne,seera ifa ta’erratti kan hin hirkannee fi ol’iyyannoo heddummeessuu keessatti ga’ee mataasaa kan qabu dha.211

Falmii qooddaa qabeenya abbaa manaa tokkoo fi haadha manaa lamaa fi sanaa oliirratti abbootiin seeraa ejjennoo adda addaa qabachuudhaan murtii adda addaa kennaa jiru.212Abbootiin seeraa tokko-tokko seerri keenya gaa’ela irratti gaa’ela hundeessuun dhorkaa dha waan jedhuuf gaa’elli lammataa hundee seerummaa hin qabu jechuudhaan haadha manaa gaa’ela lammataa yeroo falmii keessa baasan kanneen biroon immoo seerri keenya gaa’ela irratti gaa’ela kan dhorke ta’us namni abbaa manaati jedhumullee gaa’elli lammaffaa jiraachuu haala hin mormine keessatti gaa’elli hin jiru jechuun haadha manaa lammaffaa gaggeessuun hiikkoo sirrii miti jechuun qabeenya ni qooddachiisu.213

Kanneen gaa’elli lammataa jira jedhani qooddaa qabeenyarratti haadha manaa lammataa hirmaachisanis adeemsa qoodinsa qabeenyaa irratti adda addumtii ni qabu.Abbootiin seeraa tokko-tokko qabeenyaan abbaa manaa fi haadha manootaaf iddoo wal qixxee ta’etti qoodamuu qaba jechuun abbaa manaa fi haadha manootaaf qabeenya jiru hundaa qixxeetti addaan akka qooddatan murteessa jiru.Abbootiin seeraa gara biroon immoo abbaan manaa haadha manoota jiran hundarraa gahee ofii qixxee qooddachuudhaan fudhachuu qaba jechuun murteessu.Garee biraan immoo abbaan manaa haadha manoota hundarraa erga qixxeetti qabeenya qooddateen booda kan haadha manaa tokkorraa argate ishee tokkoof qixxeetti qooduun bifa wal qixxummaa dhiiraa fi dubartii eegeen qooddachuu qaba jechuun murtii kennaa jiru.Qooddaa qabeenya abbaa manaa tokkoo fi haadha manoota tokkoo oliirratti murtiin manneen murtii keenya kennaa jiran tilmaamamummaa kan hin qabnee fi akka lootorii carraatti kan ilaalamaa jiru dha.Murtii Dh/Ij/M/M/W/F dhimma kanarratti murtii murteesse rakkoo kana hiikkoodhaan furuu kan hin dandeenye fi matumasaatiin kan wal fallaassu dha.214

Hiikkoon dhaddachi kun dhimma maatii irratti kenne manneen murtii Oromiyaa irratti raawwatamummaa ni qaba moo? hin qabu? kan jedhu falmisiisummaan isaa akkuma jirutti ta’ee manni murtichaas qaawwaa kana daran bal’isuu irraan kan hafe duuchuu ykn dhiphisuu keessatti waan gumaache hin qabu.Qaawwaan kuni ol’iyyannoon manneen murtii Oromiyaatti akka baay’atuu,abbaan dhimmaa baasii hin barbaachifneef akka saaxilamu,hojii hiiktummaan akka babal’atu,maatiin akka tasgabbii dhabu,yeroon fi qabeenyi mana murtii akka qisaasa’u taasisaa dhimma jiru dha.



  1. Niitummaa mirkaneeffachuu

Iyyanni niitummaa mirkaneeffachuu iyyata manneen murtii keenya keessatti hiikko gara garaa kennisiisan keessa isa tokko dha.Haadha manaa fi abbaa manaa keessaa akka tasaa abbaan manaa yoo du’e haati manaa qabeenyaa maqaa abbaa manaatiin jiru gara maqaa ofiitti deebisuuf niitummaan naaf haa mirkanaa’u jechuudhaan iyyata dhiheeffachuun barameera.215Iyyata bifa kanaan dhihaatu irratti abbootiin seeraa ejjennoo adda addaa qabaachuun ijoo dubbii wal fakkaaturratti murtii garaagaraa murteessuun ol’iyyannoo baay’isuuf sababa ta’ee jira.216Abbootiin seeraa tokko tokko haadhi manaa erga abbaan manaa du’een booda gaa’ela du’aan diigamerratti niitummaan akka mirkanaa’uuf gaafachuun gaaffii qabeenya booderraa qabaachuu irraan kan hafe dhimma sababa himannoo ykn cause of action hin qabne dha jechuun iyyata kufaa ni godhu.Seerri maatii Oromiyaa kwt 93(2) fi (3) falmii dhirsaa fi niitii irratti gaa’elli jiraachuun yeroo haalamu akka qajeeltotti ragaa barreeffamaan kan qulqullaa’u ta’ee ragaan barreeffamaa iddoo hin jirretti ragaa namaan qulqulleessuun akka danda’amu kan agarsiisu malee manni murtii waraqaa ragaa niitummaa akka kennu kan affeeru miti jedhu.Hundumaarra haadhi manaa waraqaa ragaa niitummaa fayyadamuun qabeenya maqaa abbaa manaatiin galmaa’e gara maqaa ofiitti jijjiirrachuun,maallaqa maqaa abbaa manaatiin baankii ol taa’e fudhachuun mirga dhaaltota miidhuu ni danda’a.Qabatamattis haadhi manoonni du’aa waliin waraqaa ragaa fuudha-heerumaa qaban niitummaa mirkaneeffachuu kan barbaadan ni jiru.Kanaafuu,haadhi manaa qabeenya abbaa manaa waliin qabdu kallachaan ragaadhaan agarsiisudhaan fuudhaa-heerumni du’aan waan diigameef qabeenyi waliin qabnu qixxetti naaf haa qoodamu jechuun gaafachuu qabdi malee maqaa niitummaan naaf haa mirkanaa’utiin qabeenya dhaaltotaa of harka galchuun adeemsa seerri barbaadu miti jechuun iyyata dhihaatu kufaa ni godhu.

Gama biraatiin abbootiin seeraa kaan immoo manni murtii gaa’elli du’aan kan diigames yoo ta’e qaamoleen mootummaa kanneen akka baankii,Waajjira lafa baadiyyaa fi eegumsa naannoo,bulchiinsa magaalaa ragaa kana yoo dhiheessite malee maqaa waan hin jijjiirreef bu’uura SMO kwt 93(2) fi(3)tiin niitummaa mirkaneessuun abbootii dhimmaa hungulaalamuu kan oolchu waan ta’eef filatama dha jedhu.Abbootiin seeraa yaada kana qaban dhaltonni dantaan isaanii kan xuqamu yoo ta’e mormii ykn balaaleffannaa dhiheeffachuu waan danda’aniif manni murtii falmii kana fuudhe keessummeessuun barbaachisaa dha jechuun ni falmu.217



2. Hiikkoo Falmii Qabiyyee Lafaa Irratti Kennamu.

a) Falmii abbaa qabiyyummaa fi falmii jeequmsi naaf haa dhaabbatu addaan baafachuu dhabuu.

Manneen murtii keenya keessatti falmii abbaa qabiyyummaa fi falmii jeequmsi narraa haa dhabbatu jedhu darbanii darbanii addaan baafachuu dhabuun ni mul’ata.Keessayyuu Manneen murtii Aanaa falmii abbaa qabiyyummaa fi jeequmsi narraa haa dhabbatuu utuu addaan hin baasiin walitti makuun murtii kennuun ni jira.Murtiin akkanaa ol’iyyannoon mana murtii itti aanutti yeroo fudhatamu kan diigamu waan ta’eef ol’iyyannoo heddummeessurratti qooda kan qabu dha.218Manneen murtii sadarkaa tokkorra jiran gidduuttis murtiin wal fakkaataan akka hin kennamne kan taasisu dha.



b) Falmii Faayidaa Uummataaf Jecha qabiyyee gadi lakkisiisu fi beenyaa kaffaluun wal qabatan.

Faayidaa uummataaf jecha abbaan qabiyye lafa qabiyyeesaa akka gadi lakkisu murtiiwwan qaama aangoo qabuun murtaa’aniin wal qabatee himata dhihaatan irratti manneen murtii keenya ijoo fi firii dubbii wal fakkaaturratti murtii adda adda haalli itti kennan ni jira.219Kunis kan mul’atu falmii seera qabeessummaa adeemsaa ittiin qabiyyee gadi lakkisanii fi akkaataa kaffaltii beenyaan dhimmoota wal qabatani dha.220Dhimma kanarratti iftooma dhabuun seeraa hiikkoon garagaraa abbootii seeraa gidduutti akka kennamu sababa ta’eera.

Abbaan qabiyyee mirga qabiyyerraa fonqolfamuu dhabuu ni qaba.221Haa ta’uuti,haala addaatiin faayidaa uummataaf jecha beenya madaalawaa argachuun qabiyyee ofii gadi lakkisuuf akka dirqamu seerri tumameera.222Yeroo qabiyyee gadi lakkisuttis mootummaan beenya madaalawaa kaffaluu qofa utuu hin taane itti fufiinsaan jireenya namoota lafa gadi lakkisanii hordofee tasgabbeessu akka qabu kaa’ameera.

Gama biraatiin faayidaa uummataaf jecha namoota qabiyyeen dhuunfaa harkaa fuudhatame dhimma beenyarratti hangi beenyaa kaffalamee xiqqaateera kan jedhurratti qofaa mana murtiitti himata dhiheeffachuu danda’u jechuun tumameera.223Hanga beenya qofarratti mana murtiitti iyyachuu kan danda’u yoo ta’e sirumaa yoo beenya dhorkatame maaltu ta’uu qaba? Faayidaan uummataa utuu hin barbaadiin lafa akka gadi lakkisu yoo dirqame eenyutu ilaaluu qaba?dhimmoonni jedhan seerichaan ifatti deebii hin arganne. Hinumaayyu dhimma beenyaa qofarratti ol’iyyachuu danda’a gaaleen jedhu yeroo keessa luqqa’ee galagalfamee dubbifamu dhimmoota kaan irratti mana murtiitti himachuu kan dhorke fakkaata.

Kanarraa ka’uun abbootiin seeraa tokko tokko adeemsa namni ittiin qabiyyee gadi dhiisu seera qabeessa ta’uu fi ta’uu dhabuu,beenyaan erga kaffalameen booda akkaataa seeraatiin gadi dhiisuu fi gadi dhiisuu dhabuu,lafa gadi dhiisameef beenyaa eenyu akka kaffaluu qabu fi qabiyyee fudhatamerratti falmiin abbaa qabiyyummaa namoota gidduutti yoo ka’e Lab.Lak 455/2005 kwt 10 hanga beenya qofarratti waan jedhuuf manni murtii aangoo ilaaluu hin qabu jechuun himannaa kufaa ni godhu.224

Gama biraatii Abbootiin Seeraa kan biroon manni murtii dhimma kana yoo hin ilaalle namni lafa gadi dhiisu eenyuttuu iyyachuu hin danda’u jedhu.Waliitti bu’iinsa akkanaa qaamni akka hiiku addatti aangoon kennameefis hin jiru.Manni murtii dhimma haqaa hanga ifatti qaama biraaf hin kennamnetti ofitti fuudhee ilaaluuf aangoo waan qabuuf225 dhimmota akkanaa ilaaluun dirqama jechuudhaan ofitti fuudhanii ilaalu.Abbootii seeraa yaada kana qaban Abbaan qabiyyee lafa qabiyyeesaarraa mirga fonqolchamuu dhabuu akka qabuu fi haala addaatiin (exceptionally) fedhii uummataaf jecha qofaa qabiyyee ofii beenyaa madaalawaa argachuun gadhiisuuf akka dirqamu tumameera.226Haalonni addaa (exceptions) kunis dhiphatanii hiikamuu akka qaban qajeeltoon hiikkaa seeraa ni ibsa.Mirga abbaa qabiyyummaa heera mootummaan eegumsa argate kana haala hin xuqneen fedhii ykn dantaan uummataa akkamiin hiikamuu akka qabu manni murtii ilaaluun barbaachisadha.Kana malee,namoonni qabiyyee gadi lakkisan,qabiyyee ofii gadi dhiisuun dursa beenyaa madaalawaa argachuu akka qaban akkasumas jireenyi isaanii akka tasgabbaa’uuf mootummaan hordoffii fi deeggarsa gochuu akka qabu ifaan haala tumamee jirutti227Labsiin faayidaa uummataaf jecha qabiyyee dhuunfaa gadi lakkisiisu fi kaffaltii beenyaa murteessuuf bahe namni beenyaa malee qabiyyee dhuunfaa isaarra yeroo buqqa’u eenyutti? akkamiin akka falmachuu qabu ifaan tumuu dhabuun mirga abbaan qabiyyee heeraa fi seeraan argate dhabsiisu hin qabu.Kanaafuu,manni murtii dhimma xiqqachuu kaffaltii beenya,seerummaa lafa gadi dhiisisuu, fi falmiiwwan biroo kanaan wal qabatan ilaaluu qaba jechuun ofitti fuudhanii ni murteessu.Kuni immoo manneen murtii keessatti murtiin wal fakkaataan akka hin kennamne taasisuun ol’iyyannoo heddummeessu keessatti qooda mataasaa qaba.

Kan biraan abbaan qabiyyee lafasaarraa buqqa’e lafa gadi dhiifamerraa waraqaa ragaa waan hin qabneef jedhamee beenya malee haalli ittiin lafarraa buqqa’u ni jira.228Kuni immoo mana murtiitti yeroo dhihaatu murtii abbaa seeraati gara abbaa seeratti,mana murtiiti gara mana murtiitti jijjiiramu kennisiisudhaan ol’iyyannoon manneen murtii keenyatti akka baay’atu taasisuu keessatti gahee mataasaa godhateera.

c) Darbiinsa Yeroo

Darbiinsa yeroo lafa baadiyyaatiin wal qabatee adda addummaa yaadaa abbootii seeraa gidduu jiraachuun manneen murtii keenya keessatti dhimmoota wal fakkaatan irratti murtiin adda addaa akka kennamu sababa ta’eera.229Adda addumtiin jirus wantoota lamarratti dha.Inni tokkoffaan abbootiin seeraa tokko tokko dambiin lafa baadiyyaa Oromiyaa dhimma labsiidhaan hin haammatamiin waan qabatee jiruuf darbiinsa yeroo daambiin tumame hin fudhannu jechuun rincicuun kan wal qabate dha.Abbootiin seeraa tokko tokko darbiinsa yeroo dambiin tumame yeroo kufaa gochuudhaan bira darban kaan immoo darbiinsa dambiin kenname kana fudhachuudhaan raawwachiisa jiru.Kuni immoo dhimmoota wal fakkaatoo irratti murtiin adda addaa akka kennamu taasisaa kan jiru dha.230

Inni lammaffaan immoo warroonni seerummaa(legitimacy) labsichaatti amananii jiran darbiinsi yeroo lafa qabiyyee231mootummaa namoota dhuunfaan qabamerratti raawwatamummaa qaba moo hin qabu kan jedhudha.Dhimma kanarratti abbootiin seeraa tokko tokko darbiinsichi lafa qabiyyee mootummarrattis raawwatamummaa qaba yeroo jedhan gariin immoo lafa qabiyyee mootummarratti raawwatamummaa hin qabu ejjennoo jedhu qabu.Kuni immoo murtiin adda addaa ijoo wal fakkaaturratti kennamuun ol’iyyannoon akka baay’atu taasiseera.

3.Hiikkoo Dhimmoota Yakkarratti Kennaman.

Seerri yakkaa kallachaan seera bilisummaa namoota dhunfaa fi garee irratti raawwatamummaa qabu waan ta’eef yeroo hiikamutti xiyyeeffannoo addaa kan barbaadu ta’uun beekamaa dha.Seerri yakkaa seera bilisummaa,lubbuu fi qabeenya nama dhuunfaas ta’ee garee dhabsiisuu danda’u dha.Kanaafuu qajeeltoo hiikko mataasaa addatti ni qaba.Kunis xiyyeeffannoo addaa kan barbaadu ta’uu kan mul’isu dha.

Seerri yakkaa biyya keenyaa baaxiin adabbii yakkoota adda addaaf teessise bal’aa kan ta’ee fi abbootii seeraa adda addaa gidduutti yakka haala raawwii tokko qabuuf adabbii hidhaa adda addaa kennisisuu kan danda’u dha.Kuni immoo qajeeltoo namni hunduu seera ful duratti wal qixa jedhuun kan walitti bu’u dha.Rakkoo kana furuuf M/M/W/F qajeelfama adabbii baasuudhaan hojiirra oolcheera.232Haa ta’uuti,ammas keewwattoota seera yakkaa tokko tokkorratti abbootiin seeraa ejjennoo adda addaa waan qabaniif gochaa yakkaa haala raawwii tokko qabaniif adabbiin adda addaa kennamaa jira.Gochaa yakkaa haala raawwii tokko qabaniif adabbii adda addaa kennuun kallachaan ol’iyyannoo baay’isuu keessatti qooda ol’aanaa qaba.Gochaawwan yakkaa firii dubbii fi haala raawwii wal fakkaataa qabaniif adabbiin garaagaraa kennamuuf sababoota jiran bakka afuritti qooduun akka armaan gadiitti haa ilaallu.


Yüklə 0,57 Mb.

Dostları ilə paylaş:
1   ...   4   5   6   7   8   9   10   11   12




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin