Boqonna tokkoffaa seensawaliigalaa


a) Ulaagawwan Yakkoota Hundeessan Irratti Adda Addumtiin Hiikkoo Jiraachuu



Yüklə 0,57 Mb.
səhifə9/12
tarix25.10.2017
ölçüsü0,57 Mb.
#12981
1   ...   4   5   6   7   8   9   10   11   12

a) Ulaagawwan Yakkoota Hundeessan Irratti Adda Addumtiin Hiikkoo Jiraachuu.

Dhimmoota yakkaa manneen murtii naannoo keenyatti baay’atan keessa muraasni yakka miidhaa qaamaa,yakka bosana mancaasuu,yakka ajjeechaa fi yakka meeshaa waraanaa seeraan ala qabatanii argamuuti dha.Yakkoota kanarratti manneen murtii falmii dhihaatan ilaaluun murteessuuf dursa ulaagaa yakkoota kana hundeessaan haalaan lafa kaa’anii beekuun murteessa dha.Yoo kuni hin taane dhimmoota kanarratti gochaa yakkaa wal fakkaatu fi haala raawwii tokko qabuuf murtii wal fakkaataa kennuun hin danda’amu.Dhimmota armaan olitti ibsan irratti murtiin manneen murtii keenya keessatti kannamaa jiran maal akka fakkaataan qorannoo kanaan adda baafameera.Akka ilaalamettis yakkoota kana adda baasuun hundeessuu irratti adda addummaan jiru bal’aa dha.

Fakkeenyaaf yakka miidhaa qaamaa salphaa233 fi miidhaa qaamaa cimaa234 addaan baasuu irratti adda addumtiin abbootii seeraa gidduutti ni mul’ata.235Gochaan ilkaan cabsuu,gochaan lafee cabsuu (kan deebi’ee fayye)miidhaa qaamaa salphaa jalatti kufa moo miidhaa qaamaa cimaa jalatti kufuu qaba kan jedhurratti ejjennoon adda addaa abbootii seeraa gidduu ni jira.236Caba ilkaanii fi lafee deebi’ee fayye abbootiin seeraa tokko tokko miidhaa qaamaa cimaan yeroo adaban abbootiin seeraa kaan miidhaa qaamaa salphaan ni adabu.

Kanumaan wal qabatee manneen murtii Aanaa miidhaan qaamaa salphaan meeshaa miidhaa dhaqqabsiisuu danda’uun waan raawwatameef qofa S/Y bara 1996 kwt 556(2)A jalatti yeroo adaban abbootiin seeraa M/M/Ol’aanaa keewwata jijjiirudhaan kwt 560 jalatti ni adabu.237Abbootiin seeraa M/M/Ol’aanaa yeroo miidhaan dhaqqabe salphaa waan ta’eef jechuun keewwata jijjiirani haalli ittiin ragaa ogeessa malee ilaalcha ofiitiin madaaludhaan miidhaa dhaqqabe meeshaa miidhaa qabsiisuun ta’us salphaa dha jechuun gara kwt 560tti jijjiiran ni jira.Kun immoo ammaas ol’iyyannoon dhaabbii malee akka itti fufuudhaan ol’iyyatamu kan taasisu dha.

Kana malee, ilkaan tokko cabuu fi ilkaan hedduun cabuunis adda addumtii hiikkoo abbootii seera gidduutti kan uume dha.Abbootiin seera tokko tokko ilkaan hedduun cabus yakkuma tokkoon kan adaban yeroo ta’u abbootiin seeraa kaan immoo ilkaan hedduun cabuu akka yakka daddabalamaatti fudhachuun yeroon adaban ni jira.Himanni abbootii alangaas akkasuma.238Kuni immoo ijoo kanarratti dhaddachaa gara dhaddachaatti akkasumas manneen murtii sadarkaan jiran gidduutti murtiin adda addaa akka kennamuuf sababa ta’eera.

Kan biraan yakka qabeenya namaa ibiddaan mancaasuu (gubuu) irrattis murtiin adda addaa manneen murtii keenya keessatti kennamaa jira.Abbootiin seeraa tokko tokko keessayyuu baay’inaan abbootiin seeraa mana murtii Aanaa yakka gubaa mana tokkoo,yakka gubaa midhaan tuullaa tokkoo-lamaa S/Y bara 1996 bahe kwt 492 jalatti murtii balleessummaa fi adabbii murteessu.Gama biraatiin abbootiin seeraa tokko tokko keessayyuu baay’inaan abbootiin seeraa M/M/Ol’aanaa fi M/M/Waliigalaa keewwata jijjiirudhaan qabeenya balleessudhaan murtii balleessummaa yeroon kennan ni mul’ata.239Kuni immoo manneen murtii keenya keessatti murtiin tilmaamamaan akka hin kennamne gochuun ol’iyyannoo heddummeessu keessatti shoora ol’aanaa kan taphatu dha.

Kana malee,yakka meeshaa seeraan alaa qabatanii argamuu irratti murtiin manneen murtii keenya keessatti kennamaa jiru murtii tilmaamamummaa hin qabne dha.240Yakka meeshaa waraanaa seeraan ala qabatanii argamuu241 irratti murtiin adda addaa kan kennamuu ciraan qabame eenyuuf murtaa’u qaba kan jedhurratti dha.Abbootiin seeraa tokko tokko meeshaan waraanaa kan mootummaa waan ta’eef himatamaan yakka meeshaa seeraan ala qabachuun baalleessa yoo jedhame ciraan gara qabeenya mootummaatti akka galii ta’u murteessamuu qaba yeroo jedhan abbootiin seeraa tokko tokko immoo meeshaan waraanaa kan mootummaan bulchu,hidhachiisu fi hiiksisu ta’uun kallachumaan himatamaa meesharraa mirga dhabsiisu hin qabu jedhu.242Hinnumaayyuu yakki meeshaa waraanaa seeraan ala qabatanii argamuu seera yakkaa keenya keessatti kutaa dambii darbiinsaa jalatti kan argamu dha.Yakkoonni dambii darbiinsa jalatti argamaan adabbiin isaanii yoo baay’ate hanga Qr 300 kan ta’ee fi yaada meesha mootummaaf galii gochuu(confesecation) kan of keessaa hin qabne waan ta’eef meeshaa qabame mootummaaf galii gochuun adeemsa sirrii miti jedhu.Abbootiin seeraa kuni yaada isaanii kana jabeessuuf meeshaa waraanaa seeraan ala kuusanii argamuun,daldaluun meeshachas kan irraa fudhachiisu ta’uu ifaan erga tumameen booda243 kutaa dambii darbiinsaa keessatti seerichi callisee bira darbuun meeshaan gara qabeenya mootummatti akka galii hin taane kan mul’isu dha jedhu.Kanaaf,adeemsi sirriin meeshaa kana yeroo murtaa’e keessatti qaamni aangoo heeyyama kennuu qabu akka heeyyama itti kennu ajaja kennuu dha jedhu.Dhimma kanaan wal qabatee abbootiin seeraa fedhii meeshaa kana fudhachuu qaban bu’uureffachuun akkuma haala isaatti ejjennoo isaanii kan jijjiiran ta’unis ibsameera.244

Yakka ajjeechaa dagannoon wal qabatee firiiwwan dubbii yakkicha hundeessan addaan baasuu irratti abbootii seeraa gidduutti adda addumtiin ni jira.Ajjeechaa dagannoo hundeessuuf firiiwwan dubbii guutamanii argamuu qaban maal fa’i dha?245 Dagannoon jira jechuuf maal maaltu ilaalamuu qaba?kanjedhurratti seerichi bifa ifa galeessa ta’een waan kaa’e waan hin qabneef hiikkoo abbaa seeraa gara abbaa seeratti garaagara ta’e kennuun ni jira.Kuni immoo ol’iyyannoon akka heddummatu dhimmoota taasisan keessaa isa tokko ta’eera.



b) Addabbii salphisuu fi cimsuun wal qabatee rakkoowwan jiran

Adabbii cimsuu fi salphisuun wal qabatee qajeelfamni addabbii haaraan hojiirra oolee jiru hanqinoota armaan dura turan tokko tokko furuuf yaalii kan taasise ta’us ammas hanqinoota qabatamaan hojiirratti mul’atan ni qaba.Hanqinni kunis yakkoota sadarkaa yaalii irra jiranii fi yakkoota guutummaan guututti raawwataman gidduu garaagarummaa adabbii seerri kaa’een haala walitti bu’uun adabbiin akka kennamu kan taasisaa jiru dha.Qajeelfamichi yakka ajjeechaa fi yakka yaalii ajjeechaaf adabbiin kennamuu qabu gidduu garaagarummaa jiraachuu qabu waan kaa’e hin qabu.246Kuni immoo abbootii seeraa tokko tokko biratti yakka ajjeechaafis ta’ee yakka yaalii ajjeechaaf adabbiin wal fakkaatu akka kennamu yeroo taasisu abbootii seeraa kaan biratti qajeelfamni adabbii seera yakkaa cabsuu hin qabu waan ta’eef yakka ajjeechaa fi yaalii ajjeechaaf adabbiin hidhaa wal fakkaatu kennamuun sirrii miti yaada jedhu kaasera.Kanarraa ka’uudhaan murtii adda addaa kennamuun ol’iyyannoo heddummeessuu danda’eera.247

Adabbiin wal qabatee rakkoo biraan himatamaan armaan dura kuufama (riikardii) kan hin qabne ta’uu ragaadhaan agarsiisuun irraa eegama moo tilmaamatu fudhatamuufii qaba yaada jedhurratti murtii adda addaa kennuun ni mul’ata.248Abbootiin seeraa tokko tokko himatamaan yeroo dursa himatamee dhihaatu mirga akka nama qulqulluutti tilmaamamuu ni qaba.Haa ta’uuti erga nama yakka raawwate ta’uun itti mirkanaa’een booda adabbii kennuu irratti kanaan dura nama yakka raawwatee hin beekne nama qulqulluu ture jechuun tilmaama kan nu fudhachiisu miti.Himatamaan kanaan dura yakka raawwadhee waanan hin beekneef adabbiin naaf haa salphatu jechuun yeroo mana murtii gaafatutti kanaan dura yakka raawwatee kan hin adabamiin ta’uu isaa ragaadhaan agarsiisuun faayidaa namni kuufama hin qabne argachuu qabu argachuu danda’a malee utuu hin agarsiisiin argachuu hin danda’u jechuun falmu.

Gama biraatiin abbootiin seeraa tokko tokko himatamaan armaan dura kuufama kan hin qabne ta’uu ragaadhaan agarsiisuun irraa hin eegamu kan jedhanis ni jiru.Kanneen yaada kana kaasan hiikkoon seera yakkaa jalqabaa hanga dhumaatti gara himatamaatti ciqileeffatamee hiikamuu kan qabu dha.Kuufama ilaalchisee himatamaan kuufama qabaachuu dhabuu ibsuun yeroo falmatu abbaa alangaa mormii kan qabu yoo ta’e ragaadhaan mormii isaa deeggaruun dhiheeffachuutu irraa eegama malee himatamaan dursumaa kuufama qabaachuuf ragaa dhiheessuun irraa hin eegmu.Himatamaan adabamee kan hin beekne ykn kuufama kan hin qabne ta’uuf gosti ragaa dhiheessu qabus rakkisaa waan ta’eef akkasumas dhimmi kuni mirga akka nama qulqulluutti tilmaamamuunis waan wal qabatuuf ragaa dhiheessuun irraa hin eegamu jechuun ejjennoo qabatani haalli ittiin murtii adda addaa kennaa jiran ni mul’ata.



c) Hiikkoo wal dhabbii Seera yakkaa Irratti Kennamu.

Seerri yakkaa biyya keenya bifa gurmaa’ina qabuun(codes) tumameera.249Haa ta’uuti seeronni yakkaa labsii,qajeelfamaa fi dambiiwwan adda addaa irratti haala addaan tumaman ni jiru.Labsiiwwan kunniin adabbiin isaanii yakkoota wal fakkaatoo seera yakkaa keessatti tumaman caalanii kan argaman yoo ta’e dhimmicharratti raawwatamummaa ni qabaatu.Haa ta’uuti raawwii irratti seeronni bifa kanaan tumaman adda addummaa hiikkoo abbootii seeraa gidduutti uumudhaan murtiin wal fakkaatan akka hin kennamne taasisuun ol’iyyannoo baay’isuuf sababa ta’an ni jiru.Seeronni kunis labsii eegumsa bosona Oromiyaa,labsii gibiraa,labsii dorgommii daldala seeraan alaa fi mirga shammattoota,Labsii malaammaltummaa fi labsii daldala bunaati dha.

Yakkoonni hojii Gumurukaa irratti raawwataman seera yakkaatiin ilaalamuu qabu moo seera gumurukaan ilaalamuu qabu?kan jedhurratti adda addumtiin hiikkoo abbootii seeraa gidduu ni jira.250Gama biraan hojjettoonni abbaa taayitaa gumurukaa yakka gibira irratti raawwataniif seera gumurukaan gaafatamuu qabu moo? Seera Malaammaltummaan gaafatamuu qabu251 kan jedhurrattis adda addumtiin abbootii seeraa gidduu ni jira.Kuni immoo dhimma tokkorratti murtiin adda addaa manneen murtii sadarkaan jiran gidduutti akkasumas dhaddacha gara dhaddachaatti akka kennamu taasisuun murtii tilmaamamummaa dhabsiisee ol’iyyannoo heddummeessu keessatti gahee ol’aanaa kan taphatu dha.

Yakka bosona mancaasuutiin himata dhihaatu Labsii eegumsa bosona Oromiyaatiin ilaaluu fi seera yakkaan ilaaluu irrattis adda addumtiin abbootii seeraa gidduu ni jira.Abbootiiin seeraa tokko tokko gochaa bosana mancaasuu Labsii eegumsa bosona Oromiyaatiin hidhaa cimaa waggaa shanii olii yeroo adaban abbootiin seeraa kaan immoo seera yakkaa jalatti adabbii hidhaa salphaa waggaa tokkoo gadiitiin haalli ittiin adabaa jiran ni jira.252Kuni immoo murtii manni murtii kennu tilmaamamaa fi wal fakkaataa akka hin taane kan taasisu dha.Kanarraan kan ka’e ol’iyyannoon dhimma kanarratti mana murtiitti ni heddummata.



d) Keewwata A/Alangaa Ittiin Himate Jijjiiruu fi Adabbii Daangessuu.

Manneen murtii dhimma yakkarratti ragoonni A/Alangaa keewwata A/Alangaa jalatti himata dhiheesse irraa keewwata biraa gadi hir’atu jalatti yoo mirkaneessan keewwata jijjiiruun adabbii keewwata gadi bu’u jalatti kennuu akka qaban seerri tumeera.Kunis kan ta’eef wantoota lamaafi dha.Isaanis himatamaan yakka hin raawwanneen akka hin adabamnee fi akkasumas himatamaan yaakka raawwate keewwanni ittiin himatame jalatti waan itti mirkanoofneef qofa bilisaa akka hin lakkifamneefi dha.Manneen murtii keewwata jijjiiruun dura firii dubbii dhimmichaa fi ulaagawaan yakkicha hundeessan of eegannoon qulqulleessuun irraa ni eegama.Haa ta’uti Abbootiin seeraa tokko tokko aangoo kana seeraan ala bal’isuun keewwata jijjiiruun ni Mul’ata.253Kuni immoo A/Alangaa qaama seera beeku waan ta’uuf jallaaba seeraa raawwatame sirreessuuf akka ol’iyyatu kan taasisu dha.

Kan biraan adabbii daangessuun dhimma wal qabatu dha.Falmiin yakkaa kan adeemsifamu himatamaan xumura falmiirratti yakkamaa ta’ee yoo argame akka adabbii madaalawaa fi barsiisoo argachuun gochaa balleesserraa baratuufi dha.Haa ta’uuti haala addaa seeraan daanga’e keessatti himatamaan yeroo murtaa’eef amalli isaa alarratti ilaalamee akka sirratuuf adabbiin haalli itti daanga’u ni jira.Manneen murtii seera yakkaatiin daangaa aangoo bal’aa(wide discretion) iddoo itti argatan keessa tokko adabbii daangessuu irratti dha.Abbootiin seeraa tokko tokko daangaa aangoo kana seer-malee fayyadamuun namoota fayyaduu barbaadaniif adabbii daangessuun ni jira.254Hinumaayyuu abbootiin seeraa keewwata A/Alangaa ittiin himaterraa gara keewwata biraatti jijjiiruun adabbii gadi buusani adabbiima gadi bu’aa kana ittiin daangessan ni jira.Keewwata A/Alangaa ittiin himate jijjiiruu fi adabbii daangessuun wal qabatee hanqinni naamusaa guddaan jiraachuus agarsiistonni ni jiru.


  1. Hiikkoo Falmii Dhaalarratti Kennaman.

Falmiin dhaalaa falmiiwwan mana murtii naannoo keenyatti heddumatan keessa isa tokko dha.Falmii dhaala irratti haaluma wal fakkaatuun manneen murtii keenya keessa keewwattonni hiikkoo adda addaa abbootii seeraa gidduutti baay’isuun ol’iyyannoo heddummeessan ni jiru.Dhimma kanarratti ILQSOn rakkoo jiru addaan baasuun ejjennoon wal fakkaatu abbootii seeraa gidduutti akka uumamu leenjii bal’aa kennaa tureen fooyya’iinsi kan jiru255 ta’us ammas rakkinichi hundeerra kan hin furamne ta’uu hubachuun danda’ameera.Falmii dhaalaan wal qabatee manneen murtii keenya keessatti hangafummaan adda addumtii hiikkoo kennaa kan jiran keewwattoota darbiinsa yeroon wal qabatani dha.Isaanis akka armaan gadiitti ni ilaalla.

a) Darbiinsa yeroo.

Darbiinsi yeroo duudhaa seeraa turtii yeroo seeraan daanga’e booda namoota duraan qabeenya tokkorratti mirga qaban mirga dhabsiisuun kan duraan qabeenyarratti mirga hin qabne mirga haaraa gonfachiisu dha.Kunis seera keenya adda addaa keessatti ni argama.256Darbiinsi yeroo kutaa seera dhaalaa abbootii seeraa gidduutti adda addummaa hiikkoo kaasudhaan murtiin wal fakkaatu gama kanaan akka hin kennamne taasisuun ol’iyyannoon akka heddummatu gochuu keessatti shoora ol’aanaa qaba.

Seerri dhaalaa tumaa darbiinsa yeroo adda addaa hammateera.Tumaaleen kunis;tumaalee dhaaltummaa qulqulleessuun wal qabatan, waraqaa ragaa kennuun wal qabatan,tumaale himata dhaaltummaa dhiheessuun wal qabatan, fi tumaalee qooddaa qabeenyaan wal qabatani dha.

Tumaalee dhaaltummaa qulqulleessuu fi waraqaa ragaa kennuun wal qabatan irratti abbootiin seeraa tokko tokko dhaaltummaa qulqulleessuu fi waraqaa ragaa dhaaltummaa kennuun darbiinsa yerootiin hin daanga’u yeroo jedhan kaan immoo darbiinsa yerootiin ni daanga’a jechuudhaan murteessu.Kanarra darbees abbootiin seeraa darbiinsa yerootiin ni daanga’a jedhan waggaa meeqaan akka daanga’urratti adda addumtii ni qabu.Adda addumtiin kunis murtiin adda addaa ijoo kanarratti manneen murtii sadarkaa adda addaarra jiran gidduutti akkasumas dhaddacha tokkoo gara dhaddacha biraatti akka kennamu taasisaa jira.Kun immoo murtiin tilmaamamaan akka hin kennamne taasisuudhaan ol’iyyannoo heddummeessuuf sababa ta’eera.

Himata dhaalaa dhiheessuun wal qabatee darbiinsa yeroo waggaa meeqatu raawwatamummaa qaba kan jedhurrattis adda addummaan ni jira. Abbootiin seeraa tokko tokko darbiinsi yeroo himata dhaalaan wal qabatee ka’u eenyummaa namoota wal falmanii irratti hundaa’udhaan guyyaa qabeenyaan dhaalaa himatamaadhaan qabamuu beekee eegalee waggaa sadii ykn kudhan ta’uu ni danda’a jedhu. Akka yaada abbootii seeraa garee kanaatti himanni dhaalaa namoota dhaaltuu sirrii ta’an gidduutti kan gaggeeffamu yoo ta’e darbiinsi yeroo raawwatamummaa qabu waggaa sadii yoo ta’u nama dhaaltuu sirrii ta’ee fi nama dhaaltuu sirrii hin taane gidduutti kan gaggeeffamu yoo ta’e darbiinsi yeroo raawwatamummaa qabu waggaa kudhani dha.257

Gama biraatiin abbootiin seeraa kaan wal falmitoonni dhaaltota sirriis ta’an namoota dhaaltota sirrii hin taane darbiinsi yeroo raawwatamummaa qabu wagguma sadii dha malee waggaa kudhan miti jedhu. Abbootii seeraa ejjennoo kana qaban “namni dhaaltuu sirrii ta’e qabeenya dhaala nama dhaaltu sirrii hin taaneen qabame irratti himata dhaaltummaa dhiheessu ni danda’a”258 gaalee jedhu bu’uureffachuun qabeenyaan nama dhaaltu ta’een qabamuu fi nama dhaaltuu hin taaneen qabamuun adda addumtii uumu hin qabu jedhu.259Kuni immoo himatamaan qabeenya dhaala seeraan ala of harka galfate dhaaltu sirriis ta’ee ta’uu baatee adda addumtii kan hin qabne ta’uu kan agarsiisu dha jechuun falmu.

Dhimmi biroon ijooma kanaarratti himataan guyyaa mirga ofii beekee fi qabeenyaan dhaala nama biraadhaan qabamuu beekerra eegalee waggaa sadii keessatti kan jedhu himataan mirga ofii guyyaan beeke jedhamu yoom? Kan jedhurratti adda addumtii biroon ni jira.Abbootiin seeraa tokko-tokko guyyaa mirga ofii beekerraa kan jedhu guyyaa himataan waraqaa ragaa fudhate irraa jechuu dha yeroo jedhan kaan immoo himataan daa’ima yoo ta’eef guyyaa umuriin waggaa 18 guuterrati eegalee kan lakkaa’amu dha,nama gaheessa taanan guyyaa qabeenyaan qabamuu beekerraa ejjennoo jedhu qabu.260Haala kanaan abbootiin seeraa dhaddachaa gara dhaddachatti murtii wal hin fakkaanne fi tilmaamamoo hin taane murteessa jiru.Kun immoo manneen murtii keenya keessatti ol’iyyannoon akka baay’atu taasiseera.


  1. Hiikkoo Seera Deemsa Falmii Hariiroo Hawwaasummaa Irratti Kennaman.

Seerri deemsa falmii hariiroo hawwaasummaa mana murtii keessatti bu’uura waan hundaati dha.Abbootiin seeraa mirgoota bu’uuraa lammiileef seeraa fi heeraan eegaman hojiitti hiikuun kabajsiisuudhaaf seera adeemsa falmii sirriitti beekuu fi hubachuun murteessa dha.Seera kanarratti hubannoo wal fakkaataa qabachuu dhabuun murtiin wal hin fakkaannee fi tilmaamamummaa hin qabne akka kennamuu,ol’iyyinnoon akka baay’atu taasisuurra darbee mirgoota seera bu’uuraan kennaman lammiilee duraa ukkaamsuus hordofsiisuu ni danda’a.Manneen murtii keenya keessatti iftooma dhabuu SDFHH keewwattota 78,358,418,343, 216,5,8,320 tiin wal qabatanii dhimmoota dhihaatan irratti firiiwwan dubbii wal fakkaataniif hiikkoo adda addaa kennuun murtii tilmaamamummaa hin qabne murteessuun ni jira.261

  1. Falmii Bakka Himatamaan Hin Jirreetti Gaggeeffame Booddetti Deebisuun Ilaaluu ykn Setting aside of Judgement.

Himatamaan dhihaachuu dhabuudhaan murtiin/ajajni bakka himatamaan hin jirretti kennamu karaa ittiin ka’uu danda’u seerri kaa’eera.262Himatamaan dhagahi falmii xumuramee murtiin dhumaa erga kennamee yoo dhihaate manni murtii sababa gahaa beellamarraa hafe (sufficient cause) yoo qabaate murtii kenname kaasudhaan falmiin booddetti deebi’ee akka ilaalamu ni ajaja.Himatamaan beellamarraa hafuu isaaf sababa gahaan yoo hin qabaanne iyyata dhihaate kufaa ni godha.

Hiikkoo keewwata kanaa irratti himatamaan murtiin erga kennameen booda yeroo dhihaatu abbootiin seeraa tokko tokko yoo barbaade ol’iyyachuu ni danda’a malee falmiin booddetti deebi’ee ilaalamu hin jiru jechuun murteessan ni jiru.263Abbootiin seeraa himatamaan ol’iyyannoo fudhachuu qaba malee falmiin booddetti deebi’uu hin qabu jedhan gama isaaniitiin falmiin booddetti deebi’ee yoo gaggeeffame bu’aa murtii kenname foyyessuu,diiguu ykn cimsuu qabaachuu ni danda’a.Kuni immoo murtii keessa deebi’uudhan sirna ilaaluu ykn review of judgement dha.Haa ta’uuti,adeemsi ajajni bakka himatamaan hin jiretti kenname ittiin ka’u akka bu’aa kana dhaqqabsiisutti waan hin teenyeef264 himatamaan erga murtiin kennameen booda yoo dhufe murtiin booddetti deebi’uu hin qabu jedhu.

Gama biraatiin abbootiin seeraa kaan himatamaan galmee duwwaa dha fi falmiin keessatti hin galmaa’iin irratti waan ol’iyyachuu danda’u waan hin qabneef ol’iyyannoon fudhatu hin jiru.Kanaaf manuma murtii murtii kenneen booddetti deebi’ee ilaalamuu qaba jedhu.

Kana malee, himatamaan murtiin booddetti deebi’uu akka hin qabne yeroo manni murtii murteessutti murtii kamiin komachuu akka qabuu fi manni murtii ol’iyyannoos komii kam irratti murteessuu akka qaburratti adda addumtiin ni jira.Abbootiin seeraa tokko tokko murtiin asirratti komatamuu qabu ajaja manni murtii himatamaan bakka hin jirretti falmiin taasifame ka’uu hin qabu jechuun kenne qofarratti dha yeroo jedhan abbootiin seeraa kaan immoo dhimma ijoo irratti murtii kennames ni dabalata jechuudhaan falmu.Adda adduumtiin kuni murtiin adda addaa abbootii seeraa keenya gidduutti akka kennamuuf taasiseera.Kuni immoo ol’iyyannoon akka heddummatu godhera.Dhimma kanarratti ILQSOn hojii bal’aa hojjechuun kallattii qabatamuu qabu ifaan kan kaa’e ta’us rakkoo hubannoo abbootii seeraan wal qabatee yeroo ammas rakkinichi hunderraa kan hin furamne ta’uun hubatameera.



b) Balaaleffannaa ykn opposition.

Murtii kenname balaaleffachuu wal qabatee ijoo dubbii fi firii dubbii wal fakkaaturratti murtiin adda addaa manneen murtii sadarkaa adda addaa irraa jiranii fi dhaddachaa gara dhaddachaatti akka kennamu taasiseera.265Adda addumtiin kunis madduu kan danda’e nammoonni murtii kenname mormuun dhihaachuu qaban namoota akkamii? Eenyufaa?akka ta’an ulaagaa wal fakkaatadhaan addaan baafachuu dhabuu irratti dha.Fakkeenyaaf Falmii dhirsaa fi niitii irratti namoonni giddu seentummaan falmiitti makamanii utuu hin milkaa’iin hafan deebi’anii falmii lafarra butuuf falmiin booddetti akka deebi’u yeroon taasisan ni jira.Kana malee,falmuma dhirsaa fi niitii irratti firoonni abbaa manaa fi haadha manaa wal-falmitoota gargaaruudhaaf baamsii dabaree dabareen yeroon seenan ni jira.Tokkochi gidduu lixxummaan seenee falmii keessatti milkaa’u yoo dhabu kan biraa mormiidhaan/balaleffannaan dhufuun ni jira.Kuni immoo dhimmoonni akka wal xaxoo ta’an,galmee haadhoo tokkorra ol’iyyannoon lama–sadii akka fudhatamu kan affeeru,dhumarras dhimmoota wal fakkaato irratti murtiin adda addaa akka kennamu kan taasisaa jiru dha.266



c) Qabeenya Raawwiin Qabamerratti Mormii Dhiheessu.

Qabeenyaan raawwiidhan qabame/kabajame qabeenya dhuunfaa koo waan ta’eef akka gadi naaf lakkifamu jechuun iyyata namni murtiin abbaa idaa hin taane dhiheeffatu irratti manneen murtii sadarkaa adda addaa irra jiran akkasumas manuma murtii tokkotti dhaddachaa gara dhaddachatti murtii adda addaa kennuun ni jira.267Kuni immoo ol’iyyannoon akka heddumatu taasisuu keessatti gahee mataasaa qaba.Murtiin adda addaa kan kennamuu danda’es abbootiin seeraa tokko tokko namni raawwii balaaleffachuun dhihaaachuu danda’u nama qabeenya raawwiin qabamerraa mirga dursaa qabaachuu ragaa barreeffamaan agarsiisee dhihaate qofaa dha.Namni qabeenya raawwiin qabamerraa mirga dursaa qabaachuu agarsiisuu hin dandeenye himata haaraa banachuun dhihaachu qaba malee ragaa barreeffamaan mirga dursaa qabaachuu utuu hin argisiisiin raawwii mormuu hin danda’u jechuun iyyata kufaa gochuun darbanii murtiin akka raawwatu ni ajaju.268

Gama biraatiin abbootiin seeraa kaan immoo uummanni keenya qabeenya hedduu kanneen akka horii gaafaa haala hin galmeeffamne keessatti ragaa barreeffamaan mirga dursaa qabaachuu waan hin agarsiisinneef jechuun iyyata duraa kufaa gochuun haqummaa hin qabu jechuun ragaa dhagahuun kanneen darbanii murtii irratti kennan ni jiru.Manni murtii dursa dhimma ilaale ejjennoo lamaan keessaa tokkon murtii yoo kenne manni murtii ol’iyyannoo ilaalu ejjennoo lamaan keessa tokkoon ni diiga.Kuni immoo murtiin wal fakkaataa fi tilmaamamaan ijoo kanarratti akka kennamne gochuun ol’iyyannoo kan manneen murtii keenya keessatti baay’ise dha.

d) Ijoo qabuudhaan mana murtii jalaatti deebisuun wal qabatee rakkoowwan mul’atan.

Aangoo manneen murtii ol’iyyannoo dhagahaniif kenname keessa tokko manni murtii jalaa dhimmota qulqullaa’uu qaban yeroo hin qulqulleessiin murtii kennutti ijoo qabuudhaan manni murtichaa ijoo qabame qulqulleessuun akka deebisuf ajajuu danda’u dha.269Manneen murtii naannoo Oromiyaa ol’iyyannoo dhagahan keessattuu manni murtii Ol’aanaa fi Waliigalaa aangoo kennameef kannatti fayyadmuun yeroo hedduu ijoo qabuudhaan manneen murtii jalaa qulqulleessanii ofumaan akka murtii kennan ni aangessu.Manneen murtii jalaa akkaataa ajaja kennameetiin dhimma qulqulleessanii yeroo murtii kennan abbaan dhimma ammas murtii manni murtii kennerra hanga dhumaatti keessa deebi’ee yeroon ol’iyyannoo haaraa fudhatu ni mul’ata.270Kuni immoo yaada SDFHH keessa bahuu irrayyuu ol’iyyannoon yeroo tokko qofaa heeyyamamu daangaa seeraa keessa bahuun manneen murtii keenya sadarkaan jiran keessa akka marmaaru (baay’atu) kan taasisu dha.



Yüklə 0,57 Mb.

Dostları ilə paylaş:
1   ...   4   5   6   7   8   9   10   11   12




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin