Boqonna tokkoffaa seensawaliigalaa


e) Dhimmota Dhuma Hin Argatiin (interlocutory matters) Irraa Ol’iyyachuun



Yüklə 0,57 Mb.
səhifə10/12
tarix25.10.2017
ölçüsü0,57 Mb.
#12981
1   ...   4   5   6   7   8   9   10   11   12

e) Dhimmota Dhuma Hin Argatiin (interlocutory matters) Irraa Ol’iyyachuun.

Ol’iyyannoon kan fudhatamuu danda’u dhimmoota dhuma argatan irraa(final judgement) akka ta’e ilaallerra.Dhimmoota dhuma hin argatiin kanneen akka jal-murtii mormii sadarkaa duraa irratti kennaman,ajajoota guyyaa beellamaa ilaalchisee kennaman, ajajoota tajaajila yeroof qabanii fi kan biroo irratti ol’iyyachuun akka hin danda’amne ilaalleerra.Haa ta’uuti, dhimmoonni dhuma argatan jedhaman dhimmoota akkamiiti kan jedhamu utuu addaan hin baafatiin manni murtii dhimmuma irratti ol’iyyatame ofitti fuudhee ilaaluun murtii kennuun ykn erga falmiin giddurra gaheen booda dhimmi kun silumaa ilaalamuu hin qabu ture jechuun gadi deebisuun ykn dhimmicha hanga dhumaatti utuu hin hubatiin falmisiisuun murtii kennuun ni mul’ata.271



f) Himata Addaan Baasanii Dhiheessuun ykn splitting of claim.

Himataan himata sababa himannoo tokko qabu hundumaa ala tokko walitti qabuudhaan himatamaa irratti dhiheeffachuu akka qabu seerri ni kaa’a.272Himataan himata sababa himannoo tokko qabu iddoo tokkotti dhiheeffachuu qaba kan jedhu kuni wantoota lama of keessatti kan qabu dha.Isaanis tokkoffaan himannoowwan sababa himannaa tokkorraa maddan hunduma ibsuu dhiheeffachuu akka qabu kan ibsu yeroo ta’u lammaffaan immoo seerummaa gaafatamu hundumaa ibsee gaafachuu kan of keessa qabu dha.Himataan himannoo walitti qabee dhiheeffachuu qabu hunda ala tokko walitti qabee yoo hin dhiheeffanne akka dhiisetti kan fudhatamu dha.Himatamaan himannoo qabu addaan qoodudhaan akka hin dhiheeffanne seerri daangaa kan ka’eef wantoota lamaafi dha.Tokkoffaan himataan dhimmoota addaan qoqqoodee yeroo barbaadetti mana murtiitti dhiheessuun mana murtirratti hojii akka baay’isu kan hin barbaadamne yeroo ta’u lammaaffaan immoo himataan yeroo adda addaatti himatamaa gidirsuu akka hin qabne yaadameetu dha.

Himata addaan qoodanii dhiheeffachuun wal qabatee dhimma abbootii seeraa gidduutti adda addummaa uumaa jiru himanni addaan qoodame dhihaate kufaa kan ta’u falmii ykn mormii abbaa dhimmarratti hundaa’eetu moo manni murtii kaka’umsa mataasaatiin kaasudhan kufaa gochuu danda’a? kan jedhu dha.Seerichi manni murtii of kaasuu ni danda’a moo kaasuu hin danda’u? kan jedhurratti ifaan waan kaa’e hin qabu.Kuni immoo dhimma kanarratti murtiiwwan manneen murtii keenya keessatti kennaman adda adda goochuun murtiin tilmaamamaan akka hin jiraanne taasisuu irra darbees ol’iyyannoo akka baay’atu sababa ta’uu danda’eera.273

6.Sababoota Biroo Seeraan wal qabatan

a) Ulaagaa Ol’iyyannoon ittiin dhiheessisu ykn standard of review seeraan ifatti tumamuu dhabuu.

Ol’iyyannoon mana murtii ol’iyyannoo dhagahutti dhihaatee dhagahamuuf ulaagawwan dursanii ilaalamuu qaban maal maal fa’i dha?Komiin ol’iyyannoo dhihaate mana murtii ol’iyyannoo dhagahutti dhihaachuun kan ilaalamu mana murtii jalaatiin dogoggorri akkamii yoo uumame dha?kan jedhurratti biyyoonni tokko tokko ulaagaa ittiin ol’iyyannoon ni dhiheessisa,hin dhiheessisu jedhan ykn standard of review baafatanii qabu.Akka fakkeenyaatti biyya Ameerikaa yoo fudhanne yoo ilaalle dogoggora mana murtii jalaatti uumamu plian error and harmless error jechuun iddoo lamatti qoodaniiru.274Plian error jechuun dogoggora kallattii murtii jijjiiru danda’u jechuu yeroo ta’u harmless error jechuun immoo dogoggora yoo keessa deebi’amee ilaalames murtii dhumarra kennamurratti jijjiirama homaatu hin uumne jechuu dha.275Manneen murtii ol’iyyannoo biyya Ameerikaa falmii ol’iyyannoo keessa seenuun ilaaluun dura komiin dhihaate dogoggora plian ta’e kaasuun kan dhihaate dha moo? Dogoggora harmless ta’e kaasuun kan dhihaate dha?waan jedhu qulqulleessudhan dogoggoroota plain ta’an qofaa sirreessuuf keessa seenuun ilaalu.

Biyya keenya keessatti manneen murtii ol’iyyannoo dhagahan dhimma yakkarrattis ta’ee dhimma siivilii irratti dogoggora akkamii keessa seenuun ilaalu?Ulaagaan ittiin murtii manni murtii jalaa kenne itti keessa seenamee ilaalamu maali? Ulaagaan ittiin ol’iyyannoon ni dhiheessisa,hin dhiheessisu? Jedhamu seerri ifa baase kaa’e hin jiru.Manneen murtii keenya keessatti dhimmoonni ol’iyyannoodhaan gara M/M/Waliigalatti dhihaatan keessaa dhibbeentaan 75% ol ni dhiheessisu jedhamuun bitaa fi mirgi erga dhihaatanii falmaniin booda dhumarra ni cimu.276Kuni immoo jalqaba ol’iyyannoon akkuma dhihaatuun ulaagaa ittiin madaalanii dhimmoota dhiheessisanii fi hin dhiheessisne ittiin seeca’anii addaan baasan laafaa ta’uu kan mul’isu dha.

Gama biraadhaan dhimmoota M/M/Ol’aanaan ol’iyyannoon ilaalee hin dhiheessisu jechuudhaan sadarkaa jalqabaan277cufe M/M/Waliigalaa ni dhiheessisa jechuun bitaa fi mirga waamee wal falmisiisuudhaan dogoggora haqa dabsee fi sirrachuu qabu baasee yeroo sirreessuus ni mul’ata.278Kunis ol’yyannoon jalqabumaa ni dhiheessisa hin dhiheessisu jechuuf ulaagaan jabaan(strict ta’e) seeraan taa’e jiraachuun barbaachisaa akka ta’e kan agarsiisu dha.Haalli qabatamaan naannoo keenya keessa jiru ol’iyyannoon ni dhiheessisa hin dhiheessisu jechuuf ulaagaa hundaa’uu qabu abbaan seeraa yeroo bal’aa itti dhimmicha ilaalu qabaachu fi fedhii qabaachu qofa kan nama jechisiisu dha.279



b) Seerri Ragaa Ifa Ta’e Dhibuudhaan Wal Qabatanii Rakkoowwan Mul’atan.

Naannoon keenya seera ragaa iftooma qabuu fi bifa kurfaa’een bahe hin qabdu,sadarkaa biyyattis seerri ragaa akkanaan tumame hin jiru.Seerri ragaa keenya seerota bu’uura fi adeemsaa keessa bifa bittinnaa’aa ta’een kan bahe yoo ta’u haala dhimmoota mara haammachuu danda’uun kan tumame miti.Seerri ragaa ifa ta’e dhibuun ijoo akkamitiif ragaa gosa akkamiitu barbaachisa?Ragaa akkamiitu fudhatamummaa qaba?Ragaan akkamiin madaalamuu qaba? Gaaffiiwwan jedhaman deebisuu keessatti qaawwaa guddaa uumaniiru.Murtiiwwan mana murtii jalaarraa gara mana murtii ol’aanutti ol’iyyannoon irraa fudhatamu akkaataa fuudhinsa ragaa,dhugummaa ragaa,amanamummaa ragaa fi madaallii ragaa irratti komiin itti dhihaatu guddaa dha.Komiin ol’iyyannoo dhihaatu irra jireessi isaa madaallii ragaa irratti kan dhihaatu dha.280Abbootiin seeraa tokko tokko madaallii ragaa irratti ragaan bitaa fi mirgaa maal kaasani? Ragaa kamtu ijoo qabame caalmaatti agarsiise?kan jedhu xiinxalaan utuu hin agarsiisiin ragaan waan nan amansiisneen jechuudhaan duunyumatti gara tokkotti luucca’anii yeroon murtii kennan ni jira.281

Sadarkaa mirkaneessa ragaa dhimma yakkaa irrattis yaanni wal fakkaataan hin jiru.Abbootiin seeraa tokko tokko ragaa dhimma yakkaa qajeeltoo idil addunyaa shakkii dhama qabeessaan olitti ykn beyond reasonable jedhu yeroo fayyadaman kaan immoo ragaa gahaa fi amansiisaa ykn sufficient and convencing kan jedhu fayyadama jiru.282

Madaallii ragaatiin wal qabatee dhimmoota xiyyeeffannoo barbaadan kanneen akka dhimma dubartootaa fi daa’immanii,dhimma kontirobaandii,dhimma malaammaltummaa irratti abbootiin seeraa M/M/Ol’aanaa fi M/M/Aanaa ragaa sadarkaa madaallii kamiiniyyuu maadallii hin kaasneen bu’uureffachuudhaan murtii balleessummaa fi adabbii kennan ni jira.283Falmii lafa baadiyayaa irratti ragaa barreeffamaa akkuma dhihaateen fudhachuun jecha ragaan namaa kakuudhaan dhaddacharratti kenne sababa malee gatii dhabsiisuun ni jira.284

Gama biraatiin, ragaa sadarkaa baay’inaan sababa gahaa malee fudhachuu dhiisuu fi yeroo madaallii ragaatti gatii homaatu kennuu dhabuun ni jira.285Walumaagalatti ragaan wal qabataee qaawwaan bal’aan jiraachuun wal falmitoonni manneen murtii sadarkaan jiranitti mirga ofii duguuganii akka ol’iyyatan kan taasisu dha.

c) Seeronni Yeroo Bahan Qajeeltoo eegamuu qaban eeguu dhiisuun.

Seeronni Caffee mootummaa naannoo Oromiyaatiin bahan qajeeltoo seerri tokko eegee tumamuu qabu eeguudhaan tumamuu dhabuun murtiin adda addaa manneen murtii keenya keessatti akka kennamu sababa ta’eera.Dambiin lafa baadiyyaa Oromiyaa wantoota labsii keessatti hin haammatamiin darbiinsa yeroo fi keewwattoota adabbii qabatee baheera.Dambiin lafa baadiyyaa lafti seeraan ala qabame waggaa 12 (kudha lama) booda darbiinsa yerootiin qabiyyee nama laficha qabatee akka ta’uu qabu kaa’era.Garuu darbiinsi yeroo kuni labsiidhaan hin tumamne.Dambiin akka qajeeltootti kan tumamu labsii hojiitti hiikufi dha.Haa ta’uuti,dambiin kuni dhimma labsiidhaan hin haammatamiin of keessatti haammatee tumameera.Kuni immoo abbootiin seeraa tokko tokko dambiin dhimma labsiin hin tumamiin haammachuu hin danda’an jechuun kufaa akka godhanii fi abbootiin seeraa tokko tokko akkuma jirutti akka itti hojjetan gochuudhan dhimma wal fakkaaturratti murtiin adda addaa akka kennamu taasiseera.286Kunis hanga xiqqoos ta’u ol’iyyannoo baay’isuu keessatti gahee kan qabu dha.

Kana malee,dambiin kuni keewwata adabbii qabatee baheera.Labsiin lafa baadiyyaa keewwata adabbii haala hin baasiniifi fi ifaan mana maree bulchiinsa naannoo hin aangessiin keessatti dambiin keewwata adabbii hidhaatiin nama adabsiisu qabatee bahuun qajeeltoo seerri tokko eegee tumamuu qabu maddiitti kan dhiise dha.Qaamni aangoo seera baasuu bakka bu’ummaan argate Manni Maree Bulchiisa Mootummaa Naannoo Oromiyaa wantoota caffeen irratti aangesse qofarratti daanga’ee dambii baasuu utuu qabuu daangaa sana keessa bahuun seera tumuun seerichi gita seerummaa qabaachuu qaba moo qabaachuu hin qabu falmii jedhu kaasuun hiiikkoon adda addaa abbootii seeraa gidduutti akka kennamu taasiseera.

Seeronni siivilii keewwattoota adabbii qabatanii bahuunis qajeeltoo seeraa yeroo tumamu eegamuu qabu eeguu dhabuu dha.Dambiin lafa baadiyyaa dhimma qabeenyaa lafa baadiyyaa labsii hoogganu dha.Seeronni siivilii kanneen akka seera waliigaltee irraa maddan,seera qabeenya bilisummaa namoota dhuunfaa fi garee irratti miidhaa akka hin dhaqqabsiisne of eeggannoon taasifamuu utuu qabuu seeronni siivilii keewwattoota adabbii qabatanii bahuun dhimma tokkorratti murtiin adda addaa akka kennamu taasiseera.



d) Falmii Abbummaa Murteessuun Wal Qabatanii Rakkoowwan Mul’atan.

Falmiin abbummaa murteessuu falmiiwwan manneen murtii keenyatti heddummantan keessa isa tokko dha.Murtiin abbummaa nama abbaa sirrii ta’e addaan baasuun daa’ima guddisurratti dirqama irraa eegamu bahachuun haadha daa’ima akka gargaaru kan taasisu dha.Akkasumas murtiin abbummaa daa’imman mirga abbaa isaanii isa sirrii beekuu heera mootummaan argatanitti akka fayyadamaan ,eenyummaa isaanii isa sirrii akka beekan kan taasisu dha.287Kanaafuu,falmii abbummaan wal qabatee seeronni jiran abbaa sirrii addaan baasuuf kan dandeessisan ta’uun akkasumas manni murtiis hiikkoo wal fakkaatu kennuun daran barbaachisaa dha.

Manneen murtii keenya keessa abbummaa murteessuun wal qabatee adda addumtiin hiikkoo seeraa abbootii seeraa gidduu waan jiruuf murtiin adda addaa manneen murtii keenya sadarkaan jiran gidduutti akkasumas dhaddachaa gara dhaddachaatti kennamaa jira.

Abbummaa murtii mana murtiin mirkaneessuun wal qabatee namni abbaa dha jedhamee himatame kunuunsuu, ykn guddisuu ykn barsiisuu muchicaa irratti akka abbaatti kan hirmate yoo ta’e haalli abbummaa waan jiruuf abbaa akka ta’u seerri ni ibsa.288Halli abbummaa jira kan jedhamu namni abbaa dha jedhamee himatame gargaarsa akkamii yoo godhe dha?barsiisa daa’imaa irratti hangam yoo hirmaate dha?gaaffiiwwan jedhan deebisuu irratti abbootiin seeraa ejjennoo adda addaa ni mul’isu.Kuni immoo murtii wal fakkaataan akka hin kennamne kan sababa ta’u dha.Murtiin wal fakkaataan kennamuu dhabuun gama isaatiin ol’iyyannoo heddummeessu keessatti gahee ol’aanaa kan qabu dha.

BOQONNAA AFUR:

YAADA GUDUNFAA FI FURMAATA



  1. Yaada Gudunfaa

Mirgi Ol’iyyannoo biyyoota sirna seeraa siviilin bulaan keessatti bara qaromina Impayera Romaa durii keessa amaantaa hawaasni mootummaa giddu galeessaa irra qabu dabaluuf,biyyoota sirna Komaan low ta’aan keessatti jaaraa 20ffaa keessa dogoggoora manneen murtii sadarkaa jalqabaa raawwataniin mirga namaadabu sirreessuf jecha kan uumaame dha.Gababbammaatti,Ol’iyyannoonhaqaa dabe sirreessu,amantaa uummanii keenninsa tajaajila haqaa irratti qabu akka guddaattu gochuu fi itti gaffatamumma abbootii seeraa sadarkaa gadii jiraan mirkanessuun sirnaa siyaasaa,dingadee fi hawaassuummaa mirkanneessuf gahee bakka bu’insa hin qabne qaba.Kaayyoo Manneen murtii keenyaa sirna siyaasaa,dinaagde fi hawaassuummaa mirkanneessuf qabaan galman gahuuf gahee manneen murtii ol’iyyannoo ilaalaan qabaan ol’aanaa akka ta’e dhimma hubatamu qabu dha.

Qorannoo kana keessatti mirgi ol’iyyannoo mirga akkamii akka ta’e,heeraa fi seera keenya keessatti qabiyyee fi daangaa akkamii akka qabu ilaalameera.Mirgi ol’iyyannoo mirga namoonni dogoggora fayyaalummaan manni murtii dursa dhimma isaanii ilaalee raawwate ittiin sirreeffachuuf ilaalchifatani dha.Haata’uu malee,namoonni murtii sirrii argatan ol’iyyannoo fudhachuun kaayyoo mirga ol’iyyannoo akka hin taane hubatameera.

Ol’iyyannoon yeroo wal falmitoota,maallaqa wal falmitoota,humna wal falmitoota,yeroo fi qabeenya mana murtii kan barbaadu dha.Ol’iyyannoon baay’achuun immoo dhamaatii fi xaarii kana baay’isuu keessatti hidhata kallachaa kan qabu dha.Ol’iyyannoon baayinaan itti quufinsa dhabuu murtii mana murtii dursa murtii kennee irraa kan maddu dha.

Qorannoo kana keessatti sababoonni ol’iyyannoo manneen murtii Oromiyaa keessatti baay’isan maal fa’a akka ta’an ilaalamaniiru.Akka ilaalamettis ol’iyyannoon manneen murtii Oromiyaa keessatti baay’achuuf sababoonni hedduun madden garaagaraa qaban kan jiran ta’uun hubatameera.Akkasumas ol’iyyannoon baay’achuun faayidaa fi miidhaa akkamii akka qabus addaan baafameera.

Ol’iyyannoon sababa amantaan uummanni mana murtii irraa qabu hir’achuutiin kan baay’atu ta’uun sirna haqaa,siyaasaa,diinagdee fi hawwaasummaa biyya tokko irratti dhiibbaa mataasaa kan qabu ta’uun hubatameera.

Sababoota manneen murtii Oromiyaa keessatti ol’iyyannoo baay’isan keessaa rakkoon qulqullina hojii abbaa seerummaa, gahumsaa fi naamusa abbootii seeraa,bilisummaa, amantaa uummataa,tilmaamamummaa fi barsiisummaa murtiilee, murtii ifaa fi raawwatamuu danda’u, murtii fi ajaja haala ifa ta’een abbaa dhimmaatiif ibsuu dhabuun jiraachuu fa’i dha.

Rakkoon dandeettii dhabuu dhimmoota itti mul’atan keessaa, himannaa fi deebii ulaagaa seeraa guute fuudhuu dhabuu, dhimma yakkaa irratti jecha himatamaa haala ifa ta’een fuudhuu dhabuu, himannaa fi deebii utuu hin dubbisne falmii afaanii gaggeessuun ijoo dura hin dhiyaanne galmeessuu, seerota dubbisanii dandeettii gabbifachuun seera hiikuu dhabuu, muuxannoo gahaa dhabuu, mormii sadarkaa duraa himatamaan kaase yoo jiraate ijoo falmiitti utuu hin seenne ajaja yookiin jal-murtii kennuu dhabuu, falmii afaanii hoogganuu dadhabuu, walfalmitoota walqixa dhagahuu dhabuu, ijoo firii dubbii fi seeraa adda baasuu dhabuu, ijoo jallaa fi dogoggora ta’e qabuu,ijoo tokko gadi dhiisee ijoo biraa irratti murteessuu, firii dubbii ragaa rogummaa qabuun qulqulleessuu dhabuu, ijoo ragaan qulqullaa’uu qabu adda baasuu dhabuu, ijoo amaname irratti ragaa dhagahuu, ragaa cuunfee dhagahuu dhabuu, xiyyeeffannoon dhimmoota dhiyaatan duguuganii qulqulleessuu dhabuu, ragaa sobaa dhiyaatu gadi fageenyaan keessa seenuun qulqulleessu dhabuu, ragaa dabalataa qaama adda addaa irraa dhiyaatu ilaalchisee yaada walfalmitootaa fuudhee qulqulleessuu dhabuu, rakkoo ragaa madaaluu, falmii dhiyaate seera rogummaa qabuun walsimsiisanii murtii kennuu dhabuu, dhimmoota xiyyeeffannoo barbaadan irratti kallattii hin taane qabachuu, akkaataa qajeelfama adabbiitiin murtii kennuu dhabuu, ajaja barbaachisaa ta’e walduraa duuban kennuu dhabuutu mul’ata.

Hanqinoonni naamusaa mul’atanis: matta’aan, firummaan, gosummaan, naanummaan, amantaan, walitti dhufeenyaan, aangoo gar-malee fayyadamuu, gorsa seeraa kennuu, ammaalaajummaan, walfalmitoota walqixa ilaaluu dhabuu (sooressaa fi hiyyeessa, abukaatoo fi abbaa dhimmaa, nama waliin hojjechaa turanii fi nama biraa), ragaa jallisanii fuudhuu, dhiibbaa alaa fi keessaa jalatti kufuu, akka waliigalaatti gochoota kiraa sasaabdummaan adda addaa jiraachuu dha.

Murtiilee tilmaamamoo, barsiisoo ilaalchisee murtiileen manneen murtii keessatti kennamu tilmaamamoo, barsiisoo ta’uun isaanii qulqullina murtii mirkaneessuu keessatti gahee guddaa qaba.Murtiileen kennaman tilmaamamoo, barsiisoo ta’uun, manneen murtii keessatti ejjannoon jiru waan beekamuuf, maaltu ta’uu danda’a kan jedhus ifa waan ta’uuf, qulqullina murtii akka dabalu taasisa. Murtiileen kennaman tilmaamamoo, barsiisoo akka hin taane sababoonni taasisan heddu ta’uun hubatameera.

Manneen murtii Oromiyaa keessatti murtiilee tilmaamamoo, barsiisoo ta’an kennuu irratti rakkoon kan jiru ta’uu fi sababa kanaan ammoo ol’iyyannoon akka baay’atu taasisuu keessatti gahee guddaa qaba .

Manneen murtii Oromiyaa si’oomina fi dhaqabamummaa hojii abbaa seerummaa mirkaneessuuf chaartarii lammilee mallatteessuun, dhaddacha naannawaa fi dhaabii hundeessuun hojjechaa jiraachuun akkuma jirutti ta’ee, si’oominni fi dhaqabamummaan qulqullina hojii abbaa seerummaatiin yoo hin deeggaramne, ol’iyyannoo baay’isuuf gahee kan qaban ta’uun hubatameera.

Manneen murtii Oromiyaa keessatti sababoota adda addaa irraa kan ka’e bilisummaa abbootii seeraa irratti darbee darbee dhiibbaan kan mul’atu ta’uun hubatameera.Sababa kanaanis murtiin kennamu qixa seerri barbaaduun waan hin kennameef, ol’iyyannoo baay’isuu keessatti gahee guddaa akka qabuu dha.

Amantaa uummataa horachuu ilaalchisee, manneen murtii hojii kenniinsa tajaajila abbaa seerummaan walqabatee galmi isaanii inni guddaan itti quufisa uummataa mirkaneessuun amantaa horachuu dha.

Manneen murtii Oromiyaa keessatti amantaa uummataa horachuuf hojiin bal’aan hojjatamaa jiraatus hanqinoota adda addaa irraa kan ka’e amantaa uummataa hanga barbaadame horachuu irratti rakkoon kan jiru ta’uu dha. Kun ammoo abbootiin dhimmaa murtii kennamutti quufuu, amantaa dhabuun ol’iyyannoo akka deeman kan taasisu ta’uu dha.

Murtii ifaa fi raawwatamuu danda’u kennuun walqabatee, manneen murtii Oromiyaa keessatti qajeeltoo kenniinsa murtii hordofuun murtii ifaa fi raawwatamuu danda’u kennuu irratti darbee darbee rakkoon kan mul’atu ta’uu dha. Sababni kun ammoo ol’iyyannoon akka deemamu taasisa.

Murtii yookiin ajaja haala ifa ta’een abbaa dhimmaatiif ibsuun walqabatee, manneen murtii Oromiyaa keessatti, keessattuu sadarkaa mana murtii aanaa fi ol’aanaatti, murtii ykn ajaja kenname tokko akka abbaan dhimmaa hubatutti ifa godhanii dhaddacha irratti ibsuu irratti hanqinni kan mul’atu ta’uu dha. Kun ammoo abbaan dhimmaa ol’iyyannoo akka deemuuf gumaacha kan taasisu ta’uu dha.

Abbootiin dhimmaa hubannoon seeraa qabaan gadii aanaa ta’u irra kan ka’e,gaaffii mirga haalla kamiin dhiheeffachuu fi falmachuun murtii haqa qabeesa ta’e argachuu akka danda’an hin bekaan.Sababa kanaan, mirga dhuugaan qaban murtii mana murtiin yeroon itti dhaabaan ni uumamaa, murtii haqumma qabu kennaametti amantaa dhaabsissa.Kuni immoo, abbootiin dhimmaa murtii kennameetti itti quufinsa dhabsisuun akka ol’iyyannoo deeman taasisaa.

Abbootii dhimmaa harka qaallesa ta’aan rakkisuuf qabeenyaa fixxaachisaanni of biraa haambisuf,rawwii lafa irra harkisuuf, yoo carraa isa argaatan manneen murtii ol’iyyannootti murtii jalaa firommaan yookiin matta’aan jijjiirsisuuf yaaduun abbootiin dhimmaa murtii haqa qabesumma isaatti amanaan irra ol’iyyachuun saboota ol’iyyannoo baay’isan keessa isa tokko dha.

Godinaalee tokko tokkoo keessatti aadaan wal-danda’uu fi walii dhisuu uummataa keessa gadii bu’aa deemu, baasii jaarsooliin araaraa abbootii dhimmaa gaaffatan kan mana murtiin ol ta’u, Jaarsoliin dhugaa dubataan namoota araarsaan dhibama deemu , Matta’aan murtii argachuuf kennaamu gufu araaraa ta’uu fi darbe darbe abukaatoon dhuunfaa,baarressitoon uummataa fi Dallaaltooni wal-diddaan akka jaarsummaan hin xumuramne dhibaa taasisuu irra kan ka’eedudhaan jaarsummaa kabaaju akka hir’attuu taasiseeraa.Kun immoo,wal-diddaan hawaasa keessatti uumaame gara manneen murtii dhuufaan jaarsoliin akka ilaallamaan qajeelchuun xumura argachisuu fi fedhii jaarsummaan duubbii fiixxaachu akka hir’atu taasiseera. Waldhabbiin jaarsummaan xumurachuun xiqqaachaa kan deemuu ta’uu irra kan ka’e murtiin manneen murtiin kenamu wal-falmitoota gidduutti ilaalcha mo’amaa fi mo’atta waan uumuuf ol’iyyannoon akka baay’atu taasisuu keessatti gahee ba’a jira.Fedhii jaarsummaan duubbii fiixachu sababa matta’aan murtii argachuuf kennaamu gufuu araaraa ta’uu fi darbe darbe abukaatoon dhuunfaa,baarressitoon uummataa fi dallaltooni wal-diddaan akka jaarsummaan hin xumuramne dhibaa taasisuu.

Ilaalchii hawaasa keessa jiru ol’iyyannoon akka baay’atu gochu keessatti gahee qaba.Fakkeenyaaf, manneen murtii ol’iyyannoo gahumsa fi dandeettii fooyya’a qabu, gara olitti deemuun wanta addaa argachuu danda’aa, amma dhummatti deemuun carraa gara olii jiru yaala,abbaan seeraa kan olitti “Danyaan Daanyaa olitti,”haqnii Fiinfinnee irra argaama jedhu qabaachu irra kan ka’e namootni ol’iyyannoo deemaan kan jiraan ta’un hubatameera.

Qorannoo fi himannaan yakkaa qulqullinna hin qabne murtii itti quufinsa dhabsissuun ol’iyyannoon akka deemaammu taasisaa.Qorannoon dhimma yakka ogummaan hin degeramne, himata qulqulliina hin qabne, gochaa fi seeraa wal hin simne jalatti gama wajjiira poolisii fi abbaan alangaa darbe darbee kan dhiyyaatu ta’uun murtii haqumma hin qabne waan hordofsissuf abbaan alangaa yookiin himatamaan akka ol’iyyannoo deemaan taasisu.

Poolisii fi abbootiin alangaa tokko tokkoo deemsa qorannoo irra eegalee hanga himannoon hanga dhiyyaatu jiru keessatti, firommaa, matta’aa fi wal-beekumsaan hojeechu irra kan ka’ee akkaata seeraa fi dhugaa lafa irra jiruun dhimmootni mana murtii hin qaqabaani. Itti daabales, abbootiin alangaa darbe darbee,humna adabsiissu haqaa irratti hundaa’e irratti xiyyeeffachu dhabuun irra kan ka’e ragaa duraan ofummaanu sobaan qinda’ee dhuufe irra deebi’anni qindeessun ni jira.Gochii akkaas immo dhuugaa fi haqa bira gahuu rakkiisa taasisuun murtii haqumma hin qabne hordoofsisun ol’iyyannoof sababa ta’a.

Dhibaa abbaa dhimmaa fi abbootii alaangaa sadarkaa Godina yookiin/fi Naannoo irra itti dhufun irra kan ka’e abbootiin alaangaa sadarkaa gadi jiranni dhimma hin himachiifne himachuu fi murtii sirrii ta’e irra ol’iyyachuun darbe darbee waan jiruuf sababoota ol’iyyannoo manneen murtii naannoo keenyaatti baay’isan keessa dhibaan alaa qooda qaba.

Waajjiraleen mootummaa kanneen akka Waajjira Lafa fi Eegumsaa Naannoo,dhimma lafaa baadiyaa irraatti, Bulchiinsi Magaala dhimma abbaa qabiyyuumma lafa magaala fi abbaa qabeenyuumma mana magaala irraatti, Hospitaaloonni falmii reebichaa,gudeeddi,ajjeechaa, beenyaa fi kan kana fakkaatan irraatti falmiilee ka’aan irraatti ragaa ogummaa mana murtiif kenaan yeroo tokko tokkoo qulqulliinna dhabuu irraa kan ka’e murtii haqummaa hin qabne hordofsiisa.Darbe darbee ragaan ogummaa qaamolee kanneen irra dhiyyaattu firommaa,matta’aa fi walitti dhufeenyaa irratti hunda’uun kan kennaamu waan ta’eef murtiin ragaa kana bu’uureeffachuun kennaamu dhugaa qabataammaan hawaasa keessa jiru waliin wal-falleesa.Dandeettii fi naamusnii abbootiin seeraa Manneen Murtii Naannoo keenyaa ittiin ragoota kana qulqulliinnaa,amansiisuumma fi roogummaa isa walsimsiisuun murtii kenan darbe darbee rakkoo kan qabu ta’uun itti dabaalame sababoota murtii manneen murtii Nannoo Keenyaan kennaamanitti itti quufinsa dhaabsisuun ol’iyyannoon akka deemaammu taasisuu keessa gahee ol’aanaa kan gumachanidha jechuun ni danda’ama.

Abukaatoonni fi barreessitoonni uummataa sirna haqaa naannoo tokko fooyyessuun tajaajilli haqaa sadarkaa isaa eeggate akka kennamu,ol’aantummaan seeraa akka mirkanaa’u gochuu keessatti gahee bakka hin bu’amne bahuu ni danda’u jedhame yaadamma. Hanguma kana hojii isaanii naamusaa fi gahumsa barbaachisuun kan hin hojjenne yoo ta’e keenninsa tajaajila sirna haqaa naannoo tokkoo irrattirakkoo uumuu.

Abukaatoo fi barreessitoonni uummataa dhimmoota hin komachiifne ogummaadhaan madaaludhaan gamanumaan akka sirrii ta’ee abbaa dhimmaa gorsuu dhabuun ol’iyyannoo heddummeessu irra darbuun uummanni yookiin abbootiin dhimmaa yeroo fi maallaqa ofii akka qisaasan,manni murtii yeroo fi baajata akka qisaassu taasisuun darbe darbe ni mul’ata.Hima biraan, abukaatootni fi barreessitoonni dhimma uummataa tokko tokkoo faayidaa argataan qofa illaalun murtii sirrii ta’ee irra akka ol’iyyannoon deemaammu abbootii dhimmaa kakasun,baddii offiin raawwataanif ol’iyyannoo akka furmaataatti ilaaluu, dandeettii fi gahumsa ogguummiichaaf barbachisuu namoota tokko tokkoo kan hin qabne ta’u irra kan ka’e abbootii dhimmaaf goorsa sirrii ta’e kennu dhabuun Manneen Murtii Naannoo kenyaa keessatti ol’iyyannoof akka baay’atu gochuu keessatti gahee qabu.



Sababota kanneen keessas qaawwaan seeraa hiikkoo adda addaa kennisiisan seera keenya keessa kan heddummatu ta’uun isa tokko dha.Qaawwaleen kunis;qaawwaa hiikkoo seera maatii Federaalaa fi seera maatii Oromiyaa gidduu jiru,qaawwa hiikkoo seera maatii Oromiyaa fi murtii Dh/Ij/M/M/W/F gidduu jiru,hiikkoo iyyata niitummaa mirkaneeffachuu waliin wal qabatee jiru,hiikkoo falmii abbummaa mirkaneessuun wal qabatee jiru,hiikkoo falmii darbiinsa yeroo seera dhaalaan wal qabatee jiru,hiikkoo seera yakkaa keewwattoota 556 fi 555,809 fi 808,492 fi 689,689 fi kwt 14 labsii bosona Oromiyaa Lab.lak 72/1994,191-195,SDFY kwt 113 Qaj.Adabbii Lak.02/2006 kwt 24 fi 27, hiikkowwan keewwattoota SDFHH 78,358,418 irratti kennaman,hiikkowwan faayidaa uummataaf jecha qabiyyee gadi lakkisiisuu fi beenyaa kaffaluun wal qabatan irratti ka’an, qaawwaa ol’iyyannoon dhiheessisuu fi dhiheessisuu dhabuu waliin wal qabata, hiikkoo darbiinsa yeroo daambii lafa baadiyyaa Oromiyaan wal qabatan,hiikkoo qaawwaa seera ragaan wal qabatan,hiikkoo himata addaan baasanii dhiheessuun wal qabate,ajajoota M/Murtii ol’iyyannoo ijoo qabudhaan mana murtii gadiitti deebisuun wal qabatanii hiikkowwan mul’tan,


  1. Yüklə 0,57 Mb.

    Dostları ilə paylaş:
1   ...   4   5   6   7   8   9   10   11   12




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin