Yaada Furmaataa
A. Maalummaa Ol’iyyannoo Ilaachisee Hubannoo Uumuu: Ol’iyyannoon seera biyya keenyaa keessatti mirga ta’us baasii fi xaarii mataa isaa waan qabuuf, ol’iyyannoo baay’achuun isaa miidhaa adda addaa hawaasummaa, dinagdee fi siyaasaa kan hordofsiisu ta’uu hawaasni mana murtiis ta’ee hawaasni mana murtii alaa akka hubatu taasisuu dha. Abbootiin seeraa adeemsi murtii kennuu fi murtii kennan irratti adeemsa seera qabeessa hordofuun, walfalmitoonni hanga danda’ametti adeemsa deemamee fi murtii kennametti quufanii ol’iyyannoo akka hin deemne daangaa seeraa keessatti waan danda’an hunda hojjechuu qabu. Hawaasni mana murtii alaa ammoo sababa gahaa malee, dharaan, faayidaa hin malle argachuuf, garee biraa rakkisuuf akka ol’iyyannoo hin deemne hubachiisuu; haalli kun yoo uumame ammoo bifa adabbiitiin kasaaraa gahaa itti murteessuu.
B. Qulqullina murtii mirkaneessuu ilaalchisee: Manneen murtii kenniinsa tajaajila abbaa seerummaa keessatti qulqullina murtii mirkaneessuun hojii adda dureen irratti hojjechuu qabanii dha. Qulqullinni murtii wantota adda addaa—gahumsaa fi naamusa abbootii seeraa, iftoomina seerota adeemsaa, dhaddacha meeshaalee teekinoloojii hammayyaan gaggeessuu, sirna keessummeessaa abbootii dhimmaa fi hawaasaa, sirna hiikaa waldiddaa filannoo, bilisummaa fi itti gaafatamummaa abbaa seerummaa, abbootii seeraa hojii abbaa seerummaa qofa akka hojjetan taasisuu, daangaa yeroo taa’e keessatti murtii kennuu, barreessa murtii ifa ta’e, fi tilmaamamummaa murtii dabaluu kan hammatuu dha. Kana waan ta’eef, manneen murtii Oromiyaa qulqullina murtii mirkaneessuuf xiyyeeffannaan wantota kana irratti hojjechuun isaanii barbaachisaa dha. Caasaaleen manneen murtii Oromiyaa qindoominaan dhimmoota kana irratti hojjechuun galmeewwan hojjetaman sakatta’uun (post Audit) taasisuun marii gareen, leenjii barbaachisaa kennuun bal’inaan irratti hojjetamuu qaba.
C. Dandeettii Ilaalchisee: Abbootiin seeraa dandeettii fi gahumsa ol’aanaadhaan hojii abbaa seerummaa hojjechuutu isaan irraa eegama. Abbaan seeraa tokko dandeettiin isaa akka cimaa deemu hojiin bal’aan hojjetamuu qaba. Abbootiin seeraa yeroo qacaraman karaa gumii mana murtii waliigalaatiin dandeettii fi naamusni isaanii ilaalamee, dhuguma ogummaa hojii abbaa seerummaatiif of aarsaa godhanii uummata tajaajiluuf fedhii fi kutannoo qabaachuu isaanii erga itti amanamee booda Caffeenis yeroo madaalawaa ta’e fudhatee qulqulleessee akka muudu taasisuu qaba. Abbootiin seeraa hojiin isaanii yeroo yeroodhaan sakkatamee, abbaa seeraa ciminaan hojjatuu fi maqaa gaarii qabu guddisuu badhaasuu; abbaa seeraa laafina agarsiisan ammoo akka ciman leenjii fi barumsa barbaachisa kennuun jajjabeessuu dha. Abbaan seeraa leenjii fi barumsi ogummaa barbaachisaa ta’e akka argatu taasisuu dha. Haala kanaan abbaa seeraa leenjii fi barumsa barbaachisaa hundi kennameef dandeettiin isaa hin fooyyofne bu’uura heerri fi danbiin naamusaa jedhuun hojii irraa akka gaggeeffamu taasisuu dha. Kanaaf danbii fi qajeelfamni qacarri fi guddina abbootii seeraa sakkata’amee kaayyoo barbaadamu kan galmaan gahuu ta’uu fi dhiisuun ilaalamee tarkaanfiin sirreeffamaa fudhatamuu qaba. Haala kanaan, abbootii seeraa amanamummaadhaan aantummaa uumataa qabaachuun, uummata tajaajiluuf malee faayidaaf kan hin hojjenne, kan Waaqayyoon sodaatan, muuxannoo fi gahumsa ol’aanaa qaban horachuun barbaachisaa dha.
D. Naamusa Ilaalchisee: Manni murtii abbootii seeraa heeraa fi seera kabajanii duudhaa fi safuu uummatichaa kabajuun naamusa ol’aanaa qaban horachuu qaba. Abbootii seeraa naamusa badaa keessatti hin hirmaanne, amanamummaa fi itti gaafatamummaa ol’aanaadhaan hojjetan horachuun barbaachisaa dha. Kanaaf ammoo abbootiin seeraa naamusa hojiin abbaa seerummaa gaafatu sadarkaa ol’aanaadhaaf akka horatan taasisuuf waa’ee naamusaa irratti leenjiin adda addaa kennamuuf qaba. Pireezidaantonni, hoggantoonni dhiyoo, gaggeessaan dhimmaa to’annoo fi hordoffii cimaa taasisuu qaba. Gareen Inispeekshinii jalaa kaasee hanga gubbaatti jiru cimee to’annoo fi hordoffii cimaa taasisuun itti gaafatamummaa mirkaneessuu keessatti shoora ol’aanaa bahuu qaba. Garee Gumii sadarkaa sadarkaan jiru sirna haqaa seera qabeessaa fi haqa qabeessa ta’e mirkaneessuu giddu galeessa godhatee hojii isa irraa eegamu bahuu qaba. Abbootii seeraa naamusa fi dandeettii ol’aanaadhaan, haqaan hojjetan badhaasuu, guddisuu, jajjabeessuun barbaachisaa dha. Gama biraan, abbootii seeraa rakkoo naamusaa qaban barsiisuu, adabuu, hojii irraa gaggeessuun barbaachisaa dha. Kana malee, namoota abbootii seeraa naamusa badaa keessa galchan kamiyyuu adda baasuun kallattii hundaan qaama dhimma ilaallatu wajjin qindoominaan irratti hojjechuun dha. Naamusa abukaatotaa fi barreessitoota uummataa irratti hojjechuu; sirna to’annoo fi hordoffii cimaa isaan ilaallatu diriirsuu fi cimsuu; itti gaatamummaas mirkaneessuun barbaachiisa dha. Sirna haqaa keessa seenuun hojii dallaalummaa irratti namoota bobba’an irratti qaama dhimmi ilaallatu waliin tarkaanfii barbaachisaa fudhachuu dha.
E. Murtiilee tilmaamamoo fi barsiisoo ta’e kennuu ilaalchisee: Manneen murtii hojii abbaa seerummaa hojjetan keessatti murtiileen isaan kennan tilmaamamoo fi barsiisoo ta’uu qabu. Manneen murtii murtiilee tilmaamamoo kennu yoo ta’e ogeessi seeraa kamiyyuu abbootii seeraa dabalatee ejjannoo jiru waan beekuuf qixa kanaan seera hiikuu fi falmuuf kan gargaaru waan ta’eef, hojiin hubannoo uumuu sadarkaa hundarratti taasifamuu qaba. Dhimma kana irratti abbootii seeraa MMA fi MMO, MMWO jidduutti mariin taasifamuu qaba. MMWO Dh/Ijibbaataa kallattiii/ejjannoo nama hojjechiisuu danda’u kaa’uu irratti shoora isa irraa eegamu bahuu qaba. Ejjannoo kanas manneen murtii jalaa beeksisuu qaba. Kana malee, murtiileen Dhaddacha Ijibbaataa Federaalaa labsiidhaan akka seeraatti waan fudhatamuuf, murtiilee kana hubachuun qixa kanaan akka hojjetan taasisuu dha. Manneen murtii keenya dhimma tokko irratti ejjannoo waldhahu qabachuun abbootii seeraa, ogeessota seeraas ta’ee kan biraa akka hin joonjessine irratti hojjatamuu qaba. Gama biraan, manneen murtii hanga danda’ametti murtii barsiisoo ta’an kennuu qabu. Manneen murtii murtiileen kennan dhimma sana ilaalchisee namni dubbisus ta’ee kan itti murtaa’e irraa barachuu qaba hubannoo dura qaba irra caala dabaluu qaba.
F. Si’oomina fi Dhaqqabamummaa Ilaalchisee: Manneen murtii dhimmoota isaaniif dhiyaatan si’oominaan yeroo gahaa jedhamu keessatti murtii itti kennuu qabu. Dhimmoonni haala hin malleen yeroo dheeraaf mana murtii keessatti akka lafarra hin harkifanne taasisuu qabu. Dhimmoota si’oominaan ilaaluu jechuun qulqullina cinaatti dhiisanii ta’uu akka hin qabne hubachuun barbaachisaa dha. Si’oomina mirkaneessuuf hojimaata harkifataa sakatta’uun sirreessuu, seerota haala sirrii ta’een hojiirra oolchuu, humna namaa gahaa guuttachuun, humni jiru hundi walqixa hojii irratti bobba’ee hojjechuu qaba. Dhaqqabamummaa ilaalchisee manni murtii tajaajila abbaa seerummaa dhaqqabamaa taasisuu qaba. Abbaan dhimmaa tajaajila abbaa seerummaa naannoo dhiyootti baasii xiqqaa fi yeroo gabaabaatti argachuu qaba. Dhaddacha naannawaa, dhaabbii, fi veediyoo konfaransiin fayyadamuun dhaqqabamummaa tajaajila abbaa seerummaa galmaan gahuu qaba. Manni murtii dhaqqabamummaa kana yeroo mirkaneessu garuu kabaja abbaan dhimmaa abbaa seeraa fi mana murtiif qabu kan xiqqeessu, abbootii seeraa balaaf kan saaxilu ta’uu hin qabu, wantonni guutamuuf qabu guutamuu qaba.
G. Bilisummaa Ilaalchisee: Manni murtii bilisummaa abbaa seerummaa fi ol’aantummaa seeraa akkaatuma heeraa fi seera irratti tumametti hojirra ooluu, to’achuu fi hordofuu qaba. Manni murtii fi abbaan seeraa dhibbaa gosa kamiyyuu irraa bilisa ta’ee heeraa fi seeraa fi sammuu isaaf qofa bitamee hojii abbaa seerummaa hojjechuu akka danda’u eegumsi barbaachisaan taasifamuuf qaba. Abbaan seeraa ofitti amantummaan hojjechuu akka danda’u haala mijeessuun barbaachisaa dha. Bilisummaan mana murtii guddina misoomaa fi dimokraasiif adda durummaan barbaachisaa akka ta’e, innis faayidaa walfalmitootaaf malee kallattiin faayidaa abbaa seeraa sanaaf akka hin taane qaama mootummaaa ta’ee nama kamiyyuu hubachiisuu dha. Hawaasni waliigalatti bilisummaan mana murtii faayidaa waliigalaatiif akka ta’e hubachiisuu dha. Abbaan seeraa ammoo bilisummaan tajaajila abbaa seerummaa haqa qabeessa fi seera qabeessa ta’e mirkaneessuuf malee itti gaafatamummaa ala akka fe’e akka ta’uuf akka hin taane hubachiisuu, kanas yoo fudhachuu dhabe itti gaafatamummaa mirkaneessuun barbaachisaa dha. Hojimaanni tilmaamamaa, madaalawaa, dhaqqabamaa fi seera qabeessa ta’e hojiirra oolu qaba. Bulchiinsa gaariis mana murtii keessatti cimaan lafa qubachiisuun, hoggansa cimaa uumuu heddu barbaachisaa dha.
H. Amantaa Uummataa Horachuu Ilaalchisee: M/Murtii kenniinsa tajaajila hojii abbaa seerummaa keessatti amantaa uummataa horachuun heddu murteessaa dha. M/Murtii hojiilee amantaa uummataa horachuu dandeessisan cimsee hojjechuun, kan amantaa dhabsiisan hambisuuf hojii guddaa hojjechuu qaba. Hawaasni ol’iyyannoon sirna mirga dhiibame sirreeffachuuf hojirra ooluu qabuu dha malee, sirna gadoo fi xiiqii itti bahan akka hin taane hubachiisuu dha; gama kanaan hubannoo uummataa cimsuu dha. Amantaa hawaasaa horachuuf hubanno uumuu dha. Hawaasni dhimmoota hanga danda’ametti aadaan jaarsummaan xumurachuu akka amaleeffatu jajjabeessuu dha. Hawaasa kiraa sassaabdummaa fi ragaa sobaa balaaleffatu uumuu dha. Hawaasni yeroo yeroodhaan haala hojimaata mana murtii akka hubatu taasisuu, rakkina jirus hawaasa mari’achiisun kallattii furmaata kaa’uun barbaachisaa dha. Hawaasni naamusa hojiin abbaa seerummaa gaafatu akka hubatu taasisuu dha. Murtiin kennamu ifa fi kan raawwatamuu danda’u ta’uu irrayyuu, murtichis akka hubatamutti abbaa dhimmaatiif ibsamuu qaba.
I. Qaamota Biroo Ilaalchisee: Manni murtii sirna haqaa bilisa, haqa qabeessa, seera qabeessaa fi bu’a qabeessa ta’e mirkaneessuu kan danda’u qaamota biroo qooda fudhattota waliin ta’ee malee qofa isa wanti fidu hin jiru. Kana waan ta’eef, sirna haqaa cimaa mirkaneessuun qindoomina mana murtii fi qaamolee biroo qooda fudhattoota gaafata. Qindoomni kun daangaa seeraa keessatti ta’ee sirna haqaa kana cimsuuf qofa ta’uu qaba. Qaamonni biroo kun himannaa fi deebii dhiyeessuun, ibsa ykn ragaa ogummaa dhimma falmiif sababa ta’e ilaallatu kennuun hirmaannaa taasisan ilaalchise wanta seeraa fi haqa qabeessa ta’e akka raawwatanii fi faallaa kanaa raawwachuun mirga walfalmitootaa miidhuu irra darbee sirna haqaa kan miidhu ta’uu hubachiisuu barbaachisaa dha. Kana malee, qaamolee biroo kun hojii hojjetaniif itti gaafatamummaan isaanii akka mirkanaa’u taasisuun barbaachisaa dha.
J. Seerota ilaalchisee: Manneen murtii hojii abbaa seerummaa kan hojiirra oolchan seera hiikuudhaan ta’uun hubatamaa dha. Kanaaf jalqabuma, seeronni qajeeltoo seerri tokko itti tumamu eeggatanii bahan jiraachuun barbaachisaa dha. Kun yoo ta’uu baate, fayyalummaan haa ta’u ykn itti yaadamee al-naamusummaa adda addaa raawwachuuf haa ta’uu, dogoggorri akka uumamuuf karra bal’aa bana. Kana waan ta’eef, seeronni walfaallessan adda bahanii leenjiin rakkoo kana furuu malu kennamuu qaba. Manni murtii waliigala Oromiyaa fi Dhaddachi Ijibbaataa hiikaa bilchina qabu fi rakkoo kana furuu danda’u kennuun, manneen murtii jalaa haala barbaachisaa ta’een beeksisuu qaba. Kana qofa utuu hin taane manni murtii waliigala Oromiyaa seerota qajeeltoo seerri tokko itti bahu eeggatanii bahuu dhabuu irraa kan ka’e rakkoo qulqullina hojii abbaa seerummaatiif madda ta’an adda baasuun qaama seera kana fooyyessuuf aangoo qabutti beeksisuu qaba; qaamni seera baasuuf aangoo qabu ammoo rakkoo kanatti amanuun seerota sadarkaa isaanii eeggatan akka baasu tattaaffiin barbaachisaa taasifamuu qaba.
Kanaafuu, manneen murtii Oromiyaa keessattuu manni murtii waliigala Oromiyaa caasaalee mana murtichaa fi qaamota dhimmi ilaallatu waliin rakkoowwan olitti ibsaman hambisuu irratti xiyyeeffannaan yoo hojjetame, manneen murtii Oromiyaa keessatti ol’iyyannoon akka hin baay’anne taasisuun gama kanaan rakkoo hawaasummaa, dinagdee fi siyaasaa gahu daran hirisuun ni danda’ama.
Dostları ilə paylaş: |