A/e Amiinaa Alii fi A/e Faaxumaa Wubet murteesse.Dhimma kanarratti A/e Faaxumaa Wubet mana murtii Magaalaa Bahir Daritti Obbo Mahaammad Huseen waliin gaa’elan qabu naaf haa diigamu jechuun iyyata yeroo dhiheeffattu A/e Amiinaa Alii himatamaa waliin gaa’ela waanan qabuuf gidduu seenee akkan falmadhu naaf haa eeyyamamu jechuun falmiitti makamteetti.Dhimmichi manneen murtii sadarkaa sadarkaan jiraniin erga ilaalameen booda dhumarra Dh/I/M/M/W/F tiif dhihaatee manni murtichaa iyyattuun duraa A/e Faaxumaa fi waamamaan mana magaalaa Bahir Daritti argamu akkaqixxeetti addaan qooddata erga murteesseen booda g/lixxuun ga’ee waamamaa irraa akka qixxeetti qooddattu fi mana magaalaa Finfinneetti argamu g/lixxuu fi waamamaan qixxeettia addaan qooddatanii erga raawwatanii booda iyyattuun ga’ee waamamaa irraa deebistee akka qooddattu murteessera.
Dhimmi 2ffaa n Murtii Dh/I/M/M/W/F Lak.Gal 50489 ta’een dhimma Zeeyinabaa Kaliifaa fi Kadijjaa Siraaj gidduutti dhaddacha Ful.1 bara 2003 ooleen Jildii 11ffaa Fuula1-4 irratti murteesse.Dhimmi kun dursa kan dhihaate mana murtii Aanaa Alaabaa Qoollittii Naannoo Uummattoota kibbaa irratti A/e Kadijjaa siiraj fi Obbo Mahaammad Haliis gidduu gaa’elli ture.Haa ta’uuti A/e Zeeyinabaa Kaliifaa waamamaa waliin gaa’ela waanan qabuuf falmii g/lixxuun akka falmadhu naaf haa heeyyamamu jechuudhaan Mana murtii Aanaa Alaabaa Qoollittiitti yeroo dhiheeffattu manni murtichaa seerri maatii Naannoo Uummattoota Kibbaa fuudharratti-fuudha waan dhorkuuf dhimmi gidduu ishee liccisiisu hin jiru jechuudhaan iyyata ishee kufaa godheera.Manneen Murtii Naannichaa hanga dhaddacha Ijibbaatatti jiran murtii Mana Murtii Aanaa waan cimsaniif A/e Zeeyinabaa Kaliifaa Dh/I/M/M/W/F tti ol’iyyannoo dhiheefataniiru.Kanumarraa ka’uudhaan Dh/I/M/M/W/F waamamtuu dhiheessuudhaan Obbo Mahaammad Haliis ol’iyyattuu waliinis gaa’ela qabaachuu galmee keessaa eraga mirkaneesseen booda Mana falmiif ka’umsa ta’e A/e Kadijjaa Siraaj fi Obbo Mahaammad Haliis erga qixxeetti addaan qooddataniin booda A/e Zeeyinabaa Kaliifaa ga’ee obbo Mahaammad Haliis qixxeetti akka irraa qooddatu murteessera.
Dhimmi 3
ffaan Murtii Dh/M/M/W/F Lak Gal 24625 ta’een dhimma
A/e Sadiya Ahmed fi A/e RahimaAli irratti dhaddacha Nov 7/2008 ooleen Jiildii 8
ffaa Fuula 195-197 irratti murteessee.Dhimma kanaaf ka’umsa kan ta’e himata A/e Saadiyaa Ahimed Mana Naannoo Amahaaraa keessaa Murtii Aanaa Dabaarqi tti A/e Rahiimaa Alii qabeenya abbaa manaa waliinii isaanii Obbo Maaruu Suleemaan irraa ga’ee ishee fi kan mucaa ishee akka qoodduuf himata dhiheeffatte dha. Qabeenyaan waliin falmiif sababa ta’es mana dha.Manni Murtii Aanichaas falmii bitaa fi mirgaa erag dhaggeeffateen booda himattuu fi himatamtuun lamaanuu haadha warraa du’aa obbo Maaruu ta’uu erga mirkaneesseen booda mucaan du’aa kan himattuu irraa dhalate qabeenyachi qixxeetti fudhatee haadhi manaa lamaan kan hafe qixxeetti akka addaan qooddatan murteessera.Himatamtuun murtiikana komachuudhaan M/M/Ol Go/Gondoritti ol’iyyannoo yeroo dhiheeffattu manni murtichaa murtii jalaa diiguudhaan himattuun ga’ee homaatu hin qooddattu jedheera.Himattuun murtii kana komattee Dh/I/M/M/W/N/Amahaaratti ol’iyyattus manni murtichaa murtii Manni Murtii Ol’aanaan kenne cimseera.Dhumarra Dh/I/M/M/W/F murtii mana Murtii Aanaa cimsuudhaan mana falmiif ka’umsa ta’e qixxeetti daa’imni Obbo Maaruu irraa dhalate akka qooddatuu fi kan hafe qixxeetti himattuu fi himatamtuun akka addaa qooddatan murteessera.