G. Murtii Ifaa fi Raawwatamuu Danda’u
Manni murtii murtiin kennu tokko qajeeltoo seeraa hordofee haala ifaa fi raawwatamuu danda’uun ta’uu qaba.136 Manneen murtii Oromiyaa murtiin kennan ulaagaa kana guutee kennama moo miti? kan jedhu ilaalchisee namoonni deebii kennanii jiru. Abukaatoonni deebii kennaniin,137 manneen murtii haala kanaan murteessuu irratti boodatti hafaa dha; qajeeltoowwan kenniinsaa fi barreessa murtii hordofuun murtiin kennaman muraasaa dha. Manneen murtii darbee darbee murtiin kennan firii dubbii barreessuu malee xiinxala firii dubbii fi seeraaf iddoo hin kennan. Murtiin tokko tokko raawwiif iftoomina hin qabu, hin dubbifamu, namaaf hin galu. Manneen murtii murtiin kennan darbee darbee raawwatamuus hin danda’u. Abbootiin seeraa tokko tokko muxxannoo xiqqaa waan qabaniif, murtii kennan keessatti maal jechu akka barbaadan ifa miti. Dhimmi kun ol’iyyannoo baay’isuun walqabatee abukaatoonni kun deebii kennanii kaan giddu galeessa yoo jedhan, kaan ammoo shoora guddaa qaba jedhaniiru. Namni tokko rakkoon kun jiraatus akka sababa guddaatti fudhatamuu hin qabu jedheera.
Gama biraan, abbootiin alangaa deebii kennaniin,138 abbootiin seeraa tokko tokko murtii yoo kennan barreeffamni ifa ta’uu dhabuun qawaan waan uumamuuf abbaan dhimmaa kana bu’ureeffatee diigsisuuf ol’iyyannoo deemuun ni mul’ata. Manni murtii aanaa tokko tokko murtiin kennan qabiyyeen isaa murtii dhakan jechisiisu miti, hin dubbifamu, iftoomina hin qabu. Kun ol’iyyannoodhaaf sababa ta’a.Garuu dhimma yakkaa ilaalchisee sababa kanaan ol’iyyannoon deemamu xiqqaa dha. Manneen murtii murtii ifaa fi raawwatamuu danda’u kennuun walqabatee fooyya’iinsi gaariin jiraatus, darbee darbee murtiin tokko tokko kana kan guutu ta’ee hin argamu. Abbootiin alangaa muraasni ammoo deebii kennaniin, yeroo ammaa murtiin komputaraan waan barraa’aa jiruuf rakkoon kun waan hin jirreef, ol’iyyannoo baay’isuuf sababa ta’uu hin danda’u jechuun deebisaniiru. Manni murtii murtii raawwatamu danda’u kennuu dhabuun, rarraasuun ni jira.139
Akka waliigalaatti, manneen murtii Oromiyaa keessatti murtii ifa fi raawwatamuu danda’u kennuun walqabatee rakkoon bal’aa ta’uu baatu illee abbaan dhimmaa ol’iyyannoo akka deemu taasisuu keessatti gahee qabaachuun isaa ni hubatama.
H. Amantaa Horachuu Dhabuu
Manneen murtii hojii abbaa seerummaan walqabatee tajaajila gaarii fi bu’a qabeessa ta’e kennuun itti guufinsa abbaa dhimmaa dabaluun, amantaa uummataa horachuun barbaachisaa dha. Manneen murtii Oromiyaa amantaa uummataa horachuun walqabatee, abukaatota fi abbootii alangaa namoonni 55 bar-gaaffiin deebii kennan keessaa, namoonni 40 giddu galeessa, namoonni 12 gadi aanaa, namoonni 2 ammoo ol’aanaa dha yoo jedhan, namni 1 mana murtii aanaa fi ol’aanaatti gadi aanaa dha sadarkaa naannootti giddu galeessa jechuun deebisaniiru.140
Abukaatonni deebii kennaniin, manneen murtii amantaa ummataa dhabuun ol’iyyannoo baay’isuu keessatti shoora ol’aanaa qaba. Manneen murtii amantaa uummataa kan dhabu sababa abbootiin seeraa heera, seera fi ragaa bu’ureeffatanii qulqullinaan hin hojjanneef, sababa abbootiin seeraa gochoota al-naamusummaa adda addaa raawwatanii fi naannummaan waan hojjetaniif dha. Manneen murtii hojii hojjetuun amantaa uummataa yoo dhabe, abbootiin dhimmaa sababa xiqqoofis ol’iyyannoo akka deeman taasisa.Abbootiin dhimmaa haqni hin jirtu haala jedhutti waan deemsisuuf, namoonni ijibbaata gahan malee amantaa hin qaban.
Abbootiin alangaa deebii kennaniin, abbootiin dhimmaa, abbootiin seeraa heddu irraa amantaa qabaachuun, badii abbootiin seeraa muraasni uumaniif wabii ta’uu waan hin dandeenyeef, ol’iyyannoof sababa ta’a. Hawaasni manneen murtii jalaa irraa amantaan qabu xiqqaa qabaachuun, murtii kennamu shakkiin akka ilaalamu taasisa. Uummanni abbaa seeraa irraa amantaan qabu laafaa waan ta’eef, kenniinsa tajaajila seeraa gadi buusuun amanamummaa mana murtii irraa dhabsiisaa jira. Manni murtii amantaa uummataa dhabuun dhiibbaa waan qabuuf, abbaan seeraa faayidaa dhuunfaa fi loogummaa irraa bilisa ta’uu yoo baate murtii sirrii kennu illee shakkii irraa bilisa ta’uu hin danda’u. Akka waliigalaatti, abukaatota fi abbootii alangaa deebii kennan irraa akka hubatamutti, hawaasni mana murtii irraa amantaa hanga barbaadamu kan hin qabne waan ta’eef, ol’iyyannoo baay’isuu keessatti shoora ol’aanaa qaba.
Uummanni manneen murtii aanaa irraa hanga tokko amantaa qabaatu illee, mana murtii ol’aanaa godina Harargee Lixaa sababa malee murtii jalaa waan diiguuuf, rakkoon naamusaas waan qabuuf, amantaa dhabuun ni mul’ata. Uummanni mana murtii irraa murtii haqaa hin argannu jedhanii yaaduun ni jira. Hawaasni murtii mana murtii aanaa fudhachuu didee ol’iyyannoo waan dhiyeessuuf, mana murtii ol’aanaatti ol’iyyannoon baay’isa. Hawaasni mana murtii irraa amantaa dhabuun ol’iyyannoo baay’isaa jira.141
Hawaasa keessatti manni murtii maallaqa nyaatee murteessa jedhamee waan haasa’amuuf, abbaan seeraa haa godhus haa dhabus namoonni amantaa waan hin qabneef, ol’iyyannoo ni deema. Mana murtii ol’aanaa Arsii Lixaa tti abbaan seeraa amanamamaa dha namni jedhamu hin jiru; uummanni abbootiin seeraa kun carraa argameen inuma waa jejjedhu jedha; warri waajjira mana qopheessaa fi Invastimettii yoo dubbatan abbootii seeraatiif maallaqni baay’een akka kennamuu dha. Rakkoon kunis kan mul’atu mana murtii aanaa fi ol’aanaattii dha; Dhaddacha Kibbaa Mana murtii waliigal Oromiyaa gama kanaan wanti irratti dubbatamu hin jiru. Ofiseronni seeraa, manni murtii fira keetii maallaqaan malee siif hin hojjetu jechuun olola waan oofaniif, abbaan dhimmaa amantaa fi tasgabbii dhabsiisanii akka raafamu taasisanii ol’iyyannoon deemama jira. Hawaasni manneen murtii aanaa irraa amantaa dhabuun ni mul’ata, dhimmoota dhaddacha naannawaa baatutti ni baay’ata.142 Kana waan ta’eef, manneen murtii Oromiyaa hanga barbaadamu amantaa uummataa qabaachuu dhabuun, ol’iyyannoo baay’isaa jiraachuun hubatameera.
I. Murtii yookiin Ajaja Haala Ifa Ta’een Ibsuu Dhabuu
Abbootiin seeraa murtii yookiin ajaja kennan hanga danda’ametti haala ifa ta’een dhaddacha irratti walfalmitootaaf ibsuu qabu. Abbootii alangaa bar-gaaffiin deebii kennan keessaa, hangi tokko manni murtii gama kanaan fooyya’iinsa gaaritu jira keessattuu aanolee irratti rakkoon kun hin jiru, sababa ol’iyyannoo ta’ees hin argine. Abbootiin alangaa hangi tokko ammoo dhimmi kun ol’iyyannoo baay’isuu keessatti hanga tokko gumaacha ni qaba, abbootiin seeraa ajaja yookiin murtii ifa godhanii ibsuu irratti hanqina qabu, dhaddacha irratti murtiin abbaa dhimmaatiif sirriitti hin ibsamu. Abbootiin seeraa duuchaatti kaa’uu malee wanti ifa godhan hin jiru.Yeroo baay’ee murtii gabaabsanii afaaniin namatti himamu, murtiin fudhatamee yoo ilaalamu waan biraa jedha.Abbootiin seeraa ajaja yookiin jal-murtii dhaddacha irratti hin himan, karaa daataa beezii deemaa gaafadhaa jedhu. Haalli kun ol’iyyannoo baay’isuu keessatti shoora qaba jechuun ibsaniiru. Abbootiin alangaa muraasni ammoo mana murtii gama kanaan fooyya’iinsa gaaritu jira, keessattuu manneen murtii aanaa irratti, rakkoon kun hin jiru, sababa ol’iyyannoo ta’ees hin argine.
Abbaan seeraa fi ofiserri seeraa murtii fi ajaja kenname abbaan dhimmaa akka hubatutti ifa godhanii ibsuu irratti rakkoon ni mul’ata. Manni murtii waan murtaa’eefi ajajame abbaan dhimmaa adda baasee akka hubatu gochuu irratti rakkoo qaba. Manni murtii ol’aanaa fi aanaatti murtii yookiin ajaja bal’inaan ibsuun hin jiru xiqqoo tokko ibsuun mana galmeetii dhagahaa jechuutu jira.143 Mana murtii aanaa Gola Odaa tti ija mucaa kiyyaa badeef beenyaan himadhe, manni murtichaa murtii kenneen beenya ani gaafadhe kufaa na jalaa taasise sababa isaa naaf hin ibsine, manni murtii ol’aanaa godina Harargee Bahaas murtii jalaa cimsuu malee sababa isaa naaf hin ibsine, utuu naaf ibsanii itti ilaalee ol’iyyachuu dhiisa ture.144 Manni murtii abbaa dhimmaatiif waan murtaa’e sirriitti gadi qabanii hubachiisuu dhabuun ni mul’ata. Abbootiin seeraa haalaan dhaggeeffatanii waan murtaa’e abbaa dhimmaatiif haalaan ibsuun hin jiru. Abbootiin seeraa murtii kenname akka abbaan dhimmaa naaf ilaalameera jedhee hubatee itti quufuu danda’uun sirriitti itti himuun dadhabaa dha kunis ol’iyyannoo baay’isa.145
Akka waliigalaatti, manneen murtii murtii yookiin ajaja kenname abbaan dhimmaa haala hubachuu danda’uun ifa godhcuu irratti rakkoon jiraachuu fi, kun ammoo ol’iyyannoo baay’isuu keessatti qooda mataa isaa qabaachuun hubatameera.
3.3 Sababoota Qaamolee Biraa
Ol’iyyannoon manneen murtii Oromiyaa keessatti akka baay’atu gochuuf hanqinaaleen manneen murtii Naannoo keenya keessa jiran gaheen qabaan ol’aanaa ta’un armaan olitti illaalamera.Itti dabalees, sababbooleenmurtii kennaamu haqumma yookiin itti quufinsa dhabsissuun ol’iyyannoon akka deemaammu taasisaanigama abbootii dhimmaa,abbootii alangaa,poolisii,qaamolee ragaa kennaan, abukaatoota dhuunfaa fi barreessitoota uummataan mul’atan ni jiru.
A. Abbootii Dhimmaa
-
Hanqina Hubannoo Seeraa
Hubannoon hawaasni baal’aan seera irratti qabu akka biyyaatti gadi aanaa ta’uun beekama dha. Uummatni barmaatileen kan beekuu fi seerri kan jedhu yeroo baay’ee adda adduumma qabachu irraa kan ka’e murtii manni murtii kennu seera qabeessa ta’e osoo jiru itti quufinsa dhabsiisa. Hawaasni baal’aan seeroota bu’uurra fi deemsa falmii irratti beekumsu dhabu fi abukaatoo dhuunfaa dhabachuuf dandeetti dhaabuu irra kan ka’e dhuugaa harka qabaan haalli itti dhabaan uumaamma.Namootni bar-gaaffii fi marii garee waliin taasifne akka waliigalaatti abbootiin dhimmaa dhuugaa utuu qaabannii akkaata ittiin falmaan wallaalu irraa kan ka’e haqaa dhabuun ni jira jedhu.Abbaan seeraa bar-gaaffii deebiise tokkoo dhimmi kun haqumma seerroota keenya dhimma gaaffii keessa seensu danda’udha jechuun akka itti anutti ibsu, “Rakko+on kuni rakkoo bu’uraa falmii manneen murtii naannoo Oromiyaa keessatti mul’atu keessa isa ol’aanaadha.gama kanaan haqaa qabessummaan seeraa falmii dhimma ilaalamu qabu dha” jedhu. Akka yaada kanaatti, hubannoon seeraa bu’uura fi deemsa falmii hawaasni keenyaa qabu gadi aanaa ta’uu irra kan ka’e murtii kennamutti itti quffinsa dhabuun ol’iyyannoon kan deemaammu ta’u dha.
Hanqinni hubannoo seeraa irratti abbootiin dhimmaa qabaan haalla lamaan ibsuun ni danda’ama:inni jalqabaa, hubannoo seeraa bu’uurra dhaabu dha: Abbootiin dhimmaa hubannoo seeraa bu’uurra hin qabne mirga fi dirqamma isaanii addaa basuun hin beekaan.kun immoo,qabenyaa yookiin qabiyyee mirga dhaalaan yookiin abbaa qabiyyuummaan himate argaachu danda’u jequumsaan himate akka itti murta’u taasisa,murtii kennametti amaanuu dhabuun maallaqaa fi yeroo isaanii basuun amma dhummatti ol’iyyannoo deemuu .146
Ibsaamni inni lammaaffa, hanqina hubannoo seeraa deemsa falmiitti, Seerootni deemsa falmii daandii mirgoota seeraa bu’urra kessaatti ka’amaan itti raawwatiinsa argataan akka ta’aan ifadha. Abbootiin dhimmaa hubannoo seeroota deemsa falmi hin qabne, himannaa fi deebii akkaata seeraan qoopha’e, falmii beekumsa irratti hunda’e, keessumayyu, manneen murtii sadarkaa jalqabaatti waan hin dhiyyeessinef darbe darbee haalli itti mirga qabaan itti dhabaan yeroo itti uumaamu ni mul’ata.147Haqni mana murtii sadarkaa jalqabaatti hanqina falmii abbootii dhimmaan jallatuu ol’iyyannoon carraan itti sirreeffamu isaa dhiphaa dha.148Soochiin hubannoo uummanii seeraa irratti qabu guddiissuf qaamolee adda addaan taasifaammu illee darbe darbee barumsi dogogoora seeraa kennamu irra kan ka’e namootni mirga hin qabaatin akka waan mirga qabaanitti akka yaadan gochaa jira.kuni immoo, wal-diddaan hawaasa keessatti uumaamu akka salphaati akka hin tasgabboofne gochuun murtii bu’uura seeraan kenname irratti itti quufinsa dhabsisa.149
Abbootiin dhimmaa hubannoo dhabuu irra kan ka’e falmii manneen murtii jalqabaa dhimma ilaaleetti hin kafnee mana murtii ol’iyyannooti kasaani falmu, dhimmoota mannuumma murtii jalqabaa dhimma ilaaleetti sirra’uu danda’aan irratti yeroo fi qabeenyaa isani baasuun ol’iyyachuun darbe darbe ni mul’ata.keessumayyuu falmii hariroo hawaasa keessatti ajaja akkaata SDFHH kwt. 70 (A) tiin kenname akkaata SDFHH kwt.78(2)tiin mana murtii ajaja kenneetti osoo hin iyyaane fi dhimmoota bu’uura SDFHH, Kwt. 208 tiin sirreeffammu danda’an irratti ol’iyyachuun darbe darbe ni mul’ata.150 Falmii dhimma yakkaa irratti murtii balleessummaa fi adabbii kennamu abbootiin dhimmaa (himatamtootni) hubannoo qajeelfama adabbii fi beekumsa sababoota adabbii salphisuu danda’aan waan hin qabneef yaada adabbii salphisuu dhiyyeeffachu dhabuun kan ka’e adabbiin manneen murtii aanaan kennamu yeroo tokko tokkoool ka’aa ta’a.Itti dabalees, yakkii hundumti adabbii maallaqatti waan jijjiiramuu danda’u itti fakkata.Kan irra ka’uun, abbootiin dhimma hundi murtii balleessummaa fi adabbii kennammuu irra ol’iyyannoo fudhata jiru.151 Akka fakkeenyaatti falmii armaan gadii haa illaalu,
Falmii abbaa alangaa fi Abdallaa kariimee Mana Murtii Aanaa Gammachiis galmee lak.10782 irratti himatamaan yakkaa reebichaan himatamme murtiin balleessumma eerga kenname abbaan alangaa yaada adabbii cimsu hin qabnu jedhe, himatamaan yaada adabbii salphisu abbaa maatii ta’u qofaa dhiyeeffate,adabbiin osoo hin salphaanne itti murta’ee.Himatamaan murtii komaachuun gara mana murtii ol’aanaatti ol’iyyate.Dabalaatti, lakk.galmee 28975 ta’ee, galmee Mana Murtii Ol’aanaa Godina Harargee Bahaa,Jamaal Abraahim faa fi A/alangaa illaalun ni danda’ama.Galmeelee kaneen keessatti himatamtooni murtiin balleessummaa eerga kename booda kuusaa yakkaa dhabbuu isaanii akka sababa adabbii salphisu tokkotti bu’uura Seera Yakkaa kwt.82(1)tiin dhiyyeeffachu osoo danda’ani kan hin dhiyyeeffanne ta’e,sababuumma kanaan adabbiin gulaanta tokkoo hirachuuf turee osoo hin hir’ane kan hafe ta’u hubatamera.
Waliigalaatti, hubannoon abbootiin dhimmaa seera irratti qabaan gadii aanaa ta’uu irra kan ka’ee, dhugaan mirga qabaan murtii manneen murtiin kenamaaniin yeroon itti dhaabaan darbe darbee ni uumaama.Kana malees, beekumsi qabaani fi seeri adda addaa bakka ta’utti murtii haqa qabeessa ta’e addaa bafachuu hin daanda’an. Kun immo, murtii manneen murtii sadarkaa jalqabaa kennaan irratti itti quufinsa dhabsissuun ol’iyyannoo akka deemaan taasisaa. Kanaafu, hubannoo seeraa dhabuun abboottii dhimmaa sababoota itti quufinsa murtii manneen murtii sadarkaa jalqabaan kenname irratti dhabsissuun ol’iyyannoon akka baay’atu taasisaan keessa isa tokkoo dha jechuun ni danda’ama.
-
Al-Naamusumma
Abbootiin dhimmaa murtii manneen murtii jalqabaa dhimma ilaalaniin kenamu komachuun ol’iyyannookan deemaan sababoota lammaanidha.Sababni inni tokkoffaa fi inni guddaanabbootiin dhimmaa akka ol’ iyyannoo deemaan taasisuu murtiin kenname raakkoo adda addaa irra kan ka’e haqummaa yoo dhabee fi mirga isaanii kan tuqe yoo ta’ee dha. 152 Ol’iyyannoon abbootiin dhimmaa haqa dhabuun yookiin haqa wantaa dhabaan itti fakkaachuun dogoggoori manneen murtii sadarkaa jalqabaan uumaame akka sirreeffamuf gara manneen murtii ol’iyyannoo deemaani deemsa sirrii fi kaayyoo mirga ol’iyyannoo waan ta’eef dhimma cimuu qabuudha.Marii garee fi af-gaaffii namoota adda addaa waliin taasifamen, Manneen Murtii Naannoo Oromiyaa keessatti abbootiin dhimmaa irra callaan ol’iyyannoo kan deemaan sababa murtiin manneen murtii sadrkaa jalqabaan kenname haqumma dhabuun mirga isaanii tuqeef yookiin haqumma kan hin qabne itti fakkaatef akka ta’e ibsu.
Sababni lammaffaan kan abbootiin dhimmaa murtiin mana murtii sadarkaa jalqabaan kenname sirrii fi haqa qabbeesa ta’u osoo beekani kan ol’iyyataani dha.Deeemsa kannaan bu’aa abbootiin dhimmaa argachuuf yaadani rawwii dubaatti harkisuu, dhammaattii garee faalla dabaluu, baasii adda addaaf saxiluu, abdii kutachisuun of biraa hambisuu fi/yookiin carraa gara oli jiruu (firoomma yookiin faayidaan) murtii sirrii ta’ee jijjiirsisuf jechaa ol’iyyachuun darbe darbee ni jira.153
Ol’iyyannoon garee kan biroo rakkisuuf deemaammu godinalee faggoo ta’aan kanneen akka Harargee Bahaa, Harargee Lixaa, Wallaggaa,Jimmaa,Iluu Abbaa Booraa fi kan kana fakkaataan keessatti aanolee badda kanneen akka Haroomaayaa,Kombolchaa,Baddannoo,Dadar,Boojii Dirmajjii, Gommaa,Gudayyaa Biilaa,Nophaa fi kan kana fakkaatan keessatti abbootii dhimmaa qabenyaa hin qabne rakkiissuf demuun sirriittii jira.154 Abbootiin dhimma sababa falmii ol’iyyannoon mana, horii fi konkoolata hanga wal-gurguursissuitti deemaa kan jiraan ta’u marii garee abbootii seeraa Mana Murtii Ol’aanaa Godina Harargee Bahaa waliin taasifneen hubachuu dandeenyera.Ol’iyyannoon haalla kanaan deemaammu garee biraa baasii adda addaaf saxxiluu kan danda’u manneen murtii ol’iyyannoo murtii manneen murtii jalqabaan kename haqummaaosoo qabu yommu dhiyyeesisaan, gareen biraa beellaama dheeraaf akka dedebi’u yoo taasisaan, sababa gahaa malee rawwii kan dhorkaan fi baasii fi kisaaraa ga’a ta’ee garee haqa osoo qabu baasiif saxxiilaamef hin murteesin kan hafan yoo ta’e dha.155
Ibsamma al-naamusumma Abbootii dhimmaa inni kan biraa, ragaa sobaa qarshiin bittaan yookiin maatii isaanii qindeessanii himannaa yookiin heeruu sobaa dhiyyeesu, dhugaan yeroo mo’atamaan galuu akka du’aatti ilaaluu, dhugaa akka hin qabne utuu beekani murtii haqaan kennaame irra ol’iyyachuun matta’aan yookiin firoomman murtii sirrii digsiissuf yalluu fi kan kana fakkatan dha. Gochii kuniis, garee dhugaa qabu irratti jalliina yaaduun deemsa deemaammu waan ta’eef murtiin haqa qaabessa ta’e sadarkaa olitti carraa itti jijjiiru danda’aan hunda fayyadammuufi dha.156
Kanaafu, dhugaatti amaanuu dhabuu irra kan ka’e, abbootii dhimmaa harka qaalleessa ta’aan rakkisuuf qabeenyaa fixxachisannii of biraa hambisuf, raawwii lafaa irra harkisuuf, yoo carraa isa argaatan manneen murtii ol’iyyannootti murtii jalaa firommaan yookiin matta’aan jijjiirsissuf yaaduun abbootiin dhimmaa murtii haqa qabesumma isatti amanaan irra ol’iyyattaan jirachuun sababoota ol’iyyannoon manneen murtii Oromiyaa keessatti akka baay’atu taasisaan keessaa tokko jechuun ni danda’ama.
-
Aadaan Jaarsummaan Wal-diddaa Xumuru Hirachuu
Ol’iyyannoon dogogora fayyaalummaan(good faith mistake) manneen murtii sadarkaa jalqabaatti raawwatame sirreessuun duudhaalee garagaara argaamsissuuf faayidaa bakka bu’u hin dandeenye kan qabu ta’uun beekama dha.Haata’u malee, wal-diddaa hawaasa keessatti ka’uf xumura kennuu irratti hanqina waan qabuuf yeroo hundaa filaatamma miti waan ta’ef wal-diddaa hawaasa keessatti ka’u walfalmittoota gidduutti nageenya haalla fiduu danda’uun mallii ittiin hiikkuun danda’ammu jirachu qaba.157Furtuulee wal-diddaa jiraan keessaa jaarsummaa akka toofta tokkootti fayyadammuunni danda’ama.
Naannoo keenya keessatti furtuun wal-diddaa hojiirra oolaa jiru fi aadaa uummataa keenyaa waliin beekamti qabu jaarsummaa dha.Jaarsummaan dhimmi mana murtii osoo hin qaqabne fi eerga qaqabee booda itti gargaarammuun wal-diddaaf xumura kennuun ni danda’ama.Haata’u malee, Jaarsummaan ol’iyyannoo hir’isuu keessatti gaheen isa maal akka fakkaatu addaa baffachuun bu’aa qaabbessuumma itti fayyadaamma jaarsummaa mana murtii keessatti (court annexed arbitration) xiyyeeffannoo mataa duree kanatti.
Jaarsummaan wal-diddaa hiikkuu keessatti bu’aa qabeessa ta’u kan danda’u aadaa fi safuun wal-danda’uu,waliif obsuu fi waliif dhiisuu hawaasa keessatti yoo dagagee akka ta’e dhimma gaaffii qabu miti.Sirni jaarsummaa uummataa Oromoo keessatti iddoo guddaa kan qabuu fi Oromoon bara durii jalqabee wal-dhabdee kan ittiin hiikachaa turee fi jiru dha.Yeroo amma kana keessatti aadaan jaarsummaan dhimmoota xumurachuu fi aadaan wal-danda’uu bakka tokko tokkootti hawaasa keessaa xiqqaachaa deemera.158Godinalee aadaan wal-danda’uu fi waliif dhisuu gadii bu’e keessatti,dhaddachi ol’iyyannoo fi sadarkaa jalqabaan dhimmoota ilaallu galmee lakkoofsaan hedduu ta’aan jaarsoliif qaajelchu illee baay’inni dhimmoota araaraan xumura argataani xiqqoodha.159Bu’aa qabbeessummaan wal-diddaa jaarsummaan xumuru aanolee baaddaa fi Gaammooji, akkaasummaas, magaala fi baadiyaa keessatti adda adduumma qaba.Hima biraan,aadaan wal-diddaa jaarsummaan fixachuu aanolee baddaa fi magaala caalaatti gaammooji fi baadiyaa keessatti bu’aa qabbeessadha.Godina Boraanaa fi aanoolee Gaammoojji Godinalee adda addaa dudhaan aadaan buluu hawaasa biraatti ol’aanaa ta’e keessatti dhimmooni hedduun mana murtii ergaa ga’aani booda araraan carraan xumura argachuu ol’aanaadha.Kana malees,godinalee dudhaan jaarsummaaf kennaamu ol’aanaa ta’e kessatti hawaasni wal-didda hunda araaraan xumurachuf fedhii qabachu irra darbee dhimmoonni yakkaa jaarsummaan dhumma argachuu danda’an xiqqaa dha kan jedhuu fi gara mana murtii dhuufuu irra jaarsoliin wal-dhabbii fixachu fillaatu.160
Manneen murtii sadarkaa jalqabaa fi ol’iyyannootti haalla qabatammaa naannoo keessaa jiraan gidugalleessa gadhachuun wal-diddaa dhaddachan alatti toftaan ittiin xumurun danda’amu uumuun yoo danda’ame nageenyaa hawaasa keessatti fiduun ol’iyyannoon mana murtii jalqabaa dhimma ilaalee irra yookiin ol’iyyannoo lammaaffa hanqisun ni danda’ama. Manneen murtii Naannoo keenyaa keessatti dhimootni araraaf qaajelfaman irraa caalaan isaanii falmii maatii ta’uun hundaa galeessummaa jaarsummaa gaaffii keessaa seensera.161
Istaatikisiin manneen murtii tokko tokkoo kan baroota sadaan darbaani (bara 2004 hanga 2006) akka mul’isutti, baay’inni galmee jaarsummaan akka ilaalamuuf dhaddachan qaajelfamu akka waliigalaatti dabalaa kan deemee ta’uu fi galmee qaajelfame keessa kan xumura argatu xiqqaachaa kan deeme ta’u dha.Istaatiksiin kun akka mul’isutti dhimmoota jaarsummaaf qaajelchun kan baratame manneen murtii aanaa yookiin dhimmoota sadarkaa jalqabaan ilaalama jiran qofa irratti kan xiyyeeffatee fi daangeffaame fakkaata. Haata’u malee, manneen murtii sadarkaa ol’iyyannootti itti gargarraammun bu’aa qabbeessa ta’aan kan jiraan ta’u dha.Manneen murtii akkaasi keessaatti humni yookiin dandeetiin wal-diddaa jaarsummaan xumura kennu fooyya’aa ta’e mul’ata.162
Mana murtii Ol’aanaa Godina Addaa Adaamaa magaala keessatti kan argamuu yoo ta’uu dhimmoota ol’iyyannoo fi kallaatiin gara mana murtiichaatti dhiyyaatan araaraan akka xumurammu gochuu irratti fakkeenyuumma garii kan qabuuf daandetiin dhimmoota jaarsummaan xumuru baroota darbaan keessa dabaala kan jiru ta’u mul’isa.163Godini kuni Magaala keessatti kan argamu ta’u irra kan ka’e hawaasni aadaa fi dudhaa adda addaa qabu kan keessatti argamudha.Kanaafu, jaarsummaan wal-diddaa hiikkuuf qinda’uu haalla addaa qabbaatama jireenya uummataa ilaalcha keessaa seensun wal-diddaa ittiin furuun danda’amu uumuu barbachisaadha. Manni Murtiichaas kanuumma ilaalcha keessa sensuun hojjeetoota mana murtii keessa gahumsa walitti araarsuu qabaan sadii Abukaatoo ittisaa tokko,Itti gaaffaatamma garee inispeekshinii fi ofiisara seeraa tokko qindeessuun dhimmoota baay’ee araaraan xumura kan jiraniidha.164Mani murtii Aanaa Shaashamannee, hojjeetoota hawaassummaatti (social worker) fayyadaammun bara kanna keessa(bara 2006 hanga kurmaana 3ffaatti) galmee kudha shan (15) dhaddachan itti qaajelfame keessa galmee saddeetti(8) xumura kan argate ta’uu af-gaaffii piraazidaanti mana murtiicha obbo Hirphoo Irreessoo waliin taasifneen hubanneera.kana irra baarachuun kan danda’amu,naannoo aadaa fi dudhaan jaasummaa dhimmoota xumuru xiqqoo ta’etti casseeffama addaa uumuun wal-diddaa mana murtitti ilaalama jiruuf fuurmata kennuun akka danda’amu dha.
Godinalee tokko tokkoo keessatti wal-diddaan jaarsummaan akka xumura hin argane dhibaa wantoota taasisaan keessaa isaanii ol’aanoonni, aadaan wal-danda’uu dhibbuu, duudhaanii hawaasni jaarsummaaf qabuu gadi bu’a ta’uu fi jaarsi dhugaan namoota waliitti araarsu irraa of qusaachu dha. Fakkeenyaaf,Godina Harargee Bahaa fi lixaatti manguddoon dhugaa jiru dubachuu yommuu eegalaani gareen irratti duubatamu “manguuddoon natti jirti” waan jedhaanif manguddooni araarsuu irra of qusata jiru.165kana malees, manguddoon araraa baasiin gaaffatan kan mana murtiin olii ta’uu, manguddoon namoota waliitti ararsuu dhibamuu, namootni walitti araaramuuf ergaa waliigalaan booda qarshiin bifaa matta’aan akka murta’uuf kename gare biraan akka bakka bu’uf gaaffachu, abukaatoon ,daallaltooni fi barreessitoonni uummataa darbe darbee dhimmii araaraan xumura kan argatuu yoo ta’ee faayidaa yookiin galii dhabaan sodaachu irra kan ka’e abbootiin dhimmaa araaraan wal-diddaa akka hin xumurane dhibaa taasisuu fi kan kana fakkaatan dha.166
Xumuruf, wal-diddaa gara manneen murtiitti dhiyaatan araraan xumuruun faallaa seeraa hin tane araaraan xumurun osoo danda’ame murtii feedhii wal-falmitoota hunda gidu-galleessaa gadhaate irra waan gahaamuf itti quufinsa dhabsisun ol’iyyannoon akka deemamu hin taasisu.Kanaafu,wal-diddaa jaarsummaan fixachuu dhabuun sababoota manneen murtii Oromiyaa keessatti ol’iyyannoon akka baay’atuu taasisaan keessa isa tokko dha jechuun ni danda’ama.
-
Dostları ilə paylaş: |