Boqonna tokkoffaa seensawaliigalaa



Yüklə 0,57 Mb.
səhifə7/12
tarix25.10.2017
ölçüsü0,57 Mb.
#12981
1   2   3   4   5   6   7   8   9   ...   12

Rakkoo Ilaalchaa

Abbootiin dhimmaa ilaalcha manneen murtii ol’iyyannoo gahumsa fi dandeetti fooyya’aa qabu, gara oliitti deemuun wanta addaa argachuun danda’aa, amma dhummatti deemuun carraa gara olii jiru yallaa,abbaan seeraa kan olitti “Daanyaan, Daanyaa olitti,”haqnii Fiinfinnee irra argaamti jedhu qabaachu irra kan ka’e ol’iyyannoo deemuun ni jira.167

Abbootiin dhimmaa gareen tokko sababa ol’iyyaatef ol’iyyaattaan yookiin ol’iyyannoo qaxxaammura dhiyyeessaan abbootiin seeraa fi abbootiin alangaa gareen qiinda’aani nutti murteessan ilaalcha jedhu irra ka’uun abbootiin dhimmaa ol’iyyannoo deemaan lakkoofsan xiiqqoo miti.168Kanaafu, dhugaa harkaa qabaan utuu hin tannee ilaalcha caarraa kiyyaan yallaa jedhu hawaasa keessa jirachuun ol’iyyannoo Mannen Murtii Naannoo Oromiyaa keessatti akka baay’atu gochuu keessatti gahe qaba jechu dha.

B. Rakkoo gama Qaamolee Qorannoo yakkaa taasisaan fi himannaa dhiyyeessaanin (Abbaa Alangaa fi Poolisii) jiru.
Akkaata labsii lakk.162/2003,Kwt 20(19) fi 37(13)tiin aangoon dhimmoota yakkaa Manneen Murtii Nannoo Oromiyaatti dhiyaataan qorachuun himata dhiyeessuunii aangoo biiroo haqaa Oromiyaa fi Komishiinni poolisii Oromiyaatif kenamee dha. Hima biroon, gahe hojii abbaa alangaa fi poolisiitti. Dhimmoota yakkaa manneen murtii Oromiyyatti dhiyaataan irraa ol’iyyannoon kan baay’atu yoo ta’u, ol’iyyannoon falmii dhimma yakkaa irraatti akka baay’atu kan taasisaani:-qulqulinna dhabu qorannaa yakkaa fi himannaa,dhibaa fi rakkoo naamusa gamaa abbaa alangaa fi poolisiitin jiru gumacha kan qabanidha.


  1. Qulqullinna Dhabuu qorannaa fi himannaa

Qorannaan dhimma yakkaa qulqulliinna kan hin qabne,ogummaadhaan kan hin degeeramne fi dhuugaa lafa jiru kan hin agarsifne yoo ta’ee murtii haqa qabeessa ta’e kennuun rakkisaa akka ta’u beekama dha.Qorannoon dhimma yakkaa qulqulliinna dhabuu irraa kan ka’e, qaamni yakka hin raawwane akka himatamuu fi adabbaamu ta’a, namootni yakka raawwataan osoo hin tannee namni qulqulluu bakka bu’insan akka himatamuu fi adabbaamu taasisaa.Ogummaan qorannoo yakkaa dandeettii addaafimuxxaanno hojii kan gaaffaatu dha.Ogguummaa addaa qorannoof barbaachisu poolisiin ni qabaata jedhame yadaammulee, Naannoo keenya keessatti poolisooni muxxaanno qorannoo yakkaa qabaan gadi lakkisuu fi sorroomma ba’u irra kan ka’e yeroo amma Godinalee adda addaa keessatti qorannoo yakka muxxaanno fi dandetiin deegerame xiqqaachaa jira.169

Al-durewwaan qulqulliinni qorannoo yakkaa itiin ibsamu:qorannoo amayyeessu dhabuu yookiin dandeeti irratti kan hunda’ee utuu hin taane ragaa namaa qofa baarreessu irratti kan xiiyyeefate ta’u,bakka yakkii itti raawwataamera jedhaametti argamuun dhugaan lafa irra jiru adda baaffachu dhabuu,maatii miidhamma qofa akka ragaatti gargaraamu,namoota kan bira naannoo yakkii itti raawwataame jiirataan irra qulqulleeffachu dhabuu irra kan ka’ee utuu yakkii rawatame hin jire ragaa fi heeruu sobaa irratti hunda’uun namni qulqulluu adabbaammuun kan mul’ata ta’u marii abbooti seeraa,abbooti alangaa fi namoota adda addaa waliin taasifne irra hubachuun danda’amera.

Abbaa alangaa deemsa qorannoo keessatti degeersa ogummaa seeraa taasisuu, kabaajammu mirga namoota shakkiin qabamaani mirkaanessu, fi deemsa qorannoo yakkaa ol’aantummaan hogannu akka ta’ee labsii armaan olii fi Imammaata sirna haqaa yakkaa biyya keenyaa irra ni hubattaama.Hojiin abbaa alangaa inni kan biroo, qorannaan eerga xumurame boddaa himata dhiyeessu dha.Murtii haqumma qabu keenniisissuf himannii qulqulluu fi bu’uura seeraan dhiyaachu akka qabu dhimma wal nama gaaffaachisu miti.Haata’u malee, yeroo tokko tokkoo himannoon dhiyyaatu qulqulliina kan hin qabne fi gochaa raawwataame keewwata seeraa roogumma qabuun deegerame kan dhiyaattu miti.170 Akka Fakkeenyaaf galmee armaan gadii haa illaalu,

Galmee mana murtii Aanaa Baddannoo lakk, 17773 ta’e irratti abbaan alangaa himata, himatamma obbo Fooziyaa Saadiq irraatti dhiyeessen, yakkaa reebicha rawateen fula mirgaa midhama dhuunfaa irra miidha dirmaammu qaqabsissera jechuun seeraa yakkaa Kwt. 556, (2A) jalaatti himata dhiyyeese, manni murtiichaas eega ragaan gochii raawwatamuu qulqulleesse booda keewata ittin himatamee jalatti murtii balleessuuma fi adabbii dabarse.Himatamaan komaate mana murtii ol’aanaatti ol’iyyannoo Mana Murtii Ol’aanaa Godina Harargee Bahaatti taasise irraatti hunda’un manni murtiicha lakk.galmee 28905 ta’e irrattiseeraa yakkaa kwt.560 jalatti deebisun murtii balleessuuma fi adabbii kenera.

Galmee manna murtii Aanaa Babbillee lakk.04699 ta’ee irratti, himatamaa (Usmaan Hassan) harkaatti qawween hojiif saajin Ol’aanaa Hassan Bashiiritti kenname waan argameef yakka hannaa raawwatera jechuun seeraa yakkaa kwt,665(1) jaalatti abbaan alangaa himata dhiyyeessa.Ragaan abbaa alangaa meeshaan kun harkaa himatamaatti qabbaamu fi bakka fidee kan hin bekne ta’u kan dubatanni fi himatamaan meeshaa kana kan bittee ta’u akkaata SDFY kew,35 tiin jechi kenne ragaa ta’uun galmeen walqabaatera.Manni murtii aanaa kewwata jaalatti himatameen murtii balleessuumma fi adabbii kan kenne yoo ta’uu, manni murtii Ol’aanaa Godina Harargee Bahaa galmee lakka, 25749 ta’ee irratti seeraa yakkaa Kwt,808 jaalatti deebisuun murtii kennera.

Akka waliigalaatti, qorannoon yakkaa qulqullinna hin qabnee, ogummaan hin degeramne, himata qulqullina hin qabne, gochaa fi seeraan wal hin simne jaallati gamaa wajjiira poolisii fi abbaan alangaa darbe darbee kan dhiyaattu ta’uun murtii haqumma hin qabne hordofsisu waan danda’uf abbaan alangaa yookiin himatamaan akka ol’iyyannoo deemanni taasisaa.Hima biraan, Manneen Murtii naannoo keenyaa keessatti ol’iyyannoon akka baay’atu gochuuf gahee qaba.



  1. Rakkoo Naamusa fi Dhiibaa Alaa

Darbe darbee, Poolisii fi abbootiin alangaa tokko tokkoo adeemsa qorannaa irra kaassee hanga himannii dhiyaattu jiru keessatti, firummaa, matta’aa fi wal-bekumsaan hojjeechu irra kan ka’ee akkaata seeraa fi dhugaa lafa irra jiruun dhimmootni mana murtii hin ga’aan. Dhimmootni sadarkaa qorannaa fi himannaatti akkaata seera fi dhugaa lafa jiru ibsu hin dandenye mana murtiitti yommuu seenaan xumura irratti dhugaa qabatamaan hawaasni beekun carraan walfalleesu isaanii ol’aanaadha.171 Kesuummaayyu, dhimmoota yakkaa daldala seeraan alaa fi gummurruukaa irratti bakka bu’insaan nama yakkaa hin raawwaneef qarshii kennuun himachuu,nama yakkaa raawwate ragaa gochuu,ragaa balleessu,ragaa yallaa male yakka ajjechaa himannoo dhiyyeessuu,keewwata sirrii hin taneen himachuu, yakkii raawwatame utuu hin jire yakka uumuun ragaa qindeessanni himachuu,yakkaa Balaa konkoolata qorannaa balleessu, fi kan kana fakkaatani irratti matta’aa fi walfaayaduuf hojjeechuun waan jiruuf murtiin kennamu haqumma dhabsissa jira.172

Itti dabalees, abbootiin alangaa darbe darbee, eega himata dhiyyeessaani guyyaa ragaan dhagaa’amutti ragaa isaanii waan galmee keessaa jiru yaadachissun garii ta’ee, humna adabsiissu haqaa irratti hunda’e irratti xiyyeeffachu dhabuun kan ka’e ragaa duraan ofummaanu sobaan qinda’ee dhuufe irra debi’anni qindeessutti jira.kun immo dhugaa bira gahuuf baay’ee rakkisa gochuun allaatti murtii manneen murtii haqumma fi itti quufinsa dhabsisuun akka ol’iyyataammu gochuu kessatti gumachaa qaba jedhu abukaatootni dhuunfaa tokko tokkoo173.

Hawaasni hubannoo dhabuu irra kan ka’ee murtii manni murtii dhimma yakkaa irratti kennu haqa qabeessadhaa moo, Miti kan jedhuu hubaachu dhabuutti jira.Abbaan alangaa murtii kennaame sirrii ta’u itti amanee utuu jiru miidhamaan dhuunfaa akkka ol’iyyattaamuf waan barbaduuf garaa wajjiira sadarkaa olii jiruuttu iyyachuun akka ol’iyyatamuu darbe darbee haalli ittii ta’uu kan jiru ta’uu fi himanni himachisuu hin qabne kan abbaan alangaa sadarkaa gadii ragaan hin jiru yookiin yakkaa miti waan ta’eef hin himachiisu jedhu dhibbaa abba dhimmaa fi abbootii alaangaa sadarkaa olii irra itti dhufuun kan ka’e himatni dhiyaatu, bilisa ba’uu yookiin seeraan ala adabbiisisun ol’iyyannoof sababa ta’uun darbe darbee ni jira.174

C. Qaamolee ragaa Kennaan

Abbootiin seeraa dhimmoota gara mana murtii dhufaan irraatti murtii haqaa qabbeessa ta’ee kenuf jecha yeroo tokko tokko ragaa ogeessota yookiinwaajjiralee ragaa ogummaa kennuu danda’an irra akka dhihaatu gochuuf kan danda’an ta’u SDFHH kwt 136 irra ni hubatama.Akkuma beekamu Manneen murtiii Naannoo keenya waajjiiraleen mootummaa kanneen akka Waajjira Lafa fi Eegumsaa Naanno,dhimma lafaa baadiyaa irratti, Bulchiinsi Magaala-dhimma abbaa qabiyyuumma lafa magaala fi abbaa qabenyuumma mana magaala irratti, Hospitaalootni falmii dhimmota kanneen akka reebichaa,gudeeddi,ajjechaa, beenyaa fi kan kana faakkatani irraatti ka’aan ilaalchise ragaa ogummaa mana murtiif kanneen kenna jiru.



  1. Waajjira Lafa fi Eegumsa Naannoo

Bu’uuraa labsii buulchinsa fi itti faayyadama lafa baadiyya,labsii lakk.130/1999 kwt.15(2,4 fi 5)tiin, waraqaan ragaa abba qabiyyuumma bal’inna fi daangeessiitoota ibsuu nama abbaa qabiyyee lafaa baadiyyaa ta’eef Biiroo Qonnaa fi Misooma Baadiyyaa Oromiyaatiin akka kennamuu qabuu tumaamera.Gamaa biraan,hojiin bulchinsaa fi itti fayyadama lafaa fi to’annoo qabeenya uumamaa Biiroo Qonnaa fi Misooma Baadiyyaa Oromiyaatiin bu’uura labsii Lak, 132/2000 kwt ,2(1) fi labsii Lak. 130/1999tiin hojeetamma turee labsii lakk 147/2001 kwt, 5 fi 7(2)tiin Biiroo lafaa fi Eegumsaa Naannootiif kennaamera. Labsiin Lak.147/2001 ta’e immo Labsii Qaamolee Raawwachiiftuu Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Irraa Deebi’uudhaan Gurmeessuu fi Aangoo fi Hojii Isaanii Murteessuuf Bahe, Labsii Lak. 162/2003 kwt.56,(1h)tiin haqaamera.Bu’uura labsiichaa Kwt.24(5)tiin Biiroo lafaa fi Eegumsaa Naannoo Oromiyaa seeraa irratti hunda’uudhaan qabiyyee lafaa baadiyyaa galmeessu, safaru,waraqaa ragaa abbaa qabiyyummaa qopheessuun qaama hayyamameef kennuuf kan aangeeffamme ta’uun tumaamera.

Manneen murtii Oromiyaa keessatti, falmiin sadarkaa jalqabaa fi ol’iyyannootti baay’atu falmii dhimma lafaa baadiyyaatti.Murtii falmii lafa baadiyyaa irratti kennamu ilaalchise, itti quufinsi jiruu gadi aanaa dha. Dhimma kana irratti itti quufinsa dhaabsisuu keessaatti gahee ol’aanaa kan qabu rakkoo shallaagi fi keenninsa ragaa abbaa qabiyye waliin wal-qabate jiru dha.175 kuniis uumaamu kan danda’eef hanqina dandeettii, dhibaa’ummaa fi loogummaa koree shallaggii lafaarra kan ka’e,daangaa fi bal’inna sirriittii ibsuu dhaabuu, lafa tokko irratti gucaa maqaa nama lamaan waan guutaniif waraqaa ragaa abba qabiyyuumma nama lamaaf kennamu,nama lafaa hin qabneef gucaa irratti guttuu kan ka’e namni lafa hin qabneef waraqaan ragaa kennaamu, iddoo tokko tokkootti oddeeffannoo afaanii fi tilmamaan gaaddisa jala ta’annii iddoo lafatti utuu hin argamiin guca irratti guutu,176 fi yeroo manii murtii akka dhimma qulqulleessaniif ajajuu dhimma tokkoo irratti bu’aa wal-falleessu fi garagaaruma qabu yeroo adda addaatti gabaasu,177 faa dha.Dhimma kana qabaatama gochuuf fakkeenyoota armaan gadii haa illaalu:

Galmee Mana Murtii Aanaa Gooroo lak.03015 ta’ee irratti wajjiiri Lafa fi Eeguumsi Naannoo xalaaya lak.689/06, guyyaa 10/03/2006 barreeffaame fi lakk.galmee 31911 ta’e, Mana Murtii Ol’aanaa Godina Shawaa kibbaa lixaatiif xalaaya lak.WLBENA/G814/06, guyyaa 23/07/2006 barreeffameen qabiyyee lafa oolchaa saangaa 4(afur) siriin isa kan adde Zawuuddituu Taffasaa ta’e irratti namni obbo Nugusee Taffasaa jedhamuu ragaa abbaa qabiyyuumma itti qabaachuu ibsuun haalaa inni itti ragaa kana fudhachuu danda’ee kooreen shallaaggi fi jaarssoliin naannoo, akkaasumas wajjiirichi kan hin bekne ta’uu gabaasera.

Lakk.galmee,55743 Mana Murtii Ol’aanaa Godina Shawaa lixaa ta’ee irratti waajjiri Lafa Fi Eegumsi Naannoo Aanaa Amboo falmii Ol’iyyataa obbo Lachiisaa Hirphaa fi D/kennaa obbo Suuqii Kumsaa gidduu ture irratti gabaasa xalaaya lakk. WLENAA 455/06,guyyaa 14/04/2006 fi xalaaya lak.WLENAA 508/06 guyyaa 30/04/2006 barreeffamee mana murtiif eergameen qabiyyeen falmiif sababa ta’ee ol’iyyataaf haala kamiin akka shallagamee caassan gandaa fi kooreen shallaggii yommuu ibsaan haalaa walfalleessu fi iftomina hin qabneen kan duubataani dha.Jechuniis,miisensa kooree shallagduu keessa nama tokkoon unkii guutamee dhihaanan kooreen kanneen immo waajjira keessatti mallatteessaan kan jedhuuf gareen biraa immo bara 1996/2003 shallagneef kan jedhuu,siriin isaa kan eenyu akka ta’e kan hin beknee ta’uu gabaasaniru.

Hooggantoonnii fi hojjettoonnii waajjiira lafa fi Eegumsaa Naannoo Godinalee adda addaa irra duubifne rakkoon shallaagi duraan raawwataame irratti dabalaatan waajjiiri amma aangeffaame yeroo hojii jalqabutti oggeessoota gahumsa qabaniin gutaamu dhabuu, wal-harkaa fuudhinsii ragaalee waajjiira duraanni waliin taasifame sirnawa ta’u dhabuun,al-naamusumma hojjeetoota wajijirichaa: keessummaa hojjetooni sadarkaa aanaa jiraan matta’aa fuudhachuun ragaa kennu,bakka qabiyyee deemaani osoo hin qulqulleesiin ajaja mana murtii irra darbuun waajjiira keessa ta’aanii gabaasa barreessuun chaappaa itti rukkutaanni eerguun darbe darbee waan jiruf murtii haqaa dhabsiisa jedhu.178

Falmii dhimma lafaa irraatti ka’uu ilaalchise murtiin kennaamma kan jiru gabaasa wajjiira kana irra dhiyaattu irratti kan hunda’uu ta’uun waan bekaamuf,ajaja mana murtii gareen jalqaba garaa wajjiirichaa gefaate firoomma yookiin matta’aan gargarraamme fuudhachuu akka danda’u uummanii waan beekuf,ajaja mana murtii irra gara waajjirichaatti yookiin bulchiinsa gandaatti ba’u geessuf abbootiin dhimmaa dorgoomi keessa seena jiru.179



Qulqulliinna dhabuu ragaa lafa irratti haawasni baal’aanis gumacha keessa qaba.keessummayyu Godinalee kanneen akka Harargee bahaa fi Lixaa keessaa aanaale baddaa keessatti dhiphinni lafa jirachuun akkuuma jirutti ta’e,Godina Harargee Bahaatti uummani gibiira guddaa kaffaalu jaala ooluuf jechaa lafti yommuu safarammu qabiyyee maatii hunda isa bakka tokkootti maqa nama tokkootti(maqaa abbaan) safarsisanni ragaa itti fuudhatu,abbaan ergaa du’ee boddaa falmii dhaalaa qabiyyee lafa irratti ka’u dhugaa fi murtii haqaa wal-dabarsuun itti quufinsa dhabsisuu irra darbe maatiin akka wal-ajjeessuuf sababa ta’a jira. Abbaan warraa fi hattii warraa Godina kana keessatti yeroo waliin jiratanniitti lafa haala kanaan galma’ee maatii waliin itti faayyadammu, yeroo gahiil digaamu qabiyyee duraan matiin hundi itti bulaa turee qabiyyee waliinni fakkeessuun qooddaaf waan dhiyyesaniif dhimmi kuni jedhu abbaan seera mana murtii aanaa Haaromaayaa kan ta’anni murtii haqumma dhabsiisu irra darbee giddu galumma namoota heddu hordoofsissun, galmeen akka oliif, gadi dedeebi’u taasisa jira jedhu.180
Godina Harargee Lixaa kessaatti hawaasni yommu qubsamaaf deemuu mootumaan qabiyyee lafa namoota qubsamma deemaan ilaalchise seeraan wanti jedhamee dhibuu irra kan ka’e, namootni qubsamma deemuun dura qabiyyee gurguurrataani deemaan,qaamni bittee waggaa dheeraaf miisoomse bulti isa irratti hundeffate gadi lakkisi jechuun himata jiru,gaarreen mootummaan misoomse irratti beenyaa gaaffachuun falmii naannoo kanna jiru wal-xaxxaa taasisaa jira jedhu Hojjeetonni Wajjiira lafa fi Eegumsa Naannoo Godiniichaa.181 Gamaa biraan, ajajni manneen murtii irra dhimma falmii lafaa fi tilmaama qabenyaa waliin wal-qabatee wajjiira lafa fi Eegumsaa Nannootti ergamuu yaada ogummaadhaaf (expert opinion) iddoo kan kenne ta’uu dhabuu fi wantii hundii jaarsolii fi bulchiinsa gandaa waliin qulqullaa’e akka dhiyaattuuf kan gaaffatamnuu ta’uun rakkoo uummaa jira jedhu.182


  1. Bulchiinsa Gandaa

Bulchiinsi gandaa qaamolee mootummaa ragaa falmii qabiyyee lafaa fi falmiile adda addaa irratti ka’uf kennaan fi manneen murtii naannoo keenyaa itti gargaarramma jiraan keessa tokko akka ta’e beekama dha. Ragaan gandaa irra dhiyaattu hanqinoota adda addaa waan qabuuf mormiin irratti ka’a jira.Hanqinoota kanneen keessa muraasnii, Darbe darbe duraa ta’aan bulchiinsa gandoota tokko tokkoo dhimma akka qulqulleesu manni murtii ajaje iddoo falmiitti utuu hin argamne daandi gubaa yookiin mana dhugaatti ta’uun barreessaani chaappaa mootummaa kissiitti badhataan waan naanna’aanif itti rukkuutanni eergu, bakkaa falmiitti argamaani yommu qulqulleessan jaarsolii dhimma falmii hin beekne fi Gandaa biraa keessa jirataanitti fayyadaamu, firummaa fi matta’aan hojeechu irra kan ka’e murtii kennamuutti itti quufinsa dhaabsisa jira.183Barmaatni kun irra jireesani bulchiinsa gandaa Godinalee Harargee keessaa jiraan keessatti sirriittii mul’ata.Fakkeenyaaf, waan caattiif jedhaani matta’aa kennuun waan safuu hin qabne ta’u irra kan ka’e, abbaan dhimmaa jalqabaa waan caatti abbaa arradda tiif kenne akka barbaadeetti ragaan kan kennaamuf (barreessaanif) ta’uu, gareen biroo qarshii fooyya’a yoo kenne ragaan duraannii dogoggooraan barraa’ee jechuun darbe darbe ni mul’ata.Hima biraan, ragaan qaama matta’aa qarshii guddaa kenneef yeroo tokko tokkoo kan kennaamu dha.184

Itti dabalees,oggeeyyiin seeraa af-gaaffii deebisaan akka jedhaanitti falmii qabiyyee lafaa ilaalchise yeroo baay’ee gabaasni yookiin ragaan WLEN fi Bulchiinsa Gandaa irra dhiyaatu kan hunda’uu ragaa nama dhaga’uu irratti waan ta’eef gabaasni haala kannaan dhiyaattu sababoota lama irraa kan ka’e fudhaatama qabachuu hin qabu jedhu.sababni inni tokkooffa, falmii harka qabu irraatti ragaa nama dhaaga’uf aangoo kan qabu mana murtii qofaadha waan ta’eef gabaasni qaamoleen kan biraa ragaa nama dhaaga’uun dhiyeessan fudhaatama hin qabu jedhu.sababni inni lammaaffaa, gabaasni ragaa nama dhaaga’uun dhiyaatu ragaa ogummaa (expert opinion) dha jechuun hin danda’amu waan ta’eef manni murtii akka ragaatti fudhachuun isa sirrii miti jedhu.Akka yaada kannatti, hanga qaamoleen ragaa kennaan kun ragaa sirnaawwa fi ogummaa kennu hin dandeenyetti manneen murtii ofuummaan raggoota waameosoo dhaaga’e wayyadha jedhu.



  1. Bulchiinsa Magaala

Bulchiinsi magaala yookiin mannii qopheessa falmii qabiyyee lafa magaala fi mana magaalan walqabattu irratti qaama ragaa ogummaa akka kennuf manneen murtii Naannoo keenyaa itti fayyadaamma jirani dha. Al-naamusummaan(matta’aa, firommaan hojjechuu) hojiin hojjeetammu qaama kannaa keessatti baal’innan kan mul’atu ta’uu irra kan ka’ee,lafti osoo hin jiree kartaa hojjeechu,ragaa jijjiiru, lafa tokkoo nama lamaaf ragaa irraatti kennuu,lafaa nama irratti ragaa kennuu, bakka tokko tokkootti gabasnii dhiyaatu nutti fakkaata kan jedhuu ta’uu fi dhimma tokko irraatti gabaasa adda addaa dhiyyeessuu irra kan ka’ee murtii manneen murtii falmii lafaa fi mana maagala irratti kennamuu yeroo hedduu namootni itti quufinsa akka dhabaan gochuun jira jedhuu duubii fiixootni Bulchiinsa magaala fi abukaatoonni dhimma kanna ilaalchise af-gaaffii waliin taasifnee.Dhimma kana qabbatama taasisuf fakkeenya armaan gadii haa ilaallu:

Falmii Alamaayyoo Balaay Vs. Yeneenesh Admaasuu gidduutti Mana Murtii Aanaa Bachoo lakk.galmee 14943 ta’e irraatti himataan qabiyyee lafa magaala Tulluu Boolloo keessa bara 1982 kara seera qabbeessa ta’een naaf kenname maqaa kootiin galma’ee jiru himatamtuun mirga tokkoo male bara 1999 mana irratti ijaarateetti jechuun himatee mannii murtiichaa Bulchiinsii Magaala Tulluu Boolloo qabiyyee falmiif sababa ta’e irratti ragaa kan qabu enyuu akka ta’e gaafatame gabaasa xalaaya lakk.BMTB/1536/06,guyyaa 28/08/06 barreeffameen maqaa wal-falmitootan qabiyyeen lafa fi manni galma’e magaala Tulluu Boolloo keessa kan hin jire ta’u kan gaabase yoo ta’u,gabaasa yeroo lammaffaaf xalaaya lakk.BMTB/2055/06,guyyaa 7/11/2006n irra deebi’e gabaasen maqaa himataan lafti galma’ee kan jiru ta’u ibsera.Manni murtii Aanaa gabaasa kan irratti hunda’uun qabiyyeen kan himataatti jechuun kan murteessee ta’ee hanga mana Murtii Waliigala Oromiyaa lakk.galmee 196198ttittii ol’iyyannoon kan deemammee ta’u hubanera.



  1. Hospitaaloota fi Buffaata Fayyaa

Falmii dhimma yakkaa tokko tokkoo fi beenyaa miidhama dhuunfaa irra ga’ee ilaalchise hangaa miidha qaqaabe fi midhaan jirachuuf dhisuu keessatti ragaan hospitalaa fi buuffaata fayyaa irra dhiyaattu gahee ol’aanaakan qabu ta’uun isa kan waal nama gaaffaachisu miti. Haata’u malee, darbee darbe ragaan qaamotaa kana irra dhiyaattu firooma fi faayidaa irratti hunda’ee kan barreeffaammu waan ta’eef, midhaan gahee utuu hin jiranne hangaa midha ibsuu, midhaa dhuugaan qaqabe ol kassuu yookiin gadi bussuun barreessuun waan jiruuf murtii haqumma dhabsiissa jira.Dhimma kana ilaalchisee abukaatoon dhuunfaa tokko akkana jechuun ibsuu: “duri oggeeyyiin yallaa dudhaa hojii isaanii sirriitti kabaaju waan ta’eef ragaan kennaan dhuugaa fi kan amaanaammu dha, Yeroo amma dudhaan kun gadii bu’uu irra kan ka’ee qarshii dhibbaan(100) hawaasni ragaa sobaa bittachuun waal balleessaa jira.” jedhu185

Odeeffannoon abbootii seeraa, abukaatoota dhuunfaa fi abbootii alangaa faarra naamusa fi mallaamaltummaa irra argamee kan agarsisuu ragaan qaamolee adda addaa irra mana murtiif dhiyaatu amantaan kan irratti hin gatamne ta’uu irra kan ka’ee hawaasni murtii kennamu irratti itti quufinsa hin qabu,namni qarshii qabu,ragaa nama bittee dhiyyeeffata,ragaa garee kan biraas mallaqaan akka jechii jijiramu godhuu,qaamolee ragaa kennaanif matta’aa kennuun ragaa bittaatu waan ta’eef murtii haqa qaabessa ta’e kennuun rakkiisa dha jedhu.

Goolabuuf, Darbe darbee ragaan ogguumma qaamolee adda addaa irra dhiyaatu firummaa,matta’aa fi walitti dhufeenyaa irratti hunda’uun kan kennaamu waan ta’eef murtiin ragaa kana bu’uura godhachuun kennaamu dhuugaa qabataammaan hawaasa keessa jiru waliin wal-falleesa.Dandeettii fi naamusnii abbootiin seeraa Manneen Murtii Naannoo keenyaa ittiin ragoota kana qulqulliinnaa,amansiisuumma fi roogummaa isa walsimsiisuun murtii kennaan rakkoo kan qabuu ta’uun itti dabaalame sababoota murtii manneen murtii Nannoo Keenyaan kennaamanitti itti quufinsa dhaabsisuun ol’iyyannoon akka deemaammu taasisaan keessa isa ol’aanaadha jechuun ni danda’ama.

D. Abukaatoota fi Barreessitoota Uummataa

Abukaatoonni fi barreessitoonni uummataa sirna haqaa naannoo tokko fooyyessuun tajaajilli haqaa sadarkaa isaa eeggate akka kennamu, ol’aantummaan seeraa akka mirkanaa’u gochuu keessatti gahee bakka hin bu’amne bahuu ni danda’u jedhame yaadamma.186Hanguma kana hojii isaanii naamusaa fi gahumsa barbaachisuun kan hin hojjenne yoo ta’e kenniinsa tajaajila sirna haqaa naannoo tokkoo irratti rakkoo uumuu ni danda’u.Gabaabumatti abukaatotaa fi barreessitoonni dhimma uummataa taatewwan sirna haqaa biyya tokko keessatti raawwatan irratti qooda kallachaa ni qabu.Kanaafuu, abukaatoo fi barreessitoonni dhimma uummataa ol’iyyannoon manneen murtii Oromiyaa keessatti baay’achaa jiruun wal qabatee gahee isaan qaban ilaaluun barbaachisaa dha.

Abukaatoonni dhimmoota manni murtii dogoggoraan murteesse kanneen hanqina qulqulleessaa fi hiikkoo seeraa qaban ogummaadhaan madaaluudhaan ol’iyyachuun mana murtii sadarkaa itti aanutti akka sirratu taasisuuf falmuuf dirqama qaba.Haa ta’u malee, abukaatoon tokko tokko murtiin kenname dogoggora kan hin qabne ta’uu utuu beekanii haalli ittiin ol’iyyannoo fudhatan ni jira.187Kunis kan ta’uu danda’eef abukaatoonni tokko tokko dhibbaa abbaa dhimmaa dandamachuu waan hin dandeenyeef,maallaqaa argachuuf qofa waan deemaniif,abbaa seeraa loogudhaan murtii haqa qabeessa jijjiirsisuuf waan yaadaniif, fi hanqina hubannoo seeraa(dandeettii) waan qabaniifi dha.188

Barreessitoonni uummataa naannoo keenyaa baay’inaan namoota barumsa ogummaa seeraa gahaa ta’e hin qabne dha.Barreessitoonni uummataa akkuma abukaatotaa dhugaa baasudhaan dirqama murtii haqaa kennisiisuu ni qabu.Barreessitoonni dhimma uummata himata qulqullina qabu,kan ulaagaa seerri gaafatu guutee argame barreessuuf dirqama qaba.189Komii ol’iyyannoo yeroo qopheessanittis haqa baasu,jallina haqaa fooyyessu giddu galeessa godhachuun hojjechuu qabu.Haa ta’uuti barreessitoonni uummataa maallaqa argachuuf qofa jecha,dhibbaa abbaa dhimmaa dandamachuu dadhabuudhaan,fi sababa hanqina gaahumsaatiin dhimmoota hin komachiifnerratti komii ol’iyyannoo yeeroo dhiheessan ni mul’atu.itti dabaales maallaqaa argataan qofa illaalun murtii sirrii ta’e irra abbaan dhimmaa ol’iyyannoo akka deemuf kakasuun ni mul’ata.kana malees,murtiin kennaame haqumma qabachuuf dhisuu,yoo ol’iyyannoon fudhaatame abbooti dhimma akka basuu fi dhissuu hubachisuun hin jiru.190

Abukaatoo fi barreessitoonni uummataa dhimmoota hin komachiifne ogummaadhaan madaaludhaan gamanumaan akka hin komachiifne gorsuu dhabuun ol’iyyannoo heddummeessu irra darbuun uummanni ykn abbootiin dhimmaa yeroo fi maallaqa ofii akka qisaasan,manni murtii yeroo fi baajata akka qisaasessu,uummannis hojii ogummaa abukaattummaa irraa amantaa akka dhabu kan taasisu dha.Kanaafu.abukaatootni fi barreessitoonni dhimma uummataa tokko tokkoo faayidaa argataan qofa illaalun murtii sirrii ta’ee irra akka ol’iyyannoon deemaammu abbootii dhimmaa kakasun,baddii offiin raawwataanif ol’iyyannoo akka fuurmatatti ilaalu fi abbootii dhimmaaf goorsa sirrii ta’e kennu dhabuun Manneen Murtii Naannoo kenyaa keessatti ol’iyyannoon akka baay’atu sababoota taasisaan keessa tokko jechuun ni danda’ama.


Yüklə 0,57 Mb.

Dostları ilə paylaş:
1   2   3   4   5   6   7   8   9   ...   12




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin