Bulchiinsa mootummaa naannoo oromiyaa biiroo induustirii fi misooma magaalaatti



Yüklə 230,34 Kb.
səhifə2/6
tarix14.01.2018
ölçüsü230,34 Kb.
#37787
1   2   3   4   5   6

Yookiin,


Gama birootiin ammoo, misoomnii fi maanajimantiin lafa magaalaa akka sirna ofdanda’eetti (fulfiladged System philosophy) yoommuu ilaalamu yaa’iinsii fi walitti hidhiinsi qaamota adda addaa kan sirna sana keessa jiran hundi isaanii akka maappii armaan gaditti ibsameen kaa’uun ta’a.

c:\users\nasradom\appdata\local\temp\msohtmlclip1\01\clip_image001.jpg

Gama biratiin ammoo, yaa’insa adeemsota hojii sirna lafa mootummaan mirga abbummaa lafaa itti qabaatutti shoorri mootummaa lafa uummataa adda baasuun(inventary) eeguu, misoomsuu fi dabarsuu waan irraa eegamuuf yaa’insi hojii gahee kana bahuuf taasiifamu akkaataa maappii armaan gaditti ibsameen ta’a.|

Adeemsota hojii invantarii fi baankii lafaa

Adeemsota hojii qorannoo misooma lafaa

Adeemsota hojii ijaarsa bu’uura misoomaa

Adeemsota hojii Lafa gadilakkisisuu fi deebisanii kurfessuu


Adeemsota hojii gabaa lafa magaalaa

Adeemsota hojii to’annoo fi gamaaggamaa


Dabalataaniis akkuma sirna mootummaa hunda keessatti raawwatamuun mootummaan biyya keenyaa yaa’insa hojiilee ijoo yeroo akka mootummaatti tajaajjila to’annoo kennuu irrattii raawwataman ammoo maappii armaan gadiittiin kan ibsamanidha.

Pilaanii ittii fayyadama lafa magaalaa

Galmeessa qabiyyee lafa magaalaa/kaadaasterii

Sirnaa fi hojimaataa tilmaama qabiyyee

Kenninsa hayyama ijaarsaa
Hordoffii fi gamaaggama

Odeeffannoo lafa magaalaa


Yaad-rimeewwan armaan olitti ibsaman irratti hundoofnee kan biyya keenyaa kan ilaallu yoo ta’e, akkaataa heera mootummaa keenya keessatti ifatti taa’een lafti qabeenya uumaamaa fi abbummadhaan kan sabaa fi sablammii uummata itiiyoophiiyaa fi kan mootummaa akka ta’ee dha. Sirni lafti magaalaa kamiyyuu ittiin qabamu sirna seeraan murtaa'uun qofaani dha. Sirni kun sirna kiraa (yeroo darguu keessa lafa magaalaa dabalatee fi lafa baadiyyaa) fi liiziin akka ta'u seerota bahaniin murtaa'eera.

Kanaaf, sirna misoomaa fi maaanajimantii lafa magaala keenya yoommuu fooyyeessuu fi jijjirama bu’uura sirnicha keessatti fiduuf hojjennu yaad-rimee shoora mootummaa qooda gurguuddoo lama (misoomsuun mirga itti fayyadamaa kennuu = abbaa lafaa waan ta’eef, akkasumas mootummaa waan ta’eef pilaanii qopheessuun hojiirra oolchuu, kenna tajaajila galmeessa, mirkaneessaa fi tika mirga qabeenya lafaa fi lafaan walqabatuu, kenna hayyama misoomsuu (hayyama ijaarsaa dabalatee) (regulatory role) ilaalchaa keessa galchuu fi buu’uura taasifachuun dirqama ta'a.

Yaad-rimee kanarraa ka’uun aangoo fi gahee hojii labsiin Ejensiif kennamee ilaachisee dhimmootni hedduun kan haguuggii argatan yoo ta’u, kanneen akka hanqinaatti bira dabramuu hin qabne bakka lamatti qooduun ni danda’ama. Isaanis, labsii keessatti aangoo fi gahee Ejensichaa ta’anii qabatamaan garuu qaama birootiin hojiiwwan raawwatamaa jiranu jiraachuu, (Fkn, Kenniinsa hayyama ijaarsaa,) fi hojiiwwan haguuggii seeraa irratti kanneen iftominni hanqatuufi kan tasuma ifatti osoo hin kennaminiif ykn abbaa kan hin qabne jiraachuutu mul’ateera. (Tarreeffama xiinxalaa gama kanaan jiru of dandeessisuun gaditti dhiyaateera.)
Kutaa Lama


  1. Haala Qubsumaa fi Sirna Bulchiinsa Lafaa Biyya Keenyaa

    1. Haala Qubsuma Uummataa fi Barbaachisummaa Foyyaa’insa Sirna Hoggansa Lafa Magaalaa Naannoo Keenyaa

Addunyaarratti ilmi namaa akkataafi bakka qubsuma isaatiin magaalaa fi baadiyyaa jedhamee moggafamee waamamuun isaa guddina qaroomina ilama namaa waliin moggaasa beekamaa dhufeedha. Moggaasa kana adda baasuuf ulaagaawwan adda addaattis fayyidaarra oolaa tureera. Qubsuma magaalaafi baadiyyaa adda baasuuf Safartuuwwa Sadarkaan Magaalummaa (Urbanization level) itti safaramu adda adda ta’us kan beektota seekterichaa fi dhaabbilee addunyaa tokko tokko itti gargaaramanu safartuuwwan lama dha. Inni jalqabaa rukkina (density) qubsummaa yoo ta’u, kunis ka’umsaaf (threshold) iskuweer kiiloo meetira tokko keessa namootni 150 yoo jiraatan magaala akka jedhamuudha. Inni lammataa ammoo, yeroo amnaa (travel time) yoo ta’u,namni tokko magaalaa baay’ina uummataa 50,000fi ol qabu bira gahuuf adeemsa sa’aa tokko hin caalle yoo ta’e magaalaa jedhamee qoodama. Haata’u malee, Safartuun dhimma kanaa biyya keenyaasafartuuwwan kana lameeniinuu ala ta’eetu argama. Safartuun biyya keenyaa baay’ina uummataa naannawa tokko jiraatu yoo 2000 ol ta’eefi maddi galii isaa %50 ol hojii qonnaan ala yoo ta’e magaala jedhamee ramadama.

Bu’uuruma kanaan haala qubsuma biyya keenyaa, Itoophiyaa, yoo ilaallu uummatni gara %84 ta’u qubsumni isaa baadiyyaa keessa akka ta’e ragaaleen istaatiksii biyyoolessaa lakkoofsa manaafi uummataa bara 1999 geggeeffame kan mul’isu yoo ta’u, bara xumura 2007 tti lakkoofsi kun Mill 93.3 (Baadiyyaa 74.7 (%80) fi Magaalaa milliyoona 18,6(%20) akka ta’ee ragaan tilmaamaa madda adda addaarraa argame ni agarsiisa. Kun kan agarsiisuu ummatni magaalaa waggoota 8 keessaatti %6 guddaachuu isaati.

Haaluma Walfakkatuun, uummatni Oromiyaa Lakkofsaa Ummataa fi Manneenii bara 1999 gaggeeffameen waliigalaan Mill 27.2 (Baadiyyaa Mill 23.7 (%87.8) fi Magaalaa Mill 3.3 (%12.2) akka ta’e ragaan jiru ni mul’isa. Gudina waliigalaa ummataa %2.9 akka turee fi kan magaalaa yeroo walfakkatuutti keessatti %4.6 guddachaa akka ture ragaan Ejeensii Istaastiksii Giddugaleessa (CSA) bara 1999 ni addeessaa. Bara 2007 ummatni magaalaa fi baadiyyaa saffisinni guddina ummata baadiyyaa fi magaalaan yoo shallagamu, baayyinni uummata waliigalaa Oromiyaa Mill 35.3 (Baadiyyaa 30.2 (%85.55) fi Magaalaa Mill 5.1 (%14.45) akka ta’u tilmaameera. Kunis waggootaa 8 keessatti ummatni magaalaa %2.25n dabaluu isaa kan agarsiisu dha. Haa ta’u malee, ammaas ummatni garri caalaan baadiyyaa kan jiraatuu yoo ta’es, babal’inni magaaloota baayyee ariitiidhaan guddaachaa akka jiruu fi gudinni ummataa magaalaas, waggaa waggaan bayiinaan dabalaa akka jiru ragaaleen jiran ni mirkaaneessu. Kana irraa kan hubbatamu, magaalummaan Oromiyaa %14.45 irra gahuu kan agarsiisuu fi kun akka biyyaatti kan jiru %20 irraa %5.55 gad bu’aa ta’uun carraa ummatni Oromiyaa magaalaa jiraatuu ariitiin dabaluuf qabu kan agarsiisuu dha. Kun akka biyyaa fi Oromiyaattis itti fuufaa akka jiru, ragaan arman olii irraa hubaachuun ni danda’ama.

Bifuma walfakkaatuun, babal’ina magaalotaas yeroo ilaallu lakkofsa uummataa biyya keenya keessatti bara 1984tti geggeeffameen baay’inni magaalota uumata 20,000 hanga 50,000 keessa jiraatu 21 qofa kan turan bara 2007 ALA 88 gahee jira. Yeroo walfakkaatu kanatti baay’inni magaalotaa uumata 50,000 ol keessa jiraatu 10 qofa kan turan 27 gaheera. Lakkofsa magaalaalee kanneen keessaa irra caalaan jaraa kan naannoo keenyaa, Oromiyaa, ta’uu isaati. Naannoo keenyatti bara 1984 baay’inni magaalotaa uumata 20,000 hanga 50,000 keessa jiraatu 7 qofa kan ture bara 2007 ALA 32 gahee jira. Yeroo walfakkaatu kanatti baay’inni magaalotaa uumata 50,000 ol keessa jiraatu 3 qofa kan ture 8 gaheera. Baay’ina magaalotaatiin yeroo ilaallu, Itiyoophiyaa keessa bara 2007tti gandoota xixiqqoo amalaa magaalummaa qaban dabalatee magaalota 1,223 jiran keessaa 629 (%51) naannoo Oromiyaa keessatti kan argaman yoo ta’u, lakkofsi kun, bara 2001tti A.L.I magaaloota akka biyyaatti jiran 1000 keessaa 400 (%40) Oromiyaa keessaa akka turee dha.

Akka waliigalaatti yeroo ammaa kana ragaaleen adda addaa akka agarsiisanutti saffisni guddina magaalotaa akka biyyaatti waggaadhaan giddigalaan %5.4 akka dabalaa jiruu fi kan naannoo keenyaa ammoo saffisa kanaa oliitiin akka dabalaa jiruu dha. Haala kanaan yoo ittifuufe akka itiyoophiyaattii bara 2007 ummatni magaalaa %20 irra jiru, Bara 2017 dhumattii gara %30tti, bara 2022tti immo %35 irra akka gahu tilmaameera. Kana keessaa gaheen magaalootaa Oromiyaa guddaa akka ta’e hubachuun ni danda’ama. Dhimmootni dhimma kanaaf akka sababaatti tarreeffamanu, uummatni irra caalaan baadiyyaa keessa jiraachaa jiraachuun uumama saffisa kanaaf carraa bal’aa kan uumu ta’uun akkuma eegametti ta’ee, akkaataa Ministeera Misoomaa Magaalaa, Manneenii fi Konistraakshiinii qaamoolee sadiin qorannoo qorraachiseen bu’aa qaamoolee sadaanin argame kan walfakkatuu fi waggoota itti aanaan keessatti giddugallii baadiyyaa baayyeen gara magaalattii waan jijiramaniif, akkasumas pirojaaktoota gurguddoo (Mega Projects) ijaarama jiran kan akka Warshaa Suukaaraa, Warshaa Xa’oo fi kan kana fakkataan magaaloota haaraa uumaa waan deemaaniif akka ta’e qorannoon qaamoolee qorraattoota offdanda’an kanaan gageeffame agarsiseera. Kana malees babal’anni bu’uuraalee misoomaa biyyaattii keessatti sadarkaa olaanaan geggeeffamaa jirus sababa dabalataa ta’uun, akkasumas guddinni diinagdee saffisaa ta’e fufiinsaan galmaa’aa jiraachuunis sababoota dabalataan qorannaaleen adda addaa addeessanuu dha.

Haa ta’u malee, babal’inni magaalaalee dabalaa jiraatus baay’ina uummata keenyaa dabalaa deemuufi sadarkaa ga’een qubsuma magaalotaa akka waliigalatti qabuun waliin yeroo walbira qabamee ilaalamu bay’ee gadaanaa fi gara fuula duraatti saffisni guddina magaalotaa akka biyyaattis ta’ee naannoo keenyaatti akka dabalaa deemuu dha. Kanaaf haalawwan ka’umsa ta’anu haala kallattii guddina diinagdee saffisaa biyyi keenya galmeessiftuun walqabatee babal’inni warshaalee dabalaa deemuun humna namaa baadiyyaarraa gara magaalaatti harkisuun, qotee bulaaniifi horsiisee bulaanis qabeenya argataa deemaa waan jiruufi fedhiin jireenya magaalaa isaa dabalaa jiraachuunfi kkf akkuma jirutti ta’ee baay’inni uumataa dabalaa deemuunis sababa qabatamaa mul’ataa jiruu dha.

Guddinni magaalaalee keenyaa kun saffisa isaa kana keessummeessuuf hojiileen bal’aan gama misooma magaalaatiin nu eeggatanu bal’aa ta’uu isaa hubachuun ni danda’ama. Kana malees magaalaaleen jiru jennus harki %70 kan ta’anu kan tortoranii(slum area)fi jireenyaaf mijaawaa kan hin taanee dha. Rakkoo magaalaalee keenyaa kan jiru kana hiikufis ta’ee, fedhii babal’ina magaalotaa keessummeessuuf himaammatnii fi tarsiimoon misoomaafi bulchiinsa gaarii nu dandeessisu sadarkaa hundattu qabaachuun barbaachisaa dha.

Keessumattuu haala qabatamaa naannoo keenyaa giddu galeessa godhannee yeroo ilaallu ammoo uummanni baay’een baadiyyaa keessa kan jiraatu ta’uun, yeroo ammaa kana xiyyeeffannaa misooma baadiyyaatiif kennameen galiin qonnaan bulaa dabalaa deemuun, dhiheessi bu’uuraalee misoomaa keessumattuu babali’inni daandii jirachuun teessuma lafaa naannichaa akka biyyaatti qabu giddu galeessaafi mijaawaa ta’uun gara fuula duraatti saffisinni babal’ina magaalaalee naannichaaf sababoota bu’uraa ta’anii itti fufu jedhameetu eegama.

Babali’nni magaalaalee kun sadarkaa gadiirraa jalqabee (gandaa)hanga magaalaalee gurguddootti kan itti fufu ta’a. Babali’inni magaalaalee kun ammoo lafarratti kan geggeeffamu waan ta’eef bulchiinsiifi itti fayyadamni lafaa keenyaa kan kana hubatee fi fagoo aggamee kan deemu ta’uun dirqama ta’a. Kun akka jirutti ta’ee, guddina fufiinsa qabuu fi ariifataa ta’e akka biyyaattis ta’ee akka naannoo keenyaatti dhugoomsuuf sirna dirgommii sadarkaa addunyaatti jiru(Globalization) keessatti dorgomaa ta’anii argamuun dirqama waan ta’eef, dirreen buufata dorgommii kanaa bakkeewwan dhaabbileen oomishaa fi tajaajilaa (dhaabbilee maallaqaa dabalatee) itti walitti qabamuuf filatan magaalota keessatti waan ta’eef magaalota keenya dorgommii kanaaf qopheessuun dhimma filannoof dhiyaatu miti. Kanuma waliinis dhimmi faalama qileensaa dhimma ajandaa addunyaa waan ta’aa dhufeef, kun ammoo hoggansa lafaa waliin kallattiin kan walqabatu waan ta’eef haala bulchiinsa lafa magaalaa irra deebinee ilaaluun dirqama ta’a.


    1. Sirna Bulchiinsa Lafa Biyya Keenyaa

      1. Sirna Darguu Dura(Bara !967 A.L.I Dura)

Baroota kanatti lafti abbummaa nama dhuunfaatiin qabamee kan bulu (Afaan yeroo sanaan -“Riste-Gult”) sirna itti bulu ture. Yeroo sanatti laftis namni laficha irra jirus akka waliigalaatti kan qabeenya mooticha moototaa yoo ta’u, firoottansaa fi hoggantoota waraanasaaf bifa kennaa, badhaasaan hanga barbaade kan itti kennamu ture. Namootni haala kanaan lafti kennameef laficharra kan jiraatu nama kaminuu lafichatti akka itti fayyadamu, faayidaa argaturraa akka goodu, yoo barbaadan lificharraa ari’uuf mirga guutuu qabu.

Mirga laficharratti jiraattotni qabanu bakka bakkatti garaagarummaa kan qabu yoo ta’u, Fkn, naannoo kaabaatti jiraattotni abbaa qabiyyee lafummaaf mirga kan qabanu ta’ee, garuu faayidaa laficharraa argatanu abbaa lafaa (Fiwudaalicha) naannoof galchuuf ni dirqamu. Naannoo kibbaa, dhihaa, baha, giddugaleessa biyyatti dabalatee jiraattonni mirga tokkollee lafarratti hin qabanu (land-less) turani. Bakkeewwan uummatni horsiisee bulaan irra jiraatu bakkeewwan muraasaan ala sirnichi uumatichas ta’ee lafa isaa to’atee bulchuuf haala mijaawaa hin arganne waan tureef maqaa “Zallaan” jedhus kan moggaaseef kanaaf fakkaata.

Sirni kun seerota yeroo adda addaa tumataa tureen abbaan qabeenyummaa lafaa mootichaafi angawoota sirnichaa qofaaf kan raggaasisaa turee dha. Seera Haariiroo Hawaasummaa bara H/Sillaaseee tumameenis sirni lafti ittiin bulu “Rist” yaada Afaan Ingiliffaan” Free hold” jedhamuun ture.

Kun akkuma jirutti ta’ee, sirni bulchiinsa lafa magaalaa yeroo jalqabaaf biyya keenya keessatti kan jalqabame akka A.L.A bara 1907 yeroo nugusa Minilik II seera baheen yoo ta’u, seera kanaan hojmaatni galmeessa bittaa gurgurtaa, kenniinsa ragaa qabiyyee lafaa (Title Deed), taaksii qabeenya dhaabbataa, murtee taaksii dabarsa qabeenyaa fi kkf hojiirra akka oolu ta’uuf bahee ture. Haata’u malee, abbootiin lafaa waan fudhachuu didaniif ajajni seeraa biraa bara 1921 A.L.A irra deebiin baasuun qabiyyeen lafaa ragaa galmeessaa hin qabne akka hin gurguramne, wabiinis akka qabamuu hin dandeenye ajaja dabarsuun dirqisiisuuf yaalameera. Hanga bara 1938 tti qabiyyeewwan 45,000 galmaawaniiru. Seerotni kun hanga bara 1995 (88)tiitti waggoota 80f hojiirra tureera.

Sirnuma kana keessatti lammileef dhaabbilee biyya alaaf sirna liiziitiin lafti kennamaa akka ture ragaawwan ni mul’isu. FKn, qabiyyee lafa Mana Barnootaa Saint Yosef, Lisee Mariyaam, Gootara Dippoo boba’aa fi KKf kaasuun ni danda’ama.

Sirni kun sirna hacuuccaa waan tureef qabsoo uummata wal irraa hin cinneen fonqolchamuun Darguun aangootti ol-baheera. Darguunis tarkaanfii fudhate keessaa inni tokko sirna bulchiinsa lafaa jijjiiruu ture.



      1. Sirna Bulchiinsa Lafaa Bara Darguu(Bara 1967-1983 tti)

Darguun abbummaan qabeenyummaa lafaa gara nama dhuunfaarraa gara mootummatti akka darbu sirna dandeessisu baadiyyaa fi magaalaatti hojiirra oolchee ture. Lafa magaalaa kan ilaallatu labsii lakk.47/67 yoo ta’u, labsiin kun manaa fi lafa magaalaa kan maatii tokkoof murtaa’een ol kan jiru hunda dhaalee fudhachuun mootummaa jala akka oolu taasiseera. Kana malees, bal’inni lafa mana jireenyaa maatii(Abbaa/Haadha Warraa) tokkoof hayyamamu karee meetira 500 ol akka caaluu hin qabne daangaa kaa’eeraa.

Lammiin biyyattii mirgi qabu/du “mirga itti fayyadamuu” qofa yoo ta’u, mirgi kunis mirga laficha gurguruu, kireessuu, dhaalchisuu, qabsiisanii liqeeffachuu, kennaan dabarsu hunda kan of-keessatti hin qabne ture. Laftis kan lammiileef itti hayyamamuufi bulu sirna “Mirriitii” (permit hold) jedhamuufi kiraa waggaa waggaan kafalamuun akka ta’u labsamee raawwatamaa tureera.

Sirna kana keessa manneen dhalaman gaatii baay’ee xiqqaa ta’een akka kireeffamanu ta’uurra darbee manneen kana haaromsuufis sirni diriirfame waan hin turreef magaalotni manneen kun keessa baay’inaan keessa turan yeroo malee akka duloomanii fi tortoran gumaacheera. Kana malees, lafti mirriitiin kennamus bu’uura misoomaa osoo hin guutin kan hiramaa turee fi galiin bulchiinsa magaaloota baay’ee xiqqaa waan tureef (lafarraa kiraan lafaa sassaabamu xiqqaachuurra darbee “hin jiru” jechuun ni danda’ama) rakkoon fedhii bu’uura misoomaa yeroodhaa gara yerootti dabalaa deemeera. Sababa kanaanis, magaalotni guddinni isaanii akka quucaree of duuba deemu ta’aa turuun ala har’a kuufama rakkoolee bu’uura misoomaa magaalota keessatti mul’aachaa jiruufis adeemsa ga’ee qabu ture.

Bu’aan imaamata dogongoraa sirnichi diinagdee, siyaasaa fi hawaasummaa irratti tarkaanfachiisa ture biyyi keenya beela, deega, waraana waliinii fi mormii uummata bal’aa waan uumeef sirni kunis sirna diinagdee soshalizimii isaa waliin qabsoo uummataan xumura argateera.



      1. Sirna Darguu Booda

Sirna Darguu kan fonqoolchan humnootni dhaaba siyaasaa A.D.W.U.I jalatti gurmaawan mirgoota siyaas-dinagdee uummatni biyyattii irraa jaarraa tokkoo ol-mulqamee turee gonfachiisuu danda’aniiru.Sabaa fi sab-lammootnii fi uummatni biyyattii mirga ofiin of bulchuu irra darbee hangafottooquutti gonfateera.

Kana malees, sirni diinagdee biyyattiin hordoftus “Sirna gabaa bilisaa” akka ta’u murtaa’eera. Sirni gabaa bilisaa lammiin kamitinuu daangaa tokkoon maleetti hojjeteehumnaafi dafqa isaatiin qabeenya horachuu fi itti fayyadamuu sirna dandeessisu waan ta’eef, qabeenyi uumamu kun ammo lafarratti kan raawwatamu ta’uusaatiin mirgi lafarratti lammiileenis ta’anii abbootiin qabeenyaa (kan biyya keessaas, kan alaas) qabanu ifatti seeraan mirkanaa’uu waan qabuuf labsiin kanuma dhugoomsu kan jalqabaa labsiin lakk.80/1986 labsameera. Labsiin kun lafti magaalaa sirni ittiin kennamuu, ittiin buluu fi mirga namootni lafarratti qabanu ifa taasise, labsii sirna liizii biyya kana keessatti beeksise isa jalqabaati. Mirga namni tokko lafa magaalaa fi qabeenya isaa irratti qabu ifatti kaawuun barbaachisummaa labsii kanaa tokko ta’ee kan biroon ammoo lafti akka qabeenya tokkootti deebi’ee madda kappitaalaa ta’ee akka tajaajilu namni lafa liiziin argate qabsiisee ittiin akka liqeeffatu dandeessisuuf, Kanaan alas, magaalotni galii kanarraa argamuun bu’uuraalee misoomaa diriirsuufi rakkoo dhiyeessii mana jireenyaa furuun misooma magaalotaa saffisiisuu akka danda’anu taasisuu kan kaayyeffate ture.

Waggaa tokko boodas heerri mootummaa biyyattii abbaan qabeenyummaa lafaa uummataa fi mootummaa ta’uu ifatti kaa’ee mirga qonnaan bulaanis ta’ee abbaan mirga qabiyyee lafaa qabus/argatus qabiyyee isaa irratti qabu, akkamitti lafa argachuu fi itti fayyadamuu akka danda’u labsameera.

Kana malees, sirni caasaa mootummaa biyyattii sirna federaalawaa akka ta’uu fi mootummootni naannolee lafa dabalatee qabeenya uumamaa akkaataa seera federaalli baasuun mirgi bulchuu kennameeraaf. (Heera Mootummaa Keeww. 50(2-d))



        1. Himaammataa fi Tarsiimoo Foyyaa’insa Sirna Bulchiinsa Lafa MagaalotaaBiyya Keenyaa

Himaammatni diinagdee biyyakeenyaa himaammata diinagdee qonnaan durfamuun industiriitti ceesiisuu (ADLI) ta’uun isaa ni beekama. Himaammatichis bu’a qabeessummaan isaa guddina diinagdee si’ataa fi fufiinsa qabu, akkasumas uummata bal’aa fayyadamaa taasisuun mirkanaa’eera. Bu’aan diinagdee argamaa dhufe kun ammoo guddina magaalaalee diinagdeen isaanii industiriifi tajaajila irratti bu’uureffameef sababa ta’aa dhufee jira.

Babal’inni magaalaalee fi uumamni magaalotaa bifa kanaan dura biyyattii keessatti mul’atee hin beekneen mul’achaa akka jiru ragaa armaan olitti dhiyaaterra hubachuun ni danda’ama. Kana waliin fedhiin lafa magaalaas hojii invastimantiifi mana jireenyaaf yeroodhaa gara yerootti dabalaa dhufeera. Feedhiin kun fulduraafis daran akka dabalaa deemu ni amanama. Kanuma hubachuunis mootummaan rakkoo gama ga’eessummaafi bu’a qabeessummaa bulchiinsa lafa magaalaan walqabatee mul’achaa tureefi gara fuula duraattis uumamuu danda’u hiikaa deemuun akka danda’amu himaammataafi tarsiimoo baasuun hojirra oolchuu erga jalqabee bubbuleera.

Himaammatni akka waliigalaatti qabeenya lafaarratti biyyi keenya hordoftu abbummaan qabeenyummaa lafaa kan sabaafi sablammmota uummattoota fi mootummaa biyyattii ta’ee, lammileen mirga itti fayyadamaa akkamitti akka argachuu danda’anuu fi mirgi qabeenya lafarratti horachuun itti fayyadamuu isaanii ifatti heera mootummaarratti tumameera. Tumaa heera mootummaa kanarraa ka’uunis seerotni adda addaa tumamanii hojiirra oolaa jiru. Bu’uura heeraa kanarraa ka’uun seerotni adda addaa sirna hoggansa lafa magaalaa foyyeessuuf bahanii hojiirra oolaa turanii fi himaammataafi tarsiimoo biyyattii adda addaa keessatti dhimmoota sirna bulchiinsa lafa magaalaa irratti kallattiiwwan kahamanii hojiirra oolaa turan gaggabaabinaan armaan gaditti walduraa duubaan ilaaluuf yaalameera.


  1. Tarsiimoo Misooma industirii (Hagayya,1994)

Tarsiimookana keessatti lafti magaalaa misooma Industiriitiif oolu dursee adda bahee daangeffamuun bu’uurri misoomaa guutameefii abbootii qabeenyaaf karaa bu’aa ba’ii hin qabneen akka dhiyaatu kallattiin taa’eera.

  1. Tarsiimoo Misooma Magaalaa fi Industirii

Tarsiimoon kun bulchiinsa lafa magaalaa fi Misooma Magaalotaa walitti hidhee bulchiinsa gaarii waliin bal’inaan kaaseera. Haaluma kanaan, magaalaaleen misooma isaaniitiif qabeenyi guddaan qabanu baajata maallaqaa osoo hin ta’in qabeenya lafaa ta’uu eeree, lafti kun kara misoomawaa ta’een qabamee misoomaaf kan oolu yoo ta’e humna misoomaa guddaa ta’uu danda’ullee, itti fayyadamni isaa yoo bade garuu kira sassaabdummaaf haala mijaawwaa akka uumu ifatti kaaseera. Kanaaf, misooma magaalaa keessatti sirni bulchiinsa lafaa bulchiinsa gaariif dhimmoota murteessoo keessaa isa tokkoofi isa gudda dha jechuun jala mureera.

Kanarraa ka’unis tarkaanfiin jalqabaa sirna ragaa lafaa diriirsuu (kaadastara), fayuyadama lafaa pilaaniin hogganuu, bu’uuraalee misoomaa dursanii diriirsuun, lafa magaalaa kana qajeelfama ifa ta’e qopheessuun hojiirra oolchuu fi qusannaan misoomaaf dabarsuu fi oolchuun akka barbaachisu kallatti agarsiiseera.



  1. Imaammata Msiooma Magaalaa (Caamsaa, 2005)

Imaammata kana keessatti Rakkoowwan bu’uuraa Lafa magaalaa fi Barbaachisummaa imaammatichaa waliin walqabsiisee akka armaan gadiittu tarreesseera.

  • Rakkoo Bulchiinsa Gaarii Fi Ilaalcha Fi Gocha Kiraa Sassaabdummaa

Hojiin lafa magaalaa hojii kiraa sassaabdummaa adda addaatiif saaxilamu keessaa isa tokko dha. Kuni immoo hojii misoomaa fi bulchiinsa lafaa hojimaataa iftoominaa fi itti gaafatamummaa qabuu diriirsuun akkaataa barbaadamuun hojjechuu dhabuu, hoggnsi xiyyeeffannoo kennuun ilaalcha badaa keessaa bahee lafa misooma barbaadamuuf oolchuu dhabuu, caasaan sadarkaa sadarkaan jiruu fi hawaasa bal’aa biratti ilaalchii fi gochi kiraa sassaabdummaa hundee irraa dhabamuu dhabuun hudhaa guddaa mul’atu dha.

  • Galmeessaa Fi Qabiinsa Ragaa Lafaa Hammayyeessuu Dhabuu;

Invantarii lafaa gaggeessuun lafa bulchinu beekuu dhabuu, raga lafa fi lafaan walqabatu akkaataa barbaadamuun gurmeessuun qabachuu dhabuu fi kkf irraan kan ka’e lafa magaalaa muraasa jiru qusannaan itti fayyadamuu dhabuun weeraraa fi qisaasama adda addaaf saaxilma. Kunis, lafa magaalaa irratti rakkoo wal-xaxaa babal’atee fi ilaalcha fi gocha kiraa sassaabdummaa mul’atu haala itti fufiinsa qabuun hiikuu dhabuun misoomaa fi guddina magaalotaa naannichaa hanga barbaadamu mirkaneessuu dhabuun mul’ataa tureera.

  • Misoomaa fi Bulchiinsa lafa magaalaa cimaa uumuu dhabuu;

Lafa tajaajila adda addaatiif oolu bu’uura misoomaa barbaachisu guutuun qopheessuun misooma barbaadamuuf faayidaa uummataa fi mootummaaf oolchuu dhabuun rakkoo guddaa mul’atu dha.

  • Gabaan (transaction) lafaa fi qabeenyi dhaabbataa lafaa wajjin wal-qabatee jiru sirna iftoominaa fi saffisaa qabaachuu dhabuu;

Bittaa fi gurgurtaan lafaa fi lafaan wlqabatan gaggeeffamaa ture karaa gocha seeraan alaa fi lafti magaalaa misooma barbaadamuuf akka hin oolle taasisaa kan taure waan ta’eef imaammatni kuni sirna gabaa lafaa amansiisaa ta’e diriirsuun fala kan kaa’u dha.

Imaammata kana keessatti lafti magaalaa harka mootummaa uummataa jiraachuun akka haala mijaawaa tokkotti kaasuun, qajeelfamoota dhiyeessa lafa magaalaa 7 ta’anu tarreessuun, walduraa duba dhiheessa lafaas kaa’eera.



  1. Imaammataa fi Tarsiimoo Misoomaa fi Hoggansa Lafa Magaalaa (Hagayya, 2005)

Barreeffamni kun yeroo jalqabaaf akka biyyaatti lafa magaalaa ilaalchisee of danda’ee kan bahe dha. Dokimantiin kun hir’inoota sirna bulchiinsa lafa magaalaa keessatti mul’ataa turan bakka lamatti qooduun tarreessee adda baasuun fala tarsimawaa ka’eera. Hir’inoota Misoomaa fi Manaajimantii Lafa Magaalaa Keessatti Mul’achaa Turan ilaalchisee, bakka gurguddaa lamatti qooduun kan kaa’e yoo ta’u, kan jalqabaa Bulchiinsaa fi Misooma Lafa Magaalaa keessatti hanqinoota mul’ataa turaniidha. Isaanis,

  • Hanqinoota ga’eessummaa qophii pilaanii itti fayyada lafaa fi hojiirra oolmaa isaa,

  • Rakkoolee qophii lafaa ga’eessummaa qabuu fi kutaalee magaalootaa dullooman deebisanii haroomisuun walqabatanii fi

  • Hir’ina sirna bulchiinsa qabiyyee lafa magaalaa diriirsuu dhabuu fi rakkoo humna raawwachiisummaa.

Kan lamataa ammoo misoomaa fi hoggansa lafa magaalaan walqabatee hanqinootni mul’atan yoo ta’an; isaanis,

  • Ilaalchii fi gochi kiraa sassaabdummaa cabuu dadhabuu,

  • Gurmaa’insa/institution/ ga’eessummaa qabuu fi qophii sagantaa cimaa dhabuu,

  • Seerota gama kanaan bahan hojiirra oolchuu dhabuu,

  • Seerota gama kanaan bahan hojiirra oolchuu dhabuu,

  • Humna namaa ga’eessummaa qabu uumuuf sirna dandeessisu uumuu dhabuu,

  • Wiirtuulee qorannoo fi qorannoo, akkasumas jiddu gala ga’eessummaa gurmeessuu dadhabuu,

  • Qoophii lafaaf maallaqa barbaachisu bifa fufiinsa qabuun mirkaneessuu dadhabuu,

  • Sirna ragaa lafaa ammayyaawwaa diriiruu dhabuu,

  • Dhiyeessi iddoo hojii mijaawaa fi meeshaalee hojii itti fufiinsa bulchiinsa lafa magaalaa mirkaneessuuf barbaachisu guutamuu dhabuu fi

  • Hirmaannaan uummataa fi abbootii qabeenyaa gad-aanaa ta’uun adda bahaniiru.

Dookimantiin himaammataa kun rakkoolee/hanqinoota bal’inaan ibsuun hanqinoota kana furuun itti fayyadamaa fi bulchiinsa lafa magaalaa biyyattii haaromsuuf dandeessisanu qabxiilee xiyyeeffannoo imaammatichaa 5 (shan) adda baasuun tarsiimoolee imaammatichi itti raawwatamuu fi ga’ee qaamolee raawwachiiftuu federaalaa hanga bulchiinsa magaalaatti adda baasee kaa’eera. Qabxiileen utubaa himaammata maanajimantii fi misooma lafa magaalaa keessatti tarraa’an gurguddoo yaadachuuf akka tolu akka armaan gadiitti dhiyaataniiru.

  1. Sirna qophii fi raawwii itti fayyadama pilaanii lafa magaalaa cimsuu,

  2. Sirna qophii lafaa guutuu ta’e diriirsuun dhiyeessi lafaa misooma keenya bifa ariifachiisuun, gatii madaalawaa fi si’oomina qabuu danda’u ijaaruu,

  3. Sirna gabaa lafaa ifaa fi itti gaafatamummaa mirkaneesse diriirsuu,

  4. Sirna bulchiinsa lafaa fi qabiyyee lafaa hammayyaawaa fi cimaa ta’e uumuu fi

  5. Galmeessa mirga qabiyyee lafaa magaaloota keessatti raawwachuu kanneen jedhanuudha.

Qabxiilee gurguddoo himaammatichaa tarreeffaman kana hojiirra oolchuufis tarsiimoowwan dandeessisanu gurguddoo 8(saddeet) adda baasuun tarreesseera. Tarsiimooleen kunniin xiyyeeffannoo guddaa kan itti kennan hojii ijaarsa dandeettii raawwachiisummaa (misooma humna namaa, hojimaataa fi gurmaa’insa), bakka hojii mijaawaa uumuu fi dhiyeessa faayinaansii guutuu, akkasumas ijaarsa bu’ura misoomaa ragaa lafa irratti dha.

Xumura irratti, imaammataa fi tarsiimoolee kana raawwachiisuuf ga’een mootummoota naannolees imaammatichi kan tarreesse yoo ta’u, isaanis:



  • Poolisicha naannoo isaanii keessatti hojiirra oolchuu,

  • Himaamaticha raawwachiisuuf seeroota, dambootaa fi sagantaalee baasuu,

  • Seektera misoomaa fi manajimantii lafa magaalaa naannoo isaanii bu’a qabeessa gochuuf deeggersa ijaarsa dandeettii akka kennanuu fi

  • Himaammaticha hojiirra oolchuuf hojiilee gargaaranu hunda raawwachuun ga’ee jaraa ifatti kaa’eera.

Mootummaan Naannoo keenyaas himaammatichi bifa kanaan of danda’ee bahuun duras sirna bulchiinsa lafa magaalotaa foyyeessuuf sagantaaleen hojii adda addaa qopha’anii raawwatamaa turuun ni beekama. Kun akkuma jirutti ta’ee, kallattiiwwan himaamata lafa magaalaa kanaan taa’an hojiirra oolchuuf hojiiwwan rawwatamaa turanii fi hanqinoota turan adda baasuun bu’a qabeessummaa raawwii hojii himaammaticha hojiirra oolchuuf karoorfamanii hojjetamaa turanii madaaluun akka danda’amuuf kallattiiwwan himaamatichaan ta’ee fi haala qabatamaa naannoo keenyaa waliin wal-bira qabuun madaaluun barbaachisaa dha. Kanumarraa ka’uun kutaa itti aanu keessatti dhimmoota gurguddoo irratti xiyyeeffachuun ilaaluuf yaalameera.

        1. Seeroota sirna Bulchiinsa Lafa Magaalaan wal-qabatan

  1. Labsii Sirna Liizii Lafa Magaalaa lakk.80/1986 A.L.I

Labsiin kun yeroo jalqabaaf seenaa biyyattii keessatti labsii Darguun baase lakk. 47/67 tti aanee sadarkaa labsiitti bulchiinsa lafaa irratti xiyyeeffatee bahe yoo ta’u, sirni liizii (Kiraa liizii) sirna lafti magaalaa ittiin bulu akka ta’u kan labsee dha. Labsichi lafti magaalaa gatii fi yeroo murta’een namni/dhaabbatni lafa barbaadu waliigalteen akkamitti akka argachuu danda’uu fi mirgaa fi dirqama abbaa mirga qabiyyee liizii fi kan mootummaa adda baasee kaa’eera.

Namni lafa magaalaa liiziin argates qaama sadaffaaf mirga dabarsuu (kennaan, gurgurtaan, dhaalaan), qabeenya qabiyyee lafichaarraa qabuufi laficha waliin qasiisee liqeeffachuu, kkf kan qabu ta’uu sirna bulchiinsa lafaa Darguutiin bifa adda ta’een mirkaneesseedha. Lafti magaalaa sirna bulchiinsa lafa magaalaa darguutiin bulaa ture (labsii 47/67) dhawataan gara sirna liiziitti akka galu murteessera. Kunis yeroo qaama sadaffaaf qabiyyeen kun darbanu gara liiziitti akka galu kan yaadame ta’us tarsiimoon raawwii (Insetive or Disinsetive) waan hin turreef dabarsa qabiyyee seeraan alaa akka babal’atu gochuun ala qabatamaan hojiirra ooluu hin dandeenye. Galiin lafarraa liiziin qabame irraa argame keessaa yoo %90 magaalotni ijaarsa bu’uuraalee misoomaa fi manneen magaalaa baasii qusatanuuf (low cost house) akka oolchanu ni dirqisiisa.



Kana malees labsiin kun lafa magaalaa gadhiisiisuufis ta’ee, sirna kanaan walqabtee komiin seeraa itti dhiyaatuufi itti ilaalamuu dandeessisu kan hin diriirsine waan tureef manneen murtii lafa magaalaa gadhiisisuuf ajaja kennamu seera hariiroo hawaasummaa ‘’jeequmsi narraa hadhaabbatu’’ himata jedhu keessummeessuun lafa magaalaa gadhisisuun akka hin danda’amnee ta’eera. Kana malees, naannoleen sirnicha hojiirra oolchuuf haal-duree guutamuu qabanuu fi toofta itti hojiirra oolchan ifatti hin keenye. Sababoota kanaan hojiirra oolmaan isaa magaala Finfinnee keessa qofaatti kan daanga’ee fi achi keessattis gufataa tureera. Rakkoolee kana furuufis labsiin liizii lakk. 272/1994 bifa haaraan deebi’ee akka tumamu dirqamsiiseera.

  1. Labsii Liizii Lafa Magaalaa lakk. 272/94

Labsiin kun hir’inoota labsiin liizii duraanii qabu furuuf yaadamee, muuxannoowwan biyyoota alaa sassaabuun kan qophaa’ee ture. Labsii duraaniitiin garaagarummaan isaa qabiyyee durii gara sirna liiziitti galchuu bira darbuun, adeemsi lafti misoomaaf barbaadamu gadlakkisiifamu, akkasumas falmiin kanaan walqabate ka’uu danda’u manneen murtii idileen addatti bahee akka ilaalamu gumiin akka gurmaa’uu taasiisuun isaa isaan gurguddoo dha. Labsiin kun Finfiinnee fi Dirre Daawaan alatti lafa invastimantiif kennamu irra darbee bal’inaan hojiirra hin oolaa hin turre; naannoolees akka hojiirra oolchanu keewwatni dirqisiisu hun turre.

  1. Labsii lakk.455/1997 fi Dambii Faayidaa uummataaf jecha Gadhiisisa lafaa fi kafaltii beenyaa (Lakk.135/99)

Labsii fi Dambiin gadhiisiisa lafa (kan baadiyyaas ta’ee kan magaalaa) mirga abbaa qabeenyummaa heera mootummaa keessa taa’e hojiitti hiikuuf kan bahanii dha.

  1. Labsii Liizii lakk. 724/2004

Hanqinoota labsii lakk.272/94 keessatti mul’ataa turanii fi kallattii ADWUI’n bara 2001 sirna bulchiinsa lafa magaalaa hogganuuf kaa’e bu’uura godhachuun kan irra deebi’amee labsamee dha. Labsiin kun dabarsi lafaa kara lama (caal-baasii fi Ramaddiin) qofa akka ta’u, murteen dabarsa lafaa ramaddiin hayyamamuu sadarkaa kaabinee naannoo qofaatti akka ta’u, akkaataa raawwii dabarsa lafa liiziin qabamee, yeroo jalqaba ijaarsaa fi xumura ijaarsaa, qabiyyee seeraan ala qabaman gara seera qabeessummaatti fiduu, adeemsaa lafa sirna duraatiin qabaman gara liiziitti akkamitti akka galanu lafa magaalaa seeraan ala qabuun yakkaan akka gaafachiisu danda’uu fi magaalaaleen hundi yeroo itti sirna liiziitti galanu daangaa yeroo ka’uun isaa kan duraarraa dhimmoota garaagarri godhanuu dha.

  1. Labsii lakk. 818/2006 lafa magaalaa galmeessuuf bahe.

Sirna bulchiinsa qabiyyee lafa magaalaa fi ragaa biyyattii keessatti diriirsuuf yeroo jalqabaaf labsii bahe yoo ta’u, labsii kana hojiirra oolchuuf hojiiwwan haal-dureen baay’een akka raawwatamuu qabanis labsichi ni eera.

Kutaa Sadii

  1. Gamaaggama Raawwii Sirna Foyyaa’insa Bulchiinsa Lafa Magaalaa Naannoo Keenyaa

    1. Hojiilee ijaarsa Dandeettii Raawwachiisummaa Seektera Lafa Magaalaa Ilaalchisee

Hojiileen humna raawwachiisummaa seektera lafaa foyyeessuuf naannoo keenya keessatti hojjetamaa turan dhimmoota gurguddoo sadii irratti xiyyeeffachuun madaaluun barbaachisaa dha. Isaan kunis, gurmaa’insa seekterichaa bifa haaraan qorachuun uumuu fi foyyeessuuf hojiilee hojjatamaa turan, hojmaata seekterichaa gama seerotaa fi kkf foyyeessuuf hojiilee raawwatamanii fi humna namaatiin ga’oomsuufishojiilee leenjiiwwan, qaxarrii, ramaddii ogeessotaafi hoggansa irratti xiyyeeffatanii raawwatamaa turanii dha.

  1. Gurmaa’insa Seektarichaa Foyyeessuu Ilaalchisee

Akkuma gubbaatti ibsametti guddinni magaalaa pilaaniin hogganamuu waan qabuuf gurmaa’insi qaamni pilaanii magaalaa hojjetuu kun kan duraan sadarkaa Federaalaa qofaatti rarra’ee ture labsii Federaalaan gara naanooleetti akka gad-bu’u murtaa’uu isaa hordofuun Mootummaan Naannoo keenyaa Inistitiyutii pilaanii magaaloota Oromiyaa(IPMO) Dambii lakk. 67/1998 baasuun hundeesseera. Inistitiyutichis dame afuriin gurmaa’ee magaalota naannicha keessa jiranuuf pilaaniiwwan gosa adda addaa qoratee hojiirra akka oolu deeggeraa tureera.

Kun akkuma eegametti ta’ee, institutiin kun qo’annoo fi qorannoo guddina magaalaalee keenyaa geggeessaa beekumsa gahaa ta’erratti hundaawuun kallattii guddina magaalotaa hogganuun ga’ee qaama kanaa ta’uu qaba. Akkasumas, hojiin pilaanii itti fayyadama lafa magaalaa qopheessuu fi qo’annoo fi qorannoo adda addaa geggeessuun dhaabbilee dhuunfaatiinis geggeeffamuu waan danda’anuuf caaseffamni dhaabbata kanaa kana raawwachuu fi raawwachiisuuf kan danda’u ta’uun sakatta’amuun mirkanaa’uu qaba.

IPMO tti aanee bifa haaraan gurmaa’insi seektera lafa magaalaa uumame Ejensii Misoomaa fi Manaajimantii Lafa Magaalaa Oromiyaa (EMMLMO) yoo ta’u, Ejensiin kun hundaawuun dura Biiroo Industirii fi Misooma Magaalaa Oromiyaa (BIMMO)jalatti akka Adeemsa hojii tokkootti gurmaa’ee kan turee fi boodarra ammoo Biiroo Lafa Baadiyyaa fi Eegumsa Nannoo waliin bakka tokkotti gurmaa’ee hojjechaa tureera. Himaammata lafa magaalaa of danda’ee mirkanaawuu hordofee Ejensiin kun irra deebi’amee labsii lakk.179/2005 Ejansii Misoomaa fi Maanajimantii Lafa Magaalaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa jedhamee hundaa’eera. Labsii kanaan aangoon Ejensichaaf kenname himaammata misoomaa fi maanajimantii lafa magaalaa hojiirra oolchuuf akka dandeessisuu yaadameeti.

Haaluma kanaan, Ejensiin kun akkaataa labsicha keessatti ibsametti kaayyoowwan hundeeffama isaaf tarreeffaman,



  • Sagantaalee Imaammata misoomaafi manaajimantii lafa magaalaa keessatti ibsaman hojiirra oolchuudhaaf haala qindaa’een hogganuun barbaachisaa ta’ee waan argameef,

  • Magaalota naannichaa keessatti sirna misoomaafi manaajimantii sirna lafa magaalaa diriirsuun qabeenya ‘dhumataa’/Murtaa’aa(limited) ta’e kana qisaasaafi kira sassaabdummaa irraa bilisa gochuuf karaa iftoominaafi itti gaafatamummaa qabuun hojiirra oolchuufi jijjiirama bu’uura hawaasummaafi diinagdee dhugoomsuun barbaachisaa waan ta’eef,

  • Sirna odeeffannoofi ragaa lafa magaalaa naannichaa hojmaataafi teekinolojii ammayyaatiin deeggeramee uumuun, akkasumas humna namaa gahumsaafi dandeettii qabu ijaaruun dandeettii raawwachiisummaa magaalotaa cimsuun barbaachisaa ta’ee waan argameef,

  • Hojii lafa magaalaa bakka adda addaatti bifa bittinnaa’aa ta’een hojjetamaa ture qaama mootummaa ofdanda’ee misoomaafi manaajimantii lafa magaalaarratti hojjetu hundeessuun barbaachisaa waan ta’eef, jechuun labsicha keessatti ibsamee jira.

Kaayyoolee kanneen dhugoomsuufis Aangoon fi hojiiwwan keewwattoota xiqqaa 30 akka qabaatu, Inistitiyutii Pilaanii Magaalota Oromiyaafi Waajjira Qindeessaa Pirojeektii Sirna Qabiinsa Ragaa Lafa Magaalaa Oromiyaa itti waamamni jeraa Ejensichaaf akka ta’ufi dhimmota biroo dabalatee labsii Kewwattota 19 qabuun Ejensiin kun hundaa’eera. Caasaa isaa akkaataa barbaachisummaa isaatiin hanga bulchiinsa magaalaa sadarkaa gadiitti diriirfachuu akka danda’u aangoon dandeessisu kennameeraaf. Itti Waamamni Ejensichaas BIMMO-f ta’ee, aangoowwan gurguddoon kennamaniif imaammata lafa magaalaa hojiirra oolchuurraa jalqabee, seerota liizii hojiirraa oolchuu, sirna tajaajila bulchiinsa qabiyyee lafa magaalaa diriirsuu, sirna hammayyaa qabiinsa ragaa lafaa fi qabeenyaa diriirsuu, lafa misoome qopheessuufi dabarsuu, lafa misoomsuu, magaalota dullooman haaromsuu, magaalaaleen pilaaniin hogganamuu hordofuu, shallaggii beenyaa qopheessuu, gatii ka’umsa liizii qorachuu, hayyama ijaarsaa fi itti fayyadama lafa magaalaa kennuu, ijaarsi seeraan alaa magaalaa fi daangaa magaalaarratti akka hin babal’anne qaamolee dhimmi ilaalu waliin hojjechuufi seerota, hoji-maataa fi qajeelfamoota lafaan wal-qabatan qopheessuun hojiirra oolchuun isaan gurguddoodha.

Aangoowwan kana hojiirra oolchuuf caasaa dandeessisuirra deebiin qoratee, mirkaneessisuun Bitootessa, 2007irraa eegalee hojiitti kan gale ta’uun, haala mijaawaa tokko ta’uun kan dagatamuu qabu miti. Haata’uu malee, aangoo Ejensichaaf labsii hundeeffamaa kanaan kennameef keessatti hanqinootni hojiirratti gufuu ta’anu tokko tokkoo jiraachuun hin oolle.



Hanqinoota labsii lakk. 179/2005 keessatti mul’atan keessaa kanneen gurguddoo eeruuf,

Gahee hojii Ejansichaa Labsii 179/2005 kenname keewwata 8(8) keessatti ‟iddoowwan dullooman akka deebi’anii misooman qaama dhimmi ilaalu waliin haala ni mijeessa” kan jedhu aangoo hojii deebisanii misoomsuu kan hin agarsiifnee fi qaamni dhimmi ilaallatu kan jedhu waan adda hin bahiniif, dabalataanis, lafa deebi’ee misoomu qaama misoomsuu danda’uuf akka darbuu danda’us waan hin ibsineef raawwii irratti rakkoo kan uume ta'uun;

Keewwata 8(9) Lafa magaalaa‟ kanaan dura hojii invastimantiif darban ….” kan jedhu lafa ammaan booda/labsicha booda darbuu fi hojii invastimantiif ala lafa darbu kan hin agarsiifne waan ta’eef akkaataa lafti tajaajila invastimantiin ala darbus haala ibsuun taa'uu dhabuu,

Keewwata 8(10) gaaffii lafa‟ invastimantii manuufakcharingi industirii …” gaaleen jedhu labsii fi dambii liizii hojiirra jiru keessatti gosa lafti magaalaa ramaddiin darbu keessaa tokko qofa kan agarsiisu waan ta’eef lafa tajaajila maanufaakchuriing ala jiran ramaddiin kanneen darbuu danda'anis jiraatanus kana kan dagate ta'uun,

Keewwata 8(11)‟Abbootii qabeenyaa” akkaataa seeraatiin lafa ‟invastimantii”…‟Bulchiinsa magaalaa waliin waliigaltee akka mallatteessan ni taasisa” kan jedhu, abbootii qabeenyaa qofaaf lafti kan darbu waan hin taaneef nama lafa seeraan argachuuf mirga qabu hin dabalatu, lafti invastimantii qofaaf osoo hin taane tajaajila birootiifis waan darbuu/hayyamamuu/ danda’uuf, waliigaltee akka mallatteessu kan taa’e gurmaa’insa Ejensichaatiin ala qaama jiru akka ta’u waan murteesseef labsii liizii lakk 721/2004 fi ka’umsa ykn kaayyoo Labsii kanaa irratti yaada tartiiba qubee ″d″ irratti tuqameen waan walfaalleessuu fi itti gaafatamummaa qaama adda addaaf kan kennu ta'uun,

Keewwata 8(12) “Jijjiirraa abbummaa” ….. fi ‟gosa pirojeektota invastimantii” lafa magaalaa ‟qaama dhimmi ilaalu wajjin…” kan jedhu, jijjiirraan gosaa kan lafa pirojeektii invastimantii qofa waan agarsiisuuf, lafti tajaajila biroof hayyamames yeroo pilaaniin iddichaa jijjiiramus ta’ee sababoota birootiin gaaffiin jijjiirraa tajaajilaa biroos waan jiruuf, akkasumas “qaama dhimmi ilaalu waliin” yaadni jedhus abbaan isaa ifatti waan hin teenyeef raawwii irratti gaaffii kaasaa jiraachuun,

Gahee hojii Ejansichaaf Labsii 179/2005 keeyyata 8 lakkaoofsa 19 irratti ‘Hayyama ijaarsaa fi itti fayyadama lafaa ni kenna; kan jedhu:-Aangoon Waajjira Shuumii Gamoo waliin walirra bu’ee kan jiru ta'uun, ragaa hayyama itti fayyadama lafaa kan jedhu iftoomina waan hin qabnee fi mirga abbaa qabiyyummaa galmeessee mirkaneessuu kan hin argisiifne ta'uun,

Gama birootiin aangoon labsii kanaan osoo hin kennaminiif hojiin sadarkaa magaalaatti raawwatamaa jiru jiraachuun, Fkn, mirgi qabiyyee lafa magaalaa uumame qaama sadaffaatiif yeroo darbu waliigaltee raawwatamuuf qaama waliigaltee raawwatamee mirkaneessuu,

Gahee hojii Ejansichaaf Labsii 179/2005 keeyyata 8 lakkoofsa 23 irratti Angoo Ejensichaaf kennameen,‟Magaalota keessattii fi daangaa magaalotaa irratti ijaarsi seeraan alaa akka hin babal’anne qaama dhimmi ilaaluu waliin ni hojjata; ………. tarkaanfii seeraa ni fudhata……………...”aangoon jedhu kennamus bu’uura seeraatiin akkaataa seerrii kun itti dirqisiifamuu/hojiirra oolfamuu dandahamu ifatti hin teenye. Hojiin kun humna seera kabachiisuuf aangoo fi humna raawwachiisuu danda'u qabu kan barbaachisu ta'ee osoo jiruu humna akkanaa gurmeessuufis ta'ee ajajuuf aangoo kan hin qabne ta'uu irra darbee hojiin walfakkaatu (hojii olaantummaa seeraa kabachiisuu ykn faayidaa uummataa tiksuu) naannoo fi magaala tokko keessatti maqaa seekteraan adda bahee kennamuun qisaasama humna namaa ta'ee kan mul'ataa jiru ta'uun,

Aangoon Ejensichaaf kennamuu osoo qabuu kan hin kennaminiif hafe jiraachuun, Fkn,



  • aangoon mirga abbaa qabiyyummaa galmeessuu kennamuufis, aangoon mirga kana haquu kennamuu dhabuun yeroo mirgi kun seeraan ala galmaa'ee argame ykn akkaataa waliigalteen namni lafti hayyamameef yoo raawwachuu dhabaate waliigalteen addaan yeroo citu mirgi galmaa'es haqamuu waan qabuuf gocha kira sassaabdummaaf qaawwa kan banaa jiruu fi mana murtiittis sababa kanaan faayidaa uummataa fi mootummaa kabachiisuu dadhabuun mudachaa jiraachuu,

  • aangoon tilmaama qabeenya dhaabbataa raawwachuu ifatti jiraachuu dhabuun ajaja manneen murtii fi qabeenyi kunniin yeroo qaama sadaffaatti darbu kafaltii qaraxaa fi ashuuraa irratti rakkoo uumaa jiraachuu,

  • aangoon qabiyyee lafa magaalaa ragaa abbaa qabiyyummaa hin qabnee fi seera qabeessa hin taane galmeessuu fi murtee kennuuf dandeessisu jiraachuu dhabuu,

Aangoon qabeenya dhaabbataa galmeessuu Enjisichaaf labsii kanaan kennamee jiraatus, qaamni biroo hojii kana kan raawwataa jiru magaalota keessatti jiraachuun (Fkn, galmeessa mana waliinii dabrsa manneeniin raawwatamaa jiraachuu)

Akka waliigalaatti aangoo fi gahee hojii hojiirra oolchuu irratti rakkoowwan mul’atan kan akka aangoo walirra bu’uu, aangoo ifa hin taanee fi gurmaa’insa manneen hojii waliin qabu irraan kan ka’e rakkoo kenninsa tajaajilaa irratti calaqqisan kana furuuf foyyaa'insi labsichaan kan deebisaa argachuu qabanu kan jiranuu fi dambiin liizii lakk.155/2005 labsii hundeeffama Ejensiin dura kan ragga'e ta'uurraan kan ka'e dhimmootni labsii kanaan walfaalleessanu ta'uun hubatameera.



Kun akkuma jirutti ta’ee anqinaaleen gurmaa’insi JBAH qoratamee hojiirra jiruu kana yaad-rimee saayinsii bulchiinsa lafaa keessatti haala qabatamaa biyya keenyaa waliin yeroo ilaalamu yaad-rimee kanaan kan walhinsimne ta’uun ifatti mul’ateera. Kanaan walqabatee hanqinoota mul’atan gurguddoo eeruuf,

  • Hojiileen waliin gurmaawuu hin qabne bakka tokkotti gurmaawuu

  • Hojiileen waliin gurmaawuu qabanu adda addatti gurmaawuu, Fkn, hojiin bulchiinsa qabiyyee lafaa fi ragaan lafa magaalaa addaan bahanii gurmaawuu, inveentariin lafa magaalaa misooma lafaarraa adda bahee ragaa qindaawaa jalatti gurmaawuu,

  • Gurmaa’insi hojii keessatti hudhaa(Botleneck) Ykn Ciccitaa (Broken) ta’an jiraachuu,

  • Gurmaa’insi adeemsota hojiilee bifa waldeeggeruu fi walsimuu danda’uun sadarkaan uumamuu dhabuu,

  • Hojiileen harca’anii hafan jiraachuu, Gama kanaan hojiiwwan bira darbaman isaan gurguddoo kaasuuf, galmeessaa fi mirkaneessa qabiyyee lafa magaalaa(regularization), tilmaama qabeenya dhaabbataa(Property valuation), mirkaneessa qulqullina hojii (Post audti), hojii keessummeessa komii fi kanneen biroo mul’ataniiru.

  • Caasaan Humna Namaa fi Ulfaatinni Hojii Qoratamee walsimuu dhabuu

  • Hojiiwwan Hanqina Safartuu fi Istaandaardii Qabanu Jiraachuu

  • Hanqinoota Aangoo fi Raawwii Aangoon Walqabatan Jiraachuu

  • Aangoon Ejensichaaf kennamuu osoo qabuu kan hin kennaminiif hafe jiraachuun, Fkn, Aangoon mirga abbaa qabiyyummaa galmeessuu Ejensiif kennamuufis, aangoon mirga kana haquu kennamuu dhabuun yeroo mirgi kun seeraan ala galmaa'ee argame ykn akkaataa waliigalteen namni lafti hayyamameef yoo raawwachuu dhabaate waliigalteen addaan yeroo citu mirgi galmaa'es haqamuu waan qabuuf gocha kira sassaabdummaaf qaawwa kan banaa jiruu fi mana murtiittis sababa kanaan faayidaa uummataa fi mootummaa kabachiisuu dadhabuun mudachaa jiraachuun qabatamaan mul’ateera.

  • Aangoon tilmaama qabeenya dhaabbataa raawwachuu ifatti jiraachuu dhabuun ajaja manneen murtii fi qabeenyi kunniin yeroo qaama sadaffaatti darbu tilmaama kafaltii qaraxaa, ashuuraa fi taaksii dabala kappitaalaa(Capital gain tax) irratti tajaajilamtoo irratti rakkoo uumaa jiraachuun mul’ateera.

  • Aangoon qabiyyee lafa magaalaa ragaa abbaa qabiyyummaa hin qabnee fi seera qabeessa hin taane galmeessuu fi murtee kennuuf dandeessisu jiraachuu dhabuu,

  • Labsiidhaan Aangoo fi Gahee Hojii Ejensii ta’ee osoo jiruu hojiiwwan qaama birootiin kan raawwatamaa jiranu jiraachuu

  • Aangoon qabeenya dhaabbataa galmeessuu Enjisichaaf labsii kanaan kennamee jiraatus, qaamni biroo hojii kana kan raawwataa jiru magaalota keessatti jiraachuun (Fkn, galmeessa mana waliinii dabrsa manneeniin raawwatamaa jiraachuu)

  • Hojiin caasaa EMMLM jalatti galuu qabu sababa walirra bu’iinsa aangootiin seektara biroo keessatti hafuu(Heyyama itti fayyadama lafa magaalaa),

  • Hojii walfakkaatu qaama adda addaan magaalaa fi naannoo tokko keessatti kan raawwatamuu fi Raawwiif Rakkisaa kan ta’an jiraachuu

Kanarraa ka'uun, hanqinootni qorannoo JBAH duraanii keessatti mula’atan kunneen qorannoo irra deebii kanaaf sababa bu’uuraa gurguddoo ta’anii qabatamaaan hojii keessatti waan argamaniif qorannoon irra deebii kun akka geggeeffamu ta’eera. Qorannaa JBAH keessa deebii kana keessatti sirna riifoormii lafa magaalaa naannoo keenya keessatti bifa guutuu ta'een hojiirra oolchuuf sirna dandeessisu diriirsuu irratti olaantummaan xiyyeeffachuun kan gaggeeffamu akka ta'uu qabu, dhimmootni foyyaa'insa dambii liiziitiin deebisaa aragachuu danda'anu kanuma keessatti deebisaa akka argatanu, dhimmootni labsii hundeeffama Ejensii kanaan ala raawwatamaa jiranu seeraan akka sirraawanu, dhimmootni foyyaa'insa/murtee mootummaa barbaachisanu labsiin akka deebi'uu danda'anu, hangasitti garuu hojiileen kanaan walqabatanu beekumtii waliiniitiin kallattii kaawuun raawwachuun akka danda’amu ilaalcha keessa galchuun kallattii fi ijjannoo qabachuun JBAH bifa haaraan qoratamee murteef dhiyaatee jira.


  1. Dandeetti Raawwachiisummaa Humna Namaa Ejensichaa Cimsuu ilaalchisee

Humna namaa caasaa haaraa gubbaatti tuqame kanaan qoratame guutuuf sochii taasifame yoo ilaallu sadarkaa naannootti hojjettoota deeggersa dabalatee digirii fi sanaa ol kan qabanu 118 kan barbaachisu keessaa kan jiru 51 (43.2%)qofaa dha. Sadarkaa godinaaleetti sadarkaa barnootaa digirii jalqabaa fi isaa ol kanta’an homna namaa barbaacisu 360 keessaa kan guutame 161 (%44.7) yoo ta’u, akka waliigalaatti sadarkaa hundaattu sadarkaa barnootaa kanaan humna namaa barbaachisu 3007 keessaa kan guutuun danda’ame 1110(37%) qofaa ta’uun ragaan ni mul’isa. Sadarkaa barnootaa hundaan sadarkaa hundatti caasaa haaraa qoratamee mirkanaa’e irratti hundaa’uun humna namaa barabaachisu 9,460 keessaa(Ejensii sadarkaa naannoottii fi godinaalee 18 dabalatee kan magaalota 572 ragaan argamee fi humni namaa ramadame)keessaa kan hanga xumura bara 2007 tti 3394 (%35.9)qofaa dha. Ragaa kana sadarkaa caaseffamaa godinaa fi magaalotaan akka fakkeenyaatti agarsiisuuf Sadarkaa godinaatti hojjettoota 450 keessaa kan guutame 224 (%49.8) yoo ta’u, sadarkaa magaalotaatti ammoo, Magaalota itti waamamni jaraa naannoof ta’an (magaalota 16) humna namaa barbaachisu 875 keessaa 298 (33.8 %), magaalotni kanneen hafanis kanarraa kan fagaatanii miti. Dabalataanis, humna namaa IPMO yoo ilaallus kan caasaan barbaachisu 456 keessaa 256 (%56) qofaan kan socho’aa jiruu dha.

Ragaa kanarraa kan hubachuun danda’amu Ejensiin kun ergama isaa bifa guutuu fi gahumsa qabuun raawwachurratti humna namaa barbaachisu baay’inaanis ta’ee ga’eessummaan kan barbaachisuu gaditti fagaatee kan argamu ta’uun hanga gufachiisuu akka danda’u tilmaamuun nama hin rakkisu. Humni namaa jira jedhamee ragaa kana keessatti ibsames magaalota sadarkaa 3 ffaa fi 4ffaa keessatti baay’een jaraa ergisaadhaan waajjira biraa irraa ramadamanii kan hojjetaa jiranu yeroo ta’u magaalotni 57 ammoo tasumaa humna namaa kan hin qabne ta’uun hubatameera. Gama kanaan rakkoon bu’uuraa akka sababaatti ka’u hanqina baajataa yoo ta’u, hoggansi sadarkaa adda addaatti jiru xiyyeeffannoo gahaa kennuu dhabuun kan wal-qabatuufi rakkoo hubannoo fi ilaalchaas kan of keessaa qabuu dha.

Rakkoon kun akkuma jirutti ta’ee, humna ogeeyyii fi hoggansa guutuu waliinis caasaa Ejensichaa bifa qulqullina qabuun humna ramadamu kana adda baasuun ramadduurrattis naannoorraa jalqabee godinaalee fi magaaloota tokko tokkoorratti hanqinoonni mul’ataniiru. Kana malees, Ejensiin kun hojiin isaa gocha kiraa sassaabdummaaf kan xaaxilamee ture ta’uu hubannoo keessa galchuun ramaddii caasaa haaraa kana keessatti ogeeyyiinii fi hoggantootni rakkoo naamuusaa qabanu qorannaan akka calalamanii bahanu kallattii ta’ee hojiirra oolchuun bakka tokko tokkotti hojii gaariin hojjetamus, bakkeewwan kallattii kanaan ala ramaddii raawwatan jiraachuun mul’ataa tureera. Kun kan agarsiisuu hoggantootni sadarkaa adda addaarra jiranu qabsoo farra kira sassaabdummarratti rakkoo kutannoo ilaalchaa isaan qabanu ifatti kan mul’isee dha.

Humna seektera kana kessatti ramadame hojiin leenjiiwwan ilaalcha jijjiiruu, hubannoo cimsuu fi ogummaan ga’oomsuuf gargaaranu raawwatamaa turaniiru. Gama kanaan hojii hojjetame lakkoofsaan ibsuun kan dan’amu ta’us, rakkoo hanqina ilaalchaa fi ogummaan walqabatnii bal’inaan seektera kana keessatti sadarkaa hundatti mul’ataa jiranu irraa ka’uun gama kanaan hojiin bal’aanii fi fufiinsa qabu akka barbaachisu hubachuun waan danda’amuuf kanumaan bira darbuun gahaa dha.



  1. Hojimaata (Legal Framework) Bulchiinsa Lafaa Diriirsuu Ilaalchisee

Sirna bulchiinsa lafa magaalaa foyyeessuuf labsii liizii sadarkaa biyyoolessaatti bahe hordofee naannoon keenya dambii fi qajeelfama turtii waggaa tokoo olii booda baasee hojiirra oolchaa tureera. Hanqinoota dambiwwanii fi qajeelfamoota liizii keessatti mul’atanis foyyeessuun hojiirra oolchuuf yaalameera.

Kun akka ciminaatti ilaalamuu qabaachuun akkuma eegametti ta’ee, labsiin liizii kun haala qabatamaa naannoo keenyaatiin wal-simsiisuu dhabuun, dhiyeessa lafa misoomaarratti dhimmootni iftoomina gaafatanu, tajaajila saffissaa fi tajaajilamtootaaf dhiyootti dhiyeessuurratti, akka hanqinaatti mul’atanus adda baasuuf yaalameera. Dhimmootni kun madaallii raawwii hojiiwwan misooma lafaa fi dabarsa lafaa keessatti bal’inaan gajjallaattikanneen gurgoddoo ta’an tarreeffamaniiru.Dhimmoota kana dabalatee naannoo keenya keessatti tajaajilotaa fi hojiiwwan lafaan wal-qabatanii hojjetamanu tokko tokkoof seerri ittiin hogganamanu ifatti kanneen hin jirre jiru. FKn:- Tarreeffamni qajeelfamaa lafa magaalaa gadhiisiisuu fi komiin kanarratti ka’uu iiti keessummaawu jiraachuu dhabuun, qajeelfamni qabiyyeen lafa magaalaa ittiin bulanu(qabiinsaa fi itti fayyadama ragaa lafaa dabalatee), qajeelfamni kenniinsa ragaa waraqaa abbaa qabiyyummaa (regularization) fi kkf kaasuun ni danda’ama.

Hanqina gama Kanaan ture furuuf, qorannaa dambii liizii irratti geggeessuun qaawwa adda baasuun yaada foyyaa’insaa xumuruun murtee dhiyeessuun, qajeelfamootni 5(haaraa fi kan foyyaa’an) qopheessuun tokko (Land Inventary Directive) mirkanaa’ee hojiitti kan galame yoo ta’u kanneen hafan foyyaa’insa dambii fi gurmaa’insa mirkaneessuun kan walitti hidhaman waan ta’eef hin mirkanoofne.

Hanqinootni gama hojimaata seera lafa magaalaa diriirsuu keessatti mul’atan kan gubbaatti akka fakkeenyaatti tuqaman akkuma jirutti ta’ee, seerotni liizii hojiirra jiranu hojiirra oolchuurrattis hanqinootni akka naannoo keenyaatti mul’ataa jiranu akka FKN tti kaasuuf:- magaalota naannichaa 629 keessaa yeroo labsichi ragga’u qaama seerummaa magaalotni qabanu 564 yoo ta’anu, sirni liizii kan keessatti hojiirra oolaa jiru magaalota 44 qofaa dha. Kun ammo akkaataa libsichaatiin yoo laalamu (Waggaa 5- keessatti akka gara sirna kanaatti magaalotni akka galanu kan taa’e) waggaa tokko qofti kan hafe yoo ta’u, waggaa tokko keesstti hojii hafe kana raawwachuun ulfaataa dha. Kana malees, qabiyyeewwan durii fi seeraan alaa waraqaa abbaa qabiyyummaa hin qabne akka sirna qabatanu yeroon labsii keessatti ta’ee(waggaan afur) kan dhumee jiru ta’us, gama kanaan ammas hojiin bal’aan jiraachuunii fi ijaarsi seeraan alaa akkaataa labisichaatiin yakkaan kan gaafachiisu ta’uun labsamee jiraatus qaamooleen seera kabachiisanu dhimma kana akka gahee hojii isaaniitti waan fudhatan hin fakkaatu.

Gama kanaan akka hudhaatti kan sadarkaa hundaatti qaamota adda addaa biratti mul’atu hubannoo gahaa sirna liizii kanarratti qabaachuu dhaburraa kan ka’e sirnicha amantaan fudhachuu dhabuutti kan ce’e rakkoo ilaalchaan kan wal-qabatu waan ta’eef gara fuula duraatti hojii bal’aa fi gadi-fageenya qabu gaafata.


    1. Raawwii Hojii Qophii Pilaanii Itti Fayyadama Lafa Magaalaa

IPMO erga hundeeffamee jalqabee magaalota yeroo ammaa qaama seerummaa argatan 629 keessaa 555 pilaaniiwwan gosa adda addaa qopheessuun dabalata qubsuma amala magaalummaa qabanu, Giddugala Guddina Baadiyyaa(GGB) gara 6000 tti dhiyaatanu keessaa (yeroo dhiwoo hojii jalqabame ta’us) 559 kan ta’anuuf kaartaan bu’uuraa qopheessuun danda’ameera.

Haata’u malee, sadarkaa amma naannoon keenya gama hundaanuu irra jiru (fedhii investimantii, baay’ina uummata magaalaa saffisaan dabalaa jiru), akkasumas pilaaniiwwan amma dura qophaa’an yeroon tajaajila isaanii dhumaa deemuu waliin fedhii qophii fi irra deebii pilaanii magaalaalee naannichaa guutaa jiraachuun sakatta’amuu qaba.



    1. Raawwii Hojii Inventory Qabeenya Lafaa, Misoomaa Fi Baankii Odeeffannoo

    1. Lakkaa’insa (Inventory)

Karooraa fi maanuuwaalii galmeessa qabeenya lafa magaalotaa fi eegumsaa diriirsuudhaan magaalota 564 keessatti galmeessi lafaa (qabiyyee sanada qaban, qabiyee durii sanada hin qabne, ijaarsa seeraan alaa fi lafa duwwaa harka mootummaa jiruu fi kkf) raawwachuuf bara 2005 irraa jalqabee hojiitti kan galamee dha. Raawwiin hojii kanaa karoora taa’e waliin yeroo ilaalamu harka walakkaadhaa gadi ta’uunifi harkifataa ta’uun ni mul’ata.

Magaalaaleen qabeenya lafaa qabanu adda baasanii beekuuf kaka’umsiifi sochiin taasifamaa ture jalqabbii dansaa ta’uun jalqaba fudhatamuu qaba. Kun akkuma jirutti ta’ee, hojiin kun akkuma hojii gurmeessa galmee qabiyyee lafa magaalaa hubannoo gahaan galmaafi kaayyoo ifa ta’e hojichaarratti qabatamee hogganamaa fi raawwatamaa hin turre. Saamicha lafa magaalaarratti raawwatamu dhaabuudhaaf sadarkaa dandeessisuun lakkoofsii fi gurmeessi ragaa lafaa kun hojii hunda dura xiyyeeffannoon addaa itti kennamee xumuramuu qaba ture. Lafti lakkaawame kun ragaan isaa akkamitti akka galmaawuufi gurmaawuu qabu, ragaan kun fudhatama seera fuuldurratti qabaachuu qabu seeraan osoo ifatti hin taa’iin hojii raawwiitti galamee dha. Ragaan hojii kanaan funaanamee galmaawu kun gocha seeraan alaa ittisurras darbee hojiiwwan keenya biroo kanneen akka gurmeessa faayila raga lafaa tartiiba teessuma lafaatiif, qabiyyee seeraan ala qabaman gara seeraatti fiduuf, qabiyyee ragaa sobaatiin qabamanis ragaa mana galmee keenyaa waliin sakatta’uun adda baasuuf, qabiyyee qotee bulaa daangaa magaalaa keessa jiranu adda baafachuuf, akkasumas qabiyyeewwan duriis waraqaa abbaa qabiyyummaa laachuuf akka ragaa itti galaatti fayyaduu osoo danda’uu kana osoo hin milkeessin hafeera.

Kanarraa ka’uun muuxannoo magaalota naannoo keenyaa fi naannoo biroo irraa qindeessuun hojmaata walfakkaatu diriirsuuf qajeelfamnii fi maanuwaaliin hojiin kun ittiin hogganamu sadarkaa naannootti qophaa’ee mirkaneessuun gadi buusuun sochiin bifa haaraan jalqabameera.

Hojiin kun qabeenya guddaafi bu’aa ba’ii hedduu kan qabu ta’us qabeenya lafa magaalota keenyaa kana gocha seeraan alaa irraa bilsoomsuuf murteessaa ta’uun isaa hubatamuu qaba. Kanaaf hanqinoota gama kanaan mul’atan furuun milkeessuuf qaamni hundinuu tumsuu qaba.



    1. Kabachiisa Daangaa Magaalaalee Ilaalchisee

Daangaan magaalaalee adda bahanii beekamuun sirna bulchiinsa lafa magaalaa foyyeessuufi misooma magaalaalee pilaaniin hogganuuf haala mijaawaa uumuu keessatti hojiin kun ga’ee olaanaa waan qabuuf naannoon keenyas kanuma hubachuun sochiin taasifamaa tureera. Hojiin kun abbummaan aangoon kan kennameef BIMMOtiif yoo ta’u, magaalota ragaa hanga ammaatti qabnuun 123 keessatti rakkoon kun furamuu dhabuurraa kan ka’e ijaarsi seeraan alaa daangaa magaalotaa irratti bal’inaan mul’achaa jiraachuunii fi qophii lafaa misoomaaf barbaachisuurratti gufuu ta’aa waan jiruuf misoomas gufachiisuurratti argama.

Gama kanaan rincicummaan hoggansa sadarkaan jiru bira jiru rakkoo bu’uuraa akka ta’aa ture hubatameera. Magaalaaleen naannolee biroofi bulchiinsa magaalaa Finfinnee waliin wal-daangessanus xiyyeeffannoofi deeggersa hoggansa olaanaa kan gaafatanu ta’uunis dhimma ilaalamuu qabuu dha.



    1. Yüklə 230,34 Kb.

      Dostları ilə paylaş:
1   2   3   4   5   6




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin