Bulchiinsa mootummaa naannoo oromiyaa biiroo induustirii fi misooma magaalaatti


Hojii Qophii Lafaafi Deebisanii Misoomsuu Magaalaa



Yüklə 230,34 Kb.
səhifə3/6
tarix14.01.2018
ölçüsü230,34 Kb.
#37787
1   2   3   4   5   6

Hojii Qophii Lafaafi Deebisanii Misoomsuu Magaalaa


Magaalota keessatti Lafa tajaajila adda addaa (Investiment, IMX fi hawaasuma, daldala, zoonii industirii. fi kkf) oolu dursee falmii kamirraayyuu bilisa ta’ee, bu’uuraaleen misoomaa guutameefii akka qophaa’uu fi ragaan isaa baankii lafaatti gurmaawuu akka qabu imaammata keessatti ifatti taa’ee jira. Qophiin lafaa magaalota naannoo keenyaa keessatti akkaataa sirna qophii lafaa Kanaa hordoffee fi guutee kan raawwatamaa ture ta’uu dhabaatus sochiin hin tuffatamne raawwatamaa tureera. Haata’u malee, qophiin lafa magaalaa fedhii misoomaa magaalotaa fi naannoo keenya keessatti jiru waliin yeroo ilaalamu walirraa hedduu fagaatee argama.

Gama Kanaan hojmaatni duraan ture qophiiin lafaa gaaffiin lafaa arga murtee argatee ka’ee booda kan raawwatamaa ture ta’uun ala dhiyeessiin bu’uuraalee misoomaa qophii lafaa keessatti akka hojii ijoo murteessoo tokkootti ilaalamee raawwatamaa waan hin turreef adeemsi kun ammoo misooma gufachiisuurra darbee madda komiis ta’aa waan tureef kana jijjiiruuf imaammata diinagdee keessatti xiyyeeffannoon addaa akka kennamu jala muramee taa’us, jijjiiramni hanga ammaatti mul’achaa jiru sadarkaa barbaadamu irra hin jiru. Hanqinni asirratti jiru inni guddaan hojii misooma lafaa kana walitti hidhamiinsa misooma magaalotaa fi kana irra darbees, akka naannoo keenyaa fi biyyaatti qabu bifa guutuu fi ga’umsa qabuun hubachuun karoorsuu dhabuu irraa jalqaba. Karoorri misooma lafa magaalaa fedhii misooma hawaasummaa fi diinagdee magaalichaa irraa hanga guutuu biyyaatti yeroo gabaabaa fi dheeraa keessatti jiruu fi uumamuu danda’u ilaalcha keessa galchuun kan karoorfamaa ture osoo hin ta’in, karoorsuun diqama foormaalitii hoggansaa waan ta’eef ta’uun adeemsa darbe keessatti hubachuun ni danda’ama. Dhugaa kana fakkeenya muraasaan agarsiisuuf magaalli tokko lafa rakkoo hoji dhabdummaa magaalicha keessa jiru furuuf isa barbaachisu qopheessee dhiyeessuuf jalqaba baay’ina hojidhabdootaa magaalicha keessa amma jiruu fi waggaan lakkoofsi kun meeqaan akka dabalaa deemu jalqaba tilmaama isaa beekuu barbaada. Lafa mana jireenyaa dhiyeessuunis bifuma walfakkaatuun kan ilaalamu ta’uu qaba. Karoorri qophii lafaa akka naannoo keenyaatti qophaa’aa ture ragaalee akkanaan kan walitti hidhamee karoorfamee raawwataa hin turre.

Bifuma walfakkaatuun karoorri misooma lafaa qophaawu fedhii irraa ka’uu dhabuun ala hanga lafa waggaa waggaan barbaachisu sirriitti tilmaamee lafa kana ammo eessaa, akkamitti akka argachuu qabuu fi kanaaf lacceelloo barbaachisu adda baasee kan qophaawaa ture miti. Kuni ammoo qabeenya lafaa ofharkaa qabanu magaalotni keenya adda baasuun beekuu dhabuunis walitti kan hidhatuu dha. Magaalotni tokko tokko lafa magaala keessatti beenyaa itti kafalan illee adda baasanii ragaa sirna itti qabatanu waan hin qabneef yeroo inni deebi’ee seeraan ala qabamuu yookiin namni beenyaa itti nyaatee ture deebisee beenya itti gaafatu yookiin deebisee itti fayyadamu mul’achaa turuurra darbee hanga mana murteetti himata magaalota irratti banaa jirantu mul’achaa jira.

Qophiin lafaa bifa lamaan madda lafa magaalaarratti bu’ureeffamee kan raawwatuu dha. Kunis lafa magaalaa keessa jiran(inner city) fi lafa daangaa magaalaa keessa babal’ifanaaf(Expansion area) oolanuu dha. Lafti babali’na magaalaa keessa jiranu baay’een isaa lafa qonnaa ykn dheedichaa waan ta’eef hojiin isaa rakkisaa ta’uu dhiisuu ni danda’a.

Lafa magaalaa keessa jiru misoomaaf deebisanii qopheessuu akka naannootti karoora keessatti taa’us hanga ammaatti raawwiin hin jiru. Kun ammoo kallattiin qophii lafaa kun hojii murteewwan kalattii himaammata misooma magaalaafi seera ifa ta’e barbaada. Gama kanaan akka federaalaatti kallattiin taa’us seerri ifa ta’eefi haala qabatamaa magaalaaleen kan walsime hin jiru. Fknf labsii liizii keessatti kan tuqamee jiru magaalaa deebisanii haaromsuu (urban renewal) ilaalchisee jiraattota sababa kanaan buqqa’anu akkamitti lafti akka kennamuuf qofa kan ilaaluudha. Ka’umsi labsichaas baajata magaalotni (mootummaan) ramadanuun hojii raawwatamu ta’uu dha. Haa ta’u malee, magaalotni humna maallaqaa kana raawwachiisuu dandeessisu osoo hinqabaatin kana raawwachuun ulfaataa dha. Gama biraatiin fedhiin abbootii qabeenyaa hojii kana keessatti hirmaachuuf qabanu guddaa ta’us, seerrotni lafaa kun fedhii kana keessummeessuuf hin hayyamanu.

Haaluma walfakkaatuun, lafa magaalaalee keessaa deebisanii gurmeessuun akkaataa istaandaardii pilaanii magaalaatiin misoomaaf qopheessuun akka barbaachisu himaammata misoomaafi manaajimantii lafa magaalaa keessati tuqamus adeemsa kanaan qabiyyee nama tokkoorraa lafa kutachuun ykn itti dabaluun, lafti mana mootummaatiinis qabaman waan jiranuuf kallattiin himaammata keessa taa’e kana hojiirra oolchuuf labsii liizii waliin yoo ilaalamu raawwachuuf murtee dabalataa kan barbaaduudha.

Kan biraa ammoo, magaalaaleen qophii lafaaf karoora magaalaa keessatti xiyyeeffannoon kennamu gad aanaa ta’uun baajata hojii kanaaf barbaachisu ramaduurratti rakkoo jiru kaasuun ni danda’ama. Akka naannootti tilmaama qophii lafaaf ni barbaachisa jedhamee taa’e Qarshii Biiliyoona lamaa ol ta’u keessaa baajatni magaalotni ramadan waliigalatti karoora qophii lafaa kan bara kana akka naannootti qabame %10 qofa kan raawwachiisuu danda’uu dha. Kanuma ramadame jedhamee gabaafame kana ammoo yeroon hojii kanaaf oolchuunis baay’ee harkifataa dha. Dhimmi baajata qophii lafaa waliin ilaalamuu qabu kaayyoon sirni liizii biyya keenya keessatti akka hojiirra oolu barbaadameef tokko lafti qabeenya madda galii ta’uun magaalotni lafa misoomaaf barbaadanu dursanii qopheessuu misoomsanii misooma magaalotaa saffisiisuu yoo ta’es, maagaalotni sirna liizii hojiirra oolchaa jiranu galii lafarraa argamu tajaajila kanaaf oolchuu irraa faallaa kaayyoo kanaa hojii biroof dursa akka kennanu qabatamaan kan mul’achaa jiru ta’uun misooma magaalotaa karaa tarsiimawaa ta’een hogganuu irratti hanqina mul’atu kan agarsiisuu dha.

Hanqina kana waliin dhugaan ilaalamuu qabu garuu magaalotni keenya bu’uurri misoomaa guutamaniifii kan hundeeffaman waan hintaaneef kuufamni rakkoo bu’uura misoomaa bal’inaan waan jiruuf ramaddii baajataarratti gara kanatti duufuun akka jiraachuu danda’u hubachuun dirqama ta’a.

Hanqinootni armaan olitti tarreeffaman kanneen akkuma jiranutti ta’anii, hojimaatni lafti hangummaan qophaa’e kun ragaan isaa itti qabamuu (Baankii Lafaa)fi tajaajilaaf darbuu danda’u ifatti taa’ee hojiirra ooluu dadhabuun isaa rakkoo qabatamaa gama kanaan jiruuf sababa ta’urra darbee gocha kira sassaabdummaafi kenniinsa tajaajilaa gufachiisuuf sababa tokkoo dha. Lafti sadarkaa naannootti ramaddiin darbanu ragaan lafa qophaa’ee sadarkaa naannootti waan hin jirreef magaalotni akka qopheessanii akka erganu taasisuun dirqama waan ta’eef lafa kana qopheessanii erguuf abbootiin dhimmaa bu’aa ba’iifi gocha kira sassaabdummaatiif saaxilamaa jiraachuun mul’ataa jira. Abbootii dhimmaa tokko tokkoof saffisa ifaatiin lafti kan qophaa’ee ergamu yoo ta’u kan waggaa tokkoo ol deebisaa dhabanii rakkataa jiranu kanaaf fkn gaarii ta’uu danda’a.

Kun akkuma jirutti ta’ee, adeemsi lafti misoomaaf barbaadamu gadi itti lakkifamus, hanqinni seeroota Kanaan walqabatanu keessatti jiru akkuma eegametti ta’ee, tartiiba eeguun buqqaatota maryachiisuun mirga seeraan kaa’ame akkaaataa seeraan kabajaniifii raawwachuu dhabuunis bal’inaan hanqina mul’ataa ture waan ta’eef mormii fi ilaalchi uummatni guddina magaalotaa irratti qabu akka karaarraa maqu taasisaa turuun ala akka uummatni sirna ijaaraa jirru akka balaaleffatu taasisaa tureera. Qonnaan bulaa irraa Lafa irraa erga fuudhanii booda kafaltii beenyaa fi lafa manaa bakka bu’iinsaa raawwachuuf yeroo dheeraaf deddeebisuun gama Kanaan akka fakkeenyaatti kaasuun ni danda’ama. Kanuma waliin dhimmi ilaalamuu qabu biroon seerri hojiin kun ittiin hogganamu bifa guutuu ta’eefi haala qabatamaa magaalaalee naannoo keenyaan walsimu jiraachuu dhabuudha. Qophiin lafaa pilaanii magaalichaa bu’uureffatee lafa misoomaaf barbaachisu adda baasuun marii uummata lafa sanarraa qabeenya ykn dantaa qabuun jalqabamee, kafaltii beenyaa shalaguu, kafaltii beenyaa raawwachuu, namoota buqqa’anuuf haala jireenya itti aanuu mijeessuu(deebisanii dhaabuu), adeemsa kana keessatti komiiwwan ka’anu keessummeessuu fi kkfn ofkeessaa qabuu dha. Hojiileen kun hundi labsii fi dambii lafa faayidaa uummataaf gadhisisuuf baheen ala qajeelfamni tarreen qophaa’e akka naannoo keenyaatti jiraachuu dhabuun dabalata, gumiin oliyyannoo labsii liizii keessatti lafa magaalaa gadilakkisiisuu waliin komiiwwan mana murtee idileen ala akka ilaaluuf hundeeffamuu akka qabu tumame rawwatiinsa hin arganne.

Akka waliigalaatti imaammata misoomaa fi maanajimantii lafa magaalaa keessatti sagantaalee fi kallattiiwwan kaa’aman hojiirra oolchuuf jalqabbiiwwan tokko tokko, kan akka sagantaa babal’ina magaalotaa (magaalota 5 keessati), lafti misoomaaf dhiyaatu dursee yoo xiqqaate beenyaa irraa akka bilisa ta’u gochuun, gurmaa’insa kaatota misoomaa deebisanii dhaabuuf dandeessisu uumuun, qophiin wixinee qajeelfamaa fi kanneen biroo, jiraachuun akka eegametti ta’ee, gama Kanaan hanqinaaleen jiranu ammas sadarkaa barbaadamuun furamuu dhabuu jaraatiin misoomni magaalotaa, kan naannoo keenyaa fi biyyattii gufachaa jiraachuun ala, madda bulchiinsa gaarii ta’ee itti fufee jira.

Miidha gama misoomaatiin jiru akka agarsiiftuutti kaasuuf, sirna misooma lafaa imaammata keessatti jiru kana hojiirra oolchuu dadhabuu keenyaan gaaffiin invastimantii gosa maanufaakcharingii qofaan lakkoofsaan 1560 ol kan ta’anu kappitaala qarshii Biliyoona 9.3 ol almeessisanii fi carraa hojii miliyoona sadii ol uumuuf karoorfame rarra’anii jiru. Kun gama tokkoon abbootii qabeenyaa biratti komii ta’ee kan dhiyaachaa jiru yoo ta’u, gama biraan ammoo simannaan pirojeektota invastimantii irratti hojmaatni iftoomina qabu waan hin diriirreef loogii fi gochoota kirasassaabdummaatiif kan saaxilamanii dha. Dabalataanis, kaatota misoomaa magaalota keessatti keessummeessi jiru itti quufinsa kan hin qabnee fi bu’aa bahiin kan itti heddummaate waan ta’eef komii fi balaaleffannaa uummata baratti akka uumamuun itti fufu gumaachaa jira.



    1. Yüklə 230,34 Kb.

      Dostları ilə paylaş:
1   2   3   4   5   6




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin