Bulchiinsa mootummaa naannoo oromiyaa biiroo induustirii fi misooma magaalaatti


Hojii Sirreessaafi Keessummeessa Qabiyyee Lafa Magaalaa waraqaa abbaa qabeeyyummaa hin qabnee ragaa kennuu



Yüklə 230,34 Kb.
səhifə5/6
tarix14.01.2018
ölçüsü230,34 Kb.
#37787
1   2   3   4   5   6

Hojii Sirreessaafi Keessummeessa Qabiyyee Lafa Magaalaa waraqaa abbaa qabeeyyummaa hin qabnee ragaa kennuu


Karoora Guddinaa fi Tiraansiformeeshinii (KGT) marsaa duraa keessatti waraqaa ragaa qabiyyee lafa magaalaa lakkoofsaan 6,873 ta’u kennuuf karoorri kan qabame ta’us, hojiin gama kanaan waggoota lamaan (2006 fi 2007) keessatti qabiyyee durii fi seeraan alaa waraqaa abbaa qabeeyyummaa hin qabneef 250,143 ta’anu keessummeessuun kan danda’ame yoo ta’u,kan amma adda bahee deebisaa eeggachaa jiru ammoo waliigala qabiyyee 315,824 ta’a. Lakkoofsi kun magaalotni guutummaatti adda baasanii hin xumurin waan jiranuuf kanaa ol akka ta’e ni tilmaamama.

Hojiin kun gaaffii uummta magaalaa yeroo dheeraaf ture deebisaa laachurratti hiika guddaa kan qabu ta’uun hubatamee mootummaa naannootiin murtaa’ee hojiitti kan galameedha. Haata’u malee, hojiin kun harkifachuun isaa akkuma eegametti ta’ee, karoorraa jalqabee yeroo ilaallu hubannoo gahaa ta’een karoorfamee hjiitti kan galame hinfakkaatu. Gaaffiin keessummeessa kanaa magaalotaan bal’inni qabu adda bahee osoo sirriitti hin beekaman hojiitti galamuun, ragaalee murteef oolanu dursanii akkamitti akka adda bahuufi gurmeessuun danda’amu(Fkn.Dambii Liizii Dura qabamuu ragaa adda baasanu) itti yaadamee hojiitti galuu dhabuun hojii kanaaf humna namaa fi meeshaalee barbaachisanu dursanii qopheessuurratti hojiin bal’aan waan hafee tureef hojiin gama kanaan ammas hafe bal’aa ta’uurra darbee gochi kira sassaabdummaas bal’inaan akka uumamu qaawwa baneera.Qabata Kanaan lafti duwwaan seeraan ala bilisaan akka darbaa ture ragaan magaalota kanneen akka Sulultaa fi Laga Xaafoo irraa argaman ni mirkaneessu.


Suuraa : Qabata Qabiyyee Duriitiin Lafa weerarame

Dambii fi qajeelfamni qophaa’ee keessattis dhimmootni hinhaguugamin jiraachuun, dhimmootni ifitoominni hanqatuun mul’achuun, kan raawwatamuu hin dandeenyee fi hanqinootni fakkaatanu mudataniiru. Sababoota kanaan hojiin kun kallattii fi saffisa barbaadamuun raawwachuu dhabuun isaa deebi’ee madda komii fi rakkoo bulchiinsa gaarii ta’ee mul’ataa jira. Kanaaf hanqinoota gama kanaan mul’ataa turan adda baasuun furamaanni hatattamaan goolabamuu qaba.

Kana malees, hojiin kun sirreeffama seeraa (legal regularization) qofa irratti kan xiyyeeffatee hojjetamaa ture waan ta’eef mirga misoomaa abbaan qabiyyee tokko qabaachuu qabuufi magaalaalee keenya pilaanii eeganii misoomaaf mijaawaa gochuuf haala dandeessisuun raawwatamaa hin turre. Gama kanaan(Legal and physical regularization) sadarkaa naannootti kallattiiniifi deggersi seeraa taasifame jiraachuu dhabaatus Magaalli Adaamaa hojiin jalqabee ture komii waan kaaseef yeroof magaalota hundaa dabalatee akka dhaabbatu taasifamee jiraatus akka muuxanootti yoo fudhatamee seeraan deggerame babal’isuun ni danda’ama.


  1. Tajaajila Bulchiinsa Qabiyyee Lafa Magaalaa Foyyeessuu Ilaalchisee

Tajaajilli bulchiinsa qabiyyee lafa magaalaa abbaan qabiyyee lafa magaalaa guyyaa mirgi itti fayyadama abbaa qabiyyummaa erga abbaa qabeenya lafaa(mootummaa/bulchiinsa magaalaa) kennameefiirraa jalqabee mirga kana galmeessuun waraqaa ragaa abbaa qabiyyummaa kennuurraa jalqaba. Sirna bulchiinsa lafa magaalaa amma jiruun hojiin kun mirga itti fayyadamaa kennuu waliin(Akka sirna qabiyyee lafa biyya keenyaatti Mootummaan abbaa qabeenya lafaa waan ta’eef) qaama mootummaa tokkoon kan raawwatamaa tureefi hojmaatni kun walitti bu’iinsi fedhii(Conflict of interst) akka uumamu waan taasisuuf mirgi abbaa qabiyyummaa lafaa(possession right)fi abbaan qabeenyummaa qabeenya dhaabbataa laficharra jiruu kabajamuurratti wabii dhabuu waan danda’uuf gurmaa’insi kun sirna gara fuula duraatti diriirfamuuf yaadameen kan furmaata argatu ta;a. Hangasitti garuu qaama tokko jelatti gurma’insa hojii kanaa addaan baasuun dhiibbaa gama kanaan dhufuu danda’u hir’isuun ni danda’ama. Armaan olitti caaseffama Ejensii keessatti hanqinoota mul’atan keessatti rakkoon kun kan eerame waan ta’eef gara fuula duraatti kan sirreeffamu ta’a.

Tajaajilli kunragaa qabiyyee lafa magaalaa waliin kan walqabatu waan ta’eef gama ragaa lafaatiin akkuma kanaa olitti tarreeffame hanqinootni jiranu dhimmoota hiikamuu qabanu ta’uun akkuma eegametti ta’ee, seerri ifatti of danda’ee hojiileen bulchiinsi qabiyyee lafa magaalaa ittiin hogganamanu tarreeffamee akka naannoo keenyaatti waan hin jirreef tajaajilli kennamus murteen gama kanaan kennamanus akkaataa fedhiifi hubannoo qaama bakka san jiruun raawwatamaa jira. Mirgiifi dirqamni abbootii qabiyyees ifatti waan hin teenyeef mirgi seeraan hin kennaminiif yeroo hojiirra oolu, kan seeraan kennameef ammoo yeroo dhorkamu mul’ata. Fknf mirgi abbaa qabiyyee lafti sirna liiziitiin buluu fi kiraan bulu(mirriitiin bulu) Qaamoleen seera hiikanu, dhaabbileen faayinaansiis yeroo liqiif wabummaan qabanu shalaggii/tilmaama qabeenyichaa akkaataan itti geggeessanu, hubannoo seeraa kanaan osoo hin taane seera hariiroo hawaasummaa yeroo lafti qabeenya nama dhuunfaa itti ta’etti waan ta’eef dhimma sirraawuu qabuu dha.

Keessumattuu gama manneen murtiitiin ajajni qabiyyee seeraan qaama lafa bulchuun hin galmaa’in dhorkiin akka galmaawu ajajuu, tilmaamni qabeenya laficharra jiru akka dhiyaatu ajajuun, lafti duwwaan ykn istaandaardii pilaanii magaalaa kan hin guunne akka qoodamu murteessuufi ajajuun, (yoo didame tarkaanfii caasaa keenyarratti fudhachuun), lafa duwwaa fi seeraan hin darbine ykn waliigalteen liizii addaan cite irratti namoota gidduutti ykn namootaafi bulchiinsa magaalaa gidduutti falmii geggeessuu, ragaa qabiyyee qaama lafa bulchuuf aangoon kennameefiirraa ala argamuun falmii qabiyyee geggeessuu fi murtee kennuun fi kkf bal’inaan mul’ataa jira.

Kutaa Afur


  1. Hanqinaalee Ijoo Raawwii Riifoormii Lafa Magaalaa Naannoo Keenyaafi Kallattii Furmaataa Fuulduraa

    1. Hanqimaalee Ijoo Raawwii Riifoormii Lafa Magaalaa

Akkuma armaan olitti ibsuuf yaalametti sadarkaa biyyoolessaattis ta’ee naannoo keenyatti lafti magaalaa guddina diinagdee biyya keenyaa saffisiisuu fi milkeessuuf ga’ee olaanaa qabaachuun isaa, saffisa babal’ina magaalotaas bifa ga’eessummaa qabuun hogganuuf, akkasumas madda gochaafi ilaalcha kira sassabdummaa ta’uun isaa hubatamee riifoormmiiwwan foyya’insa hoggansa lafa magaalaa sadarkaa himaammata baasuurraa jalqabee hanga sagantaalee adda addaa qopheessuun mirkanaa’ee akka hojiirra oolu taasifamaa tureera, ammas raawwatamaa jira. Jalqabbiin gama kanaan akka naannoo keenyaatti taasifamaa ture seektarri kun yeroo dheeraaf xiyyeeffannoo gahaa argachuu dhabuusaarraa kan ka’e kuufama hojii ture waliin walbira qabamee yeroo ilaalamu jajjabeessaa ta’uun hin haalamu. Jalqabbii kana raawwii isaa sakatta’uun hanqinoota raawwii keessatti mul’atan adda baasanii bu’uurarraa furuun riifoormicha bu’a qabeessa gochuun barbaachisaa dha.

Haaluma kanaan, sochii hanga ammaatti gama kanaan taasifamaa ture keessatti ciminni jiru akkuma jirutti ta’ee, hanqinoota raawwii kana keessatti mu’atan keessaa kanneen ijoo fi murteessoo ta’an xiinxala raawwii armaan olitti tarreeffame irraa ka’uun akka armaan gadiitti adda baasuun kallattii furmaata ofduraa agarsiisuuf yaalameera.

Hanqinootni mu’atan akka walii galaatti bakka lamatti qooduun ilaaluun ni danda’ama. Inni jalqabaa hojiiwwan idilee aangoofi itti gaafatamummaa Ejensii kanaa kan ta’an sadarkaa har’a guddinniifi fedhiin tajaajilamtoota irra gaheen raawwachuu keessattiifi rakkoo gama hoggansaa fi bulchiinsa lafa magaalaan naannicha keessatti mul’ataa turan bu’uuraarraa furuuf hojii raawwatamuu qabaniin kan walqabatanuu dha.Inni lammataa, hojiilee kanaan dura hundeeffama tokkoon tokkoon magaalotaarraa eegalee hoggansa lafa magaalaa keessatti hojjetamuu osoo qabanuu kanneen osoo hin raawwatamin turanii fi hojii keessatti hanqinoota uumamaa turan ta’anii hojii idilee fi riifoormii lafa magaalaa takaalaa jiranuudha.

Kallattiin furmaataafi adeemsa fuula duraas gama lameenuu walfaana furuuf socho’uu kan gaafatu waan ta’eef humni kana raawwachuu danda’us walumaan itti yaadamuu kan qabuu dha.



      1. Rakkoo Humna Raawwachisummaa Seekterichaan walqabate

  1. Gurmaa’insa Seekterichaa

Gurmaa’insa Ejensichaa addatti ilaalu dura guddina magaalaalee keenyaa hogganuu keessatti ga’ee bakka bu’iinsa kan hinqabneefi itti waamamni isaa Ejensichaaf kan ta’e, caaseffama IPMO durfamee ilaaluun murteessaa dha. Akkuma armaan olitti bal’inaan kaasuuf yaalametti caaseffamni Insitittiyutii kanaafi fedhiin bal’aan guddina magaalaalee naannoo keenyaan walbira qabamee sadarkaa amma irra jirruun dhimma ilaalamuu qabuu dha. Hojiin qophii fi haaromsi pilaanii kan magaalota hanga ammaa naannicha keessa jiranuu 629 ta’anuu hanga pilaanii magaalotaa isa sadarkaa gad-aanaatti jiruu(Pilaanii Misooma Qe’ee-kan waggaa 3-5 qofa tajaajilu) hundi, dabalataanis Giddu Galli Baadiyyaa(GGB) 6000 ol ta’anuuf gurmaa’ina amma inistittiyutiin kun qabuun raawwachuu danda’uun isaa shakkii qofa ta’uu hin danda’u. Kanaaf humniifi caaseffamni isaa kallattii qophii pilaanii magaalota keenyaa irra deebi’uun ilaaluun faayidaa qaba.

Hojii qorannoofi qophii pilaanii magaalotaatti dabalataanis inistiitiyutiin kun qaama mootummaa naannichaa himaammata misoomaa baasuuf giddu gala qo’annoofi qorannoo misooma magaalaalee naannoo keenyaa akka ta’ee tajaajiluu danda’us kanuma waliin itti yaadamuu qaba.

Naannoowwan GGB qoratamuuf dhawataan gara sadarkaa magaalummaatti kan ce’aa deemanu waan ta’aniif, akkamitti eenyuun hojiirra akka ooluu qabuufi adeemsi ittiin hojiirra itti oolanu raawwiin hanga ammaa sakatta’amee hanqinootni gama kanaan adda bahanu furamaa deemuun kanuma waliin dhimma ilaalamuu qabuudha.

Gara caaseffama Ejensichaatti yeroo deebi’amu, Ejansiin kun labsiin bara dhuma bara 2005 kan hundeeffameefi aangoon lafa magaalaa naannichaa misoomsuufi bulchuu kennameeraaf. Bara 2006 irraa jalqabee of danda’ee aangoo hojii seeraan kennameef kana hojiira oolchuu kan jalqabeefi sirna riifoormii lafa magaalaa bifa guutuufi ga’eessummaa qabuun hojiirra oolchuu akka dandeessisuuf caasaa fi adeemsa hojii qoratee bifa haaraan bara 2007 keessa kurmaana sadaffaarraa jalqabee ramaddii hojjettootaafi hoggantootaa geggeessee hojiitti galeera.

Caaseffamnii fi jijjiiramni adeemsi hojii haaraan Ejensichaa kun labsii hundeeffama isaa bu’uura gadhatee kan qophaa’e ta’us aangoo Ejensichaaf labsiin kenname keessatti hanqinootni labsicha keessatti mul’atan, kan bal’inaan xiinxala armaan olii keessatti tuqaman fala argachuu qabu.

Gama biraatiin gurmaa’inni haaraan qoratames hojii keessa erga galeen booda rakkoo seektarri kun kanaan dura keessa ture hiikee gara fuulduraatti tarkaanfachiisuuf ga’eessummaan ni hanqataan. Hanqinaaleen xiinxala keessatti gubbaa irratti tarreeffaman furuuf gurmaa’insa bifa haaraan qoratamee kan xumurame ta’us, qaamni mirkaneessuuf aangoon kennameef saffisa hojiin kun barbaaduun raawwatamuu dhabuun isaa dhimma fala argachuu qabuudha.

Kanaan alattis, labsii liizii raawwachiisuuf gurmaa’inni labsicha keessatti taa’ee jiru, sirna komiin lafa magaalaa gad-lakkisiisuu waliin walqabatee ka’u keessummeessuu dandeessisu (Gumiin Oliyyannoo) hundeeffamuu dhabuunis qaawwa biraa dha.


  1. Rakkoo Humna Namaan Walqabatan

Akkuma beekamu seektarri kun gochaafi ilaalcha kira sassaabdummaaf kan saaxilamee dha. Hoggansiifi ogeeyyiin seektera kana keessatti ramadamuu qabanu hanga danda’ameen naamuusa gaarii kan qabanu ta’uutu irraa eegama. Rakkoon qulqullina ilaalchaafi gochi kira sassaabdummaa ammas bal’inaan seektera kana keessatti kan mul’achaa jiruufi qabsoo sadarkaa hundatti fufiinsaan geggeeffamu barbaachisa.

Hanqinni qulqullina ilaalchaa akkuma jirutti ta’ee Ejensiin kun sadarkaa naannoo irraa jalqabee hanga bulchiinsa magaalaaleetti hoggansaa fi ogeeyyii hirinni isaa akkaataa caasaa qoratameetiin %35 kan hincaalleen socho’aa jira. Magaalaaleen itti waamamni jeraa godinaaleef ta’an baay’een jeraa humna namaa gahaa hin qabanu. Magaalaaleen tasuma humna namaa hinqabnes jiru. Dabalataanis sababa adda addaatiin (rakkoo naamuusaatiin, faayidaa foyyaa’aa barbaadaa fi kkf) hoggansiifi ogeeyyiin seektaricha gad-lakkisuun(High turnover), bakka kana dafanii guutuu dhabuuniifi namootni haaraa gara seektara kanaatti dhufanu muuxannoo dhabuun humna raawwachiisummaa Ejensichaa qoraa jiruu dha. Kanuma jiru ammoo ramaddii kennuun hojiitti galchuu irrattis, naannoo irraa jalqabee ramaddiin humna namaa raawwatame qulqullina hojichi barbaaduun kan raawwatame osoo hin taane neetworkiin, firummaa fi walbeekumsaa walramaduun ifatti mul’ateera. Hanqinni dandeettii ogummaafi beekumsaa hojii lafaan walqabatan hoggansaafi ogeeyyota biratti bal’inaan mul’achuunis rakkoo furmaata barbaaduu dha.



  1. Dhiyeessa Meeshaalee fi Bakka HHHHhhhh hHojii Mijaawaa Guutamuu Dhabuu.

Hojii bulchiinsa lafaaf meeshaaleen hojiif barbaachisanu sadarkaa hundattu hanqinni jiru hojii gufachiisaa jiraachuun hubatameera. Kana malees, bakki hojii (waajjirallee) kan hinqabne, kursiifi minjaala, kompitaraafi dhiyeessi meeshalee hojiif gargaaranu, kanneen akka meeshaalee safartuu lafaa ta’an meetira, meeshaalee sarveeyingii, pilotarii rakkoo bakka hundatti mul’ataa jiruu dha.

  1. Hanqinoota Seeraafi Hojimaataan Walqbatan

Riiformii lafa magaalaa hojiirra oolchuuf seerotni qopha’anii mirkanaa’uun hojiirra oolaa jiranu jiratanus seerota kana keessatti osoo deebii argachuu qabanuu dhimmootni hafan jiraachuun, rakkoo iftoominaa kan qabanuufi seerota biroon kan walfaallessanu jiraachuun hubatameera. Hojiileen tokko tokko ammoo seerri ittiin hogganamanu ifatti jiraachuu dhabuunis rakkoo biroo dha. Fknf: qajeelfamni bulchiinsa qabiyyee lafaa haala ammala hojii bulchiinsa qabiyyeetiin walsimee (qabiinsaafi itti fayyadama raga qabiyyee lafaa dabalatee) jijjiiraan maqaa, qabiyyee qooduufi walitti makuun, galmeessa dhorkii fi liqii baankii, jiraachuu dhabuu, gadhiisisa lafa misoomaaf barbaadamuun walqabatee shalaggiifi raawwiin kafaltii beenyaa, akkasumas kenniinsa lafa bakka bu’iinsaa, fi qajeelfama tilmaama qabeenyaan walqabatanu kaasuun ni danda’ama.

Hojmaatni kenniisa tajaajilaa saffisiisuufi sirna bulchiinsa lafa magaalaa foyyeessuu danda’anu ifatti diriirfamanii jiraachuu dhabuun, keessumattuu, qophii lafaa, simannaafi dabarsa lafaa waliin kan walqabatanu sadarkaaleen keessa darbamuu qabu, ga’ee qaamolee hirmaattotaa, ulaagaalee murteen itti kennamuufi kkf ifaan hin teenye. Kana malees, rakkoo kira sassaabdummaa hoggansa lafaan walqabatanu hojimaatni itti ittisuufi to’achuu danda’amu hin diriirre. Sababa kanaan gochi seeraan alaa bulchiinsa lafaa keessatti raawwatamu carraan dafee saaxilamuu waan hin jirreef fufiinsa rakkoo kanaa dhaabuun hin danda’amne. Sirni komiin tajaajila idileefi waliigalteen walqabatanii ka’anu ykn dhiyaatanu itti dhaggeeffatamuufi deebiin itti kennamu ifaan hin teenye.

Raawwii seerota lafaan walqabatees hanqinootni jiranu keessaa kanneen ijoo ta’an biroon magaalaaleen sirna kana keessa galuu qaban muraasa ta’uun, gatiin ka’umsa liiziifi sadarkaan iddoo lafa magaalaa yeroo seeraan taa’e keessatti qoratamee irra deebi’amee foyyeeffamuu dhabuuniifi akkaataan tumaa isaa dambii keessatti ta’uun yeroo kana eeganii dambicha foyyeessuuf kan dirqisiisu ta’uun, gatii ka’umsa liizii dambirra taa’een ala gosota pirojeektota tokko tokkoof murteessuun, walii galtee liizii akkaataa seerri liizii ajajuun raawwachiisuu dhabuun, waliigalteen liizii labsii liiziin ala kantiibotni kan mallatteesanuufi waliigalticha hordofanii raawwachiisurrattis sirna itti gaafatamummaa Ejensicha keessatti hojiirra oolchuuf qaawwa saaqaa jiraachuun dhimmoota sirreeffama barbaadanuu dha.

Istaandaardiin bal’ina lafaa misoomaaf ramadamu murteessuuf dandeessisuufi kilaastariin gosa pirojeektotaa qoratamee qophaa’us mirkanaawuu dhabuun, ulaagaaleen pirojeektootni misoomaaf lafa gaafatanu ittiin madaalamanu jiraachuu dhabuunis bifuma walfakkaatuun furmaata barbaadu.



      1. Rakkoowwan Qophii fi Dhiyeessa Lafaan Walqabate

  1. Rakkoolee Qophii Lafaan Walqabatan

Hanqinni dandeettii raawwachiisummaan walabatanu asirrattis kan calaqisanu ta’uun akkuma eegametti ta’ee, sirni gama kanaan hoggansa lafa magaalaa foyyeessuuf imaammataafi tarsiimoo riiformii lafa magaalaarratti taa’anii hojiirra oolaa hin jiranu. Lafti misoomaaf waggaa waggaan barbaachisu karoora fedhiifi kallattii guddina magaalaalee giddu galeessa godhatee qorannoorratti hundeeffamee qophiin lafaa raawwatamaa hin jiru. Ka’umsi rakkoo kanaa bulchiinsi magaalaalees ta’anii sadarkaa naannootti baajatni kanaaf barbaachisu (kafaltii beenyaafi bu’uura misoomaaf oolu) ramadamaa hin jiru. Ramaddiin baajataafi qophiin lafaa kan raawwatamaa jiru gaaffiin lafaa erga dhiibee dhiyaatee dhufe akka ta’e mul’achaa tureera. Diriirsi bu’uura misoomaas dursee waan hin raawwatamneef lafti misoomaaf darbe osoo misoomatti hin galin akka turuufi komiif ka’umsa ta’aa dhufeera.

Lafti bakkeewwan itti qophaa’anittis ragaan lafa qophaa’ee baankii lafaatti kan gurmaa’ee taa’u osoo hin taane harka ogeessota muraasaa waan ta’eef gocha kira sassaabdummaatiifis karaa banaa jira.

Gama biraatiin qophiin lafaa magaalota keessatti bakkeewwan dullooman deebisanii haroomsuunis bifuma walfakkaatuun humna maallaqaa guddaa waan gaafatuuf raawwachuun hin danda’amne.


  1. Dabarsaa fi To’annoo Lafaan Rakkoolee Walqabatan

Lafti qophaa’aa jiru fedhii jiruu gadi waan ta’eef dhiyeessi jirus kanumaan kan walfakkaatuu dha. Magaalaaleen caalbaasiin tajaajiloota adda addaatiif lafti dabarsaa jiranu baay’ee gad-aanaa waan ta’eef gatiin lafaa yeroodhaa gara yerootti dabalaa deemaa jira. Lafti magaalaa ramaddiin darbanu hundi sadarkaa naannoorratti kan murtaa’an ta’uunis dhimma ilaalamuu qabuu dha.

Hordoffiifi to’annoo lafa misoomaaf darbanii ilaalchisee yeroo dheeraadhaaf hojii xiyyeeffannoo osoo hin argatin ture waan ta’eef kan kanaan dura darban sirna qabsiisuuniifi kan amma boodaatis yoo raawwataa hin deemin bu’aan lafa misoomaaf darbe kanarraa eegamu osoo hin milkaa’in akka hafu wal nama hin gaafachiisu.



      1. Rakkoolee Hojiilee Kuufamanii fi Hanqinoota Adeemsa Bulchiinsa Lafa Magaalaa Darbe Keessatti Uumamaa Turan Ilaalchisee

        1. Hojiilee Bulchiinsa Lafa Magaalaa Kuufaman

  1. Galmeessaafi mirkaneessa qabiyyee lafa magaalaa durii fi Qabiyyee Seeraan Alaa seeraan beekumtiin kennameef xumuruudhabuu

Hojiin kun magaalota hunda keessatti ragaa abbaa qabiyyummaa mirkaneessu hin qabne kan ilaallatu dha. Hojiin kun bara 2006 irraa jalqabee kan hojiitti seename yoo ta’es ammallee magaalli xumuree keessaa bahe jiraachuu dhabuurra darbee kan tasuma hin jalqabinii(Fkn Sabbata) fi bal’inni hojii kanaa kan sodaachisu(Fkn. Adaamaa) jiru.Akkaataan itti raawwatamaa tures mirkaneessa seeraa(Legal Regularization) qofa waan ta’eef qabiyyeewwan pilaanii magaalaan walhinsimne akkamitti akka keessummeeffamanu, kanneen pilaaniin walsimanus misoomaaf sadarkaa ooluu danda’anuun sirreeffamee (Phisical Regularization) waan raawwatamaa hin turreef, seerri kana raawwachiisuus waan hin turreef namootni keessummaawan misoomsuuf yeroo hayyama ijaarsaa gaafatanu keessummaawwuu kan hin dandeenye waan jiranuuf deebi’ee madda rakkoo bulchiinsa gaarii ta’uun isaa hin oolu.

Kana malees, gosti tajaajila manaatiin ala qabiyyeewwan qabaman maali ta’uu akka qabaniifi akkamitti keessummaawuu akka danda’anu murtee seeraa ifa ta’e hin arganne. Fkn. Manneen amantaa, kan mootummaa, kan qotee bulaa, kan mit-mootummaa, dhaabbilee misooma mootummaa, woldaalee hawaasummaafi kkf tuquun ni danda’ama.

Dabalataanis, lafti seeraan ala babal’atanii tajaajila adda addaatiif qabamanii ijaarsi irratti raawwatames dhimmoota kana dura fala hin argatanii dha. Kanaaf bifa guutuu ta’een seeraan deggeramee fala argachuu qaba.


  1. Gurmeessaafi Qabiinsa Ragaa Qabiyyee Lafa Magaalaa Sirreessuu

Magaalaaleen naannoo keenyaa keessatti kanaan dura hojimaatni qabiinsi, itti fayyadamnii fi gurmeessi isaa hojmaata walfakkaatuun, bifa itti gaafatamummaa mirkaneessuun raawwatamaa waan hin turreef madda rakkoo kira sassaabdummaafi gufuu bulchiinsa gaarii ta’ee tureera. Hojiin kunis foyyaa’insa bulchiinsa lafa magaalaa keessatti murteessaa ta’uun hubatamee hojiin jalqabamus magaalaaleen hundi bifa guutuufi qulqullina qabuun hin raawwatne. Kutaa nageenyi ragaa kun itti mirkanaawus, sheelfiin dhimma kanaaf oolu kan hin jirre, walirraa fuudhinsis kan hin raawwatamin ta’uun hubatameera. Kanaaf galmee haadhoo gabiyyee lafa magaalaa haaromsuu/deebisanii galmeessuurraa jalqabee ragaan mana galmee bilookiidhaan deebisanii gurmeessuun, nageenyummaan ragaa kunis haala mirkanaa’u uumuun ni hafa. Seerriifi hojimaatni hojiin kun ittiin hogganamus guutamuun dirqama ta’a.

Kanaan alattis, galmeen qabiyyeewwan lafa hundeeffama Ejensichaatiin dura Komishinii Invastimantii Oromiyaatiin sadarkaa naannoo, godinaafi magaalaaleetti kennamaa tureen walqabatan gar-tokkotti waan hin dhufneef tajaajila si’ataa kennuufi hordoffii qabiyyeewwan kanaa geggeessuurratti gufuu ta’aa jiraachuun rakkoo furmaata barbaadu biroo dha.



  1. Ragaa Qabeenya Lafa Magaalaa Sassaabuu, Gurmeessuu fi Daangaa Lafa Magaalaa Daangeessuu

Gama kanaanis hojiin jalqabame jiraatus magaalli hundi qabeenya lafaa qabanu ragaa guutuu ta’e ofharkaa hinqabanu. Kan sassaabames bifa ifaafi ga’eessummaa qabuun gurmaa’ee hin beekamu. Qaamni lafa kana abbummaan itti gaafatummummaa fudhatee weerararraa eegus hinuumamne, sirni akkasiis hin diriirre.

Kana malees, lafti qonnaan bulaan qabamee daangaa magaalaa keessa galan ragaan isaa adda bahee hin galmoofne. Dirqamniifi mirgi qotee bulaa lafa kana ofharkaa qabu seeraan deeggeramee galmaa’ee hin mirkanoofne. Akkasumas, daangaan magaalaalee hundaa adda bahanii kanneen hindaanga’inni jiraachuunis dhimma rarra’ee hafee jiruu dha. Sababoota kanaan ijaarsa seeraan alaaf haala mijaawaa uumaa jiraachuun isaa ifatti mul’ateera.

Ragaaleen qaamni lafa baadiyyaa bulchuufi galmeessuuf aangoo qabus isitaandaardiifi seera dhimma kanaaf baheen ala qotee bulaa daangaa magaalaa keessa jiranuuf kaardii abbaa qabiyyummaa lafa baadiyyaa(Green card) kennaa jiraachuun bifa seeraa qabsiisuun mana murtiittis falmiif kan karaa banaa jiruufi weerarri lafaa seeraan alaa akka babal’atu taasisaa jiraachuun ala mirga seeraan argachuu hin qabaanne namootni bakka biroorraa dhufanii maqaa qotee bulaatiin akka lafa magaalaa argatanu karaa banaa jira.


        1. Hanqinoota Adeemsa Bulchiinsa Lafa Magaalaa Darbe Keessatti Uumamaa Turan Ilaalchisee

Hanqinootni raawwii hojii bulchiinsa lafa magaalaalee keessatti uumamaa turan kanneen galmeessa qabiyyee duriifi seeraan ala qabaman, akkasumas gurmeessa, qabiinsaafi ittifayyadama ragaa qabiyyee lafa magaalaalee keessatti hojmaatni sirreeffamuu qaban gararraatti kaasuuf yaalameera.

  1. Ragaalee seeraa alaa qabiyyee lafa magaalaa ilaalchisee

Ragaalee qabiyyee lafa magaalaa ilaalchisee dhimmi murtee barbaadu ragaaleen kanaan dura uumaman seera qabeessummaan isaanii yeroo madaalamu rakkoo kan qabanu jiraachuun mirkanaa’eera. Qabiyyeewwan seeraan ala ragaan qophaa’ee kenname, ragaaleen foorjidiin uumaman jiraachuun, ragaa guutuun faayila keessa jiraachuu dhabuun, galmeen haadhoon baduu ykn fuulli isaa keessaa cituu, galmeen baduu ykn mana galmee keessaa dhabamuu, ragaaleen walirra bu’an(overlap) fi kkf bal’inaan ni jiraachuun dhimmoota akka fakkeenyaatti kaasuun danda’amanuu dha. Kanaaf dursee dhimmootni kunniin adda bahanii murtee kennuu barbaada.

  1. Lafa Magaalaa Kanaan Dura Invasimantiif Darban Ilaalchisee

Lafti magaalaa yeroo adda addaa invastimantiif darban hordoffiiniifi to’annon taasifamaa waan hin turreef, raawwiin isaanii akkaataa seeraafi waliigaltee galaniin kanneen hin raawwatin bal’inaan akka magaalota naannoo keenyaa keessa jiranu xiinxala armaan olitti dhiyaate irraa hubachuun ni danda’ama. Kanaaf kana bal’inaafi gadi fageenyaan qoratanii karaa qabsiisuun dirqama ta’a.

Kana malees,adeemsa darbeen lafti kiraadhaan hayyamameefii laficha harkaan gahatanii garuu walii galtee fi hangi kafaltii gatii kiraa ykn liizii ifatti hin murtoofneef jiraachuu, qabiyyeewwan invastimantiif osoo lafichi daangaa keessa hin galin walgaltee kiraan woggoota murtaa’eef tajaajila adda addaatiif hayyamaman gara daangaa magaalaatti yeroo galanu tajaajila argachuurratti akka qabiyyee liizii moo akka qabiyyee lafa kiraan qabameetti keessummaawu gaafiin jedhu jiraachuu(liiziidhaan qabaman jechuufis ragaan jeraa kiraa jechuun, kafaltii waggaarrattis dhalli akka liiziitti kan hin shallagamne ta’uun, daangaan raawwatiinsa labsii liizii kan duraanis ta’ee kan ammaa magaalota keessa qofa ta’uun, gama biraatiin kiraadha jechuufis akka sirna liiziitti mirgi itti fayyadamummaa lafichaa yeroon daanga’ee waliigalteen kennamuun), kanneen waligalteen jalaa jitee komiirra jiranuunifii komiin kun eenyuun, seera kamiin akka ilaalamu ifatti jiraachuu dhabuun dhimmota fala barbaadanuu dha.



  1. Ijaarsa Seeraan alaa seeraan beekamtiin hin kennaminii sirna qabsiisuu fi gocha kana ittisuu dhaabuun dadhabamuu

Ijaarsi seeraan alaa seeraan beekumtiin hinkennamneef bal’inaan magaalaalee keenya keessa akka jiranu ni beekama. Adeemsi seera dhabeessummaa kun akka dhaabbatuufi seera taa’e hojiirra oolchuu dhabuun gochi kun fuula duraafis dhaabsisuun humnaa olta’aa akka deemu karaa waan banuuf rakkoon kun furamuun dirqama ta’a. Gama kanaan murannoon caasaa keenyaa sadarkaan jiru bakka itti qoramu ta’uun isaa hin oolu. Gocha kana dhaabsisuu fi sirna qabsiisuun ala foyyaa’insi sirna bulchiinsa lafa magaalaa yaaduun akka hin danda’amne hubatamee tumsa qaamolee hundaa barbaaduu dha.

      1. Rakkoolee Biroo Bulchiinsa Lafa Magaalaa

Rakkooleen biroo bulchiinsa lafa magaalaa naannichaa keessatti qorumsa ta’anii jiranu rakkoolee qaamolee alaatiin gahanu yoo ta’anu, bakka lamatti qooduun ilaaluun ni danda’ama. Kan jalqabaa, hanqina hubannoo gahaa dhabuu dhimmoota hoggansa lafa magaalaan walqabatanu irraa maddanu yoo ta’anu, hojiin kun murannoo fufiinsa haoggansa sadarkaan jiruu kan barbaadu ta’uu hubachuu dhabuurraa hoggansi sadarkaan jiru xiyyeeffannoo kennuu dhabuu, akka hojii dabalataatti ilaaluun yeroo tokko ho’isaa yeroo biraa qabbaneessuu, pilaanii magaalaa kabajuu fi kabachiisuu dhabuun, deeggersa barbaachisu kennuu dhabuu, magaalota riifoormii keessa hin galiniif bajatni qabamuu dhabuun (Gama MMD naannootiin, Labsiin qaama dhaabbate ta’ee osoo jiruu) fi kkf kaasuun ni danda’ama.

Rakkoon kan biraa gocha seeraan alaa fi kira sassaabdummaa lafa magaalaatiin walqabatee mul’atuun kan walqabatuudha. Gama Kanaan dhimmi mul’ataa jiru tokko ,Ijaarsa seeraan alaa magaalota keessatti geggeeffamu qaamni mootummaas kan keessatti hin hirmaanne jira jechuun rakkisaadha. Kantiibaan magaalaa bakka tokko tokkotti kan keessa jiru ta’uun, caasaan bulchiinsa gandoota magaalotaa fi baadiyyaa ollaa magaalotaa, gurmaa’insa uummataa(tokko shanee, gooxii, garee misoomaa) qabatamaan gocha kana ittisuu dhiisuu bira darbanii ofumaafuu kan keessatti hirmaachaa jiraachuun, Qaamni lafa baadiyyaa bulchuuf aangoon kennameefis “Green Card” seeraan ala lafa bal’inni isaa karee meetira 200 hin caalleef kennuun haala mijeessuu keessatti hirmaataa jirachuun, naga’ee kiraa lafa qonnaa qabiyyee durii fakkeessuuf qabiyyee seeraan ala qabameef kennuun, Sirna foyyaa’insa bulchiinsa lafa magaalaa keessatti qaamoleen gahee qabanu hubannoo walfakkaatuun socho’uun osoo irraa eegamuu walgufachiisuufi walkomachuutu mul’ata. Qamoleen mootummaa gahee qabanu Kantiibota magaalaalee, W/ra Invastimantii, Bulchiinsa Lafa Baadiyyaafi Eegumsa Naannoo, qaamolee seera kabachiiftotaa(poolisii, A/alangaa), seera hiiktota, mana qopheessaa, bulchiinsotni aanaaleefi godinaalee, shuumii gamoo, kanneen adda durummaan eeramanuu dha.

Rakkooleen gama kanaan mul’atan bal’inni, gostiifi gadifageenyi jeraa bakkaa bakkatti garaagarummaas walfakkeenyas kan qabanuu dha. Rakkoleen mul’achaa jiranu hundinuu maddi/ka’umsi jeraa rakkoo ilaalchaafi darbee darbee hanqina hubannoo irra hin darbu.

Gama manneen murtiitiin kanneen olaantummaa seeraa mirkaneessuuf kallattii himaammataa fi seerota lafaa biyya keenyaa hordofanii karaa sirriin hojjetanu jiraatanus, kanneen faallaa kanaa deemanus adeemsa fooyyaa’insa sirna bulchiinsa lafa magaalaa naannoo keenyaa keessatti mul’ataniiru. Fkf,Lafti magaalaa istaandaardii magaalaan ala ykn kan mirga seeraa irratti hin jirre(Lafa qabiyye kiraan bulu dhaalaan walqabatee)akka qoodamanu ajajuun, ijaarsi seeraan alaa akka tarkaanfiin irratti hin fudhatamne dhorkii kennuun, ISA irratti namoota walfalmisiisuun tokko abbaa mirgaa gochuun akka kaartaan kennamuuf ajuun, ISA akka gatiin isaa tilmaamee dhiyaatu, akka addaan qodamee namoota walhimataniif/gaa’illi diigamuu waliinis walqabatee/ ajajuun, ijaarsa seeraan alaa tarkaanfiin irratti fudhatame beenyaan akka kafalamu bulchiinsa magaalaarratti murteessuun, lafa walii galteen liizii addaan cite irratti falmii geggeessisuuniifi dhorkii irratti baasuu, ragaan qabiyyeefi qabeenya dhaabbataarratti fudhatama qabaachuu qabu qaama lafa bulchuuf aangoon seeraaf kennameef ta’ee osoo jiruu raga chaappaa qabu kan qaama mootummaa kamiinirraayuu dhiyaate akka seera qabeessaatti fudhatee murtii kennuu,Ajaja mana murtii kana yoo caasaan ejensichaa raawwachuu didan waamanii doorsisuu, hidhuun mul’achaa tureera.



    1. Yüklə 230,34 Kb.

      Dostları ilə paylaş:
1   2   3   4   5   6




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin