Bulchiinsa mootummaa naannoo oromiyaa biiroo induustirii fi misooma magaalaatti



Yüklə 230,34 Kb.
səhifə6/6
tarix14.01.2018
ölçüsü230,34 Kb.
#37787
1   2   3   4   5   6

Kallattiiwwan Furmaataa

Kallattiin waliigalaa rakkooleen seektera lafa magaalaa armaan olitti tarraawan hiikuuf hordofamuu qabu inni jalqabaa, kallattii waliigalaa rakkoo misoomafi bulchiinsa gaarii magaalaalee furuuf akka biyyoolessaafi naannoo keenyaatti taa’e giddu gala godhachuun ta’uu qaba. Kanaaf furmaatni tokko tokkoon taa’us furmaata rakkoolee magaalaalee hiikuuf taa’an waliin walitti hidhamee kan ilaalamuu qabu, kan waliitti hidhamee karoorfamuufi raawwatamu ta’uun dirqama ta’a.

Kallattiin lammataa, qaawwa hojimaata, seeraafi gurmaa’insaan walqabatanii gochaafi ilaalcha kira sassaabdummatiif haala mijaawaa uumaa turan adda baasuun duuchaa deemuun riifoormicha hordoffiifi deeggersa fufiinsa qabuun akkasumas hirmaannaa uummataa cimsuun lafa qabachiisuun kallattii hordofamuu qabuu dha.

Sadaffaan ammoo, hojiileen rakkoolee kanneen hiikuun riiformii lafa magaalaa dhugoomsuuf hojjetaman hundi rakkoolee kuufaman hiikaa sirna bulchiinsa lafa magaalaa diriirsuuf haala mijaawaa uumuun bu’uura kaa’aa adeemuun galmeessa raga lafa magaalaa dhugoomsuun goolabuu sadarkaa dandeessisuun kallattii dandeessisu hordofuu dha.

Kallattiiwwan kanneen bu’uura godhachuun yaadotni furmaataa armaan gadii dhiyeessuuf yaalameera.



      1. Dandeettii RaawwachiisummaaSeekterichaa Ijaaruu

  1. Hojii Hubannoo Sadarkaa Hundatti Cimsuu Raawwachuu

Akkuma barreeffama kana keessatti kaasuuf yaalame riifoormiin lafaa hirmaannaa qaamolee adda addaa kan gaafatu waan ta’eef, qaamni kana keessatti kallattiidhaanis ta’ee, alkallattiin gahee qabu hundi hubannoo gahaa akka argatu gochuun murteessaa dha. Kanaaf, hojiin hubannoo uumuu sadarkaa humndatti qophii gahaa gchuun, fufiinsaan raawwataa deemuu qaba. Hojiin hubannoo uumuu kun jalqabarratti hoggansa sadarkaan jiru irraa eegaluun hanga raawwataatti sadarkaan gadi buusuun raawwachuu yoo ta’u, itti aansuun hawaasa magaalaa jalqaba karaa gurmaa’insa isaatiin jalqabuun tokko tokkoo kutaa hawaasaa bira gawuun raawwatamuu qaba. Adeemsa keessattis bakkeewwan qaawwa hubannoon walqabatanuu fi hojii kana gufachiisuu dandada’anu adda baasaa karaa saayinsaa fi bilchina qabuun iftoomina uumaa deemuun murteessaa dha.

  1. Gurmaa’insa Sagarkaan Jiru Ijaaruu fi Cimsuu

Gurmaa’insa seektera lafaa naannoo keenyaa kan hanga ammaatti jiru keessatti hanqinoota jiranu qorannaan adda baasuun foyyaa’insa Ejensichaa qoratamee jiru mirkaneessisuun hojiitti galchuun kan ammarraa raawwatamuu qabu ta’ee, kanumaan walqabatee sadarkaa mootummaa naannichaatti dhimmoota murtee barbaadanu adda baasuun murtee akka argatanu gochuun hojii itti aanu ta’a. Gama Kanaan keessummattuu dhimmootni hanqina aangoo labsii hundeeffamaa keessa jiranuu fi hojiiwwan bakka adda addaatti bittnnaawanii jiranuun walqabatanu kanneen dursa argachuu qabanuudha.

Gurmaa’insi kunniin bu’uura kan godhachuu qabanu riifoormii siviil sarviisii fi saayinsii bulchiinsa lafaan kan walsimee qophaa’u qofa osoo hin taane kanuma hordoffee bifa guutuu ta’een hojiitti akka galu gochuun bu’a qabeessa gochuuf hojjetamuu qaba. Kunis, sirna madaallii bu’aa karoora tarsiimawwaan(SMBKT) deeggeramee kan raawwatamuu qabuudha.



  1. Dandeettii Raawwachiisummaa Humna namaa foyyeessuu

Seekterri lafaa kun gochaa fi ilaalcha kira sassaabdumaaf kan saaxilame waan ta’eef, hanga danda’ameen hoggansi seektera kana keessatti sadarkaan ramadamu ilaalchaa fi gochaan nama qulqullina qabuufi murannoo qorumsa seekterichaa mo’achuuf gonfate ta’uu qaba. Bifuma walfakkaatuunis, ogeeyyiin seekterichaas ulaaguma walfakkaatuun kan ramadamaa deemuu qabanu ta’ee, kanneen rakkoo qabanu dhawataan keessaa qulqulleessaa deemuun hojii keessatti kan raawwatamaa deemu ta’uu qaba. Dhimmi qulqullina ilaalchaa fi naamuusa gaarii sadarkaa murteessummaa qabuun hojii keessatti adda bahaa kan deemu malee argaa namaa yookiin ogummaa barate qofa ilaaluun adda baasuun waan hin danda’amneef, hojmaata gurmaa’insa raayyaa seektericha keessatti cimsuun idileessuun gama Kanaan kan akka hojii murteessaatti fudhatamuu qabuu dha.

HoggansaafiOgeeyyii ilaalchaan cimsuun hojii tokko ta’ee, bifuma walfakkaatuun humna namaa hojii kanaaf barbaachisu lakkoofsaa fi ogummaa barbaachisuun guutaa deemuun hojii xiyyeeffannaa olaanaan raawwatamaa deemuu qabuu dha. Humna namaa gara seektera kanaatti dhufu ammo yeroo dhaa gara yerootti Leenjiiwwan qorannaa fedhii/qaawwa dandeettii irratti hundaa’een adda baasuun dandeettiihoggansaafi ogummaa cimsuun kanuma waliin karoorfamee raawwatamaa deemuu qaba.



  1. Hojmaata Seekterichaa Foyyeessuu

Seekterri lafaa kun qaama mootummaa qabeenya uummatichaa guddaa fi dagaagina hawaasummaa, diinagdeefi bulchiinsa gaariif murteessaa ta’e irratti murteessuufi tajaajila jireenya uummatichaa guyyaa guyyaan walqabate kan kennu waan ta’eef, hanga danda’ameen hojmaata guutuu, iftoominaa fi haqummaa qabuun hogganamuun sirna itti gaafatamammummaa mirkaneessuun dirqama ta’a. Kanaaf, qaawwa seerotaa amma hojiirra jiranuu qorannaan adda baasuun foyyeessaa deemuun, seerota hojii kanaaf barbaachisaa ta’anii Kanaan dura hin guutamin haaraa qopheessuuf hojii jalqabame cimee akka itti fufu gochuun mirkaneessuun hojiirra oolchuun hojii xiyyeeffannoon raawwatamuu qabuu dha.

Gama Kanaan qajeelfama lakkaa’insaafi gurmaa’insa raga lafaa, dambii liizii mirkanaa’ee jiru dabalatee dambiiwwan istaandaardii fi kilaasteringii xumumruun mirkaneessisuu, qajeelfamoota liizii, kenniinsa ragaa qabiyyee, tilmaama beenyaafi lafa bakka bu’iinsaa fi bulchiinsa qabiyyee hatattamaan mirkaneessuun leenjii irratti kennuun hojiirra oolchuun ni jalqabama. Kana malees, qajeelfamni adeemsa sakatta’iinsa qulqullina hojiirra oolamaa riifoormii fi seerota lafa magaalaa, keessummeessa lafa amantaa fi iddoo owwaalchaa fi kanneen biro qophaa’anii hojiirra oolchuun kan raawwatamuu qabuudha.



  1. Dhiyeessaafi Bakka hojii foyyeessuu

Seekterri kun seektera yeroo dhiwoo as xiyyeeffannaa argataa dhufe ta’uun kan beekamu ta’us, ergamni irraa eegamu ammoo rakkoo yeroo dheeraaf kuufamaa ture hiikuun ala saffisa guddina magaalotaa Kanaan dura mul’atee hin beekneen dhufaa jiru simachuun dirqama yeroo itti kenname ta’uun hubatamee dhiyeessiin bu’uuraa hojii kanneen milkeessuuf dandeessisus dhawataan garuu saffinaan guutaa deemuun, akkasumas, iddoo hojii mijaawaa hanga humni dandeessiseen guutaa deemuun murteessaa ta’uun hubatamuu qaba.

      1. Qophii fi misooma lafa magaalaa foyyeessuu

Hojiin qophii lafa magaalaa itti fufiinsa giddina diinagdee naannichaafi misooma magaalotaaf murteessaa ta’uun hubatamee karoora irraa jalqabee hanqinni jiru furamuu qaba. Bu’uura irraa hojii kana keessatti dhimmi qabatamuu qabu hojiin kun hojii pilaanii magaalichaa hojiitti hiikuu ta’uun hubatamee ka’umsi qophii karoora qophii lafaa kana ta’uu akka qabuu fi fedhii Kanaan ala dhufu keessummeessuu ilaalcha keessa galchuu kan gaafatu ta’uu dha.

Bu’uuruma Kanaan hojii kanaaf lacceelloo barbaachisu akkuma hojii misooma biro durfamee kan itti yaadamee karooraan deebisaa argachuu qabuu dha malee baajata haftee hojii kaaniin hojii kana raawwachuuf yaaluun maraammartoo rakkoo lafaan walqabatee mul’ataa jiru keessaa baasuu hin danda’u. Kanuma waliinis, qophiin lafaa dhiyeessa bu’uuraalee misoomaatiin ala namoota lafa misoomaaf barbaadamu irra qubatee yookiin irraa faayyadamaa jiru maryachiisuun amnsiisuun deebisanii dhaabuu kan gaafatu waan ta’eef hojiin kunis hojii hunda ol misooma magaalaa keessatti xiyyeeffannoo barbaadu ta’uun muuxannoo darbe irraa barachuun ofeeggannoo fi naamuusa olaanaan raawwatamuu gaafata.

Qophii lafaa keessatti kan armaan olitti tarreeffame akkuma jirutti ta’ee hanqinni ijoon gama Kanaan mul’ataa ture magaalotni keenya qabeenya lafaa qabanu adda baasanii waan hin beekneef, kana furuuf xiyyeeffannoo olaanaa kennuun kan dursa argachuu qabu ta’ee, madda qabeenya lafaa qabanu keessumattuu magaala keessatti bakkeewwan duwwaa ta’an, kan sadarkaa barbaadamuun hin misoomin ta’anii qaamota adda addaatiin qabamanii jiranuu fi bakkeewwan dullooman adda baasuun qophii lafaaf dursa laachuun kallattii hordofamuu qabu keessaa kan jalqabaa ta’ee, gara daangaa magaalotaa irraa lafa tajaajila qonnaaf oolaa jiru sadrkaa itti aanutti kan ilaalamuu qabuu dha. Adeemsi qophii lafaa Kanaan dura ture gara tokko qofaatti kan duufe, jechuun lafa qonnaan/horsiisee bulaan qabame qofaa irratti xiyyeeffachuun magaalli haalaan akka dhifamanuu fi baasii dhiyeessii bu’uura misoomaaf guddaaf kan saaxilaa jiru ta’uun ala lafa walakkaa magaalaatti bu’uura misoomaa qabu itti fayyadamuu dadhabuus waan qabuuf kun ammoo qisaasama qabeenyaa ta’ee mul’ataa adeemsa ture sirreessuufis bu’aa guddaa kan qabuudha.

Bu’aa ba’ii abbootii qabeenyaas ta’ee qaamolee lafa misooma adda addaaf barbaadanuu xiqqeessuu fi gocha kira sassaabdummaa Kanaan walqabatee mul’achaa ture maqsuf Sirna baankii lafaa diriirsuun magalaalee hunda kessaatti hojiirra oolchuun dhimma ammumaan irratti waliigalamee hojiirra ooluu qabuudha.

Xumura irratti qophii lafa magaalaa guddina magaalotaa gara fuula dura ilaalcha keessa galche gochuuun karaa saayinsaawaa ta’een karoorsuu fi raawwachuun akka danda’amuuf sagantaa babal’ina magaalotaa yeroo ammaa kana yaaliif magaalota shan keessatti jalqabamee jiru dhawataan magaalota hundatti babal’isuun hojiirra oolchuun kan itti deemamuu qabu ta’a.


      1. Sirna Dhiyeessaafi Hordoffii lafa magaalaalee foyyeessuu

Milkaa’iinni hojii dhiyeessii lafa magaalaa milkaa’ina qophii lafaan kan walitti hidhame ta’us, magaalotni akkaataa seera liizii irra taa’een dhiyeessiin lafa magaalaa tajaajilaan adda bahee hangii fi yeroo itti dhiyaachuu qabu uummata magaalichaaf karoora isaa ifa gochuun jalqabuun hojii raawwatamuu qabuu dha. Haaluma Kanaan Magaalaaleen hundi lafa tajaajila hundaaf pilaanii magalaa isaaniirratti hundaa’anii yoo xiqqaate waggaatti yeroo afur caalbaasiin akka dhiyeessanu sirna dandeessisu hojiirra oolchuu qabu. Kanuma waliinis, sirni mirkaneessa qulqullina raawwii isaa sakatta’amaa itti adeemuu fi itti gaafatamummaan itti mirkanaawu hojiirra ooluu qaba.

Kanaan ala lafti ramaddiidhaan tajaajila adda addatiif darbanu keessummeessa gaaffii lafaa irraa jalqabee adeemsa seera irra taa’e hordofee geggeeffamuu qaba.

Lafa magaalaa tajaajila adda addaatiif dabarsuun qofti mataa isaatti bu’a qabeessummaa hojii kanaa kan mirkanessu waan hin taaneef, lafti Kanaan dura tajaajila adda addaatiif hayyamamanii turanii fi kan ammaan booda hayyamamanu sirni hordoffii fi ta’annoo cimsuun tarkaanfii sirreeffamaa fudhatamaa deemuun hojii bifa addaatiin raawwatamuu qabuu fi kana raawwachuu dhabuun sirna itti gaafatamummaa hordofsiisuu akka danda’u gochuutu nurraa eegama. Kunis, ragaa lafaa hanga ammaatti darbanii fi kan gara fuula duraas adda baasuun yeroo dirqama ijaarsa itti jalqabuu fi itti xumuruutiin adda bahanii qabachuun sooftiweerii kana deeggeruu danda’u misoomsuun hordoffiin cimuu qaba.


      1. Bulchiinsa Qabiyyee Lafa Magaalaa Foyyeessuu

Gama Kanaan hojiileen xiyyeeffannoon raawwatamuu qabanu dhimmoota gurguddoo sadii(3) irratti kan xiyyeeffatanu ta’u. Haaluma Kanaan, hojiin inni jalqabaa qabiyyeewwan ragaa abbaa qabiyyummaa qabanuuf tajaajila idileen kennamu foyyeessuun istaandaardiitti fiduu/standardize/ yoo ta’u, gurmaa’insa Ejensichaa guutummaatti hojiirra oolchuun, qajeelfama bulchiinsa qabiyyee lafaa mirkaneessuun hojiirra oolchuu fi sirna qabiinsaafi bulchiinsa ragaa qabiyyee lafa magaalaa(Faayilotaa, galmeewwan adda addaa, ragaa mirkaneessa abbaa qabiyyummaa) dhawataan hammayyeessuu irratti xiyyeeffachuun rakkoo bulchiinsa gaarii kenniinsa tajaajilaa hojii Kanaan walqabatee mul’ataa ture furuu irratti ta’a. Kanuma waliinis, sirna kadaasteraa yoo xiqqaate karaa maanuwaalii ta’een magaalotni hojiirra oolchuun akka hojii xiyyeeffannootti fudhatamee kan raawwatamuu qabuudha.

Hojiin inni lammaffaan hojii kuufama gaaffii Galmeessaafi mirkaneessa qabiyyee durii fi qabiyyee seeraan alaa seeraan fudhatama argatan xumuruu yoo ta’u, hojiin kun milkaa’ina galmeessaa fi mirkaaneessa ragaa lafa magaalaa itti deemaa jirruuf qabu murteessaa waan ta’eef dhimmi tumsa olaanaan raawwatamuu qabuudha. Hojii kana keessatti dhimmootni raawwatamanu qabiyyee lafa magaalaa qaama adda addaatiin yeroo adda addaa qabamanii beekumtiin seeraa kennameef hunda kan haammatu yoo ta’u, qajeeltoon hojiin kun ittiin raawwatamu “qabiyyeen lafa magaalaa abbaan mirgaa hin beekamne magaala keessa hin jiraatu” jedhuun ta’a. Kanaaf, lafti mootummaan/mana qopheessaan, amantaan, kan waliinii, kan seeraan ala babal’atee qabame, kan qotee/horsisee bulaan qabame, bosonaaf kan oole….hundi, galmaa’ee ragaa qabaachuu qaba. Galmeessii fi mirkaneessi kun seera qabeessa gochhuun dabalata misoomaaf akka ooluu danda’u istaandardii pilaanii magaalichaa irratti hundaawuun akka sirraawuu (physical regularization) ni taasifama.

Hojii kana keessatti qorumsi cimaan gocha kira sassaabdummaa kan mudachuu danda’u ta’uun muuxannoo darbe irraa kan hubatame waan ta’eef, karoora addaa qopheessuun kan hogganamu ta’ee, hirmaannaan uummataa sadarkaa hundatti murteessummaa isaa amantaan fudhannee hojiirra oolchuun, adeemsi keessummeessaas karaa ifa ta’eefi tarttiiba teessumma gaaffiichaatiin yeroo dursee beekamuun kan raawwatamu ta’ee, sirni mirkaneessa qulqullina raawwii isaa mirkaneessuuf dandeessisu hojiirra oolchuun kan raawwatamuu qabuu dha.

Hojiin inni xumuraa magaalota naannichaa fi qabiyyeewwan lafa magaalaa sirna adda addaan bulaa jiranu kana qorannoo geggeessuunii fi seera amma jiru irratti hundaawuun gara sirna tokkootti akka dhufu gochuudha. Gama Kanaan qormaatni nu mudachuu danda’u tokko rakkoo hanqina hubannoon walqabatu waan ta’eef, gama dursa hojii hubannoo uumuu irratti xiyyeeffachuun kan itti deemamu ta’a. Rakkoon biraa mudachuu danda’u hojiin sirna liizii humna namaa kan barbaadu waan ta’eef magaalotni kanaaf xiyyeeffannoo kennuu dhabuun yookiin gabaa irraa humna namaa ogummaa kanaaf barbaachisu argachuu dhabuun mudachuu waan danda’uuf durfamee itti yaadamuu qaba.



      1. Sirna Sassaabbii, Bulchiinsaafi Itti Fayyadama Ragaa Lafaa Foyyeessuu

Hojiin ragaa lafaan walqabatu galmaga’iinsa hojii riifoormii lafa magaalaatiif furtuu waan ta’eef, sadarkaa olaanaan kan karoorfamee raawwatamuu qabuu dha. Riifoormiin teekinikaa wabii abbaa mirgummaa qabeenya lafaafi lafaan walqabtu itti mirkanaawuu fi gichi kira sassaabdummaa lafa magaalaan walqabatee raawwatamaa ture cabuu itti jalqabu ragaa lafa magaalaa kana sadarkaa lamaan tarkaanfii galmeessaa taasifamuun kan galma gawuudha. Sadarkaa kanatti hojiin ragaa lafa magaalaan walqabatee raawwatamu kan itti aanuuf galtee bu’uuraa ta’ee kan tajaajilu ta’ee, sadrkaa kanatti hojiiwwan hojjetamanu ammoo tokko kan biroof galtee ta’uun sadarkaa itti aanutti kan nu ceesisuudha.

Haaluma Kanaan, magaalotni hundi hojii lakkoofsa lafa magaalaa hojmaata kaa’ameen raawwachuun seensa/ jalqabbii foyyaa’insa bulchiinsa hojii lafa magaalaa ta’uu qaba. Bu’aa ragaa lakkaa’insaa kanatti fayyadamuun faayiloota mana galmee keessa Kanaan dura jiranu hunda lafaan akka walbaranu gochuun deebisanii gurmeessuuun hojii itti aanee raawwatamuu qabuudha. Kanuma waliinis, magaalotni lafa qabanu hunda eenyuun akka qabameefi lafa duwwaa adda baafachuun galmeessaa fi mirkaneessa ragaa abbaa qabiyyummaaf akka galteetti itti fayyadamuun gama tokkoon rakkoo bulchiinsa gaarii hiikuuf haala mijaawaa uumuu ni danda’u. Gama biroon bu’aan murteessaan sirna mirkaneessaa fi galmeessaa qabiyyee lafa magaalaa diriirsuuf galtee guddaa fi haala mijaawaa umuu danda’uun dabalata ragaa kana irraa ka’uun galiin qabeenya kanarraa argamuun galii magaalichaa foyyeessuu fi weerara lafaa sadarkaa amansiisaa ta’een to’annoo jala oolchuun ni danda’ama.




  1. Qormaataa fi Carraawwan Jiranu

    1. Qormaata Mudachuu Danda’anu

Qorumsi lafa magaalaatiin walqabatu bal’aa fi baay’ee ta’anus, kanneen ijoo ta’an qofa kaasuuf,

Lafaan walqabatee fedhii fi ilaalchi jiru walxaxaa ta’uun akkuma jirutti ta’ee, gaaffiiwwan deebiisaa osoo hin argatin yeroo dheeraadhaaf kuufamanii turan magaalota naannoo keenyaa keessatti bal’inaan jiraachuunii fi saffisa babal’ina magaalotaatiin fedhiin lafa misoomaa fi tajaajila adda addaatiif (keessumattuu mana jireenyaaiif) barbaachisuu guddaa gama tokkoon, gama biraatiin ammoo humni raawwachiisummaa fi lacceelloo magaalotaa walsimuu dhabuu waliin dabalata lafa fedhii kuufamee fi dabalaa deemuu guutuu keessatti baasiin lafa qopheessuuf barbaachisuus sadarkaa olaanaan dabaluun kan walqabatu garaagarummaa kana dhiphisuun qorumsa nu eeggatuudha.

Amala seekterichaatiin walqabatee Kanaan duras qaama alaa biras ta’ee qaama keessaa sadarkaan jiru biratti kan mul’achaa fi nu qoraa ture, ilaalchiifi gochi kira sassaabdummaa sirna diriirsa foyyaa’insa bulchiinsa lafaa kana keessatti nu qoruun isaa kan hin oolle ta’uun humna raawwachiisummaa keenyaas ajjeessaa deemuun hudhaa biroo ta’uu danda’a.


    1. Carraa Jiru

Mootummaan dhiyeessa humna nama baratee ogummaa lafaa irratti sadarkaa barnoota leenjii ogummaa teekinikaa irraa jalqabee hanga barnoota olaanaa keessatti yeroo kamiinuu olitti barsiisee gabaarratti dhiyeessaa jiraachuun dabalata dhaabbileen barnootaa rakkoo kana keessatti gumaacha guddaa gochuu danda’anu naannoo keenya keessatti bal’inaan jiraachuun,

Xiyyeeffannaan mootummaan seektera kanaaf kennaa jiruun hubannoon adeemsa rakkoo seektera lafaa hiikuuf barbaachisu imaammata irraa jalqabee sagantaaleen adda addaa bocamanii hojiirra ooluu jalqabuu waliin beekumsi, hubannoon hojmaata iftoominaa fi foyyaa’aa ta’e haala qabatamaa naannoo keenyaatiin walsimsiisuun galtee furtuu rakkoolee kanneen godhachuuf carraan bal’aan jiraachuu,

Akkasumas, dhiyeessi teekinolojii hojii kana saffisiisuuf gargaaranu salphaatti argachuu danda’uun (Moosaajiiwwan adda addaa, suuraa saatalaayitii….)

Rakkoo seektera kanaa adadumma karaa tarsiimawaa ta’een hiikaa deemnuun deebisee galii kan maddisiisuu fi humna maallaqaa magaalotaa kan cimsaa deemu ta’uun,

Hundaa ol yeroo ammaa kana kaka’umsii fi fedhiin uummatni keenya rakkoon isaa akka hiikamuu fi ilaalchii fi gochi kira sassaabdummaa akka bakka dhubu taasisaa jiru yeroo kamiyyuu ol waan ta’ee, akka humna galaanaa hammaramee hin dhumneetti itti fayyadamuun ni danda’ama.

Kanaaf, hojjechaa barachaa beekumsa, humnaa fi hirmaannaa uummata keenyaa qindeessuun sirna foyyaa’insa bulchiinsa lafa magaalaa misoomaawaa galmaan gawuun misooma magaalota naannoo keenyaa ni dhugoomsina.



Hojjechaa barachaa sirna foyyaa’insa bulchiinsa lafa magaalaa misomawaa naannoo keenyaa ni dhugoomsina! Page


Yüklə 230,34 Kb.

Dostları ilə paylaş:
1   2   3   4   5   6




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin