Bulchiinsa mootummaa naannoo oromiyaa biiroo induustirii fi misooma magaalaatti


Raawwii Hojii sirna gabaa, kenniinsaa fi bulchiinsa lafa magaalaa diriirsuu



Yüklə 230,34 Kb.
səhifə4/6
tarix14.01.2018
ölçüsü230,34 Kb.
#37787
1   2   3   4   5   6

Raawwii Hojii sirna gabaa, kenniinsaa fi bulchiinsa lafa magaalaa diriirsuu

  1. Dabarsa/Dhiyeessa Lafa Magaalaa


Dabarsa lafaatiin walqabatee gochoota kira sassaabdummaa mul’ataa ture maqsuuf sirna dandeessisu diriirsuuf labsii liizii sadarkaa federaalaatti bahe hordofee naannoon keenyas dambiifi qajeelfama bifa haaraan qopheessee mirkaneessuun hojiirra oolchaa jira. Bara baajataa 2006 fi 2007 keessatti akka walii galaatti ramaddii fi caalibaasiidhaan hek. 5,600 dabarsuuf karoorfamee waggoottan lamaan kana keessa (2006 fi 2007) lafti hek. 2,100.248(%38) raawwatamee jira.Kan bara kanaas, hanga baatii 10 raawwii jiru yoo ilaallu raawwiin jiru % 25 hin caalu. Raawwiin kun rakkoon karooraan walqabatu akkuma jirutti ta’ee, karoora qabamee fi fedhii jiruun kan walhinsimne ta’uun hubachuun rakkisaa hin ta’u.

Dhiyeessii lafa magaalaan walqabatee naannoo keenya keessatti bara 2001 irraa jalqabee dhiyeessi lafa mana jireenyaa dhaabbatee waan tureef gama tokkoon kuufamni fedhii lafa mana jireenyaa akka bal’atu gumaachuun, teessumaa fi dhiyeessii bu’uura misoomaan walqabatee haala mijaawaa naannoon keenya akka biyyaatti qabuun fedhiin lafa invastimantii bal’aan jiraachuun dabalata, fedhiin kira sassaabdummaa Kanaan walitti hidhamuun uumame ta’ee karaa qaxxaamuraan duroomuuf jiru dabalamee fedhiin lafa magaalaa uumamee fi dhiyeessi ture walirraa fagoo ta’ee tureera; ammas jira. Gama dhiyeessiin yeroo ilaallus akkuma gubbaatti tarreessuuf yaalame lafti ulaagaalee seerota liiziin taa’an guuttatee misoomaaf darbuu danda’u sadarkaa barbaadameen qophaa’uu dhabuun qaawwi fedhii fi dhiyeessii lafa magaalaa jidduu jiru akka walirraa fagaatu ta’eera.

Sirna adeemsa dhiyeessa lafa magaalaa kallattii imaammatichaa fi seera liiziin taa’e waliin yeroo madaalamu shakkallii fi jalqabbiin jiraachuun kan tuffatamuu qabu miti. Gochaa fi ilaalchota gama Kanaan turan cabsuuf Sirni lafti itti dhiyaatu hojmaata iftoomina qabu hordofuun caalbaasiin sadarkaa magaalotatti, ramaddiin ammoo sadarkaa naannootti raawwatamaa turuun jalqabii foyyee akka ta’e kaasuun ni danda’ama. Kun akkuma jirutti ta’ee, hanqinnootni raawwii keessatti hanqina hojmaataan, ilaalchaa fi gocha kira sassaabdummaa fi fayyadamummaa uummata bal’aa mirkaneessuu waliin walqabatanii naannoo keenya keessatti bal’inaan mudatan jiraachuun hin oolle.

Lafa ramaddiin dhiyaatu ilaalchisee, hanqinni feedhii fi dhiyeessiin walsimuu dhabuu akkuma jirutti ta’ee, simannaa gaaffii dhiyaaturraa jalqabee qaamni jalqaba simatu ifatti labsii hundeeffama Ejensiin kaa’umus, qaama adda addaan simatamaa turuun, tartiiba yeroo simatameen keessummeessuu dhabuun, ulaagaan ifatti pirojeektotni ittiin madaalamanu jiraachuu dhabuunii fi yeroo yerootti jijjiiramuun, gaaffiin hagguuggii seeraa hin qamne jiraachuun, gosa gaaffii lafaa ramaddiin hayyamamuu (lafa awwaalchaa irraa jalqabee) hunda sadarkaa naannootti akka ta’u labsiin taa’uun, fi hinqinootni walfakkaatanu waan mul’achaa turaniif gochi kira sassaabdummaa fi rakkoon bulchiinsa gaarii mul’ataa tureera. Magaalotnii tokko tokko aangoo jaraan ala lafa ramaddiin kan dabrsaa turan jiraachuunis mul’ateera.(Fkn, Magaala Shashamannee, Sulultaa,..IMX Ce’aniif).

Dabalataan, dhimmi akka hanqinaatti ilaalamuu qabu labsii fi dambii liizii keessatti rakkoo mana jireenyaa magaalota keessatti jiru hiikuuf sagantaa misooma manneenii mootummaan baasuun lafti ramaddiin gatii madaalawaan dhiyeessuun akka danda’amu tumamus, akka naannoo keenyaatti seerri waldaaleen ijaarsa manneenii dafee qophaa’ee hojiirra ooluu dadhabuunis kan bira hin darbamneedha.

Dhiyeessa lafa magaalaa caalbaasii keessattis, ta’e jedhamee hojmaata seeraan taa’e cabsuun karaa iftoomina hin qabneen lafa dabarsuun magaalota tokko tokko biratti mul’ataa tureera. Fknf, caalbaasii fakkeessanii pilootii barbaadanu osoo sanada caalbaasii irratti hin baasin walbeekumsaan, firummaa fi matta’aan dabarsuun, kan caalbaasii irratti dorgome hundaaf mo’atus mo’atamus lafa kennuun, sanada caalbaasii haquun sirreessuu fi KKf raawwii keessatti mul’achaa turaniiru. Keessumattuu magaalota sirna kiraan bulanu keessatti gochi akkanaa kun bal’inaan kan mul’ataa ture yoo ta’u, dorgomtootaafis hubannoo gahaan waan hin kennamneef gatii kiraa lafa karee meetira tokkoo kan yeruma tokko qofa kafalanu se’anii gatii fannisuun erga dorgommii moo’atanii booda kaffaltii waggaa yeroo gaafatamanu komii kaasaa jiraachuun (Fkn Godina Shawaa Lixaa, Gujii…), magaalota liiziin bulanu keessattis, maqaa caalbaasii addaan ulaagaa labsiin kaa’ame osoo hin guutin lafa caalbaasiin dabarsuun (Fkn, Sululta) mul’ataa tureera.

Sirna dhiyeessa lafa magaalaa Kanaan walqabatee fayyadamummaa uummataa mirkaneessuu keessatti kutaalee hawaasaa galii gadi aanaa qabanuuf rakkoo dhiyeessa iddoo hojii furuu fi galii argamuun misooma diinagdee fi hawaasummaa magaalotaa saffisisuun, rakkoo hojidhabdummaa hiikuun bu’aan argame akkuma eegametti ta’ee hanqinootni mul’achaa turanis ni jiru.

Raawwiin dhiheessa lafa magaalaa kun gad aanaa ta’uun isaa gatiin lafaa yeroodhaa gara yerootti dabalaa deemuun sirna bulchiinsa lafaarratti gaaffii kaasurra darbee lafa karaa seeraan alaa harkaan gahachuuf fedhiin akka dabalaa deemuufi akka babal’atu dhiibbaa gochuurratti gumaachaa jira. Haalli kun misooma diinagdee biyyattiirrattis miidhaa akka qabu hubatamuun barbaachisaa dha.

Gama kanaan dhimmi jalqaba irratti ilaalamuu qabu qotee/horsiisee bulaan daangaa magaalaa keessa lafti qabiyyee isaa jalaa galu misooma magaalichaa keessatti akkamitti fayyadamaa akka ta’uu qabu dha. Qotee/horsisee bulaan humna maallaqaa qabanu sadarkaa pilaaniin magaalichaa hayyamuun qabiyyee isaarraa hanga murtaa’e tokko dursi laatameefii misooma magaalaa keessatti qooda fudhachuu danda’anuufi ofiifis fayyadamaa taasisuu irratti qaawwa mul’atu keessaa isa tokko ta’uun ni mul’ata. Mootummaan naannoo keenyaa dhimma kanaaf deebii laachuuf dambii liizii keessatti keewwata tokkoon yaaleera. Dhimmamni mootummaa kun akka jalqabbiitti gaarii ta’us iftoomina irratti waanti hanqatu waan jiruuf raawwii irratti rakkoon mul’ateera. Hanqinni iftoomina gaafatus gosa tajaajila misoomaa qotee bulaan irratti bobbawuu danda’uun walqabata. Lafti qotee bulaaf misoomaaf hayyamamu akkaataa pilaanii magaalichaatiin tajaajila manufakcharingiif yoo ta’e rakkoo kilaastarii yoo jiraateen ala rakkoon hin jiru. Garuu lafichi yoo tajaajila kanaan ala ta’e lafti kan darbuu danda’u akkaataa labsichaatiin caalbaasii qofaan waan ta’eef gaafii seeraa kaasuun isaa hin oolle. Kanaaf dhimma murtii barbaaduufi rakkoo qotee bulaan kaasaa jiruu dha. Dabalataanis, daangaa magaalaa keessa qabiyyeen qonnaan/horsiisee bulaa yeroo galu ijoolleen isaa gaa’ilaaf yeroo gahanii mana bahuuf barbaadanu hojmaatni aadaa uummatichaa kana simatee keessummeessu hin diriirre waan ta’eef komii dhiyeessuurra darbee gara gocha ijaarsa seeraan alaatti akka galanuu fi gochoota walfakkaatanuufis akka golgaatti itti fayyadamuuf deemuun mul’ataa jira.

Haaluma walfakkaatuun, magaalaalee jiddu gala biyyattiirraas ta’ee naannichaarraa fageenyarra jiraniifi sochiin invastimantii keessatti hin babal’atin keessatti abbootiin qabeenyaa biyya keessa jiranus ta’ee, diyaaspooraan dhaloota naannawa sanaa hirmaachuuf seektara adda addaarratti bobbaawuuf fedhii yoo qabaatanis fedhii jeraafi kallattii misoomaa mootummaan walsimsiisuun keessummeessuuf haalli mijaawaan jiraachuu qaba.

Hojmaata caalbaasii lafa magaalaa magaalotni keenya hojiirra oolchaa jiranu kana yeroo xiinxallu fakkeenya lafa mana jireenyaa fudhannee haalallu. Manni jireenyaa fedhii bu'uuraa ilma namaa waan ta'eef, adeemsi hanga ammaatti ture kan fedhii kana guuttachuuf deemuu fi qabeenya dabalataa horachuuf (daldala lafaarratti kan bobba'an dabalatee) hundaaf, jiraataa magaalichaas ta'ee magaalichaan ala kan jiru hundi walqixa akka dorgomu karra kan bane waan ta'eef, gatiin lafa mana jireenyaa humna jiraattota magaalaatii ol waan ta'aa dhufeef komii fi gara sirnicha(liizii) balaalleffachuutti kan ce’e ta’ee argama. Sirni Seera liizii dabarsi lafaa karaa iftoomina qabuun lammiileef magaalotni lafa tajaajila adda addaaf akka dabarsuu danda’anu kan kaayyeeffate ta’uun osoo beekamu, bulchiinsi magaala tokkoo dirqamni isaa rakkoo hawaasummaa fi diinagdee jiraataa magaalichaa hiikuu fi qabeenya magaalichaa(lafa dabalatee) dhimma kanaaf oolchuu akka ta’e waliin ilaalamuu qaba.

Walumaa galatti raawwiin dhiyeessii lafa magaalaa naannoo keenyaa yeroo ilaalamu jalqabbiin jiru akkuma jirutti ta’ee, raawwii keessatti hudhaalee gama hojmaataa fi lacceelloon jiranu furuun fayyadamtummaa uummataa mirkaneessuun misooma magaalotaa fi naannoo keenyaaf hiika qabu hubachuun tumsa walirraa hin cinne gochuu gaafata.



  1. Hordoffii fi To’annoo Lafa Misoomaaf Darbee Ilaalchisee

Ragaaleen akka agarsiisanutti hanga bara kana waggaa walakkaatti walumaagalatti baayinni pirojeektota magaalota naannoo keessatti argamanuu 9,220 yoo ta’anu, Magaalota keenya keessatti hojiin hordoffii misooma lafa misoomaaf darbanii akka hojii murteessaatti ilaalamaa akka hin turre ni hubatama. Sababa kanaanis bu’aan akka naannoottis ta’ee akka biyyaatti misooma kanarraa argamuu qabuu fi uummatni irraa fayyadamuu danda’u sadarkaa barbaadamuun akka hin dhugoomin qorannoowwan muraasa gama kanaan geggeeffamaniin mirkaneeffachuun ni danda’ama.Qorannoo jalqaba bara 2007 keessa magaalota 9 fi bara kana magaalota gurguddoo 11 irratti xiyyeeffachuun geggeeffame irraa bu’aan argame kanuma kan dhugoomsuudha.

Haaluma kanaan,qorannaa bara kana geggeeffameen pirojeektota magaalota kudha tokkoon keessatti argamanu 4,197 (%45.5 kan akka naannootti jiranu keessaa) sadarkaa raawwii jaraa sakatta’uuf yaalii taasifameen kan hubachuun danda’ame pirojeektotni oomisha yookiin tajaajila kennuu jalqaban %46.7 kan hin caalle ta’uun, kan ijaarsa jalqabnii addaan kutan 375 (%9), kan lafa duwwaa qabatanii jiranu 333(%8), (bal’ina lafaa heektara 261.59 kan qabatan) fi kanneen hafan kan ijaarsa xumuranii tajaajila hin jalqabin, ijaarsarraa fi ijaarsa jalqabuuf qophiirra jiranu ta’uun hubatameera. Kanneenumti hojii oomishaa/tajaajila jalqaban jedhamanus, gosa pirojeektii/tajaajila hayyamameen ala kan oolchaa jiranu(Fkn, Manuufaakcharingiif fudhatanii kan mana kuusaaf kireessanu, paarkiingiif kan oolchaa jiranu), kan oomisha jalqabnii addaan kutan, sadarkaa gadi oomishaa kan jiranu ta’uun beekameera.

Haala kana jijjiiruuf sochii hanga ammaatti taasifame yeroo ilaallu Magaalota Adaamaa, Moojoo, Bishooftuu, Duukam, Galaan, Mannaggashaa Koloboo, Buraayyuu keessatti bara 2001 hanga 2008 gidduutti abbootii qabeenyaa 154 tarkaanfii fudhatameen waliigalteen citee lafti heek.239.38 baankii lafaa akka galu taasifamee kan jiruu fi kana keessaa heek. 166.94 misooma biroof kan darbe yemmuu ta’u, heek. 31.73 baankii keessa kan jiruu fi kan hafe ol’iyyataan abbootii qabeenyaaf kan deebi’edha. Tarkaanfiin kun pirojeektota tuqaman kanneen lafa duwwaa qabatanii jiranu kan hin haguugne yoo ta’u, isaan kana irratti tarkaanfii sochii yeroo ammaa taasifamaa jiruun kan qabatamaan fudhatamuun hanga guyyaa 10/09/08tiitti mirkanaa’e Magaalaan Galaan qofaa keessatti abbootii qabeenyaa 32 irratti tarkaanfii fudhateen waliigaltee kan kute ta’uu dha. Kun kan agarsiisu to’annoo fi hordoffiin gama kanaan jiru hangam laafaa akka ta’eedha.

Kun akkuma jirutti ta’ee, carraa hojii uumuuf karoorfame raawwii isaa madaaluuf ragaan sirnaan gurmaa’e jiraachuu dhabuun isaa fi abbootiin qabeenyaa ragaa kennuuf hayyamamoo ta’uu dhabuunii fi bifuma walfakkaatuun kappitaala pirojeektota magaalota 9tiin galmaa’e jedhame keessaa qabatamaan kan hojiirra oole jedhamu %1.5 (ragaa guutuu kennuuf abbootii qabeenyaa sodaa gibiraan kennuu diduun kan jiru) kan hin caalle ta’uun hubatamuun danda’ameera. Magaalotuma kanneen keessatti abbootiin qabeenyaa gosa hojii piroojektii heyyamaneefiin ala jijjiiranii hojjechaa jiran piroojektoota 102 (pirojeektota ollaa fi jiraatto irratti dhiibbaa faalama naannoo kan hordofsiisaa jiranu, gosa pirojeektii hayyamameen ala jijjiiruun ijaarsa kan raawwataa jiran=Fkn tajaajila ogummaa fi teekinikaaf hayyamamee riil isteetiitti jijjiiruu), lafa duwwaa qaama sadaffaaf dabarsuu, lafa seeraan kennameefiitti dabalachuun seeraan ala lafti heektaarri 117.845 qabamee argamuu, pirojeektootni 644 ta’anu waliigaltee kan hin qabne ta’uu, pirojeektota yeroo adda addaa waliigalteen addaan cite baankii lafaatti hordofanii deebisuun misoomaaf oolchuu dhabuu, osoo aangoo hin qabaatiin waliigaltee cite deebisuun, kanas karaa loogiin mul’atuun raawwatamaa turuunii fi kkf akka mul’atu qorannoo kana keessatti adda baheera.

Akka waliigalaatti lafa magaalaa naannoo keenya keessatti yeroo adda addaa misoomaaf darban hordofuu fi to’achuun kaayyoo fi galma misoomaa barbaadamu dhugoomsuu keessatti hanqinni hanga ammaatti ture bal’aa ta’uun hubatamee qorannoo gadifageenyaa fi bal’aa ta’e geggeessuun tarkaanfii sirreeffamaa fudhachuun dhimma akka hojii manaa guddaatti qabatamuu qabuu dha.


  1. Hojii Gurmeessa Ragaa Qabiyyee lafa Magaalaa(Ragaa Mana Galmee)

Akkuma biyyaattuu ragaan qabiyyee lafa magaalaa kun akkuma ragaa mana galmee kamiitti kan ilaalamaa turee dha. Ragaan kun ammoo galmeen tokkoon isaa qabeenya tilmaamni isaa qarshii miliyoonotaan shalagamu kan itti galmaa’ee jiru, bittaa gurgurtaan qabeenya dhaabbataa itti galmaa’ee qabamu, kan ragaan wabummaa liqii bankii keessatti galmaa’ee taa’u, falmii qabiyyeefi qabeenya hinsochoone irratti ka’uuf madda ragaa ta’ee kan tajaajiluudha. Naannoo keenyattis hubannoon kun uumamee sochiin ragaa mana galmee kana deebisanii gurmeessuu akka karooraatti qabamee raawwatamaa tureera. Akka ragaan gabaasa magaalaaleefi godinaalee irraa dhiyaatu agarsiisutti magaalotaa 564 keessatti hanga yeroo dhiyootti waggoottan lamaan kana keessa ragaa/faayiloota/ 1,228,153 ta’an gurmeessuufkaroorfamee hanga xumura bara 2007 tti fayilootni 830,716(%68) ta’an manuwaliidhaan gurmaa’anii jiru.

Tattaaffiin gama kanaan taasifame jajjabeessaa ta’us, galma hojii kanaan bira gawuuf yaadamee ture irraa ammallee fagoo jirra. Hordoffii yeroo adda addaatti magaloota samuudaan fudhatamanii ilaalaman keessatti akka hubachuun danda’ametti rakkoon gama kanaan hin furamin bal’aan jiraachuu isaati. Magaalota tokko tokko keessatti hojiin kun kan hinjalqabane ta’uun, galmeen qabiyyee kutaa hojii hojjettootni seektera biraa dabalatee keessa jiranuun walitti makamee argamuun, galmee dhimmoota biroo waliin kutaa tokko keessa jiraachuun, bakki taa’umsa galmeewwaniis sheelfii qulfii qabu osoo hin taane banaafi salphaatti abbaan fedhe kaasuu kan danda’u ta’uurra darbee lafarrattis afamee kan argamu ta’uun, haammattuun galmeewwan kanaas ciccitaafi qabiinsaaf kan hin mijoofne ta’uun, jooniyyaatti naqamee kan jiru ta’uun, kanneen gurmeessine jedhanus hojjettotni mana galmee ragaan deeggeramee walharkaa fuudhinsi waan hin raawwanneef rakkoo galmeewwan kanarratti uumamanuuf sirna itti gaafatamummaa hojiirra oolchuun sadarkaa danda’amurra hin geenye.





Suuraa :M/G Magaala Laga X/L/Daadhii


Suuraa : Sumuuda Galmee Dhaabbataa
Dabalataanis, magaalota keenya tokko tokko keessatti galmeen haadhoon tarreeffama faayilotni kun guyyaa banamanirraa jalqabee irratti galmaawanuu fi yoo galmeewwan kun badan deebisanii banuuf akka ragaa ka’umsaatti fayyaduu danda’u kan gartokkeen isaa bade ta’uun, kan jiru ammoo ciccitaafi ragaa irra jiru ifatti hubachuun kan nama rakkisu ta’uunis rakkoo ammallee furmaata barbaaduu dha. Magaalota tokko tokko keessatti akkaataan galmeen qabiyyee haaraan itti banamaa ture gonkumaa hojimaata galmeessa lafaan karaa faallaa ta’een raawwatamaa turuun(FKN; Qabiyyeen tokko yeroo nama lamaffaaf darbu kan duraa cufamee galmee du’aa/Dead file/ keessatti gatameetu haaraan maqaa nama lammaffaatiin banamaa turuun, magaala Sabbataa keessatti), hojimaatni kun gocha seeraa alaatiif qaawwa kan banaa jiru ta’uun qabatamaan rakkoo jiruu dha.

Galmeewwan qabiyyee lafa magaalaa bakka adda addaatti bittinaawee gandoota magaalotaa, fi sadarkaa magaalaatti jiraachuun, kun ammoo gocha kirasassaabdummaaf kan salphaatti saaxilu ta’uun (Fkn, Faayila ganda irra jiruun qabeenya kana dabarrsee ka’ee kan magaala irra jiruun liqiiffachuuf hojmaatni daangessu/dhorku jiraachuu dhabuu), faayilli qabiyyeewwan lafa invastimantii gar-tokko harka waajjira invastimantii jiraachuunis abbootii dhimmaa irratti dhiibbaa uumaa kan jiru ta’uunis dhimma fala barbaaduu dha. Kana malees, galmee qabiyyee kana manni hojii hayyama ijaarsa kennus hojii isaaf waan barbaaduufi gama kanaan rakkoo galmee kanneen irratti uumamuu danda’uuf sirna itti gaafatamummaa uumuuf gufuu biroo gama kanaan jiruu dha.

Kana malees, sirna qabiinsa ragaa lafa magaalaa hammaayyaa diriirsuuf yaadamuufis ragaan mana galmee qabiyyee kun akka itti gala(input) murteessaatti waan fayyaduuf amummaan kana milkeessuu haala danda’uun tarree teessuma lafaa ykn bilookiin gurmeessuunis hojii dhiyeenya kana jalqabeefi hanqina gubbaatti tuqaman kan hin maqkissin ta’uun hubatameera.

Walumaa galatti akkaataan galmeessa, qabiinsa, itti fayyadamniifi bulchiinsi ragaa qabiyyee lafa magaalota keenyaa hojimaatni ifatti beekamuufi walfakkaatuun kan hogganamaa hinturree fi teekinoljiinis kan deeggeramaa hin jirre ta’uu isaatiin rakkoon kenniinisa tajaajilaa gufachiisuurraa jalqabee hanga namootni mirga abbaa qabeenyummaafi qabiyyummaa guyaa adii irraa mulqamaa jiru irra gahuun keenya ifatti murtiiwwan manneen murtiitiin darbaa jiranu irraa hubachuun ni danda’ama.

Hojiin kun milkaawuun madda kira sassaabdummaa tokko kan cufu waan ta’eef humni gufachiisuuf hiriirus jiraachuun hubatamuu qaba. Sababa kanaanis ilaalchi hojii kana salphisanii ilaaluu hoggansa sadarkaan jiru waliin yeroo walitti dabalamu taakalamee kufuutti jira. Hoggansi sadarkaa hundatti argamu biratti rakkoon jiru jiraachuun hojii kana xiyyeeffannoo kennee hordofuu dhabuun alatti lacceelloo hojii kanaaf barbaachisullee ramaduuf fedhiin akka hin jirre qabatamaan hanqina mul’ataa turee dha.


  1. Yüklə 230,34 Kb.

    Dostları ilə paylaş:
1   2   3   4   5   6




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin